ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru
Dec 23, 2025 79
Muddee 14/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa beeksise. Biirichi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu akkasumas miidhaa qaqqabu ittisuuf waltajjii marii Kaayyoo kana irratti xiyyeeffate Godina Baalee keessatti qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin gaggeesseera. Itti Aanaa Itti Gaafatamtuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa Aaddee Samiiraa Faaris waltajjicharratti akka jedhanitti, Naannichatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu hir’isuuf qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Akkasumas mirga dubartootaa fi daa’imman eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo kana fulla’insaan hir’isuuf dubartoota humneessuu, hubannoo uumuu fi warra yakka raawwatan seeraan akka gaafataman gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa hoggantoonni amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni waliin ta’uun hojjechuun miidhaan dubartootaa irratti qaqqabu hir’achaa dhufuu isaa ibsaniiru. Biirichi haleellaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuun cinatti fayyadamummaa isaanii gama hundaan guddisuuf hojechaa jiraachuu ibseera. Godina Baaleetti deeggarsi Birrii miiliyoona 2 ol baasuun maashinii daabboo fi baabura midhaan daaku dubartoota waldaan gurmaa’aniif biirichaan taasifame tattaaffii taasifame agarsiisa jechuun ibsaniiru. Waltajjiin marii kunis gochaalee akka butii fi gaa’ila umurii malee dubartoota irratti raawwataman ittisuuf qindoomina qaamolee fhimmi ilaallatuu cimsuuf gahee guddaa akka qabaatu kan dubbatan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godina Baalee Aaddee Robdaa Jaarsoo dha. Godinichattis dhimma kana irratti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiilee eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Hirmaattonni waltajjii kanaas gochaaleen miidhaa geessisan aadaa miidhaa geesisan kannee barsiisa Gadaarraa ala waan ta’aniif rakkoon kun akka furamu itti gaafatamasaanii akka bahan dubbataniiru.
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaarratti waliin hojjechuuf kan gargaaru walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessan
Dec 23, 2025 70
Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaan waliin hojjechuuf kan gargaaru walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessaniiru. Walii galteen kun misooma egeree, Invastimantii waloo fi sirna fayyaa cimsuurratti kan xiyyeeffate boqonnaa tumsa fayyaa haaraa Itiyoo-Ameerikaa ta’uun himameera. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa walii galtee kana mallatteessaniiru. Walii galteen tumsa fayyaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa kun waggoota shaniif akka turu ibsameera.
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Dec 23, 2025 47
Mudde 14/2018(ENA) - Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu haggantoonni mootummaa olaanoon ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti jalqabsiisuun isaanii ni yaadatama. Jalqabsiisa sagantichaa irratti hoggantoonni mootummaa olaanoon ibsa kennaniin, gahumsa lammiilee Dijitaala Itiyoophiyaa guddisuu, galii mootummaa dabaluu fi odeeffannoo qindaa’aa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Muluuqan Qarree saganticha irratti akka dubbatanitti, bara 2030tti dijitaala Itiyoophiyaa hojiirra oolchuuf kallattiin kaahameera. Kanaanis ummata biyyattii keessaa dhibbentaan 70 beekumsa Dijitaalaa akka qabaatu ibsuun, keessumaa dhibbentaan 80 hojjettoota mootummaa gahumsa dijitaalaa akka qabaatan ni taasifama jedhaniiru. Kana milkeessuufis lammiilee miliyoona 10niif leenjiin kallattiin akka argatan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Guddina diinagdee saffisiisuuf ‘istaartaappiiwwan’ haaraa kuma shan gara hojiitti galchuu fi damichaan lammiilee miliyoona tokkoof carraa hojii uumuuf karoora qabaachuu isaaniis eeraniiru. Kunis dameen dijitaalaa bara 2030tti oomisha waliigalaa biyya keessaa biyyattiif dhibbeentaa 12 akka gumaachu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Galiiwwanii Daawit Wubisheet gama isaaniin, bu’aan ce’umsa dijitaalaa galii walitti qabuu galii mootummaa irratti argame abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 dandeettii gibira walitti qabuu haalaan akka guddise eeruun; yeroo ammaa kaffaltoonni gibiraa kuma 58 ta’an gibira isaanii dijiitaalaan beeksisaa akka jiran hubachiisaniiru. Tarsiimoo 2030n dhaabbilee adda addaa waliin sirna dijitaalaa qindoome ijaaruun dandeettii gibiraa galii walitti qabuu daran cimsuuf akka hojjetamus mirkaneessaniiru. Deetaan Ministiraa Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa riijinii Yidinaaqaachoo Warquu haawaasaa saganticha irratti dabarsaniin, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti hojiiwwan sirna daldalaa ammayyeessuu dandeessisan hedduun ni raawwatamu jedhaniiru. Adeemsa daldala galtee fi al-ergii biyyattii dijiitaala gochuun faayidaan damichaa dinagdeef qabu daran akka cimus ibsaniiru. Waggoota itti aananii dhufan keessatti daldalli adeemsifamu guutummaa guutuutti akka jijjiiramu, lammiileen daldala xixiqqaa irratti bobba’an daldala idil-addunyaa fi biyyaalessaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan dubbataniiru.
Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira
Dec 23, 2025 46
Mudde 14/2018(ENA)–Fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibse. Waltajjiin Diinagdee Dubartootaa biyyaalessaa 4ffaan Ministeerichi (UN.Women) fi ‘Action Aid’ waliin ta’uun qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee akka beeksisanitti, fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun dhiibbaa irra jiru xiqqeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa walin hojjetamaa jira. Dubaartoonni humni diinagdeesaanii fooyya’aa ta’e hirkattummaarraa adda bahanii fi ofiin murteessummaansaanii kan guddaate akka ta’uu kaasaniiru. Galma misooma fulla’aa milkeessuuf fayydamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun akka malu eeruun, damee hundaan dubartoota jajjabeessuu fi mirgasaanii kabachiisuun dhimma xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Hojiiwwan inisheetiivii qonnaan olitti Industirii fi dameewwan biroon hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Fooramichi Dubartoota Dinagdeen gahoomsuu waliin wal-qabatee kallattiiwwan gara fuula duraa kan itti kaa’aman ta’uusaan, fayyadamummaa Dinagdeesaanii guddisurratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin cimsuuf carraa uumeera jedhaniiru. Itti Aannaan Daarektara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN.Women) Itiyoophiyaa Mistar Shaadiraak Dusaabee gamasaaniin dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamoo taasisuu akka qaban dubbataniiru. Dubartoota Dinagdeen gahoomsuuf hirmaannaa fi qindoominni qama hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, foramichi sagalee dubartootaa ta’uun qaamolee qooda fudattoota wal quunnamsiisuun qooda olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru. Keessumaa tattaaffiin qindoominaa hoggantoonni mootummaa, dhaabbata hawaasa siivikii , deeggartoota dhaabbata misooma Idil- Addunyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru. Ministeerichi qabeenya walitti qabuun dubartoota fayyadamoo taassisuuf sochii taasisaa jiru dhaabbatichi akka deeggaru eeraniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gara kutaa Magaalaatti babal’isuuf hojiiitti galameera
Dec 23, 2025 38
Mudde14/2018(ENA)– Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Sadarkaa Magaalaatti kennamaa jiru gara kutaa Magaalaa 12tti babal’isuuf hojiitti galamuun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar dabalatee Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti eegalamee tajaajila si’ataa fi Ariifataa kennuu eegaluun ni yaadartama. Magaala Shaggaritti Sanbataa fi sa’aatii laaqanaa dabalatee guyyaa hojii mootummaa hundatti tajaajila kennaa jiraachuu ibsameera. Hojii gaggeessaan Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa shaggar Mokonnon Ambee ENA waliin turtii taassisaniin akka ibsanitti, tajaajilli Masoob sadarkaa magaalaatti eegalame hojiin bababl’isuu eegalamuu ibsaniiru. Tajaajilicha Bulchiinsa Magaalichaa jala kan jiran Kutaawwan Magaalaa 12tti hawaasaaf qaqqabsiisuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti wiirtuun hojiitti gale dedeebbii maamilaa hir’isuurra darbee tajaajila si’ataa kennuu kan danda’e ta’uu dubbataniiru. Giddugalichi tajaajila erga eegalee asitti tajaajilamtoota kuma 23 fi 800 ol gara gidduugalichaa kan dhufan yoo ta’u isaan keessaa lammiileen kuma 21 fi 500 ol tajaajila saanii yeroo gabaabaatti xumurachuu danda’aniiru jedhaniiru. Gidduugalichi hojii eegaluun tajaajilawwan bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti fiduun danda’amuu fi gama saffisaan milkaa’inni galmaa’eera jedhaniiru. Kanarra darbee tajaajila teekinooloojiin kennuu danda’uu kan ibsan hogganaan kun kunis itti quufinsa maaamilaa guddisuuf gargaaruu ibsaniiru. Baatiiwwan 3 fuulduraa keessatti kutaawwan magaalaa 12nitti tajaajilicha eegalchiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin qindoominaa cimaan hojjetama jedhaniiniiru. Sadarkaa kutaa magaalaatti tajaajilicha babal’isuuf kutaawwan magaalaa 12tti gamoowwan tajaaajila kennan 5 keessatti hojiin qophii taassisuu hojjetamuusaa ibsaniiru. Dabalataanis Buraayyuu, Xaafoo,Sabbataa fi naannoo Galaanitti gamoon abbaa darbii Afurii adda bahanii sochii eegaluu eeruun, bifa haaraan immoo Furii, Noonnoo, Galaan guddaa, Gujee, Kuraa Jiddaa, Kooyyee fi Mana abbichuutti hojiin bakka adda baasuu hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayydama teekinooloojii fi naamusa waliin wal-qabatee humna namaa gahoomee fi dorgomaa guuttachuu fi hojiin leenjii kennuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Siyaasa
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin mari’atan
Dec 23, 2025 92
Mudde 14/2018(ENA) - Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo waliin har’a magaalaa Finfinneetti mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo guyyaa tokkoof gara Itiyoophiyaa daawwannaa hojiif dhufan simachuu ibsaniiru. Daawwannichis hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii fi obbolummaa kan ibsu ta’uu eeraniiru. Marii gamlameetiinis, hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu, akkasumas dhimmoota Gaanfa Afrikaatti nageenyaa fi tasgabbii buusuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru. Kun nagaa fi tasgabbii, akkasumas furmaata Afrikaan durfamuuf kutannoo waloo qabnu kan agarsiisu ture jedhan Ministirri Muummee ergaa isaaniin.
Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaase
Dec 23, 2025 79
Mudde 14/2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee gaggeesseen wixinee labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi kuwaaraantaayinii fooyya’e raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa walga’ii idilee 5ffaa bara hojii 5ffaan gaggeesseera. Itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo wixineen labsii eegumsa biqiltuuwwanii fi Kuwaaraantaayinii oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Wixineen labsii kun ilbiisa biqiltuu midhaanirratti uumamu sirna hojmaataa dursanii ittisuu diriirsuudhaan qisaasa midhanii hir’isuun oomishtummaa midhaanii dabaluudhaan oomishtummaa qonnaa fooyyessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee gamasaaniin, Itiyoophiyaan bqiltuu fi lubbu qabeeyyii hedduu qabaattus hammattoo seeraa qabeenya uumamaa qabdu sirnaan itti fayyadamuuf gargaaru hin qabdu ture. Kunis hmmattichi boodatti hafaa fi to’annoof mijataa waan hin taaneef labsii kana fooyyessuun barbaachisuunsaa ibsameera. Wixineen labsii kun dhiibbaa sababa ilbiisaa fi aramaa biqiltuurratti mudatuun oomishtummaa qonnaarratti qaqqabu sirna to’annoo cimaatiin ittisuuf akka gargaaru himaniiru. Wixineen labsii eegumsa biqiltuu fi kuwaaraantaayinii kun waliigalteewwan eegumsa biqiltuu idil addunyaa ka’umsa godhachuun qophaa’uusaa ibsaniiru. Wixineen labsii kun Itiyoophiyaan qabeenya biqiltuu qabduuf kunuunsa barbaachisu gochuun fayyadama dinagdee guddisuuf dandeettii uumuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensonni mana maree wixinee labsii kanarratti yaada kennuun sagalee guutuun raggaaseera. #ENA Afaan Oromoo#ENA#TOI
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Dec 23, 2025 64
Mudde 14/2018 (TOI)- Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojiif har’a Finfinnee dhufaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo daawwannaa hojii guyyaa tokkoof Finfinnee dhufan simachuusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin wal quunnamtu turte gaafachuun ishee kan seerri deeggarudha- Hayyoota
Dec 23, 2025 106
Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee kan addunyaa waliin ittiin wal quunnamtu turte gaafachuun kan seerri deeggaru ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii dhalootaa waan ta’eef ciminaan itti fufamuu kan qabu dha. Yunivarsiitii Asoosaatti diinii fi Qorataan Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa doktar Abbabaa Aannoo akka jedhanitti; Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kanaan dura biyyoota addunyaa waliin walqunnamtu akka qabaattu gaaffiin gaafattu dhimma bu’uuraa waan ta’eef cimee itti fufuu qaba. Kanaan dura ulaa galaanaa isheen biyyoota alaa waliin daldalaan, daawwannaan akkasumas hojiilee birootiin hariiroo cimaa qabdu turte eeruun, kanas seenaan ragaa ta’uu himaniiru. Haata’u malee waggoota 30 as ulaa galaanaa ishee shira siyaasaan dhabuun kan nama gaabbisiisuu fi gaddisiisu dha jedhan. Ulaa galaanaa ishee dhabdee osoo jirtuu akka waan homtuu hin’uumamneetti callisuun sirrii akka hin taane ibsuun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu itti amanamee ifaajii dhaloota ammaatiin tattaaffiin jalqabame murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya aadaa fi uummata guddoo qabdu akka isheen ulaa galaanaa hin qabaanne seerri dhorku hin jiru kan jedhani immoo Yunivarsiitii Yuniitiitti Barsiisaa Hooggansaa fi Hariiroo Idil Addunyaa doktar Geetiyyee Tirfeedha. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu gaaffii qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’uu eeruun, gaaffiin kuni seeraanis, seenaanis akkasumas uumama haala teessuma lafaanii fi seera idil addunyaatiinis fudhatama kan qabu ta’uu dubbatan. Yunivarsiistii Wachaamootti barsiissaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Mulu’alam H/Maariyaam gama isaaniin ulaan galaanaa bu’aalee hedduu qabu gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu murteessaa dha jedhan. Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa, qorataa siyaasaa Afrikaa Bahaa fi barreessaa Daawit Masgabee gama isaaniin sababni Itiyoophiyaan ulaa galaanaa ishee dhabdeef shira akka ta'es dubbatan. Ulaan galaanaa nageenya riijinichaa fi hariiroo hawaasaa cimsuuf shoora olaanaa waan qabuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba jedhan.
Ergamaa fi dirqamoota biyyoolessaa nutti kenname gootummaan bahachuuf qophiidha- Eebbifamamtoota Miseensota Komaandoo Addaa
Dec 22, 2025 194
Mudde 13/2018(ENA)- Nageenya biyyaa fi ummataa eegsisuuf dirqama biyyoolessaa kennamuuf gootummaan bahachuuf qophii ta’uu isaanii ibsan Miseensonni koomaandoo addaa eebbifaman. Poolisiin Itiyoophiyaa seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf miseensota humna komaandoo addaa kan akkaadaamii Poolisii Giddugala Leenjii Awaashitti leenji’an Kaleessa, bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti eebbiseera. Humni Komaandoo Addaa kun beekumsaa fi gootummaadhaan oppereeshiniiwwan akka raawwatus himameera. Miseensonni eebbifamtoota komaandoo addaa biyyaa fiuummata isaanii gootummaanii fi namummaadhaan tajaajiluuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Konistaabil Miikiyaas Gabayyoo,konistaabil Mirtinash Takkaa fi konistaabil Abdii Tafarraa yaada isaanii ENAf kennaniin, leenjiin fudhatan leenjii jabeenya qaamaa qofa osoo hin taanee kan bilchina sammuu fi ogummaa oppereeshinii ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan ergama biyyaalessaa kamiyyuu gootummaan hojiirra oolchuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Leenjiin kunis ergama biraaf kan nama qopheessu ta’uu dubbataniiru. Biyyaa fi ummata badii kamirraayyuu eeguuf hanga wareegama lubbuutti qophii ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni kunneen dargaggoonni Itiyoophiyaa kaanis fakkeenya isaanii hordofuun biyya isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Eebbifamtoonni kunneen kutaalee biyyattii hundarraa kan walitti dhufan waan ta’eef, yeroon leenjiirra turan, yeroo tokkummaa Itiyoophiyaa qabatamaan itti argan ta’uu himaniiru.
Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an marii ummataatiin kaafamaniiru-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Dec 21, 2025 267
Mudde 12/2018 (TOI)- Yaadonni hojii itti aanuuf galaa fi humna ta’an waltajjii ummataa magaalaa Miizaan Amaanitti gaggeeffamerratti bal’inaan kaafamuusaanii hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun tibbana magaalaa Finfinnee fi magaalaawwan naannoleetti gaggeeffamuun ni yaadatama. Mariiwwan ummataa gaggeeffaman ilaalchisuun hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo Biroon ibsa kennaniiru. Hogganaan damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa paartii badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana marii ummataa naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa magaalaa Miizan Amaanitti taa’ame gaggeessuusaanii dubbataniiru. Namoonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa dhufan dargaggoonni, dubartoonni, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, hayyoonnii fi hojjettoonni mootummaa marii cimaa taasisuusaanii ibsaniiru. Hirmaattonni kunneen hojiiwwan hojjetaman dinqisiifachuusaanii fi wantoota sirraa’uu qabanis kaasuusaanii eeraniiru. Labsiiwwan Gubaa dabalatee dhimma ulaa galaanaa akkuma hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa akka mikaa’an yaada bal’aa kaasuusaanii dubbataniiru. Yaadonni kaafaman kunneen ammoo gaabbii fi kaka’umsa caalu kan uuman waan ta’eef, hojiilee fuuldura akka biyyaatti hojjetamaniif galaa fi humna waan ta’aniif galtee ta’uun fudhatamu jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuutiin Nageenyaa fi Misooma Gaanfa Afriikaaf shoora adda durummaashee bahaa jirti
Dec 20, 2025 239
Mudde11/2018(ENA)- Itiyoophiyaan yaadama Ida’amuutiin Gaanfa Afriikaa jijjiiramaa ta’e keessatti nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda adda durummaashee bahaa jiraachuu Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el ibsan. Daarektaarri Quunnamtii Idil-Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Nabiyyuu Sihuul Mikaa’el (POA) waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan Biriiksitti(BRICS) tumsa gam hedduun sagalee Afriikaa dhageessisuuf hirmaannaa guddaa taassiaa jiraachuusee dubbataniiru. Haalli teessuma Gaanfa Afriikaa sochii daldalaaf mijattuu ta’uu kaasuun, sochiin daldala Addunyaa dhibbantaa 30 kan adeensifamu riijinii kana keessatti kan raawwatamu ta’u dubbataniiru. Riijinichi fedhiin qaamolee hedduu kan keessa jiru ta’uu Itiyoophiyaan Faayidaa biyyoolessaashee haala eegsisuun biyyoota waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Yaadama Ida’amuun Nageenyaa fi misooma gaanfa Afriikaa Jijjiiramaa ta’e mirkaneessuuf shoora adda durummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa dhiibbaa Itiyoophiyaan Riijinichatti uumtu yaadama ida’amuun dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu ibaniiru. Karoora misoomaa milkeessuuf tumsa biyyoota waliin qabdu cimsuu akka qabdu eeruun kanaafis tattaaffii dhuunfaan olitti ida’amuun bu’aa qabeessa taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan walii galteen Daldala Riijinii bilisaa Afriikaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen Riijinii akka hundeeffamanii fi tokkummaan Afriikaa akka cimuuf Itiyoophiyaan qooda olaanaa bahuushee ibsaniiru. Hidhi haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa Dippiloomaasii cimaan xumurmuunsaa Itiyoophiyaarra darbee Afriikaan hundi kan itti boonu ta’uu kan kaasan Obbo Nabiyyuun, hidhichi walitti hidhaminisa Diinagdee Riijinichaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Gama biroon Itiyoophiyaan BRICS’tti tumsa gam hedduu fi hirmaannaa guddaa taassisuun ofirra darbitee sagalee Afriikaa dhageessisuushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan Biyyoota Miseensa BRICS waliin tumsa qabdu cimsuun karoora misoomaa fi faayidaa biyyoolessaashee kabachiisuuf ni hojjetti jedhaniiru.
Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa cimee itti fufeera
Dec 20, 2025 202
Mudde11/2018(ENA)-Godina Gujii Lixaatti olaantummaa seeraa fi nageenyaa waraa mirkaneessuuf hojiin qindoominaa hawaasa hirmaachise cimanii ittifufuusanii Wajjirri Bulchiinsaa Godinichaa beeksise. Itti Gaafatamaan Waajirichaa Obbo Ayyalaa Danbaa hidhattoonni duraanii waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii deebi’uunsaanii itti fufeera jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii gara nagaatti deebi’an leenjii haaromsaa fudhatanii hawaasatti makamanii jireenya idileesanii akka gaggeeffatan taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Gara fuulduraattis Godinichatti olaantummaa seeraa fi nageenya kabachiisuu fi cimsuuf hojiin qindoominaa hawaasa haala hirmaachise cimanii itti fufuu ibsaniiru. Qajeelcha poolisii godinichaatti itti gaafatamaan kutaa miidiyaa fi komunikeeshinii Inispeektar Fayyeeraa Keeyiraddin, hidhattoonni duraanii guyyaa guyyaan gara daandii nagaatti dhufaa jiraachuu ibsaniiru. Karaa dogoggoraan rakkoo keessa kan seenan hidhattoonni duraanii gara nagaatti akka dhufaniif Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa fi hawaasni waamicha taassisaa turuusaanii yaadachuun, kunis bu’aa qabatamaa fiduu ibsaniiru. Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Jaarsoo Dhugoo, Jaarsolii biyyaa godinichaa fi kutaa hawaasaa biroo waliin ta’uun hidhattoota duriif waamicha nagaa taassisaa turuusaanii ibnsaniiru. Kanaanis hidhattoonni durii hedduun Aadaa fi duudhaasaanii akkasumas, waadaasaanii kabajuun deebi’aa waan jiraniif godinichatti nageenyi bu’eera jedhaniiru. Rakkoo mariin hiikuun ala wal miidhuurraa faayidaan argamuu fi jijiiramni dhufu hin jiru jedhaniiru. Hidhattoota gara nagaatti deebi’an keessaa, Liiban Shaggaa yaada kennanneen nageenya filachuun deebi’uun hawaasa miidhe kiisuuf qophaa’uusaa ibseera. Hidhattoonni bosonatti hafanis waamicha nagaa fudhatanii akka deebi’aniif dhaamsa dabarseera.

Hawaasummaa
Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiru
Dec 23, 2025 79
Muddee 14/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuuf hojiiwwan qindoominaan hojjetaman bu’aa agarsiisaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa beeksise. Biirichi hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisuu akkasumas miidhaa qaqqabu ittisuuf waltajjii marii Kaayyoo kana irratti xiyyeeffate Godina Baalee keessatti qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin gaggeesseera. Itti Aanaa Itti Gaafatamtuu Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa Aaddee Samiiraa Faaris waltajjicharratti akka jedhanitti, Naannichatti miidhaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu hir’isuuf qaamolee adda addaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Akkasumas mirga dubartootaa fi daa’imman eegsisuuf hojiiwwan hojjetaman jijjiirama gaarii agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoo kana fulla’insaan hir’isuuf dubartoota humneessuu, hubannoo uumuu fi warra yakka raawwatan seeraan akka gaafataman gochuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Keessumaa hoggantoonni amantaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi hawaasni waliin ta’uun hojjechuun miidhaan dubartootaa irratti qaqqabu hir’achaa dhufuu isaa ibsaniiru. Biirichi haleellaa dubartootaa fi daa’imman irratti qaqqabu ittisuun cinatti fayyadamummaa isaanii gama hundaan guddisuuf hojechaa jiraachuu ibseera. Godina Baaleetti deeggarsi Birrii miiliyoona 2 ol baasuun maashinii daabboo fi baabura midhaan daaku dubartoota waldaan gurmaa’aniif biirichaan taasifame tattaaffii taasifame agarsiisa jechuun ibsaniiru. Waltajjiin marii kunis gochaalee akka butii fi gaa’ila umurii malee dubartoota irratti raawwataman ittisuuf qindoomina qaamolee fhimmi ilaallatuu cimsuuf gahee guddaa akka qabaatu kan dubbatan Itti Gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Godina Baalee Aaddee Robdaa Jaarsoo dha. Godinichattis dhimma kana irratti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiilee eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Hirmaattonni waltajjii kanaas gochaaleen miidhaa geessisan aadaa miidhaa geesisan kannee barsiisa Gadaarraa ala waan ta’aniif rakkoon kun akka furamu itti gaafatamasaanii akka bahan dubbataniiru.
Sirni Awwalchaa Hojii Raawwachiisaa itti aanaa EBC Obbo Abdurrahamaan Ruubee raawwatame.
Dec 23, 2025 66
Mudde 14/2018(ENA) – Sirni Awwalchaa itti aanaa Hojii Raawwachiisaa olaanaa EBC Obbo Abdurrahamaan Ruubee raawwatameera. Obbo Abdurrahamaan dhibee isaan mudateen yaalamaa turuun guyyaa har'aa umurii waggaa 40tti du'aan addunyaa kanarraa boqotaniiru. Obbo Abdurrahmaan sadarkaa riipoortaraa hanga itti aanaa hojii raawwachiisaatti dhaabbiilee Miidiyaa garaagaraa keessatti tajaajilaniiru. Obbo Abdurrahmaan Abbaa ijoollee sadii turan. Guyyaa har’aa Sirni awwalcha isaanii bakka awwalcha Muslimootaa Kolfeetti raawwatameera. ENAn du’aan boqochuu itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa EBC obbo Abdurrahamaan Ruubeetti gadda itti dhagahame ibsaa, maatii, waahillan hojii fi firoota isaaniif jajjabina hawweera.
Garaagarummaan Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi mootummaa ida’amuu bu’aa galmeessisaa jira
Dec 23, 2025 43
Mudde 14/2018(ENA)- Garaagarummaan yaadaa Itiyoophiyaa keessatti mul’atu duudhaalee mandhaleetiin furmaata argachuu qaba kan jedhu ilaalchi Mootummaa Ida’amuu bu’aa galmeessisaa jiraachuu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa sirna Dimokiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, Mootummaan Ida’amuu nageenya mirkaneessuuf karaa nagaa qofa ta’uu akka qabu ejjannoo qaba. Itiyoophiyaanonni daandii nagaa itti buusan, wal dhabdee ittiin furan duudhaalee kan mataa isaanii qabaachuu eeruun, duudhaaleen mandhalee siyaasaa fi hawaasummaa guddachuu akka qaban himaniiru. Hawaasni rakkoolee karaa ittiin furanii fi nageenya buusan, tokkummaa kan ittiin cimsani, biyya kamirraayyuu kan hin fudhaatamne muuxannoo waggoota dheeraa lakkoofsise qabu jedhan. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu ilaalcha beekumsa mandhalee fi duudhaalee hawaasaa itti dhimma bahuun ijaarsa nageenyaa keessatti itti fayyadamuu qaba kan jedhu ijjannoo qaba jedhani. Mootummaan Ida’amuu nagaatti waan amanuuf qaamolee nageenya barbaadan waliin nagaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Qaamoleen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa hin barbaanne akka jiran ibsuun, nageenya waaraa ijaaruuf karaa nagaa filachuun akka barbaachisu dhaamaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Mootummaan Ida’amuu nageenyi waaraa kan argamu karaa nagaa qofaan akka ta’e cimsee akka amanu eeruun, duudhaalee mandhalee hawaasaa gara imaammataa fi tarsiimootti jijjiiruun nageenya waaraa mirkaneessuun ijjannoo isaa akka ta’e ibsaniiru. Kanaanis karaa nagaan yaada ammayyaa’aa fi fudhatama qabu hojiirra oolchuun nageenya waaraa mirkaneessuun kan danda’amu ta’uu bu’aan qabatamaan argamaa jira jedhani.
Sirni Awwaalcha Abdurahimaan Ruubee har’a raawwatama
Dec 23, 2025 101
Mudde 14/2018(ENA)– Sirni Awwaalchaa Itti Aannaan hojii gaggeessaa olanaa EBC kan turan Obbo Abdurahimaan Ruubee hara’a guyyaa sa’aatii 7:00 kolfee bakka Awwaalcha musiliimotaatti gaggeeffama. Obbo Abdurahimaan Ruubee dhukkubsatanii wal’aanama turuun har’a du’aan addunyaa kanarraa boqotaniiru. Obbo Abdurahimaan Ruubee sadarkaa Rippoortaraa hanga Itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaatti dhaabbilee Miidiyaa adda addaatti tajaajilaa kan turan yoo ta’u, Keessumaa OBN fi EBCtti Rippoortaraa eegalee sadarkaa hoggansaa adda addaatti tajaajilaniiru. Fulbaana 27 bara 2014 eegalee hanga lubbuun darbanitti Itti aanaa Hojii gaggeessaa olaanaa EBC ta’uun tajaajilaa turan . Obbo Abdurahimaan bulti kan dhaabbatanii fi Abbaa ijoollee sadii turan. Obbo Abdurahimaan, Naamusa gaarii kan qabnanii fi hojiisaaniin nama cimaa turan. Sirni awwaalchaa Obbo Abdurahimaan Ruubee har’a guyyaa sa’aatii 7:00 kolfee bakka awwaalchaa Musiliimotaatti raawwatama. ENA’n Du’aan Boqochuu Itti Aanaa Hojii raawwachiisaa olaanaa Abdurahimaan Ruubeetti gadda itti dhagahame ibsaa, maatii fi firoottansaanii fi waahillan hojiisaaniif jajjabina haawwa.
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaarratti waliin hojjechuuf kan gargaaru walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessan
Dec 23, 2025 70
Mudde 14/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Ameerikaan sektara fayyaan waliin hojjechuuf kan gargaaru walii galtee deeggarsaa doolaara biiliyoona 1 tuqaa 6 mallatteessaniiru. Walii galteen kun misooma egeree, Invastimantii waloo fi sirna fayyaa cimsuurratti kan xiyyeeffate boqonnaa tumsa fayyaa haaraa Itiyoo-Ameerikaa ta’uun himameera. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Maasiingaa walii galtee kana mallatteessaniiru. Walii galteen tumsa fayyaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa kun waggoota shaniif akka turu ibsameera.
Fayyadamummaa Dinagdee Dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jira
Dec 23, 2025 46
Mudde 14/2018(ENA)–Fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa jiraachuu Ministeerri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibse. Waltajjiin Diinagdee Dubartootaa biyyaalessaa 4ffaan Ministeerichi (UN.Women) fi ‘Action Aid’ waliin ta’uun qophaa’e Magaalaa Adaamaatti gaggeefamaa jira. Waltajjicharratti kan argaman Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee akka beeksisanitti, fayyadamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun dhiibbaa irra jiru xiqqeessuuf qaamolee qooda fudhattootaa walin hojjetamaa jira. Dubaartoonni humni diinagdeesaanii fooyya’aa ta’e hirkattummaarraa adda bahanii fi ofiin murteessummaansaanii kan guddaate akka ta’uu kaasaniiru. Galma misooma fulla’aa milkeessuuf fayydamummaa Diinagdee dubartootaa guddisuun akka malu eeruun, damee hundaan dubartoota jajjabeessuu fi mirgasaanii kabachiisuun dhimma xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Hojiiwwan inisheetiivii qonnaan olitti Industirii fi dameewwan biroon hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa cimsuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Fooramichi Dubartoota Dinagdeen gahoomsuu waliin wal-qabatee kallattiiwwan gara fuula duraa kan itti kaa’aman ta’uusaan, fayyadamummaa Dinagdeesaanii guddisurratti qaamolee qooda fudhattootaa waliin cimsuuf carraa uumeera jedhaniiru. Itti Aannaan Daarektara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN.Women) Itiyoophiyaa Mistar Shaadiraak Dusaabee gamasaaniin dubartoota gama hundaan gahoomsuu fi fayyadamoo taasisuu akka qaban dubbataniiru. Dubartoota Dinagdeen gahoomsuuf hirmaannaa fi qindoominni qama hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, foramichi sagalee dubartootaa ta’uun qaamolee qooda fudattoota wal quunnamsiisuun qooda olaanaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru. Keessumaa tattaaffiin qindoominaa hoggantoonni mootummaa, dhaabbata hawaasa siivikii , deeggartoota dhaabbata misooma Idil- Addunyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru. Ministeerichi qabeenya walitti qabuun dubartoota fayyadamoo taassisuuf sochii taasisaa jiru dhaabbatichi akka deeggaru eeraniiru.
Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii boneen lafti hektaarri kuma 300 Sanyiin facaafameera
Dec 23, 2025 50
Mudde 14/2018(ENA)–Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qamadii Jallisii Boneen lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinichatti Aanaa tokkee kuttaayeetti hojiin Misooma Jallisii Qamadii Bonee hoggantoota godinaa fi Aanaaleen daawwatameera. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Lixaa Abdiisaa Haayiluu akka jedhanitti, Qamadii jallisii Boneen lafa hektaara kuma 400 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Adeemsa hanga ammaan lafti hektaarri kuma 320 qophiin ooyruu xumuramee lafti hektaarri kuma 300 sanyiin facaafamuu eeruun waliigala lafa misoomerraa callaan kuntaalli Milliyoona 12 tuqaa 6 ni abdatama jedhaniiru. Misoma Jallisii Qamadii Bonee milkaa’aa taassisuuf Muuxannoo waggoottan darban irraa fudhachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessuma Xaa’oo Biyyee fi sanyii failatamaa haala fooyyee qabuun dhiheessuun danda’amuu fi qonnaan bulaan paakeejiiwwan qonnaa hojiirra akka oolchaniif deeggarsi ogummaa taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo wayyeessaa Alamuu gamasaaniin, Aanichatti qonna kilaastaraa hojiirra oolchuun misoomni jallisii bonee hojjetamaa jira. Aanichatti lafti hektaara kuma 20 qamadiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 10 ol sanyiin facaafamuu ibsaniiru. Aanichatti ganda Imala dawweetti Aajootti Qaama karoorichaa kan ta’e lafa hektaara 102 irratti sagantaan sanyiin qamadii facaafasuu gaggeeffamuu eeruun hojii misoomaa kanarratti qonnaan bultoonni 208 kilaastaraan hirmaachaa jiru jedhaniiru. Qonnaan bultoota Aanichaa ENA ‘n dubbise akka jedhanitti, misooma jallisii boneen hirkattummaarra bahuun waggaatti yeroo sadii misoomsuu danda’usaanii dubbataniiru. Qonnaan bulaan Araarsaa Dilgaasaa akka jedhanitti erga misooma Qamdii Jallisii eegalanii asitti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galiinsaanii guddachaa maatiisaanii haala fooya’een gaggeeffachaa jiraachu ibsaniiru. Bara kanas qonnaan bultoota biroo kilaastaraan gurmaa’uun qamadii facaasuusaanii ibsuun hektaara tokkorraa callaa kuntaala 35 akka abdatan ibsaniiru. Qonnaan bulaan Biroon aanichaa Gammachuu Dandanaa waggoottan sadan darban qonnaan bultoota naannichaa waliin kilaastaraan Qamadii jallisii misoomsaa jiraachuu ibsuun, kanaanis fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. Bara kana gama waajjira Qonnaa Aanichaan galteewwan omisha guddisanii fi Tiraaktarri dhihaateefii hojicha bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabii nyaataa Mirkaneessuurra darbee Aadaa hojii jijiiraa jira
Dec 22, 2025 81
Mudde13/2018(ENA)–Naannoo Oromiyaa Godina wallaggaa Lixaatti misoomni Qamadii Jallisii Bonee wabii nyaataa mirkaneessuurra darabee Aadaa hojii jijjiiraa jiraadhufuu Qonnaan bultoonni ibsan. Innisheetiviin Misooma Qamadii jallisii Bonee Qamdii Jallisiin misoomsuun akka danda’amu beeksisuun olitti sadarkaa biyyoolessaatti bakkeewwan barteedhaann gammoojjii Misoomaaf hin ta’an jedhamanii beekaman dabalatee gara misoomaatti galaa jiru. Misoomni Qamadii Jallisii Bonee misoomicha bal’inaan beeksisuurra darbee omishtummaasaa babal’isuun Qannaan bulaafis ta’e Diinagdee biyyaaf faayidaa qaban guddisuurratti naannoolee argaman keessaa Naannoon Oromiyaa tokkodha. Godinaalee naannicha jiran haala teessumaa qaban karaa eegeen innisheetifoota haarawaa Qamadii fi Ruuzii dabalatee baratamaa dhufeera. Qonnaan bultoonni Godina wallaga Lixaa jiran akka jedhanitti Misoomni Qamadii Jallisii Bonee Wabiinyaataa mirkaneessuurra darbee Aadaa hojiisaanii kan jijjiire dha. Godinichatti Qonnaan bulaan Aanaa Baabboo Gambeellaa Addisuu Tarreessaa, Misooma qamadii Jallisii boneerratti hirmaachuu erga eegalanii wabiinyaataasaanii mirkaneessuun fayyadamoo ta’uusaanii ibsaniiru. Kanaan dura rooba eeguun waggaatti yeroo tokko qofa omishaa turuusanii ibsuun hojichaanis jireenyaa saanii fooyyeffachuu akka hin dandeenye himaniiru. Waggoota jijjiiramaa as garuu, misooma jallisii Boneen jireenya isaanii fooyyeffachuu kan danda’an yoo ta’u,aadaan hojii isaanii kan jijjiiramaa dhufe ta’uu ibsaniiru. Baranas qophii haal duree gahaa taasisuun,lafa heektaara kurmaana tokko irratti qamadii kilaastaraan oomishaa jiraachuu dubbataniiru. Jiraataa qonnaan bulaa aanaa kanaa kan ta’an Beekuma Gabbisaa, bara kana lafa walakkaa heektaara jallisii Bonaa keessatti xaa’oo fayyadamuun akka misoomsan dubbataniiru. Misooma jallisii qamadii Bonee erga jalqabanii booda jireenyi isaanii kan fooyya’e ta’uu eeruun, hojiin misoomaa kuni waggaa guutuu hojii qonnaa irratti akka xiyyeeffatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Godina Wallaggaa Lixaatti itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa aanaa Baabboo Gambeel kan ta’an obbo Abarraa Dheeressaa akka jedhanitti, aanichatti lafti heektaara 9,000 qamadii jallisii Bonaan misoomeera. Kana irraas oomishni qamadii kuntaala kuma 100 ol akka eegamu ibsuun,qonnaan bultootaaf deeggarsiisfi hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Waajjira Qonnaa godina Wallaggaa Lixaatti ogeessa misooma jallisii kan ta’an obbo Girmaa Jalataa gama isaaniin; godinichatti bara kana qamadii heektaara kuma 196 ol misoomsuuf karoorfamee, hojii hanga ammaatti hojjetameen heektaara kuma 195, 531 midhaaniin uwwifameera jedhan. Misoomichaan qonnaan bultoota kuma 91 ol hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, callaa kuntaala miliyoona 7 ol argachuuf kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultootaaf dhiyeessiin galteewwan qonnaa dabalatee, paampiin bishaan harkisu dhiyaachuufii ibsuun deeggarsiifi hordoffiin taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Akkasumas oomishaalee gahan osoo hin qisaasa’iin sassaabuuf hojjetamaa jira jedhani.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Dec 23, 2025 47
Mudde 14/2018(ENA) - Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 guddina diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu haggantoonni mootummaa olaanoon ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti jalqabsiisuun isaanii ni yaadatama. Jalqabsiisa sagantichaa irratti hoggantoonni mootummaa olaanoon ibsa kennaniin, gahumsa lammiilee Dijitaala Itiyoophiyaa guddisuu, galii mootummaa dabaluu fi odeeffannoo qindaa’aa hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Innooveeshinii fi Teeknooloojii Muluuqan Qarree saganticha irratti akka dubbatanitti, bara 2030tti dijitaala Itiyoophiyaa hojiirra oolchuuf kallattiin kaahameera. Kanaanis ummata biyyattii keessaa dhibbentaan 70 beekumsa Dijitaalaa akka qabaatu ibsuun, keessumaa dhibbentaan 80 hojjettoota mootummaa gahumsa dijitaalaa akka qabaatan ni taasifama jedhaniiru. Kana milkeessuufis lammiilee miliyoona 10niif leenjiin kallattiin akka argatan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Guddina diinagdee saffisiisuuf ‘istaartaappiiwwan’ haaraa kuma shan gara hojiitti galchuu fi damichaan lammiilee miliyoona tokkoof carraa hojii uumuuf karoora qabaachuu isaaniis eeraniiru. Kunis dameen dijitaalaa bara 2030tti oomisha waliigalaa biyya keessaa biyyattiif dhibbeentaa 12 akka gumaachu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministiraa Galiiwwanii Daawit Wubisheet gama isaaniin, bu’aan ce’umsa dijitaalaa galii walitti qabuu galii mootummaa irratti argame abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 dandeettii gibira walitti qabuu haalaan akka guddise eeruun; yeroo ammaa kaffaltoonni gibiraa kuma 58 ta’an gibira isaanii dijiitaalaan beeksisaa akka jiran hubachiisaniiru. Tarsiimoo 2030n dhaabbilee adda addaa waliin sirna dijitaalaa qindoome ijaaruun dandeettii gibiraa galii walitti qabuu daran cimsuuf akka hojjetamus mirkaneessaniiru. Deetaan Ministiraa Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa riijinii Yidinaaqaachoo Warquu haawaasaa saganticha irratti dabarsaniin, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti hojiiwwan sirna daldalaa ammayyeessuu dandeessisan hedduun ni raawwatamu jedhaniiru. Adeemsa daldala galtee fi al-ergii biyyattii dijiitaala gochuun faayidaan damichaa dinagdeef qabu daran akka cimus ibsaniiru. Waggoota itti aananii dhufan keessatti daldalli adeemsifamu guutummaa guutuutti akka jijjiiramu, lammiileen daldala xixiqqaa irratti bobba’an daldala idil-addunyaa fi biyyaalessaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan dubbataniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gara kutaa Magaalaatti babal’isuuf hojiiitti galameera
Dec 23, 2025 38
Mudde14/2018(ENA)– Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Sadarkaa Magaalaatti kennamaa jiru gara kutaa Magaalaa 12tti babal’isuuf hojiitti galamuun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggar dabalatee Bishooftuu, Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmatti eegalamee tajaajila si’ataa fi Ariifataa kennuu eegaluun ni yaadartama. Magaala Shaggaritti Sanbataa fi sa’aatii laaqanaa dabalatee guyyaa hojii mootummaa hundatti tajaajila kennaa jiraachuu ibsameera. Hojii gaggeessaan Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa shaggar Mokonnon Ambee ENA waliin turtii taassisaniin akka ibsanitti, tajaajilli Masoob sadarkaa magaalaatti eegalame hojiin bababl’isuu eegalamuu ibsaniiru. Tajaajilicha Bulchiinsa Magaalichaa jala kan jiran Kutaawwan Magaalaa 12tti hawaasaaf qaqqabsiisuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti wiirtuun hojiitti gale dedeebbii maamilaa hir’isuurra darbee tajaajila si’ataa kennuu kan danda’e ta’uu dubbataniiru. Giddugalichi tajaajila erga eegalee asitti tajaajilamtoota kuma 23 fi 800 ol gara gidduugalichaa kan dhufan yoo ta’u isaan keessaa lammiileen kuma 21 fi 500 ol tajaajila saanii yeroo gabaabaatti xumurachuu danda’aniiru jedhaniiru. Gidduugalichi hojii eegaluun tajaajilawwan bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti fiduun danda’amuu fi gama saffisaan milkaa’inni galmaa’eera jedhaniiru. Kanarra darbee tajaajila teekinooloojiin kennuu danda’uu kan ibsan hogganaan kun kunis itti quufinsa maaamilaa guddisuuf gargaaruu ibsaniiru. Baatiiwwan 3 fuulduraa keessatti kutaawwan magaalaa 12nitti tajaajilicha eegalchiisuuf qooda fudhattoota waliin hojiin qindoominaa cimaan hojjetama jedhaniiniiru. Sadarkaa kutaa magaalaatti tajaajilicha babal’isuuf kutaawwan magaalaa 12tti gamoowwan tajaaajila kennan 5 keessatti hojiin qophii taassisuu hojjetamuusaa ibsaniiru. Dabalataanis Buraayyuu, Xaafoo,Sabbataa fi naannoo Galaanitti gamoon abbaa darbii Afurii adda bahanii sochii eegaluu eeruun, bifa haaraan immoo Furii, Noonnoo, Galaan guddaa, Gujee, Kuraa Jiddaa, Kooyyee fi Mana abbichuutti hojiin bakka adda baasuu hojjetamuu ibsaniiru. Kanarra darbee itti fayydama teekinooloojii fi naamusa waliin wal-qabatee humna namaa gahoomee fi dorgomaa guuttachuu fi hojiin leenjii kennuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’anidha
Dec 23, 2025 21
Mudde14/2018(ENA)– Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025n Damee Teekinooloojii Dijiitaalaan milkaa’inoonni hedduun kan itti galmaa’ani ta’uu ogeeyyiin damichaa Naannoo Harariitti dhaabbilee adda addaatti hojjetan ibsan. Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2025 milkaa’inaan Xumuramee Jalqabsiisni Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad bakka argamanitti ifatti eegalchiifamuun ni yaadatama. Dijiitaala Itiyophiyaa 2025n dijiitaalayizeeshinii babal’isuu fi tajaajila tutuqqa waraqaarra bilisa ta’e kennuurratti biyyattiitti hojiiwwan hedduun kan hojjetaman karoora milkaa’e dha. Keessumaa Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob,Waraqaa eenyummeessaa Faayidaa, Maallaqa Dijiitaalaan daddabarsuu, Leenjii Itiyoo-Koodarsii,hubannoo-namtolcheen, nageenya saayibarii fi dameelee biroon hojiin milkaa’inaa galmaa’uusaa ibsaniiru. Naannoo Hararaiitti Ogeeyyiin damichaa dhaabbilee adda addaan hojjechaa jiran Dijiitaalli Itiyioophiyaa 2025 damee teekinooloojiin Milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu ENA’f ibsaniiru. Naannoo Haraariitti Masoob - Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ogeessi Infoormeeshin koomunikeeshinii Saamii Ahimad akka ibsanitti Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 jijjiirama kan fidanii fi hojiiwwan jijjiiramaa dhiibbaa geessisan raawwatamaniiru jedhaniiru. Keessumaa bu’aa Dijiitaalayizeeshinii kan ta’e Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo akka ammayaa’u ta’uu ibsuun, hojiiwwan hubannoo namtolcheen hojjetan magaalota miidhagsuu danda’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa Misoomsuun, Ammayyeessuu fi dhaqqabamaa taassisuurratti hojiiwwan mootummaan hojjete biyyittii teekinolojii fudhachuurraa gara kalaquutti kan ceesise ta’uu ibsaniiru. Teekinooloojii Dijiitaalaa 2030 hojiiwwan teekinoloojii biroon fakkeenya ta’an akka hojjetaman kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Akka biyyatti Itiyoophiyaan Dijiitaala 2025 yeroon milkaa’inaa hedduu hojjettee dabarsiteeti jechuun Ejensii koomunukeeshinii fi teekinooloojii Miidiyaa Hararii Hamdii Ramzii ibsaniiru. Teeleebirri fi daddabarsa maallaqaa Dijiitaalaa biroon tajaajiloonni kennamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Damee Barnootaan leenjii Itiyoo Koodarsii miiliyoona 5 kan kaasan ogeessi kun lammiileen beekumsa teekinoloojii barbaadan akka argatanii fi damee qonnaan odeeffannoo dhaqqabamaa taassisuun hojiin qonna ammayyeessuu akka milkaa’uu danda’uu ibsaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun kunis Mallaammaltummaa fi burjaajjii kan hir’isee fi fuldurattis Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 kanaa ol akka irraa eegamu eeraniiru. Naannoo Haraariiti Ogeessii Infoormeeshin Koomunukeeshinii Masoob Tajaajila Wiirtuu tokkoo Dasee Ahimad, Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n milkaa’inoota galmaa’an keessaa waraqaan eenyummeessaan faayidaa tokko ta’uu dubbataniiru. Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025n neetti woorkiin 4Jii fi 5jii diriirfamuu akka fakkeenyaatti kan kaasan ogeessi kun , lammiileen carricha fayyadamuun beekumsa teekinooloojiin biyyaa fi mataasaanii fayyaduu eegaluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina teekinooloojii Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 tattaaffii fi saffisa mootummaan akka ta’e eeruun Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkaa’aa akka ta’u muuxannoowwan baroota darbanirraa mirkaneeffachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Appilikeeshiniin Mobaayilaa Kitaabota Ida’amuu ifoome
Dec 23, 2025 45
Mudde 14/2018 (ENA)- Appilikeeshiniin Mobaayilaa Kitaabota Ida’amuu ifoomeera. Sagantaan jalqabsiisa Appilikeeshinii Moobaayilaa Kitaabota "Ida’amuu" har’a eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan barreessan kitaabota “Ida’amuu”, "Daandii Ida’amuu", "Dhaloota Ida’amuu" fi “Mootummaa Ida’amuu” imala dinagdee ummataa giddu galeessa godhateen Itiyoophiyaa yeroo gabaabaa keessatti gara iddoo fooyya'aa ta'etti jijjiiruuf gargaaran ta'uu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. Yaadonni Kitaabota kanneen keessatti ibsaman yaadama qofaan osoo hin taanee qabatamaan kan mul’atanii fi dhalootaaf abdii kan horan waan ta’aniif kitaabaan kan jiru ture amma sagaleedhaan karaa appilikeeshinii moobaayilaa dhiyaachuu ibsaniiru. Waltajjii appichi itti ifoome irrattis waggoota jijjiiramaa darban keessatti yaad-rimee ida’amuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabatamaa irratti galaalchitoonni dhaabbataa Waajjira Ministira Muummee xiinxaluun ibsaniiru.
Ispoortii
Arsenaal fi Kiristaal Paalaas waancaa Karabaa’oof xumura walakkaaf darbuuf ni taphatu
Dec 23, 2025 78
Mudde 14/2018(TOI)-Sagantaan xumura nuusaa Waancaa Karabaa’oo ingiliziin har’a Kiristaal Paalaas fi Kiristaal Paalaas jidduutti ni gaggeeffama. Taphni garee lamaanii halkan sa’aatii shanitti Istaadiyeemii Emireetsitti gaggeeffama. Arsenaal marsaa afraffaatiin Biraayitaniin 2 fi 0’n, Kiristaal Paalaas Livarpuuliin 3 fi 0’n mo’achuun xumura kurmaanaaf darbaniiru. Gareen lamaan A.L.A bara 1992/93 xumura walakkaatti waliin taphatanii Arsenaal dhaqa deebiin mo’atee xumuraaf kan darbe yoo ta’u Shefildi Wensideeyiin mo’achuun Waancaa fudhateera. Yeroo sanaa kaasee Arsenaal Waancaa Karabaa’oo fudhatee hin beeku. Walumaa gala gareen kun dorgommicha yeroo lama mo’ateera. Kiristaal Paalaas Waancaa Karabaa’ootiin qabxiinsaa inni guddaan yeroo afur xumura walakkaaf kan itti darbedha. Barana gareen lamaan tapha piriimar liigii Ingiliziin gaggeessaniin Arsenaal 1 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Tapha har’aa kan mo’ate xumura walakkaatiin Cheelsii waliin ni taphata. Taphni garee lamaanii turban darbe taphatamuu kan qabu yemmuu ta’u sagantaan walirra bu’uusaatiin torbee kanatti jijjiiramuunsaa ni beekama. Sanantaa xumura walakkaa biraatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Manchistar siitiin ni taphatu.
Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin walqixa bahan
Dec 20, 2025 191
Mudde 11/2018 (TOI)- Piriimar Liigii Ingiliz torban 17ffaa tapha jalqabaatiin Niwukaastil Yunaayitid fi Cheelsiin galchii 2 fi 2’n walqixa bahaniiru. Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsitti gaggeeffameen Niik wolti meed galchii daqiiqaa afraffaa fi 20ffaatti galcheen Niwukaastil Yunaayitid dura qabatee ture. Boqonnaan booda Riis Jeemsi daqiiqaa 49ffaa fi Jo’aa’oo Peedroo daqiiqaa 66ffaatti galchii galchaniin Cheelsiin qabxii tokko argatee xumureera. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 29 walitti qabatee sadarkaa afraffaa irra jira. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 23’n sadarkaa 11ffaa qabateera.
Piriimar liigichaan Arsanaal Evertan waliin Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin taphni taasisan hawwiin eegama
Dec 20, 2025 147
Mudde 11/2018(ENA)-Taphni piriimar liigii Ingiliz torban 17ffaan har’a eegala. Taphoonni yeroo ayyaana Gannaa har’aa eegalanii gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00tti Evertan Arsenaal waliin Istaadiyeemii Haldiikensenitti ni taphatu. Everten qabxii 24n sadarkaa 9ffaa qabatera. Arsenaal qabxii 36 liigicha dursaa jira. Maanchistar siitiin Westihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 12:00 taphasaanii ni gaggeessu. Manchistar siitiin qabxii 34n sadarkaa 2ffaa qabateera. Westihaam Yuunaayitid qabxii 13n sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-aanaa irratti argama. Taphoonni lamaan wal-morkii waancaarratti dhiibbaa kan uumanidha. Sagantaawwan biroon Niwukaastil Yuunaayidid chelsii waliin guyyaa sa’aatii 9:30, Tootinihaam Hotispersi injifataa liigichaa yeroosanaa Liiverpuul waliin taphasaanii gaggeessu. Wolvis Birentifordi waliin, Biraayiten Sandarlaandi fi Bornimaawuz Barniley waliin yeroo walfakkaataa sa’aatii12:00 irratti taphatu. Liidsi yunaayitid, Kiristaal Paalaas waliin galgala sa’aatii 5:00 taphasaanii gaggeessu. Waktii ayyaana Gannaa faranjootaatti taphasaanii har’aa eegalanii kan gaggeesan yoo ta’an guyyoota ittifufan 16 torban 4f taphasaanii gaggeessu.
Piriimar liigiin Itiyoophiyaa torban 10ffaan har’a eegala
Dec 19, 2025 143
Mudde 10/2018(TOI)-Sabaaba Taphoota waancaa Itiyoophiyaan addan citee kan ture sagantaan Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan ni deebi’a. Guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti Baankiin daldalaa Magaalaa Aarbaa Minci waliin taphata. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liigichaan taphoota 9 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo toko qofa. Yeroo sadii yoo injifatamu yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 11 keessummeesseera. Injifataan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldla Itiyoophiyaa qabxii 8n sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Arbaa Minci liigichaan hanga ammaatti tapha injifate hin qabu. Yeroo 4 yoo mo’atu yeroo 5n qixaan adda baheera. Galchii 4 yoo lakkofsisu galchii 9 keessummeesseera. Magalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gad- aanaa irratti argama Baankiin Daldala Itiyoophiyaa gara injifannoo deebi’uuf taphata, Magaalaan Aarbaa Minci qabxii jalqabaa sadii argachuuf ni taphata. Sagantaa biroon Midiregannat Shireen Magalaa Baahir Daar waliin guyyaa 9:00 tti Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Midiregannat Shireen liigichatti Taphoota 9 gaggeesseen yeroo sadii yoo injifatu yeroo 2 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qabxii qooddateera. Taphoota sagal irratti galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 13n sadarkaa 8 qabateera . Liigichatti taphoota 9 gaggeesse keessaa 3 yoo injifatu haaluma wal fakkaatuun magaalaa baahir Daar yeroo 3 mo’ameera. Taphoota hafan sadiin qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu haaluma walfakkaatuun galchii 9 keessummeesseera. Magaalaan Baahidaar qabxii 12n sadarkaa 11ffaa irratti argama. Galgala sa’aatii 12:00 irratti Maqalee 70 Indartaan Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan qabxii 5iin sadarkaa 19ffaa, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 17n sadarkaa 17ffaa qabatanii sadarkaa gad- aanaarratti argamu. Taphichi maqalee 70 Indartaan liigichaan qabxii jalqabaa 3 argachuuf yoo taphatu, hadiyyaa hosaa’inaan gara injifannootti deebi’uuf taphata. Taphni Piriimarliigii Itiyoophiyaa torban 10ffaan anga Mudde 12 bara 2018tti ni tura. Bunni Sidaamaa qabxii 20n liigicha dursaa jira. Hadiyyaa Hosaa’inaan Walwaaloo Addagiraat Yunvarsiistii, Maqalee 70 Indartaa fi magaalaan Aarbaa Minci sadarkaa 17 hanga 20 qabachuun sadarkaa gad- aanaa keessatti argamu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 162
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 171
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 246
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 408
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1113
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9640
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.