Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree qaba
Feb 24, 2026 18
Guraandhala 17/2018(ENA)- Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree akka qabu ajajaan Poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’elibsan. Golambaan yaadannoo Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi qabsaa’aa farra Appaartaayidii Nelsan Mandellaan moggaafame bakka itti leenji’an mooraa dafee qaqqabaa poolisii federaalaa Kolfeetti የeebbifameera. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Afriikaa Kibbaa Nonseebaa Loosii fi keessummoonni affeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, poolisiin ammayyaa Itiyoophiyaatti erga hundeeffamee wagga 117 kan guutee fi Afriikaarraa kan jalqabaati. Poolisiin Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaa Afriikaaf gumaacha guddaa akka qabu ibsanii, bilisummaa ummattoota gurraachaaf abbaa kan ta’an pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Mandellaa leenjiseera jedhaniiru. Nelsan Mandellaan qabsoo farra Appaartaayiditti makamuuf A.l.A bara 1962 Baatii sagaliif Itiyoophiyaa keessatti leenji’uusaanii ibsaniiru. Nelsan Mandellaan Itiyoophiyaa keessatti leenji’uuf kan filataniif Itiyoophiyaan koloneeffattootaan kan hin bitamnee fi mallattoo ummattoota gurraachaa waan taateefi jedhaniiru. Nelsan Mandellaan miseensotaa fi qondaaltota poolisii Itiyoophiyaanotaan leenji’uusaanii eeranii, Birgaadar Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Fiqaaduu Waakkennee, ajajaan kudhanii Faqaaduu Wandimmuun kanneen Nelsan Mandellaa leenjisan keessaa ta’uu ibsaniiru. Poolisiin Itiyoophiyaa beekumsaa fi muuxannoosaa qooduudhaan qabsoo bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qooda gaarii bahateera jedhaniiru. Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan seenaa bilisummaa Afriikaa Kibbaa bocuu keessatti hirmaannaa akka qabdu kaasanii, kunis dhaabbanni poolisii Itiyoophiyaa naamusa ogummaa olaanaa fi itti gaafatama biyyaalessaa akkaataa itti bahate akka agarsiisu ibsaniiru. Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Gumaachi Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afriikaaf gumaachitu nagaan addunyaa akka mirkanaa’u kutannooshee akka agarsiisueeraniiru.
Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatameera
Feb 24, 2026 22
Guraandhala 17/2018(ENA)- Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatamuu de’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa ibsan. Tajaajilli Inshuraansii odeeffannoo Saatalaayitiirratti hundaa’e kan horsiisee bultoota kuma 46 ol fayyadu har’a Adaamaatti eegalameera. De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, miidhaa uumamaa fi nam-tolchee beellada horsiisee bulaarra gahuu danda’u hir’isuuf inshuraansiin murteessaadha. Balaa kana dursuun qolachuuf amma ammaatti horsiisee bultoonni kuma 200 caalan inshuraansii fayyaa akka fayyadaman taasifamuu dubbataniiru. Kanneen keessaa dhibbantaan 45 kan ta’an dubartoota jedhaniiru. Qabeenyi beelladaa guddina dinagdeef qooda guddaa akka qabaatu eeranii, horiisee bulaan beelladasaarraa caalaa akka fayyadamu inshuraansiin wal gahuu qaba jedhaniiru. Rakkoolee sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen naannawa horsiisee bulaatti mudatan fulla’insaan damdamachuuf inshuraansii beelladaan cinaatti nyaata looniirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Eegumsa fayyaa beelladaa guddisuuf kellaawwanii fi kiliniikoota beelladaa bakkaa bakkatti geeffaman akkasumas talaaliirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ministeera qonnaatti qindeessaan biyyaalessaa hir’isa yaaddoo balaa beelladaa fi pirojektii hammataa fooyyessa dinagdee Jmaal Aliyyii gamasaaniin, pirojektii Kanaan inshuraansiif birri miiliyoona 560 kaffaluusaa fi kanaanis horsiisee bultoonni kuma 46 caalan fayyadamaa akka ta’an ibsaniiru. Horsiisee bulaan inshuraansii fayyadamuurra darbee qusannaa aadaa akka godhatu hubannoon uumamaafii jira jedhaniiru.
Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira
Feb 24, 2026 46
Guraandhala 17/2018(ENA): Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsame. Sadarkaa biyyoolessaatti riifoormii dhaabbilee haqaa gaggeessuun tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu dhaqqabamaa gochuuf hojjetamaa jira. Yeroo ammaa hojiirra oolmaa karoora Tiraanisfoormeeshinii haqaa sadarkaa biyyoolessaatti hojmaata damichaa ammayyeessuun jijjiirama fidaa jiraachuun ni ibsameera. Hogganaan Biiroo Haqaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Muluuqan Taaddasaa ENA’f akka ibsanitti , Mootummaan gaaffii haqaa uummanni gafatu deebisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii salphisuuf dhaabbilee haqaatti hojiin riifoormii hojjetameera jedhani. Kana hordofuun naannichatti hoj-maata badaa malaammaltummaaf saaxilaman, hanqina gahumsaa, rakkoo naamusaa, kenna tajaajilaa fi rakkoowwan qindoominaa hiikuun danda’amuu dubbataniiru. Kanaanis ariitii fi qulqullina tajaajila haqaa mirkaneeessuun, tajaajila haqaa kennamutti hawaasni itti quufinsa akka argatu hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Tajaajila wiirtuu tokkoo(Masoob) hojii eegalchiisuuun Abukaatotaa fi Hawaasa Siivikii waliin kan wal qabatan tajaajiloonni 21 kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa labsiiwwan haaraa bahan ,danbiiwwan,qajeelfamootaa, dhadachaa fi hojiiwwan riifoormii biroo marsariitii haaraa banuun kaa’uun hawaasni hubannaa akka argatu ta’eera jedhaniiru. Naannichatti Manni Murtii Aadaa Sab-lammoota 32 gidduu galeeffate hundeessuuf hayyoota yuunivarsiitii waliin qindaa’uun qo’annoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Biiroo Haqaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Shaanqoo gamasaaniin naannichatti hojiiwwan riifoormii sirna haqaa si’ataa fi bu’aa qabeessa mirkaneessuuf dandeessisan hojjetamuu ibsaniiru. Mana Murtii Aadaa hundeessuuf labsiiwwan dandeessisan qophaa’anii gara Godinaaleetti gad-buusuun hojiitti galchuuf adeemsarra jirra jedhaniiru. Naannichatti hojmaata dijiitaalaa sadarkaa sadarkaan eegalchiisuun tajaajila si’ataa fi ariifataa tajaajilamtootaaf kennuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Nageenya naannichaa haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiru
Feb 24, 2026 53
Guraandhala 17/2018 (ENA): Nageenya naannoo Hararii haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himame. Manni Maree Nageenyaa naannichaa dhimmoota nageenya naannichaa yeroo ammaa irratti mari'ateera.   Hojii naannichatti yakka ittisuuf hojjetamaa tureen namoota dhuunfaa gocha yakkaa adda addaa keessatti hirmaatan to'annoo jala oolchuun mana murtiitti murtiin akka itti murtaa'u taasisuu ibsameera. Manni marichaa sochii tiraafikaa waliin walqabatee tarkaanfiiwwan fudhatamaniin gama seera kabachiisuutiin jijjiiramni jajjabeessaan galmaa’uu isaa madaaleera. Daldala namaa seeraan alaa ittisuu, qoricha balaafamaa to’achuu, daddabarsaa fi daldala seeraan alaa ittisuu(kontiroobaandii), daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaaniis ibsameera. Kana malees daldaltoota seeraan alaa naannichatti jeequmsa diinagdee uumaa jiranii fi kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa ta’anii fi hawaasa mufachiisan irratti tarkaanfiin seeraa cimee itti fufaa jiraachuu himameera. Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi nageenya hawaasaa mirkaneessuun hojii dursaa waan ta’eef, Manni Maree Nageenyaa, nageenyi naannichaa itti fufiinsa akka qabaatu cimsee hojjechaa jiraachuu eerameera. Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf seerri fi sirni filannoo akka kabajamuuf kutannoon akka hojjetanis ibsameera. Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsuun akka itti fufus beeksifameera. Ummanni naannichaa akkuma kaleessaa humnoota nageenyaa waliin qindoomuun naannoo ofii dammaqinaan eeggachuun har’as nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbatu Manni Marichaa waamicha dhiyeesseera.
Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun kabajuuf qophiin xumurameera
Feb 24, 2026 45
Guraandhala 17/2018(ENA):- Ayyaanni Injifannoo Adwaa kabajamuun, bu’uurri cichoomaa fi jabinaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun kan itti haaromfamu, tokkummaa fi Birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinudha jechuun Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad kabaja Ayyaana Injifannoon Adwaa waggaa130ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. Ibsasaaniin, Ayyaanni Injifannoo kun mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera jedhaniiru. Injifannoon Adwaa mallatoo eenyummaa Itiyoophiyaanotaa kan hin mo’amne faana birmadummaa ummata gurraachaa fi injifannoo Addunyaa hundatti walqixxumaan ilmaan namootaa itti mirkanaa’e jedhaniiru.   Ayyaana Injifannoo Adwaa 130ffaa yeroo kabajnu, ciminaa fi Cichooma Itiyoophiyaa irra deebinee yerootti yaadannu, tokkummaa fi birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinu mudannoo seenaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni bara 1888 gaara Adwaarratti Qomoon, bifaan, Amantaan, osoo hin qoodamiin birmadummaa biyya tokkoof gamtaan kan dhaabbatanii fi qabsoo kan gaggeessan injifannoo waloo ta’uu dubbataniiru. Mata dureen bara kanaa biyya kaleessa dhiigaa fi lafee goototaan eegamte har’a gara misoomaa fi nageenya fulla’aatti, gara birmadummaa hunda galeessaa fi olka’insaatti ceesisuuf ejjennoo cimaa qabnu akka ibsu dubbataniiru. Gootichi raayyaa ittisa biyyaa dhaala gootummaa injifannoo Adwaa gonfachuun nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuu fi imala gara ifa egereetti taasisnu eeguuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Ayyaanicha sababeeffachuun taateewwan biyyaalessaa fi Ardii adda addaa qophaa’uusaanii eeruun, taateewwan kanneen akka Sagaleewwan Adwaa, Waltajjiiwwan Dargaggootaa, dorgommiiwan Ispoortii, Argarsiisa loltuu fi seenaawwanii, hojiiwwan Aartii adda addaa fi Dokimantarii waa’ee injifannoo Adwaa ibsan akka dhihaatan dubbataniiru. Ayyaanichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi ifa boruu waliin kan itti abjatan( hawwatan) akka ta’u dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Paartiin Badhaadhinaa waggoota muraasa keessatti damee hundaan guddinaa fi milkaa'ina olaanaa galmeessedha - Dr. Kantiibaa Tashoomaa Addunyaa
Feb 24, 2026 50
Guraandhala 17/2018 (ENA): Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa Paartiin Badhaadhinaa paartii waggoota muraasa keessatti damee hundaan milkaa’ina guddaa kan galmeessise,guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisu dha jedhan. Paartiin Badhaadhinaa manifestoo filannoo waliigalaa 7ffaa fi mallattoo filannoo bissiii qamadii isaa guutuu biyyattiitti Guraandhala 3, 2018 akka ifoomse ni yaadatama. Waajjirri damee Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar keessattis sagantaa manifestoo fi mallattoo filannoo beeksisuu sadarkaa magaalatti gaggeesseera.   Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa wayita sana akka ibsanitti, Badhaadhinni paartii waggoota muraasa darban damee hundaan milkaa’ina olaanaa kan galmeesse yoo ta’u, guddina Itiyoophiyaa kan itti fufsiisu dha jedhan. Akkasumas, paartichi haaromsa diinagdee biyya keessaa gama hawaasummaa fi diinagdeetiin hojiirra oolchuun bu’aa cimaa galmeessuun Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuu isaa ibsaniiru. Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon kennames marii qindaa’e lammiilee gidduutti ijaaruun gamtaa cimsuuf gahee olaanaa taphateera jedhan.   Hoggansi paartichaa magaalaa Shaggar keessatti magaalaa dorgomaa fi ammayyaa ijaaruu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun jiraattota gama misoomaa hundaan fayyadamummaa hunda galeessa taasisuu danda’eera jedhani. Gara fuula duraattis Pirojektoota namoota irratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan ijaaruuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus mirkaneessaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Alamaayyoo Tulluu gama isaanin, yaadama ida’amuu irraa kan dhalate Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti mallattoo badhaadhina Afrikaa ijaaruun milkaa’ina argateera jedhani. Paartichi magaalaa Shaggarii fi kutaalee Itiyoophiyaa hunda keessatti pirojektoota misoomaa ummataaf waadaa galame haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu isaa eeraniiru.
Kabajaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaaf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophiidha- Miseensota Raayyaa Ittisaa
Feb 24, 2026 52
Guraandhala 17/2018 (ENA): Kabajaa fi Birmadummaa Itiyoophiyaaf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu Miseensonni Iizii Ajaja Raayyaa Ittisa Biyyaa Bahaa ibsani. Iiziin Ajaja Raayyaa Ittisa Biyyaa Bahaa daangaa Itiyoophiyaa fi Somaalee irratti dirqamaa fi ergama biyyoolessaa fudhatee halkanii guyyaa daangaa biyyattii eegaa jira. Miseensonni Raayyaa Ittisaa ENA’n dubbise kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa tiksuuf qophii sadarkaa olaanaarra akka jiran, miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'uu isaaniittis kabajaa fi gammachuun itti dhagahamaa jiraachuu dubbataniiru. Miseensoota keessaa ajajaan dhibbaa Geetaasaw Yeneenehi fi ajajaa kudhanii Faanoosee Fayisaa, Raayyaan Ittisa Biyyaa kan gurmaa’ee fi gama hundaan qophii guutuu ta’uu ibsaniiru. Raayyaan Itiisaa teekinooloojii fi xiinsammuun kan guutame waan ta’eef kabajaa fi birmadummaa daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf gootummaan qophii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya birmadummaan ishee hin sarbamne ilmaan ishee jajjaboon eegsisaa wareegama qaalii kaffalaa imaanaan nutti kennamte waan ta’eef nutis kabajaan tiksuun biyya keenya dhalootaaf dabarsina jedhani. Kanaaf kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf gootummaan dhaabbachuu fi wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Itti aanaa ajajaa kudhanii Yimadii Baanjaawu fi Ajajaa kudhanii Malkaamuu Shallamaa gama isaaniitiin, hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa gahumsa loltummaa ol’aanaa, gootummaa fi kutannoon biyya keenyaa fi ummata keenya tajaajiluuf yeroo kamiiyyuu caalaa qophiidha jedhani. Keessattuu akeeka badaa gareewwan alaa fi bakka bu’oota faallaa nageenyaa fi misooma biyya keenyaaf faallaa ta’an fashaleessuun pirojektoonni biyyoolessaa gurguddaa gama hundaan hojjetamaa jiran milkeessuuf itti gaafatamummaa keenya ni ba’anna jedhaniiru. Hoggantoota olaanoo kana keessaa Letenaal Koloneel Silashii Birruu waraanni cimaan akeeka nageenyaa fi misooma gufachiisuuf yaalu ergama diinaa fudhatee socho’u fashaleessu ijaarameera jedhani. Sirna cufiinsa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyoota muraasa dura gaggeeffame waggaa 65ffaa irratti haasawa taasisaniin, Itaamaajor shuumiin Raayyaa Ittisa Biyyaa waliigalaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan, Loltuu gootaa, dandeettii, gahumsa cimaa fi daangaa biyyattii eeguuf dirqama kamiifuu qophaa’e ijaarree jirra jechuun isaanii ni yaadatama.
Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii dha
Feb 22, 2026 247
Guraandhala 15/2018 (ENA): Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii ta’uu Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffama Ajaja duula addaa waggaa 65ffaan qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira. Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ayyaana kana sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni kun guyyoota muraasa darbanitti qophiilee adda addaatiin kabajamaa turuusaa himani.   Fakkeenyaaf, Duulli addaa kunniin, kitaaba, asxaa haaraa, faaruu Iizichaa fi dokumantariin qophahee kan eebbifaman ta’uu himaniiru. Fiigichi kiiloo meetira 10 fi agarsiisni adda addaa dhiyaachuu himaniiru. Kabajni ayyaana hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja duula Addaa sababoota gurguddoo sadiif barbaachisaa ta’uus eeraniiru. Tokko imala haaromsa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 65 haala dhaloota itti aanuu fayyaduu danda’uun dabarsuu ta’uu ibsaniiru. Inni lammaffaa immoo haala yeroo ammaa Ajajni duula Addaa bu'aa haaromsa taasifameen gahumsa maalirra akka jiru uummataaf, mootummaa fi diinaaf kan agarsiifnu dha jedhani. Kunis biyyaaf gaachana ta’uu kan danda’u ta’uu akka hubatanii fi diinotaaf immoo ergaa guddaa kan qabu akka of adabatanii taa’aniif jechuu himani. Ta’uu baannan garuu yoo lola jalqaban akka salphachuu danda’aniif ergaa guddaa dabarsuuf ta’u himaniiru.   Ergaan inni sadaffaa, gootummaan kaleessa akka ture, har’as itti fufee akka jiru; garuu tooftaalee kaleessaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf muuxannoo kaleessaa fudhachuun, yeroo ammaa waliin walitti qindeessuunii fi muuxannoo taatee sanaa irraa barachuun kan kaayyeffatee fi bara waliin deemuu kan danda’u ta’uu hubachiisuuf kabajamaa jira jedhani. Akkasumas Ajajni Duula Addaa ajajaa tokko irraa gara sadarkaa har’a irra ga’etti bahii hedduu keessa darbee akka guddate eeraniiru. Harka tokkoon osoo waraannuu, harka kaaniin osoo leenjinuu, Ajaja Iizii Duula Addaa gurmeessuu qofa osoo hin taane, humna rukutuu danda’u Rippaabilikaan Gaardii(Eegdota Rippaabilikaanii) olaanaa biyyattii akka hundeffamu taasisuun danda’amuu himaniiru.   Guyyaa har’aas leenjii komaandoo marsaa 44ffaa xumuranii kan eebbifaman akka jiran eeruun,miseensonni hedduun leenjii irra akka jiran himaniiru. Ajajni Duula Addaa tokkummaa keessoo kan kaleessaa caalaa gubbaa hanga jalaatti kan qindaa’ee fi leenji’e horachuu isaa ibsaniiru. Galaanarrattis ta’e lafarratti, haala qilleensaa kam keessattiyyuu fi haala teessuma lafaa iddoo kamittiyyuu Ajajni Duula Addaa ergama Mootummaa, Uummataa fi Dhaabbata isaa eeguuf kutannoon kan hojjetuu fi ergama isaa milkaa’inaan kan galmaan ga’u ta’uu mirkaneessaniiru.
Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Ittisaa ijaarreerra- Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Feb 22, 2026 173
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Itisaa ijaarreerra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa. Sirna cufiinsa kabaja waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa; istaadiyeemii Hawaasaatti bakka Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaa fi qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa biroo, miseensonni Loltootaa fi kanneen biroo argamanitti gaggeeffameera.   Raayyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa teknooloojii fi meeshaa waraanaa ammayyaa baay’ee akka gaariitti kan hidhate ta’uu ibsuun, Loltuun gootummaa qabu, dandeettii fi gahumsa qabu waan hundaa’eef, kabajaa fi daangaa biyyaa eeguuf dirqama kamiifuu qophii kan ta’e ijaaramuu isaa mirkaneessaniiru. Kanumaan walqabatee Ajajni Duula Addaa gama hundaan ajaja qindaa’ee fi qophaa’e ta’uu ibsuun, gootummaa kanaan dura raawwataman hedduu tarreessaniiru. Adeemsa jijjiiramaa keessatti qaamolee jeequmsa uumuuf carraaqan hordofuu fi seera kabachiisuun injifannoodhaan goolabuun akka danda’ame dubbataniiru.   Ayyaana kana waliin agarsiisni loltummaa qilleensaa, agarsiisa loltumaa bishaan irratti hundaa’ee fi agarsiisa loltummaa lafa irratti kan argamu yoo ta’u, sagantaan xumuraa har’a gaggeeffameera. Sagantaa har’aa kanaan eebbifamtoonni Komaandoo Raayyaa Ittisa Biyyaa 44ffaa kan eebbifaman yoo ta’u, bakka keessummoonni kabajaa argamanitti miseensonni Ajaja Duula Addaa agarsiisa hiriira loltummaa agarsiisaniiru. Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kun yeroo gabaabaa keessatti ergama addaa raawwachuuf kan isaan dandeessisu agarsiisa qilleensarraas qophii ta’uu isaanii helikooptaraan agarsiisaniiru. Barattoonni manneen barnootaa adda addaa magaalaa Hawaasaa irraa dhufan agarsiisa adda addaa waliin dhiheessaniiru.

Hawaasummaa
Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree qaba
Feb 24, 2026 18
Guraandhala 17/2018(ENA)- Raayyaan Poolisii Itiyoophiyaa seenaa qabsoo bilisummaa Afriikaa fi nageenya addunyaaf waardiyyaa dhaabbachuudhaan qooda adda duree akka qabu ajajaan Poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’elibsan. Golambaan yaadannoo Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi qabsaa’aa farra Appaartaayidii Nelsan Mandellaan moggaafame bakka itti leenji’an mooraa dafee qaqqabaa poolisii federaalaa Kolfeetti የeebbifameera. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Afriikaa Kibbaa Nonseebaa Loosii fi keessummoonni affeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, poolisiin ammayyaa Itiyoophiyaatti erga hundeeffamee wagga 117 kan guutee fi Afriikaarraa kan jalqabaati. Poolisiin Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaa Afriikaaf gumaacha guddaa akka qabu ibsanii, bilisummaa ummattoota gurraachaaf abbaa kan ta’an pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Mandellaa leenjiseera jedhaniiru. Nelsan Mandellaan qabsoo farra Appaartaayiditti makamuuf A.l.A bara 1962 Baatii sagaliif Itiyoophiyaa keessatti leenji’uusaanii ibsaniiru. Nelsan Mandellaan Itiyoophiyaa keessatti leenji’uuf kan filataniif Itiyoophiyaan koloneeffattootaan kan hin bitamnee fi mallattoo ummattoota gurraachaa waan taateefi jedhaniiru. Nelsan Mandellaan miseensotaa fi qondaaltota poolisii Itiyoophiyaanotaan leenji’uusaanii eeranii, Birgaadar Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Fiqaaduu Waakkennee, ajajaan kudhanii Faqaaduu Wandimmuun kanneen Nelsan Mandellaa leenjisan keessaa ta’uu ibsaniiru. Poolisiin Itiyoophiyaa beekumsaa fi muuxannoosaa qooduudhaan qabsoo bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qooda gaarii bahateera jedhaniiru. Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan seenaa bilisummaa Afriikaa Kibbaa bocuu keessatti hirmaannaa akka qabdu kaasanii, kunis dhaabbanni poolisii Itiyoophiyaa naamusa ogummaa olaanaa fi itti gaafatama biyyaalessaa akkaataa itti bahate akka agarsiisu ibsaniiru. Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Gumaachi Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afriikaaf gumaachitu nagaan addunyaa akka mirkanaa’u kutannooshee akka agarsiisueeraniiru.
Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira
Feb 24, 2026 46
Guraandhala 17/2018(ENA): Tiraanisfoormeeshinii haqaa hojiirra oolchuun tajaajila si’ataa fi qulqulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsame. Sadarkaa biyyoolessaatti riifoormii dhaabbilee haqaa gaggeessuun tajaajila si’ataa fi qulqullina qabu dhaqqabamaa gochuuf hojjetamaa jira. Yeroo ammaa hojiirra oolmaa karoora Tiraanisfoormeeshinii haqaa sadarkaa biyyoolessaatti hojmaata damichaa ammayyeessuun jijjiirama fidaa jiraachuun ni ibsameera. Hogganaan Biiroo Haqaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Muluuqan Taaddasaa ENA’f akka ibsanitti , Mootummaan gaaffii haqaa uummanni gafatu deebisuu fi rakkoo bulchiinsa gaarii salphisuuf dhaabbilee haqaatti hojiin riifoormii hojjetameera jedhani. Kana hordofuun naannichatti hoj-maata badaa malaammaltummaaf saaxilaman, hanqina gahumsaa, rakkoo naamusaa, kenna tajaajilaa fi rakkoowwan qindoominaa hiikuun danda’amuu dubbataniiru. Kanaanis ariitii fi qulqullina tajaajila haqaa mirkaneeessuun, tajaajila haqaa kennamutti hawaasni itti quufinsa akka argatu hojiin hojjetamuu ibsaniiru. Tajaajila wiirtuu tokkoo(Masoob) hojii eegalchiisuuun Abukaatotaa fi Hawaasa Siivikii waliin kan wal qabatan tajaajiloonni 21 kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa labsiiwwan haaraa bahan ,danbiiwwan,qajeelfamootaa, dhadachaa fi hojiiwwan riifoormii biroo marsariitii haaraa banuun kaa’uun hawaasni hubannaa akka argatu ta’eera jedhaniiru. Naannichatti Manni Murtii Aadaa Sab-lammoota 32 gidduu galeeffate hundeessuuf hayyoota yuunivarsiitii waliin qindaa’uun qo’annoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Biiroo Haqaa Naannoo Gidduugala Itiyoophiyaa obbo Iyyaasuu Shaanqoo gamasaaniin naannichatti hojiiwwan riifoormii sirna haqaa si’ataa fi bu’aa qabeessa mirkaneessuuf dandeessisan hojjetamuu ibsaniiru. Mana Murtii Aadaa hundeessuuf labsiiwwan dandeessisan qophaa’anii gara Godinaaleetti gad-buusuun hojiitti galchuuf adeemsarra jirra jedhaniiru. Naannichatti hojmaata dijiitaalaa sadarkaa sadarkaan eegalchiisuun tajaajila si’ataa fi ariifataa tajaajilamtootaaf kennuuf tattaaffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Golambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa eebbifame
Feb 24, 2026 50
Guraandhala 17/2018(ENA)- Golambaan yaadannoo pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii fi qabsaa’aa farra Appaartaayid Nelsan Mandellaa bakka itti leenji’an Kolfee mooraa poolisii dafee qaqqabaa federaalaatti moggaafame eebbifame. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Afriikaa Kibbaa Nonseebaa Loosii fi keessummoonni affeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Ajajaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, poolisiin ammayyaa Itiyoophiyaatti erga hundeeffamee wagga 117 kan guutee fi Afriikaarraa kan jalqabaati. Poolisiin Itiyoophiyaa qabsoo bilisummaa Afriikaaf gumaacha guddaa akka qabu ibsanii, bilisummaa ummattoota gurraachaaf abbaa kan ta’an pirezidaantii Afriikaa Kibbaa duraanii Nelsan Mandellaa leenjiseera jedhaniiru. Nelsan Mandellaan qabsoo farra Appaartaayiditti makamuuf A.l.A bara 1962 Baatii sagaliif Itiyoophiyaa keessatti leenji’uusaanii ibsaniiru. Nelsan Mandellaan Itiyoophiyaa keessatti leenji’uuf kan filataniif Itiyoophiyaan koloneeffattootaan kan hin bitamnee fi mallattoo ummattoota gurraachaa waan taateefi jedhaniiru. Nelsan Mandellaan miseensotaa fi qondaaltota poolisii Itiyoophiyaanotaan leenji’uusaanii eeranii, Birgaadar Jeneraal Taaddasaa Birruu, Koloneel Fiqaaduu Waakkennee, ajajaan kudhanii Faqaaduu Wandimmuun kanneen Nelsan Mandellaa leenjisan keessaa ta’uu ibsaniiru. Poolisiin Itiyoophiyaa beekumsaa fi muuxannoosaa qooduudhaan qabsoo bilisummaa Afriikaa Kibbaaf qooda gaarii bahateera jedhaniiru. Godambaan yaadannoo Nelsan Mandellaa michooma Itiyoophiyaa fi Afriikaa Kibbaa jidduu jiru kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Gumaachi Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Afriikaaf gumaachitu nagaan addunyaa akka mirkanaa’u kutannooshee akka agarsiisu ibsaniiru
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaa dhaalchisuuf barnoota guddaa kan dabarsu injifannoo olaanaa dha.
Feb 22, 2026 173
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee akka himanitti, injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaaf dabarsuu keessatti barnoota guddaa qaba jedhani. Abbootiin hawwii koloneeffataa fashaleessuuf gama hundaan qabsaa’an injifannoo Adwaa madda bilisummaa fi boonsaa ummata gurraacha ta’e injifachuun milkaa’aniiru jedhani. Injifannoon Adwaa Guraandhalli 23/1888 bakka tokkummaan biyyoolessaa uummata Itiyoophiyaa tokkummaan ba’ee diina daangaa ce’ee isa weeraruuf dhufe itti injifate waan ta’eef, waggaa waggaan yaadannoon isaa ni kabajama. Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree “Imaanaa Tokkummaa Adwaa: Birmadummaa fi Olka’insaaf’’ jedhuun sochii qaamaa hawaasa guutuu hirmaachise qopheesseera. Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abebee, Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shankaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.   Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya Adwaatti injifatan, dhaloonni amma jirus Itiyoophiyaa guutummaatti birmadummaashee eeggatte, misoomaa fi nagaa waaraatiin dhaloota itti aanutti dabarsuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad gama isaaniitiin akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa bu’aa injifannoo waraanaa akka laayyootti argame osoo hin taanee, bu’aa cimina, ogummaa, abshaalummaa fi tokkummaati jedhani. Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya tokkummaa fi humna guutuun rakkina irra aanuun injifatan, bu’aa jabinaafi humna qaamaa cimaa akka ta’es ibsaniiru.
Diinagdee
Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatameera
Feb 24, 2026 22
Guraandhala 17/2018(ENA)- Saaxilamummaa balaa uumamaa fi nam-tolchee horsiisee bulaa mudatu hir’isuuf inshuraansii beelladaa irratti xiyyeeffatamuu de’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa ibsan. Tajaajilli Inshuraansii odeeffannoo Saatalaayitiirratti hundaa’e kan horsiisee bultoota kuma 46 ol fayyadu har’a Adaamaatti eegalameera. De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa wayita kana akka jedhanitti, miidhaa uumamaa fi nam-tolchee beellada horsiisee bulaarra gahuu danda’u hir’isuuf inshuraansiin murteessaadha. Balaa kana dursuun qolachuuf amma ammaatti horsiisee bultoonni kuma 200 caalan inshuraansii fayyaa akka fayyadaman taasifamuu dubbataniiru. Kanneen keessaa dhibbantaan 45 kan ta’an dubartoota jedhaniiru. Qabeenyi beelladaa guddina dinagdeef qooda guddaa akka qabaatu eeranii, horiisee bulaan beelladasaarraa caalaa akka fayyadamu inshuraansiin wal gahuu qaba jedhaniiru. Rakkoolee sababa balaa uumamaa fi nam-tolcheen naannawa horsiisee bulaatti mudatan fulla’insaan damdamachuuf inshuraansii beelladaan cinaatti nyaata looniirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Eegumsa fayyaa beelladaa guddisuuf kellaawwanii fi kiliniikoota beelladaa bakkaa bakkatti geeffaman akkasumas talaaliirratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ministeera qonnaatti qindeessaan biyyaalessaa hir’isa yaaddoo balaa beelladaa fi pirojektii hammataa fooyyessa dinagdee Jmaal Aliyyii gamasaaniin, pirojektii Kanaan inshuraansiif birri miiliyoona 560 kaffaluusaa fi kanaanis horsiisee bultoonni kuma 46 caalan fayyadamaa akka ta’an ibsaniiru. Horsiisee bulaan inshuraansii fayyadamuurra darbee qusannaa aadaa akka godhatu hubannoon uumamaafii jira jedhaniiru.
Magaalota Agarsiistuu Badhaadhinaa gochuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran bu’aa fidaa jiru
Feb 23, 2026 66
Guraandhala 16/ 2018(ENA) - Magaalota Agarsiistuu Badhaadhinaa gochuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Ministeerichi waltajjii gamaggamaa raawwii hojiilee sektaraa bara baajataa 2018 baatii ja’aa hoggantoonni naannoo damichaa bakka argamanitti Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.   Ministirri Caaltuu Saanii Wayita sana akka ibsanitti, Mootummaan Jijjiiramaa Magaalota agarsiistuu badhaadhinaa taasisuuf tarkaanfiiwwan fudhatama jiran bu’aa qabatamaa fidaa jiru. Jireenya Jiraattota Magaalaa Jijiiruu, Wabii nyaataa Mirkaneessuu, Sirna Bulchiinsa lafaa Ammayyeessuu fi rakkoo mana jireenya furuu ilaalchisee bu’aan jajjabeessaan galmaa’uusaa eeraniiru. Bu’uuraalee Misoomaa Magaalotaa babal’isuu fi tajaajila dijiitaalaa dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan abdachiisoon hojjetamuusaanii hubachiisaniiru. Keessumaa misoma koriidaraa bu’uuraalee misoomaa magaalaa dhaqqabamaa gochuurra darbee miidhagina magalaan jijjiiruuramni qabatamaan kan itti argame ta’uu dubbataniiru. Misooma koriidaraan yaadama mootummaa ida’amuun bu’aan kan argamee fi jijjiiramni miidhagina magaalaa kan itti arginedha jechuun ibsaniiru. Kanaanis pirojektoota eegaluu qofa osoo hin ta’iin saffisaa fi qulqullinaan xumuruu aadaa godhachaa dhufuun kan itti mul’ate ta’uu eeruun misoomichi tumsi mootummaa fi ummataa kan itti argame ta’uu kaasaniiru.   Magaalatti itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamuusaa eeruun kenninsa tajaajilaa ammayyeessuu fi magaalonni jireenyaa fi hojiif mijatoo taasisuu irratti hojjiwwan abdachiisoo raawwatamuu ibsaniiru. Misoomni Magariisaa Miidhagina Magaalotaa eegsisuurra darbee lammiile hedduuf carraa hojii uumuu danda’uu ministirri kun eeraniiru. Walakkaa waggaa bara baajataa 2ffaa hafetti, tajaajila dijiitala babal’isuu, hojiiwwan misooma kooriidarii magaalota adda addaa keessatti hojjetamaa jiran xumuruu, hojiiwwan miidhaginaa fi misooma magariisaa cimsuu, akkasumas gaaffiiwwan maneen jireenyaa caalatti deebisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu eeraniiru.
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera
Feb 21, 2026 123
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirsuudhaan hojiitti galuusaa ibse. Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna dinagdee Itiyoophiyaa keessatti qama haqaa isa haaraa fi murteessaadha. Manni murtii kun akkaataa lakkoofsa labsii gabaa kaappitaalaa 1248/2013’n kan hundeeffame yoo ta’u dhiibbaa hojii maneen murtii idileerra jiruu fi amala addaa damee Kanaatiin dhimmoota ga’umsaan murtoo kennuuf akka danda’amuufidha. Kaayyoonsaa ijoon waldhabdeewwan hirmaattota gabaa kanaa jidduutti uumaman of danda’uun ogeessaan kan qoratu yoo ta’u manni murtii kun ggabaan amanamummaan akka qajeelfamu gochuuf qooda guddaa nib ahata. Dura taa’aan abbaa murtii mana murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Abinnat Zarfuu ENAtti akka himanitti, komiiwwan murtoo manni murtii abbaa taayitaa gabaa kaappitaala Itiyoophiyaa dabarsurratti dhihaatan qoratee murtoo kenna. Hundeeffamee wagga tokko kana keessatti hojjettoota guuttachuu dabalatee hojii jajjabeessaa hojjechuusaa eeranii, qajeelfamni naamusaa manni murtichaa ittiin qajeelfamu qophaa’ee xumuramuusaa beeksisaniiru. Tajaajilamtoonni bakkuma jiranirraa oliyyachuu akka danda’an sirni teeknooloojii diriirfamuusaa dubbataniiru. Manni murtii kun ministeera dhimma alaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, carraaqqiiwwan kanneen keessaa gitasaa kan ta’e dhaabbata Taanzaaniyaa waliin sanada walii galtee mallatteessuuf qophiirra akka jiru eeraniiru. Walii galteen kun muuxannoo abbaa seerummaa biyyoota lamaan jidduu jiru qooduu fi tumsaan hojjechuuf faayidaa guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kana malees haal dureen sadarkaa Afriikaa bahaatti foramii maneen murtii bulchiinsaa gabaa kaappitaalaa hundeessuuf gargaaru raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo walitti hidhaminsa gabaa sadarkaa riijiniitti cimsuu fi sirna abbaa seerummaa wal fakkaataa diriirsuuf akka gargaaru itti amanameera jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Feb 23, 2026 63
Guraandhala 16/2018 (ENA): Golambaa Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan hojigaggeessaan olaanaa waliigalaa waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Kiruubel Manbaruu. Miseensonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa Golambaa Saayinsii fi golambaa saayinsii keessatti kan argamu giddugala qorannoo hawaa (Pilaaneetariyeemii)daawwataniiru. Giddugala Qorannoo Hawaa keessatti urjiilee daawwachuu, dhiheessi saayinsii hawaa fi fiilmii dokumantarii hawaa dawataniiru.   Golamboonni saayinsii guddina waliigalaa hawaasa tokkoo irratti guddina murteessaa fidu jedhan obbo Kiruubel Manbaruun. Golambaan saayinsii kun hawaasni hubannoo fi beekumsa saayinsii irratti qabu akka dabaluu fi walitti dhufeenya damee kanaaf qabu akka cimsu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Golambaan Saayinsii Finfinneetti ijaarame agarsiisa saayinsii salphaatti hubatamu taasisuun guddina dirree kanaaf gumaacha guddaa taasisaa jira. Keessattuu golambichi daa’immanii fi dargaggoota saayinsiitti dhiheessuu qofa osoo hin taane, beekumsa barnootaan horatan qabatamaan akka arganii fi hubachuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas waldichi hojiiwwan adda addaa ijaarsa dandeettii, misooma bu’uuraalee misoomaa, akkasumas daa’immanii fi dargaggoonni beekumsa damee kanarratti qaban akka guddifatan gargaaruuf hojjechaa akka jirus ibsaniiru.   Waldichi nama hundaaf banaa ta’uu ibsuun, daa’immanii fi dargaggoonni fedhii qaban miseensa ta’uun akka itti makaman waamicha dhiyeessaniiru. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimma Alaa Kibrat Atsibihaa akka ibsanitti, kaayyoon daawwannaa kanaa hojiiwwan saayinsii hawaa keessatti hojjetamaa jiran irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dha jedhani.   Golambaan Saayinsii daa’immanii fi dargaggoonni dirree kana keessatti akka makaman karaa saaquu qofa osoo hin taane, qorattoonni hojii isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.   Barattoonni Fitii Girmaa fi Tsiyoon Biraanuu daawwannaan kun waa’ee hawaa beekumsaa fi hubannoo akka kenneefii dubbataniiru. Golambaan Saayinsii kan duraa irraa adda ta’uu fi xiyyeeffannoo addaa amma dirree kanaaf kenname kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 105
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru.   Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.  
Magaalaa Shaggaritti kenninsi tajaajila socho’aan eegalame
Feb 19, 2026 90
Guraandhala 12/2018 (ENA) - Kenninsa tajaajilaa si’ataa gochuun itti fuufinsa maamilaa dhugoomsuuf Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaanitti tajaajilli garagaraa eegalameera. Dhaqqabamummaa kenna tajaajilaa mirkaneessuun itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf tarkaanfiiwwan hojiirra oolfaman keessaa tajaajila wiirtuu Masoob isa tokkodha.   Magaalaa Shaggarittis tajaajila Wiirtuun tokkoo Masoob erga hundaa'ee hojiiwwan bu'aa qabeessummaa kenna tajaajilaa mirkaneessan tekinooloojiiwwan dijitaalaan deeggaramuun kennamaa jira. Kenna tajaajilaa caalaatti bu’aa qabeessa gochuuf Magaalaan Shaggar tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob socho’aa (konkolaataan) Kutaa Magaalaa Galaanitti kennaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaanitti kenni tajaajilaa socho'aa seektaroolee 8 fi gosoota tajaajilaa 16n eegalchiifameera. Tajaajilootni kunneenis Waraqaa eenyummeessaa jiraatotaaf kennuu, taateewwan bu'uuraa, waraqaa ragaa hoji-dhabdummaa, Waraqaa Inshuraansii Fayyaa Haaressuu fi dijitaalessuu dabalatee waliigala tajaajilootni 16 akka kennamu eerameera.   Itti gaafatamaa Waajjira Paablik servisii fi misooma Qabeenya namaa Magaalaa Shaggar Obbo Cammaraa Shibbiruu, Mootummaan Badhaadhinaa kenna tajaajilaa si'ataa, dhaqqabamaa fi bu'a-qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen hojiiwwan itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessan qabatamaan argamuu himaniiru.   kunis imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa dhugoomsuu keessatti tarkaanfii murteessaa ta'uus ibsaniiru. Saganticharratti Hoji-gaggeessaa olaanaa Wiirtuu tajaajila tokkoo masoob Magaalaa Shagga Obbo Mokonnon Hambee akka ibsanitti, rakkoowwan kenna tajaajilaa seektaroolee Mootummaa keessa ture furuuf tarkaanfii Muummichi Ministeeraa fudhateen, tajaajila hawaasaa ammayyaa'aa, dhaqqabamaafi haqa-qabeessa taasisuuf hojiirra kan oolfameera. Kunis biyya tekinooloojiiwwan dijitaalaan dorgomtuu taatee fi dhaqqabamummaan tajaajila Mootummaa keessatti mirkanaa'e taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru ta'uus ibsaniiru. Itti quufinsa maamiltootaa caalaatti guddisuuf kenna tajaajila socho'aa tekinooloojiin deeggaramuun itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluuf kan eegalame ta'uu himaniiru. Tarkaanfii Mootummaan kenna tajaajilaa itti dhiheenyaan hawaasaaf kennuuf hojjechaa jiru, rakkoowwan kenna tajaajilaan turan furuuf tarkaanfii murteessaa ta'uu itti Aanaa bulchaa kutaa Magaalaa Galaan Obbo Shimallis Lammeessaa himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa kana irrattis hooggantootni sadarkaan jiranii fi tajaajilamtootni garagaraa argamaniiru.
Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha
Feb 18, 2026 134
Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti. Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru. Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera. Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.  
Ispoortii
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti   calallii taphoota  mo’atanii darbuu  
Feb 24, 2026 32
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 54
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru.   Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 168
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 139
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru.   Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru.   Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16862
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2159
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015