Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Hojiiwwan naamusa dargaggootaa cimsanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee
Mar 7, 2026 4
Guraandhala 28/2018(ENA) - Hojiiwwan amala dargaggoota boru biyyattii gaggeessanii qajeelchuu danda’anirratti invasti gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayyee ibsan. Dirreewwan Ispoortii mala Ammayyaan haaromsi taasifamee fi meeshaaleen adda addaa guutameefii tajaajilli giduugala naamusaa fi haaraan magaalaa Aggaarootti hojjetame hojii eegaleera. Ministirittiin sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa irratti ergaa dabarsaniin, nagaa waaraa fi badhaadhina biyya keenyaatiif, dargaggoota har’as ta’ee boruu biyya geggeessanirratti hojiiwwan amalasaanii ijaaruu danda’an irratti invasti gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbataniiru. Gidduugalichi bu’aa hirmaannaa Mootummaa, Hawaasaa fi qaamolee deeggartootaa ta’uu Odeeffannoo Ministeerichi ENA’f ergeen ibseera. Dargaggoonni magaalattii fi naannoo ishee jiran giddugalichatti sirnaan akka tajaajilaman fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisaniif dhaamaniiru. Dargaggoonni amala gaariin ijaaramaanii, beekumsi isaanii gabbatee, harkisaanii dandeettii fi ogummaaa shaakalan naannoosaanii bira darbanii badhaadhina biyyaatiif gumaacha guddaa akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru. Gidduugalichi Mana kitaaba Dijiitaalaa, Infoormeeshin teekinooloji (ICT) galma leenjii, bakka Ispoortii itti hojjetanii fi kaaffee fi tajaajila gorsaa kennuu haala danda’uun haaromsa amaayyaa’e dabalatee, meeshaaleen adda addatiin guutamuusaa mirkaneessaniiru. Ministeerichi giddugalawwan naannoo birootti argaman bakka ispoortii qofa osoo hin taane, gara giddugala ijaarsa amalaatti akka jijjiiramaniif, akkasumas tajaajila guutuu, ammayyaa fi tajaajila hunda galeessa hedduu of keessatti qabatu akka kennan gochuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru. Fandii dhimma ummataa mootummoota gamtoomanii daarektarri (UNFPA)tti daarektarri Itiyoophiyaa Koofii Kuwaamee gamasaaniin, tokkoon tokkoo dargaggeessaa dandeettii dhalootaan qabu akka itti fayyadamuu danda’uuf, deeggarsa teeknikaa, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka taasisan ibsaniiru.
Naannoo Oromiyatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira
Mar 7, 2026 18
Guraandhala 28/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa beeksise. Itti aanaan hogganaa Biirichaa Injinar Mahaammad Nuuraa ENA’tti akka himanitti mootummaan naannichaa fayidaan bu’uuraleen misoomaa guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti qabu hubachuun pirojeektoota daandii buleeyyii xumuruu fi qorannoo irratti hundaa’uun daandiiwwaan haaraa ijaaraa jiraachuu himaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana daandiiwwaan gurguddoo sadarkaa naannootti hojjetaman 25 kan kilomeetiraa 117 ta’u ijaaruuf karoorfamee hojjetama jirachuu himaniiru. Daandiiwwaan kana keessaas 21 buleeyyii yoo ta’u 4 immoo haaraa ta’uu himaniiru. Kana keessaas hanga ammaatti daadiin kiiloo meetirrii 32 tuqaa 1 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Dabalataan naannichatti sagantaa misooma daandii baadiyyaa kan sadarkaa godinaa fi aanaatti hojjetamuun bara kana daandii kiiloo meetira 503 ijaaruuf karoorfamee haga ammaatti kiiloo meetirri 70 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Kana malees sadarkaa naannootti bara kana riqaalee gurguddaa hojjetaman 21 ijaaruuf karoorfamuu eeranii ijaarsi isaanii dhibbantaan 56 xumuramuu himaniiru. Riqaaleen baajata mootummaan alaa sagantaawwaan adda addaan hojjetamuuf karoorfaman 19 keessaas 2 guutummaatti xumuramamniiru jedhan. Naannichatti hojii ijaarsa daandii cinaatti hojiin bulchiinsa daandiis xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu himaniiru. Hojii kanaanis bara kana bajata fandii federalaa fi naannoon daandii kiiloo meetirri kuma 14 fi 442 suphuuf karoorfamee hanga ammaatti daandii kiiloo meetirrri kuma 11 fi 83 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. Daandiiwwaanii fi riqaaleen hojiin isaanii xumurame akkasuma suphaan gahaan taasifameef guddina dinagdee fi hawaasaa naannichaa safisiisuu keessaatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru. Ijaarsa daandiin cinatti magaalota kanneen akka Fiichee, Asallaa, Naqamtee, Gmibii fi Bulee Horaatti daandiiwwan konkolaataa ijaarsa irraa jiraachu himaniru. Naannichatti Projektonni buleeyyii baay’een gara lixa Oromiyaatti yoo ta’uu, sababa haala nageenyaa harkifachuu isaa ibsanii yeroo ammaa nageenyaa waaraa argametti fayyadamuun qaamolee ilaallatan waliin ijaarsi projektewwanii ariitiin xumuruuf tattaaffi guddaan taasifamaa jira jedhan.
Godina wallagaa Lixaatti jiraattonni Sagantaa maaddii guutuurratti hirmaachaa jiran fayyadamummaasaanii guddifachaa jiru
Mar 7, 2026 33
Guraandhala 28/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallagaa Lixaa dargaggoonnii fi dubartoonni sagantaa Maaddii guutuurratti hirmaachuun omishasaanii gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddifachaa jiraachuu ibsan. Waajjirri Qonnaa Godinichaa gamasaan, sagantaa kana bal’isuuf bara baajataa kana Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu goromtii Miiliyoona 3 ol akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kuma 100 ol raabsuu isaa beeksiseera. Godinichatti Aanaa Beegiitti hirmaattonni sagantichaa Israa’el Burruusee fi Yohaannis Zarihuun Yaada ENA’f kennaniin waldaan gurmaa’uun sagantaa maaddii guutuun Sa’a Annanii Sanyii fooya’oo horsiisuun fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaa maaddii guutuun misooma Aannaniirraa sadarkaa maattiitti fayyadamuurra darbee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuun galii fooya’aa argachaa jirachuu ibsaniiru. Misooma Aannanii Hoteelotaa fi Kaaffeewwan Aanicha keessatti argamaniif dhiheessaa jiraachuu eeruun gurgurtaasaarraa galii ji’aan giddugaleessaan birria kuma 25 hanga 30 argachuun bu’aa qabeessa ta’uusaanii himaniiru. Galiisaanii qusachuu fi hojii isaanii babal’isuun, jiraattota Naannichaa biroof carraa hojii uumuuf karoorfachuusaanii dabalataan beeksisaniiru. Jiraattuun Aanichaa biroon Aadde Zannabach Dhibbisaa, sagantaa maaddii guutuun Cuuciiwwan lukkuu guddisuu fi raabsuurratti waldaan gurmaa’anii hojiitti galuu isaanii dubbataniiru. Deeggarsa bakka hojii Bulchiinsa Magaalatiin taasifameefitti fayyadamuun, Cuuciiwwan guyyaa tokkoo kuma tokko fudhatanii guddisaa akka jiran eeranii gara fuulduraatti lukkuuwwan hanqaaquu buusan horsiisuun fayyadamummaa isaanii bal’isuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa Godinichatti sagantaan maaddii guutuu hojiirra ooluun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, namoota hedduuf madda galii dinagdee ta'uu danda'eera jedhaniiru. Misoomicha bal’isuuf baara bajataa qabame kana keessatti, jiraattota horsiisa lukkuu irratti bobba’aniif Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu Goromtii miiliyoona 3 fi kuma 250 ol, akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kumni 100 gahu raabsamuu ibsaniiru. Ammaan dura Gorommiiwwan (Jabbilee) Sanyii fooyya’oo raabsaman mala namaan diqaalomsuun (artificial insemination) wal-hormaata taasifameen, jabbiileen kumni 24 dhalatanii kunuunsi taasifamaafii akka jiru dubbataniiru.
Hojiiwwan naamusa dargaggootaa qajeelchanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee
Mar 7, 2026 33
Guraandhala 28/2018(ENA):- Naamusa dargaggoota boru biyyattii gaggeessani hojiiwwan Amalasaanii qajeelchuu danda’anirratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayyee ibsan. Dirreewwan Ispoortii mala Ammayyaan haaromsi taasifamee fi meeshaaleen adda addaa guutameefii tajaajilli giduugala naamusaa fi haaraan magaalaa Aggaarootti hojjetame hojii eegalee jira.   Ministirittiin sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa irratti ergaa dabarsaniin, nagaa waaraa fi badhaadhina biyya keenyaatiif, dargaggoota har’as ta’ee boruu biyya geggeessanirratti hojiiwwan amalasaanii ijaaruu danda’an irratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbataniiru. Gidduugalichi bu’aa hirmaannaa Mootummaa, Hawaasaa fi qaamolee deeggartootaa ta’uu Odeeffannoo Ministeerichi ENA’f ergeen ibseera. Dargaggoonni magaalattii fi naannoo ishee jiran giddugalichatti sirnaan akka tajaajilaman fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisaniif dhaamaniiru.   Dargaggoonni amala gaariin ijaaramaanii, beekumsi isaanii gabbatee, harkisaanii dandeettii fi ogummaaa shaakalanii naannoosaanii bira darbanii badhaadhina biyyaatiif gumaacha guddaa akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru. Gidduugalichi Mana kitaaba Dijiitaalaa, Infoormeeshin teekinooloji(ICT) galma leenjii, bakka Ispoortii itti hojjetanii fi kaaffee fi tajaajila gorsaa kennuu haala danda’uun haaromsa amaayyaa’e dabalatee, meeshaaleen adda adda akka guutamu ta’uu mirkaneessaniiru.   Ministeerichi giddugalawwan naannoo birootti argaman bakka ispoortii qofa osoo hin taane, gara giddugala ijaarsa amalaatti akka jijjiiramaniif, akkasumas tajaajila guutuu, ammayyaa fi tajaajila hunda galeessa hedduu of keessatti qabatu akka kennan gochuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru. Daayirektarri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNFPA) Itiyoophiyaa Koofii Kuwaamee gamasaaniin, tokkoon tokkoo dargaggeessaa dandeettii dhalootaan qabu akka itti fayyadamuu danda’uuf, deeggarsa teeknikaa, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka taasisan ibsaniiru.
Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa tasgabbii biyyaa fi kabajamuu nageenya riijiniif murteessaadha
Mar 7, 2026 29
Guraandhala 28/2018(ENA)- Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf murteessaa ta’uusaa miseesi humna galaanaa duraanii fi hayyoonni seenaa ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo darbe mana maree bakka bu’ootaarratti argamuun ibsa kennaniin, rakkoon riijinicha keessatti mul’atu fulla’insaan akka furamu Itiyoophiyaan tattaaffii gochaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa amma dhumaatti adda bahanii akka hin jiraanne kaasanii, gaaffiin keenya haqa qabeessi karaa nagaa, kennanii fudhachuu fi mariidhaan deebii akka argatu tattaaffiin keenya itti fufa jedhaniiru. Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte haqa qabeessa yoo hin taane haqni addunyaarra hin jiru kan jedhan ministirri muummee, yeroo fudhatuyyuu deebii argachuunsaa akka hin oolle ibsaniiru. Miseensi humna galaanaa duraanii Juuniyeer Letenaanti Hallafoom Massalaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan shira irratti raawwatameen ulaa galaanaa osoo hin dhabiin dura naannawichatti humna galaanaa cimaa dhiibbaa uumu qabdi ture. Haala kanaan dooniiwwan daldalaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane kan biyyoota biroos nageenyisaanii eegamee karaa nagaa akka deeman Itiyoophiyaan ga’ee murteessaa bahachaa turuushee yaadachiisaniiru. Humni galaanichaa keessumaa sochiiwwan daldala seeraan alaa, Kontirobaandii shiftoota galaanarraa ittisuun nagaa fi tasgabbii riijinichaaf wabii ta’ee turuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheetin aarsaa guddaa kaffaluushee eeranii, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa kun dursee kasfamuu akka qabu kaasaniiru. Hayyuun seenaa fi qorataan gargaaraa piroofeesaraa Ahimad Zakariyaa gamasaaniin, qaroominni Daamaat fi Aksuma durii walitti hidhiinsa ulaa galaanaa waliin qabaniin beekamoo akka turan seenaa wabeeffachuun eeraniiru. Itiyoophiyaan gara ulaa galaanaatti deebi’uunshee dhiibbaa akka biyyaatti geessiftu dabaluun alatti waltajjii addunyaarratti faayidaa biyyaalessaashee kabachiisuuf tattaaffii taasifamuuf ashaaraa akka kaa’u dabalanii eeraniiru. Qorataan seenaa piroofeesar Adam Kaamil gamasaaniin, Itiyoophiyaanonni injifannoo Adwaa fi ijaarsa hidha haaromsaarratti tokkummaa cimaa agarsiisan gaaffiin ulaa galaanaa galmasaa akka gahuu fi faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu tokkummaan dhaabachuun dabaluu akka qaban hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophiidha - Jiraattota Godina Iluu Abbaa Booraa
Mar 6, 2026 148
Guraandhala 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf kan nu dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuuf qophoofneerra jedhani jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon Caamsaa 24, 2018 dhufu dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf sagantaalee adda addaa irratti hojjechaa jira. Qophii taasifamaa jiru keessaa galmeen filattootaa Boru, Guraandhala 28/2018 eegalama.   Boordichi dhiheenya kana galmee filannoo dijitaalaa buufataalee filannoo gara kuma 17tti akka dhaqqabamu gochuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera. Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ENA'tti akka himanitti, filannoo waliigalaa dhufu irratti mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf kaardii filannoo argachuuf eeggachaa akka jiran dubbatani   Jiraattonni aanaa Mattuu Zimaarguu Jamaal fi Naahawwii Daffaar gama isaaniitiin akka filattotaatti galmaa'uun mirga isaaniitti fayyadamuuf qophii taasisaa jirra jedhani. Filannoon kun ijaarsa naannichaa keessatti sadarkaa murteessaa waan ta’eef dirqama lammummaa itti gaafatamummaan bahachuuf qophii ta’uu kan hime dargaggeessi jiraataa magaalaa Mattuu Fiqaaduu Indaalaa dha.   Dargaggoo Fedhasaa Taarraqanyii fi Girmaa Firrisaa gama isaaniitiin akka ibsanitti, Filannoon waliigalaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf akka dargaggootaatti gahee keenya ba’uuf qophiidha jedhani.   Ijaarsa naannichaa keessatti gaheen dubartootaa fi dargaggoonni qaban hiika guddaa akka qabu hubachuun kaardii filannoo argachuu fi eenyu akka isaan bakka bu’u filachuuf qophii ta’uu himaniiru.   Dhaaba damee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti nu fayyada jennee yaadnu filachuuf qophoofneerra jedhani.
Filannoo walii galaa 7ffaan paartii yaada fooyya’aa qabu filachuuf qophoofneerra-jiraattota
Mar 6, 2026 99
Guraandhala 27/2018(ENA)- Filannoo walii galaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuun paartii guddina biyyaa fi ummattootaaf hojjeta jedhan filachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jijgjigaa ibsan. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa baranaaf boru Guraandhala 28 bara 2018 irraa kaasee filattoota galmeessuu akka eegalu beeksisuunsaa ni yaadadama. Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2028 gaggeeffamuuf sagalee kennuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jigjigaa yaadasaanii ENA’f kennan ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf qophii ta’uu beeksisaniiru. Kanneen yaada kennan keessaa obbo Jamaal Ibraahiim, filannoon wagga shanitti si’a tokko gaggeeffamu lammiileen paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf carraa kan mijeessu ta’uu dubbataniiru. Jiraataan biraan Mahaammad Umar gamasaaniin, filannoon walii galaa kun ijaarsa sirna demokiraasii si’oomsuu fi sirna murteessaa guddina biyyaaf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta’uusaaniis dubbataniiru. Lammiileen filannoof qaqqaban filannoo kanarratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Filannoon agarsiiftuu ijaarsa sirna demokiraasii biyya tokkooti kan jedhan ammo obbo Farihaan Muhaammad kan jedhamanidha. Kaardii fudhachuudhaan paartii siyaasaa guddina biyyaaf ni hojjeta jedhan filachuun mirga demokiraasiisaaniitti akka fayyadaman dubbataniiru. Filannoo kanarratti hirmaachuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Garee badinsaa balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana- Dhalattoota Tigraay
Mar 6, 2026 103
Guraandhala 27/2018(ENA): Dhalattoonni Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan garee diigumsaaf kan dhaabbate ABUT balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tibbana ENA Afaan Tigreetiin haasaa taasisaniin, ummanni Tigraay nagaa fi misoomaaf qabsaa'ee nagaa fi misoomaaf fedhii guddaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni fi nageenyi naannolee hunda keessatti dhufaa jirus ummata Tigraayiif kan malu dha kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, yaada dulloomaa kan qabu gareen kuni ammas waraanaa fi dhumaatii biroof dhalattoota Tigraay affeeraa jira waan ta’eef dhiisi jedhamuu qaba jechuun isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti ENA’n dhalattoota Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan dubbiseen, gareen ABUT garee diigumsaa fi karoora waraanaa malee nagaa fi misooma ummataaf hojjechuu hin barbaanne ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akeeka badii garee kanaa fi fedhii ummanni nagaa fi misoomaaf qabu ilaalchisee ibsi kennan sirrii fi waqtaawaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf yaada Ministira Muummee deeggaruun garee diigumsaaf dhaabbate falmuun nagaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan.   Aadde Giyoorgis Haagos jiraattuu magaalaa Hararii kan ta’an akka himanitti, gareen diigumsaa kun ummata Tigraayiif nagaa fi misoomaaf hojjetee hin beeku jedhani. Mootummaa Shaabiyaa waliin nagaa fi misooma Itiyoophiyaa hin barbaanne waliin ijaaramuun naannicha gara naannoo waraanaatti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, akeeka badii kana cimsinee ni falmina jedhan.   Ilaalchi garee ABUT kan kan yeroon irra darbee fi eenyu iyyuu kan hin fayyadne ta’uu ibsuun, ummanni Tigraay akkuma naannolee biroo amma ilaalcha haaraa fi dhaloota haaraatiin hoogganamuu cimsee hawwa jedhan obbo Goytom Bayyanaa jiraataa magaalaa Asoosaa kan ta’an. Kanaaf, ilaalcha garee ABUT yeroon isaa irra darbe ofirraa qolachuun nagaa, misoomaa fi fayyadamummaa naannichaaf ni hojjenna jedhaniiru.   Magaalaa Harar kan jiraatan Sheenook Leelaay gama isaaniin,ergaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabarsan nagaa fi misooma biyyaatiif bu'aa qaba waan ta’eef hundi keenya ni deeggarra jedhan.   Dargaggeessi biraa Kibroom Gabramadin magaalaa Asoosaa jiraatu akka himetti, ummanni Tigraay jijjiiramaa fi karoora misoomaa hunda galeessa Itiyoophiyaatti dhufe irraa fayyadamoo ta’uuf fedhii cimaa qaba jedhe. Kana galmaan ga’uuf garee diigumsaa ABUT kan walitti bu’iinsaa fi waraanaaf hojjatu waliin ta’uun qolachuun kan danda’amu ta’uu ibsuun, kanaafis keessumaa dargaggoonni keenya gufuulee isaan mudatan akka mo’atan gargaaruuf ni hojjenna jedhaniiru.   Dargaggoo Saamu’eel Mallasaa fi shamarree Fireehiwoot Biraanee jiraattota magaalaa Harar akka jedhanitti, yeroo ammaa dargaggoonni Tigraay waraana gareen ABUT labsaa jiru jalaa godaansaa jiru, garuu godaanuun furmaata waan hin fidneef waliin taanee ummata Tigraayiif nagaa, misoomaa fi badhaadhina fiduuf ni hojjenna.
Ummanni Tigiraay Fayyadamummaa misoomaa fi nageenyaa mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa’uu qaba    
Mar 6, 2026 108
Guraandhala 27/2018(ENA) -Ummani Naannoo Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi misoomasaanii mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa'uu qaba jechuun Hayyoonni Yunivarsitii ENA’f yaada kennan ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad turtii guyyoota muraaasaan dura ENA Afaan Tigiriffaa waliin taasisaniin ummanni Tigraay Nagaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu kaasuun, fedhii nageenyaa fi misoomaasaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Lolli Kaabaa kan Mudateef ABUT jijjiiramicha fudhachuu diduusaanii fi sababa ilaalcha moofaa itti fufsiisuu barbaadeef ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad dubbataniiru. Misoomaa fi nageenya naannolee hundatti dhufaa jiru ummata Tigraayiifis ni mala kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi, ilaalcha dulloomaan Lola lammataa fi badiif kan tattaafatu gareen ABUT, dhaabaa jedhamuu qabu. Mootummaan fedhii ummataa bu’uura godhatee deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Dhimma kanarratti Hayyoonni Yunvarsiitii Asoosaa, Arsii fi Walaayittaa Sooddoo ENA’f yaada kennan dheebuu Nageenyaa Ummata naannichaa fi garee ABUT badiif socho’u ilaalchisuun ibsi Ministirri Muummee Kennan ergaa murteessaan kan itti darbe ta’uu ibsaniiru. Ummanni Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi Misoomaasaa mirkaneeffachuuf garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa’uu qabu jechuun dubbataniiru. Yunvarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Federaalizimii gargaaraan piroofeesaraa Addaamuu Jibaat, ibsa Ministirri Muummee kennan Ummanni Tigraay nageenyaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu kaasuun, gareen ABUT faallaa Kanaan walitti bu’insaa fi waraanaaf qophii qabu kan gidduu galeeffate ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa garaa bal’ina agarsiise fedhii nageenyaa barbaadhuu ummata Tigraay hubachuun akkasumas, hammeenya waraanaa beekuun ta’uusaa ibsaniiru. Qorataa Seenaa fi Aadaa akkasumas Barsiisaa Yunivarsitii Arsii kan ta'an Doktar Muhammad Namoo, ummanni Tigraay balballi nagaa baname akka hin cufamneef, garee badii waraanaaf kakaasu cimsee mormuu fi qabsaa'uu qaba jedhaniiru. Ibsi Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kaayyoo hammeenyaa garee ABUT kan saaxilee fi mirga nagaa, misoomaa akkasumas fayyadamummaa ummataa bu'uura kan godhate ta'uusaa kaasaniiru. Yuniversitii Walaayittaa Soddotti Barsiisaa fi qorataa seenaa kutaa Barnoota Seenaa kan ta'an Phawuloos Baalchaa; ibsi Ministira Muummee ejjennoo cimaa mootummaan nagaa fi misoomaaf qabu kan agarsiisedha jedhaniiru. Ergaan isaan dhiheenya kana ummata Tigraayiif dabarsan, tattaaffii qabatamaa mootummaan fayyadamummaa nagaa fi misoomaa ummata naannichaaf taasisaa jiru kan agarsiisudha jedhaniiru. Kanaaf, ummanni Tigraay keessattuu dargaggoonni waraana mormuudhaan, nagaa fi misoomaaf carraaquun tattaaffii mootummaa deeggaruu fi gargaaruu akka qaban hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin dargaggoonni Tigraay abbaa aangoo akka ta'anii fi qaamolee ilaalcha moofaan gara waraanaatti isaan dhiibanirraa of eeggachuu akka qaban gorsuun isaanii ni yaadatama.
Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo ijaaruun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jira
Mar 5, 2026 120
Guraandhala 26/2018(ENA) -Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaa guddisuun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jiraachuu Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan. Filannoon waligalaa 7ffaarratti gochaalee seera filannoo fi seera yakkaa waliin walfaallessan raawwatamaniif deebii ariifachiisaa kennuuf qophiin dandeessisu taasifamuu beeksisaniiru. Boordiin Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa 7ffaa raawwachuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Kanaanis Boordichi Paartiilee Siyaasaa beekamtii argatanii galmaa’an filannicharratti dorgomuuf mallattoo filannoo fi kaayyoosaanii beeksifachaa jiru. Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee turtii ENA waliin taasisaaniin akka ibsanitti, Boordiin filaannoo tarkaanfiiwwan riifoormii milkaa’ina qabu dhaabbileee dimokiraasii gaggeessan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Jijiiramni bu’uuraa boordii filannootti gaggeeffame filannichi bilisa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf haala mijataa uumuun sirna dimokiraasiif qooda murteessaa akka bahuuf taasisuu ibsaniiru. Boordiin filannoo biyyaalessaa fooyya’insa seeraa taasisee fi muudama hoggansaa gaggeesseen paartiilee siyaasaa gidduutti walabummaan wal-morkiin Siyaasaa fayyaalessaa uumuun jijiirama murteessaa fiduusaa dubbataniiru. Muuxannoowwan filannoo walii galaa marsaa 6ffaarraa argamee Qindeessuun Filannoo biyyaalessaa caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamu irratti dabaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Gama Mootummaatiin adeemsi filannichaa Bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne ta’uusaa mirkaneessuuf boordii filannoo, paartiilee dorgomtootaa fi Dhaabbiilee Hawaasa Siviliitiif deeggarsa barbaachisaan taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Filannoon walii galaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi dimokitaarawaa akka ta’uuf paartiileen siyaasaa dorgomtootaa, dhaabbileen Hawaasa siivilii fi qaamoleen qooda fudhattoonni itti gaafatmummaa guddaan hojjechuu akka qaban hubachisaniiru. Filannoon waliigalaa bara kanaa Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimookiraasii fooyya'aa ijaaruu haala mijataa uumuun faayidaa guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen itti waamaman filannoon walii galaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaa fi loogiirra bilisa akka ta’uuf qophii barbaachisaan taassifamuu dubbataniiru.  
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaadha
Mar 5, 2026 127
Guraandhala 26/2018 (ENA): Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojii dabalataa ji’oota saddeet kennameef keessatti marsaa marii hafe xumuruuf lammiileen hundi gahee isaanii bahuu akka qabanis gorsaniiru. Hayyoonni kunneen turtii ENA waliin taasisaniin Mariin Biyyaalessaa meeshaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan gargaaru ta’uu fi biyyoota hedduu keessatti hojiirra ooluu fi bu’aa argamsiisuu isaa ibsaniiru.   Mariin Biyyaalessaa lammiilee biyya tokkoo gidduutti garaagarummaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf meeshaa dha jedhani qorataan seenaa Dr. Dagmaawii Tasfaayee. Mariin Biyyaalessaa kun aadaa yaaddoo lammiilee karaa nagaa mariitiin furuu dagaagsuu qofa osoo hin taane, dhimma biyya isaaniitiif gumaacha hiika qabu akka taasisan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiilee gidduutti wal amantaa uumuu fi gatiiwwan dimokiraasii guddisuuf gargaara jedhan. Mariin Biyyaalessaa biyyoota hedduutti kan milkaa’e waan ta’eef lammiileen hunduu tumsuun yaada walitti fiduun mariin dhaloota rakkoo malee waliin jiraatu uumuuf gargaara jedhani.   Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi ajandaa kaa’uu irratti hirmaatan qorataa injinariingii bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa kun biyyoonni rakkoo isaanii sagalee uummataa harka caaluun karaa ittiin furan ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya qabeenya adda addaa fi eenyummaa adda addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, Mariin Biyyaalessaa dhaloonni egeree rakkoo keenya furuun dirree addunyaa irratti akka Adwaatti akka mul’annu karaa itti ta’u dha jechuun ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hanga ammaatti hojii jajjabeessaa hojjachuu isaa hubachiisuudhaan, yeroo dabalataa kenname keessatti hojii hafe xumuruuf hunduu gahee isaa akka bahu waamicha dhiyeesseera. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Itiyoophiyaa kan cimsuu fi ijaaru Fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amedha
Mar 4, 2026 210
Guraandhala 25/2018(ENA) - Itiyoophiyaa kan Cimsuu fi Ijaaru fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amee ta’uu hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu ibsan. Paartiin Badhaadhinaa walii galtee biyyaalessaaf hirmaannaa gaarii maricharratti taasisu cimsee akka itti fufu ibseera. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa labsii lakoofsa 1265/2014n kan hundeeffame, dhimma biyyaarratti garaagarummaawwan bu’uura jiran mariin hiikuu fi ummata gidduutti walii galtee waloo uumuufi. Komishinichi waltajjiiwwan marii hirmaachisaa ta’e mijeessuun nageenya fulla’aa fi Ijaarsa Sirna Dimokiraasii cimaaf yaadawwan gargaaran dhiheessuuf galma qabateera. Komishinichi waggottan darban biyya keessatti Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaatti, akkasumas Lammiilee Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya Alaa jiraatani hojii bakka bu’oota filachuu fi Ajandaa walitti qabuun bal’inaan raawwatameera. Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa mariin Itiyoophiyaa biyya jabduu ishee taasisa jedhu ejjennoo cimaa akka qabu ibsaniiru. Paartiin badhaadhinaa hanga ammaatti shoora gaari bahachaa turuusaa ibsaniiru. Marichi waldhabdeewwan baroota keessatti sababoota adda addaan uumaman furuuf murteessaa ta’uu itti dabaluun ibsaniiru. Itiyoophiyaa kan ijaaruu fi Cimsu fedhii fi yaada ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaati kan jedhan obbo Mallasaan paartiinsaaniis marii kana akka hojii garee tokkoo qofaatti akka hin ilaallee dubbataniiru. Marichi dhimma Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu amanuun, paartichi mariirratti hirmaachuu fi ijaarsa mootummaaf ajandaawwan barbaachisa jedhu dhiheessuurratti akka argamu ibsaniiru. Akka paartii biyya bulchuutti adeemsichi akka milkaa’uuf gahee haala mijeessummaasaa bahachaa jiraachuu eeruun, Adeemsi marichaa baatiiwwan saddetiif dheerachuun komishinichi hojiisaa sirnaa fi qulqullinaan akka xumuruuf carraa akka uumu eeraniiru. Paartiin Badhaadhinaa baatiiwwan itti aananittis adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa gaarii taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneeseera. Kanaanis paartichi qaamolee deeggartootaa biroo waliin ta’uun Itiyoophiyaan gara sadarkaa walii galee foyya’aarrra akka geessuuf ni hojjeta jedhaniiru. Paartiin badhaadhinaa faayidaa guddaa mariin biyyaalessaa dhalootaaf qabu hubachuun haalota mijataa uumuuf yeroo hundumaa qohii ta’uu mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Hojiiwwan naamusa dargaggootaa cimsanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee
Mar 7, 2026 4
Guraandhala 28/2018(ENA) - Hojiiwwan amala dargaggoota boru biyyattii gaggeessanii qajeelchuu danda’anirratti invasti gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayyee ibsan. Dirreewwan Ispoortii mala Ammayyaan haaromsi taasifamee fi meeshaaleen adda addaa guutameefii tajaajilli giduugala naamusaa fi haaraan magaalaa Aggaarootti hojjetame hojii eegaleera. Ministirittiin sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa irratti ergaa dabarsaniin, nagaa waaraa fi badhaadhina biyya keenyaatiif, dargaggoota har’as ta’ee boruu biyya geggeessanirratti hojiiwwan amalasaanii ijaaruu danda’an irratti invasti gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbataniiru. Gidduugalichi bu’aa hirmaannaa Mootummaa, Hawaasaa fi qaamolee deeggartootaa ta’uu Odeeffannoo Ministeerichi ENA’f ergeen ibseera. Dargaggoonni magaalattii fi naannoo ishee jiran giddugalichatti sirnaan akka tajaajilaman fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisaniif dhaamaniiru. Dargaggoonni amala gaariin ijaaramaanii, beekumsi isaanii gabbatee, harkisaanii dandeettii fi ogummaaa shaakalan naannoosaanii bira darbanii badhaadhina biyyaatiif gumaacha guddaa akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru. Gidduugalichi Mana kitaaba Dijiitaalaa, Infoormeeshin teekinooloji (ICT) galma leenjii, bakka Ispoortii itti hojjetanii fi kaaffee fi tajaajila gorsaa kennuu haala danda’uun haaromsa amaayyaa’e dabalatee, meeshaaleen adda addatiin guutamuusaa mirkaneessaniiru. Ministeerichi giddugalawwan naannoo birootti argaman bakka ispoortii qofa osoo hin taane, gara giddugala ijaarsa amalaatti akka jijjiiramaniif, akkasumas tajaajila guutuu, ammayyaa fi tajaajila hunda galeessa hedduu of keessatti qabatu akka kennan gochuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru. Fandii dhimma ummataa mootummoota gamtoomanii daarektarri (UNFPA)tti daarektarri Itiyoophiyaa Koofii Kuwaamee gamasaaniin, tokkoon tokkoo dargaggeessaa dandeettii dhalootaan qabu akka itti fayyadamuu danda’uuf, deeggarsa teeknikaa, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka taasisan ibsaniiru.
Hojiiwwan naamusa dargaggootaa qajeelchanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee
Mar 7, 2026 33
Guraandhala 28/2018(ENA):- Naamusa dargaggoota boru biyyattii gaggeessani hojiiwwan Amalasaanii qajeelchuu danda’anirratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayyee ibsan. Dirreewwan Ispoortii mala Ammayyaan haaromsi taasifamee fi meeshaaleen adda addaa guutameefii tajaajilli giduugala naamusaa fi haaraan magaalaa Aggaarootti hojjetame hojii eegalee jira.   Ministirittiin sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa irratti ergaa dabarsaniin, nagaa waaraa fi badhaadhina biyya keenyaatiif, dargaggoota har’as ta’ee boruu biyya geggeessanirratti hojiiwwan amalasaanii ijaaruu danda’an irratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbataniiru. Gidduugalichi bu’aa hirmaannaa Mootummaa, Hawaasaa fi qaamolee deeggartootaa ta’uu Odeeffannoo Ministeerichi ENA’f ergeen ibseera. Dargaggoonni magaalattii fi naannoo ishee jiran giddugalichatti sirnaan akka tajaajilaman fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisaniif dhaamaniiru.   Dargaggoonni amala gaariin ijaaramaanii, beekumsi isaanii gabbatee, harkisaanii dandeettii fi ogummaaa shaakalanii naannoosaanii bira darbanii badhaadhina biyyaatiif gumaacha guddaa akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru. Gidduugalichi Mana kitaaba Dijiitaalaa, Infoormeeshin teekinooloji(ICT) galma leenjii, bakka Ispoortii itti hojjetanii fi kaaffee fi tajaajila gorsaa kennuu haala danda’uun haaromsa amaayyaa’e dabalatee, meeshaaleen adda adda akka guutamu ta’uu mirkaneessaniiru.   Ministeerichi giddugalawwan naannoo birootti argaman bakka ispoortii qofa osoo hin taane, gara giddugala ijaarsa amalaatti akka jijjiiramaniif, akkasumas tajaajila guutuu, ammayyaa fi tajaajila hunda galeessa hedduu of keessatti qabatu akka kennan gochuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru. Daayirektarri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNFPA) Itiyoophiyaa Koofii Kuwaamee gamasaaniin, tokkoon tokkoo dargaggeessaa dandeettii dhalootaan qabu akka itti fayyadamuu danda’uuf, deeggarsa teeknikaa, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka taasisan ibsaniiru.
Gamtaan Hospitaalotaa Qulqullina Tajaajilaa fi Walitti Hidhamiinsa Cimsuun, Itti quufinsa Maamiltootaa Guddisuu danda’eera
Mar 6, 2026 84
Guraandhala 27/2018 (ENA): Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf walitti hidhamiinsa hospitaalotaa cimsuunii fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa. Sirni Badhaasa Gamtaa Qulqullina Hospitaala Itiyoophiyaa marsaa 4ffaa, Sagantaan walitti hidhaminsa fi jalqabsiisaa kallattii Gamtaa Hospitaalaa marsaa 5ffaa gaggeeffamaa jira. Wayita sanatti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka himanitti mootummaan damee fayyaa qulqullina, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa tureera jedhani. Keessumaa weerara Covid-19 booda, wal’aansa idileefi cimaa irratti fooyya’iinsi mul’ateera jedhan. Akkasumas lakkoofsi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa dachaa sadii dabaleera jedhani. Waggoota 70f dhaabbata tokko qofaan kan oomishamu ture oksijiniin, yeroo weerara COVID-19 3 qofa akka ture eeruun, amma warshaaleen oksijiinii 64 ta’uu ibsaniiru. Lakkoofsi dhiyeessitoota qoricha biyya keessaa dabaluu fi raabsiin meeshaalee yaalaa fi qoricha fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Dhaabbileen fayyaa kuma 5 ol sirna dhiyeessii qorichaa akka seenan eeruun, duuti haadholii fi daa’immanis hir’achaa akka jiru beeksiseera. Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf tumsa dhaabbilee fayyaa cimsaa jiraachuu himuun, itti quufinsi maamiltootaa amma dhibbeentaa 85 gaheera jedhan. Sagantaan kun marsaa 4ffaan tajaajila yaalaa ragaa irratti hundaa’e irratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisuun, marsaaleen afran kanaan dura hojiirra oolan hundi qaawwa guutuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uu hubachiisaniiru. Marsaa 5ffaa tajaajila yaalaa hunda galeessa irratti xiyyeeffachuun, riifoormii jalqabame cimsuu fi misooma humna namaa irratti xiyyeeffachuun hojiirra akka oolus akeekaniiru. Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa gamasaaniitiin ergama damee fayyaaf kenname keessaa tokko tajaajila qulqullina qabu bifa haqa qabeessa ta’een kennuu akka ta’ee fi kanaafis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gamtaan Hospitaalota Itiyoophiyaa sagantaa qulqullina qabuuf hospitaalota gidduutti dorgommii fayya qabeessa ta’e mijeessaa jira, kanaanis tajaajila fooyyessaa jira jedhan.
Diinagdee
Naannoo Oromiyatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira
Mar 7, 2026 18
Guraandhala 28/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa beeksise. Itti aanaan hogganaa Biirichaa Injinar Mahaammad Nuuraa ENA’tti akka himanitti mootummaan naannichaa fayidaan bu’uuraleen misoomaa guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti qabu hubachuun pirojeektoota daandii buleeyyii xumuruu fi qorannoo irratti hundaa’uun daandiiwwaan haaraa ijaaraa jiraachuu himaniiru. Haaluma kanaan naannichatti bara kana daandiiwwaan gurguddoo sadarkaa naannootti hojjetaman 25 kan kilomeetiraa 117 ta’u ijaaruuf karoorfamee hojjetama jirachuu himaniiru. Daandiiwwaan kana keessaas 21 buleeyyii yoo ta’u 4 immoo haaraa ta’uu himaniiru. Kana keessaas hanga ammaatti daadiin kiiloo meetirrii 32 tuqaa 1 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Dabalataan naannichatti sagantaa misooma daandii baadiyyaa kan sadarkaa godinaa fi aanaatti hojjetamuun bara kana daandii kiiloo meetira 503 ijaaruuf karoorfamee haga ammaatti kiiloo meetirri 70 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru. Kana malees sadarkaa naannootti bara kana riqaalee gurguddaa hojjetaman 21 ijaaruuf karoorfamuu eeranii ijaarsi isaanii dhibbantaan 56 xumuramuu himaniiru. Riqaaleen baajata mootummaan alaa sagantaawwaan adda addaan hojjetamuuf karoorfaman 19 keessaas 2 guutummaatti xumuramamniiru jedhan. Naannichatti hojii ijaarsa daandii cinaatti hojiin bulchiinsa daandiis xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu himaniiru. Hojii kanaanis bara kana bajata fandii federalaa fi naannoon daandii kiiloo meetirri kuma 14 fi 442 suphuuf karoorfamee hanga ammaatti daandii kiiloo meetirrri kuma 11 fi 83 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. Daandiiwwaanii fi riqaaleen hojiin isaanii xumurame akkasuma suphaan gahaan taasifameef guddina dinagdee fi hawaasaa naannichaa safisiisuu keessaatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru. Ijaarsa daandiin cinatti magaalota kanneen akka Fiichee, Asallaa, Naqamtee, Gmibii fi Bulee Horaatti daandiiwwan konkolaataa ijaarsa irraa jiraachu himaniru. Naannichatti Projektonni buleeyyii baay’een gara lixa Oromiyaatti yoo ta’uu, sababa haala nageenyaa harkifachuu isaa ibsanii yeroo ammaa nageenyaa waaraa argametti fayyadamuun qaamolee ilaallatan waliin ijaarsi projektewwanii ariitiin xumuruuf tattaaffi guddaan taasifamaa jira jedhan.
Godina wallagaa Lixaatti jiraattonni Sagantaa maaddii guutuurratti hirmaachaa jiran fayyadamummaasaanii guddifachaa jiru
Mar 7, 2026 33
Guraandhala 28/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallagaa Lixaa dargaggoonnii fi dubartoonni sagantaa Maaddii guutuurratti hirmaachuun omishasaanii gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddifachaa jiraachuu ibsan. Waajjirri Qonnaa Godinichaa gamasaan, sagantaa kana bal’isuuf bara baajataa kana Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu goromtii Miiliyoona 3 ol akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kuma 100 ol raabsuu isaa beeksiseera. Godinichatti Aanaa Beegiitti hirmaattonni sagantichaa Israa’el Burruusee fi Yohaannis Zarihuun Yaada ENA’f kennaniin waldaan gurmaa’uun sagantaa maaddii guutuun Sa’a Annanii Sanyii fooya’oo horsiisuun fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaa maaddii guutuun misooma Aannaniirraa sadarkaa maattiitti fayyadamuurra darbee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuun galii fooya’aa argachaa jirachuu ibsaniiru. Misooma Aannanii Hoteelotaa fi Kaaffeewwan Aanicha keessatti argamaniif dhiheessaa jiraachuu eeruun gurgurtaasaarraa galii ji’aan giddugaleessaan birria kuma 25 hanga 30 argachuun bu’aa qabeessa ta’uusaanii himaniiru. Galiisaanii qusachuu fi hojii isaanii babal’isuun, jiraattota Naannichaa biroof carraa hojii uumuuf karoorfachuusaanii dabalataan beeksisaniiru. Jiraattuun Aanichaa biroon Aadde Zannabach Dhibbisaa, sagantaa maaddii guutuun Cuuciiwwan lukkuu guddisuu fi raabsuurratti waldaan gurmaa’anii hojiitti galuu isaanii dubbataniiru. Deeggarsa bakka hojii Bulchiinsa Magaalatiin taasifameefitti fayyadamuun, Cuuciiwwan guyyaa tokkoo kuma tokko fudhatanii guddisaa akka jiran eeranii gara fuulduraatti lukkuuwwan hanqaaquu buusan horsiisuun fayyadamummaa isaanii bal’isuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa Godinichatti sagantaan maaddii guutuu hojiirra ooluun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, namoota hedduuf madda galii dinagdee ta'uu danda'eera jedhaniiru. Misoomicha bal’isuuf baara bajataa qabame kana keessatti, jiraattota horsiisa lukkuu irratti bobba’aniif Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu Goromtii miiliyoona 3 fi kuma 250 ol, akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kumni 100 gahu raabsamuu ibsaniiru. Ammaan dura Gorommiiwwan (Jabbilee) Sanyii fooyya’oo raabsaman mala namaan diqaalomsuun (artificial insemination) wal-hormaata taasifameen, jabbiileen kumni 24 dhalatanii kunuunsi taasifamaafii akka jiru dubbataniiru.
Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa tasgabbii biyyaa fi kabajamuu nageenya riijiniif murteessaadha
Mar 7, 2026 29
Guraandhala 28/2018(ENA)- Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf murteessaa ta’uusaa miseesi humna galaanaa duraanii fi hayyoonni seenaa ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo darbe mana maree bakka bu’ootaarratti argamuun ibsa kennaniin, rakkoon riijinicha keessatti mul’atu fulla’insaan akka furamu Itiyoophiyaan tattaaffii gochaa akka jirtu ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa amma dhumaatti adda bahanii akka hin jiraanne kaasanii, gaaffiin keenya haqa qabeessi karaa nagaa, kennanii fudhachuu fi mariidhaan deebii akka argatu tattaaffiin keenya itti fufa jedhaniiru. Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte haqa qabeessa yoo hin taane haqni addunyaarra hin jiru kan jedhan ministirri muummee, yeroo fudhatuyyuu deebii argachuunsaa akka hin oolle ibsaniiru. Miseensi humna galaanaa duraanii Juuniyeer Letenaanti Hallafoom Massalaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan shira irratti raawwatameen ulaa galaanaa osoo hin dhabiin dura naannawichatti humna galaanaa cimaa dhiibbaa uumu qabdi ture. Haala kanaan dooniiwwan daldalaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane kan biyyoota biroos nageenyisaanii eegamee karaa nagaa akka deeman Itiyoophiyaan ga’ee murteessaa bahachaa turuushee yaadachiisaniiru. Humni galaanichaa keessumaa sochiiwwan daldala seeraan alaa, Kontirobaandii shiftoota galaanarraa ittisuun nagaa fi tasgabbii riijinichaaf wabii ta’ee turuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheetin aarsaa guddaa kaffaluushee eeranii, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa kun dursee kasfamuu akka qabu kaasaniiru. Hayyuun seenaa fi qorataan gargaaraa piroofeesaraa Ahimad Zakariyaa gamasaaniin, qaroominni Daamaat fi Aksuma durii walitti hidhiinsa ulaa galaanaa waliin qabaniin beekamoo akka turan seenaa wabeeffachuun eeraniiru. Itiyoophiyaan gara ulaa galaanaatti deebi’uunshee dhiibbaa akka biyyaatti geessiftu dabaluun alatti waltajjii addunyaarratti faayidaa biyyaalessaashee kabachiisuuf tattaaffii taasifamuuf ashaaraa akka kaa’u dabalanii eeraniiru. Qorataan seenaa piroofeesar Adam Kaamil gamasaaniin, Itiyoophiyaanonni injifannoo Adwaa fi ijaarsa hidha haaromsaarratti tokkummaa cimaa agarsiisan gaaffiin ulaa galaanaa galmasaa akka gahuu fi faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu tokkummaan dhaabachuun dabaluu akka qaban hubachiisaniiru.
Baangilaadish tumsa Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni barbaaddi- Ambaasaaddar Siitwaat Naayam
Mar 6, 2026 74
Guraandhala 27/2018(ENA): Baangilaadish walta'insa daldalaa fi Invastimantii Itioophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu ishee Itioophiyaatti Ambaasaaddarri Baangilaadish Siitwaat Naayam ibsan. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti , hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa baay’ee gaariirra akka jiru ibsaniiru. Ambaasaaddar Siitwaat Naayam hariiroon biyyoota lamaanii A.L.A bara 2016 Imbaasii erga banattee eegalee hariiroonsaanii jabaachaa dhufuusaa hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan tumsa Diinagdeesaanii guddifachuuf kutannoo Siyaasaa waloo qabaachuusanii kaasaniiru. Agarsiisni Daldalaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadish yeroo dhihoo gaggeeffame biyyoonni lameen tumsa daldalaa qaban dagaagsuun akka danda’amu kan itti mul’ate akka ture ibsaniiru. Agarsiisa sanaratti Dureeyyiin Baangilaadish, Itiyoophiyaan guddina Dinagdee ariifataarra akka jirtuu fi Itiyoophiyaan fedhii Industirii fi meeshaalee itti fayyadamaarratti qabdu dabalaa dhufuusaa hubachuusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan saffisaan guddachaa jiraachuushee fi hojiin misoomaashee kan dinqisiifatamu ta’uu kan ibsan. Ambaasaaddarrichi, kunis Hawaasa daldalaa Baangilaadishiif haala mijataa gaarii akka uumuu hubachiisaniiru. Biyyoonni lamaan dameelee tumsa daldalasaanii cimsuu danda’an keessaa tokko buna ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan daldala al-ergii bunaan biyya beekamtu ta’uushee eeruun, Baangilaadish immoo meeshaa buna osoo qulqullinasaa hin lakkisiin eeguun tursiisuu danda’u borsaa akka omishtu ibsaniiru. Kunis Hawaasni Daldalaa biyyoota lamaan jiran walitti dhihaatanii akka hojjetanii fi tumsa damichaa akka dagaagsan akka isaan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Damee omisha qorichaa (faarmaatikaalii) dabalatee, dameeleen Manufaakcheringiin dandeettii tumsaa kan biraa ta'uusaa itti dabalanii dubbataniiru. Dureeyyiin Baangilaadish Itiyoophiyaan seensa balbala gara biyyoota Afrikaa hedduu ta’uushee hubachuun qabeenyasaanii fidanii Invasti akka godhaniif waamicha taasisaniiru. Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Baangilaadish kan eegale A.L.A bara 1976 ta’uu odeeffannoon ni mul’isa.    
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan  gama hedduun   gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 56
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Walii galteen bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisu mallatteeffame
Mar 5, 2026 88
Guraandhala 26/2018 (ENA) -Itiyoo telekoom neetwoorkii babal’isuunii fi ammayyeessuudhaan bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kaampaanii Eriksan waliin walii galtee seena qabeessa mallatteesse. Walii galteen kun buufataalee Moobaayilii kuma 1 fi 500 riijinii bulchiinsa neetwoorkii Eriksan keessa jiranirratti hojiilee babal’isuu, fooyyessuu, 4G diriirsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa ijaaruu of keessaa qaba jedhameera. Inisheetiiviin ammayyeessuu walii galaa kun baay’ina, qulqullinaa fi dandeettii neetwoorkii kan fooyyessu ta’uu odeeffannoon Itiyoo telekoom agarsiiseera. Haala Kanaan bu’uraalee misoomaa buleeyyii teeknooloojii ammayyaatiin bakka buusuudhaan, bal’inaa fi dandeettii 4G sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu eerameera. Bal’ina 5G guddisuudhaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa haaraaf kan barbaachisu konneektiviitii saffisaa olaanaa dhugoomsuuf ni dandeessisa jedhameera. Keessumaa pirojektichi baadiyyaa bakkeewwan 75 ta’aniif sooluushinoota teeknooloojii moobaayilii dhiheessuuf akka gargaaru himameera. Akkasumas buufataalee 3G buleeyyii 502 ammayyeessuu fi gara teeknooloojiiwwan 4G olaanaatti guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera. Pirojektichi riijinii oppireeshinii Eriksan (Ericsson) keessatti dandeettii neetwoorkii 4G haaraa baachuu danda’an miiliyoona 2 tuqaa 8 dabaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, kun ammo dandeettii neetwoorkii walii galaa gara miiliyoona 4 tuqaa 1’n gahuuf nigargaara jedhameera. Kana malees tajaajila ‘LTE’ gara magaalota dabalataa 157tti babal’isuun, magaalota ‘LTE’tti fayyadaman gara 276tti guddisa jedheera Itiyoo Telekoom. Kunis baay’ina ummataa dhibbantaa 45’n guddisuun, baay’ina ummataa riijinicha jiru walii galaan dhibbantaa 85niin gahuuf akka dandeessisu eereera. Walii galteen kun haala jireenyaa, hojmaataa fi bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaanonni ittiin taasisan gara sadarkaa olaanaatti ceesisaa kan jiran, pilaatfoormota kanneen akka teelee birria, zaman gabayaa fi Zeneksasiif deeggarsa ni taasisa.
Giddugalichi erga hundeeffamee ji’oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru
Mar 5, 2026 60
Guraandhala 26/2018 (ENA):Erga giddugalli iddoo tokkoo (Masoob) Dirree Dawaatti hundeeffamee ji'oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argachuu himame. Qindeessaan giddugalichaa obbo Awwaqee Laggasaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi baatii Fulbaanaa bara 2018 hojii kan eegale dhaabbilee 10’n tajaajila 28 kennaa jira. Erga wiirtuun kun hojii jalqabee namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru jedhan.   Giddugalichi waraqaa irraa bilisa ta’ee tajaajila ammayyaa, saffisaa fi si’ataa kennuudhaan rakkoo bulchiinsaa hiikuu isaa ibsaniiru. Qorannoon itti quufinsa gaggeeffame akka agarsiisutti ummanni tajaajila mootummaa aragachaa jirutti gammachuu qabaachuu hubatameera. Dhaabbileen giddugalichatti walitti qabamanis tajaajila saffisaa fi si’ataa qabu kennaa akka jiran fayyadamtoonni kunneen ibsaniiru.   Fayyadamtoota keessaa obbo Abdii Bushraan tajaajilli dijitaalaa giddugalichi kennu hawwataa ta’uu ibsaniiru. Kaartaa abbaa qabeenyummaa lafaa argachuun tajaajila ariifataa argachuuf gara giddugalichaa erga dhufanii booda yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuruu akka danda’an himaniiru. Yeroo darbe dhaabbileen naannoo adda addaatti faffaca’anii waan turaniif tajaajila argachuuf hanga torbee tokkoo fi ifaajii guddaa kan barbaadu ta’uu yaadachuun, jijjiirama amma dhufe kanaan gammaduu isaanii ibsaniiru.   Aadde Salaamaawit Haagos gama isaaniitiin gibira kaffaluuf gara giddugalichaa dhufanii yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran himaniiru.   Dhimma isaa raawwachuuf gara giddugalichaa kan dhufe obbo Fissahaa Solomoon tajaajila haqa qabeessaa fi gahumsa qabu akka argate ibseera. Tajaajila saffisaa dhaabbileen giddugalicha keessa jiran kennaa jirutti akka gammadan eeruun hojiin akkanaa kuni cimee itti fufuu akka qabu dhaamani.
Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira
Feb 26, 2026 196
Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira. Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera. Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru. Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru. Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru. Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.
Ispoortii
Piriimar liigichaan taphoonni   Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin  taasisan hawwiin ni  eegama 
Mar 4, 2026 163
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu.   Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera.   Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti   calallii taphoota  mo’atanii darbuu  
Feb 24, 2026 283
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 100
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 110
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 200
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 208
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru.   Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16963
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2294
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015