Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti Qophii Qonna Gannaatiif lafti Heektaarri Miiliyoona 6.7 qophaa’eera
May 20, 2026 113
Caamsaa12/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaatiin lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoona 6.7 qophaa'uu isaa Biroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Guyyaa har'aa hoggantoonni Biiroo Qonnaa Naannichaa fi hoggantoonni hojii Godina Jimmaa bakkatti argamanitti, Godina Jimmaa Aanaa Botor Xollaayitti lafa qonna Gannaatiif qophaa'e sanyii boqqollootiin Facaasuu jalqabsiisaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu yeroo kanatti akka dubbatanitti, naannichatti qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara miiliyoona 11.1 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsaniiru. Adeemsa hanga ammaatiinis lafa qonna Gannaatiin misoomsuuf karoorfame keessaa heektara miiliyoona 6.7 kan ta'u qophaa'uu isaa dubbataniiru. Barana galteewwan qonnaa dursanii qonnaan bultootaaf dhiyaachaa waan jiraniif, qonna gannaa kanaan bu'aan caalu ni argama jedhamee abdatamaa jira jedhaniiru. Naannichatti makaanaayizeeshinii qonnaa babal'isuuf waggoottan darban keessa hojiin teekinoloojiin deeggarame hojjetamaa turuu isaa yaadachiisanii, barana qofa tiraakteroonni kuma 1 fi 200 qonnaan bultoota naannichaatiif qaqqabuu ibsaniiru. Yeroo kanatti waliigala naannichatti tiraakteroonni kuma 11 ol hojii qonnaa saffisiisaa jiru jedhaniiru.   Kanaan alatti, qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf xaa'oo kuntala miiliyoona 10.5 dhiheessuuf karoorfame keessaa miiliyoonni 7 gara naannichaa kan seene yoo ta'u, miiliyoonni 3 raabsamuusaa eeraniiru. Itti-aanaan Bulchaa Godina Jimmaa obbo Yuusuuf Shaaroo gama isaaniitiin, godinichatti qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa dursanii akka dhiyaatan taasifamuu dubbatanii, qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara kuma 883 ol misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafa waliigala misoomu kana keessaa lafti heektara kuma 200 ol sanyii boqqollootiin kan misoomu ta'uu eeraniiru.   Qonnaan bulaa Aanaa Botor Xollaay Kabbadaa Taayyee lafa heektaara 7 irratti hojii boqqolloo misoomsuu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaa biraan Umar Qaasiim gama isaaniitiin, kanaan dura qonna kilaasteraan misoomsuun hektaara tokko irraa callaa kuntaala 75 argachuu isaanii dubbatanii, tiraakteraan deeggaramanii qotuun lafa isaanii sanyiidhaan uwwisuu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf deeggarsi ogummaa barbaachisaan taasifamaa jiraachuunis ibsameera.
Paartichi Hojiiwwan Fayyadamummaa Uummataa Mirkaneessan hojjeteera
May 20, 2026 153
Caamsaa 12/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti dameewwan Qonnaa, Industirii, Tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamummaa uummataa guddisan raawwachuusaa Itti-anaan Pireezidanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Ambootti duula nafiladhaa gaggeesseera.   Sirna duula nafiladhaa kana irratti kan argaman Itti Aanaan Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessa hojiiwwan misoomaa jireenya uummataa fooyyessan raawwateera jedhaniiru. Dabalataanis, fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu'aan hundagaleessi argamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu naannoo Oromiyaatti dameewwan qonnaa, industirii, tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamtummaa uummataa guddisuu danda'an hedduun raawwatamuu isaanii eeraniiru. Paartichi misooma hawaas-dinagdee mirkaneessuun, haqni, wal-qixxummaanii fi tokkummaan dimokiraasii akka guddatu akkasumas waliin jireenyi akka cimu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaa olaanaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka ibsanitti; Badhaadhinni paartii jijjiirama hawaas-dinagdee mandhaalee qabatee ka'eedha jedhaniiru. Godinichatti waggoottan jijjiiramaa darban keessa inisheetivoota misoomaa mootummaan naannichaa qopheesseen hojiiwwan bal'aan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuu isaanii dubbataniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban keessa Amboo dabalatee magaalaawwan biroo keessattis sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiin bal'aan hojjetamuu kan ibsan immoo Kantiibaa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuuti. Paartichi hojiiwwan misoomaa qabatamaa qonna magaalaa fi dameewwan biroo keessatti qulqullinaan hojjechuusaa addeessaniiru.
Dhaabbileen Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsanii itti fufuu qabu
May 20, 2026 114
Caamsaa12/2018(ENA): Dhaabbileen siivikii filannoo waliigalaa torbaffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsaanii itti fufuu akka qaban Itti Aanaan Daarektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivikii Itiyoophiyaa Fasiikaaw Mollaa hubachiisan. Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata-duree “Gahee Miidiyaalee Milkaa'ina Filannoo Dimokiraasii Keessatti” jedhuun waliin qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiru. Waltajjiin kun filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uusaa hubachiisuuf kan qophaa’eedha. Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru. Waltajjicharratti,Itti Aanaan Daarektera Olaanaa Dhaabbilee Hawaasa siivikii Fasiikaaw Mollaa akka jedhanitti hawaasni siivikii filannoo walii galaa 7ffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun dirqama waliinii ta’uu eeranii, gaheen dhaabbilee siivikiis baay'ee murteessaa ta'uu kaasaniiru. Gaheen dhaabbilee siivikii yeroo filannoo taajjabdummaa qofa osoo hin ta’iin, lammiileen ijaara sirna dimokiraasiitiif itti gaafatamummaa fi abbummaadhaan akka dhaabbatan gochuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabu jedhaniiru. Kanaanis, dhaabbileen kun lammiileen waa’ee barbaachisummaa filannoo irratti hubannoo gahaa akka argatan gochuu keessatti gaheen isaanii ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Hawaasni adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka ta’u dandeessisuurratti xiyyeeffatanii hojjachaa akka turan eeranii, tattaaffii isaanii kana cimsuun itti fufuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraatiin, itti aanaan Daarektera Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa obbo Gizawuu Tasfaayee, miidiyaaleen gabaasa filannoo ilaalchisee hojjatan seera hordofanii hojjachaa jiraachuu isaanii hordofamaa akka jiru ibsaniiru. Miidiyaaleen kakaasii fi yeroo beeksisa bilisaa paartilee siyaasaatiif ramadame fayyadamuu irratti rakkoon akka hin uumamne dubbataniiru. Miidiyaaleen yeroo filannootti ijaarsa nageenyaa irratti akka xiyyeeffatan abbaan taayitichaa hojjachaa akka turee fi cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru. Yeroo filannootti naamusni eegamuu qabu akka kabajamu; hojiiwwan hojjatamaa jiranii fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf hojiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu hojjatameera jedhaniiru. Miidiyaaleen sagantaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa baase bu’uura godhachuun gabaasaalee adda addaa filannoo ilaalchisan uummataaf dhaqqabamaa gochaa turuu isaanii eeranii, kanaanis ijaarsa sirna dimokiraasiitiif gahee isaanii ba’achaa turaniiru jedhaniiru. Xumura irratti, hirmaattota paanalichaa irraa gahee miidiyaalee fi dhaabbilee hawaasa siivikii yeroo filannoo ilaalchisee yaadonnii fi gaaffileen kan ka'an yoo ta'u, mariisistootaan deebii fi ibsi irratti kennameera.
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 116
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan bu’uura kaa’uun cimee itti fufa
May 20, 2026 119
Caamsaa 12/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa bu’uura fayyadamummaa lammiilee kaa’uuf tattaaffii taasisaa jiru itti fufa jedhan Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Namarraa Bulii. Duulli filannoo paartichaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluutti bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamaniiru gaggeeffameera.   Duula filannoo kanarratti hirmaattotaaf haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti pirojektoota fayyadamummaa lammiilee fi guddina biyyaa mirkaneessu caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Paartichi pirojektoota misooma magaalaa fi baadiyyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessu raawwachuudhaan gama bulchiinsaatiin hawaasa walitti dhiyeenyaa fi haqaan tajaajiluuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen hiyyummaa jalaa bilisa ta’anii jireenya fooyya’aa akka jiraataniifi nageenyi waliigalaa isaanii akka mirkanaa’uuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Lammiilee aadaa hojii isaanii naannicha keessatti fooyyessanii fi fayyadamummaa ofii fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf kutannoo qaban oomishuun biyyi keenya mallattoo badhaadhina akka taatu ciminaan hojjachuu itti fufa jechuun ibsaniiru obbo Namarraan.   Bulchaan Olaanaan Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkachoo Tafarii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bal’aa Godinicha keessatti hojjetee fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akkasumas, yaada ida’amuutiin qajeelfamuun guddinaa fi badhaadhina Godinichaa mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Sagantaan sagalee kennuu filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu beekamaadha. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Hubannoo waloo lammiilee dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuu keessatti gaheen miidiyaa guddaadha
May 20, 2026 104
Caamsaa 12/2018 (ENA): Miidiyaan hubannoo waloo lammiileen Itiyoophiyaa dantaa biyyaalessaa irratti qaban cimsuuf ga’ee olaanaa qaba jedhan De’eetaan Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Tasfaahun Gobazaayi. Waltajjiin ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa mata duree “Gahee Miidiyaa Milkaa’ina Filannoo Dimokiraatawaaf” jedhuun qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa gaggeessuun itti gaafatamummaa waloo qooda fudhattoota hundaa ta’uu ibsuuf kan qophaa’edha.   Waltajjicharratti Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Innaataalam Mallas, De’eetaan Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa, Tasfaahun Gobazaay, Hojii Gaggeessaa Olaanaa ENA Sayifee Darribee, Itti aanaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, hoggantoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaa, hoggantoonni miidiyaa fi gaazexeessitoonni argamaniiru. Obbo Tasfaahuun Gobazay, Gaazexeessitoonni Filannoo waliigalaa 7ffaa yeroo gabaasa dhiyeessan karaa dantaa biyyaalessaa itti eegan ta’uu isaa haala mirkaneessu danda’uun hojjechuu akka qaban dubbataniiru.   Hojii gaggeessaan ENA obbo Sayifee Darribee akka jedhanitti, filannoo kana ilaalchisee hojiiwwan walfakkaatan qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiin hojjetamu cimanii itti fufu jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Filannoo Waliigalaa 7ffaatiin haalli mijataan hirmaannaa Siyaasaa Hawaasa hundaa uumuun danda'ameera
May 20, 2026 200
Caamsaa12/2018(ENA) : Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan hirmaannaa siyaasaa kutaa hawaasa hundaatiif haala mijeessu uumuun akka danda'ame Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa beeksiise. Akka sagantaa boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaatti, filannoo waliigalaa Caamsaa 24/2018 sagaleen kan itti kennamu jedhamu kanaaf guyyoonni muraasni qofti hafaniiru. Galmeen filattootaa filannoo waliigalaa baranaa boqonnaawwan adda addaatiin dheerachuun gaggeefamaa turuun, Guraandhala 28 hanga Ebla 24/2018tti gaggeeffamee xumurameera. Filattoonnis tooftaa dijitaalaatiin appilikeeshinii "mircaayee" jedhamuu fi buufataalee filannootitti qaamaan argamuun, lammiileen miiliyoona 50 fi kumni 514 ol ta'an kaardii filannoo isaanii fudhatanii jiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaan paartileen morkattootaa 47 ta'an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaalee adda addaatiin yaada imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru. Boordii Filannoo Biyaalessaa irraa beekamtii kan argatan dhaabbileen biyya keessaa 55 naannoolee adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru. Barnoota filattootaa irratti dhaabbileen siivikii beekamtii argatan 169 uummata filatuuf leenjii fi hubannoo uumuu kennaa jiru. De’eetaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Huuriyaa Alii ENA’f akka ibsanitti; adeemsa filannoo kanaan hirmaannaa siyaasaa dubartootaa, dargaggootaa fi namoota qaama miidhamtootaa mirkaneessuuf haalli mijataan uumameera. Filannoo waliigalaa baranaatiif lakkoofsi uummataa ol’aanaan galmaa’uun isaa, hirmaannaa lammiilee guddisuu keessatti dhimma biyyaalessaa dandeessisu uumamuu isaa akka agarsiisu ibsaniiru. Adeemsa filannichaa dimokiraatawaa fi nageenyasaa eegsisuuf filannoowwan adda addaatiin hojiin uummata dammaqsuu fi hubannoo uumuu hojjetamuu isaa kaasaniiru. Fakkeenyaaf, buufatni filannoo namoota qaama miidhamtootaaf mijataa akka ta'uu fi hirmaannaa si'aawaa qoodamtoota hawaasa hundaatiif hojiin hojjetameera jedhan. Fuuldurattis filannichaa bilisa, dimokiraatawaa fi haqa-qabeessa gochuuf hirmaannaan ho’aa taasisuun akka isaanirraa eegamu kaasaniiru. Kutaan hawaasaa haalota adda addaa keessa kan jiranis filannicha irratti akka hirmaataniif haalli mijateera. Lammiileenis kaardii filannoo fudhatan bu'uura godhachuun paartii siyaasaa biyyaaf fayyada jedhaniif sagalee kennuun hirmaannaa siyaasaa ho’aa gochuu akka qaban hubachiisaniiru.
Adeemsota murteesoo biyyaa kanneen akka filannoorratti qoodni miidiyaalee olaanaadha – Ministira Innaatalam Mallas
May 20, 2026 161
Caamsaa 12/2018(ENA) : Adeemsota biyyaalessaa murteessoo kanneen akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas ibsan. Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata duree “Milkaa'ina Filannoo Dimokiraatawaatiif gahee Miidiyaalee” jedhuun qophaa'e magaalaa Adaamaatti adeemsifamaa jira. Waltajjiin kun filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'e gaggeessuun itti gaafatamummaa waliinii qooda fudhattoota hundaa ta'uu hubachiisuuf kan qophaa'e dha. Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru.   Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas waltajjicharratti haasaa taasisaniin, adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaadha jedhaniiru. Miidiyaaleen waliigaltee biyyaalessaa uumuu, dammaqinsa siyaasaa lammiilee guddisuu fi sirni itti-gaafatamummaa qabu akka uumamu gochuu keessatti dandeettii guddaa qabu jedhaniiru. Kana malees, ijaarsa biyyaa keessatti, uummata beksisuu fi hojiif kakaasuu keessatti gahee bakka bu'uu hin qabne akka qaban eeranii, keessattuu adeemsota biyyaalessaa murteessoo akka filannoo keessatti gaheen miidiyaalee baay'ee ol'aanaa ta'uu ibsaniiru. Adeemsa filannichaa iftoomina fi itti-gaafatamummaa qabuun hordofuu fi gabaasuun, nagaa, dimokraatawaa, hirmaachisaa fi amanamamaa ta'ee akka xumuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qabanis hubachiisaniiru. Guyyoota filannoof hafan keessattis miidiyaaleen hojii isaanii kana cimsanii akka itti fufan dhaamaniiru. Gama biraatiin, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan uummata qopheessuu keessatti hojiileen hedduun hojjetamaa turuu dubbataniiru. Waltajjiin kunis qaama hojii kanaa ta'uu eeranii, cimee kan itti fufu ta'us ibsaniiru.
Paartii Misoomaafi guddina fidu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Godina Wallagga Lixaa
May 19, 2026 734
Caamsaa11/2018(ENA): Filannoo walii-galaa kanaan paartii biyya ceessisuu fi uummataaf misoomaa fi guddina fidu filachuuf qophaa'uu isaanii jiraattonni Godina Wallagga Lixaa ibsan. Jiraattota Godinichaa ENA’n dubbise paartii imala misoomaa fi guddina isaaniif ariifachiisu filachuuf guyyaa sagalee kennan hawwiin eeggachaa jiraachuusaanii ibsaniiru. Jiraataan Aanaa Laaloo Asaabii obbo Abbabaa Ittafaa yaada kennaniin, paartii misooma ariifachiisuun guddina hunda-galeessa lammiileef fidu filachuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Gama biraatiin, jiraataan Aanaa Beegii obbo Isihaaq Abdulqaadir, gamasaaniin duula filannoo paartiilee siyaasaa miidiyaalee garaa garaa irratti dhihaachaa jiru hordofaa akka jiran dubbataniiru. Haalli dhiheenya akkasii kun uummanni filatu paartiin kam yaada fooyya'aa qabatee akka dhihaate salphaatti akka hubatuu fi paartii caalu filachuuf haala mijataa uumuu isaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Gimbii obbo Taaddasaa Takkaallinyi immoo, paartii guddina hunda-galeessa biyyaatiif fiduuf hojjetu filachuuf hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Guyyaa filannoon itti gaggeeffamu adeemsichi guutummaatti nagaa fi milkaa'aa akka ta'uuf, nageenya naannoo isaanii eeguun itti-gaafatamummaa lammummaa isaanii akka ba'an mirkaneessaniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyoolessaatti, filannoon walii-galaa marsaa 7ffaa lammiileen sagalee itti kennu jedhamee eegamu Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf guyyoonni 13 qofti akka hafan ni beekama.

Hawaasummaa
Rakkoo gaanfa Afriikaa mudatu darbuuf aadaa Marii cimsuun barbaachisaadha
May 18, 2026 996
Caamsaa10/2018(ENA): Gufuuwwan Gaanfa Afriikaatti mudatan ce’uuf, marii hunda hammatee cimsuurratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta'uusaa barreessaa olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Waltajjiin nageenyaa fi tasgabbii Riijinichaarratti xiyyeeffate Naannoo Somaalee magaalaa, Jigjigaatti geggeeffamaa jira. Fooramichi mataduree "Dhaabbilee naannichaa cimsuu nageenya itti-fufiinsa qabu gaanfa Afriikaa mirkaneessuuf" jedhuun geggeeffamaa jira. Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo waltajjicharratti akka ibsanitti, qormaatilee Gaanfa Afriikaatti mudatan injifachuuf marii hunda hirmaachiseef dursa kennuu fi gamtaa naannichaa cimsuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Milkaa’innii fi carraan biyyoota naannichaa walitti hidhata kan qabu ta'uu kan ibsan barreessaan olaanaan kun, hayyoota waliin ta'uun dhimmoota murteessoo ta'anirratti mari’achuu akka qabanis hubachiisaniiru. Rakkooleen Gaanfa Afriikaa furmaata argachuu kan danda'an qindoomina biyyoota naannichaan qofa ta'uu ibsuun, Itiyoophiyaa, Somaaliyaa, Keeniyaa, Jibuutii fi biyyoota biroo kan hammate marii gaggeessuun dhimmoota waliinii irratti wal-amantaa uumuun dhimma barbaachisaadha jedhaniiru. Dr. Warqinaa Gabayyaoo qunnamtii jabaa fi hirmaachisummaa riijinii cimsuun rakkoolee nageenyaa mudatan furuuf murteessaa ta'uusaas ibsaniiru.
Sababa qabeessummaan adeemsa nageenya ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamuuf gahee olaanaa qaba
May 18, 2026 406
Caamsaa 10/2018 (ENA): Biyya tokko keessatti adeemsa nagaa ijaaruu fi marii keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa akka qabu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti sababa qabeessummaan akkamiin ilaalamaa jira? Adeemsa nagaa ijaaruu fi marii biyya tokko keessatti gaggeeffamu keessatti sababa qabeessummaan gahee olaanaa qaba. Labsii hundeeffama Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti qajeeltoowwan marii biyyaalessaa keessaa tokko sababa qabeessummaa ta’uun isaa ni beekama. Gama kanaan adeemsa marii keessatti yaad-rimeen kun akkamitti hojiirra oolaa akka jiru beekuun barbaachisaadha. Haala marii biyyaalessaa keessatti, sababa qabeessummaan qajeelfama naamusaa ijoo ta’ee fi marii gaggeessuu fi murtii sababaa kennuu, ragaa irratti hundaa’uun, yaada miiraan hogganamu irraa bilisa ta’uu, loogii dhiisuu fi yaada jibbinsaa irraa bilisa ta’ee murteessuuf gargaarudha. Kunis fedhii gaarii lammiileen rakkoo biyya isaaniitiif furmaata waloo akka argatan cimsa. Kana yaada keessa galchuun yaadonni armaan gadii adeemsa marii biyyaalessaa keessatti akkamitti sababa qabeessummaa hojiirra oolchuun akka danda’amu ibsu. 1. Sababaa fi ragaa irratti hundaa’uun Adeemsa kana keessatti lammiileen fi qooda fudhattoonni haala miiraa fi jibba irraa bilisa ta’een marii irratti hirmaatu. Kunis haala marii nagaa taasisuu danda’a. 2. Loogii fi haqummaa irratti kan hundaa’e Adeemsi marii biyyaalessaa hubannoo qabu marii madaalawaa ta’eef haala mijeessuu qofa osoo hin taane qooda fudhattoonni hundi sagalee isaanii walqixa akka dhaga’amuuf balbala bana. 3. Walqixxummaa namoota hundaatti amanu jajjabeessuu Ilmi namaa rakkoo waloo isaa irratti yeroo mari’atu adeemsi marii biyyaalessaa biyya keenya keessatti gaggeeffamaa jiru walqixxummaa fi eenyummaa uumamaan dhala namaa kabajuun gaggeeffamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Qophii Qonna Gannaatiif lafti Heektaarri Miiliyoona 6.7 qophaa’eera
May 20, 2026 113
Caamsaa12/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti qonna Gannaatiin lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektarri miiliyoona 6.7 qophaa'uu isaa Biroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Guyyaa har'aa hoggantoonni Biiroo Qonnaa Naannichaa fi hoggantoonni hojii Godina Jimmaa bakkatti argamanitti, Godina Jimmaa Aanaa Botor Xollaayitti lafa qonna Gannaatiif qophaa'e sanyii boqqollootiin Facaasuu jalqabsiisaniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu yeroo kanatti akka dubbatanitti, naannichatti qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara miiliyoona 11.1 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsaniiru. Adeemsa hanga ammaatiinis lafa qonna Gannaatiin misoomsuuf karoorfame keessaa heektara miiliyoona 6.7 kan ta'u qophaa'uu isaa dubbataniiru. Barana galteewwan qonnaa dursanii qonnaan bultootaaf dhiyaachaa waan jiraniif, qonna gannaa kanaan bu'aan caalu ni argama jedhamee abdatamaa jira jedhaniiru. Naannichatti makaanaayizeeshinii qonnaa babal'isuuf waggoottan darban keessa hojiin teekinoloojiin deeggarame hojjetamaa turuu isaa yaadachiisanii, barana qofa tiraakteroonni kuma 1 fi 200 qonnaan bultoota naannichaatiif qaqqabuu ibsaniiru. Yeroo kanatti waliigala naannichatti tiraakteroonni kuma 11 ol hojii qonnaa saffisiisaa jiru jedhaniiru.   Kanaan alatti, qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf xaa'oo kuntala miiliyoona 10.5 dhiheessuuf karoorfame keessaa miiliyoonni 7 gara naannichaa kan seene yoo ta'u, miiliyoonni 3 raabsamuusaa eeraniiru. Itti-aanaan Bulchaa Godina Jimmaa obbo Yuusuuf Shaaroo gama isaaniitiin, godinichatti qonnaan bultootaaf galteewwan qonnaa dursanii akka dhiyaatan taasifamuu dubbatanii, qonna Gannaa baranaatiin lafa heektara kuma 883 ol misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru. Lafa waliigala misoomu kana keessaa lafti heektara kuma 200 ol sanyii boqqollootiin kan misoomu ta'uu eeraniiru.   Qonnaan bulaa Aanaa Botor Xollaay Kabbadaa Taayyee lafa heektaara 7 irratti hojii boqqolloo misoomsuu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaa biraan Umar Qaasiim gama isaaniitiin, kanaan dura qonna kilaasteraan misoomsuun hektaara tokko irraa callaa kuntaala 75 argachuu isaanii dubbatanii, tiraakteraan deeggaramanii qotuun lafa isaanii sanyiidhaan uwwisuu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Qonna baranaatiif qonnaan bultootaaf deeggarsi ogummaa barbaachisaan taasifamaa jiraachuunis ibsameera.
Jilli kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen durfamu pirojektii misooma magaalaa qindaawaa Azarbaajaan daawwate
May 20, 2026 85
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Jilli kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen durfamu pirojektii misooma magaalaa qindaawaa Azarbaajaan daawwateera. Kantiibaan kun ergaa isaanii kanaan guddina olaanaa yeroo ammaa magaalittiin argatte cinatti hojiiwwan haaromsa magaalaa cimsitee itti fufteetti jechuun ibsaniiru. Tarsiimoo gandoota dullooman haaromsuu fi naannoo kanaan dura itti hin fayyadamne irra deebi’anii misoomsuu hordofaa akka jiru agarsiisaniiru. Misooma itti fufuun gandoota isaanii bara dheeraa tajaajilan haaromsaa jiraachuu kan ibsan Aadde Adaanech, pirojektoota akka ‘Sea Breeze’ jedhaman bocuun bakkeewwan kanaan dura misoomaaf hin oolchiin irratti karoora waggoota 16 keessatti manneen Kuma 50, hoteelotaafi misooma biroo hojjechaa jiraachuus daawwannaa isaaniin taajjabuu ibsaniiru. Finfinneetti waggaa waggaan manneen kuma 100 fi misoomni kanaan walqabatan ijaaruuf karoorfamee, carraaqqii guddaadhaan hojjetamaa jira jedhan. Bakkeewwan yeroo dheeraa tajaajiluun haaromsa barbaadan haaromsuun wal qabatee kanneen akka pirojektii Caakkaa,Galaan Gurraa,Ganda Mahaammadiyyaa, Addis Tumooroofi kanneen biroo misoomaan hanga akka haaraatti ijaaramuun magaalaa biroo fakkaatanitti hojjetamuu kan eeran Aadde Adaanech, iddoowwan hawwata turizimii haaraan, rakkoo dhiyeessii mana jireenyaa salphiisuuf haalli itti deemame murteessaa tahuufi gara fuulduraas cimee akka itti fufu himaniiru. Hojiin misooma mana jireenyaa fi haaromsa magaalaa bal’aan kun irra caalaa rakkoo mana jireenyaa salphisuu fi magaalattiin bakka hawwata turistii taasisuuf kan kaayyeffate ta’uu kantiibaan kun ibsaniiru. Ragaan Waajjira Kantiibaarraa argame akka ibsutti saffiisaafi qulqullinaan hojjechuun Finfinnee maqaa ishee fakkaattuuf imalli eegalame cimee itti fufuun dorgomtummaan akka idil addunyaatti magaalattiin qabdu akka galma gahuu ni hojjennaa jedhaniiru aadde Adaanech Abeebeen. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Gumuruukaa Tekinoolojiiwwan haaraatti fayyadamuun daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu keessatti gahee ol’aana bahachaa jira
May 19, 2026 724
Caamsaa 11/2018(ENA): Komishiniin Gumruukaa daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu, akkasumas sassaabbii galii kan jal'isan tekonoolojiiwwa sanadoota sobaa to'achuu dandeessisan fayyadamuun ijaarsa dhaabbataa keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru Komishineerri Komishinichaa Doktar Dabalee Qaabataa ibsaniiru. Akkaataa Labsii Lakk. 1097/2011 aangoo fi hojii raawwachiiftota mootummaa Federaalaa murteessuuf baheerratti hunda’uun, Komishiniin Gumuruukaa Itiyoophiyaa akka hundaa’u taassifameera. Kanaanis, jijjiirrama biyyaalessaa hordofuun jijjiirrama caaseffama dhaabbataa gochuun, daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu; akkasumas sassaabbii galii guddisuu kan dandeessisu caasaa uumeera. Komishineerri Komishinii Gumuruukaa Dr. Dabalee Qaabataa ENA’f akka ibsanitti, ergama ijoo dhaabbatichaaf labsichaan kenname keessaa tokko meeshaalee galanii fi bahanirratti taaksii shallaguun galii sassaabuudha. Jijjiirrama biyyaalessaa hordofuun caasaa dhaabbatichaa taasifameen, daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu kan dandeessisan hammattoowwan seeraa ifa ta'an qophaa'aniiru jedhan. Itiyoophiyaa keessatti riiformiin dura bara bajataa 2011'tti galiin walitti qabame biliyoona 78.5 qofa akka ture ibsanii, bara bajataa qabame kana keessa garuu ji'oota kurnan qofatti waan karoorfamee ol qarshii biliyoona 600.23 ol galiin waligalaa walitti qabameera jedhan. Jijjiirramichi tekinoolojiiwwan haaraatti fayyadamuun, seera fooyyessuunii fi hojmaata ammayyeessuun galii walitti qabuu, akkasumas dandeettii daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu kan dandeessisu uumuu isaa ibsaniiru. Komishinichi meeshaaleen balaarraa eegamanii, nageenyisanii eegamee bakka qaqqabumsaa isaanii akka gahaan kan taassisu tekinoolojii hordoffii kaargoo elektirooniksii hojiirra oolcheera jedhan. Tekinoolojiin kun meeshaaleen Itiyoophiyaan gara alaatti ergitu karaarratti akka hin turree, jalaa hin hatamnee fi rakkooleen biroon akka hin uumamne to'achuuf kan dandeessisudha. Tekinoolojiin deeggaramee sirna to'annoo daangaa walitti qindaa'e diriirsuun, sochii kaargoo giddugala ta'anii to'achuun kan danda'amu carraan akkasii uumamuu ibsaniiru. Kana malees, sochii imaltoota tajaajilamtootaa to'achuun sochii seeraan alaa ittisuu fi to'achuun kan dandeessisu tekinoolojiin hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Komishinichi carraawwan gaarii riifoormichi uumetti fayyadamuun tajaajila ammayyaa fi qulqullina qabu kennuudhaan, Itiyoophiyaa keessatti ijaarsa dhaabbataa keessatti adda duree ta'uu isaa dubbataniiru. Tekinoolojiiwwan hedduun hojiirra ooluu isaanii ibsuun, hojmaata maanuwaalii (harkaan hojjetamu) dhabamsiisuun oomishtoota, galchitootaa fi Al-ergitootaaf tajaajila ariifataa kennaa jiraachuu eeraniiru. Tajaajiloota onlaayinii kennuun yeroo fi humna tajaajilamtootaa akka qusatu kan ibsan Komishineerichi, tekinoolojiiwwan kun daldala seeraan alaa fi kontirobaandii ittisuu akkasumas sanadoota sobaa galii walitti qabamu jal'isan to'achuuf akka dandeessisan ibsaniiru. Kunis, hojmaata maanuwaalii hambisuun bulchiinsa badaa hanbisuudhaan komishinichi ergama isaa dandeettii guutuun akka bahatu akka dandeessise dubbataniiru.
Giddugalichi sanyiiwwan fooyya'oo qorannoon argate 12 gadi lakkise.
May 19, 2026 421
Caamsaa 11/2018(ENA): Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyiiwwan fooyya’aa qorannoon argate 12 gadi lakkisuu ibse. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuun cinaatti sanyiiwwan walfakkaataa duraan turan oomishtummaa dhibbentaa 14 hanga 33tti caalmaa kan qaban ta'uunis ibsameera. Daarektarri Giddugalichaa obbo Geetaachoo Asaffaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi hojii wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru qorannoon cimsaa jiraachuu himani. Keessumaa waggoottan darban keessatti qamadii fi garbuu dabalatee dameewwan xiyyeeffannoo biroo saddeet irratti qorannoo gaggeessuun bu’aawwan qorannoo 116 fayyadamtootaaf qaqqabsiisuus yaadachiisaniiru. Bara baajataa 2018ttis sanyiiwwan fooyya'aa 12 waggoota jahan darban keessatti qorannoo jala turan fayyadamtootaaf gadi lakkisuu ibsaniiru. Sanyiiwwan gadi lakkifaman keessaa: sanyiiwwan boloqqee 4, sanyiiwwan maashoo 2, mosee 2, akkasumas sanyiiwwan ataraa, baaqilaa, Garbuu akaayyii fi Missiraa keessatti argamu jedhaniiru. Sanyiiwwan kunneen dhibee dandamachuu irratti sanyiiwwan duraan turan caalaa fooyya’oo ta’uu isaanii bira darbee oomisha irratti dhibbeentaa 14 hanga 33tti caalmaa akka qabanis himaniiru. Sanyiiwwan kunneen koree mirkaneessa sanyii biyyaalessaatiin beekkamtii erga argataniin booda fayyadamtootaaf gadi lakkifamuu himani. Giddugalichatti dursaa garee fi qorataan qorannoo midhaanii obbo Taaddalaa Taaddasaa gama isaaniitiin, sanyiiwwan haaraa gadi lakkifaman keessaa boloqqeen heektaaraan jiddugaleessaan kuntaala 19 hanga 26, sanyiiwwan mosee ammoo oomisha kuntaala 500 hanga 531 kennuu akka danda’an dirree qorannoo irratti mirkanaa’uu isaa dubbataniiru. Sanyiiwwan kunneen aanota gammoojjii godina Baalee fi badda-daree akkasumas naannoolee biyyaa biroo haala qilleensaa walfakkaataa qaban keessatti kan misooman ta’uus dubbataniiru. Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa bara 1978 erga hundaa'ee irraa jalqabee hanga ammaatti bu'aalee qorannoo midhaanii, buna, midhaan dheedhii fi nyaata beeyladaa irratti xiyyeeffatan 128 fayyadamtoota biraan gahuu ragaan giddugalicha irraa argame ni mul’isa. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 116
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 130
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Aadde Adaanech Abeebeen Azerbaajaanitti Tajaajila Giddugala tokkoo diijitaalaa Asaan daawwatan
May 19, 2026 422
Caamsaa 11/2018 (ENA) : Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Fooramii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo Azarbaajaan daawwataniiru. Aadde Adaanech Abeebeefi jilli Itiyoophiyaa kun Waltajjii Magaalota Addunyaa cinaatti Tajaajila Dijitaalaa Dhaabbata Tokkoo “ASAN” (Azerbaijan Service and Assessment Network) kan Azarbaajaan daawwate ta’uu hubachiisaniiru.   Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, nutis hanga ammaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n jijjiirama olaanaa fidnus, dhimmoota muuxannoo nuuf ta’uu danda’an irratti mari’anneerra jedhan. Kantiibaan magaalattii ergaa dabarsan keessatti Itiyoophiyaan tajaajila dijiitaalaa bakka tokkotti hojiirra oolchuurratti guddina olaanaa galmeessitus ammas dhimmoonni fooyya’uu qaban akka jiran ibsaniiru. ASAN kan waggoota 14 dura jalqabamee fi guyyaatti appilikeeshinii kuma 40 irratti tajaajila ariifachiisaa kan kennu yoo ta’u, awutoobisii socho’aadhaan haga baadiyyaa tajaajila ariifataa fi salphaa ta’ee kennaa jiraachuus himan. Itiyoophiyaattis giddugaloonni 41 ol ijaaramuun hojii eegaluu yaadachiisanii, kanneen keessaa giddugaloonni 6 fi Tajaajilli giddugala tokkoo Awutoobisii diijitaalaa 1 Finfinneetti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.   Hojjettoonni Asaan fuula ifaafi naamuusaan tajaajila kan kennan ta’uu eeraniiru. Dargaggoota tola ooltota kutannoofi kabaja olaanaan uummata isaanii tajaajilan hedduus arguu ibsaniiru. Biirookiraasiin keenyas akkaataa eegalleen guutummaatti akka jijjiiramu ni amanna; akka milkaa’uufis ciminaan ni hojjenna jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 1175
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a.   Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 145
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 501
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti  hojiin misooma sululaa raawwatameera 
May 18, 2026 475
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 18686
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 2108
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 4334
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015