ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon taasifameera
Mar 28, 2026 190
Bitootessa 19/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan. Woorkishooppiin magaalichatti haala jireenya bu’uraa qonnaan bultootaa fooyyessu irratti xiyyeeffate qooda fudhattoonni garagaraa bakka argamanitti gaggeeffameera. Kantiibaa Doktar Tashoomaa Addunyaa waltajjicharratti akka ibsanitti, waggoota sadan darban qorannoorratti hundaa’uudhaan magaalaa Shaggar guddisuu fi ammayyeessuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa turaniiru. Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee pilaanii ammayyaa dabalatee magaalattii ammayyeessuuf hojiin hojjetaman milkaa’aa dhufuu ibsaniiru. Keessumaa haala jireenya qonnaan bulaa magaalichaa gama fooyyeessuutiin woorkishooppiin kun murteessaa ta’uu eeranii, misooma jiru odeeffannoo qabatamaatiin ammayyeessuu fi jijjiirama argame itti fufsiisuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Walumaa gala sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hogganaan biiroo pilaanii fi misoomaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Ahimad Toofiiq gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoota bu’uureffachuun የyaadama haaraan kan hundeeffame ta’uu dubbataniiru. Jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu fi faayidaa argatu guddisuuf qorannoon taasifamaa akka jiru eeraniiru. Magaalichaa fi qonnaan bulaa walitti fiduudhaan cabiinsa walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi dinagdee suphuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, qonnaan bulaan qonnarraa gara Industirii, horsiisa loonii, daldalaa fi tajaajilaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Woorkishooppicharratti waraqaa qorannoo kan dhiheessan Yunivarsiitii Finfinneetti qorataan dame wabii nyaataa Maskaram Abbii, magaalummaan guddina dinagdee si’achiisuun qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa kanneen akka barnootaa fi fayyaa babal’isuu, wabii nyaataa mirkaneesuuf oomisshaa fi oomishtummaa dabaluu fi aadaa qusannoo guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru. Fayyadama qonnaan bulaa fi guddina magaalattii wal madaalchisuun tarkaanfachiisuun murteessaa ta’uu yaada dhiheessaniiru.
Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Mar 28, 2026 143
Bitootessa 19/2018(ENA) - Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Qonna margaa fi nyaata loonii naannoo Affaar Zoonii tokko, aanaa Asaayittaatti laga Awaashitti fayyadamuun misoome daawwanneerra jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin. Marga nyaata loonii aanicha lafa heektaara kuma 2 fi 540 irratti misoomaa jiru oomishuudhaan, qiqindeessuunii fi gabaa biyya keessaa fi biyya alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Akaakuun margaa oomishtummaa beellada aannaniif guddaa barbaachisan oomishamaa jiraachuu argineerra jedhan. Jallisii Misoomaa fi qiqindeesuu margaatiin namoota kuma 1’f carraan hojii uumameeraaf jechuun dabalanii ibsaniiru. Misooma qabeenya beelladaa guddisuun gamatti inisheetiivii biyyaalessaa maaddii guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin. Hojiin kun biyyattii bakkeewwan garagaraatti rooba qofa eeguun oomishuun gamatti lagatti fayyadamuun oomishuun akka barbaachisu kan barsiisudha jedhan.
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 151
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin mari’atan
Mar 28, 2026 145
Bitootessa 19/2018 (ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin har’a mari’ataniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee hoggantoota jiddugaleessarraa amma aanaatti jiran waliin marii gaggeeffameen iftoomina uumuun akka danda’ame ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru. Haala Kanaan mariilee dhaabbilee amantaa waliin taasifamaniin gaaffilee fi komii kaafamaniif bulchiinsi magaalichaa kana raawwachiisuuf karoora qopheesserratti waliigalteerra gahamuu dubbataniiru. Karoora kana raawwachiisuuf hojiitti galamuu fi raawwiinsaan akka hordofamu hubachiisaniiru.
Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoon xumuramee himanni banamuusaa poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise
Mar 28, 2026 152
Bitootessa 19/2018(ENA)- Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni kan irratti baname ta’uu poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise. Shakkamtoonni hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata dhuunfaa Fiinteek Daani’eel Yohaannis Iyyasuus fi Girmaayi G/Mikaa’el Yihidagoo jedhaman beekamtootaa fi dhiibbaa uumuu kan danda’anitti fayyadamuun lammiilee kuma 1 fi 200 caalan waliin dhahuun birrii biiliyoona 1 tuqaa 7 qaqqabsiisuusaaniin himanni irratti banameera. Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ibsa ENA’f ergeen shakkamtoonni yakkoota garagaraa 19niin qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni irratti banameera.
Siyaasa
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii falmii paartilee siyaasaa gaggeessuu eegale
Mar 27, 2026 1015
Bitootessa 18/2018(ENA) – Waltajjiin falmii boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa qopheesse filannoon walii galaa torbaffaa dhufu caalaatti hammataa fi hirmaachisaa akka ta’u gochuuf kan yaadame falmii filannoo paartilee siyaasaa kan jalqabaati. Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatwarqi Hayiluu wayita kana, boordichi baatiiwwan darban muraasa waltajjii falmii kana qopheessaa turuusaa ibsaniiru. Kaka’umsi kun paartileen siyaasaa yaada imaammataa qaban ummataaf kan itti ibsan carraa uumuun paartileen ejjennoosaanii beeksifachuuf akka gargaaruu fi ummanni filatus hubannoo caalaa akka argatu haala mijataa akka uumu eeraniiru. Akka walitti qabduun boordii kun jedhanitti, boordichi paartilee filannoo walii galaa torbaffaarratti dorgoman deeggaruuf leenjii dabalatee paartileen falmii yaalii akka gaggeessan carraa uumeera. Waltajjichi Paartilee siyaasaa, bakka bu’oota hawaasa Siviilii fi barattoota dhaabbilee barnootaa walitti fiduun dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha gaarii akka taasisu ibsaniiru. Waltajjiin falmii kun qama filannoon Walii galaa biyyaalessaa caalaatti hammataa fi hirmaachisaa karaa ta’een akka gaggeeffamu tattaaffii taasisaa jiruu ta’uu walitti qabduun boordii kun ibsaniiru.
Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Finfinneetti Gaggeeffama
Mar 27, 2026 708
Bitootessa 18/2018 (ENA): Adeemsi Marii Ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraay Bitooteessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Adeemsa marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera. Adeemsichi hirmaachisaa fi hunda kan hammatee akka ta’uuf hojiin Komishinichi hanga ammaatti hojjechaa ture milkaa’aa ta’uu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaan ibsaniiru. Hojiin kun aanaa irraa eegalee haala ummata hirmaachisuun hojjetamaa akka tures ibsaniiru. Lammiileen Naannoo Tigraay keessatti argaman adeemsa marii kanarratti hirmaachuuf mirga guutuu kan qaban ta’uu fi bu’a qabeessummaa adeemsichaaf gumaacha gaarii gumaachuu isaanii ibsaniiru. Komishinarri Olaanaan kun ibsa kennaniin Komishinichi adeemsa marii naannoo Tigraay keessatti eegaluu fi haala mijataa uumuuf tattaaffii bal’aa taasisaa turuu yaadachisaniiru. Bulchiinsa yeroo naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti socho’anii fi qooda fudhattoota biroo magaalaa Maqalee fi Finfinnee waliin mariin yeroo 22 ol adeemsifamuu isaa hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, tattaaffiin kun adeemsi naannicha keessatti gaggeeffamuuf haala mijataa waan hin uumneef, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi filannoo bakka bu’ummaa Finfinneetti akka gaggeeffamu murtaa’eera. Adeemsi marii ajandaa walitti qabuu naannichatti Bitootessa 23 hanga 25, 2018 Finfinneetti akka gaggeeffamu beeksisaniiru. Adeemsa Bitootessa 23 irraa eegalee gaggeeffamu kana irratti qooda fudhattoonni sadarkaa sadarkaan jiran hundi dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Faransaay nageenya eegsisuu irratti tumsa tarsiimoo cimsuuf waliigaltee mallatteessan
Mar 27, 2026 488
Bitootessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Faransaay walta’iinsa biyyoota lamaanii damee nageenya eegsisuu irratti qaban gara walta’iinsa tarsiimootti guddisuuf har’a waliigaltee biyyoota lamaanii mallatteessaniiru. Waliigaltee kana Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa Mahaammadii fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Faransaay Aleeksiis Laameech mallatteessaniiru. Waliigaltichi miseensonni Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa ergama nagaa eegsisuutti bobbaafaman qophii hojii isaanii guddisuu fi dandeettii idil-addunyaa isaanii daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Waliigaltee kanaan ragaaleen leenjii Inistiitiyuutii Leenjii Deeggarsa Nagaa Idil-addunyaa (IPSTI) fi Mana Barumsaa Leenjii Mul’ataa (CTS) irraa kennaman sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii kan argatan yoo ta’u, hojiin qorannoo sadarkaa idil-addunyaatti kan gaggeeffamu ta’a. Waliigaltichi ragaaleen leenjii Wiirtuun Nageenya Eegumsa Itiyoophiyaa kennan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afriikaa biratti beekamtii olaanaa akka qabaatanis kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Milkaa’ina kanaaf mootummaan Faransaay deeggarsa teeknikaa fi meeshaa barbaachisaa ta’e kan kennu yoo ta’u, dandeettii nageenya eegsistoota dirree waraanaa keessatti balaa fanjii dhoo’au irraa of eeguu guddisuuf xiyyeeffannoon addaa ni kennama. Waliigalteen kun dippilomaasii waraanaa cimaa biyyoota lamaan gidduu jiru irratti kan hundaa’edha. Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuu idil-addunyaa keessatti adda duree ta’uun hirmaachuu ishee fi loltoota nageenya eegsistoota addunyaa adda duree ta’an biratti argamuun ishee itti fufuun tumsa kana cimsuuf sababa ta’uun kaafamaniiru. Waliigalteen kun gumaacha Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii addunyaaf qabdu caalaatti bu’a qabeessa akka taasisu himama. Kana malees, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture sadarkaa haaraatti akka ceesisu ibsameera jedha odeeffannoon ENA’n Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa irraa ” irraa argate. #Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena
Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aa dhalootaatiif bu’uuradha – Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Mar 27, 2026 424
Bitootessa 18/2018 (ENA) – Magaalummaan fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaarratti ijaaramaa jiru dhalootaaf jireenya fooyya’aa akkasumas badhaadhina biyyaaf bu’uura ta’uu isaa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa hubachiise. Tajaajilichi odeeffannoo karaa miidiyaa hawaasaa isaa qoodateen; hojii guddaan misooma magaalaa fi kooridarii biyyattiin hojjechaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessadha jedheera. Odeeffannoon tajaajilli komunikeeshinii mootummaa qoode guutummaansaa kunoo- Magaalummaa fi babal’inni magaalaa ammayyaa bu’ura cimaa irratti ijaaramaa jiru, dhalootaaf jireenya gaarii fi badhaadhina biyyaaf bu’uura dha Hojiin misooma magaalaa fi kooridarii bal’aan Itoophiyaan gaggeessaa jirtu, bifa biyyattii jijjiiruu bira darbee, jireenya lammiilee fooyyessuuf tarkaanfii seena qabeessa fudhatame dha. Magaalonni bifa hiyyummaa yeroo dheeraaf ittiin beekamaa turan gama jijjiiruutiinii fi jiraattotaaf mijataa fi hawwataa ta’anii akka gurmaa’an mootummaa bajata guddaa ramaduu fi humna namaa qindeessuun hojjechuun danda’ameera. Keessumaa hojiileen bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, haaromsaa magaalaa, naannolee miidhagsuu, hojiileen suphaa bakkeewwan seenaa fi hambaalee Fnfinnee fi magaalota guguddoo birootti hojjetaman akkasumas hojiin misooma kooridarii hojjetamaa jiran ni eeramu. Hojii bu’uuraalee misoomaa kanaan, hawaasni bishaan dhugaatii qulqulluu, daandii fooyya’aa, tajaajila fayyaa sadarkaa gaarii qabu, barnoota qulqulluu fi humna ibsaa akka argatu taasifameera. Gama biraatiin kallattii Ministirrri Muummee doktar Abiy Ahmed kaa’aniin waggoota jijjiiramaa saddet darban keessatti hojiiwwan misoomaa hedduun kan raawwataman yoo ta’u isaan keessaa hojii magaalaa miidhagsuu isa ijoo dha. Xiyyeeffannoon Hojii misooma kooridarii fi haaromsaa magaalaaf kenname magaalota Itiyoophiyaa gurguddoo qofa osoo hin taane magaalota 78 keessatti hojiirra ooleera. Misoomni kooridarii kun jireenya magaalotaa duubatti hafaa jijjiiruun jireenya ammayyaa uumuurra darbee eeggumsa naannoo, jijjiirama yaadaa, fi naannoo jireenyaa mijataa uumuun gumaacha guddaa qaba. Kunis jireenya gaarii lammiilee abdii itti horuun alatti madda boonsaa ta’ee jira. Akkasumas lammiileen biyyoota biraa dinqisiifannaa guddaa itti agarsiisaniiru. Haaromsaa fi suphaan dhaabbilee seenaa, duudhaa isaanii eeguun dhalootaaf dabarsuu fi miidhagina magaalaa dabaluun turistoota hawachuu danda’eera. Kanaanis turistoonni hedduun yeroo dheeraaf Itiyoophiyaa keessa akka turan gochuun galiin guddaa akka argamu taasisuun danda’ameera. Bu’aa badhaadhinaa kana itti fufsiisuuf hojii dabalataa ciminaan hojjechuun barbaachisaa dha. Itiyoophiyaan Afriikaaf fakkeenya badhaadhinaa ta’uu fi mul’atashee milkeessuuf, hirmaannaan lammiilee murteessaa waan ta’eef, tumsa cimaa itti fufsiisuun barbaachisaa dha. Walumaagalatti, imalli badhaadhina magaalummaa Itiyoophiyaan eegalte dhaloota dhufu xiyyeeffannoo keessa galchuun kan raawwatame yoo ta’u, mootummaa teeknooloojii dijitaalaa fi sirna hojii ammayyaa walitti qindeessuun, magaalonni keenya bakka turizimii fi invastimantii ta’uurra darbanii wiirrtuu carraa hojii mijataa fi madda boonsaa akka ta’an gochuuf tattaaffii walirraa hin cinne akka taasisu ni mirkaneessa.
Dargaggoonni filannicha irratti dammaqinaan akka hirmaataniif hojiin hojjetamaa jira
Mar 26, 2026 906
Bitootessa 17/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dargaggoonni dammaqinaan akka hirmaatan hojiin hojjetamaa jiraachuu Manni Maree Dargaggoota Naannoo Somaalee beeksise. Pireezidaantiin Mana Marichaa Mahaammad Ahimad Nuur adeemsa dimokiraatawaa filannoof hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis manni marichaa hojii dadammaksuu gaggeessaa akka jiru ENAtti himeera. Dargaggoonni biyyaa kan bakka bu’an ta’uu isaanii hubatanii sochii waliigalaa biyyattii keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Filannoo irratti hirmaannaa isaanii cinaatti tajaajila tola ooltummaa isaanii itti fufuun akka isaan irraa eegamus akeekeera.
Naannichatti Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii qindoominaan waliin hojjechuun odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uun danda’ameera
Mar 26, 2026 662
Bitootessa 17/2018 (ENA): Biiroon komunikeeshinii naannoo Oromiyaa odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uuf dameen miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksise. Waltajjiin Miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa gamaaggama karoora ji’oota sagalii fi sagantaa ifoomsa marsareetii (weebsaayitii) qindoome biiroon qopheesse gaggeessaa jira. Hogganaan biiroo kominikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addugnaa, wayita sana akka jedhanitti, biiroon odeeffannoo naannichaa bulchuu fi suuraa gaarii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Biirichi mootummaa fi ummata gidduutti wal amantaa uumuu fi hojiiwwan miidiyaa fi hariiroo hawaasaa qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu waggoota darban keessatti waltajjiin waloo seektaroonni miidiyaa fi komunikeeshinii waliin hojjetan hundeessuun ijaarsa seeneffama waloo cimsuu fi odeeffannoo sobaa ittisuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru. Marsareetiin odeeffannoo walitti qabuu fi qindeessu, har’a ifoome, bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa, sirna odeeffannoo dhugaa irratti ijaaramee fi qaqqabummaa amanamaa dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Biiroon kun qormaata tajaajila odeeffannoo bara teeknooloojiitti uumamuu malu ittisuuf wiirtuu bulchiinsa odeeffannoo ijaaraa akka jiru hubachiisaniiru. Marsareetiin kuni caasaa komunikeeshinii sadarkaa sadarkaan jiru irraa odeeffannoo walitti qabuu qofa osoo hin taane, hariiroo miidiyaa, dhaabbilee mootummaa fi ummata gidduu jiru sadarkaa ol’aanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama galma Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 kan ta’ee fi biiroon tajaajila isaa gama hundaan dijiitaalaa taasisuuf hojii eegale cimsee odeeffannoo qulqullinaa fi walsimaa ta’e fayyadamaa bira akka ga’u taasisuudha jedhaniiru. Hirmaattonni waltajjichaa gama isaaniitiin, Waltajjiin Miidiyaa fi Komunikeeshinii damee kana keessatti walhubannaa fi qindoomina uumeera jedhan. Marsareetii eegalame kun bu’aalee naannichatti galmaa’aa jiru dhaqqabamaa taasisuun hirmaannaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa ummataa guddisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru. Waltajjicharratti qooda fudhattoota sirna bulchiinsa odeeffannoo dijitaalaa Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eegalame milkeessuuf gumaachan galateeffateeffataniiru.
Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoorratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiru
Mar 26, 2026 490
Bitootessa 17/2018 (ENA) - Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiraachuu dubbatan. Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuuf Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni magaalaa Jimmaa kaardii filannoo fudhachaa osoo jiranii ENAn dubbise akka jedhanitti filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa sirna demokiraasii biyyasaaniif qoodasaanii bahachaa akka jiran kaasaniiru. Kanneen keessaa obbo Geetaachoo Wadajoo, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhataniiru. Kana malees paartileen siyaasaa imaammatasaanii miidiyaan dhiheessaa jiran hordofaa akka jiran dubbataniiru. Kanneen biroos kaardii filannoo yeroon fudhachuun mirga demokiraasii isaaniitti fayyadamuun paartii siyasaa imaammata guddina biyyaaf ta’u qabu akka filatan gorsaniiru. Jiraataan magaalichaa dargaggoo Zarihun Jihaad kaardii fudhachuun paartii imaammata gudduina biyyaaf qabu filachuuf bu’ura waan ta’eef kaardii fudhachuusaa ibseera. Kaardii fudhateen paartii fayyadama dargaggootaa mirkaneessuu fi guddina biyyaa itti fufsiisu filachuuf qophaa’uusaa dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa adde Alamtsahaayi Tsaadiquu, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaahuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii dubbatanii, paartii fayyadama dubartootaaf ni hojjeta jedhan filachuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.
Raayyaa Ittisaatti Izziin Bahaa gahumsa olaanaan ergamasaa bahaa jira-Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa
Mar 25, 2026 1290
Bitootessa 16/2018(ENA) - Raayyaa Ittisaatti Izziin Bahaa ergama heera mootummaa kennameef gahumsaa fi gootummaa olaanaan bahachaa akka jiru ajajaan olaanaa Izzichaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaamirkaneessan. Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa hoggantoota komaandoo Izzii, Koorii, kutaa waraanaa Istaafiif kallattii bobbii wayitaawaa kennaniiru. Raayyaan haala balaawwan biyyattii mudatan qolachuun dandeessisurra akka jiruu fi qaamoleen hooggansaa qindaa’anii qoodasaanii bahaa akka jiran Jeneraalichi ibsaniiru. Izziin Bahaas ergama biyyaalessaa fi dhaabbatummaa cichoomee bahachaa jira jedhaniiru. Hojii seera kabachiisuu naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiraniin kaayyoon humnoota ergama alagaa raawwachiisaa jiranii akka fashalu godhamuu eeraniiru. Fuulduraa humnoota nageenyaa fi ummataa waliin caalaatti qindaa’uun riijinichatti nagaa amansiisaa buusuuf akka hojjetamu mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Kantiibaa Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin mari’atan
Mar 28, 2026 145
Bitootessa 19/2018 (ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gaaffilee abbootii amantaarraa kaafaman irratti hoggantoota waliin har’a mari’ataniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee hoggantoota jiddugaleessarraa amma aanaatti jiran waliin marii gaggeeffameen iftoomina uumuun akka danda’ame ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaa isaaniirratti barreessaniin ibsaniiru. Haala Kanaan mariilee dhaabbilee amantaa waliin taasifamaniin gaaffilee fi komii kaafamaniif bulchiinsi magaalichaa kana raawwachiisuuf karoora qopheesserratti waliigalteerra gahamuu dubbataniiru. Karoora kana raawwachiisuuf hojiitti galamuu fi raawwiinsaan akka hordofamu hubachiisaniiru.
Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoon xumuramee himanni banamuusaa poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise
Mar 28, 2026 152
Bitootessa 19/2018(ENA)- Hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata Invastimantii Fiinteek miidhaa birrii biiliyoona 1.7 lammiileerraan gahan irratti qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni kan irratti baname ta’uu poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa beeksise. Shakkamtoonni hundeessitootaa fi abbootii dhaabbata dhuunfaa Fiinteek Daani’eel Yohaannis Iyyasuus fi Girmaayi G/Mikaa’el Yihidagoo jedhaman beekamtootaa fi dhiibbaa uumuu kan danda’anitti fayyadamuun lammiilee kuma 1 fi 200 caalan waliin dhahuun birrii biiliyoona 1 tuqaa 7 qaqqabsiisuusaaniin himanni irratti banameera. Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ibsa ENA’f ergeen shakkamtoonni yakkoota garagaraa 19niin qorannoo qulqulleessee abbaa alangaaf erguun himanni irratti banameera.
Yuunivarsiitiin Bahirdaar humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gahoome oomishuun gumaacha olaanaa taasisaa jira
Mar 28, 2026 82
Bitootessa 19/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bahirdaar humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gahoome omishuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa Abdulkariim Mangistuu. Yuunivarsiitichi Kolleejjii Fayyaa fi Saayinsii Fayyaa guyyaa har’aa leenjifamtoota gosoota fayyaa adda addaatiin barsiisaa ture 255 eebbisiiseera. Akka Itti Gaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannichaa obbo Abdulkariim Mangistuu sirna eebbaa kanarratti akka ibsanitti mootummaan damee fayyaatiif xiyyeeffannoo addaa kennaa jira jedhani. Dhaabbileen barnoota olaanoo humna namaa barate, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii oomishuuf deeggarsa taasisaa jiran sirna fayyaa fooyyessaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas barattoonni eebbifaman hojii garee, beekumsaa fi dandeettii yeroo barnoota isaanii horatanitti fayyadamuun dameewwan itti bobba’an keessatti fakkeenya ta’uu akka qaban yaadachiisaniiru. Imaammata fayyaa dhibee ittisuu fi wal’aananii yaaluu irratti hundaa’ee biyyattii keessatti hojiirra oole milkeessuuf eebbifamtoonni waan isaan irraa eegamu bahachuu akka qabanis eeraniiru. Pireezdaantiin Yuunivarsiitii Baahirdaar Dr. Mangashaa Ayyanaa akka jedhanitti; Yuunivarsitichi ergama isaa bahachuu, barsiisuu, qorannoo fi tajaajila hawaasaa bahaa jira. Barattoota har’a eebbifaman 255 keessaa 99 dubartoota ta’uu fi barnoota digrii jalqabaa, ispeeshaalistii fi digrii lammaffaa hordofaa akka turan ibsaniiru. Eebbifamtoonni qormaata adda addaa irra aanuun bu’aa galmeessisuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneessan mallattoo ciminaa ta’uu ibsaniiru.
Eebbifamtoonni beekumsa yeroo yunivarsiiticha keessa turan keessatti horataniin biyya isaanii fi hawaasa isaanii tajaajiluun irraa eegama
Mar 28, 2026 74
Bitootessa 19/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsaa fi dandeettii horatan fayyadamuun biyya isaanii fi hawaasa isaanii tajaajiluuf qophaa’uu akka qaban Itti aanaan bulchaa naannoo Somaalee Ibraahim Usmaan dhaamani. Barattoota har’a Yunivarsiitii Jigjigaa irraa fayyaa fi damee barnoota birootiin eebbifaman 907 keessaa 237 dubartoota ta’uun ibsameera. Sirna eebbaa kanarratti haasawa kan taasisan itti aanaan bulchaa naannoo Somaalee Ibraahim Usmaan; Mootummaan damee barnootaaf xiyyeeffannoo kennuun humna namaa ogummaa qabu damee hundaan barbaachisu oomishaa jira jedhani. Kunis hiyyummaa fi duubatti hafummaa irra aanuuf daandii murteessaa hordofaa jiraachuu agarsiisa jedhan. Barattoonni eebbifaman gama beekumsaa fi qorannoon imala badhaadhina biyyattii keessatti gumaachuu akka qabanis dubbataniiru. Beekumsa turtii yuunivarsiitii isaanii keessatti horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan biyyaafi ummata fayyadan xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jigjigaa Dr. Saayid Mohaammad gama isaaniin, Yuunivarsitichi humna namaa gahumsaa fi barate oomishuuf sochii taasisaniin lammiilee kuma 50tti siqan barsiisuu fi eebbisuu danda’eera jedhani. Eebbifamtoonni har'aa beekumsa turtii isaanii keessatti argatan akka riqicha gatii dabalataatti fayyadamuun badhaadhina biyyattiif hojjechuun akka irraa eegamus cimsanii dubbataniiru. Akkasumas eebbifamtoonni milkaa’inni har’a argatan beekumsa fooyya’aa boruuf qophaa’uu fi itti gaafatamummaa hawaasummaa guddaa ta’uu hubachuu akka qaban cimsanii dubbataniiru.
Diinagdee
Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon taasifameera
Mar 28, 2026 190
Bitootessa 19/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan. Woorkishooppiin magaalichatti haala jireenya bu’uraa qonnaan bultootaa fooyyessu irratti xiyyeeffate qooda fudhattoonni garagaraa bakka argamanitti gaggeeffameera. Kantiibaa Doktar Tashoomaa Addunyaa waltajjicharratti akka ibsanitti, waggoota sadan darban qorannoorratti hundaa’uudhaan magaalaa Shaggar guddisuu fi ammayyeessuuf hojiileen garagaraa hojjetamaa turaniiru. Magaalaan Shaggar erga hundeeffamee pilaanii ammayyaa dabalatee magaalattii ammayyeessuuf hojiin hojjetaman milkaa’aa dhufuu ibsaniiru. Keessumaa haala jireenya qonnaan bulaa magaalichaa gama fooyyeessuutiin woorkishooppiin kun murteessaa ta’uu eeranii, misooma jiru odeeffannoo qabatamaatiin ammayyeessuu fi jijjiirama argame itti fufsiisuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Walumaa gala sirna bulchiinsa magaalaa ammayyaa hojiirra oolchuun gaaffii misoomaa jiraattotaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hogganaan biiroo pilaanii fi misoomaa bulchiinsa magaalaa Shaggar Ahimad Toofiiq gamasaaniin, bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultoota bu’uureffachuun የyaadama haaraan kan hundeeffame ta’uu dubbataniiru. Jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu fi faayidaa argatu guddisuuf qorannoon taasifamaa akka jiru eeraniiru. Magaalichaa fi qonnaan bulaa walitti fiduudhaan cabiinsa walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi dinagdee suphuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, qonnaan bulaan qonnarraa gara Industirii, horsiisa loonii, daldalaa fi tajaajilaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Woorkishooppicharratti waraqaa qorannoo kan dhiheessan Yunivarsiitii Finfinneetti qorataan dame wabii nyaataa Maskaram Abbii, magaalummaan guddina dinagdee si’achiisuun qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa kanneen akka barnootaa fi fayyaa babal’isuu, wabii nyaataa mirkaneesuuf oomisshaa fi oomishtummaa dabaluu fi aadaa qusannoo guddisuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru. Fayyadama qonnaan bulaa fi guddina magaalattii wal madaalchisuun tarkaanfachiisuun murteessaa ta’uu yaada dhiheessaniiru.
Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Mar 28, 2026 143
Bitootessa 19/2018(ENA) - Margi dheedichaa loonii laga Awaashitti gargaaramuun naannoo Affaaritti jallisiidhaan misoome, kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuu keenya agarsiisa jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Qonna margaa fi nyaata loonii naannoo Affaar Zoonii tokko, aanaa Asaayittaatti laga Awaashitti fayyadamuun misoome daawwanneerra jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessaniin. Marga nyaata loonii aanicha lafa heektaara kuma 2 fi 540 irratti misoomaa jiru oomishuudhaan, qiqindeessuunii fi gabaa biyya keessaa fi biyya alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Akaakuun margaa oomishtummaa beellada aannaniif guddaa barbaachisan oomishamaa jiraachuu argineerra jedhan. Jallisii Misoomaa fi qiqindeesuu margaatiin namoota kuma 1’f carraan hojii uumameeraaf jechuun dabalanii ibsaniiru. Misooma qabeenya beelladaa guddisuun gamatti inisheetiivii biyyaalessaa maaddii guutuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin. Hojiin kun biyyattii bakkeewwan garagaraatti rooba qofa eeguun oomishuun gamatti lagatti fayyadamuun oomishuun akka barbaachisu kan barsiisudha jedhan.
Milkaa’inni misooma anniisaa haaromfamuu Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa kutannoo imaammataa fi hoggansaati
Mar 28, 2026 66
Bitootessa 19/2018 (ENA): Milkaa’inni misooma anniisaa haaromfamuu Itiyoophiyaa bu’aa qabatamaa kutannoo imaammataa fi hoggansaa ta’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Bari’oo Hasan ibsani. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikaa (EV-Charge) magaalaa Finfinneetti ijaarame eebbise. Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Dooktar Bari’oo Hasan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuun jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii guddaa qabdi jedhan. Kunis Itiyoophiyaan hirkattummaa baasii boba’aa fi sharafa alaa irratti qabdu dhabamsiisuudhaan dhiyeessii anniisaa mirkaneessuuf gumaacha guddaa qaba jedhan. Damee geejjibaa filannoo anniisaa haaromfamuu danda’uun bakka buusuuf tattaaffii kana keessatti yeroo ammaa konkolaattonni elektirikii kuma 140 tajaajila irra akka jiran himaniiru. Fedhii dhiyeessii humna elektirikii konkolaattota elektirikii guutuuf Finfinnee fi magaalota naannolee keessatti buufataaleen chaarjii konkolaattotaa hedduun ijaaramaa jiraachuus hubachiisaniiru. Akka biyyaatti buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii ijaaramuunis hirkattummaa boba’aa hir’isuun birmadummaa anniisaa akka guddisu ibsaniiru. Milkaa’inni Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamuu irratti argatte bu’aa qabatamaa imaammataa fi kutannoo hooggansaa ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa gama isaaniitiin ijaarsi buufata chaarjii konkolaattota elektirikii imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaa waliin kan walsimu ta’uu ibsaniiru. Buufatni chaarjii konkolaattota elektirikii ijaaramuu fi tajaajila laachuun amanamummaa dhiyeessii humna elektiriikaa mirkaneessuuf kan danda’u ta’uu ibsaniiru. Hojiin buufata chaarjii konkolaataa bal’inaan akka biyyaatti ijaaruu itti fufuus beeksisaniiru.
Ayyaanni wagga 50ffaa Korporeeshinii maneen federaalaa kabajamaa jira
Mar 28, 2026 66
Bitootessa 19/2018 (ENA)- Ayyaanni hundeeffama wagga 50ffaa Korporeeshinii maneen federaalaa sagantaalee garagaraan kabajamaa jira. Guyyaan hundeeffamaa kun mata duree “boqonnaa haaraatiin egeree caaluuf” jedhuun kabajamaa jira. Hoggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee fi walitti qabduun boordii hooggansa hojii korporeeshinii maneen federaalaa Alamtsahaayi Phaawuloos, ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii, hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii maneen federaalaa doktar Rashaad Kamaal akkasumas hoggantoonni mootummaa olaanoo biroon fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Korporeeshinichi gamoowwan bakkeewwan garagaraatti ijaarsise eebbisiiseera. Korporeeshinichi Piyaassaatti gamoo daldalaa (Gooldi Mool) ammayyaa tajaajila daldala wareef akka oolu godhamee ijaaramee fi Finfinnee Somaalee tara jedhamee bakka beekamutti kan ijaarsise mana jireenyaa fi daldalaaf kan oolu gamoo abbaa darbii 27 eebbisiiseera. Kana malees korporeeshinichi jijjiirama akka biyyaatti taasifame ka’umsa godhachuun milkaa’ina dhaabbaticha riifoorm gochuun argame kan agarsiisu egzibiishinii baneera. Kaampaaniiwwan teeknooloojii ijaarsaa Awurooppaa korporeeshinicha waliin hojjechuuf walii galtee taasisan egzibiishinicharratti hirmaachaa jiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 97
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru. Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru. Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 340
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru. Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru. Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru. Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan. Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’ bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa mirkaneessaa jira-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 24, 2026 319
Bitootessa 15/2018(ENA)- Wiirtuun tajaajila bakka tokkoo ‘Masoob Addis’bu’aa bayii tajaajilamtootaa hambisuun bu’a qabeesummaa bulchiinsa gaarii mirkaneessaa akka jiru Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis ‘Masoob’ 3ffaa dame Lidataa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Haalli qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota mootummaa eegsisu uumamaa akka jiru kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana dubbataniiru. Waliin gahiinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob bu’aa bayii lammiileerra gahu hambisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessaa jira jedhaniiru. Qulqullinaa fi bu’a qabeessummaa tajaajiloota wiirtuu kanatti kennamanii eegsisuun hojmaatilee badaa guutummaatti hambisuun akka danda’ame dubbataniiru. Gaaffii bulchiinsa gaarii lammiileef furmaata kennuusaas ibsaniiru. Wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo dijitaalaa Addis Masoob Finfinneetti ijaaraman tajaajiloota bulchiinsa magaalaa si’achiisuun itti quufinsa tajaajilamtootaa guddisaa akka jiru kaasaniiru. Fuulduras hojiin itti quufinsa tajaajilamtootaa fooyyessuuf hojjetamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti
Mar 17, 2026 394
Bitootessa 8/2018 (ENA): Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra akka jirtu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waajjirichi ergaa mata duree “Dijitaala Itiyoophiyaa 2030, Mu’ata Dhalootaa!” jedhuun ergaa dabarseen, Itiyoophiyaan bara dijitaalaa hiree biyyootaa murteessu irra jirti jedheera. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 deebii biyyoolessaa keenya, ofitti amanamummaa,kalaqaa fi kutannoo guddaa qabannee hojjechuu danda’uu keenyaaf agarsiiftuu dha jechuun ibseera.
Ispoortii
Hojiin bu'a qabeessa damee ispoortii naannichatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Mar 28, 2026 151
Bitootessa 19/2018 (ENA): Bulchaan Naannoo Hararii Ordiin Badirii akka ibsanitti, damee ispoortii naannoo Hararii keessatti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimee itti fufu jedhan. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badirii qophii Dorgommii Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaala Ispoortii Aadaa 19ffaa boru naannichatti eegaluuf taasifamaa jiru daawwataniiru. Hojiin damee ispoortii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sadarkaa fooyya’aa irra akka jiru bulchaan kun eerruun, damee kanarratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an cimanii itti fufu jedhaniiru. Dargaggoota atileetota damee ispoortii adda addaa naannichaa fi naannawaa keessatti dandeettii qaban guddisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu qaba jedhan. Ispoortii sarkasii guddisuuf hojiin bal’aa qabeessi hojjetamuu akka qabus dubbataniiru. Dorgommiin Ispoortii Aadaa Biyyaalessaa 23ffaa fi Feestivaalli Ispoortii Aadaa 19ffaa Boru irraa eegalee Naannoo Harariitti ni gaggeeffama. Dorgommii fi ayyaanni ispoortii aadaa torban tokkoof turu kun mata duree "Misooma Ispoortii Aadaa olka’insa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffama.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 199
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera. Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera. Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira. Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Manchistar Siitiin yeroo 9ffaaf Waancaa Karabaa’oo mo’ate
Mar 23, 2026 241
Bitootessa14/2018(ENA)-Tapha xumuraa Waancaa Karabaa’oo Ingilaandi Maanchistar Siitiin Arsenaaliin 2 fi 0n mo’ateera. Tapha galgala Istaadiyeemii Weembileeyitti gaggeeffameen Niikoo Oraayiil daqiiqaa 60ffaa fi 64ffaa irratti galchii injifannoo argamsiiseera. Maanchistar Siitiin taphni fooya’aa walakkaa 2ffaatti taphate akka injifatu isa taasiseera. Arsenaal taphichaan carraa galchii haala ga’aa ta’een uumuu hin dandeenye. Ministira Muummee Ingilizii fi deeggaraa Arsenaal kan ta’an Saar kiir Istaarmar, Istaadiyeemichatti argamuun taphicha hordofaniiru. Qabxii argame hordofuun Maanchister Siitiin yeroo 9ffaa waancaa Kaarabaa’oo fudhateera. Siitiin waancaa 10 kan mo’ate Liivarpuulitti aanuun kilaba milkaa’edha. Waancaa afuriif dorgomaa kan jiru Arsenaal Waancaa tokko dhabeera. Abdii waggaa 33 booda waancaa Karabaa’oo injifachuuf qabu hin milkoofneef. Arsenaala Ammaan dura dorgomicha yeroo lama injifatee ture. Liigichaan Arsenaalii fi Maanchistar Siitiin tokkoffaa fi lammaffaarratti argamu.
Dursi Dubartootaaf kan jedhu Fiigichi Guddichi dubartootaa daandii irraa haala miidhagaan gaggeeffameera – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 22, 2026 155
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dursi dubartootaaf kan jedhu fiidichi guddichi daandii irraa kiiloo meetira shanii haala ho’aan gaggeeffamuu kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanechi Abeebeen ibsani. Kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin "Dubartoonni ogummaadhaan jiraatu; ofitti amanamummaadhaan hojjetu;ofitti amanamummaadhaan fiigu;ni danda'u!; Hundi keenya harka walqabannee badhaadhina biyya keenyaa ni mirkaneessina" jedhan. Kantiibaan magaalattii fiigicha daandii kiiloo meetira 5 ganama kana eegaluun isaa kan beeksisan yoo ta’u, dubartoonni kuma 16 irratti hirmaataniiru. Dorgommiin kun, kan waggaa waggaan Fiigicha Guddaatiin qophaa’u; Bara kanas misoomni koridoorii kanaa daandii Boolee-Atlas-Uraa’el irratti xiyyeeffannoo addaatiin kan raawwatame ta’uu isaa hubachiisuun, kunis baay’ee bareedaa, mijataa, magaalaaf bifa haaraa fi ammayyaa ta’e kan kenne ta’uu ibsaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godinichatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf hojjetamaa jira
Mar 27, 2026 106
Bitootessa18/2018(ENA)- Godina Horroo Guduruu Wallaggatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Lafaa Godinichaa beeksise. Godinichatti biqiltuu ashaaraa magariisaatiin barana dhaabamuuf lafti heektaarri kuma 40 fi 902 qophaa’uu itti Gaafataan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru. Godinichatti Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruutti Ashaaraa magariisaa bara kanaa milkeessuuf xiyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaan Biqiltoota madaala qilleensaa eegan dhaabuun cinaatti kanneen nyaataaf oolan irratti xiyyeeffachuun dhaabbiin Ashaaraa Magariisaa kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru. Godinichichatti, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuwwaan adda addaa buufataalee 13 keessatti qophaa'uun kunuunfamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Jaardagaa Jaartee obbo Silashii Olii himaniiru. Aanichatti buufataalee biqiltuu 46 keessatti Biqiltuuwwan Miliyoona 15 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Silashiin ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waggaa waggaan dhaabatuun gabbinnii fi Jiidhinsi biyyee dabaluun cinaatti madda carraa hojii fi madaala qilleensaa eeguu irratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus himaniiru. Waajjira Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarraa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira
Mar 25, 2026 139
Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan. Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan. Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani. Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru. Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru. Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa
Mar 23, 2026 271
Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira. Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa. Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru. Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Mar 23, 2026 274
Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru. Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru. Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru. Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2459
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10631
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.