ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hidhi Haaromsaa Guddichi milkaa’ina boonsaa damee misooma humna elektirikii Itiyoophiyaa fi Afrikaati
Nov 21, 2026 12
Sadaasa 12/2019 (ENA) -Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa hojiin injinariingii ajaa’ibsiisaan kan itti mul’ate, akkasumas guddina dinagdee Itiyoophiyaa fi tumsa anniisaa naannawaaf bu’uura murteessaa ta’uu isaa Pirezidaantiin Mana Maree Hariiroo Alaa Ameerikaa (CFR) fi hogganaan garee ergamtootaa Maayikil Frooman ibsan. Gareen jilaa kaawunsilichaa har’a Hidha Haaromsaa Guddicha daawwateera. Maayikil Frooman daawwannaa isaanii ilaalchisee ibsa kennaniin, bal’inni, gahumsi fi barbaachisummaan pirojekticha dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru Itiyoophiyaanonni pirojekticha xumuruuf yeroo, maallaqaa fi dandeettii isaanii irraa invastimantii guddaa gochuun milkaa’ina biyya isaanii isa guddaa ta’uu eeraniiru. Dabalataanis, Afrikaatti dhiyeessii humna elektirikii amanamaa fi gatii madaalawaa qabu babal’isuun kallattii misoomaa murteessaa ta’uu ibsanii, ummata Ardii Afrikaa keessaa harki guddaan ammas tajaajila elektirikii amanamaa akka hin arganne eeruun. Miseensi garee jilaa Maahesh K. Kooteechaa gamasaaniin, tattaaffii Itiyoophiyaan biyya keessaa fi naannichaaf dhiheessuuf taasifte dinqisiifataniiru. Miseensa garee jilaa Miisheel Gaavin daawwannicha dinqisiifatanii, misoomni humna haaromfamaa bishaanirratti hundaa’e nageenya naannawaa fi lafaan barbaahisaa ta’uu dubbataniiru. sochiin 'Power Africa' bara Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baarak Obaamaa jalqabamee, bulchiinsa Doonaald Tiraampi jalattis itti fufe, rakkoo dhiyeessii anniisaa ardichaa furuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabummaan elektirikii fedhii bu’uuraa hawaasaa guutuu qofa osoo hin taane, dandeettii misooma industirii Afrikaa guddisuufis murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataanis, biyyoonni ollaa humna elektirikii Itiyoophiyaan maddisiistu bitachuun fayyadamoo akka ta’an abdii qabaachuu ibsaniiru. Hidhichi industiriiwwan ammayyaa, maatiiwwanii fi sochiiwwan dinagdee deeggaruuf humna elektirikii baay’ee maddisiisuu akka danda’u hubachuu isaanii cimsanii dubbataniiru. .Miseensonni garee jilaa kaleessa Ministira Maallaqaa Dr. Fiqiruu Asaffaa fi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takaalliny waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama. Mariisaanii keessatti carraawwan daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argaman, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu itti fayyadamaa waloo fi guddina naannichaaf murteessaadha
Nov 21, 2026 66
Sadaasa 12/2019(ENA)-Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu seera, fedhii guddina dinagdee fi dhiheessii teessuma lafaarratti kan hundaa’e itti fayyadamaa waloo naannoo kan mirkaneessu dhimma murteessaa ta’uu ministirri bishaanii fi inarjii duraanii Mootummaa Maqaasaa ibsan. Hulaan galaanaa daldalaa fi faayidaa dinagdee qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsa idil-addunyaa, faayidaa waliinii, dhimma nageenyaa fi tasgabbii akkasumas faayidaalee biroo mirkaneessuun kan danda’amu bu’uura misoomaa murteessaa ta’uu isaa ni beekama. Gaaffiin Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu, dhimma seenaa keessatti yaaddoo ta’ee ture gara injifannoo biyyaalessaatti ceesisuu danda’u waan ta’eef, furmaata isaa argachuuf tattaaffii hunda keenyaa gaafata. Itiyoophiyaan Hulaa galaanaa waggoota dheeraaf naannoo ishee keessa kan ture faayidaa fi kabaja Hulaa galaanaa eegsiftee kan tuurte ta’ullee, waggoota soddomaa dura sababii ifatti hin beekamneen galaana irraa akka fagaatu taasifameera. Itiyoophiyaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirtuu fi baay’ina ummataatiin Afrikaa keessatti sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu taatee osoo jirtuu, galaana irraa fageenya gabaabaa irratti argamtee Hulaa galaanaa malee itti fufuun kan hin danda’amnee fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaati. Biyyoonni naannichaa faayidaa waliinii mirkaneessuuf gaaffii Itiyoophiyaan abbaa Hulaa galaanaa ta’uuf itti jirtu deeggaruu akka qaban ibsaniiru.
Balballi nagaaf baname ammallee hin cufamne
Nov 21, 2026 86
Sadaasa 12/2019(ENA)-Mootummaan Naannoo Oromiyaa nagaa naannichaa kabachiisuuf hojiiwwan hunda dursee hojjetaa jira. Qe'een Oromoo garaa gartummaa yaadaaf ilaalcha siyaasaatiin osoo hin daangeffamiin nagaa waaraa akka qabaatuuf; karoorrii fi kaayyoon siyaasaa kamuu mareef marabbaan akkasumas yaada mo'ataan akka geggeeffamuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jira. Haaluma kanaan guyyaa har'aa Godina Giddugala Oromiyaa magaalaa Ambootti hidhattoonni shanee namoonni 5 Aanaa Tokkee Kuttaayee bakka addaa Xaamee jedhamuun beekamutti, Meeshaalee waraanaa Kilaashii 5, rasaasa kilashii 92, rasaasa bireenii 34, kartaa kilaashii 8, boombii F1 fi hidhannoo mudhii 2, waliin karaa nagaatiin harka kennachuu ittigaafatamaan Waajjira Nagaa Bulchiinsa Magaalaa Amboo Obbo Baay'isaa Huseen Ibsaniiru. Obbo Baayyisaan akka jedhanitti, Mootummaan ammas karri nagaaf bane kan hin cufamne ta'uu ibsuun kanneen hafanis nagaan akka galaniif irradeebiin waamicha dabarsaniiru.
Hojiin qonna ammayyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufeera-Hayyoota
Nov 21, 2026 66
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Hojiin qonna ammayyaa Itiyoophiyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufuusaa ayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa ibsan. Tooftaaleen oomisha qonnaa ammayyaa oomisha guddisuurra darbee fedhii biyya keessaa danda’uun sharafa alaa argamsiisuu fi carraa hojii uumaa akka jiran hayyoonni ibsaniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan sirna nyaata breelladaa kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Waasihun Hasan ENA’f akka ibsanitti, jijjiiramni qonnarratti dhufaa jiru akkaataa oomishaa hojmaata aadaarraa gara teeknooloojiin durfamutti ceesisaa jira. Keessumaa jallisiidhaan misoomsuun qonnaan bulaan roobarratti akka hin hirkanne akka oomishan carraa uumuufii eeraniiru. Itti fayyadamni maashinarii hojii qonnaa si’achiisaa akka jiru ibsaniiru. Diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa fi kunuunsa biyyee, kunuunsa midhaanii fi ilamantii Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, shoorri qonni qonni jireenya keessatti qabu dabalaa dhufeera. Sagantaan maaddii guutuu namoonni magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraatan kallattiin hojii qonnaarratti akka hirmaatan carraa uumuusaa ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessii fi qorataan dinagdee qonnaa Dr. Adabaa Gammachuu, fooyya’insi oomisha Qamadiifi Ruuzii Itiyoophiyaa maxxantummaa biyya alaa akka hir’ise dubbataniiru. Jijjiiramoota dhufaa jiran kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qulqullina oomishaa, fulla’insa dhiheessii fi dandeettii sona itti dabaluu qindoominaan cimsuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jira–Obbo Ashannaafii Ajjamaa
Nov 21, 2026 59
Sadaasa 12/2019(ENA)-Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jiraachuu itti Gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa ibsan. Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Aanaa Tokkee Kuttaayeetti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti eegalameera. Godinichatti duula kanaan daa’imman waggaa 10 gadi jiran miliyoona 2 ol ni talaalchifamu. Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa waajjira damee godina giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa, dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf dhaloota ga’umsa qabu ijaaruuf hojii hojjetamaa jiraachuu ibsan. Hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa, Obbo Darajjee Abdannaa, talaalliin kun daa’imman manaa manaatti, wiirtuuwwan talaallii dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi bakkeewwan adda addaatti akka kennamu ibsaniiru. Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa hawaasa fayya qabeessa ta’e horachuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila fayyaa qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun, teknoolojii fayyaa babal’isuun fayyaa daa’immanii fi haadholii eeguu irratti hojjetamaa jiraachuu Obbo Ashannaafii, himan. Duula talaallii kana milkeessuuf qindoominni qaamolee dhimmi ilaallatuu fi hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Itti aanaan waajjira fayyaa fi itti gaafatamaan damee wal’aansaa fi fayyaa maatii Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Dr. Araarsaa Hoorreessaa, gama isaaniin dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, godinichatti bara kana daa’imman miliyoona 2 ol talaalchisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa kun Sadaasa 11 hanga 15/2019tti kan turu ta’uun ibsameera.
Siyaasa

Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez Obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa(SUN) gochuun muudan
Nov 21, 2026 76
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez hundeessaa fi dura taa’aa boordii faawundeeshinii Yeyaadaam obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa gochuun muudaniiru. Muuxannoo fi hooggansi obbo Dammaqaa hojii garee dursaaf akkasumas milkaa’ina galmoota sosochichaaf gumaacha akka taasisudubbataniiru. Obbo Dammaqaan gumaacha damee wabii nyaataa fi dhiyeessii nyaata madaalawaa irratti taasisaniif beekamtii kennuudhaani. Muudamni obbo Dammaqaa Sadaasa bara 2019 amma Sadaasa 2021tti akka turu beeksisaniiru. Gareen hoggansaa sochichaa biyyoota miseensa 67 fi naannolee Hindii afur karoora biyyaalessaa wabii nyaataa fi sirna nyaata madaalawaa isaanii akka milkeessan deeggarsa, qajeelfama tarsiimawaa fi hordoffii ni kenna. Muudamni kun sochichi bu’uura tarsiimawaa A.L.A bara 2026–2030 hojiirra oolchuu yeroo jalqabuutti kan kenname yoo ta’u, bu’uura tarsiimawaa kun sirna oomishaa fi dhiyeessii nyaataa fooyyessuu, jijjiirama qilleensaa dandamachuu akkasumas biyyoota walitti bu’iinsaa fi rakkoo keessa jiraniif deeggarsa cimsuu irratti xiyyeeffata. Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, walitti bu’iinsi, dhiibbaan jijjiirama qilleensaa fi deeggarsi misoomaa hir’achaa dhufuun keessumaa biyyoota saaxilamoo ta’an keessatti wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoolee kana dandamachuuf biyyoota giddugaleessa godhachuun, qaamolee dhimmi ilaallatu hedduu hirmaachisuun hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Muudamni Obbo Dammaqaa Mokonnin kun sadarkaa olaanaa fi dhageettii dippilomaasii Itoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti qabdu kan agarsiisudha.
Naannoo Tigraayi aanaa Asgadee Tsumbilaatti hidhattoonni ABUT seeraan alaa 200 caalan daandii nagaa filatan
Nov 19, 2026 511
Sadaasa 10/2019 (ENA) - Naannoo Tigraayi godina kaaba lixaa aanaa Asgadee Tsumbilaatti hidhattoonni garee ABUT seeraan alaa waliin bosona galan 200 ol daandii nagaa filatachuun harka kennan. Hidhattoonni kunneen aanicha gammoojjii keessa kan turan yoo ta’u, carraa nageenyaa argatanitti gargaaramuun raayyaa ittisa biyyaatti harka kennataniiru. Ministeera raayyaa ittisa biyyaatti itti gaafatamaan hariiroo ummataa izzii Kaaba lixaa koloneel Tasfaayee Efreem wayita kana, hidhattoonni daandii badii dhiisuun nagaa filachuusaaniif gammachuu itti dhagahame ibsaniiru. Raayyaan nagaaf dursa akka kennuu fi yeroo ammaa hidhattoonni daandii dogoggoraarra goranii gammoojjjiitti hafan fakkeenya hidhattoota kanaa hordofuun nageenya akka filatan waamicha taasisaniiru. Itti gaafatamtoonni godinaalee gamasaaniin, ummanni naannichaa waraanaa fi buqqa’uu jalaa bahee gara misoomaa fi ijaarsaatti cehuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Lammiileen gara nagaatti deebi’an leenjiin haaromsaa kennameefii hawaasatti akka makamanii fi hojii misoomaatti akka makamanii fi hojiilee misoomaarratti akka hirmaatan bulchiinsichi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu mirkaneessaniiru. Hidhattoonni waamicha nageenyaa filatanii harka kennatan dogoggorasaanii amananii milkaa’ina nagaa fi tasgabbii naannawasaaniif qoodasaanii akka bahatan dubbataniiru.
Nageenyi bu'uura misoomaati, misoomni bu'aa nageenya waaraati- Obbo Amaan Danuu
Nov 19, 2026 266
Sadaasa 10/2019(ENA) - Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Noonnoo Beenjaatti mariin Misoomaa fi Nageenyaa caasaalee nageenyaa sadarkaan jiranii fi Kutaalee Hawaasaa hiemaachise gaggeeffame. Mariin kun hojiiwwan misoomaa fi Nageenyaa Aanichaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, dhimmoota misooma hawaasaa, nageenya waaraa, tasgabbii naannichaa, hirmaannaa hawaasaa hojii misoomaafi nageenya keessatti qabu, akkasummas rakkoolee misoomaa fi nageenyaa irratti bal'aan mari'atameera. Itti aanaa bulchaa fi hogganaan nagaa fi haqa godiina kibba lixa Oromiyaa obbo Aman Danuu akka Jedhanitti, rakkoolee nageenyaa fi misoomaa uumaman irratti mari'achuun furmaata waaraa kennuu, odeeffannoo waljijjiiruu, hirmaannaa hawaasaa cimsuu fi itti gaafatamummaa qaamolee hundaa guddisuun barbaachisaadha jedhan. Itti gaafatamaan nagaa godina kibba lixa Oromiyaa obbo Junadiin Imaam gamasaanitin, Nageenya waaraa mirkaneessuun hojii misoomaa saffisiisuuf mootummaa fi hawaasni qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta'uu himaniiru jechuun tajaajilli komnikeeshinii aanaa Noonnoo Beenjaa gabaaseeea.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa madaalan cimee itti fufa – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 19, 2026 407
Sadaasa 10/2019 (ENA) - Ijaarsi bu’uuraalee misoomaa sadarkaa Raayyaa Ittisa Biyyaalessaa madaalan cimee akka itti fufu etaamaajoor shuumini waliigalaa humnoota waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan. Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI kabajamoo Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa pirojektii qajeelcha walii galaa kutaa waraanaa duula addaa fi Geejjaatti kan ijaarame qajeelcha walii galaa kutaa waraanaatokkoo koorii meeshaalee tarsiimoo toora Waliincitiirratti ijaatame har’a eebbisaniiru. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan yeroo kana akka jedhanitti, waggoota torban darban keessatti naannolee garaagaraatti buufataalee waraanaa ammayyaa 30 ol ijaaruun danda’ameera. Bu’uuraaleen misoomaa sadarkaa raayyaa ittisa biyyaalessaa madaalan ijaaramaa jiranis cimee akka itti fufu ibsaniiru. Itti gaafatamaan qajeelcha waliigalaa maandisaa ittisa biyyaa Jeneraal Dastaa Abichee gama isaaniin, qajeelchichi raayyaan ittisa biyyaa dirqama isaa akka bahatuuf pirojektoota gurguddoo ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin, gamoon qajeelcha waliigalaa kutaa waraanaa Waliincitii har’a eebbifame hektaara 22 irratti kan argamu yoo ta’u, gamoon qajeelcha waliigalaa kutaa waraanaa Gejjaa ammoo hektaara 53 irratti kan ijaarame ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi kutaa waraana kanneenii yeroo karoorfameen dura xumuramuu isaa ibsuun, buufataalee waraanaa, dhaabbilee fayyaa fi giddugalaalee tajaajilaalee garaagaraa kennan kan hammatan ta’uu hubachiisaniiru.
Dargaggootni humna jijjiiramaa fi madda kalaqaa qofa osoo hin taane mallattoo nageenyaa fi misoomaa ta’uun ibsame
Nov 19, 2026 220
Sadaasa 10/2019(ENA)- Dargaggootni humna jijjiiramaa fi madda kalaqaa qofa osoo hin taane mallattoo nageenyaa fi misoomaa ta’uu bulchiinsi Kibba Baha Oromiyaa beeksiseera. Godina Kibba Baha Oromiyaa kilaastara Asallaatti konfiransiin misoomaa fi nageenyaa dargaggoota hirmaachise gaggeeffame. Itti aanaan bulchaa fi qindeessaan kilaastara nageenyaa godina kibba baha Oromiyaa obbo Abdurrazaaq Huseen akka jedhanitti, nageenya waaraa mirkaneessuun misooma biyyaa saffisiisuu keessatti gaheen dargaggootaa olaanaadha. Barreeffama ka'uumsa haala misoomaa fi nageenyaa konfiransicharratti dhiyaate bu'ura gochuun akkaataa dargaggootni hojiilee misooma, nageenyaa fi tasgabbii hawaasaa keessatti tokkummaan hirmaachuu danda'urratti mariin bal'aan gaggeeffameera. Dargaggootni konfiransicharratti hirmaatanis nageenyi amansiisaan akka mirkanaa'uuf tokkummaa fi qindoominaan qaamolee nageenyaa waliin kan hojjatan ta'uu himaniiru. Komunikeeshinii godinichaarraa
Dandeettiin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaan ijaarte nagaa fi tasgabbii naannichaaf humna guddaadha
Nov 18, 2026 454
Sadaasa 9/2019(ENA)-Dandeettiin raayyaa ittisaa Itiyoophiyaan mootummaa ida’amuutiin ijaarte faayidaa biyyaa eegsisuurra darbee nagaa fi tasgabbii naannichaaf humna guddaa fi dhiibbaa uumaa akka jiru wiirtuu nagaa kabachiisaa ittisaatti ajajaan inistiitiyuutii mana leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa birgaader jeneraal Gazzaahany Faqaaduu ibsan. Ajajaan inistiitiyuutii mana leenjii nagaa kabachiisaa idil addunyaa birgaader jeneraal Gazzaahany Faqaaduu; raayyaa ittisaa loogii siyaasaa kamirraayyuu bilisa taasisuun, leenjii, teeknooloojii ammayyaa fi caasaa dhaabbataatiin cimsuun dandeettii raawwii hojii fi ittisaa isaa guddisuu ibsaniiru. Dandeettiin kun nageenya biyya keessaa eeguurra darbee hirmaannaa fi dhiibbaa Itiyoophiyaan nageenya idil-addunyaa eegsisuu keessatti qabdu akka guddisu hubachiisaniiru. Raayyaan ittisaa dandeettii ijaarame kana teeknooloojii fi beekumsa ammayyaatiin caalaatti cimsuun gahee hoggansa damee nageenya eegsisuu keessatti qabu itti fufuu akka qabuus dubbataniiru. Dursaan garee dhimmoota imaammataa fi tarsiimoo koolleejjii ittisa biyyaa Itiyoophiyaa letenaal koloneel Koloneel Arraagaaw Gabramaadihin gama isaaniin, raayyaan ittisaa teeknooloojii, leenjii fi baay’ina humna namaatiin yeroo gara yerootti ammayyaa’aa dhufuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Kooriyaa irraa kaasee hanga biyyoota Afrikaatti muuxannoo nageenya eegsisuu bal’aa akka qabdu yaadachiisuun, dandeettiin ammayyaa raayyaa ittisaa yeroo ammaa ijaarame nageenya biyyoota ollaa fi addunyaa tiksuuf gumaacha taasisuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Kana malees, gumaacha Itiyoophiyaan nageenya eegsisuu keessatti taasisaa turtee fi dandeettii raayyaa ittisaa qorannoo fi kitaabota keessatti galmeessuun hawaasa idil-addunyaaf beeksisuuf yunivarsiitiiwwanii fi dhaabbileen qorannoo xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiruu.
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni giddugala leenjii haaromsa Maqalee daawwataniiru
Nov 18, 2026 302
Sadaasa 9/2019 (ENA)-Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii (UN) fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa har’a giddugala leenjii haaromsaa magaalaa Maqalee daawwataniiru. Jilli kun kaleessa irraa eegalee naannoo Tigraayitti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran yoo ta’u, bulchiinsa yeroo naannichaa waliin dhimmoota garaagaraa irratti mari’ateera. Naannolee deeggarsi barbaachisu keessatti daawwannaa dirree kan taasisan yoo ta’u, daawwannaan giddugala haaromsaa har’aas qaama hojii isaanii ta’uun ibsameera. Dhimmoota ergamtoonni kun bulchiinsa yeroo naannichaa waliin xiyyeeffannoon irratti mari’atan keessaa, namoonni duraan hidhatanii turan leenjii haaromsaa fudhatanii gara hawaasaatti deebi’anii makaman haala mijeessuun isa tokko ta’uu ibsameera. Yeroo marii kanattis dhaabbileen gargaarsa idil-addunyaa hojii Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa dinqisiifachuun, deeggarsa taasisaa jiran caalaatti cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru. Daawwannaan giddugala leenjii haaromsaa kunis tumsa komishinichaa waliin qaban gara fuulduraatti caalaatti cimsuuf kan isaan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Hawaasummaa
Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jira–Obbo Ashannaafii Ajjamaa
Nov 21, 2026 59
Sadaasa 12/2019(ENA)-Daa’imman fayya qabeessa eegeree biyya bakka bu'an horachuuf hojjetamaa jiraachuu itti Gaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa ibsan. Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Aanaa Tokkee Kuttaayeetti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti eegalameera. Godinichatti duula kanaan daa’imman waggaa 10 gadi jiran miliyoona 2 ol ni talaalchifamu. Itti gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa waajjira damee godina giddugaleessa Oromiyaa Obbo Ashannaafii Ajjamaa, dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf dhaloota ga’umsa qabu ijaaruuf hojii hojjetamaa jiraachuu ibsan. Hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa, Obbo Darajjee Abdannaa, talaalliin kun daa’imman manaa manaatti, wiirtuuwwan talaallii dhaabbilee fayyaa, manneen barnootaa fi bakkeewwan adda addaatti akka kennamu ibsaniiru. Imaammanni fayyaa Itiyoophiyaa hawaasa fayya qabeessa ta’e horachuuf mootummaan xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila fayyaa qulqulluu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun, teknoolojii fayyaa babal’isuun fayyaa daa’immanii fi haadholii eeguu irratti hojjetamaa jiraachuu Obbo Ashannaafii, himan. Duula talaallii kana milkeessuuf qindoominni qaamolee dhimmi ilaallatuu fi hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Itti aanaan waajjira fayyaa fi itti gaafatamaan damee wal’aansaa fi fayyaa maatii Godina Giddugaleessa Oromiyaa, Dr. Araarsaa Hoorreessaa, gama isaaniin dhaloota fayya qabeessa ta’e horachuun egeree biyyaaf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, godinichatti bara kana daa’imman miliyoona 2 ol talaalchisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Duulli talaallii ittisa dhibee Pooliyoo marsaa 1ffaa kun Sadaasa 11 hanga 15/2019tti kan turu ta’uun ibsameera.
Kitaabileen barataa bu'uura boruu fi sadarkaa 1ffaa maxxansarra turan miiliyoona 16 tuqaa 3 ol ta'an aanaaleef raabsaman
Nov 21, 2026 52
Sadaasa 12/2019 (ENA)-Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaabilee barataa biyya alaatti maxxanfamaa turan miiliyoona 16 tuqaa 3 ol ta'an hatattamaan barattoota akka qaqqaban raabsamaa kan jiran ta'uun ibsame. Hogganaa itti aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa obbo Galatoo Tukee, kitaabileen aanaaleef hatattamaan raabsamaa jiran kunniin rakkoo hanqina kitaaba barataatiin walqabatee uumamaa ture sadarkaa olaanaan kan furu ta'uu dubbataniru. Dabalataanis ulqullina barnootaa mirkaneessuu fi bu'aa barachuu barattootaa fooyya'aa jiru kanas daran kan cimsu ta'uu dubbataniiru. Kitaabileen raabsamaa jiranis kitaaba barataa kutaa 1-6 fi kitaaba barataa bu'uura Boruu yoo ta'an gosoota barnoota Afaan Oromoo, Ingiliffa, Herrega, Saayinsii Naannoo, Gadaa fi Amaariffa kan of keessatti hammate ta'uun beekameera. Raabsaan kitaabilee torban lama dura kan jalqabame yoo ta'u, aanaalee Oromiyaa 121 ol kan dhaqqabe ta'uufi aanaalee hafanittis guyyoota gabaaboo keessatti akka qaqqaabu beekameera. Maddi- Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa
Itiyoophiyaan miseensa mana maree siviil aviyeeshinii idil addunyaa ta’uun filatamte.
Nov 21, 2026 89
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan miseensa mana maree siviil aviyeeshinii idil addunyaa ta’uun filatamteetti. Walgahiin ariifachiisaa dhaabbatichaa 43ffaan Kaanaadaatti gaggeeffameera. Itiyoophiyaan wal gahii kanarratti sagalee 133 argachuun miseensa mana maree dhaabbata siviil aviyeeshinii ta’uun filatamuushee odeeffannoon ministeera dhimma ala ani mul’isa. Turkiyyee, Omaan fi Indooneezhiyaan fi kanneen biroo miseensa mana marichaa ta’uun filatamaniiru.
Godina Oromiyaa Kibba Bahaa keessatti hawata turizimii misoomsuu fi beeksisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira
Nov 18, 2026 276
Sadaasa 09/2019 (ENA)-Godina Oromiyaa Kibba Bahaa keessatti hawattoota uumamaa, seenaa fi aadaa misoomsuu fi beeksisuun lakkoofsi turistootaa fi galiin damee turizimii dabalaa dhufuu Waajjirri Turizimii Godinichaa beeksise. Bara baajataa darbe turistoonni miiliyoona 1.8 naannicha kan daawwatan yoo ta’u, bara kana immoo turistoota miiliyoona 2.1 ol simachuun galii Birrii biiliyoona 3 ol argachuuf karoorfamee hojii eegaluun ibsameera. Godinni Oromiyaa Kibba Bahaa Paarkii Biyyoolessaa gaarren Baalee, Holqa Soof Umar, Dirree Sheek Huseenii fi hawattoota uumamaa, seenaa fi aadaa hedduu kan qabu yoo ta’u, iddoowwan dandeettii turizimii olaanaa qaban keessaa tokko ta’uun ibsameera. Keessumaa sirna ikoo uumamaa addaa fi qabeenya bineensota bosonaa haarren Baalee, bareedina uumamaa Holqa Soof Umar, akkasumas duudhaa seenaa fi amantaa Dirree Sheek Huseen hawattoota ijoo turizimii naannichaa ta’uun eerameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Turizimii Godina Oromiyaa Kibba Bahaa Obbo Dajanee Milkeessaan, hawattoota turizimii misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa fooyyessuu fi naannicha beeksisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Misoomni turizimii hawaasa naannichaa fayyadamoo gochuu, carraa hojii uumuu fi dhaala aadaa fi seenaa dhalootaaf dabarsuuf gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru. Qabeenya turizimii guddisuuf Yunivarsiitii Madda Walaabuu fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu, akkasumas hawattoota uumamaa, seenaa fi namtolchee haaraan 100 ol adda baafamuu fi kaartaan dijitaalaa qophaa’uu ibsaniiru. Iddoowwan hawataa qorachuu, galmeessuu fi odeeffannoo isaanii qaqqabamaa gochuun, akkasumas miidiyaalee fayyadamuun hawaasa biyya keessaa fi idil-addunyaatti beeksisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Qindeessaan damee turizimii Paarkii Biyyoolessaa gaarren Baalee Obbo Garramuu Mabraatuun, turistoonni biyya keessaa fi alaa paarkicha daawwachuun galii fooyya’aa argamsiisuu ibsaniiru. Haroowwan paarkicha keessa jiran keessaa baay’een isaanii yeroo bonaa fi gannaa kan hin gognes ta’uu dubbataniiru. Daawwattoota paarkichaa keessaa Deeviid Maarshaal, biyyoota garaagaraatti hawatoota turizimii daawwatanii kan beekan ta’us, qabeenya turizimii gaarren Baalee keessatti arganitti baay’ee dinqisiifachuu ibsaniiru. Paarkichi bareedina uumamaa addaa fi bakka biraatti hin argamne qabaachuu isaas dubbataniiru.
Diinagdee
Hidhi Haaromsaa Guddichi milkaa’ina boonsaa damee misooma humna elektirikii Itiyoophiyaa fi Afrikaati
Nov 21, 2026 12
Sadaasa 12/2019 (ENA) -Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa hojiin injinariingii ajaa’ibsiisaan kan itti mul’ate, akkasumas guddina dinagdee Itiyoophiyaa fi tumsa anniisaa naannawaaf bu’uura murteessaa ta’uu isaa Pirezidaantiin Mana Maree Hariiroo Alaa Ameerikaa (CFR) fi hogganaan garee ergamtootaa Maayikil Frooman ibsan. Gareen jilaa kaawunsilichaa har’a Hidha Haaromsaa Guddicha daawwateera. Maayikil Frooman daawwannaa isaanii ilaalchisee ibsa kennaniin, bal’inni, gahumsi fi barbaachisummaan pirojekticha dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru Itiyoophiyaanonni pirojekticha xumuruuf yeroo, maallaqaa fi dandeettii isaanii irraa invastimantii guddaa gochuun milkaa’ina biyya isaanii isa guddaa ta’uu eeraniiru. Dabalataanis, Afrikaatti dhiyeessii humna elektirikii amanamaa fi gatii madaalawaa qabu babal’isuun kallattii misoomaa murteessaa ta’uu ibsanii, ummata Ardii Afrikaa keessaa harki guddaan ammas tajaajila elektirikii amanamaa akka hin arganne eeruun. Miseensi garee jilaa Maahesh K. Kooteechaa gamasaaniin, tattaaffii Itiyoophiyaan biyya keessaa fi naannichaaf dhiheessuuf taasifte dinqisiifataniiru. Miseensa garee jilaa Miisheel Gaavin daawwannicha dinqisiifatanii, misoomni humna haaromfamaa bishaanirratti hundaa’e nageenya naannawaa fi lafaan barbaahisaa ta’uu dubbataniiru. sochiin 'Power Africa' bara Pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baarak Obaamaa jalqabamee, bulchiinsa Doonaald Tiraampi jalattis itti fufe, rakkoo dhiyeessii anniisaa ardichaa furuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Dhaqqabummaan elektirikii fedhii bu’uuraa hawaasaa guutuu qofa osoo hin taane, dandeettii misooma industirii Afrikaa guddisuufis murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataanis, biyyoonni ollaa humna elektirikii Itiyoophiyaan maddisiistu bitachuun fayyadamoo akka ta’an abdii qabaachuu ibsaniiru. Hidhichi industiriiwwan ammayyaa, maatiiwwanii fi sochiiwwan dinagdee deeggaruuf humna elektirikii baay’ee maddisiisuu akka danda’u hubachuu isaanii cimsanii dubbataniiru. .Miseensonni garee jilaa kaleessa Ministira Maallaqaa Dr. Fiqiruu Asaffaa fi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takaalliny waliin mari’achuun isaanii ni yaadatama. Mariisaanii keessatti carraawwan daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaa keessatti argaman, akkasumas hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu itti fayyadamaa waloo fi guddina naannichaaf murteessaadha
Nov 21, 2026 66
Sadaasa 12/2019(ENA)-Gaaffiin abbummaa Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu seera, fedhii guddina dinagdee fi dhiheessii teessuma lafaarratti kan hundaa’e itti fayyadamaa waloo naannoo kan mirkaneessu dhimma murteessaa ta’uu ministirri bishaanii fi inarjii duraanii Mootummaa Maqaasaa ibsan. Hulaan galaanaa daldalaa fi faayidaa dinagdee qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsa idil-addunyaa, faayidaa waliinii, dhimma nageenyaa fi tasgabbii akkasumas faayidaalee biroo mirkaneessuun kan danda’amu bu’uura misoomaa murteessaa ta’uu isaa ni beekama. Gaaffiin Hulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu, dhimma seenaa keessatti yaaddoo ta’ee ture gara injifannoo biyyaalessaatti ceesisuu danda’u waan ta’eef, furmaata isaa argachuuf tattaaffii hunda keenyaa gaafata. Itiyoophiyaan Hulaa galaanaa waggoota dheeraaf naannoo ishee keessa kan ture faayidaa fi kabaja Hulaa galaanaa eegsiftee kan tuurte ta’ullee, waggoota soddomaa dura sababii ifatti hin beekamneen galaana irraa akka fagaatu taasifameera. Itiyoophiyaan guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirtuu fi baay’ina ummataatiin Afrikaa keessatti sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu taatee osoo jirtuu, galaana irraa fageenya gabaabaa irratti argamtee Hulaa galaanaa malee itti fufuun kan hin danda’amnee fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaati. Biyyoonni naannichaa faayidaa waliinii mirkaneessuuf gaaffii Itiyoophiyaan abbaa Hulaa galaanaa ta’uuf itti jirtu deeggaruu akka qaban ibsaniiru.
Hojiin qonna ammayyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufeera-Hayyoota
Nov 21, 2026 66
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Hojiin qonna ammayyaa Itiyoophiyaa oomishtummaa biyyaalessaa fi guddina dinagdeef bu’ura ta’aa dhufuusaa ayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa ibsan. Tooftaaleen oomisha qonnaa ammayyaa oomisha guddisuurra darbee fedhii biyya keessaa danda’uun sharafa alaa argamsiisuu fi carraa hojii uumaa akka jiran hayyoonni ibsaniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan sirna nyaata breelladaa kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa Dr. Waasihun Hasan ENA’f akka ibsanitti, jijjiiramni qonnarratti dhufaa jiru akkaataa oomishaa hojmaata aadaarraa gara teeknooloojiin durfamutti ceesisaa jira. Keessumaa jallisiidhaan misoomsuun qonnaan bulaan roobarratti akka hin hirkanne akka oomishan carraa uumuufii eeraniiru. Itti fayyadamni maashinarii hojii qonnaa si’achiisaa akka jiru ibsaniiru. Diiniin kolleejii qonnaa fi wal’aansa beelladaa fi kunuunsa biyyee, kunuunsa midhaanii fi ilamantii Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Salamoon Tulluu gamasaaniin, shoorri qonni qonni jireenya keessatti qabu dabalaa dhufeera. Sagantaan maaddii guutuu namoonni magaalaa fi baadiyyaa keessa jiraatan kallattiin hojii qonnaarratti akka hirmaatan carraa uumuusaa ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti ogeessii fi qorataan dinagdee qonnaa Dr. Adabaa Gammachuu, fooyya’insi oomisha Qamadiifi Ruuzii Itiyoophiyaa maxxantummaa biyya alaa akka hir’ise dubbataniiru. Jijjiiramoota dhufaa jiran kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qulqullina oomishaa, fulla’insa dhiheessii fi dandeettii sona itti dabaluu qindoominaan cimsuu akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Baatii arfan darban godina Oromiyaa bahaatti daldaltoonni kuma 6 fi 400 caalan daldala seera qabeesa keessa galan
Nov 21, 2026 81
Sadaasa 12/2019(ENA)- Baatii arfan darban godina Oromiyaa bahaatti daldaltoonni kuma 6 fi 400 caalan daldala seera qabeesa keessa galuusaanii waajjirri daldalaa godinichaa beeksise. Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Obbo Jamaal Qaasiim Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf (EBC) akka ibsanitti, godina keessatti aanaalee 36 fi magaalota torba keessatti to’annoo daldalaa gaggeeffameen dhaabbileen daldalaa kuma 27 fi 800 ol ta’an sakatta’amaniiru. Kanneen keessaa daldaltoonni seeraan alaa hojjetan kuma 6 fi 400 ol gara sirna daldala seera qabeessaatti akka galan taasifameera. Dogoggoroota adda bahan keessaa hayyama daldalaa malee daldaluu, hayyama nama biraa fayyadamuu, qarqara daandii irratti daldaluu fi gatii meeshaalee sababa malee dabaluun ni argamu. Kanaan walqabatee galiin adabbii irraa Birrii miiliyoona tokkootti dhihaatu walitti qabameera. Dabalataanis, meeshaaleen kontirobaandii gosa garaagaraa Birrii miiliyoona 86.6 olitti tilmaamaman buufataalee sakatta’insaa Mi’eessoo, Baabbilee, Caalanqoo fi Boordodee irratti to’atamaniiru. Meeshaalee to’ataman keessaa uffata, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee miidhaginaa fi nyaata daa’immanii ni argamu. Sirna daldalaa seera qabeessa ta’e cimsuuf, dorgommii haqaqabeessa ta’e mirkaneessuu fi fayyadamaa gatii sirrii hin taane irraa eeguuuf humni waloo hundaa’e hojii irra jira. Hanga dhuma bara baajataa kanattis daldaltoota 27,817 gara sirna daldalaa seera qabeessaatti galchuuf karoorfameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 916
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 1124
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 857
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 947
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Feestivaalli ispoortii aadaa waltajjii guddaa aadaa fi seenaan Oromoo itti mul'atudha
Nov 19, 2026 210
Sadaasa 10/2019(ENA) – Ispoortiin aadaa, bu'uura ispoortii ammayyaa fi calaqqee aadaa Oromoo kan ta'ee fi bakka aadaa fi seenaan Oromoo itti mul'atu ta’uun ibsame. Dorgommii Ispoortiiwwan Aadaa Oromiyaa 32ffaa fi Festivaalli Aadaa 19ffaan godina giddugala Oromiyaa bulchiinsa magaalaa Ambootti eegalamee jira. Itti aanaa waajjira gurmaa'insaa godina giddugala Oromiyaa fi itti gaafatamaan damee dargaggoo fi ispoortii obbo Dirribsaa Daamxee ispoortiin aadaa bu'uura ispoortii ammayyaa ta'uu kaasaniiru. Oromiyaan biyya ummanni aadaa fi duudhaalee garagaraa qaban tokkummaan keessa jiraatan akka taate himanii, ispoortiin aadaa tokkummaa ummattootaa cimsuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu himaniiru. Itti aanaa kantiibaa magaalaa Amboo Obbo Magarsaa Dirribsaa akeekni dorgommiin ispoortii aadaa kunis walitti dhufeenya cimsuu, aadaa walii bakka tokkotti agarsiisuu fi dorgomtoota ciccimmoo filachuufi jedhan. Gargaaraa itti Gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa godina giddugala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Daggafaa Ispoortiin Aadaa tokkummaa ummattootaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu himaniiru. Dorgommiin Ispoortii aadaa fi festivaala aadaa kanarrattis gosoonni ispoortii aadaa 10 kan dorgomamu yoo ta'u, godinaaleen Oromiyaa fi bulchinsonni magaalaa irratti qooda kan fudhatan ta'uun ibsamee jira.
Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsanidha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 18, 2026 199
Sadaasa 9/2019 (ENA)፦ Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsan ta’uu itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, atileetota ol adeemtota kana qaamaan arganii jajjabeessuu isaanii ibsaniiru. Dargaggoonni kunneen umrii isaanii dargaggummaa keessatti dandeettii olaanaa addunyaa irratti agarsiisanii fi injifannoo galmeessaniin alaabaa biyya isaanii kabajaan ol kaasuu isaanii dubbataniiru. Bu’aan kun Itiyoophiyaanonni hundi gammachuu fi kan nama boonsu, dhaloota dargaggootaaf immoo abdii guddaa fi fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee injifannoon haraa kun milkaa’ina boruu caalmaa qabuuf ka’umsaa fi bu’uura ta’uu eeruun, atileetonni ofitti amanamummaa horachuun, abjuu isaanii guddisuun, injifannoo har’aa kan caaluuf akeekuun dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa fi taphoota olompikii dhufaniif dandeettii, kutannoo fi ciminaan akka qophaa’an dhaamaniiru. Mootummaanis adeemsa milkaa’ina isaanii itti aanu keessatti deeggarsa isaan barbaachisu hunda akka taasisu kan mirkaneessan obbo Tamasgeen, atileetonni dandeettii fi gahumsa isaanii itti fufiinsaan guddisuun maqaa fi alaabaa biyya isaanii addunyaa irratti ol kaasuu itti fufuuf kutannoon akka dorgoman hubachiisaniiru.
Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran
Nov 16, 2026 504
Seenaa abbaa fiigicha dheeraa Waamii Birraatuu Seenaa fiigicha dheeraa Itiyoophiyaa addunyaarratti beeksise ilaalchifnee barreeffama Kanaan duratiin seenaa gooticha olompiikii Shaambal Abbabaa Biqilaa dhiheessuun keenya niyaadatama. Barreeffama Kanaan ammoo, seenaa fiigicha dheeraa Abbabaa Biqilaa waliin walitti hidhata qabu seenaa atileetii beekamaa tokko isin biraan geenya. Seenaa Atileet Waamii Birraatuu. Dhaloota Atileet Waamii Birraatuu atileetii beekamaa Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u, seenaa atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti gahee guddaa kan qabu atileetii fiigicha dheeraa ture. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1917tti godina Oromiyaa Sululta, Itiyoophiyaa keessatti dhalate. Ijoollummaa isaatti bineensota kanneen akka Kuruphee ari’ee qabachaa guddachuun isaa fiigichan addunyaarratti beekamtii akka argatu karaa baneeraaf. Atileetii gameessi fi abbaan atileetiksii Itiyoophiyaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1945 (A.L.I.) keessa (akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1952/1953) Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa keessatti loltuu ta'uun qacarame gara Finfinnee dhufe. Seenaan Ispoortii biyya keessa darbee amma idil-addunyaatti qaari’e kan eegale kana booda ture. Seenaa ispoortii Raayyaa ittisa biyyaa erga seenee boodas, shaakala fiigichaa ijoollummaadhaan kuruphee ari’ee qabuudhaan eegale cimsee itti fufuun dorgommiiwwan atileetiksii biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti hirmaachuun maqaa biyya isaa waamsiseera. Seenaa bara fiigicha isaa keessatti atileetota fiigicha fageenyaatiin dursa qaban keessaa tokko ture. dorgommiiwwan biyya keessaatiin milkaa'ina guddaa galmeesseera. Ababaa Biqilaa wajjin michuu fi shaakala Ispoortii fiigichaatiin seenaa wal fakkaataa qabu ture. Dorgommiiwwan irratti hirmaatan irratti yeroo tokko tokko Ababaa Biqilaa injifachaa akka ture odeeffannoowwan ni mul’isu. Dorgommii Olompikii Room bara 1960 Waamii Birraatuun garee Itiyoophiyaa bakka bu'ee Olompikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee ture. Haa ta'u malee, dorgommii kun gaggeeffamuuf guyyoonni saddet wayita hafan dhukkubsatee dorgommii Olompikii sana irratti hirmaachuu hin dandeenye. Bakka isaa Ababaa Biqilaan dorgommucharratti hirmaatee, maaraatoonii Olompikii Roomaa miila duwwaa fiiguun injifatee seenaa addunyaarratti har’allee ittiin waamamu galmeesse. Waamii Birraatuun Abbabaa Biqilaa dabalatee atileetota beekamoo kanneen akka Maamoo Waldee, Dammisee Waldee waliin shaakala fiigichaa irratti hariiroo cimaa qaba ture. Akkasumas atileetota dargaggoota leenjisuu fi iddoowwan shaakala fiigichaa babal'isuurratti gahee akka qabullee seenaa ispoortii keessatti iddoo guddaa akka qabu odeeffannoowwan ni eeru. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaatti Meedaaliyaa warqee 30, Meedaaliyaa meetii 40, Meedaaliyaa naasii 10 akka argate odeeffannoowwan garagaraa ni mul’isu. Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu Yeroo ammaa umuriinsaa wagga 109 yoo ta’u, har’allee Ispoortiin ala jiraachuu akka hin dandeenye dubbata. Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu jaalala ispoortiif qabu, ''Ispoortiirra du'a qofatu adda na baasa'' jechuun BBC oduu Afaan Oromootti himeera. Waamii Birraatuun abbaa seenaa fiigicha fageenyaa Itiyoophiyaa keessaa tokko jedhamee yaadatama. Kanaaf “World Athletics” bara 2021 irratti seenaa isaa mata-duree “Wami Biratu, the grandfather of Ethiopian distance running” jedhuun dhiheesseera. Bahaasa garagaraa Atileetiin beekamaan fi abbaan fiigicha fageenya dheeraa Itioophiyaa, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu, bara dorgommii isaa keessatti meedaaliyaawwan fi badhaasota adda addaa hedduu injifateera. Bara 1950ootaa fi 1960oota keessa biyya keessaa fi idil-addunyaatti dorgomuun seenaa guddaa galmeesseera. Meedaaliyaawwan Fiigichaa Waamii Birraatuun dorgommiiwwan fageenya gabaabaa fi dheeraa (meetira 1500 irraa eegalee hanga maaraatoonii fi qaxxaamura biyyaatti) irratti hirmaachuun meedaaliyaawwan hedduu argateera. Meedaaliyaawwan Waligalaa Akka odeeffannoon seenaa isaa agarsiisutti, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaa keessatti dorgommiiwwan biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomeen meedaaliyaa warqee 30 , meetii 40, fi naasaa 10 walumaa gala meedaaliyaa 80 injifateera. Dorgommiiwwan raayyaa ittisa biyyaa fi shaampiyoonaa biyyaalessaa irratti irra deddeebiin injifachuun waancaa fi badhaasota adda addaa mootii yeroo sanaa Hayila Sillaasee harkaa fudhateera. Badhaasota Kabajaa fi Beekamtii Akka odeeffannoon World Athletics ibsutti Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun gumaacha atileetiksii Itiyoophiyaa bu'uuressuu fi dhaloota akka Abbabaa Biqilaa leenjisuu keessatti qabuun akka "Akaakayyuu Fiigicha Fageenya Dheeraa Itoophiyaa"tti kabaja olaanaa qaba. Bara 2004tti Golambaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti seenaa fi meedaaliyaawwan isaa kan agarsiisu agarsiisni addaa qophaa'eefii kabajameera. Bara 2021tti injifannoo Maaraatoonii Osaakaa waggaa 60ffaa sababeeffachuun Masaraa Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti kabajaa fi badhaasni beekamtii kennameeraaf. Xumura Mata duree yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran jedhu jalatti kan isiniif dhiheessine seenaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu irraa dhaloonni waan guddaa barata jenneetu amanna. Kan jalqabaa namni kamiyyuu kennaa keessasaa jiru beekuun kan jalqabaati. Namni kennaa keessasaa jiru beeke ammoo of qopheesee gufuun kamiyyuu yoo isa mudate galma kaawwate bira gahuuf cichee hojjechuu qaba. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun Olompiikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee turban tokko yoo hafu dhukkubsatee hirmaachuu dadhabus osoo abdii hin kutatiin cimee hojjechuun dorgommiiwwan itti aanan kan biyya keessaas ta’e kan idil addunyaarratti hirmaachuun injifannoowwan garagaraa galmeessiseera. Atileetiin gameessi kun har’allee umurii wagga 109tti ispoortiirraa gargar hin baane. Ispoortiirraa waanti adda na baasu du’a qofa jechuunsaa kaayyoo ganamaaf cichoomina qabu kan agarsiisudha. Namni kamiyyuu kennaasaa haa baru, kaayyoo fi galma haa qabaatu, galmasaa bira gahuuf haa cichu jenna.
Yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha – Doktar Akliiluu Taaddasaa
Nov 14, 2026 382
Sadaasa 5/2019 (ENA)-Yaada mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa dinagdee biyya tokkoo guddisuu danda’u ta’uu ministirri dargaggootaa fi Ispoortii Doktar Akliiluu Taaddasaan ibsan. Ministirichi milkaa’inni dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti galmaa’e milkaa’ina injifannoo Itiyoophiyaan yeroo hunda galmeessisaa turte ta’uu ibsaniiru. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti carraaqqii cimaa taasisuun bu’aa galmeessisan duuba wanti guddaan mul’atu obsaa fi hafuurri injifannoo ta’uu Ministirichi dubbataniiru. Hafuurri obsaa fi injifannoo duuba meedaaliyaa warqee jiru kun dameewwan hojii hundatti akka dagaaguuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee ispoortii keessattis biyya injifattuu ta’uu seenaa atileetota durii ragaa godhachuun, dhaloota atileetota haaraa irratti hojjechuun bu’aa fi seenaa atileetota duraanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kanaafis mootummaan baay’ina atileetota dargaggootaa guddisuu fi akadamiileen itti gaafatamummaa isaanii akka bahan irratti hojjechuu akka itti fufu ibsaniiru. Kana malees, iddoowwan shaakala ispoortii atileetota oomishan babal’isuu, waldaalee ispoortii cimsuu fi iftoomina hojii akka mirkanaa’u ni hojjetama jedhaniiru. Ministirichi yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha jedhamee akka amanu ibsuun, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan cimee akka hojjetu dubbataniiru. Pirezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Doktar Ashebir Waldaqgiyoorgis, injifannoon galmaa’e abdii haaraa fi milkaa’ina haaraa kan uume ta’uu ibsuun, ummata Itiyoophiyaa yeroo warqee ispoortii isaa waliin deebisee walitti hidhuuf boqonnaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Itoophiyaan dorgommii Daakaar irratti hirmaatteen atileetiksii keessatti meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3, waliigala meedaaliyaa 8 argachuun addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa qabattee xumuruu dandeesseetti.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifame
Nov 20, 2026 191
Sadaasa 11/2019(ENA)- Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa Magaalichatti kabajamu sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuun ibsameera. Duulli Ashaaraa Magariisaa Mallattoo Waloomaafi danoomaan injifachuu Sabaafi Sablammootaa ta’uun ibsameera. Itti Aanaan Kantiibaa fi qindeessaa Kilaastara damee Misooma Baadiyyaa magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu, mootummaan badhaadhinaa Sabaa fi Sablammootaaf bilisummaa fi wal-qixxummaa guutuu gonfachiisuun ijaarsa biyyaa fi imala badhaadha eegalame keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuusaa himaniiru. Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa sadaasa 17-20/2019 Sadarkaa Naannoo Oromiyatti mata duree “Itiyoophiyaa Qaroomtee, Sabaa fi Sablammootaan faayamtee, mariin Ijaaramte” jedhuun Magaalaa Shaggariitti kabajama jechaniiru. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeettii Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa Sababeeffachuun kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Eegduutti taasifameera Magaalaa Shaggariitti biqiluu miliyoona 22 ol duula ashaaraa magariisaan akka dhaabbatees yaadachiisaniiru. Bulchaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Obbo Tafarii Nigaatuu gama isaanii akka kutaa Magaalichatti biqiltuun nyaataa, bosonaa fi qorichaa miliyoonaa 1 tuqaa 8 akka dhaabbate himanii, kunuunsaa fi eeggicha taasifameen biqiltuwwan dhaabbatan hundi latuu akka danda'e dubbataniiru. Sagantaa kunuunsa Biqiltuu kana irratti Af-Yaa'ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee, hooggantoota sadarkaa sadarkaan jiranii fi hawaasni irratti argamaniiru.
Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite
Nov 17, 2026 248
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Turkiyyee Antaaliyaatti yaa'ii 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP31) irratti gaggeeffamaa jiru irratti, waggaa darbe keessatti dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqqaa fi jijjiirama qilleensaaf dandamachuu danda'u ijaaruun gama galmeessisteen bu'aalee qabatamaa argattee fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa ifoomsiteetti. Paviloonii Itiyoophiyaa COP31 Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata-duree “Beleem irraa hanga Antaaliyaatti, dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii fi jijjiirama qilleensaaf dandamatu ijaaruun imala Itiyoophiyaa” jedhuun waltajjiin gamaaggamaa olaanaa gaggeeffamerratti bakka bu'oonni mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru. Waltajjii gamaaggamaa Paviloonii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti, bara 2018 qofa biqiltoonni biiliyoona 8.2 ol dhaabamuu fi erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabamee kaasee lakkoofsi biqiltoota dhaabamanii biiliyoona 56 ol ga'uun ibsameera. Dabalataanis, lakkoofsi konkolaattota elektirikii Itiyoophiyaa keessatti argamanii kuma 144 fi 429 ga'uun eerameera. Gama fooyya'insa imaammataa fi dhaabbilee irraa, labsii gabaa kaarboonii raggaasifamuu, sirni galmee kaarboonii biyyaalessaa qophaa'uu, wiirtuun odeeffannoo jijjiirama qilleensaa hundeeffamuu, akkasumas sirni hordoffii, gabaasaa fi mirkaneessaa walitti hidhame diriirfamuu isaanii akka bu'aawwan ijoo galmaa'anitti eeramaniiru. Itiyoophiyaan yaa'iin COP32 bara 2027 Finfinneetti keessummeessitu milkaa'inaan gaggeessuuf sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti qophii taasisaa akka jirtu ibsameera. Kana malees, michoonni misoomaa, dhaabbileen idil-addunyaa fi dameen dhuunfaa faayinaansii jijjiirama qilleensaa, dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti deeggarsa isaanii akka cimsan waamichi dhihaateera. Waltajjicharratti bakka bu'oonni Biriiteen, Jarmanii fi Gaanaa, akkasumas bakka bu'oonni olaanoon sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi NDCP irratti hirmaatan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda'u, nyaataa of danda'uu fi misooma magariisaa magaalotaa irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru. Odeeffannoon ministeera tarsiimoo biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan Antaaliyaa irraa gara Finfinneetti imala itti fuftu keessatti waadaa jijjiirama qilleensaa galte gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Afrikaa fi addunyaarratti dandamannaa jijjiirama qilleensaa ijaaruu keessatti kutannoo qabdu mirkaneessiteetti.
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Nov 13, 2026 397
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru. Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 299
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24929
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20693
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.