ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru
Nov 13, 2026 46
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Bu’uraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumuu isaa, dura taa’aan koree dhaabbataa dhimma bu’uuraalee misoomaa fi mana qopheessaa mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa ibsaniiru. Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee sirna haaraa qindaa’aa ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa eebbisiisuu fi beeksisuuf sagantaa qopheesseera. Saganticharratti kan argaman dura taa’aan koree dhaabbataa bu’ura misoomaa fi dhimmoota mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa, sirni hojii dijitaalaa qisaasama qabeenyaa, malaammaltummaa fi dararama ummataa hambisuun tajaajila saffisaa kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Mesob hojiirra oolchuun tajaajiloota iftoominaa fi saffisa qaban kennuun quufinsa jiraattotaa mirkaneessaa fi bu’aawwan galmeessaa akka jirtu eeraniiru. Sirni haaraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsuun, damee geejjibaa magaalattii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Itti gaafatamaan biiroo geejjibaa magaalaa Finfinnee, Doktar Tafarraa Molaa, yeroo ammaa itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila saffisaa kennuuf teeknooloojii fayyadamuun dirqama ammaa ta’uu ibsaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee duraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa keessatti mudachaa turan furuun adeemsi hojii teeknooloojiin akka deeggaramu ni taasisa jedhaniiru. Kunis sochiin tiraafikaa mijataa akka jiraatuuf haala mijeessuun tajaajilli geejjibaa saffisaa, amanamaa fi nageenya qabu akka ta’u ni gargaara jedhaniiru. Dabalataanis, sirni kun konkolaattota seeraan alaa hordofuu fi cufamuu tiraafikaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hundeessaan akkasumas hoji gaggeessaan dhaabbata AG Technology, dargaggoo Getaasaaw Ababa ibsaniiru. Sirni kun ramaddii konkolaattotaa, ramaddii to’attootaa, galmee argama konkolaattotaa, yaada tajaajilamtootaa, gabaasa dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi gabaasa taateewwan guyyaa guyyaa of keessatti akka hammatu ibsaniiru. Hogganaan Waldaa Taaksii Nagaa Finfinnee, Obbo Geetuu Tasfaayee, sirni kun rakkoo fi walitti bu’iinsa to’attootaa fi konkolaachistoota taaksii gidduutti uumamaa ture furuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensi Waldaa aksiyoona geejjiba Aday Abbaa, Birhaanee Yehuwaalaasheet, sirnichi mala hojii tuttuqaa harkaa hambisuun sirna dijitaalaa akka babal’isu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Nov 13, 2026 41
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru. Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 83
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 13, 2026 78
Sadaasa 4/2019 (ENA) - Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin magaalaa Maqaleetti marii gaggeessaniiru. Xiyyeeffannoon marichaa naannoo Tigraayitti nageenya waaraa fiduuf waliin hojjechuun haala danda’amu uumuuf yoo ta’u, naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominni akka barbaachisu ibsameera. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Tigraayi seenaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa. Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne, fuulduras hin milkaa’u jedhaniiru. Jiraachuun Itiyoophiyaa Tigraayirraa adda baafamee akka hin ilaalamne kaasanii, Tigraayi seenaa, hundeeffamaa fi jiraachuu keessatti qoda bakka hin bu’amne akka qabdu dubbataniiru. Gareen seeraan alaa ABUT ummata naannoo Tigraayi Itiyoophiyaarraa adda baasuuf adeemsi inni hordofe fashaluusaa eeranii, yaaliin kun gonkumaa hin milkaa’u jedhaniiru. Ummanni Tigraayi walitti hidhaminsi seenaa, eenyummaa fi walitti hidhaminsi biyyaalessaa kan hin cinne ta’uu dubbatanii, yaaliin taasifaman seenaa fi dhugaa biyyattii bakka akka hin buune ibsaniiru.
Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu qaba
Nov 13, 2026 55
Sadaasa 4/2019(ENA)-Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu akka qabu dhaamame. Godina Kibba Lixa Oromiyaatti qophii kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa irratti hoggantoota aanaalee fi godinaa waliin Magaalaa Jimmaatti mariyatameera. Maree kanaaf qabxiin maree ayyaana Sadaasa 29/2019 kabajamu irratti xiyyeeffates Itti gaafatamaa Ittaanaa damee Siyaasaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Ashannaafii Biraanuutiin dhihaatee irratti mariyatameera. Kabaja ayyaanichaa milkeessuuf qaamoleen hawaasa godinichaa tumsa irraa eegamu bahuu akka qabaniif dudhaa keessummaa simachuu uummatni keenya qabuun hirmaattota keessummeessuu akka qabanis ibsameera. Ittigaafatamaan Damee siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa Itiyoophiyaan tokkummaa sabdaneessaa fi walooma lammiilee dimokiraasii bu'uureffate ijaaraa jirtii jedhan. Ayyaanni Saboota sablammootaafi ummattootaa kunis karaa miidhagaaf tokkummaa sabdaneessummaa agarsiiseen kabajamaa jedhan. Ayyaannichi sochii hawaas-diinagdee ummatichaa guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsuun, hawwattummaa invastimentii fi tuurizimii godinichaa dabaluufis shoora olaanaa qabaa jedhan. Kanaafis qaamoleen hawasaaf hoggansi sadarkaan jiru kabaja ayyaanichi karaa midhagaa fi naga qabeessa ta'een akka a kabajamuuf tumsuu qabaa jedhan. Hirmaattoota ayyaanichaa gara godinicha dhufaniifis simannaa guddummaaf jaalala uummatni Oromoo ilma namaaf qabu kan agarsiisu taasisuu qabus jedhan
Siyaasa

Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraayitti eegale cimsuun itti fufuu qaba – Jiraattota Magaalaa Maqalee
Nov 13, 2026 69
Sadaasa 4/2019 (ENA)-Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun itti fufuu akka qabu jiraattonni Magaalaa Maqalee dubbatan. Ajajaan humnoota waraanaa walii galaa Waliigalaa RDFI, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa jiraattota Magaalaa Maqalee waliin mari'ataniiru. Maricharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gareen seeraan alaa ABUT’n garee Tsimdoo diinota biyya alaan hogganamutti makamuun biyya waraanuusaa ibsaniiru. Mariin har'a gaggeeffame kallattii nageenya ummata Tigraayi mirkaneessuuf itti hojjetamu kaa'uuf ta'uu dubbataniiru. Jiraattonni Magaalaa Maqalee gama isaaniin, waraanni haa dhaabbatu; nageenya, badhaadhinaa fi tasgabbii barbaanna jechuun ibsaniiru. Bu'uuraaleen misoomaa akka ijaaraman, dargaggootaaf carraan hojii akka uumamuu fi lammiileen nagaan ba'anii nagaan akka galan barbaaduu isaanii marii irratti kaasaniiru. Hirmaattonni mariichaa mootummaan hojjettoota mootummaa mindaa kaffaluu fi bu'uuraalee misoomaa barbadaa'an deebisee ijaaruu jalqabuun isaa dinqisiifannaa argachuu ibsaniiru. Dabalataanis, Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.
Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa qaba
Nov 13, 2026 104
Sadaasa 4/2019 (TOI) – Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa qabeenya garaagarummaa fayyadamuun, mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa akka qabu af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Mufarihaat Kaamil ibsan. Guyyaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaan mata duree “Itiyoophiyaa sabdaneessummaan miidhagde, mariidhaan dhaabbattee fi qaroomte” jedhuun Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti ni kabajama. Ayyaanni kun guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, Sadaasa 21 Guyyaa Obbolummaa, Sadaasa 26 Guyyaa Waloomaa, Sadaasa 27 Guyyaa Oromiyaa, Sadaasa 28 Guyyaa Marii fi Sadaasa 29 Guyyaa Itiyoophiyaa jedhamee moggaafameera. Af-yaa’ittiin akka ibsanitti, mata dureen bara kanaa waadaa waloo, karooraa fi hubannoo uumuun garaagarummaa akka qabeenyaatti, marii immoo akka qaroominaatti kan ilaaludha. Dabalataanis, Itiyoophiyaa birmadummaa guutuu ishee kan mirkaneessite, oomishtuu, dursituu fi qaroomtuu taate ijaaruuf karoorri dhalootaa waggaa 25 qophaa’uu ibsaniiru. Garaagarummaan yoo sirnaan hogganame kalaqa, gahumsaa fi jijjiirama biyyaaf qabeenya murteessaa ta’uu akka danda’us hubachiisaniiru. Saboonni, sablammootaa fi ummattoonni Itiyoophiyaa ijaarsa sirna federaalaa keessatti gahee murteessaa akka qaban kan ibsan Mufarihaat, garaagarummaa kunuunsuu fi misoomaaf oolchuun madda guddinaa taasisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Guyyaan Sabootaa fi Sablammootaa ummattoonni kan ittiin wal baran, garaagarummaa isaanii hubatanii fi mariidhaan waliigaltee waliinii irratti itti uuman ta’uu isaas ibsaniiru. Dhumarrattis, guyyaan kun ayyaana kabajuu qofa osoo hin taane, tokkummaa mariidhaan cime, misooma hirmaachisaa fi hammataa mirkaneessuun badhaadhina waaraa fi ijaarsa biyya qaroomtuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu isaa hubachiisaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa tumsa isaanii cimsuuf mariiyatan
Nov 12, 2026 193
Sadaasa 3/ 2019 (ENA) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa hariiroo fi tumsa tarsiimoo qaban caalmaatti cimsuuf mari’ataniiru. Ittaanaan Pireezidaantii fi Itti Gaafatamaam Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru. Ambaasaaddar Cheen Haay kallattii fi imaammata Chaayinaan dursa kennituuf ilaalchisee obbo Adam Faaraah ibsa taasisaniiru. Mariin kunis mul’ata badhaadhina waloo, jijjiirama biyyaalessaa fi misooma biyyoota lamaanii cimsuuf carraa kan uumu ta’uu eerame. Obbo Adam Faaraah gama isaaniin Yaa’ii 5ffaan Paartii Koministi Chaayinaa milkaa’inaan xumuramuu isaatti baga gammaddan jedhanii, Chaayinaan misooma qulqullina olaanaa qabu, ammayyummaa fi badhaadhina biyyaalessaa fiduuf tattaaffii taasiftu dinqisiifataniiru. Dabalataanis, hariiroo michummaa yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduu jiru, akkasumas “Tumsa Tarsiimoo Hunda ce’aa” tumsa siyaasaa, dinagdee fi dameewwan misoomaa babal'isuuf bu'uura cimaa kan kaa'u ta'uu isaa ibsaniiru. Hoggantoonni paartilee siyaasaa lamaan, wayita Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Onkololeessa bara 2023 gara Chaayinaa daawwannaa taasisanitti, waliigalteewwan tumsa Itoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti mallattaa'an barbaachisummaa isaanii cimsanii kaasuun mari’ataniiru.
Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Yaa’ii COP31 Turkiyyee Magaalaa Antaliyaatti,gaggeeffamu cinaatti, marii gam lamee gaggeessan
Nov 12, 2026 118
Yaa’ii COP31 Turkiyyee Magaalaa Antaliyaatti,gaggeeffamu cinaatti, Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa fi Preezidaantiin Filatamaa COP32 Dr. Geediwon Ximooteewos akkasumas Ministeerri Maallaqaa fi gaggeessaa COP32 Dr. Fitsum Asaffa Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Kingidim Eed Miliibaand waliin marii gam- lamee biyyaalessaa taasisaniiru. Maricharratti, Pireezidaantiin filatamaa Dr. Geediwon Ximooteewos Itoophiyaan damee jijjiirama qilleensaa keessatti hojiiwwan qabatamaa hojjetaa jirtu ibsuun, jijjiirama haala qilleensaaf sababa kan ta'an gadi lakkifama gaazota miidha geessisanii hir’isuuf barbaachisummaasa irratti xiyyeeffannoo kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Kingidim Eed Miliibaand gamasaaniitiin, gadi lakkifama gaazota miidha geessisanii hir'isuun qormaatilee jijjiirama qilleensaa furuuf murteessaa ta'uu ibsuun, damee kana keessatti Yunaayitid Kingidim Itoophiyaa wajjin dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru. Akkasumas qophii COP32 fi dhimmoota dursi kennamuufii qaban Itoophiyaatiif deeggarsa gochuuf biyyisaanii qophii ta'uu mirkaneessaniiru.
Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa COP31 Irratti
Nov 12, 2026 163
Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa COP31 Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Mootummaan Ida’amuu furmaata jijjiirama haala qilleensaa waliin walsimu bal’inaan hojiirra oolchaa jira. Waltajjii kanarratti Mootummaan Ida’amuu sagalee Itoophiyaa dhageessisuu bira darbee, hariiroo gamlamee fi tumsa biyyoota garaagaraa waliin qabu cimsuuf sochii dippiloomaasii bal’aa taasisurraatti argama. Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa kana qolachuu fi dandeettii dandamachuu hawaasummaa fi dinagdee cimsuuf hojiiwwan qabatamaa bal’inaan hojjechaa jirti. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, dinagdee magariisaa ijaaruu, madda humna haaromfamaa babal’isuu fi qonna haala jijjiramaa qilleensaa dandamatu irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan ijoo biyyattiin hojjechaa jirtu keessaa isaan gurguddoo dha. Itoophiyaan dhimma jijjiirama qilleensaa COP31rraatti hirmaattuu qofa osoo hin taane, marii fi hojii idil-addunyaa keessatti gahee guddaa bahachaa jiraachuu ishee kan agarsiisudha. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin marii gamlamee taasisuun, fedhii biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu, tumsa idil-addunyaa cimsuu fi qophii Itoophiyaan Pirezidaantummaa COP32 fudhachuun taasisaa jirtuurratti xiyyeeffataniiru. Mariileen gamlamee Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad COP31 cinaatti hoggantoota biyyoota adda addaa waliin taasisan,hariiroo biyyoota lameenii, nageenya naannawaa, dinagdee fi dhimmoota idil-addunyaa walitti hidhuun kan hojjetu ta’uu mul’isu. Yeroo addunyaan qormaata jijjiirama qilleensaa, walitti bu’iinsaa fi rakkoolee dinagdee adda addaa keessa jirtutti, Itoophiyaan tumsaafi mariin furmaata waaraa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu waltajjii idil-addunyaa irratti cimsitee ibsaa jirti. Dabalataanis, COP31 irratti qophii Pirezidaantummaa COP32 keessummeessuuf taasisaa jirtu ibsuun, gahee ishee dippiloomaasii jijjiirama qilleensaa keessatti qabdu caalaatti guddisteetti. Doktar Abiyyi Ahimad, COP32 keessatti tarkaanfii dursaa fudhachuu, deeggarsa maallaqaa iftoomina qabu mirkaneessuu fi hawaasa jijjiirama qilleensaan miidhaa hamaa irra ga’e bira ga’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Mariileen gamlamee COP31 cinaatti gaggeeffaman milkaa’ina dippiloomaasii Itoophiyaa keessaa isa tokko ta’uun isaanii ifaadha. Hariiroo biyyoota garaagaraa waliin qabdu cimsuun, nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf hojjechuun, akkasumas waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti fedhii biyyaalessaa ishee kabachiisuun, Itoophiyaan dippiloomaasii bu’a qabeessa ta’e milkeessaa jiraachuu ishee mirkaneessa. COP31 kanaanis, Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa, nageenya, misoomaa fi tumsa idil-addunyaa walitti hidhuun biyyoota garaagaraa waliin hariiroo bu’a qabeessa ta’e ijaaruu keessatti gahee ishee caalaatti mul’isaa jirti. Ministirri Muummee yaa’ii hoggantootaa COP31 cinaatti hoggantoota Turkiyyee, Noorwey, Fiinlaand, Baarbeedoos, Bostwaanaa, Somaaliyaa, Qataar fi Iraaq waliin mari’ataniiru. Mariileen kunneen hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, jijjiirama qilleensaa dandamachuuf hojiilee waloo hojjechuu, invastimantii anniisaa haaromfamuu, tumsa damee aviyeeshinii, nageenyaa fi tasgabbii naannoo akkasumas deeggarsa Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf taasifamu irratti xiyyeeffataniiru. Pirezidaantii Turkiyyee Rajab Xayyib Erdoogaan waliin marii taasisaniin, hariiroo biyyoota lamaanii, keessumaa dameewwan daldalaa, invastimantii fi tumsa biroo keessatti jiru caalaatti cimsuu irratti mariyataniiru. Turkiyyeen gama isheetiin hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu daran guddisuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf tumsa kennuu itti fufuuf kutannoo qabdu ibsiteetti. Ministira Muummee Noorwey Joonas Gaar Isteer waliin marii taasisaniin ammoo, tumsa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti jiru caalaatti cimsuu, damee anniisaa haaromfamuu Itoophiyaa keessatti invastimantii jajjabeessuu fi Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf deeggarsa Noorwey taasistu itti fufsiisuu irratti xiyyeeffataniiru. Dabalataanis, dhimmoota yeroo ammaa, idil-addunyaa fi naannawaa irratti yaada waljijjiiraniiru. Pirezidaantii Fiinlaand Aleksaandar Siitab waliin marii taasisaniinis, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii addunyaa, jijjiirama haala naannoo fi fedhiiwwan waloo irratti mariyataniiru. Keessumaa, deeggarsa Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf taasifamu dabalatee, waliigalteewwan dameewwan adda addaa irratti tumsa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf xiyyeeffannoo kennaniiru. Ministira Muummee Baarbeedoos Miyaa Mootlii waliin marii taasisaniinis, tumsa damee aviyeeshinii fi deeggarsa Baarbeedoos Itoophiyaan Pirezidaantummaa COP32 milkeessuuf taasiftu irratti xiyyeeffataniiru. Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu fi dhimmoota fedhii waloo gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf carraa jiru kan agarsiise ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantii Bostwaanaa Duumaa Geediyoon Bookoo waliin marii taasisaniinis, qormaatilee jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf biyyoonni lamaan tarkaanfiiwwan fudhachaa jiran, akkasumas tumsa COP32 irratti qaban cimsuu irratti mariyataniiru. Kana malees, ajandaa tumsa qilleensaa Afrikaa itti fufsiisuu fi dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii biroo irratti yaada waljijjiiraniiru. Akkasumas, Amiira Qataar Sheekh Tamiim Bin Haamad Aal Taanii waliin marii taasisaniiru. Mariin isaanii hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu fi dameewwan dandeettii misooma waloo qaban irratti tumsa isaanii guddisuuf carraawwan jiran irratti xiyyeeffateera. Pirezidaantii Iraaq Niizaar Amiidii waliin marii gamlamee taasisaniinis, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, dameewwan tumsa misoomaa keessatti dandeettii waloo qaban gara bu’aatti jijjiiruu fi karoora misoomaa Itoophiyaa irratti yaada waljijjiiraniiru. Akkasumas, dhimmoota naannawaa fedhii waloo ta’an irratti mariyachuun, tumsa hojiirra oolmaa irratti hundaa’e cimsuuf walitti hidhamiinsa jabaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu irratti mariyataniira. Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheekh Mahamuud waliin marii taasisaniinis, haala nageenyaa Somaaliyaa, jijjiirama naannichaa fi barbaachisummaa marii fi tumsa itti fufiinsa qabuun nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu irratti yaada waljijjiiraniiru.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa waliigaltee biyyaalessaa cimsuf gahee olaanaa qaba
Nov 12, 2026 111
Sadaasa 3/2019 (ENA)-Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa Itoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa cimsudhaan Itoophiyaa badhaate dhugoomsuuf gahee olaanaa akka qabu, Itti aanaan Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedamoo ibsan. Guyyaan Saboota, Sab-lamoota fi Ummatootaa Itoophiyaa 21ffaan mata duree “ Itoophiyaa qaroomte danomaan faayamte , mariin waaromte" jedhuun Sadaasa 29 bara 2019 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti ni kabajama. Manni Mareen Federeeshinii mata dureen baranaa waadaa waloo ta’uu isaa hubachiisuun, karoora waloo fi hubannoo waloo uumuu kan dandeessisu xiinxala mata duree fi qopheeffamerratti marii tarsiimoo koomunikeeshinii qopheesseera. Itti aanaan Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedamoo wayita sana akka jedhanitti; Guyyaan Saboota, Sab-lamoota fi Ummatootaa Itoophiyaa walitti dhufeenya cimsa. Dabalataanis ijaarsa seenessa waloo biyyaalessaa Itoophiyaatti akka cimuu fi tumsaan biyya badhaate dhugoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsa mootummaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ummata bal’aa qooda fudhannaa olaanaarratti kan hirmaachisu ta’uu kaasanii, miidiyaaleen milkaa’ina isaatiif odeeffannoo qaqqabsiisuun gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Kanaafuu, miidiyaaleen Itoophiyaa badhaateef dhugoomuuf odeeffannoorratti hundaa’uudhaan ummata biraan ga’uun gahee isaanii akka baatan gaafataniiru.

Hawaasummaa
Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti barnootaa fi bu'aa barattootaa fooyyessuu danda'eera.
Nov 13, 2026 52
Sadaasa 04/2019 (ENA)- Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti kennamaa jiru adeemsa baruu fi barsiisuu akkasumas bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu barsiisonnii fi maatiin barattootaa ibsan. Naannichatti bara kana barattoonni kuma 40 ol sagantaa nyaata mana barumsaa irraa fayyadamaa jiru. Saganticha manneen barnootaa idileen duraa fi tokkoffaa 67 keessatti raawwatamuuf birriin miliyoona 46 ol ramadamuun ni beekama. Barsiistuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnin, Zinaash Shifarraawu akka jedhanitti, duraan barattoonni mana keessatti nyaata eeggachaa waan turaniif barnootaaf yeroo isaanii irratti dhiyaachuu hin dandeenye. Erga sagantaan nyaata mana barumsaa jalqabee garuu haalli waliigalaa barattootaa fi bu'aan isaanii fooyya'uu ibsaniiru. Qpoheessituun nyaata mana barumsaa Aadde Gannat Kaasaahun gama isaaniitiin, sagantichi barattoota nyaachisuu qofa osoo hin taane, carraa hojii isaaniif uumuu ibsaniiru. Akkasumas, barattoota keessatti turtii barnootaa addaan kutuu fi yeroo barnootaatti tursiisuun hir'achuu eeraniiru. Barattuun kutaa 2ffaa Mana Barumsaa Raas Mokonnon, Helen Girmaa, sagantichi mana barumsaa keessatti nyaata argachuu fi yeroo isaa eeganii barnootaaf dhiyaachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti. Akkasumas, barnoota isaanii hordofanii bu'aa gaarii akka galmeessaniif gargaaraa jiraachuu ibsiteetti. Qindeessaan Sagantaa nyaata Barattootaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii, Obbo Arab Aliyyi akka jedhanitti, sagantichi jijjiirama guddaa barattoota irratti fiduu bira darbee, barattoota gidduutti tokkummaa fi waliin jireenya, hawaasa keessattis wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis, barattoonni yaada isaanii barnoota irratti akka xiyyeeffatan fi fedhiin isaanii barachuu akka dabalu taasisaa jira. Sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisuurratti Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, sagantichi hirmaannaa barattootaa barnoota keessatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas, yeroo barnootaa manneen barnootaa keessatti qisaasamaa ture hambisuun bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. See less
Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, bu’aa misoomaa irraa akka fayyadaman taasisaa jira – Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el
Nov 12, 2026 171
Sadaasa 3/2019 (ENA)-Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee isaanii mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Sandafaa Baakkee keessatti hoggantootaa fi miseensota Poolisii Federaalaa kuma 1 fi 600 ol ta’aniif lafti ijaarsa mana jireenyaa kennameera. Komishinarri Jeneraal Damallaash wayita kana akka ibsanitti, lafti mana jireenyaa kun fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee miseensota poolisii guddisuu bira darbee, gahee isaan birmadummaa biyyaa fi kabaja lammiilee eeguu keessatti qaban ni cimsaa. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa doktar Taammiraat Mulugeetaa gamasaaniin, dabarsiin lafa kanaa tattaaffii mootummaa naannichaa fi hoggantootaan argame ta’uu ibsanii, miseensonni poolisii kuma 1 fi 600 ol ta’an irraa fayyadamoo akka ta’an dubbataniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Sandafaa Baakkee Obbo Abbii Tafarraas miseensota poolisiitiif lafa dhiyeessuu isaaniitti gammaduu ibsanii, gara fuulduraattis deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisan mirkaneessaniiru.
Fayyaan waan hunda Yoo akka tasaa nama gaggabdoon qabe arginu maalgochuu qabna?
Nov 12, 2026 110
1. Sochii ykn (hurgufamuu) qaamaa humnaan dhaabuuf hin yaaliinaa. 2. Wantoota miidhuu danda'an akka sibiila, dhakaa, waan qara qaban biraa fuudhaa. 3. Uffatni morma irratti jabaatee jiru akka karabaatii ykn mi'a miidhagina mormaa fi kkf hudhuu danda’an irraa baasaa ykn itti laaffisaa. 4. Yoo danda'ame waan laafaa akka kafana dadacha'aa mataa jala kaa'aa. 5. Afaan keessa quba, fal'aana, qoricha ykn wanta biraa hin kaa'iinaa. 6. Utuu gaggabdoon hin dhaabbatiin (utuu qaamni hurgufamaa jiruu) nyaata, bishaan ykn qoricha afaaniin hin kenninaa. 7. Erga gaggabdoon ykn sochiin qaamaa dhaabbatee booda suuta cinaachaan gara bitaatti ciibsaa. 8. Amma gaggabdoon dhaabbatutti biraa hin deemiinaa. 9. Erga gaggabdoon irraa dhaabbatee ofbaruu isaa/ishee mirkaneeffadhaa, tasgabeessaa. Fayyaan Faaya Biiroo fayyaa Oromiyaa irraa
Injifannoon nageenya waaressuun argame jabaatee ittifufa
Nov 10, 2026 212
Sadaasa 1/2019(ENA)-- Godina Kibba Lixa Oromiyaatti mareen nageenya waaressuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatee Magaalaa Jimmaatti ta'ameera. Waltajjiin kun hoggansa caasaalee nageenyaa waliin kan geggeeffame yoo ta’u bu'aawwan hawaasa hirmaachisuun nageenya kabachiisuu keessatti argame xiinxaluun kallattiin hojii fuulduraa ka'ameera. Godinichatti humna nageenyaa qindeessuu fi hawaasa hirmaachisuun aggaammiiwwan diinaa fashaleessuun akka ciminaatti kan ilaalame yoo tahu nageenya godinichaa caalmaan wareessuuf ammoo tooftaawwan raawwii akeekamaniiru. Itti aanaa Bulchaa fi Ittigaafatamaan Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Amaan Danuu godinichatti hojii nageenyaa dagannaa malee hawaasa hirmaachisuun hojjetameen sochii farreen nageenyaaa fashaleessuun danda'ameeraa jedhaniiru. Qindoominaa fi kutannoo caasaaleen nageenyaan nagaa waaressuuf qabaniin aggaammiin diinaa fashalaa'uu kan ibsan Obbo Amaan; humni diina miidhaa lubbuuf qabeenyarraan gahuuf dhufe rukuttaa jabaan haleelameeraa jedhan. Kana keessattis shoorri hawaasni godinichaa qabu olaanaata’uu ibsaniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Deeggarsa Waraanaa kan ta'an Meejer Jeneraal Mulaat Jalduu godinichi nagaa waaraa ittifufiinsa qabun hojiiwwan misoomaaf guddina diinagdee akka galmeessuuf caasaalee nageenyaa naannichaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Ajaja giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Oppireeshinaalii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Meejer Jeneraal Abdurroo Kadir humnootni badii biyya keessaa fi alaan gurma'anii nagaa lammiileef birmadummaa biyyaa diiguuf yaadanis hin milka'anii jedhaniiru. Humna nageenyaa jabaa biyyattiin ijaarrattee fi hirmaannaa hawaasa nagaa jaallatuun nageenyi biyyaa tiksamaa jedhan. Kanaafis hawaasni caasaalee nageenyaa waliin tahuun nagaa usaa tikfachuu qabna jedhniiru. Xumura irrattis nageenya godinichaa akkaataa ittifufiinsaan waaressuun danda'amurratti kallattiin hojii nageenyaa kennameera. TK.Godinichaarra
Diinagdee
Bu’uuraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumaniiru
Nov 13, 2026 46
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Bu’uraaleen misoomaa qindaa’aan Finfinneetti hojjetaman sirna ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa ammayyaa uumuu isaa, dura taa’aan koree dhaabbataa dhimma bu’uuraalee misoomaa fi mana qopheessaa mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa ibsaniiru. Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee sirna haaraa qindaa’aa ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa eebbisiisuu fi beeksisuuf sagantaa qopheesseera. Saganticharratti kan argaman dura taa’aan koree dhaabbataa bu’ura misoomaa fi dhimmoota mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Gizaachoo Ayikaa, sirni hojii dijitaalaa qisaasama qabeenyaa, malaammaltummaa fi dararama ummataa hambisuun tajaajila saffisaa kennuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee wiirtuu tajaajila bakka tokkoo Mesob hojiirra oolchuun tajaajiloota iftoominaa fi saffisa qaban kennuun quufinsa jiraattotaa mirkaneessaa fi bu’aawwan galmeessaa akka jirtu eeraniiru. Sirni haaraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa kunis qaama hojii kanaa ta’uu ibsuun, damee geejjibaa magaalattii ammayyeessuu fi saffisiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Itti gaafatamaan biiroo geejjibaa magaalaa Finfinnee, Doktar Tafarraa Molaa, yeroo ammaa itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuu fi tajaajila saffisaa kennuuf teeknooloojii fayyadamuun dirqama ammaa ta’uu ibsaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee duraan ramaddii fi to’annoo konkolaattotaa keessatti mudachaa turan furuun adeemsi hojii teeknooloojiin akka deeggaramu ni taasisa jedhaniiru. Kunis sochiin tiraafikaa mijataa akka jiraatuuf haala mijeessuun tajaajilli geejjibaa saffisaa, amanamaa fi nageenya qabu akka ta’u ni gargaara jedhaniiru. Dabalataanis, sirni kun konkolaattota seeraan alaa hordofuu fi cufamuu tiraafikaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa akka qabu hundeessaan akkasumas hoji gaggeessaan dhaabbata AG Technology, dargaggoo Getaasaaw Ababa ibsaniiru. Sirni kun ramaddii konkolaattotaa, ramaddii to’attootaa, galmee argama konkolaattotaa, yaada tajaajilamtootaa, gabaasa dhaabbilee dhimmi ilaallatuu fi gabaasa taateewwan guyyaa guyyaa of keessatti akka hammatu ibsaniiru. Hogganaan Waldaa Taaksii Nagaa Finfinnee, Obbo Geetuu Tasfaayee, sirni kun rakkoo fi walitti bu’iinsa to’attootaa fi konkolaachistoota taaksii gidduutti uumamaa ture furuuf akka gargaaru dubbataniiru. Miseensi Waldaa aksiyoona geejjiba Aday Abbaa, Birhaanee Yehuwaalaasheet, sirnichi mala hojii tuttuqaa harkaa hambisuun sirna dijitaalaa akka babal’isu ibsaniiru.
Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan hojjetamuudha – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 13, 2026 64
Sadaasa 4/2019 (ENA) – Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan dhaabbachuun hojjetamu ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee akka jedhanitti, hojiiwwan misoomaa raawwataman hundi, manneen jireenyaa dabalatee, kan yeroo dheeraa turanii, itti fufanii fi jireenya namoota hedduu qabatamaan jijjiiran ta’uu qabu. Hojiiwwan hanga ammaatti jalqabamanis galma kana milkeessuun akka danda’amu qabatamaan kan agarsiisan ta’uu dubbataniiru. Badhaadhinni biyyaalessaa karoorfame dhugoomuu kan danda’u jireenya haadholii fi lammiilee galii gadi aanaa qabanii fooyyessuu yeroo dandeenyu qofa ta’uu hubachiisaniiru. Lammiileen qabeenya uumuu danda’an akka guddatan fi ciman taasifamaa osoo jiranii, qabeenyi uumamu kun jireenya nama hundaa akka fooyyessu, akkasumas lammiileen hundi sadarkaa fi dandeettii isaaniitiin haala jireenyaa isaanii akka fooyyeffatan sirna haqaa qabeessa ijaaruun kaayyoo ijoo ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan dameewwan hundaan abdii bal’aa akka qabdu daawwannaa biyyoota alaa keessatti taasifaman fi hojiiwwan milkaa’inaan biyya keessatti jalqabaman irraa hubachuun akka danda’amu dubbataniiru. Hojii malee karaa kamiinuu jijjiiramni dhufuu waan hin dandeenyeef, hanqinoota jiran sirreessaa fi fooyyessaa, hojii cimaa fi tokkummaan yoo tattaafanne, waggoota muraasa keessatti biyyoota biroo waliin dorgomuu dandeessu, biyya bareedduu fi badhaate ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru. Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa jira-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 13, 2026 79
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa akka jiru Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, manneen jireenyaa miiliyoona 1 tuqaa 5 sadarkaa biyyaalessaatti ijaaruuf taasifamaa jiru keessatti, meeshaalee ijaarsaa kanneen akka sibiilaa, geejjibaa fi seraamikaa biyya keessatti oomishuuf dandeettii oomishaa guddisuurratti xiyyeeffannoon bal'aan kennamee hojjetamaa jira. Adeemsa ijaarsa manneenii keessatti sirni faayinaansii fi tajaajilli liqii morgaajii waliin yoo hin diriirfamin, lammiileen manneen sana salphaatti bitachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Kanaaf, baankotaa fi dhaabbilee faayinaansii waliin qindoominaan hojjechuun, lammiileen manneen keessa jiraachaa kaffaltii isaanii suuta suutaan akka raawwatan sirni mijataan diriirfamaa jiraachuu eeraniiru. Mootummaa fi damee dhuunfaa waliin ta'uun, Finfinnee keessatti qofa manneen kuma 100 ol ijaarsi isaanii jalqabamee, yeroo waggaa tokkoo gaditti haala gaariin xumuramuu isaanii ibsaniiru. Keessumaa naannolee akka Markaatoo qixal taraatti jijjiiramni saffisaa ijaarsa manneenii fi jireenya hawaasaa keessatti mul'ate bu'aa guddaa yeroo gabaabaa keessatti argame ta'uu ibsanii, manneen kuma 100 kunneen erga xumuramanii booda muuxannoon argame kun bal'inaan akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaa keessatti jireenya qonnaan bultootaa baadiyyaatti fooyyessuu, akkasumas rakkoo lammiilee magaalota keessatti tajaajila bu'uuraa osoo hin argatin jiraatanii furuuf manneen jireenyaa miliyoonaan lakkaa'aman akka barbaachisan ibsaniiru. Hanqina guddaa kana furuuf maallaqa qofa osoo hin taane beekumsa, dizaayinii qulqullina qabuu fi ijaarsa waaraa ta'e waan barbaachisuuf, hojii kana saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tumsaa fi qindoominaan akka hojjetan ministirri muummee hubachiisaniiru.
Magaalaan Jimmaa guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa keessummeessuuf qophiirra jirti
Nov 13, 2026 73
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa keessummeessuuf qophiirra kan jirtu magaalaan Jimmaa misooma kooriidaraa boqonnaa lammaffaatiin magaalattii miidhagsuun gamatti carraa hojii hedduu uumaa akka jirtu jiraattonni dubbatan. Jiraattonni ENA’f yaada kennanakka ibsanitti, misoomni kooriidarii miidhagina magaalattii dabaluun sirna tiraafikaa si’achiisuun olitti daldala dadammaqsaa jira. Obbo Miliyoona Zallaqaa, misoomni koridaraa bifa magaalaa fooyyessuu bira darbee, wiirtuulee daldalaa babal’isuu fi balaa tiraafikaa hir’isuun jiraattotaaf naannoo mijataa uumuu isaa ibsaniiru. Dargaggoo Naaziif Biyaa gama isaatiin, misooma koridaraa kanaan carraa hojii argatee hojjechuun baasii maatii isaa danda’aa akka jiru ibsuun, misoomichi dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu dubbateera. Obbo Ahimad Bushuraa immoo, bifa magaalattii fooyya’uu fi wiirtuuleen daldalaa babal’achuun daldala isaanii guddisuuf carraa gaarii uumuu isaa ibsaniiru. Obbo Damallaash Zawudee gama isaaniin, magaalaan Jimmaa waggoota hedduu booda sadarkaa ishee eeggateen misoomaa fi bareedaa jiraachuun isaa akka isaan gammachiise dubbataniiru. Misoomni koridaraa magaalaa Jimmaa boqonnaan jalqabaa kan xumurame yoo ta’u, boqonnaa lammaffaa ammoo ayyaana guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa 21ffaa Fulbaana 29 dhufu magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophaa’aa akka ta’uuf hojiiwwan xumuraa hojjetamaa jiru. Jiraattonni magaalattii misoomni kun hirmaattotaa fi keessummoota ayyaanichaaf bifa magaalaa bareedaa gochuu bira darbee, ayyaanicha booda illee bu’aa misoomaa waaraa magaalattii fi jiraattota isheef argamsiisa jedhanii akka abdatan ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 580
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 864
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 664
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 747
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaan dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakaar 2026’n tokkoffaa bahuun xumuruunshee qabxii seena qabeessa nama boonsudha-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 12, 2026 135
Sadaasa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakaar 2026’n atileetiksiin warqee 5 fi meetii 3 walumaa gala meedaaliyaa 8 argachuun tokkoffaa bahuun xumuruunshee qabxii seena qabeessa nama boonsu ta’uu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa barreessaniin, atileetonni, leenjistoonnii keenya fi maatiin ispoortii qabxii kana argattan baga gammaddan jdhaniiru. Injifannoowwan har’aa Itiyoophiyaa guddittii boruuf bu’ura ta’uusaanii dubbataniiru.
Itoophiyaan biyya injifattootaati – Ittaanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 12, 2026 111
Dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakar Senegaalitti gaggeeffameen gabatee medaaliiyaa Atleetiksii addunyaarratti 1ffaa ta'uun xumuruu keenyaan baga gammadan! Biyyoonni keenya Taphoota Olompiikii Dargaggoota Addunyaa 2026 Daakaritti gaggeeffamanirratti ijoolleen keenya qaaliin dorgommii Atleetiksii fiigichaatiin warqee 5 fi meetii 3 injifachuun biyya gammachiisaniiru. Dargaggoonni keenya Itoophiyaan isiniin ni boonteetti. Damee Isportii kanaarratti ijoollee xixiqqoo irratti jabaannee hojjennaan sadarkkaa Ardiittii fi addunyaarratti gara kabajaa fi olka'umsa keenya duraatti kan deebinu ta'uun isaa fagoo miti, milkaa'inni kunis kanuma agarsiisa jedhaniiru. Mootummaan Ida’amuu waadaa sabaaf gale eeguun, babal'ina bu'uuraalee misoomaa Ispoortii kutaa biyyichaa garaagaraatti ijaaraa jira. Kunis lammii Ispoortiin , gahumsa qabu, oomishataa fi lammii bu'aa qabeessa uumuun kabaja sadarkaa addunyaarratti injifannoon qabnu gara sadarkaa olaanaatti kan guddisu; maqaa keenya olkaasuu dandeessisuu atileetota horachuun bu'a qabeessummaa keenya kan caalaatti mul'isudha. Olompikiin Daakar bu'aan gaariin akka argamuuf qooda keessan gumaachitan hundaaf galata kiyya dhiyeessaa, irra deebi'uun baga gammaddan! Baga gammanne jedhaniiru ergaa fuula miidiyaa hawaasaummaa isaaniin dabarsaniin.
Itiyoophiyaan olompiikii dargaggootaattiin atileetiksiin sadarkaa tokkoffaa bahuun xumurte
Nov 11, 2026 142
Sadaasa 2/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan olompiikii dargaggootaa afraffaa Senegaalitti gaggeeffamaa jiruun atileetiksiin sadarkaa tokkoffaa bahuun xumurteetti. Olompikii dargaggootaan dorgommiin atilrrtiksii har’a xumura argata. Haala Kanaan atileetiksiin meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3 ,walumaa gala meedaaliyaa 8 mo’achuun meedaaliyaa atileetiksii addunyaan sadarkaa tokkoffaa ta’uun xumurteetti. Itiyoophiyaan olompikii dargaggootaan atileetiksii malees Bishkileetii, tekuwaandoo, Wushuu fi bishaan daakuun hirmaatteetti. Wushuudhaan Natinaa’el Kinfee meedaaliyaa naahaa argateera. Itiyoophiyaan ispoortii walii galaatiin sadarkaa shanaffaarratti argamti. Chaayinaa, Jaappaan, Ruusiyaa fi Gibtsi tokkoffaa amma afraffaa qabataniiru. Olompikiin dargaggootaa akaakuu dorgommii Ispoortii 25’n gaggeeffamaa tureera. Shaampiyoonaan olompikii dargaggootaa afraffaan Onkoloolessa 21 bara 2019 eegalame Sadaasa 4 bara 2019 xumurama
Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a haalaan eegamu
Nov 8, 2026 305
Onkololeessa 29/2019 (ENA) : Piriimeer Liigii Ingilaandi taphoota torbee 10ffaan taphni har’a Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama. Piriimeer liigichaan har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan - Bireentifoordi, Kiristaal Paalaas - Liiverpuul, Ippisiiwich Taawoo - Boornimaawuuz, akkasuma Sandarlaandi -Cheelsii waliin taphatu. Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin falmata. Liigichaan sadarkaa 18ffaarratti kan argamu Yuunaayitiid taphoota 9 taphate keessaa tapha tokko qofa injifateera. Taphoota 4 qabxii qooddachuun taphoota 4 mmoo injifatameera. Taphoota salgan darbanirratti galchiiwwan 15 keessummeessun galchiin 10 qofa lakkoofsise. Astoon Viilaan immoo galchiiwwan 13 keessummeessuun galchiiwwan 10 lakkoofsiseera. Taphoota sagal keessaa 3 injifachuun, 3 qabxii qooddachuun, 3 immoo injifatameera. Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 202 keessaa Maanchiister Yuunayitiid yeroo 108 injifachuun olaantummaa yoo qabaatu, Astoon Viilaan si’a 52 injifachuun, taphoota 42 immoo qabxii qooddataniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Nov 13, 2026 41
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru. Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 83
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii Aleksaandar De Kiruu waliin mari’atan
Nov 13, 2026 72
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii (UNDP) Aleksaandar De Kiruu waliin marii gamlamee bu’a qabeessa ta’e tasisaniiru. Yaa’ii COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamu cinaatti marii taasifameen tumsa haala qilleensaa fi hojiilee misoomaa fulla’aa ilaalchisuun tumsa isaanii cimsuu haala dandeessisurratti mari’ataniiru. Keessumaa, Itiyoophiyaa fi UNDP’n dameewwan faayinaansii jijjiirama qilleensaa, invastimantii fi dandeettii jijjiirama qilleensaa dandamachuu guddisuu irratti hariiroo yeroo dheeraa qaban caalaatti cimsanii itti fufuuf carraawwan jiran irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumeera
Nov 13, 2026 112
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumuusaa itti gaafatamaan sekreetariyaatii miidiyaa waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP31) Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun waajjira sakireetariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyuum hojiiwwan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti raawwatanii fi qophii Itiyoophiyaan COP32 keessummeessuuf taasisaa jirtu, akkasumas adeemsa ijaarsa maqaa gaarii biyyaalessaa irratti ibsa kennaniiru. Akka ibsa isaaniitti, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad turtii Turkiyyee marii gamlamee Pirezidaantii Turkii Resiip Xayiip Erdogaan waliin taasisuun jalqabaniiru. Itiyoophiyaa fi Turkiyyeen dameewwan dippilomaasii, diinagdee fi kanneen biroo irratti seenaa dheeraa tumsaa fi hariiroo akka qabanibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo garaagaraatti Turkiyyee daawwachuu fi waltajjiiwwan adda addaa irratti hirmaachuu isaanii yaadachiisaniiru. Bara darbes Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyip Erdogaan garee mootummaa olaanaa waliin Itiyoophiyaa daawwachuun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf mariin taasifamuu ibsaniiru. Mariin Turkiyyee Antaaliyaa keessatti taasifame kunis dhimmoota kanaan dura irratti waliigalame irratti hanga ammaatti guddinni argame maal akka ta'e gamaaggamuuf carraa gaarii ta'uu ibsaniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan bara dhufu COP32 keessummeessuuf waan jirtuuf, muuxannoo Turkiyyeerraa argachuu dandeessuu fi deeggarsa barbaachisaa ta'e akkamitti argachuu akka dandeessu irratti mariin bal'aan taasifamuu eeraniiru. Turkiyeen qophii COP32 irratti Iiytoophiyaaf deeggarsa barbaachisaa ta'e hunda gochuuf qophii ta'uu mirkaneessiteetti. Dhimma qophii yaa’ichaa ilaalchisee Turkiyyeen Itiyoophiyaaf kabaja guddaa kennuun deeggarsa barbaachisaa ta'e akka godhan kutannoo qabaachuu ishee ibsuun isaanii Billanee Siyyum himaniiru
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24638
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20507
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.