ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Sagalee keenya olkaafnee,fedhii misoomaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii magaalaawwan Afriikaa ni guddifna-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 10, 2026 25
Sadaasa 1/2019 (ENA) - Sagalee keenya olkaafnee,fedhii misoomaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii magaalaawwan Afriikaa ni guddifna jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan (COP31) Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamaa jirurratti baankii misooma Afriikaatti daarektara jijjiirama haala qilleensaa piroofeessar Antoonii Okoon Niyoongi fi ambaasaaddara Global Covenant of Mayors fi kantiibaa Paariis duraanii Aan Hiidalgo waliin haala qilleensaa Finfinnee fi dhimmoota misoma magaalaa egereerratti mari’achuusaanii fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniiru. Keessumaa faayinaansii haala qilleensaa kallattiin magaalota qaqqabsiisuu, dandeettii qophii fi raawwii pirojektootaa cimsuu, akkasumas misooma magariisaa, misooma qarqara lagaa, muuxannoowwan magaalaa deebisanii misoomsuu fi qonna magaalaan argaman walirraa barachuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf akka danda’amu dameewwan tumsaa cimsuuf walii galleerra jedhaniiru. Finfinneen COP32 waan qopheessituuf, magaalota Afriikaaf dura haala qilleensaa waloo, fedhiiwwan faayinaansii fi ajandaa misoomaa sagalee tokkoon addunyaaf dhiheessuuf kan dandeessisu waltajjii uumuuf carraa guddaa qabdi jechuun ibsaniiru. Sagalee keenya waloo cimsuun, fedhii misoomaa magaalaawwan Afriikaa, qaqqabama faayinaansii fi tumsa teeknooloojii ni cimsina jedhaniiru.
Falaasamni ida’amuu paartii badhaadhinaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’u bu’aa siyaas-dinagdee hammataa galmeessiseera
Nov 10, 2026 24
Sadaasa 1/2019 (ENA)- Falaasamni ida’amuu paartii badhaadhinaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’u bu’aa siyaas-dinagdee hammataa galmeessisuusaa bakka bu’oonni paartii siyaasaa biyyoota Afriikaa ibsan. Walgahii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa, Onkoloolessa 26 hanga 28 bara 2019tti Finfinneetti gaggeeffame irratti bakka bu’oonni biyyoota Afrikaa garaagaraa hirmaatan, falaasama Ida’amuu fi muuxannoo misooma Itiyoophiyaa dinqisiifataniiru. Walgahii kana irratti hoggantoonni paartilee siyaasaa fi hirmaattonni kuma 1 ol ta’an biyyoota Afrikaa 54 irraa walitti dhufuun, gahee paartileen siyaasaa guddina dinagdee Afrikaa saffisiisuu keessatti qaban irratti mari’ataniiru. Bakka bu’aa Zimbaabuwee, Daaglaas Miwonzora, Misooma magaalaa Finfinnee fi kallattii misooma Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, muuxannoo kana biyya isaanii Zimbaabuweetti hojiirra oolchuu akka barbaadan ibsaniiru. Bakka buutuun Lesoottoo, Ireene Mifahamaa, Dubartoota hoggansaa fi murtee kennuu keessatti hirmaachisuu, akkasumas misooma koridarii fi qarqara laggeenii Finfinnee dinqisiifataniiru. Karoora misoomaa fi yaad-rimeewwan hojii hanga bara 2040tti hojiirra oolan, Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin walsimatan irratti waliigalteen uumameera.
Injifannoon nageenya waaressuun argame jabaatee ittifufa
Nov 10, 2026 49
Sadaasa 1/2019(ENA)-- Godina Kibba Lixa Oromiyaatti mareen nageenya waaressuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatee Magaalaa Jimmaatti ta'ameera. Waltajjiin kun hoggansa caasaalee nageenyaa waliin kan geggeeffame yoo ta’u bu'aawwan hawaasa hirmaachisuun nageenya kabachiisuu keessatti argame xiinxaluun kallattiin hojii fuulduraa ka'ameera. Godinichatti humna nageenyaa qindeessuu fi hawaasa hirmaachisuun aggaammiiwwan diinaa fashaleessuun akka ciminaatti kan ilaalame yoo tahu nageenya godinichaa caalmaan wareessuuf ammoo tooftaawwan raawwii akeekamaniiru. Itti aanaa Bulchaa fi Ittigaafatamaan Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Amaan Danuu godinichatti hojii nageenyaa dagannaa malee hawaasa hirmaachisuun hojjetameen sochii farreen nageenyaaa fashaleessuun danda'ameeraa jedhaniiru. Qindoominaa fi kutannoo caasaaleen nageenyaan nagaa waaressuuf qabaniin aggaammiin diinaa fashalaa'uu kan ibsan Obbo Amaan; humni diina miidhaa lubbuuf qabeenyarraan gahuuf dhufe rukuttaa jabaan haleelameeraa jedhan. Kana keessattis shoorri hawaasni godinichaa qabu olaanaata’uu ibsaniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Deeggarsa Waraanaa kan ta'an Meejer Jeneraal Mulaat Jalduu godinichi nagaa waaraa ittifufiinsa qabun hojiiwwan misoomaaf guddina diinagdee akka galmeessuuf caasaalee nageenyaa naannichaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Ajaja giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Oppireeshinaalii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Meejer Jeneraal Abdurroo Kadir humnootni badii biyya keessaa fi alaan gurma'anii nagaa lammiileef birmadummaa biyyaa diiguuf yaadanis hin milka'anii jedhaniiru. Humna nageenyaa jabaa biyyattiin ijaarrattee fi hirmaannaa hawaasa nagaa jaallatuun nageenyi biyyaa tiksamaa jedhan. Kanaafis hawaasni caasaalee nageenyaa waliin tahuun nagaa usaa tikfachuu qabna jedhniiru. Xumura irrattis nageenya godinichaa akkaataa ittifufiinsaan waaressuun danda'amurratti kallattiin hojii nageenyaa kennameera. TK.Godinichaarra
Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera-jiraattota
Nov 10, 2026 49
Sadaasa 01/2019 (ENA): Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera jedhan jiraattonni Godina Baha Oromiyaa Aanaa Shanan Dhugoo. Aadde Warqee Damissee jiraattuu Godinichaa Aanaa Shanan Dhugoo magaalaa Masalaa keessaa kan jiraatan yoo ta’u, sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqulluu taasisuu hawaasa naannichaa kan hirmaachisee fi fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Kanaan dura dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinni qulqullinaa fi hanqinni iddoo ciisichaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu haalli kuni fooyya’insa kan qabu ta’uu himaniiru. Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraattuun aanichaa kan biraa aadde Firee Asraat akka himanitti, sochiin kun qulqullina dhaabbilee eeguu bira darbee hawaasni naannoo sana waliin qulqulleessuun dhukkuboota daddarboo irraa akka of eegu taasiseera jedhani. Ogoossonni gahaan aanichatti ramadamuun isaas rakkoo fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne nu taasiseera jedhani. Jiraataan kan biraa yaada kennan kan biraa Abdallaa Kaliil akka himanitti, qulqullinnii fi gahumsi kenniinsa tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti fooyya’uu isaatiin nutti toleera jedhani. Itti dabaluunis hojiin riifoormii tajaajila fayyaa keessatti hojjatamaa jiru rakkoo dhiyeessii qorichaa guutummaatti salphiseera jedhan. Kenniinsa tajaajila fayyaa guutuu, dhaqqabamaa fi fayyadamaa quubsaa taasisuuf Sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqullina hojiirra oolaa jira jedhan Bulchaan aanaa Shanan Dhugoo obbo Muraad Ahmad. Sochiin kun bulchiinsa bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo ammayyeessuun, mooraa dhaabbilee fayyaa miidhagsuu fi fayyadamaadhaaf mijataa taasisuu kan dabalatu ta’uu himaniirudha. Sirna dijitaalaa waraqaa malee diriirsuu fi kenniinsa tajaajilaa itti fufiinsaan fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee sirni dijiitaalaa kun buufataalee fayyaa aanaatti argaman 7 keessaa shan keessatti guutummaatti hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Kunis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu qofa osoo hin taane gahumsa hojii guddisuuf gargaareera jedhan. Hawaasni naannoo jireenya isaa waliin qulqulleessuu fi kunuunsuuf barsiisuu fi kakaasuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dhiheessi qoricha ammayyaa fi hordoffiin cimaan akka ta’u hojmaatni haaraan kaa’amuu isaa obbo Muraad ibsaniiru. Ogeessa yaala fayyaa buufata fayyaa Masalaa kan ta’an Dr. Biyyansaa Hirphaa gama isaaniin, Sochiin kun dhaabbileen fayyaa bakka tajaajila yaalaa itti kennan qofa osoo hin taane, dhukkubsattootaaf iddoo mijataa taasisaa jira jedhan. Dhaabbileen fayyaa qulqulluu fi hawwataa ta’an dhukkubsattootaaf itti quufinsa sammuu kennuu qofa osoo hin taane, kunuunsa fayyaa keessattis gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Doktar Bayyansaa akka jedhanitti, Buufata Fayyaa Godina Baha Oromiyaatti buufanni Masalaa tajaajila baqaqsanii hodhuu eegale kan eegale isa jalqabaa ta’uusaa eeraniiru. Akkasumas meeshaalee yaalaa fi adda baasuu guutuu ta’een kan guutame ta’uu ibsaniiru. Kunis bu'aa sochiin kuni galmeessaa jiru keessaa tokko ta'uu hubachiisaniiru.
Abbummaa Hulaa Galaanaa Mirkaneessuun Qaama Ijoo Tarsiimoo Guddaa Ida’amuuti – doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Nov 10, 2026 103
Sadaasa 1/2019 (ENA) – Guddina dinagdee Itoophiyaa itti fufiinsa qabu saffisiisuu, daldala alaa babal’isuufi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf abbummaa hulaa galaanaa mirkaneessuun qaama ijoo tarsiimoo guddaa Ida’amuu keessaa tokko ta’uu Ministirri Bishaaniifi Inarjii, doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Doktar Injiinar Habtaamuun ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan gaaffii laga Abbayyaa misoomsuu irratti qabdu ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatiin dhugoomsuun seenaa haaraa barreessiteetti. Amma immoo gaaffii seena-qabeessaa abbummaa hulaa galaanaa deebii argamsisuu fi mirkaneessuuf hojjechaa jirti jechuun ibsaniiru. Dhimmi abbummaa hulaa galaanaa kun gaaffii seenaa Itoophiyaanota biratti ka’aa ture, hanga ammaatti deebii hin arganneefi akka gaabbii biyyaalessaatti ilaalamaa ture keessaa tokko ta’uu himaniiru. Itoophiyaan hulaa galaanaa dhabuun ishee imala seenaa, siyaasaa fi faayidaa biyyaalessaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa turuu kaasaniiru. Yeroo sana hoggansi siyaasaa ture faayidaa biyyaalessaa fi gaaffii uummataa dagachuun murtoo faayidaa biyyattii hin eegne fudhachuu isaa madaa guddaa seenaa ta’uu dubbataniiru. Haa ta’u malee, Itoophiyaan yeroo ammaa tarkaanfiiwwan dipilomaasii olaanaa fudhachaa jirtuun, yaadni Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu qabdi jedhu dhimma Itoophiyaa qofa osoo hin taane, dhimma xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa ta’aa dhufuu isaanii ibsaniiru. Akkuma shira diinoonni seenaa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa akka hin ijaaramne gufachiisuuf taasisaa turan tokkummaa uummataatiin fashaleessine, hulaa galaanaa shiraan dhabne kana illee tokkummaa keenya cimsachuun mirkaneessinee qaroomina Itoophiyaa sadarkaa olaanaatti ni ijaarra jechuun dubbataniiru. Kallattiin qaroominaa fi ammayyummaa Itoophiyaan yeroo ammaa hordofaa jirtu fedhii yeroo qofa kan ilaalu osoo hin taane, carraa fi egeree dhaloota dhufu murteessuuf kallattii tarsiimoo ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoo guddaan Ida’amuu bara 2050tti Itoophiyaa badhaadhina ishee mirkaneessite, sadarkaa addunyaatti kabajamtuu fi humna isheetiin beekamtu ijaaruu akka kaayyeffate hubachiisaniiru. Tarsiimoon kun rakkoolee yeroo ammaa qofa furuuf osoo hin taane, fedhii misoomaa, dinagdee fi birmadummaa dhaloota boruu giddugaleessa godhatee kan hojjetu ta’uu himaniiru. Kana irraa ka’uun, Itoophiyaan qabeenya uumamaa mootummaa birmadummaa ishee keessatti argaman sirnaan misoomsuu, dabalataanis laga Abbayyaa fi qabeenya biroo qabdu fayyadamummaa uummataaf oolchuun humna dinagdee biyyattii guddisuu kallattiiwwan misoomaa ijoo keessaa taasifatte jechuun ibsaniiru. Dhimmi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneessuus qaama tarsiimoo kana keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru. Itoophiyaan uummata miliyoona 130 ol qabduufi biyyoota Afrikaa keessaa baay’ina uummataatiin sadarkaa jalqabaarratti argamtu hulaa galaanaa dhabuun ishee daldala, geejjibaa fi walitti hidhamiinsa dinagdee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa karaa seera qabeessa, nagaa fi dipilomaasii irratti hundaa’een furmaata argachuun guddinaafi egeree biyyattii keessatti murteessaa ta’uu himaniiru. Gibxiifi ergamtoonni ishee Itoophiyaan hiyyummaa keessatti akka turte fedhii akka qabanis kaasaniiru. Akkuma Itoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaatiin fedhii seenaa dheeraa bishaan laga Abbayyaa misoomsuu irratti qabdu hojiin dhugoomsite, gaaffii abbummaa hulaa galaanaa ishees tokkummaa biyyaalessaa, dipilomaasii cimaa fi karaa seera qabeessa ta’een mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu ishee ibsaniiru.
Siyaasa

Kabaja Ayyaana Saboota, sablammootaa fi ummattootaa sadarkaa biyyaalessaatti Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu irratti marii’atame.
Nov 10, 2026 120
Onkoloolessa 1/2019 (ENA)- Kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsa 21ffaa Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu haala milkeessuun danda’amu irratti giddugaleessa Mattuutti mariyatamee jira. Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa ayyaanni sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa bara kanaa barii lammiileen biyyatti sagalee isaaniin mootummaa haaraa hundeeffatanitti kan kabajamu tahuu isaatiin ijaarsa biyyaaf mootummaa ida'amuu keessatti seenaa addaa qabaa jedhaniiru. Ayyaanni kun agarsiiftuu tokkummaa sabdaneessummaa uummataa, ibsituu walqixxummaaf eenyummaa sabootaa waan ta'eef ayyaanichi karaa miidhagaaf aadaaf dudhaa lammiilee agarsiisuun kabajamaa jedhan. Ayyaanni kun akkaataa dudhaa Oromoon itti keessummaa simatuu fi saboota biroo ofitti qabuun waloomaan jiraatu giddugaleeffachuun kabajama kan jedhan Obbo Mohammad Xahaan ; ayyaanichi carraa dame tuurizimii fi simannaa investimentii guddisu waan qabuuf qaamoleen hawaasaaf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoon qophii ayyaana kanaarratti hojjechuu qabaa dhaaman. koomunikeeshinii Godinichaarraa
Yaa’iin COP32 Itoophiyaatti gaggeeffamu yaa’ii furmaata itti fufinsa qabu fidu akka ta'uu ni abdanna - Hirmaattoota COP31
Nov 10, 2026 78
Sadaasa1/2019(ENA)—Yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa dhimma jijjiirama qilleensaa (COP32) Itoophiyaatti gaggeeffamu furmaata itti fufinsaa fi tarkaanfiin qabatamaan itti fudhatamu ta'uu akka abdatan hirmaattootni COP31 ibsan. yaa’iin kun Itoophiyaatti gaggeeffamuun isaa Afriikaaf injifannoo guddaa ta'uu dubbataniiru. yaa’iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 31ffaa dhimma jijjiirama qilleensaa (cop31) Antaliyaa Turkiitti eegalameera. Bakka bu’aan Ministeera Qonnaa, eegumsa naannoo fi qabeenya Qurxummii Mozaambiik Luwiis Niyaamush akka ibsanitti, Itoophiyaan damee jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisaan fakkeenyummaan agarsiisaa jirtu biyyoota Afriikaaf barnoota guddaa kan kennuudha jedhaniiru. Finfinneenis magaalaa ammayyaa fi magariisa ta’uun guddachaa jirti jedhaniiru. Itoophiyaan naannoo hongeen miidhame gara lafa omishaatti jijjiiruun, hojiilee dandamachiisummaa jijjiirama qilleensaa hawaasarratti hundaa’an hojiirra oolchuun fi muuxannoo qabatamaarratti hundaa’uun walga’ii COP addunyaa kana ga’umsaan simachuuf dandeettii olaanaa akka qabdu ibsaniiru. Ogeessi miidiyaa Sagantaa dandamachiisummaa qilleensaa naannoolee Baankii Addunyaa (RCRP2) Yuvoon Suunduu gama isaaniitiin, ItoophiyaanAshaaraa Magariisaatiin akka biyyattiitti biqiltuu biiliyoona 56 ol dhaabuun hojiin qabatamaan deeggarame hojjechaa akka jirtuu fi kunis kanneen akka Maalaawii biyyoota balaaf saaxilaman biroof fakkeenya guddaa ta’uu dubbataniiru. Gaazexeessaan Televizhinii Habertuurk (Haberturk TV) biyya Turkii Emree Karachaa akka ibsetti, Itoophiyaan dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi hir’isuuf tarkaanfiiwwan murteessoo fi gaarii fudhachaa jirti jedhaniiru. Misooma magariisaa fi itti fufiinsa qabu kan Itoophiyaan hordofaa jirtu carraa boruu uummata ishee calaqqisiisuu irra darbee, hogganoonni addunyaa fi biyyootni biroon bulchiinsa Itoophiyaa fi tarkaanfiiwwan qabatamaa irraa muuxannoo fudhachuun biyyasaaniitti hojiirra oolchuu kan qaban akka ta’u dubbataniiru.
Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame
Nov 8, 2026 447
Onkololeessa 29/ 2019 (ENA) : Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera. Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoo waajjira muummee fi waajjiraalee damee Paartii Badhaadhinaa hirmaataniiru. Gabaasni raawwii karoora hojii dhaabichaa kurmaana jalqabaa bara 2019 itti gaafatamaa damee dhimma tarsiimoo Paartii Badhaadhinaa Ministir Dr. Darajjee Dhugumaan dhiyaate irratti mari’atameera. Kunis bu’aa kurmaana kana keessatti galmaa’e, qormaata mudate, akkasumas kallattii hojii gara fuula duraa xiyyeeffannoo barbaadu qoratameera. Waltajjichaan ciminaa fi hanqina raawwii hojii adda baasuun madaalameera. Kana malees, muuxannoowwan argaman cimsuu, qaawwa raawwii hojii sirreessuu, kallattii hojiiwwan gara fuula duraa bu’a qabeessa ta’een akka hojjetaman dandeessisan irratti xiyyeeffannoon kennameera. Odeeffannoon waajjira paartichaarraa argame akka mul’isutti Pireezidaantii Ittaanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahi waltajjicharratti raawwii hojii gara fuula duraa cimsuuf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattii kennaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Manni Maree Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari'atee murtee dabarse
Nov 8, 2026 372
Onkololessa 29/ 2019 (ENA):Manni Maree Naannoo Hararii(kaabineen) walgahii idilee isaan dhimmoota adda addaa irratti mari’atee murtoo dabarseera. Manni Marichaa misoomsitoota 16 kaappitaala birrii biiliyoona lamaa fi miiliyoona dhibba jahaa fi miliyoona shantamii jahaa ol galmeessaniif lafti ramaddiin akka kennamuufii murtee dabarseera. Murteen lafa kennuu abbootii qabeenyaa faayidaa addaa biyyaalessaa fi naannoo qabaniif, keessattuu kanneen hoteelaa fi turizimii, industirii fi maanufaakchariingii, qonnaa fi oomishaa, tajaajila walmakaa fi hospitaalota, akkasumas damee bashannanaa irratti bobba’aniif kan murtaa’edha. Invastaroota lafti ramadameef damee misoomaa irratti bobba’anis faayidaa biyyaalessaa fi naannoo kan qaban ta’uu fi ummata fayyadamoo kan taasisan ta’uu hubachiifameera. Manni Maree Bulchiinsaas lafti abbootii qabeenyaaf kenname misooma barbaadamuuf akka ooluu fi hatattamaan hojii akka eegaluuf kallattii kaa’ee jira. Manni Maree Bulchiinsaa ajandaa kanarratti marii gadi fageenyaa gaggeesse sagalee guutuun murtee kana raggaasiseera. Mootummaan naannichaa damee invastimantii daran kakaasuuf ciminaan hojjechaa akka jirus ibsameera. Invastaroota dameewwan dantaa biyyaalessaa fi ummata fayyadamoo taasisan irratti bobba’aniif deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu akeekkachiifameera. Manni Maree Bulchiinsichaa ajandaalee biroo irrattis mari’atee murtii ni dabarsa jedhamee eegama. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Milkaa'ina Guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi ummattootaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Abdusalaam Waariyoo
Nov 7, 2026 402
Onkololessa 28/2019 (ENA)- Milkaa'ina Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota hunduu gahee isaa bahachuu qaba Jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa obbo Abdusalaam Waariyoo. Mariin qooda fudhattoota kabaja ayyaan sabaa, sab lammootaa fi sablammoota waliin taasifameera. Marii kanarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo, Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota bara 1999 kabajamuu eegalu yaadachisaniru. Naannoon Oromiyaas imala waggoottan 20 darbanii keessatti hirmaannaa hunda galeessa taasisaa turuun ni yaadatama jedhan. Naannoon Oromiyaa Ayyaana kana Marsaa 2 qopheessuu kaasanii, Bara kana ammoo Marsaa 3ffaaf Magaalaa Jimmaatti kabajuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qophii barbaachisu taasisaa jira jedhaniiru. Milkaa'ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu waamicha taasisanii jiru. Kabaja ayyaanichaa ji’a tokko hafe kana milkeessuu keessatti qooda fudhattoonni dhimmi ilaalu hundinuu hojii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennanii, qindoomina sadarkaa federaalaa, naannoo, hanga Magaalaa Jimmaatti jiru cimsuun hojjechuun murteessaa ta’uu Dubbataniiru. Ayyaana bara kanaa adda kan taasisu, sirna federaalawaa sabdaneessaa danoomaan faayamee, mariin waaromee hundeeffama Mootummaa Ida’amuun itti fufiinsa isaa mirkaneesse qabannee, waadaa ummata keenyaaf galle hojii qabatamaan dhugoomsuuf hojjechaa yeroo jirrutti ta’uudha jedhan.

Hawaasummaa
Injifannoon nageenya waaressuun argame jabaatee ittifufa
Nov 10, 2026 49
Sadaasa 1/2019(ENA)-- Godina Kibba Lixa Oromiyaatti mareen nageenya waaressuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti xiyyeeffatee Magaalaa Jimmaatti ta'ameera. Waltajjiin kun hoggansa caasaalee nageenyaa waliin kan geggeeffame yoo ta’u bu'aawwan hawaasa hirmaachisuun nageenya kabachiisuu keessatti argame xiinxaluun kallattiin hojii fuulduraa ka'ameera. Godinichatti humna nageenyaa qindeessuu fi hawaasa hirmaachisuun aggaammiiwwan diinaa fashaleessuun akka ciminaatti kan ilaalame yoo tahu nageenya godinichaa caalmaan wareessuuf ammoo tooftaawwan raawwii akeekamaniiru. Itti aanaa Bulchaa fi Ittigaafatamaan Damee Nagaafi Haqaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Amaan Danuu godinichatti hojii nageenyaa dagannaa malee hawaasa hirmaachisuun hojjetameen sochii farreen nageenyaaa fashaleessuun danda'ameeraa jedhaniiru. Qindoominaa fi kutannoo caasaaleen nageenyaan nagaa waaressuuf qabaniin aggaammiin diinaa fashalaa'uu kan ibsan Obbo Amaan; humni diina miidhaa lubbuuf qabeenyarraan gahuuf dhufe rukuttaa jabaan haleelameeraa jedhan. Kana keessattis shoorri hawaasni godinichaa qabu olaanaata’uu ibsaniiru. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ajaja Giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Deeggarsa Waraanaa kan ta'an Meejer Jeneraal Mulaat Jalduu godinichi nagaa waaraa ittifufiinsa qabun hojiiwwan misoomaaf guddina diinagdee akka galmeessuuf caasaalee nageenyaa naannichaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Ajaja giddugala Daalolitti Ajajaa Ittaanaa fi Ajajaa Oppireeshinaalii Raayyaa Ittisa Biyyaa kan ta'an Meejer Jeneraal Abdurroo Kadir humnootni badii biyya keessaa fi alaan gurma'anii nagaa lammiileef birmadummaa biyyaa diiguuf yaadanis hin milka'anii jedhaniiru. Humna nageenyaa jabaa biyyattiin ijaarrattee fi hirmaannaa hawaasa nagaa jaallatuun nageenyi biyyaa tiksamaa jedhan. Kanaafis hawaasni caasaalee nageenyaa waliin tahuun nagaa usaa tikfachuu qabna jedhniiru. Xumura irrattis nageenya godinichaa akkaataa ittifufiinsaan waaressuun danda'amurratti kallattiin hojii nageenyaa kennameera. TK.Godinichaarra
Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera-jiraattota
Nov 10, 2026 49
Sadaasa 01/2019 (ENA): Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera jedhan jiraattonni Godina Baha Oromiyaa Aanaa Shanan Dhugoo. Aadde Warqee Damissee jiraattuu Godinichaa Aanaa Shanan Dhugoo magaalaa Masalaa keessaa kan jiraatan yoo ta’u, sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqulluu taasisuu hawaasa naannichaa kan hirmaachisee fi fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Kanaan dura dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinni qulqullinaa fi hanqinni iddoo ciisichaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu haalli kuni fooyya’insa kan qabu ta’uu himaniiru. Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraattuun aanichaa kan biraa aadde Firee Asraat akka himanitti, sochiin kun qulqullina dhaabbilee eeguu bira darbee hawaasni naannoo sana waliin qulqulleessuun dhukkuboota daddarboo irraa akka of eegu taasiseera jedhani. Ogoossonni gahaan aanichatti ramadamuun isaas rakkoo fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne nu taasiseera jedhani. Jiraataan kan biraa yaada kennan kan biraa Abdallaa Kaliil akka himanitti, qulqullinnii fi gahumsi kenniinsa tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti fooyya’uu isaatiin nutti toleera jedhani. Itti dabaluunis hojiin riifoormii tajaajila fayyaa keessatti hojjatamaa jiru rakkoo dhiyeessii qorichaa guutummaatti salphiseera jedhan. Kenniinsa tajaajila fayyaa guutuu, dhaqqabamaa fi fayyadamaa quubsaa taasisuuf Sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqullina hojiirra oolaa jira jedhan Bulchaan aanaa Shanan Dhugoo obbo Muraad Ahmad. Sochiin kun bulchiinsa bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo ammayyeessuun, mooraa dhaabbilee fayyaa miidhagsuu fi fayyadamaadhaaf mijataa taasisuu kan dabalatu ta’uu himaniirudha. Sirna dijitaalaa waraqaa malee diriirsuu fi kenniinsa tajaajilaa itti fufiinsaan fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee sirni dijiitaalaa kun buufataalee fayyaa aanaatti argaman 7 keessaa shan keessatti guutummaatti hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Kunis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu qofa osoo hin taane gahumsa hojii guddisuuf gargaareera jedhan. Hawaasni naannoo jireenya isaa waliin qulqulleessuu fi kunuunsuuf barsiisuu fi kakaasuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dhiheessi qoricha ammayyaa fi hordoffiin cimaan akka ta’u hojmaatni haaraan kaa’amuu isaa obbo Muraad ibsaniiru. Ogeessa yaala fayyaa buufata fayyaa Masalaa kan ta’an Dr. Biyyansaa Hirphaa gama isaaniin, Sochiin kun dhaabbileen fayyaa bakka tajaajila yaalaa itti kennan qofa osoo hin taane, dhukkubsattootaaf iddoo mijataa taasisaa jira jedhan. Dhaabbileen fayyaa qulqulluu fi hawwataa ta’an dhukkubsattootaaf itti quufinsa sammuu kennuu qofa osoo hin taane, kunuunsa fayyaa keessattis gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Doktar Bayyansaa akka jedhanitti, Buufata Fayyaa Godina Baha Oromiyaatti buufanni Masalaa tajaajila baqaqsanii hodhuu eegale kan eegale isa jalqabaa ta’uusaa eeraniiru. Akkasumas meeshaalee yaalaa fi adda baasuu guutuu ta’een kan guutame ta’uu ibsaniiru. Kunis bu'aa sochiin kuni galmeessaa jiru keessaa tokko ta'uu hubachiisaniiru.
Kabaja Ayyaana Saboota, sablammootaa fi ummattootaa sadarkaa biyyaalessaatti Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu irratti marii’atame.
Nov 10, 2026 120
Onkoloolessa 1/2019 (ENA)- Kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa marsa 21ffaa Godina Kibba Lixa Oromiyaatti kabajamu haala milkeessuun danda’amu irratti giddugaleessa Mattuutti mariyatamee jira. Ittigaafatamaan Siyaasa Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa ayyaanni sabootaa, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa bara kanaa barii lammiileen biyyatti sagalee isaaniin mootummaa haaraa hundeeffatanitti kan kabajamu tahuu isaatiin ijaarsa biyyaaf mootummaa ida'amuu keessatti seenaa addaa qabaa jedhaniiru. Ayyaanni kun agarsiiftuu tokkummaa sabdaneessummaa uummataa, ibsituu walqixxummaaf eenyummaa sabootaa waan ta'eef ayyaanichi karaa miidhagaaf aadaaf dudhaa lammiilee agarsiisuun kabajamaa jedhan. Ayyaanni kun akkaataa dudhaa Oromoon itti keessummaa simatuu fi saboota biroo ofitti qabuun waloomaan jiraatu giddugaleeffachuun kabajama kan jedhan Obbo Mohammad Xahaan ; ayyaanichi carraa dame tuurizimii fi simannaa investimentii guddisu waan qabuuf qaamoleen hawaasaaf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoon qophii ayyaana kanaarratti hojjechuu qabaa dhaaman. koomunikeeshinii Godinichaarraa
Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera-Jiraattota
Nov 10, 2026 72
Sadaasa 01/2019 (ENA): Hojiirra oolmaan dhaabbilee fayyaa qulqulluu tajaajila yaala fooyya’aa akka argannuf nu gargaareera jedhan jiraattonni Godina Baha Oromiyaa Aanaa Shanan Dhugoo. Aadde Warqee Damissee jiraattuu Godinichaa Aanaa Shanan Dhugoo magaalaa Masalaa keessaa kan jiraatan yoo ta’u, sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqulluu taasisuu hawaasa naannichaa kan hirmaachisee fi fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Kanaan dura dhaabbilee fayyaa keessatti hanqinni qulqullinaa fi hanqinni iddoo ciisichaa akka ture eeruun, wayita ammaa garuu haalli kuni fooyya’insa kan qabu ta’uu himaniiru. Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraattuun aanichaa kan biraa aadde Firee Asraat akka himanitti, sochiin kun qulqullina dhaabbilee eeguu bira darbee hawaasni naannoo sana waliin qulqulleessuun dhukkuboota daddarboo irraa akka of eegu taasiseera jedhani. Ogoossonni gahaan aanichatti ramadamuun isaas rakkoo fi baasii hin malleef akka hin saaxilamne nu taasiseera jedhani. Jiraataan kan biraa yaada kennan kan biraa Abdallaa Kaliil akka himanitti, qulqullinnii fi gahumsi kenniinsa tajaajila fayyaa dhaabbilee fayyaa keessatti fooyya’uu isaatiin nutti toleera jedhani. Itti dabaluunis hojiin riifoormii tajaajila fayyaa keessatti hojjatamaa jiru rakkoo dhiyeessii qorichaa guutummaatti salphiseera jedhan. Kenniinsa tajaajila fayyaa guutuu, dhaqqabamaa fi fayyadamaa quubsaa taasisuuf Sochiin Dhaabbilee Fayyaa Qulqullina hojiirra oolaa jira jedhan Bulchaan aanaa Shanan Dhugoo obbo Muraad Ahmad. Sochiin kun bulchiinsa bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo ammayyeessuun, mooraa dhaabbilee fayyaa miidhagsuu fi fayyadamaadhaaf mijataa taasisuu kan dabalatu ta’uu himaniirudha. Sirna dijitaalaa waraqaa malee diriirsuu fi kenniinsa tajaajilaa itti fufiinsaan fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Kanumaan wal qabatee sirni dijiitaalaa kun buufataalee fayyaa aanaatti argaman 7 keessaa shan keessatti guutummaatti hojiirra ooluu isaa ibsaniiru. Kunis qulqullina tajaajilaa fooyyessuu qofa osoo hin taane gahumsa hojii guddisuuf gargaareera jedhan. Hawaasni naannoo jireenya isaa waliin qulqulleessuu fi kunuunsuuf barsiisuu fi kakaasuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru, dhiheessi qoricha ammayyaa fi hordoffiin cimaan akka ta’u hojmaatni haaraan kaa’amuu isaa obbo Muraad ibsaniiru. Ogeessa yaala fayyaa buufata fayyaa Masalaa kan ta’an Dr. Biyyansaa Hirphaa gama isaaniin, Sochiin kun dhaabbileen fayyaa bakka tajaajila yaalaa itti kennan qofa osoo hin taane, dhukkubsattootaaf iddoo mijataa taasisaa jira jedhan. Dhaabbileen fayyaa qulqulluu fi hawwataa ta’an dhukkubsattootaaf itti quufinsa sammuu kennuu qofa osoo hin taane, kunuunsa fayyaa keessattis gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Doktar Bayyansaa akka jedhanitti, Buufata Fayyaa Godina Baha Oromiyaatti buufanni Masalaa tajaajila baqaqsanii hodhuu eegale kan eegale isa jalqabaa ta’uusaa eeraniiru. Akkasumas meeshaalee yaalaa fi adda baasuu guutuu ta’een kan guutame ta’uu ibsaniiru. Kunis bu'aa sochiin kuni galmeessaa jiru keessaa tokko ta'uu hubachiisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Diinagdee
Hojiiwwan misoomaa invastimantii qonnaa Magaalaa Harar keessatti hojjetaman gara boqonnaa haaraatti ce’aa jiru – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 10, 2026 67
Sadaasa 1/2019 (ENA) – Hojiiwwan misoomaa invastimantii qonnaa Magaalaa Harar keessatti hojjetaman gara boqonnaa haaraatti ce’aa jiraachuu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, invastimantoonni kaappitaala jalqabaa xiqqaan hojii isaanii jalqaban waggoota muraasa keessatti humna kaappitaalaa isaanii guddisuu akka danda’an ibsaniiru. Sangoonni Harar erga furdisamanii booda, ji’oota sadii sadiin gabaa alaa irratti dhiyaachuun galiin sharafa alaa akka cimuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu isaanii himaniiru. Fuuldurattis, damee kana irratti bal’inaan bobba’uun dinagdee Itoophiyaa fi galii sharafa alaa guddisuuf tattaaffii taasifamu keessatti hoggantoonni sadarkaa gara garaa, ogeeyyii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon ciminaan akka hojjetan Itti Aanaan Ministira Muummee yaadachiisaniiru.
Dhiibbaan alaa imala misooma Itoophiyaa gufachiisuuf yaalamaa jiru tokkummaa ummataa daran cimsaa jira
Nov 8, 2026 399
Onkololessa 29/2019 (ENA): Dhiibbaan alaa tattaaffii misooma qabeenya bishaanii Itoophiyaa gufachiisuuf yaalu tokkummaa ummata Itoophiyaa kan mancaasu osoo hin taane, cimsee akka waliin dhaabbatu taasisa jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD). Hojiin misoomaa Itoophiyaan hojjachaa jirtu biyyoota naannichaaf bu'aa kan qabuu fi eenyuuyyuu kan hin miine ta'uu hubachiisaniiru. Injiinar Habtaamuu Ittafana (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Seenaa keessatti itti fayyadama qabeenya bishaanii Itoophiyaa ilaalchisee odeeffannoon qaamolee faallaa misooma Itoophiyaan dubbatamu dhugaarraa kan fagaatedha jedhani. Kaayyoon Itoophiyaa yeroo hunda faayidaa waloon tajaajila argachuudha malee qofaan fayyadamuu akka hin taane eeraniiru. Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan bishaan kana fayyadamuu yoo jalqabde miidhaan nurra ga’a jedhu irratti hundaa’uun, milkaa’ina pirojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irratti qaamotni alaa gufuulee adda addaa uumaa akka turan yaadachiisaniiru. Haa ta’u malee dhiibbaan alaa jiraatus ummannii fi mootummaan Itiyoophiyaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa dabalatee pirojektoota misoomaa hedduu dhugoomsuu danda’aniiru jedhan Ministirri kun. Dhiibbaan alaa fi duulli miidiyaa dogoggoraa Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee misoomsuuf taasiftu jeequuf kaayyeffate tokkummaa Itoophiyaanotaa kan hin miinee fi daran tokkummaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru. Ministirri kun pirojektoonni misoomaa Itiyoophiyaan hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa fi dameewwan misoomaa adda addaa keessatti raawwachaa jirtu Masrii dabalatee biyyoota naannichaaf bu’aa kan qaban ta’uu fi balaa kan hin taane ta’uu ibsaniiru. Hojiin misoomaa amma hojjachaa jirru kun Itoophiyaas ta’e Masriif bu’aa kan qabu ta’uu, kanaaf yaadda’uu akka hin qabne ibsaniiru. Marii fi ololli sochii misooma biyya keenyaa gufachiisuuf taasifamaa jirus, xiyyeeffannaan Itiyoophiyaa yeroo hunda misooma waloo fi bu’aa waloo irratti akka ta’e ibsaniiru. Ministirri kun itti dabaluudhaan pirojektoota misoomaa biyyi keenya raawwachaa jirtu haala qabatamaa fi ejjennoo sirrii ta’e afaanota adda addaatiin hawaasa addunyaa biraan ga’uuf tattaaffii cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Godina Lixa Oromiyaatti lafti heektaara kuma 900 qamadii jallisii Bonaan ni misooma
Nov 8, 2026 253
Onkololessa 29/2019 (ENA): Godina Lixa Oromiyaatti bara kana yeroo jallisii Bonaan lafa heektaara kuma 900 qamadiin misoomsuuf hojjetamaa jira. Itiyoophiyaan waggoota muraasa darbanitti misooma qamadii jallisii Bonaa akka tarsiimoo dinagdee fi wabii nyaataa mirkaneessuutti bal’inaan hojiirra oolchaa jirti. Kanaan dura oomishni qamadii rooba uumamaa Ganna qofa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, amma garuu babal’ina teeknooloojii fi hojmaata jallisiitiin Bonaan bal’inaan misoomsaa jira. Gama kanaan naannoon Oromiyaa wiirtuu misoomaa ijoo jalqabbii guddaa kanaa ta’uun gara fuulduraatti tarkaanfachaa jira. Keessattuu, Godina Lixa Oromiyaa keessatti argaman qabeenya bishaanii ol’aanaa, lafa bal’aa fi lalisaa, akkasumas haala qilleensaa mijataa ta’uu isaanii irraa kan ka’e naannoowwan misooma qamadii jallisii Bonaaf filatamaadha. Bona kana Godina Lixa Oromiyaa keessatti lafa heektaara kuma 900 qamadiidhaan misoomsuuf karoorfame xiyyeeffannoo guddaadhaan hojiirra oolaa jira. Bakka bu’aan itti aanaa Waajjira Qonna Godinichaa obbo Koorsaa Waaqjiraa ENAtti akka himanitti ,Qonnaan bultoonni oomishtummaa isaanii akka guddisanii fi wabii nyaataa isaanii akka mirkaneeffataniif waan gargaaruuf faayidaan misooma jallisii Bonaa olaanaadha jedhan. Misoomni qamadii waggoota darban hojiirra oole bu’aa guddaa kan argamsiise yoo ta’u, fayyadamummaa qonnaan bulaa fi dargaggootaa mirkaneessee akka jiru eeraniiru. Hanga ammaatti lafti heektaara kuma 300 misoomee sanyiidhaan uwwifamaa jiraachuu eeraniiru. Misooma kanaaf tiraaktaroota qonnaa dabalatee galteewwan barbaachisoo ta’an baay’ina gahaa ta’een kan dhiyaatan ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Alamaayyoo Waaqtolaa ENA’f yaada kennaniin akka himanitti, qamadii jallisii Bonaan fayyadamoo ta’u isaanii ibsuun, baranas oomisha fooyya’aa argachuuf akka hojjetan dubbataniiru. Baranas qonnaan bultoota naannoo isaanii waliin ta’uun lafa heektaara 12 irratti qamadii misoomsaa akka jiran himaniiru. Qonnaan bulaan biraa Balaay Hiikaa akka himanitti, dursanii lafa isaanii kilaastaraan qotuu fi galtee gahaa ta’e waan argataniif bu’aan gaariin ni eegama jedhaniiru. Itti aanaan bulchaa aanaa Guutoo Giddaa fi itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa obbo Alamaayyoo Mulaatuu gamasaaniitiin akka himanitti, bara kana lafa heektaara kuma 18 ol qamadii jallisii Bonaan misoomsuuf karoorfameera jedhani. Hojiin sanyii qamadii facaasuu yeroo ammaa bifa qindaa’een hojjetamaa akka jiru eeruun, gandoota aanichaa keessatti misooma jallisiif mijatoo ta’an babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Nov 7, 2026 219
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar ibsan. Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, naannicha aanaa Soofii ganda qileetti argamuun misooma jallisii bonee baranaa ifatti eegalchiisaniiru. Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar akkasumas hooggantoonni naannichaa biroon sagantaa eegalchiisaa kanarratti argamaniiru. Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar, misooma jallisii boneetiin barana lafti hektaara kuma 5 ol ni misooma jedhaniiru. Lafa kanarraa oomisha kuntaala miiliyoona 1 ol galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Jallisii bonee Kanaan Qamadii dabalatee midhaan garagaraa akkasumas kuduraa fi muduraan ni misooma jedhaniiru. Itti fayyadama bishaan lafa keessaa waliin qindeessuun waggaatti al sadii misoomsuun baramaa dhufuusaas kaasaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 469
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 773
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 599
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 686
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Piriimeer Liigii Ingilaandi tapha har’a haalaan eegamu
Nov 8, 2026 231
Onkololeessa 29/2019 (ENA) : Piriimeer Liigii Ingilaandi taphoota torbee 10ffaan taphni har’a Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama. Piriimeer liigichaan har’a waaree booda sa’aatii 11:00 irraa eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan - Bireentifoordi, Kiristaal Paalaas - Liiverpuul, Ippisiiwich Taawoo - Boornimaawuuz, akkasuma Sandarlaandi -Cheelsii waliin taphatu. Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin falmata. Liigichaan sadarkaa 18ffaarratti kan argamu Yuunaayitiid taphoota 9 taphate keessaa tapha tokko qofa injifateera. Taphoota 4 qabxii qooddachuun taphoota 4 mmoo injifatameera. Taphoota salgan darbanirratti galchiiwwan 15 keessummeessun galchiin 10 qofa lakkoofsise. Astoon Viilaan immoo galchiiwwan 13 keessummeessuun galchiiwwan 10 lakkoofsiseera. Taphoota sagal keessaa 3 injifachuun, 3 qabxii qooddachuun, 3 immoo injifatameera. Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 202 keessaa Maanchiister Yuunayitiid yeroo 108 injifachuun olaantummaa yoo qabaatu, Astoon Viilaan si’a 52 injifachuun, taphoota 42 immoo qabxii qooddataniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Sosochiin Ispoortii keenya tokkummaafi olka'insa biyya keenyaaf
Nov 8, 2026 178
Onkololessa 29/2019(ENA) : Ispoortiin fayyummaafi dagaagina qaamaa-qalbii cimsuun cinatti duudhaa waliin jireenyaa, jaalala, tokkummaafi hariiroo gaarii ijaaruu keessatti qooda olaanaa qaba. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaalee Magaalaa Eekkaa Xaafoofi Buraayyuutti ayyaana sabaafi-Sab-lammootaa bara kana kabajamu sababeeffachuun sosoochiin Ispoortii hunda-hirmaachisaa dhaadannoo "sosochiin Ispoortii keenya tokkummaafi olka'insa biyya keenyaaf" jedhuun gaggeeffamuu tajaajilli komunikeeshinii magaalaa Shaggar gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan
Nov 1, 2026 951
Onkololessa 22/2019 (ENA): Piriimarliigii Ingiliz torbee 9ffaa taphni Liivarpuulii fi Arsenaal har'a gaggeeffamu hawwii guddaan eegama. Taphi kilaboota lamaan gidduutti taphatamu galgala sa'aatii 1:30 irratti Istaadiyeemii Anfildi Rood keessatti gaggeeffama. Liivarpuul bara kana taphoota saddeet taphate keessaa 4 injifachuun tapha tokko mo'amuun, tapha sadii qixa bahuun isaa ni yaadatama. Arsenaal taphoota taphateen goolii 11 galchuun, goolii 8 isaanitti kan gale yoo ta’u, qabxii 15’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Shaampiyoonaa yeroo sanaan Arsenaal taphoota 8 liigichaan taphate keessaa 7 moo'achuun al tokko mo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota kanaan goolii 13 kan lakkoofsise yoo ta’u, shan immoo isatti lakkaa’ameera. Arsenaal qabxii 21’n sadarkaa 2ffaa irra jira. Arsenaalii fi Liivarpuul dorgommii hanga ammaatti taasifameen yeroo 246 waliin taphataniiru. Liivarpuul yeroo 96 injifachuun olaantummaa isaa kan mirkaneeffate yoo ta’u , Arsenaal ammoo yeroo 83 injifateera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 1222
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itoophiyaafi Dhaabbanni Meetorooloojii Addunyaa qindoomina ittisa qilleensaa fi akeekkachiisa duraa cimsuuf kutannoo qaban ibsan
Nov 10, 2026 75
Onkoloolessa 1/2019 (ENA)—Itoophiyaa fi Dhaabbanni Meetorooloojii Addunyaa qindoomina isaanii ittisa qilleensaa fi akeekkachiisa duraa caalaatti cimsuun hojjechuuf kutannoo qaban beeksisan. Yaa’iin Jijjiirrama haala qilleensaa Dhaabbata Biyoota Gamtoomanii 31ffaan (COP 31) biyya Turkii Antaaliyaa gaggeeffamaa jira. Yaa'ichi Mata-dureen “Fuuldura itti fufiinsa qabu, dandamannaa fi haqa mirkanaa'eetti imaluu” jedhu gaggeeffamaa jira. Yaa’icharratti Itoophiyaan hirmaachaa jirti. Ministirri Istiraateejii Biyyaalessaa Barakat Fissahaatsiyoon yaa’icha cinaatti barreessaa olaanaa Dhaabbata Meetorooloojii Addunyaa (WMO) Piroofeesar Seeleste Saawloo waliin mari’ataniiru. Mariin kun dhimmoota sirna hordoffii qilleensaa fi haala qilleensaa irratti qindoomina cimsuu, dandeettii akeekkachiisa duraa gabbisuu, dhiyeessii odeeffannoo qilleensaa haqa qabeessa ta’e jajjabeessuu fi Finfinneetti yaa’ii COP 32 dura saayinsii irratti kan hundaa’e ittisa qilleensaa cimsachuu irratti kan xiyyeeffatedha. Mariin kun marsariitii hordoffii cimaa, haqa qabeessummaa odeeffannoo, ijaarsa dandeettii fi qindoomina addunyaatiin dandeettii dandamachuu cimsachuuf kutannoo qaban kan mirkaneessedha.
Itoophiyaan tumsa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kenniti – Doktar Geediyoon Xiimootiwoos
Nov 10, 2026 91
Sadaasa 1/2019 (ENA) – Itoophiyaan tumsa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kennitee hojjechaa jirti jechuun Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32, Doktar Geediyoon Ximootiwoos, ibsan. Galmawwan jijjiirama haala qilleensaa milkeessuuf dhiyeessiin faayinaansii addunyaa haqa qabeessa ta'uun barbaachisaa ta'uusaa hubachiisaniiru. Yaa'iin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa 31ffaan (COP31) Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. yaa'ichi Mata-dureen “Fuuldura itti fufiinsa qabu, dandamannaa fi haqa mirkanaa'eetti imaluu” jedhu ta'uu ibsameera. Itoophiyaanis yaa'icha kanarratti hirmaachaa jirti. Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32, Doktar Geediyoon Xiimootiwoos, yaa'icharatti irratti hirmaataniiru. Doktar Geediyoon walgahicharratti haasawa taasisaniin biyyoota rakkoo jijjiirama haala qilleensaatiin miidhaman cinaa dhaabbachuu isaanii ibsaniiru. Hawaasni addunyaa yeroo ammaa kana qormaatawwan seena qabeessa, ulfaatoo fi murtee furmaata barbaadan hedduu akka isa mudatanis dubbataniiru. Rakkoon jijjiirama qabeenya qilleensaa yeroodha gara yerootti hammaachaa dhufuu kan kaasan ministirichi, dhiphina ji'oopoolitikaa jechuunis tumsa addunyaa qormaata keessa galchaa jiraachuu ibsaniiru. Hariiroon dinagdee addunyaa fedhii nageenya biyyaalessaa irraa ka'uun akka qoratamaa jiru kaasaniiru. Dorgommii biyyoonni teeknooloojii, invastimantii fi daldala irratti taasisaa jiran irraa kan ka'e, tattaaffiin addunyaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasifamaa jiru laafaa dhufuu isaa ministirichi ibsaniiru. Biyyoonni faayinaansii jijjiirama qabeenya qilleensaaf barbaachisu osoo hin argatin gadi lakkifama gaazota ho'a addunyaa dabalan hir'isuu fi dhiibbaa rakkoo kanaa dandamachuuf itti gaafatamummaa olaanaa akka isaan irratti fe'amaa jiru dubbataniiru. Gabaasota saayinsii Sagantaa Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wabii godhachuun, daballii ho'a addunyaa to'achuu, qaawwa qophii dhiibbaa isaa dandamachuuf jiru cufuu fi miidhaa fi kasaaraaf furmaata ariifachiisaa kennuun dhimma jiraachuu ta'uu isaanii hubachiisaniiru. Qaawwi dhiyeessii faayinaansii osoo hin guutamin gadi lakkifama hir'isuu fi humna dandamannaa cimsuun yaada keessa galuu kan hin dandeenye ta'uu isaanii cimsanii ibsaniiru. Itoophiyaan yaa'ii COP32 pirezidaantummaan gaggeessuuf yeroo qophaa'aa jirtu kanatti, tumsa jijjiirama qabeenya qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruu xiyyeeffannoo ishee isa guddaa taasifachuun akka hojjettu Doktar Geediyoon dubbataniiru. Amanamummaa kana deebisanii argachuuf raawwii bu'a qabeessa irratti hundaa'e, sirna hunda hirmaachisu, garaagarummaa mariin furuu fi galmawwan addunyaa karoora biyya keessaa waliin qindeesuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Tumsa jijjiirama qabeenya qilleensaa tokkummaa addunyaatiif bu'uura ijoo taasisuunis akka barbaachisu ibsaniiru.
Bu'uuraaleen misoomaa haaraan sirna geejjibaa magaalittii ammayyeessaniiru
Nov 7, 2026 340
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)--Bu'uuraalee misoomaa ammayyaa adda addaa magaalaa guddittiitti ijaarame sirna geejjibaa magaalaa ammayyeessuu isaanii Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibse. Mootummaan ida’amuu misooma magaalaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojiileen misoomaa faayidaa hedduu qaban raawwatamaniiru. Keessattuu misooma koridarii fi qarqara lagaa miidhagina magaalotaa kanaan duraa jijjiiruun lammiileef jireenya mijataa, qulqulluu uumuun danda'meera. Jijjiirrama gaarii kanaaf fakkeenya guddaan magaalaa Finfinnee yoo taatu, kanaan dura lafoo deemtootaa fi hanqina paarkingii irraa kan ka'e balaan tiraafikaa mudachaa ture sadarkaa olaanaatti hambisuun danda'ameera. Itti-aanaan hogganaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarawu ENA’f akka ibsanitti, hojiileen misoomaa saffisaa fi dinqisiisoo ta’an magaalaa guddittii keessatti raawwataman magaalaan kun mijattuu fi nageenyi ishee mirkanaa'e filatamtuu ishee taasiseera jedhaniiru. Keessattuu misooma koridaraa daandiiwwan lafoo deemtootaa bal'aan ijaaramuun Miilaan shaakala deemuu gabbisuun jireenya haaraa fideera. Kunis fayyaaf, baasii akkasumas qilleensi akka hin faalamneef gumaacha ol'aanaa taasisaa jira. Kanaan dura magaalaattiitti kan hin baratamne kanneen akka saayikilii tajaajilli geejjibaa mootor-maleeyyiin amma bal'inaan eegaluu isaanii eeraniiru. Filannoowwan haaraan kun rakkina geejjibaa jiraattotaa hambisuu irra darbee geejjibaa magariisaa ijaaruuf faayidaa guddaa akka qaban dubbataniiru. Walumaagalatti hojiileen misoomaa raawwataman filannoowwan geejjibaa magaalaatiif bal'isuun jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa salphaa taasisaa jira jedhaniiru. Magaalattitti kanaan dura paarkingii lama kan hin caalle turuusaa yaadachiisanii, amma garuu yeroo tokkotti konkolaattota kuma kudhaniin lakkaa'aman keessummeessuu kan danda'an paarkingiiwwan hedduu ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Bu'uuraaleen misoomaa haaraan kun sirna geejjibaa magaalaatti ammayyaa’aa fi qabatamaa gochuu irratti jijjiirrama guddaa fidaa jiraachuu Obbo Daanyachoon dubbataniiru.
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 1001
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru. Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru. Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24543
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20448
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.