Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 34
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru ‎appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. ‎‎Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. ‎‎Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Manneen barnootaa naannichaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifameera
Jan 20, 2026 45
Amajjii 12/2018 (ENA) - Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifamuu itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Birmadummaa nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee mootummaa naannoo Oromiyaatiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiran keessaa lafti qotamuu danda’u akka bajjii hin baane baay’inaa fi bal’inaan midhaaniin misoomsuudha. Hojiilee hammattoo Kanaan hojjetaman keessaa maneen barnootaa lafa mooraa isaanii keessa jiru misoomsuun sagantaa soorata maneen barnootaatiin akka of danda’an godhamaa jira. Itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii akka dubbatanitti, jijjiiramaan booda naannichatti damee dinagdee, barnootaa fi teeknooloojiin hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira. Keessumaa gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ceesisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uusaanii ibsaniiru. Mootummaan naannichaa dhaloota barnootaa fi teeknooloojiin gabbisuuf kallattii xiyyeeffanoo godhatee hojjechaa jiraachuu eeranii, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf galii maneen barnootaa fooyyessuu fi sagantaa nyaata barattootaa cimsuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dabalataanis galteewwan laaboraatoorii fi laayibrarii guutuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa manneen barnootaaf dhiheessuun barumsa dijitaalaa cimsuurratti xiyyeeffatameera jedhan. Galiin mootummaa, ummataa fi tola ooltotarraa argamu qofaasaa qulqullina barnootaaf wantoota barbaachisan guutuu fi dhaloota teeknooloojii fayyadamu uumuuf gahaa miti jechuun ibsan obbo Awwaluun. Manneen barnootaa naannichatti argaman lafa bal’aa qabaatanis sirnaan hojiirraa akka hin oolle eeranii, lafa bal’aa qaban misoomsanii akka of danda’an godhamaa jiraachuu eeraniiru. Barana Manneen barnootaa hedduu keessatti hojiin kun kan eegalame yoo ta’u manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Somboo godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimbibiititti argamu hojii Kanaaf fakkeenta ta’uu dubbataniiru. Manni barumsichaa lafa qabu keessaa karaa Buusaa Gonofaa naannichaa heektaara 12 tuqaa 5 irra Qamadii misoomsuun oomisha kuntaala 600 ta’u walitti qabuu ibsaniiru. Dabalataanis manni barumsichaa inisheetiivii mootummaatiin gargaaramuun lukkuu fi saawwan aannanii horsiisaa, sangaa furdisaa jira jedhaniiru. Haala kanaan galteewwan nyaata barattootaaf barbaachisan ofiisaatiin guuttachuun sadarkaa of danda’uurra gahuusaa eeranii, bara dhufurraa eegalee muuxannoon mana barumsaa kun maneen barnootaa godinichaa hundatti akka babal’atu godhama jedhaniiru. Itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni godina Shawaa Kaabaa hojii misoomaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Somboo aanaa Qimbibiititti argamu daawwataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 32
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. ‎Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. ‎Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. ‎Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata‎ Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara.
Jan 20, 2026 56
Amajji 12/2018(ENA) – Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran mari’achuun furuuf waan gargaaruuf milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahachaa jiraachuu Abbootiin Gadaa ibsani. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiaa rakkoolee bu’uuraa fi adda addummaa yaadaa furuuf marii hunda hirmaachisaa gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojjecha jira. Dhimma kana irratti Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa magaalaa Amboo ENA’n dubbise bakka bu’aa kutaa hawaasaa kan ta’an Abbaa Gadaa Laggasaa Dhaabaa Marii Biyyoolessaa kan deeggaran ta’uu eeruun, sirna Gadaa keessattis Mariin iddoo olaanaa qabachuu ibsaniiru.   Adeemsa Marii Biyyoolessaa adeemsifamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachaa akka jiran hubachuu isaanii dubbataniiru. Adeemsa marii magaalota Finfinnee fi Adaamaa keessatti hawaasa magaalaa bakka bu’uun hirmaachuu isaanii ibsuun waltajjiiwwan irratti yaada tokkummaa biyyaaf bu’aa ta’e dhiyeessuu isaanii himaniiru. Marii biyyoolessaa kanarratti hawaasaaf hubannoo uumaa akka turan eeruun,marichi akka milkaa’uuf hojii isaanii cimsanii akka hojjetan ibsaniiru. Abbaa Gadaa Taarikuu Turaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee furuu irra darbee egeree Itiyoophiyaa biyya mijattuu taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.   Mariin biyyoolessaa akka biyyaatti adeemsifamu akka milkaa’uuf hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa biyya fooyyofte ijaaruuf gahee olaanaa waan qabuuf gahee keenya bahachuu qabna kan jedhan immoo Maanguddoo Biyyaa Baqqalaa Baay’ataa dha.   Mariin biyyaalessaa kun nageenyi waaraan akka bu’uuf akkasumas milkaa’ina piroojektoota biyyoolessaa jalqabamaniif haala mijataa waan uumuuf deggersi nuti milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif taasifnu itti fufa jedhaniiru.
Kan mul'ate

Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse
Jan 20, 2026 77
Amajjii 12/2018(TOI)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 52ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera. Murtoowwan manni mariachi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera- Murtoo walgahii mana maree ministirootaa idilee 52ffaa Amajjii 12 bara 2018 Finfinnee Manni maree ministirootaa walgahii idilee 52ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse.   Manni Marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii Gumurukii fooyyessuuf dhihaaterratti mari’ate. Labsiin Gumurukii hojiirra jiru waggoota hedduuf kan tajaajile waan ta’eef, tumaalee labsichaa sadarkaa guddinaa hojiin daldalaa idil addunyaa irra gahe waliin wal simsiisuuf, misooma industirii oomishaa biyya keenya keessatti guddachaa dhufe deeggaruuf, akkasumas daldalaa fi invastimantii seera qabeessa jajjabeessuun akka danda’amu labsiin fooyyessaa kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaa labsii fooyya’ee dhihaate kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. Manni marichaa itti fufuun wixinee danbii onnachiiftuu taaksii fi qaraxaa Invastimantiif kennamu irratti mari’ateera. Dameelee invastimantii guddina dinagdee biyya keenyaaf gumaacha olaanaa qabanii fi dursi kan kennamuuf, akkasumas kaappitaala olaanaa gaafatamaniif kaappitaala hojiirra oolu tilmaama keessa kan galchuu fi sirna onnachiiftuu Invastimantii raawwiirratti hundaa’e diriirsuun waan barbaachiseef wixineen dambii kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dambicharratti bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun dambiin kun gaazexaa magalataa federaalaarratti guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Xumurarrattis manni marichaa wixinee imaammataa misooma dhaweessummaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hojiileen damee dhaweessummaan hojjetaman fulla’insa qabaatanii milkaa’ina galmoota misooma biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan, aadaa kalaqaa gabbisuu fi sona dabaluuf dirree dhaweessummaa mijataa ijaaruu akka danda’amu qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas imaammaticharratti mari’atee galtee dabaluun imaammatichi guyyaa mana maree ministirootaan ragga’e Amajjii 12 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. #WMMItiyoophiyaa

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera-Af-ya’ii Taaggasaa Caafoo
Jan 17, 2026 244
Amajjii 9/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera jechuun ibsan Af-ya’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa garaagarummaawwan yaadaa fi wal dhabdee bu’ura kan biyyattii keessatti mul’atu furuufbifa hammataa ta’een marii taasisuuf lakkoofsa labsii 1265/2014’n mana maree bakka bu’oota ummataatiin kan hundaa’e dhaabbata of danda’edha. Komishinichi garaagarummaa yaadaa fi wal dhabdee biyyaalessaa bu’uraa mariiwwan hammataa fi ummataa gaggeessuudhaan walii galtee biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan komishinichi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo irratti hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuun hojjechuun gara boqonnaa xumuraa gahuunsaa ni beekama. Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ENA’f akka ibsanitti, komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marii Itiyoophiyaanonni hundi irratti hirmaatan raawwachaa jira. Komishinichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti akkasumas biyya alaattillee ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adeemsa marii isa muummeerratti hirmaatan adda baasuudhaan hojii milkaa’aa hojjechaa jira jedhaniiru. Waldaaleen waldaaleen hawaasaa, waldaaleen siviikii, barsiiftonni dhaabbilee barnoota olaanoo kutaaleen hawaasaa biroon adeemsa marii kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Haala Kanaan Lammiileen Itiyoophiyaa yaada biyyasaaniif ni mala jedhan kan walitti fidan adeemsa marii addaa fi milkaa’aan raawwatamuusaa dubbataniiru. Adeemsa boqonnaa marii guduunfaa hojiirra oolchuu fi gaggeessuuf tooftaan dandeessisu bocamuu ibsanii, hojiin hafu akkaataa milkaa’ina ittiin eegaleen akka xumuramu hundi qoodasaa akka bahu waamicha dabarsaniiru. Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota seenaa, seera, hojmaataa fi kkf waliin wal qabatanii ka’an mariidhaan furmaata kan argatan ta’uu ibsuun, kanaaf ammo mariin biyyaalessaa carraa murteessaadha jedhaniiru. Naannoo Tigraayi ilaalchisuun gaaffileen marii biyyaalessaan deebi’uu qaban gurmaa’insoota garagaraatiin dhihaachuusaanii ibsaniiru. Bu’aan marii biyyaalessaarraa argamu murtee ummataa ta’uusaa kan ibsan af-yaa’iin kun, mootummaan bu’aa kana hojiirra oolchuuf qophii ta’uusaa dubbataniiru. Gaaffilee ummanni marii Kanaan kaasu kabajaa fi deebii barbaachisu kennuun hundarraa kan eegamu ta’uu kaasaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa damee hundaan fayyadamummaa uummataa  guddisuuf  hojiiwwan eegale  ni cimsa- Adam Faaraah 
Jan 16, 2026 153
Amajji 8/2018(ENA)- Paartiin Badhaadhinaa Damee hundaan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegale akka cimsu itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Hogganaan Waajjira Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Adam Faaraah ibsani. Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa baatii 6 magaalaa Hosaa’inaatti gaggeefame carraa hojii uumuu fi tasgabbii gabaarratti hojii hojjetame gamaggamuun xumurameera. Waltajjicharratti akka obbo Adam Faaraah ibsanitti,kallattiiwwan dinagdee damdaneessaa hojiirra oolchuun bu’aan qabatamaan argameera. Carraa hojii uumuu ogummaarratti hundaa’e hojiirra oolchuun fayyadamummaa carraa hojii uumuu lammiilee bal’isuuf hojii hojjetameen baatiiwwan 6n darban hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru. Carraawwan argaman guddisuuf filannoowwan teekinooloojiiwwan Qonnaa,Manufaakcheringii sirnaan fayyadamuu akka qaban dubbataniiru. Hojiidhabdoota adda basuu, kanneen hojii keessa jiran cimsuu fi hojiin madaallii gahumsa dhaabbiilee qorannoon akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo addaan gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojii gabaa tsagabbeesuuf hojjetameen foyya’insi jiraachuu ibsuun kana cimsuuf dhiheessii omishaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru. Kanaafis gidduugalawwan gabaa babal’isuu, qulqullina omishaa eegsisuu, waldaalee hojii gamtaa deeggaruu fi Kaayyoo paartichaa kan ta’e ijaarsa giddugala daldalaa ammayyaa, sadarkaa ammayyaan magaalaa tokko keessatti cimsuu akka ta'es hubachiisaniiru. Walumaagalatti Paartiin Badhaadhinaa dameelee adda addaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa jechuun ibsaniiru. Kanaafis milkaa’inoota damichaan baatiiwwan jahan darbanitti argaman cimsuu fi rakkoowwan mudataniif kallattii furmaataa kaa’uun bu’aa eegamu galmeessuuf kutannoon hoggansaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni damee Paartii Badhaadhinaa fi gareen dargaggootaa hirmaataniiru.
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha
Jan 15, 2026 219
Amajjii 7/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa nageenya waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota dimookiraasii Azmaraawu Andeemoo ibsan. Mariin Paanaaliii mataduree ““Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun walta’insa ENA fi Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Amaaraan qophaa’e Magalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Barreeffama marii mata duree ‘’Marii Biyyoolessaa fi Ijaarsa nageenyaa’ jedhu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Dimookiraasii Azmaraawu Andamoo dhiheessaniiru. Barreeffamasaaniin Itiyoophiyaatti garaagarummaa karaa nagaan hiikuu fi nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf shoorri Marii Biyyoolessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa fudhatama qabu ijaaruuf , dhimmoota wal nudhabsiisanirratti mari’achuun walii galuu fi sirna dimokiraasii cimsuuf murteesaadha jedhani. Kanaafis Komishiniin Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan hundeeffame gad fageenyaa nii fi amala rakkoolee hubachuun,tooftaa fi haala biyyoota biroorraa fooyya’een hojjechaa jirachuu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo ijaaruun hariiroo hawaasummaa cimsuunii fi walii galtee hawaasaa haaraa uumuun garaagarummaa gara tumsaatti jijiiruun nageenya itti fufinsa qabu qooda bakka hin buune akka qabu dubbataniiru. Mariin Biyyoolessaa furmaata ariifachiisaa osoo hin taanee, yero dheeraa kan fudhatu invastimantii akka ta’e eeruun, marichi meeshaa ijaarsa nageenyaa qofa osoo hin taanee, utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu hubachiisani. Itiyoophiyaanonni hundi carraa seenaa qabeessa kana fayyadamuun carraasaanii fuulduraa akka murteessanii fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani.
Jan 14, 2026 313
Amajjii 6/2018 (ENA) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa baandota keessaa fi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibseera.   Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’achuu beeksiseera. Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen Finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera.   Gareen Finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa Diishqaa 800 waliigalaan rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa agaalaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’ koodii 3 A.A B94744n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalaaa jiranii buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’atameera. Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo wajjin qindoomuun hordoffii fi sakatta'insa cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5 bara 2018 shakkamtoota lama waliin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira. Baandonnii fi diinonni qindaa’anii nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaa fi guddina biyyattii danquuf yeroo garaagaraatti yeroo socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha. Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.

Hawaasummaa
Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara.
Jan 20, 2026 56
Amajji 12/2018(ENA) – Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran mari’achuun furuuf waan gargaaruuf milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahachaa jiraachuu Abbootiin Gadaa ibsani. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiaa rakkoolee bu’uuraa fi adda addummaa yaadaa furuuf marii hunda hirmaachisaa gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojjecha jira. Dhimma kana irratti Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa magaalaa Amboo ENA’n dubbise bakka bu’aa kutaa hawaasaa kan ta’an Abbaa Gadaa Laggasaa Dhaabaa Marii Biyyoolessaa kan deeggaran ta’uu eeruun, sirna Gadaa keessattis Mariin iddoo olaanaa qabachuu ibsaniiru.   Adeemsa Marii Biyyoolessaa adeemsifamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachaa akka jiran hubachuu isaanii dubbataniiru. Adeemsa marii magaalota Finfinnee fi Adaamaa keessatti hawaasa magaalaa bakka bu’uun hirmaachuu isaanii ibsuun waltajjiiwwan irratti yaada tokkummaa biyyaaf bu’aa ta’e dhiyeessuu isaanii himaniiru. Marii biyyoolessaa kanarratti hawaasaaf hubannoo uumaa akka turan eeruun,marichi akka milkaa’uuf hojii isaanii cimsanii akka hojjetan ibsaniiru. Abbaa Gadaa Taarikuu Turaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee furuu irra darbee egeree Itiyoophiyaa biyya mijattuu taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.   Mariin biyyoolessaa akka biyyaatti adeemsifamu akka milkaa’uuf hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa biyya fooyyofte ijaaruuf gahee olaanaa waan qabuuf gahee keenya bahachuu qabna kan jedhan immoo Maanguddoo Biyyaa Baqqalaa Baay’ataa dha.   Mariin biyyaalessaa kun nageenyi waaraan akka bu’uuf akkasumas milkaa’ina piroojektoota biyyoolessaa jalqabamaniif haala mijataa waan uumuuf deggersi nuti milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif taasifnu itti fufa jedhaniiru.
Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa ergaa Hawwii Gaarii Ayyaana Cuuphaaf qaban dabarsan   
Jan 19, 2026 84
Amajji11/2018(ENA)-Imbaasiiwwan biyyoota adda addaa Teessoosaanii Finfinnee godhatan Ayyaana Cuuphaaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru . Itiyoophiyaatti Imbaasiin Ruusiyaa Ayyaanni Cuuphaa kan kabajan hundaaf ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru. Ayyaanichi kan Nagaa , Fayyaa, Gammachuu fi Badhaadhina hundaaf fidee kan dhufu akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Ameerikaatti Imbaasiin Itiyoophiyaa fi hordoftoota Amantichaa guutuu Addunyaatti argamaniif Ayyaanichi kan gammachuu isaaniif haata’u jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Israa’el Horoftoota Amantaa Ortoodooksii guutuu Itiyoophiyaa hundaaf baga ayyaana Cuuphaan nagaan isin gahe,Ayyaanichi kan nagaa,Jaalalaa isiniif haata’u jechuun ergaa hawwii gaarii qabu dabarseera. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Yuunaayitid Kingideem Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi jaalalaa akka ta’uuf hawweera. Itiyoophiyaatti Imbaasiin Armeeniyaa Ayyaanni Cuuphaa kan gammachuu fi eebbaa akka ta’uuf kan hawwan yoo ta’u, Imbasiin Kanaadaa gamasaan Ayaanichi kan gammachuu, kan nagaa fi badhaadhinaa isiniif haata’u jechuun dhaameera.   DabalataanisImbaasiiwwanJarman,Neezerlaandi, Fiinlaandi,Paakistaanii fi kaneen biroon Ayyaana Cuuphaaf ergaa Hawwii gaarii qaban ibsaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Waajjirri Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti argamu Ayyaanni cuuphaa kan nagaa fi gammachuu akka ta’uuf hawwii gaarii qabu ibseera. Ayyaanni Cuuphaa A.L.A bara 2019 Dhaabbata Barnootaa,Saayinsii, fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)tiin Hambaa Aadaa ta’ee galmaa’uun ni yaadatama.
Diinagdee
Manneen barnootaa naannichaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifameera
Jan 20, 2026 45
Amajjii 12/2018 (ENA) - Manneen barnootaa naannoo Oromiyaa qabeenyasaanii sirnaan fayyadamuun akka of cimsan xiyyeeffannoon taasifamuu itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Birmadummaa nyaataa hawaasaa mirkaneessuuf hojiilee mootummaa naannoo Oromiyaatiin xiyyeeffannoon hojjetamaa jiran keessaa lafti qotamuu danda’u akka bajjii hin baane baay’inaa fi bal’inaan midhaaniin misoomsuudha. Hojiilee hammattoo Kanaan hojjetaman keessaa maneen barnootaa lafa mooraa isaanii keessa jiru misoomsuun sagantaa soorata maneen barnootaatiin akka of danda’an godhamaa jira. Itti aanaan pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii akka dubbatanitti, jijjiiramaan booda naannichatti damee dinagdee, barnootaa fi teeknooloojiin hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira. Keessumaa gargaaramuurraa gara oomishtummaatti ceesisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun galmaa’uusaanii ibsaniiru. Mootummaan naannichaa dhaloota barnootaa fi teeknooloojiin gabbisuuf kallattii xiyyeeffanoo godhatee hojjechaa jiraachuu eeranii, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf galii maneen barnootaa fooyyessuu fi sagantaa nyaata barattootaa cimsuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dabalataanis galteewwan laaboraatoorii fi laayibrarii guutuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa manneen barnootaaf dhiheessuun barumsa dijitaalaa cimsuurratti xiyyeeffatameera jedhan. Galiin mootummaa, ummataa fi tola ooltotarraa argamu qofaasaa qulqullina barnootaaf wantoota barbaachisan guutuu fi dhaloota teeknooloojii fayyadamu uumuuf gahaa miti jechuun ibsan obbo Awwaluun. Manneen barnootaa naannichatti argaman lafa bal’aa qabaatanis sirnaan hojiirraa akka hin oolle eeranii, lafa bal’aa qaban misoomsanii akka of danda’an godhamaa jiraachuu eeraniiru. Barana Manneen barnootaa hedduu keessatti hojiin kun kan eegalame yoo ta’u manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa Somboo godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimbibiititti argamu hojii Kanaaf fakkeenta ta’uu dubbataniiru. Manni barumsichaa lafa qabu keessaa karaa Buusaa Gonofaa naannichaa heektaara 12 tuqaa 5 irra Qamadii misoomsuun oomisha kuntaala 600 ta’u walitti qabuu ibsaniiru. Dabalataanis manni barumsichaa inisheetiivii mootummaatiin gargaaramuun lukkuu fi saawwan aannanii horsiisaa, sangaa furdisaa jira jedhaniiru. Haala kanaan galteewwan nyaata barattootaaf barbaachisan ofiisaatiin guuttachuun sadarkaa of danda’uurra gahuusaa eeranii, bara dhufurraa eegalee muuxannoon mana barumsaa kun maneen barnootaa godinichaa hundatti akka babal’atu godhama jedhaniiru. Itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dabalatee hoggantoonni godina Shawaa Kaabaa hojii misoomaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Somboo aanaa Qimbibiititti argamu daawwataniiru.
Sirni kabaja ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa Qaba –Daawwattoota(Turistoota)  Biyya Alaa
Jan 19, 2026 81
Amajji 11/2018 (ENA) – Sirni kabaja ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa qabaachuu Arbaamincitti sirna kabaja ayyaanichaa irratti daawwattoonni biyya alaa argaman himani. Magaalaan Arbaminci, kan Paarkii Biyyoolessaa Nacci saarii, Haroo Abbayyaa fi Caamoo, Burqaawwan 40, Bakka horsiisa Naachotaa(Raanchi), aartii aadaa uffata dhawuu fi manneen Godoo fi hawwata turizimii biroo qabdu, waggaa guutuu daawwattoota hedduumminaan simatti. Daawwattoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan Magaalaa Arbaamincitti ayyaana Cuuphaa jiraattota waliin kabajaa jiru. Daawwattoonni biyya alaa ENAtti akka himanitti, sirni ayyaana Cuuphaa Itiyoophiyaa Duudhaa Addaa fi Ajaa'ibaa kan qabu ta’uu dubbatani. Ayyaana Cuuphaa lammiilee Itiyoophiyaa waliin kabajuun keenya gammachuu addaa fi yaadannoo hin dagatamne nuuf uumeera jedhani.   Dawwataan Poolandi irraa dhufan Jaak Toorbiliiz akka himanitti ayyaana Cuuphaa irratti argamee kabajuu koof gammachuu guddaatu natti jedhahama jedhani. Ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa sirni amantaa isaa adda ta’ee fi ayyaanichi biyya kamiyyuu kan hin jirre ayyaana ajaa’ibaati jechuun ibsani. Ayyaanni Cuuphaa ayyaana Hambaa Kiliyaa addunyaa(UNESCO) ta’e kuni, sirni isaa osoo hin jijjiiramiin eegamee dhalootaaf darbuu akka qabu dhaamani. Itiyoophiyaan lafa nagaati kan jedhan daawwataan kuni, biyyattiin damee hundaan guddina ariifataa irra akka jirtus arguu ibsaniiru.   Biyyoota addunyaa dhibba tokkoo ol daawwachuu kan himan daawwattuun gara biraa Fiinlaandi irraa dhufan Iivaa Pooloojaarbii gama isaaniin, ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa ayyaana addaa fi ajaa’ibaa ta’uu dubbatani. Lammiileen hunduu uffata adiin miidhaganii tokkummaan faarfannaa fi galateeffannaadhaan sirni duudhaa amantaalee gaggeessan baay’ee kan nama gammachiisu dha jedhani. Ogeessa ogbarruu ta’uu isaanii kan himan daawwattuun kuni waa’ee hambaalaalee Itiyoophiyaa fi aadaa ishee bifa kitaabaan qopheessuun akka beeksisan dubbataniiru.   Daawwataan gara biraa Meeksikoorraa dhufan Kaarloos Goomiikloogaa gama isaaniin, ayyaana Cuuphaa fi bakkeewwan hawwata turizimii ta’an daawwachuuf gara Itiyoophiyaa akka dhufan himaniiru. Ayyaana adda ta’e kana kabajuu isaaniitti gammaduu eeruun,lammiilee Itiyoophiyaa simannaa keessummaa, ulfinaa fi jaalala naaf agarsiisanitti hedduu gammadeera jedhani. Gara biyya kootti gaafan deebi’u, hiriyyoonni koo hambaalee Itiyoophiyaa, bakkeewwan hawwata turizimii fi ayyaanota akka daawwatan ittan hima jedhaniiru. Hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee kan galmaa’e, ayyaanni Cuuphaa Itiyoophiyaa guutuu biyyattii keessatti haala ho’aan duudhaalee amantaa fi aadaan kabajamaa jira.
Bulchiinsi Magaalichaa hojiiwwan Jireenya lammiilee fooyyessan hojjechuu cimse itti fufa- Kantiibaa Adaanach  Abeebee
Jan 18, 2026 126
  Amajji 10/2018(ENA)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiiwwan namarratti xiyyeefatan hojjetu cimsee akka itti fufu kantiibaan Adaanach Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanach Abeebee Kutaa magaalaa Lidaataa Aanaa 8 naannoo Makkanniisaa Aabbootti Haadholii hojii gabaa gullitiirratti bobba’anii turani manneen daldalaa ammayaa’aa ijaaramee dabarsanii kennaniiru.   Kantiibaa Adaanach Wayita sana ergaa dabarsaniin, haadholiin kun Ammaan dura Aduun, biyyeen, fi bokkaan miidhamaa hojiisaanii haala rakkisaa keessa hojjechaa dabarsanii maatiisaanii gaggeefachaa akka turan ibsaniiru.   Hojiin misooma koriideraa hojjetamuun dura bakki gulliitii ture jijiiramuun bakki daldalaa ammayyaa’aan hojjetamuu eeruun, hojiin misoomaa magaalichatti hojjetamu magaalitti miidhagsuurra darbee bakka hojii lammiilee mijataa fi ammayaa’aa taassisuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan misooomaa magaalichatti raawwataman kamiyyuu, namarratti kan xiyyeeffatanii fi jireenya lammiilee kan jijjiiran ta’uu dubbataniiru.   Haadholiin har’a bakka hojii fudhatan omisha gabaaf dhiheessan haala salphaana akka argataniif gidduugala gabaa laaftoo waliin walitti hidhaminsi gabaa akka isaaniif uumameefii beeksisaniiru. Haadholiin haala mijataan akka daldalanii fi hawaasni naannichaa omisha isaanirraa bituun akka isaan jajjabeessan waamicha dhiheessaniiru
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 34
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru ‎appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. ‎‎Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. ‎‎Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 32
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. ‎Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. ‎Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. ‎Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata‎ Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti.
Jan 20, 2026 28
Amajji 12/2018(ENA) –Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan guddina teeknooloojii ammayyaa fayyadamuudhaan, dippilomaasii dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun, biyyattii beeksisuuf fi dantaa biyyaalessaa ishee eeguuf hojjechaa akka jirtu ibseera. Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippiloomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee ENA waliin turti taasisaniin, dippiloomaasiin dijitaalaa meeshaa murteessaa tarsiimoodhaan faayidaa biyyoolessaa biyya tokkoo eeguuf itti fayyadamaa jiramu ta’uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 akka biyyaatti dippiloomaasii dijitaalaaf haala mijataa ta’e uumuus yaadachiisaniiru. Daarektarri kun itti dabaluudhaan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef damichaaf carraa guddaa fidee akka dhufus himaniiru. Itiyoophiyaan Afrikaaf wiirtuu humannoo namtolchee ta’uuf tattaaffii taasiftu keessatti haala gaariin kan deeggaru ta’u eeraniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolcheedhaan tajaajilamtoonni gara qonsiilaatti qaamaan deemuun osoo isaan hin barbaachisiin bilbila isaaniin tajaajila argachuun kan isaan dandeessisu hojiin hojjetamaa jira jedhani. Ijaarsi wiirtuu daataa wayita daawwannaa ministira muummee Hindii Naareendiraa Moodii labsame dippiloomaasii dijitaalaa daran akka cimsu himaniiru. Itiyoophiyaan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu keessatti ejjennoo tarsiimoo qabdu ta’uu eeruun, biyyattiin baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti tarsiimoo ta’uun ishee fi Galaana Diimaatti dhihoo ta’uun ishee, michuu dippilomaasii ijoo ishee taasisa jedhaniiru. Hojiiwwan dippiloomaasii turizimiin karaa dippiloomaasii dijitaalaa gaggeeffamaa jira jedhan. Kanaafis, qabeenya uumamaa fi kennaawwan tarsiimawoo akkasumas kaka’umsa Ministira Muummeetiin kan ijaaraman bakkeewwan hawwata turizimii filmaatawwan dijitaalaan addunyaatti beeksisamuu akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Jaarraan 21ffaa yeroo dorgommii odeeffannoo to’annoo olaantummaa seeneffamaa ta’uu isaas hubachiisaniiru. Ministirichi teeknooloojii yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramu kana keessatti dorgomaa ta’uuf odeeffannoo xiinxaluu fi tilmaamuun dandaa biyyoolessaa eegsisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhani.
Kalaqni teeknooloojii inistiitiyuutichaa hanqina humna namaa dameewwan yaalaa murteessoo ta’an guutuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jan 17, 2026 87
Amajjii 9/2018(ENA) - Kalaqni teeknooloojii Inistiitiyuutiin Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa (AI) hanqina humna namaa dameewwan yaalaa murteessoo ta’an guutuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata Biig Wiin Filaantirooppii (Big Win Philanthropy) doktar Kassetebirhaan Admaasuu. Hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbata Biig Wiin Filaantirooppii (Big Win Philanthropy) doktar Kassetabirhaan Admaasuu Itiyoophiyaatti Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee daawwataniiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa kun daawwannaa isaanii kanaan kalaqa teeknooloojii fi hojiiwwan qabatamaa inistiitiyuuticha keessatti hojjetamaa jiran kan ajaa’ibsiifataman ta’uu ibsaniiru. Keessumaa damee fayyaa keessatti hojiilee teekinooloojii tajaajila qabatamaaf oolan itti fayyadamuuf hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Ogeessonni fayyaa fi ogeessonni hubannoo namtolchee (AI) haala qindoominaan waliin hojjechuu carraan jiraachuu isaatti gammachuu guddaa akka isaaniif uume ibsaniiru.   Kunis dameewwan yaalaa biyyattii keessatti hanqina humna namaa mudachaa jiran keessatti qaawwa jiru guutuuf gahee olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Teeknooloojii hubannoo namtolchee (AI) irratti carraan walta’iinsa idil-addunyaa bal’aan akka jiru Dr. Kassetebirhaan eeraniiru. Miseensa Boordii ta’uun keessa kan tajaajilaa jiran dhaabbanni idil addunyaa Seeppii jedhamu vaayirasoota weerara dhibee fiduu danda’an dursanii adda baasuun guyyoota 100 keessatti talaalliiwwan oomishuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Dhaabbatichi Afrikaa keessatti giddugalawwan waliin hojjechuu danda’an barbaadaa akka jiru eeruun, daawwannaan isaanii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa fi Seeppii gidduutti hariiroo hojii cimaa uumuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Kunis dhaabbileen qorannoo fayyaa Itiyoophiyaa, mootoroota Seeppiin qopheessu, motoroota AI (AI Engines) bal’inaan akka itti fayyadamaniif karaa akka banu ibsaniiru.
Ispoortii
Tapha Shaampiyoonsi liigichaan Intarmiilaan Arsenaal waliin taasisu hawwiin eegama
Jan 20, 2026 44
Amajjii 12/2018(ENA)- Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 7ffaan har’aa fi booru gaggeeffamu. Taphni har’a galgala sa’aatii shanirratti Istaadiyeemii Saan siirootti kilaba Intar Miilaanii fi Arsenaal gidduutti taassifamu Xiyyeeffannoo daawwattootaa hawateera. Intar Miilaan taphoota jaha hanga ammaatti taasiseen qabxii 12n sadarkaa 6ffaarratti argama. Morkataansaa Arsenaal gamasaan qabxii 18n sadarkaa 1ffaarratti argama. Kanaanis shaampiyoonsi liigii bara Kanaan taphoota hunda kilabii qofeessa injifatedha.   Kilaboonni lameen shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yoo waliin taphatan kun kan 4ffaa yoo ta’u, ammaan dura taphoota 3 gaggeessaniin Arsenaala yeroo 2 yoo injifatu Intarmiilaan yeroo tokko injifateera. Gareewwan kun yeroo dhumaaf waltajjii Awurooppaarratti kan walitti dhufan A.L.A bara 2024/25n kan ture yoo ta’u, yeroo sana Intar miilaan haakan chalaanoglu galchii rukkuttaa adabbiin lakkoofsiseen 1 fi 0n injifateera. Intar Miilaan dursaa garee seerii’aa fi Arsenaal dursaa garee piriimar liigii Inglizi . Kilabiin xaaliyaanii yeroo sadii waancaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa yoo injifatu, faallaasaan Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii injifatee hin beeku. Kilaboonni lameen taphichaan morkii cimaa gaggeessu jedhameetu eegama.   Sagantaawwan biroon Ispoortingi Liizban injifataa dorgommii wayita sanaa PSG, Riyaal Maadriid Monakoo waliin, Tootinihaam Hotispersi Boruusiyaa Dortimundi waliin, Koppenhagen Naapoolii waliin, Viyaariyaal Ayaaksii waliin, akkasumas Olompiyaakos Baayer Leverkusen waliin yeroo wal fakkaatu sa’aatii shanitti ni taphatu. Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Bodogiliimti Maanchistar Siitii fi Kayraat Almaatii Kilab Biruuzyi waliin taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 77
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.   Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.   Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.   Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.   Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 82
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira
Jan 13, 2026 128
Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera.   Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru. Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru. Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru. Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.   Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.   Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16526
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1765
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015