ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafti dhibbeentaa 80 ol qonna kilaastara Gannaatiin misooma
May 25, 2026 356
Caamsaa 17/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti qonna kilaastara Gannaatiin dhibbeentaan 80 ol kan misoomu ta’uu Waajjirri Qonna Gonichaa beeksiseera. Akkasumas qonna Gannaa Godinicha keessatti midhaan gosa adda addaatiin lafa heektaara kuma 389 ol uwwisuuf hojiin eegalameera. Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbba Booraa keessatti qonna teeknooloojiin deeggaramu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin hojjetamaa akka jiru itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinaa obbo Addaamuu Taakkalaa beeksisaniiru. Qonna Gannaa keessatti boqqolloo, maashillaa, ruuzii, atooboonsituu fi gosootni midhaan biroo akka facaafaman akeekuun, lafti dhibbeentaa 80 ol kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsaniiru. Qonna kilaastaraaf xaa’oo fi sanyii qulqullina qabu dhiyeessuudhaan oomishtummaa guddisuu irratti xiyyeeffachuu isaaniis ibsaniiru. Qonna Gannaa kana keessatti xaa’oo keemikaalaa kuntaala kuma 161 ol fi sanyiiwwan filatamoo adda addaa qaban kuntaala kuma 24 ol kan hojiirra oolu ta’uu ibsaniiru. Kana keessaa lafti heektaara kuma 61 boqqolloodhaan kan uwwifamu yoo ta’u, itti dabaluudhaanis xaa’oon kuntaala kuma 50 ol kan ta’u dhimma kanaaf qophaa’uu ibsaniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni Geetachoo Baqqalaa, Tasfaayee Habtamaariyaam fi Birhaanee Asaffaa qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun lafa heektaara 116 ol irratti kilaastaraan boqqolloo facaasuu eegalaniiru. Sanyii filatamaas ta’e xaa’oo yeroon argachuun kan isaan fayyade ta’uu himaniiru. Bulchiinsi godinichaas tiraaktara fayyadamuun hojii qonnaa isaanii teknolojiidhaan akka deeggaran deeggarsa barbaachisu taasisuu isaa ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa beekamaan Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa Harar keessaa ni daawwata
May 25, 2026 282
Caamsaa 17/2018(ENA): Dhiibbaa uumaa beekaman Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa daawwachuuf magaalaa Harar seeneera. Namoota addunyaa irratti miidiyaa hawaasummaatiin dhiibbaa uuman keessaa tokko kan ta'e lammiin Ingilaandi Diilaan Peej, daawwannaa Harar keessatti taasisu kanaan, Ikoo, Paarkii Harar keessaa; agarsiisa waraabessaa daawwachuu dabalatee, bakkeewwan hawwata Turizimii adda addaa ni daawwata jedhamee eegama. Hoogganaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii obbo Heenok Mulunaa fi hoggantoonni olaanoon biroon Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Dirree Dawaatti argamuun simannaa taasisaniiru. Diilaan Peej dabalatee namoonni Itiyoophiyaa keessatti miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uuman biroos argamuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannichaa ni agarsiisa.
Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu
May 25, 2026 211
Caamsaa 17/2018(ENA): Mootummaan fayyadamummaa ittifufinsa lammiilee qabu mirkaneessuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos ibsan. Bulchiinsa magaalichaatti kutaaleen hawaasaa sagantaan wiirtuulee nyaataa Tasfaa Birihaan fayyadamaa turan dinagdeedhaan of dandasiisuu kaayyeffate adeemsifameera. Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos wayita sana akka himanitti, magaalattiin saffisa guddinaa olaanaa irratti argamti jedhani. Kanaanis keessattuu, misooma namaa irratti xiyyeeffatee fi misooma itti fufinsa qabuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan bajata guddaa ramadee hojjetamaa jira jedhaniiru. Wiirtuuleen nyaataa Finfinnee keessatti ijaaraman mootummaan keessattuu erga jijjiirama biyyaalessaatii as misooma namaa irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kenne kan agarsiisudha jedhaniiru. Wiirtuuleen kun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen guyyaatti al tokko nyaachuu hin dandeenye, kanneen rakkoo fayyaa hammaataa qabanii fi maanguddoota gargaarsa hin qabne dhaabbatummaadhan guyyaa guyyaatti nyaachisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Har'as wiirtuulee nyaataa kutaa magaalaa hundatti argaman keessaa dubartoota 400 fayyadamoo turaniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee hojii jalqabsiisuu danda'u taasifamuu isaa dubbataniiru. Dabalataanis, leenjii barbaachisaa kennuudhaan gara hojiitti akka galan ni taasifama jedhaniiru. Kanaanis bulchiinsi magaalichaa lammiilee gargaarsa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuu hojii eegale cimee akka ittifufu ibsaniiru. Gara biraatiin, Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qonjit Dabalaa; wiirtuulee nyaataa 29 magaalittii keessatti argaman keessaa lammiilee 400 fayyadamoo turan gara hojiitti galchuun danda'amuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. Kanaanis magaalattii keessatti wiirtuuleen nyaataa gargaarsa kan jajjabeessan qofa osoo hin taane, gara oomishtummaatti ce'uuf akka riqichaattis tajaajilaa jiraachuu isaanii agarsiiftuu tokkodha jedhaniiru.
Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaatiif) Hanqinni omishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbii akka qabaatuuf qophiin taasifameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
May 25, 2026 252
Caamsaa 17/2018(ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adihaa (Arafaatiif) hanqinni oomishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbaawaan akka jiraatu qophii gochuu isaa Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin akka jedhanitti; Bulchiinsi magaalichaa hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) barana yeroo 1147ffaaf kabajamu sababeeffachuun, jiraattonni dhiibbaa gabaa fi dhiphina tokko malee ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif, meeshaaleen bu'uuraa fi oomishoonni ayyaanichaa gatii madaalawaa fi hamma gahaadhaan akka dhiyaatan qophii bal'aa taasiseera. Keessattuu, wiirtuulee gurgurtaa oomishaalee qonnaa magaalattii keessatti argaman 7 keessatti, oomishoonni akaakuu midhaanii adda addaa, muduraa fi kuduraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka dhiyaatan hubachjiisaniiru. Bitattoonni salphaatti naannoo isaaniitti akka bitachuu danda'aniif, gabaaleen Sanbataa fi Dilbataa 250 bakkeewwan hundatti argaman hanga ayyaanichaatti banamanii akka hojjetan taasifamuu isaa ibsaniiru. Suuqota waldaalee hojii gamtaa shammattootaa kuma 2 fi 52 fi kuusaa dhaabbata daldalaa hojiiwwan Finfinnee keessatti oomishoonni zayitaa fi daakuu hamma gahaadhaan dhaqqabamaa ta'uusaanii ibsaniiru. Jiraattonni magaalattii filannoowwan gabaa eeraman keessaa kan naannoo isaaniitti dhiyoo jiru fayyadamuu akka danda'an Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin ibsaniiru.
Filannoo Waliigalaa 7ffaa Ilaalchisee Dippiloomaatotaa fi bakka bu'oota dhaabbilee Idil-Addunyaatiif ibsi kenname
May 25, 2026 456
Caamsaa 17/2018(ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa ilaalchisee dippiloomaatota Finfinnee jiranii fi bakka bu'oota dhaabbilee Idil-addunyaatiif ibsi kennameera. Boordii Filannoo Biyaalessaa Itiyoophiyaatti Walitti-qabduun Boordichaa Meelaatawarqi Haayiluu, dippiloomaatotaa fi bakka bu'oota dhaabbata Idil-Addunyaatiif qophii filannichaa,galmee filattootaa, hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa,qophii nageenyaa fi itti fayyadama teekinoolojii ilaalchisee ibsa bal'aa kennaniiru. Kana malees, adeemsi filannichaa ifaa fi bilisa akka ta'uuf dhaabbata garaa garaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Walitti-qabduun boordichaa hojiiwwan dursanii raawwatamani ibsa bal'aa kan kennan yoo ta'u, filannichaaf filattoonni miiliyoona 50 ol galmaa’uu fi buufataaleen filannoo kuma 52 fi 29 hundeeffamuu isaanii ibsaniiru. Qe'ee isaanii irraa warreen buqqa'aniif, loltootaa fi barattootaaf buufataaleen filannoo addaa qophaa'uu isaanii fi kaardiiwwan sagalee kenninsaa buufataalee filannoo hundumaatti raabsamuu isaanii ibsaniiru. Dabalataanis, filannichi nagaa, hirmaachisaa fi bilisa akka ta'uuf boordichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetaa turuu isaa eeraniiru. Gama biraatiin De’eetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee, filannoon waliigalaa 7ffaan kun itti fufiinsa filannoowwan kanaan dura adeemsifamaa turanii ta'uu ibsuun, kunis sirna deemokiraasii biyyattii keessatti ijaaramaa jiruuf bu'uura kan kaa'e ta'uun isaa ibsaniiru. Ibsa kanaan booda marii taasifameen, bakka bu'oonni biyyoota garaa garaa fi dhaabbanni Idil-Addunyaa, filannichi nagaa fi hirmaachisaa akka ta'uuf sochii taasifamaa jiru irratti hubannoo gaarii argachuu isaanii ragaan ministeerichaa ni agarsiisa.
Siyaasa

Paartiin Badhaadhinaa gaaffii ummataa bara dheeraaf deebii kennuun fayyadamummaa isaa guddisee jira
May 25, 2026 398
Caamsaa 17/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa gaaffii ummanni yeroo dheeraaf dhiheesseef deebii kennuun fayyadamummaa isaa guddiseera jedhan piresidaantiin Mootummaa Naannoo Hararii fi miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa obbo Ordin Badrii. Paartichi duula filannoo waliigalaa 7ffaa isaa naannoo Harariitti mata duree "Itiyoophiyaa gara Biyya fakkeenyummaattii jijjiiruu" jedhuun gaggeesseera. Sagantaa duula filannoo paartichaa magaalaa Hararitti Istaadiyeemii Imaam Ahmad keessatti gaggeeffame irratti piresidaantiin mootummaa naannichaa fi miseensi koree hojii raawwachiiftuu paartii badhaadhinaa obbo Ordin Badrii, akkasumas hoggantoonni olaanoo paartii, kaadhimamtoonni, miseensonnii fi deeggartoonni paartii Badhaadhinaa argamaniiru. Duula na filadhaa sana irratti argamuun ergaa dabarsaniin piresidaanti Ordiin Badrii akka himanitti Paartiin Badhaadhinaa paartii dhimmoota siyaasaa naannicha keessatti yeroo dheeraaf ka’aa turan irratti deebii seeraa fi sirrii ta’e kan kenne ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis, dhaabichi erga gara aangootti dhufee pirojektoota misoomaa hedduu ummata naannichaa giddu galeessa godhate raawwachuusaa ibsaniiru. Paartichi waadaa galee fi pirojektoota misoomaa eegale galmaan gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru, bu’aan isaas qabatamaan mul’achaa akka jiru akeekaniiru. Itti gaafatamaan waajjira paartichaa damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniitiin, Paartiin Badhaadhinaa waltajjii waloo ijaaruu, obbolummaa fi walooma cimsuu, adda addummaa kabajuun tokkummaa sabaa cimsuuf hojiilee hedduu raawwateera jedhan. Pirojektoota misoomaa dinqisiisoo fayyadamummaa hunda galeessa ummataa mirkaneessan raawwachuusaas eeraniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Guyyaa Afriikaa
May 25, 2026 348
Caamsaa 17/2018(ENA) : Guyyaan Afriikaa 63ffaan mata duree “Waggoota 63 tokkummaa, hariiroo fi misoomaa,waliin haa kabajnu” jedhuun har’a ni kabajama. Biyyoonni Afriikaafi diyaaspooraan Afriikaa kutaalee Addunyaa adda addaa keessa jiran guyyaa kana sagantaalee adda addaan ni kabaju. Guyyaan kun har’a magaalaa teessoo Gamtaa Afriikaa kan taatee Finfinneetti, sirnoota adda addaan ni kabajama. Gamtichi ibsa baaseen, guyyaan Afriikaa baranaa waggaa 63ffaa hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa (Gamtaa Afriikaa isa ammaa) kan yaadatu ta’uu hubachiisaniiru. Guyyaan Afriikaa guyyoota lamaan darbaniif dorgommiiwwan ispoortii, agarsiisota, baazaarii, taphoota bohaartii fi taateewwan adda addaan kabajamaa tureera. Xumurri sirna kabaja guyyaa kanaa har’a teessoo muummee Gamtaa Afriikaa Finfinneetti kan gaggeeffamu yoo ta’u, sirnicharratti Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuf, hoggantoonni olaanon gamtichaa, bakka bu’oonni biyyoota miseensotaa,diyaaspooraan Afriikaa, dippiloomaatonni, michoonni misoomaafi keessummoonni affeeraman kan argaman ta’uu odeeffannoo gamtichi ENA’f erge ni mul’isa. Guyyaan kun Afriikaa seenaafi aadaadhaan badhaate keessatti, uummatoonni ardittii aadaa, Aartii fi muuxannoo isaanii kanneen biroo waltajjii waliif itti beeksisanidha. Guyyaan Afriikaa Komishinii Gamtaa Afriikaafi Waldaa Hojjettoota Gamtichaa, akkasumas biyyoota miseensotaa, gurmaa’insoota gamtichaa fi hawaasawwan dinagdee naannoo (RECs) waliin ta’uun qophaa’e. Waggaa waggaadhan Guyyaan Afriikaa kabajamuu kan eegale hundeeffama Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa (Gamtaa Afriikaa isa ammaa) A.L.A bara 1963 hordofeeti. Moggaasni Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa, A.L.A bara 2002 yaa’ii Afriikaa Kibbaa, Darbanitti gaggeeffameen gara Gamtaa Afriikaatti jijjiiramuun isaa ni yaadatama. Guyyaan kun waggaa waggaadhaan A.L.A Caamsaa 25 ni kabajama. Ayyaanni kun Guyyaa Afriikaa jedhamuun dura "Guyyaa Birmadummaa Afriikaa" jedhamee kabajamaa ture.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad guyyaa Afriikaa ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
May 25, 2026 396
Caamsaa 17/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad guyyaa Afriikaa ilaachisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru. Ministirri Muummee ergaa isaanii keessatti waggoota 63 dura abbootiin Afriikaa as Finfinneetti walitti qabamuun abjuu guddaa ardii walabaa fi tokkummaa qabdu ijaaruu abjoochaa akka turan yaadachiisaniiru. Abjuun tokkummaa abbootii kun hanga har’aatti osoo hin badiin itti fufee akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu seenaa Gamtaa Afrikaa ta’uu eeruun Ministirri Muummee, biyya Afriikaa hunda waliin hafuura seenaa tokkummaa tokkoon waliin dhaabbachuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru. Haa ta’u malee, ammas ardii kana badhaatuu taasisuuf waan baay’een hojjetamuu akka qabu eeruun,; sadarkaa amma jiru irra darbuuf jecha irraa gara gochaatti, waadaa irraa gara guddina qabatamaatti ce’uun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Qabeenyi Afriikaa inni guddaan fi barbaachisaan yeroo hunda ummata ishee ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, dandeettii ardii kanaatti fayyadamuudhaan waliin olka’iinsa olaanaarra geenya jechuun ibsaniiru.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu horachuu itti fufee jira - Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el
May 24, 2026 1275
Caamsaa 16/2018 (ENA): Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa dhaabbilee ciccimoo ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu horachuu itti fufee jira jedhan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Giddugala Poolisii ammayyaa humna poolisii dafee qaqqabaa Bahaa Dirree Dhawaatti ijaare eebbisee tajaajila eegalchiise. Giddugalicha ifatti kan eebbisan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el akka jedhanitti, haaromsa biyyaalessaa hordofuun Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ergama biyyaalessaa isaa gahumsa guddaadhaan, gargaarsa jaarmiyaa ammayyaa fi cimaa ta’een bahachuuf keessa jira. Giddugalli humna dafee qaqqabaa ammayyaa Dirree Dhawaatti ijaarame agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta’uu ibsuun, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa bu’a qabeessa ta’een dhaabbata cimaa ijaaruu fi humna poolisii gahumsa qabu uumuu itti fufuusaa ibsaniiru. Humna qorannoo yakkaa giddugalichatti gurmeessuun yakka sadarkaa ol’aanaa fi fooyya’aa ta’een ittisuuf haala mijataa ni uuma jedhaniiru. Dabalataanis Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa ijaarsa dhaabbilee ammayyaa fi misooma humna namaa cimsuu itti fufuu mirkaneessaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar akka himanitti, Giddugalli Poolisii humna dafee qaqqabaa ammayyaa Dirree Dhawaatti ijaarame naannolee ollaa Bahaa keessatti nageenya mirkaneessuuf carraa guddaa qaba jedhani. Hojii daldala al-ergii fi galtee haala nageenya qabuun gaggeessuufi naannichatti nageenya buusuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu, hojii giddugalichatti hojjetamaa jiruuf bulchiinsi deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sagantaa kana irratti dhaabbilee ijaarsa giddugalichaaf gumaacha olaanaa taasisaniif badhaasni fi beekamtiin kennameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartiin Badhaadhinaa hojiilee hawaasa fayyadamoo tssaisu mirkaneesseera
May 24, 2026 963
Caamsaa 16 /2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan ummata fayyadamoo ta’an raawwachuun bu’aa qabatamaa galmeessisuu isaa Afyaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahman ibsaniiru. Sagantaan duula filannoo Paartii Badhaadhinaa “Itiyoophiyaa gara Biyya fakkeenyaatti” jedhu magaalaa Shaggar keessatti bakka deeggartoonni baay’inaan argamanitti gaggeeffameera. Ganama irraa eegalee jiraattonni magaalichaa fi deeggartoonni paartichaa istaadiyeemii Lagaxaafootti argamuun deeggarsa dhaabichaaf qaban ibsaniiru. Sagantaa kana irratti Af-yaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahman, Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa fi hoggantoonni olaanoo paartilee biroo argamaniiru. Waltajjicharratti haasawaa kan taasisan Afyaa’iin Caffee Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahman, Paartiin Badhaadhinaa imala biyya ijaaruu fi misoomsuu itti fufeera jedhan. Pirojektoonni hedduun damee hawaasummaa fi diinagdee qulqullinaa fi saffisaan qajeelchuudhaan sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf qophaa’uu, hojiin ummata fayyadamoo taasise raawwatamuu eeraniiru. Paartichi waadaa galee fi hojiiwwan misoomaa eegale galmaan gahuuf kutannoon hojjechaa akka jiru, bu’aan isaas qabatamaan mul’achaa jira jedhan. Hojiilee fayyadamummaa hunda galeessa ummataa naannichaa mirkaneessan raawwatamuusaa ibsaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shggar Dr. Tashoomaa Addunyaa gamasaaniitiin waggoota sadan darbanitti magaalaa Shaggar keessatti magaalaa ammayyaa ijaaruuf hojjetamaa akka ture himaniiru. Ijaarsa bu’uuraalee daandii, hospitaalotaa fi manneen barnootaatiin jijjiiramni hawaasummaa guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Karoora qonnaa fi diinagdee akka biyyaatti bocame sadarkaa magaalaatti milkaa’inaan hojiirra oolchuuf kan dandeessise ta’uus himaniiru. Hojiin kun yaadaan badhaadhina fiduu qofa osoo hin taane qabatamaan bu’aa bal’aa galmeessiseera jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa Lammiilee Hiyyummaa keessaa baasuun guddinaa fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf carraaqqii taasisu cimsee itti fufa - Dr. Biqilaa Hurrisaa
May 23, 2026 1643
Caamsaa15/2018(ENA)-Paartiin Badhaadhinaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasuun guddina fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'eedhaan eegale cimsee kan itti fufu ta'uusaa Waajjira Ministeera Muummeetti Ministirri Qindeessaa giddugala ijaarsa sirna dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan. Naannoo Oromiyaa Godina Jimma Aanaa Shabee Sombootti duula nafidhaa Paartiinbadhaadhinaa gaggeesserratti Dr. Biqilaa Hurrisaa argamaniiru. Sagantaa kanarratti Waajjira ministeera Muummee Ministirri qindeessaa giddugala ijaarsa sirna dimokraasii Ministira Dr. Biqilaa Hurrisaa, waggoottan jijjiiramaa keessatti Paartiin Badhaadhinaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuufi biyya hiyyummaa keessaa baasuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'ee hojjechuu isaa ibsaniiru. Misooma qonnaa keessattis keessattuu misooma qamadii jallisiitiin bu'aan nama gammachiisu argamuu isaa kaasanii, dameewwan birootiinis bu'aan qabatamaan argamuu isaa dubbataniiru. Paartiin Badhaadhinaa lammiilee hiyyummaa keessaa baasuun guddina fi bayyanachuu biyyaa dhugoomsuuf hojiiwwan misoomaa damee baay'eedhaan eegale cimsee kan itti fufu ta'uusaa dubbataniiru. Bulchaan Aanaa Shabee Somboo Obbo Mohaammadsanii Abbaa oolii, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan jijjiiramaa keessatti hojiiwwan misoomaa bal'aa raawwachuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu danda'ee jira jedhaniiru. Keessattuu damee qonnaatiin oomishtummaa dabaluun gargaartummaa jalaa ba'uuf carraaqqiin qindoomina qabu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Aanaan Shabee Somboo Oomisha Ruuziitiin kan beekamu ta'uu ishee ibsuun, dhiyeessanii, waggoottan muraasa darban keessatti omishichi dachaan akka dabalu taasifamuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. .
Gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaatiin Naannichatti waggoottan shanan darban keessatti dameelee hundaan milkaa'inni galmaa'eera — Obbo Geetuu Wayyeessaa
May 23, 2026 1446
Caamsaa15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti waggoottan shanan darban keessatti gaggeessummaa Paartii Badhaadhinaatiin dameewwan hundaan raawwii milkaa'aan galmaa’uusaa Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Naannichaa ibse. Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Geetuu Wayyeessaa dhimma kana ilaalchisee ibsa kennaniin, waggoottan shanan darban keessatti dameewwan Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa fi misoomaa biroo keessatti bu'aan jajjabeessaan galmaa'uusaa ibsaniiru. Paartichi obbolummaa fi tokkummaa cimsuun, sabdaneessummaa dhugaa gochaan mirkaneessee, afaanii fi eenyummaa waliinii utubaa badhaadhina Itiyoophiyaa akka ta'an gochuu danda'uu isaa hubachiisaniiru. Waggoottan shanan darban keessatti paartichi waadaa uummataaf gale hojiirra oolchuun milkaa'ina qabatamaa galmeessuu isaas dubbataniiru. Paartichi Waggoottan shanan darban waadaa uummataaf gale dhugoomsuun milkaa’inni qabatamaan galmaa’uusaa ibsaniiru. Gamasa siyaasaan hundeeffama paartichaa booda naannichatti shira siyaasaa irraa gara siyaasa seeraa fi qajeelfamaatti, jibbaa fi diinummaa irraa gara nagaa fi tokkummaatti akka ce’amu taasiseera jedhaniiru. Paartichi hojiiwwan adda addummaa irraa tokkummaa, jibbaa fi haaloo darbe irraa abdii boruu, tumsaa fi gamtoomina bu'uureffachuun hojiilee qabatamaa ta'an hojjechuu isaatiin bu’aa galmeessisuusaa ibsaniiru. Gama dinagdeen misooma Qonnaa fi Tuuriizimii keessatti hojiilee uummata naannichaa fayyadamaa taasisan hedduun raawwatamaniiru. Damee misooma hawaasummaatiin qulqullina barnootaa guddisuu fi qulqullinaa fi dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuurratti hojiileen adda addaa hojjetamuusaanii hubachiisaniiru. Kana malees, tajaajila hambaa Addunyaa Jugal, hojii misooma kooriidarii magaalichaa keessatti hojjetamee, fi dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa magaalota fi baadiyyatti keessatti hojjetameen bu'aan ol'aanaan galmaa'uusaa ibsaniiru. Itti gaafatamaan kun itti dabaluudhaan, paartichi hojiilee namarratti xiyyeeffataniif xiyyeeffannoo kennuun isaan rakkina lammiilee salphisuun fayyadamummaa hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa mirkaneessuu danda'uu isaa eeraniiru. Keenninsa tajaajila dhaabbilee ammayyeessuun tajaajila haqaa, ariifataa fi qulqullina qabu kennuun itti quufinsa lammiilee guddisuun danda'amuu isaas ibsaniiru. Gara fuulduraattis dameewwan hundaan milkaa'ina jajjabeessaa galmaa'e bu'aan utubanii itti fufsiisuuf, filannoo biyyoolessaa 7ffaa Caamsaa 24 gaggeeffamuun miseensonni paartichaa, deeggartoonni fi jiraattonni naannichaa Paartii Badhaadhinaa akka filatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa beekamaan Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa Harar keessaa ni daawwata
May 25, 2026 282
Caamsaa 17/2018(ENA): Dhiibbaa uumaa beekaman Diilaan Peej bakkeewwan Hawwata Turizimii garaagaraa daawwachuuf magaalaa Harar seeneera. Namoota addunyaa irratti miidiyaa hawaasummaatiin dhiibbaa uuman keessaa tokko kan ta'e lammiin Ingilaandi Diilaan Peej, daawwannaa Harar keessatti taasisu kanaan, Ikoo, Paarkii Harar keessaa; agarsiisa waraabessaa daawwachuu dabalatee, bakkeewwan hawwata Turizimii adda addaa ni daawwata jedhamee eegama. Hoogganaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannoo Hararii obbo Heenok Mulunaa fi hoggantoonni olaanoon biroon Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Dirree Dawaatti argamuun simannaa taasisaniiru. Diilaan Peej dabalatee namoonni Itiyoophiyaa keessatti miidiyaa hawaasummaa irratti dhiibbaa uuman biroos argamuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii Mootummaa Naannichaa ni agarsiisa.
Hojiileen Lammiilee itti fufinsaan fayyadamoo taasisan cimanii itti fufu
May 25, 2026 211
Caamsaa 17/2018(ENA): Mootummaan fayyadamummaa ittifufinsa lammiilee qabu mirkaneessuuf hojiilee eegale cimsee akka itti fufu Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos ibsan. Bulchiinsa magaalichaatti kutaaleen hawaasaa sagantaan wiirtuulee nyaataa Tasfaa Birihaan fayyadamaa turan dinagdeedhaan of dandasiisuu kaayyeffate adeemsifameera. Sadarkaa Itti-aanaa Kantiibaatti Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos wayita sana akka himanitti, magaalattiin saffisa guddinaa olaanaa irratti argamti jedhani. Kanaanis keessattuu, misooma namaa irratti xiyyeeffatee fi misooma itti fufinsa qabuuf xiyyeeffannoo kennuudhaan bajata guddaa ramadee hojjetamaa jira jedhaniiru. Wiirtuuleen nyaataa Finfinnee keessatti ijaaraman mootummaan keessattuu erga jijjiirama biyyaalessaatii as misooma namaa irratti xiyyeeffateef xiyyeeffannoo guddaa kenne kan agarsiisudha jedhaniiru. Wiirtuuleen kun lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen guyyaatti al tokko nyaachuu hin dandeenye, kanneen rakkoo fayyaa hammaataa qabanii fi maanguddoota gargaarsa hin qabne dhaabbatummaadhan guyyaa guyyaatti nyaachisaa akka jiran dabalanii ibsaniiru. Har'as wiirtuulee nyaataa kutaa magaalaa hundatti argaman keessaa dubartoota 400 fayyadamoo turaniif deeggarsi maallaqaa fi meeshaalee hojii jalqabsiisuu danda'u taasifamuu isaa dubbataniiru. Dabalataanis, leenjii barbaachisaa kennuudhaan gara hojiitti akka galan ni taasifama jedhaniiru. Kanaanis bulchiinsi magaalichaa lammiilee gargaarsa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti ceesisuu hojii eegale cimee akka ittifufu ibsaniiru. Gara biraatiin, Hoggantuun Biiroo Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Qonjit Dabalaa; wiirtuulee nyaataa 29 magaalittii keessatti argaman keessaa lammiilee 400 fayyadamoo turan gara hojiitti galchuun danda'amuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. Kanaanis magaalattii keessatti wiirtuuleen nyaataa gargaarsa kan jajjabeessan qofa osoo hin taane, gara oomishtummaatti ce'uuf akka riqichaattis tajaajilaa jiraachuu isaanii agarsiiftuu tokkodha jedhaniiru.
Iid al-Adihaa (Arafaa) haala duudhaa waloomaa fi tokkummaa daran cimsuun kabajamuu qaba
May 25, 2026 220
Caamsaa 17/2018 (ENA): Itti aanaan Pireezidaantii Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiraddiin, Iid al-Adha (Arafaa) bara kanaa haala duudhaa waloomaa fi tokkummaa daran cimsuun kabajamuu qaba jedhan. Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa hordoftoota amantaa hundaaf ayyaana Iid al-Adihaa (Arafaa) bara 1447 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera. Ibsa Itti Aanaa Pireezidaantii Mana Marichaa Sheek Abdulkariim Sheek Badiraddiin kennaniin ayyaanni kun kan nagaa, gamtaa fi jaalalaa akka ta’uuf hawwii guddaa qaban ibsaniiru. Iid al-Adihaa (Arafaa) yeroo kabajnu haala duudhaa waloomaa fi waliif yaaduun ta’uu qaba jedhaniiru. Duudhaa kana hojiitti hiikuuf hordoftoonni amantaa Islaamaa namoota rakkatan deeggaruun ayyaana kana kabajuu akka qabanis ibsaniiru. Lammiileen hundi guddinaa fi tokkummaa biyyattiif waliin dhaabbachuu akka qabanis eeraniiru. Manni Murtii Olaanaa Shari’aa Federaalaa Iid al-Adihaan (Arafaan) bara kanaa kan bara 1447ffaa Roobii dhufu Caamsaa 19, 2018 akka kabajamu beeksisuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Raayyaan Ittisaa ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa cimsuu itti fufee jira
May 25, 2026 242
Caamsaa 17/2018 (ENA): Raayyaan Ittisa Biyyaa, birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuu bira darbee, ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa keessatti gahee isaa cimsuu itti fufuu isaa, Giddu-galli Nagaa Eegumsa Ministeera Ittisaa Federaalaa, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo beeksise. Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa Giddu-galli Nagaa Eegsisuu, Manni Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursoo, loltoota ergama nagaa eegsisuu idil-addunyaa irratti leenjise har’a eebbisaa jira. Eebbifamtoonni har’aa dandeettii fi beekumsa loltummaa ammayyaa qabatamaa fi ti’oorii ergama isaanii gahumsa guddaadhaan akka raawwatan isaan dandeessisu horachuu isaanii ibsameera. Mana Barumsaa Leenjii Kontinjantii Hursootti Itti Gaafatamaan Komunikeeshinii fi Miidiyaa kumalaa Akiliilaa Laggasaa ENAtti akka himanitti, eebbifamtoonni kunneen yuunitoota ergama nagaa eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii jalatti Somaaliyaa, ‘Awsom’ fi Gamtaa Afrikaa jalatti immoo Sudaan Kibbaatti, ‘UNAMIS’ jalatti bobbaafamaniif leenjii bobbaa duraa xumuraniiru jedhani. Raayyaan ittisaa kuni itti gaafatamummaa birmadummaa fi daangaa biyyaa tiksuuf qaban ogummaa olaanaa fi wareegama hin hin jijjiiramne bahaa akka jiru, dirqamni kun yeroo kamuu caalaa cimee akka itti fufe ibsaniiru. Kana malees, raayyaan ittisa biyyaa nagaa addunyaa eegsisuu fi dagaagsuuf gumaacha olaanaa fi itti gaafatamummaa addunyaa isaa yeroo kamiyyuu caalaa cimsee itti fufuu isaa ibsaniiru. Miseensonni humna nagaa eegsisuu har’a eebbifamaa jiran ergama isaanii olaantummaadhaan bahuudhaan dirree addunyaa irratti maqeenya amansiisaa fi jaalala ummataa loltoonni Itiyoophiyaa qaban itti fufsiisu jedhaniiru. Sirna kana irratti Itti aanaan itaamaajor shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Jeneraal Ababaawu Taadasaa, Hogganaa Giddugala Nagaa Eegsisuu, Mejer Jeneraal Addaamnehi Mangistee, Ajajaa Mana Barumsaa Leenjii Hursoo, Birgaadeer Jeneraal Addisuu Tarfaasaa, akkasumas Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Kadir Juhaar fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Godina Iluu Abbaa Booraatti lafti dhibbeentaa 80 ol qonna kilaastara Gannaatiin misooma
May 25, 2026 356
Caamsaa 17/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti qonna kilaastara Gannaatiin dhibbeentaan 80 ol kan misoomu ta’uu Waajjirri Qonna Gonichaa beeksiseera. Akkasumas qonna Gannaa Godinicha keessatti midhaan gosa adda addaatiin lafa heektaara kuma 389 ol uwwisuuf hojiin eegalameera. Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbba Booraa keessatti qonna teeknooloojiin deeggaramu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf tattaaffiin hojjetamaa akka jiru itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinaa obbo Addaamuu Taakkalaa beeksisaniiru. Qonna Gannaa keessatti boqqolloo, maashillaa, ruuzii, atooboonsituu fi gosootni midhaan biroo akka facaafaman akeekuun, lafti dhibbeentaa 80 ol kilaastaraan kan misoomu ta’uu ibsaniiru. Qonna kilaastaraaf xaa’oo fi sanyii qulqullina qabu dhiyeessuudhaan oomishtummaa guddisuu irratti xiyyeeffachuu isaaniis ibsaniiru. Qonna Gannaa kana keessatti xaa’oo keemikaalaa kuntaala kuma 161 ol fi sanyiiwwan filatamoo adda addaa qaban kuntaala kuma 24 ol kan hojiirra oolu ta’uu ibsaniiru. Kana keessaa lafti heektaara kuma 61 boqqolloodhaan kan uwwifamu yoo ta’u, itti dabaluudhaanis xaa’oon kuntaala kuma 50 ol kan ta’u dhimma kanaaf qophaa’uu ibsaniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni Geetachoo Baqqalaa, Tasfaayee Habtamaariyaam fi Birhaanee Asaffaa qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun lafa heektaara 116 ol irratti kilaastaraan boqqolloo facaasuu eegalaniiru. Sanyii filatamaas ta’e xaa’oo yeroon argachuun kan isaan fayyade ta’uu himaniiru. Bulchiinsi godinichaas tiraaktara fayyadamuun hojii qonnaa isaanii teknolojiidhaan akka deeggaran deeggarsa barbaachisu taasisuu isaa ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaatiif) Hanqinni omishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbii akka qabaatuuf qophiin taasifameera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
May 25, 2026 252
Caamsaa 17/2018(ENA): Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Al-Adihaa (Arafaatiif) hanqinni oomishaa akka hin mudannee fi gabaan tasgabbaawaan akka jiraatu qophii gochuu isaa Kantiibaan Magaalichaa aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin akka jedhanitti; Bulchiinsi magaalichaa hordoftoota Amantaa Islaamaa biratti ayyaana Iid Al-Adahaa (Arafaa) barana yeroo 1147ffaaf kabajamu sababeeffachuun, jiraattonni dhiibbaa gabaa fi dhiphina tokko malee ayyaanicha gammachuun akka kabajaniif, meeshaaleen bu'uuraa fi oomishoonni ayyaanichaa gatii madaalawaa fi hamma gahaadhaan akka dhiyaatan qophii bal'aa taasiseera. Keessattuu, wiirtuulee gurgurtaa oomishaalee qonnaa magaalattii keessatti argaman 7 keessatti, oomishoonni akaakuu midhaanii adda addaa, muduraa fi kuduraa baay’inaa fi gatii madaalawaan akka dhiyaatan hubachjiisaniiru. Bitattoonni salphaatti naannoo isaaniitti akka bitachuu danda'aniif, gabaaleen Sanbataa fi Dilbataa 250 bakkeewwan hundatti argaman hanga ayyaanichaatti banamanii akka hojjetan taasifamuu isaa ibsaniiru. Suuqota waldaalee hojii gamtaa shammattootaa kuma 2 fi 52 fi kuusaa dhaabbata daldalaa hojiiwwan Finfinnee keessatti oomishoonni zayitaa fi daakuu hamma gahaadhaan dhaqqabamaa ta'uusaanii ibsaniiru. Jiraattonni magaalattii filannoowwan gabaa eeraman keessaa kan naannoo isaaniitti dhiyoo jiru fayyadamuu akka danda'an Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa isaaniitiin ibsaniiru.
Pirojektiin Jallisii Yaadot Eebbifamee Tajaajilaaf Banaa Ta’e
May 25, 2026 126
Caamsaa 17/2018(ENA) : Godina Baalee aanaa Dalloo Mannaatti pirojektiin jallisii Yaadot hojjatamee xumuramuun eebbifameera. Sirna eebba pirojektichaa irratti hoggantoota mootummaa olaanoo naannoo Oromiyaa, Godinaafi aanaa akkasumas qaamoleen hawaasaa garagaraa argamaniiru. Pirojektiin Jallisii Yaadot lafa hektaara kuma 3 misoomsuun, abbaa warraa kuma 6 ol fayyadamoo kan taasisudha jedhameera. Pirojektichichi hojjetamee xumuramuuf birrii miliyoona 936 ol baasii ta'uunis ibsameera.
Itiyoophiyaan Madda Annisaa Haaromfamutti Fayyadamuun Afriikaatti ce’umsa gara geejjiba magariisaatti taasifamu Keessatti adda durummaan hojjechaa jirti
May 25, 2026 131
Caamsaa 17/2018(ENA):Itiyoophiyaan madda annisaa haaromfamuu bal’aa qabdutti fayyadamuun, Afriikaatti gara geejjiba qulqulluu fi magariisaa ta’etti ce’umsa taasifamu adda durummaan geggeessuuf hojjechaa akka jirtu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Doktar Alamuu Simee ibsan. Tarsiimoo fi Karoorri hojiirra oolmaa Biyyaalessaa Sirna geejjiba Itiyoophiyaa gara sirna Geejjiba Magariisaa itti fufiinsa qabuu fi amansiisaa ta’e kan konkolaattota elektiriikaa (E-mobility) ceessisu ifoomsuu gaggeeffamaa jira. Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo ministiroota adda addaa irra bakka bu’an, bakka bu’oonni Komishinii Diinagdee Afriikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi michoonni misoomaa argamaniiru. Ministirri Geejjiba fi Loojistikisii Doktar Alamuu Simee akka himanitti, tarsiimoon haaraan kun damee geejjiba biyyattii bifa ammayyaatiin bocuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kanaan alatti, magaalota qulqulluu uumuu fi fayyaa uummataa fooyyessuu, sharafa alaa baay’ee bittaa boba’aaf ba’u qusachuu fi haala nageenya annisaa biyyattii mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uuf dubbataniiru. Tarsiimoon kun fooyya’iinsa imaammataa fi seeraa, ijaarsa isteeshinii Anniisaa , geejjiba uummataa elektiriikaan bakka buusuu, omisha biyya keessaa guddisuu fi roodmaappii hirmaannaa abbootii qabeenyaa dhuunfaa dabaluu ifa ta’e kan hammatu qabudha jedhaniiru. Ce’umsi ‘E-mobility’ itti gaafatamummaa dhaabbata tokkoo qofa osoo hin taane, qindoomina waliinii biyyaalessaa kan gaafatu ta’uu eeranii, dhaabbilee mootummaa dabalatee investimentii sektera dhuunfaa akka guddisanii fi bu’uuraalee misoomaa akka babal’isan waamicha dhiyeessaniiru. Ministirri Industirii obbo Malaakuu Allebal gama isaaniitiin, konkolaattonni elektiriikaa baasii geejjibaafi boba’aa irratti hirkattummaa qabnu sadarkaa olaanaan akka hir’isan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana gabaa Idil-Addunyaa irratti gadi lakkifama kaarboonii galmeessisuun dirqama ta’aa dhufeen, eegumsa misooma magariisaa naannootiif qofa osoo hin taane gabaa keessatti itti fufiinsaan turuuf ulaagaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ministirri Industirii omisha biyya keessaa fi qindoomina guddisuun bara 2030tti qooda omisha biyya keessaa dhibbeentaa 30% geessisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru eeraniiru. Sirna ikoolojii baatirii fi dinagdee naannawaa (circular economy) diriirsuu,Teekinoolojii konkolaattota elektriikaa fi paarkota industirii ijaaruu,Qulqullina eeguuf qajeelfamoota biyyaalessaa dirqama ta’an hojiirra oolchuu, akkasumas qorannoo kuusaa albuudaa omisha baatiriitiif murteessaa ta’an ariifachiisuun kallattii xiyyeeffannooti jedhaniiru. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Directara Diviziyooni Teeknoolojii, Innooveeshinii fi Bu'uuraalee Misoomaa Komishinii Dinagdee Afriikaa Doktar Roobarti gama isaaniitiin, sadarkaa idil-addunyaa fi Afriikaatti fayyadamni konkolaattota elektriikaa ariitiin guddachaa akka jiruu fi Itiyoophiyaanis adeemsa ce’umsa kana keessatti adda durummaan gaggeessaa akka jirtumirkaneessaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Appiin Mirkaneessa Qulqullina Omishaa Raawwii Daldala Itiyoophiyaa Fooyyessa – Dr. Kaasahun Goofee
May 21, 2026 1557
Caamsaa 13/2018 (ENA): Appiin mirkaneessa qulqullina oomishaa haaraan kun raawwii daldala Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahun Goofee. Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahun Goofee fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaa Dr. Masarat Baqqalaa sirna eebbaa appii qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessu irratti hirmaataniiru. Kanuma waliin Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Goofee qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama waggoota darban keessatti sirni daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun raawwii bu’a qabeessa ta’een qulqullina olaanaa akka argatu ibsaniiru. Appiin haaraan qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessuus tajaajilaafi qulqullina oomishaa raawwii fooyya’aa ta’een qajeelchuuf akka gargaaru himaniiru. Yeroo ammaa kana tajaajilli hedduun Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaatiin karaa dijitaalaa kennamaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis sirna daldala Itiyoophiyaa ammayyeessuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Appilikeeshiniin mirkaneessa qulqullina omishaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaan qopheesse daldala al-ergii fi galtee haalaan akka mijeessuus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 1148
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 878
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Dorgommii Roobootiksii Idil- Addunyaa guddattoonni Itiyoophiyaanonni Injifatan
May 19, 2026 1196
Caamsaa 11/2018(ENA) : Jilli guddattoota Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee (Artificial Intelligence) Idil-addunyaa irratti hirmaachuun, damee badhaasa filannoo uummataatiin 1ffaa ba'uun xumureera. Dorgommii Roobootiksii fi hubannoo nam-tolchee Idil-addunyaa dargaggootaa "Robofest 2026" Yuunivarsiitii Teekinoolojii Loowuraansii (Lawrence Technological University) Miichigaan, Ameerikaatti gaggeeffame irratti dorgomtoonni Itiyoophiyaa injifannoo boonsaa galmeessisaniiru. Dorgommii barana gaggeeffame kanaan (Robofest 2026 International Championships), guddattoonni Itiyoophiyaa gareewwan 738 biyyoota teeknoolojiidhaan guddatan 39 irraa walitti babba'an waliin dorgomuudhaan dameewwan garaa garaatiin injifachuu danda'aniiru. Dorgommii kanaan damee badhaasa filannoo uummataatiin guddattoonni Itiyoophiyaa dursuun yoo injifatan, damee roobootiksii yaalii fayyaatiin (Medical Robotics) 5ffaa, akkasumas damee agarsiisa kalaqaa fi yaada haaraatiin (Innovation) ammoo sadarkaa 6ffaa qabachuun xumuraniiru. Ji'a tokko dura dorgommii Roobootiksii 'Mino’an' Idil-addunyaa Giriikitti gaggeeffame irratti guddattoonni Itiyoophiyaa sadarkaa 2ffaa argachuun maqaa biyya isaanii waamsisuun isaanii ni yaadatama.
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 842
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
May 16, 2026 2302
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera. Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera. Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera. Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti. Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti. Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti. Shaampiyoonichi boru xumurama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 1487
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 2259
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 1521
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 1198
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa waldhaanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
May 18, 2026 1275
Caamsaa 10/2018 (ENA)- Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa jiraachuusaaf agarsiiftuu akka ta’e itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin, Haroon Hara Mayaa deebi’ee bayyanachuunsaa bu’aawwan ashaaraan magariisaa buuse keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Haroon Hara Mayaa bara 1996 guutummaatti gogee kan ture yoo ta’u tattaaffii ashaaraa magariisaa fi eegumsa qabeenya uumamaatiin har’a bakka turetti deebi’uusaa ibsaniiru. Milkaa’inni kun Ashaaraa magariisaa qaamolee bishaanii Itiyoophiyaa fi misooma sululaaf inisheetiivii ijoo qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu itti aanaan ministira muummee dubbataniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa miidhaa uumamaa wal’aanaa akka jiru Haroon Hara Mayaa agarsiiftuudha jedhaniiru. Itti fufuunis bu’aan argame kun yaadama ida’amuutiin misooma mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dhiibbaa uumamaa damdamachuu fi madaqsuun akka danda’amu kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa xumuraa dabarsaniin bakkicha wayita gahan simannaa taasifameefiif galateeffataniiru.
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misooma sululaa raawwatameera
May 18, 2026 1171
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 3412
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 5015
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.