ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Kaardii keenyaan paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophoofneerra – Jiraattota Magaalaa Amboo
May 15, 2026 248
Caamsaa 7/2018(ENA)- Jiraattonni Magaalaa Amboo yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, kaardii filannoo waliigalaa 7ffaaf fudhatan fayyadamuun paartii biyyaa fi ummataaf hojjetu filachuuf qophaa'uu isaanii beeksisaniiru. Kanneen Yaada kennan keessaa Obbo Dajanee Bakkashaa akka dubbatanitti, Mirga dimokiraasii Heera Mootummaatiin nuuf kenname fayyadamee, paartii naaf ta’u filachuuf guyyaa filannichaa hawwiin eeggachaan jira jedhaniiru. Paartii biyyaaf fayyadu adda baafachuuf qophiiwwan falmii paartilee siyaasaa miidiyaalee adda addaarra darbaa jiran hordofaa akka jiranis ibsaniiru. Jiraataan magaalattii kan biraan dargaggoo Tasfaa Taaddasaa gama isaatiin, imaammataa fi dambiiwwan paartilee siyaasaa miidiyaalee hawaasummaas dabalatee hordofaa akka jiru dubbateera. Dargaggoonni nageenya, guddinaa fi badhaadhina biyyaatiif qooda guddaa waan qabaniif, paartii dargaggootaaf carraa gaarii fiduuf sagalee koo kennuuf qophaa'eera jedheera. Aadde Baatiree Humnaa gamasaanitiin, nagaa fi tasgabbii filannichaatiif hirmaannaan dubartootaa murteessaa waan ta'eef, dubartoota biroo waliin ta'uun qooda isaanirraa eegamu bahaa akka jiran dubbataniiru. Filannicharratti mirga heera mootummaa koo fayyadamee paartii biyyaaf ni fayyada jedhee amanu filachuuf, sagantaalee falmii paartilee siyaasaa hordofaan jira jedhaniiru.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Argamanitti Gabaasa Raawwii Dhiheesse
May 15, 2026 212
Caamsaa 7/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa gabaasa raawwii isaa ganama har’aa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad, qondaaltonni olaanoo federaalaa fi naannoo, akkasumas miseensonni koree dhaabbii mana maree bakka bu’oota ummatootaa argamanitti dhiheesseera. Komishinichi hojiiwwan gurguddoo hanga ammaatti raawwate, qormaata isa mudatee fi furmaata inni kenne dhiyeessuun, akkasumas adeemsichi haala gaariin akka adeemsifamuuf gahee qooda fudhattoota irraa eegamus ibseera. Bu’aawwan ijoo hanga ammaatti galmaa’an keessaa adeemsi marii hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’e akka raawwatame gabaasichi ibseera. Kana malees, adeemsi ajandaa walitti qabuu fi marii biyyattii dhibbeentaa 93 kan uwwifamee fi aanaalee kuma 1 fi 234 keessatti raawwatame milkaa’inaan xumuramuu isaa hubatameera. Gama biraatiin, komishinichi marii marsaa 22 qooda fudhattoota adda addaa waliin taasisus, haala mijataa hin taane irraa kan ka’e aanaalee naannoo Tigraay keessatti marii gaggeessuu akka hin dandeenye komishinichi ibseera. Qormaata kanaaf deebii kennuudhaan qooda fudhattoonni naannoo Tigraay hunda irraa dhufanii fi dhalattoonni naannichaa godinaalee adda addaa irraa Finfinneetti waamuun ajandaa irratti mari’achuu beeksiseera. Komishinichi marii kana marsaa itti aanutti hojiiwwan hojjatus bal’inaan ibseera. Kanneen ijoon hirmaannaa qooda fudhattoota siyaasaa cimsuu, ajandaa marii biyyaalessaa bocuu fi konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuudha. Kana malees, hojiiwwan bu’aa fi yaadonni sadarkaa biyyaatti irra ga’an hojiirra oolchuuf haala mijeessuun hojii isaa gara fuula duraa keessatti hammatamuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Aadaan Marii biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa dha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
May 15, 2026 162
Caamsaa 7/2018(ENA)-Biyyoota akka Itiyoophiyaaf aadaan marii baay'ee barbaachisaa ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, waggoottan darban keessa adeemsi Marii Biyyaalessaa gara fuulduraatti akka tarkaanfatuuf obsaa fi naamusaa ogummaa olaanaadhan raawwachuun, komishinaroota adeemsicha sadarkaa amma irra jiru kanaan gahan hunda galateeffataniiru. Aadaan Maree Biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa ta'uu kan ibsan Ministirri Muummeen, ijaarsi aadaa hawaasa siiviikii cimaa ta'e, shaakala haasaa walitti fufiinsa qabuu fi tas gabbiidhaan wal dhaggeeffachuu akka gaafatu hubachiisaniiru. Adeemsi hanga amma itti dhufame kun hawaasa keenya keessatti sadarkaa sadarkaan faayidaa olaanaa wal dhaggeeffachuu kan argisiise ta'uun kan eeran ministirri Muummee, adeemsichi daangaa biyyattii hundatti ilaalchaa fi bu'aa maree lammiilee Itiyoophiyaa dhibbantaa 90 ol kan calaqqisiise ta'uus ibsaniiru. Boqonnaan Marii biyyaaf faayidaa murteessaa qabu kun gara Boqonnaa itti aanu kan bu'aa qabatamaa fiduutti ce’aaa jiru kanatti, hirmaattonni dhimmi ilaallatu hundi nagaa, tokkummaa fi tasgabbii waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf ejjennoo jabaa waliinii fi karaa ijaaramaa ta'een gumaacha gochuu akka qaban dhaamaniiru.
Hambaalee biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan itti ni fufa
May 15, 2026 133
Caamsaa 7/2018(ENA)- Hambaalee yeroo garagaraa biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan akka itti fufu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayaalewu ibsan. Daarektarri olaanaa kun kana kan ibsan hambaaleen seena qabeessi yeroo garagaraa biyyaa baafamanii turan deebifamanii walharkaa fuudhinsi wayita taasifamettidha. Daarektarri olaanan, daarektarri bulchiinsa golambaa ittisaa fi qu’annoo hambaa Meejer Jeneraal Xiruyyee Aseffee, gootonni akkasumas keessummoonni kabajaa waamaman sagantaa wal harkaa fuudhinsa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamerratti argamaniiru. Itti gaafatamaan golambaa maatii mootii Ingiliz (King’s Own Royal Regiment Museum) Dr. Koloneel Roobiin Jaaksan fi Antirooppoolojistii hawaasummaa, qorataa fi miseensi koree hambaa Itiyoophiyaa deebisiisuu Dr. Aluulaa Paankiresti daarektara olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababawu Ayyaaloof kennaniiru. Hambaalee keessaa faaya warqee harkaa mootii tewoodiroos, rifeensasaanii fi muraan shamishii isaanii keessatti argamu. Akkasumas Faaya rifeensaa (Walabaa) haadha warraa mootii tewoodiroos kan turan giiftii Xuruuwarq Wubee, gaachana seena qabeessa,waancaa ittiin dhugamuu fi fakkiiwwan garagaraa keessatti argamu. Gargaaraan Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaloo wayita sana akka jedhanitti, guyyaan kun guutuu lammiilee Itiyoophiyaatiif guyyaa guddaa ta'uu ibsuun, Mootii Teewoodiroos seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti hogganaa iddoo ol’aanaa qaban ta'uu isaanii yaadachiisaniiru. Maqdallaan bakka hambaaleen seenaa hedduun itti saamame ta'uu ibsuun, rifeensi mataa Mootii Teewoodiroosis bakka kanatti muramee fudhatamuu isaa dubbataniiru. Hambaawwan kunniin deebisanii galchuuf mariiwwan walitti fufiinsaan taasisamaniinii fi waliigaltee irra ga’ame irratti hunda’uun Hambaawwan kanneen deebi'uu danda'uu isaanii fi hambaawwan har'a harkaan ga’anne kunniin fuulduratti agarsiisa uummataaf akka dhiyaatan eeraniiru. Miseensi koree hambaa deebisanii galchuu fi Antirooppooloojistiin Hawaasummaa Dr.Aluulaa Paankirasti gama isaaniitiin, guyyaan kun Itiyoophiyaanotaaf guyyaa addaa ta'uu ibsuun, qabiyyee fi dhugaan seenaa hambaa deebi'an kanaa qorannoo gadi fageenyaan mirkanaa'uu isaa dubbataniiru. Hambaaleen kunneen seenaa jiraataa kan taasisan ta'uu isaanii caqasuun, ammas fuulduratti hambaalee biroo akka deebi'aniif xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gama biraatiin, Hoogganaan Golambaa Maatii Mootii Ingilaandi Koloneel Dr. Roobiin Jaakson Hambaan kunneen Itiyoophiyaanotaaf faayidaan isaanii baay'ee ol’aanaa ta'uu ibsaniiru. Deebi'uun Hambaawwan kanaas hariiroo gaarii biyyoota lamaan gidduu jiru gochaan kan agarsiisu ta'uu eeraniiru.
Naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
May 15, 2026 168
Caamsaa7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa Ashaara Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan tajaajila adda addaatiif oolan qophaa'uun isaaniis ibsameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan biqiltuuwwan dhaabamaniifi faayidaa hedduu qaban haala qabannaa isaanii dabaluuf, boolla biqiltuu dhaaban haala mijaawaa ta'een qopheessuun qilleensaa fi jiidhinsa biyyoo gahaa akka argatan gochuun barbaachisaa ta'uun isaa himameera. Yeroo iddoon filatamu hanqinni bishaanii akka hin mudanneef kuusaawwan bishaanii hojjechuun fi biqiltuun sun haala qilleensa naannichaa wajjin kan wal-simatu ta'uu isaa mirkaneessuun qaama xiyyeeffannoo kanaati. Dabalataanis, biqiltuun sun dhibee dandamachuu danda'uun isaa, erga dhaabamee booda tuttuqqaa bineensotaa irraa ittisuunii fi hojii hordoffii walitti fufiinsa qabu gaggeessuun qabannaa isaaniitiif shoora olaanaa akka qabu eerameera. Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumaamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Katamaa Abdiisaa ENA'f akka ibsanitti; waggoottan jijjiiramaa keessatti naannichatti hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa raawwataman dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa haala ittifufinsa qabuun dandamachuun omishaa fi omishtummaan akka dabalu gargaaraa jiru. Saganticha eegumsa naannoo fi misooma bosonaa wajjin walitti hidhuun omisha fi omishtummaa dabaluuf fi ikkooloojii eeguuf tattaaffii taasifameen bu'aan jajjabeessaan argamuu isaas daarektarichi beeksisaniiru. Hojii kana itti fufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan qophaa'uu isaanii fi adeemsi dhaabbii karaa saayinsaawaa ta'een akka raawwatamu qonnan bultootaaf leenjiin kennamuu isaa eeraniiru. Biqiltuuwwan Ganna dhufuutiif qophaa’an keessaa kanneen bosonaaf, miidhaginaa fi soorataatiif oolan (fuduraalee fi muduraalee) kan jiran ta'uu eeranii, kanafis lafa adda baasu
Siyaasa

Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'atan
May 14, 2026 734
Caamsaa 6/2018 (ENA): Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiyoos Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin mari'ataniiru. Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ har’a Hinditti eegale irratti hirmaachaa jiru. Ministirri Dhimma Alaa kun Walgahii Ministirootaa cinatti MM Hindii Naareendiraa Moodii waliin Niiw Deeliitti mari’ataniiru. Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa BRICS mata duree “Cichoomina,kalaqa,Tumsaa fi Itti Fufiinsa ijaaruu” jedhuun dura taa’ummaa Hindiin kan qophaa’edha. Ministirri Dr. Geediyoon Ximootiwoos haasawa walgahii kanarratti taasisaniin sirna idil-addunyaa biyyoota hunda haqaan tajaajilu ijaaruuf dippilomaasii biyyoota hedduu qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Utubaawwan sirna idil-addunyaa haqaa fi tasgabbaa’aa ta’an, nageenya mirkaneessuu fi tasgabbiifi misooma waloo dagaagsuu keessatti BRICS gahee adda duree taphachuu akka qabu dubbataniiru. Walgahiin Ministiroota Dhimma Alaa hanga guyyaa boruutti akka itti fufu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Kaardii Filannoo fudhanneen Paartii misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jennu filachuuf qophoofneerra
May 14, 2026 450
Caamsaa 6/2018(ENA): Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENAf kennan akka jedhanitti, filannoo biyyaalessa 7ffaaf kaardii filannoo fudhatanitti fayyadamanii, paartii siyaasaa misoomaa fi guddina biyyaaf ni fayyada jedhaniif sagalee kennuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin kaa'ametti, filattoonni Caamsaa 24 bara 2018 sagalee isaanii ni kennu. Galmeen filattoota filannoo biyyaalessa 7ffaa baranaa Guraandhala 28 hanga Bitootessa 28 bara 2018 kan gaggeeffame yoo ta'u, guyyoota ayyaanaa lama osoo hin dabalatiin hanga Ebla 14 bara 2018tti akka dheeratu taasifamee xumurameera. Sagantaa kaa'ameen, namoota biyya keessatti buqqa'anii kaardii filannoo hin fudhatiin, Barattoota Yuunivarsiitii keessatti argamanii fi miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa kaampii keessa jiraniif haala addaatiin hanga Ebla 24 bara 2018tti dheerachuun xumurameera. Filattoonni appilikeeshinii dijiitaalaa "mircaayee" jedhamuu fi buufata filannootti qaamaan dhiyaachuun, filattoonni miiliyoona 50 fi 514 ol sagalee kennuu kan dandeessisu kaardii filannoo fudhachuu danda'aniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartileen siyaasaa morkattootaa 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934 galmeessisuun, miidiyaaleen fayyadamanii yaada filannoo imaammata isaanii uummataaf beeksisaa jiru. Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa beekamtii taajjabbii filannoo argatan, kutaalee biyyaa adda addaatti bakka bu'oota kuma 60 fi 277 ol bobbaasaniiru. Dhaabbileen Hawaasa siivilii 169 beekamtii qabanis uummata filataaf barnootaa fi leenjii hubannoo uumuu adda addaa kennaa jiru. Jiraattonni Magaalaa Finfinnee filannoo biyyaalessa 7ffaaf galmaa'anii kaardii fudhatan ENA’f akka ibsanitti; paartii biyyaa fi uummataaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta'uu isaanii dubbataniiru. Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an Obbo Warquu Fiqaaduu, kaardii filannoo fudhachuu irraa eegalee guyyaa filannoo sanas hawwiin eeggachaa akka jiran ibsaniiru. Yaada kennituun biraa Iyyerusaalam Haragawayin gama isaaniitiin, kaardii filannoo isaaniitiin paartii misoomaa fi guddina biyyaa dhugoomsuuf hojjetuuf sagalee isaanii kennuuf qophaa'uu dubbataniiru. Haaluma walfakaatuun, Leellisaa Gaaddisaas kaardii filannoo fudhachuun paartii biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf guyyaa sagalee kennuuf eeggachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Adeemsi filannoos haqa-qabeessa, bilisa, deemokiraatawaa fi nagaadhaan akka xumuramuuf gumaacha isaanii akka gumaachan ibsaniiru. Jiraataan magaalattii Obbo Wadaaree Gabratsaadiq akka jedhanitti , filannoon ijaarsa mootummaa cimaadhaaf murteessaa ta’uu eeranii, filannoo biyyaalessa 7ffaa irratti sagalee kennuuf qophii barbaachisaa gochuu isaanii dubbataniiru. Obbo Dirribsaa Xurunaa gama isaaniitiin, filannoon mirga uumamaa fi dimookiraasii filachuu fi filatamuun mirkanaa’uuf waltajjii murteessaa waan ta’eef filachuuf qophaa'uu isaanii dubbataniiru. Filannoo biyyaalessa 7ffaa kanaan paartii nageenya, misoomaa fi guddina biyyaa mirkaneessuuf hojjetuuf sagalee kennuuf dursanii qophaa'uu isaanii kan dubbatan ammoo Obbo Tashoomaa Asfaawu dha.
Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaatiif faayidaa ol’aanaa qaba - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
May 13, 2026 905
Caamsaa 5/2018(ENA): Imaammanni qorannoo fi beekumsa irratti hundaa’e badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf faayidaa ol’aanaa akka qabu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Waltajjiin guyyaa imaammataa biyyaalessaa yeroo jalqabaatiif mata-duree "odeeffannoo gahumsaaf , gahee imaammataa Itiyoophiyaa badhaateef" jedhuun gaggeeffameera. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa waltajjii kanarratti haasawaa taasisaniin, imaammanni ragaa irratti hundaa’ee qophaa’u badhaadhina biyyaatiif gahee murteessaa qabaachuu isaa irratti xiyyeeffannoo kennaniiru. Biyyoonni milkaa’an damee industirii fi bu’uraalee misoomaa qofa irratti osoo hin taane, beekumsa, qorannoo fi yaada tarsiimawaa irratti akka jabaatanii hojjetan ibsaniiru. Imaammanni ibsituu deemsa biyyaalessaa hunda-galeessaa ta’uu isaa eeranii; Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa beekumsaa fi hojii gidduutti akka riqichaatti tajaajiluun "mootora sagalee hin qabne" misooma biyyaalessaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan ce’umsa olaanaa keessa akka jirtu ibsuun, qo’annoo fi Qophii Imaammataa keessatti dhimmoota ijoo xiyyeeffannoon irratti kennamuu qaban eeraniiru. Isaanis, dhimmoota jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisaa, Bulchiinsa Dinagdee Gooroo fi ce’umsa caasaa, Ce’umsa teeknoolojii fi tiraanisfoormeeshinii dijiitaalaa, Carraa hojii dargaggootaa uumuu fi oomishaalee qonnaa gara daldalaatti ceessisuu, Waliitti hidhamiinsa naannawaa fi dhiibbaalee Daldala Idil-Addunyaa fa’i jedhaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa akka jedhanitti, imaammanni meeshaa qabatamaa jireenya lammiilee bocu yoo ta’u, carraaleen akkamitti akka uumaman kan imaammata murteessudha. Mootummaan dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti walitti dhufeenyi jabaan akka jiraatu kan gaafatan Itti Aanaan Ministira Muummee; mootummaan "ida’amuu" yaadaa fi ilaalchaaf bakka addaa akka kennu mirkaneessaniiru. Inistiitiyuutiin Qo’annoo Imaammataa riqicha amantaa uummataa fi mootummaa ijaaru ta’ee akka tajaajilus dhaamaniiru. Deemsi badhaadhina Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee beekumsa itti fufiinsa qabu irratti kan hundaa’e ta’uu akka qabu ibsaniiru. Gorsitoota imaammataa, dhaabbilee barnoota ol’aanaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee sivikii gidduutti imaammata qulqullina qabu uumuuf deeggarsi jabaan akka taasifamu waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan
May 13, 2026 771
Caamsaa 5/2018 (ENA) - Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin dhimmoota waloorratti marii gamlamee gaggeessaniiru. Dabalataanis waljijjiirraa walii galteewwan ijoo biyyoota lamaan jidduutti taasifaman waliin taanee Gaggeessineerra jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin. Haala Kanaan, anniisaa haaromfamu, qindaa’aa fi egeree akkasumas sagantaa diitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuuf kan gargaaru walii gaaltee liqaa Yuuroo miiliyoona 54 tuqaa 6 fi wal jijjiirraan hammattoo haaraa fi rood maappii tumsa mootummaa fi dhuunfaa ji’ootarmaalii meeggaa waattii 150 akka keessatti argaman ibsaniiru.
Pirezidaanti Imaanu’eel Maakiroon Finfinnee galan
May 13, 2026 774
Caamsaa 5/ 2018 (ENA): Pireezidaantiin Farasaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru. Pireezidaantichi wayita Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad isaan simataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Pirezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakirooniin gara Itiyoophiyaa baga nagaan dhuftan kanan jedhu gammachuu guddaani jedhan. Daawwannaa sadaffaan Itiyoophiyaatti taasisan michummaa jabaa biyyoota lameeniif agarsiistuu ta’uu isaas eeraniiru. Mariiwwan murteessoofi bu’aa qabeesssa ta’an irratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeranii, hariiroon Itiyoophiyaafi Faransaay cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Dandeettiin keessoo keenyaa sadarkaa dippilomaasii keenya guddisee, michootaa fi obbolummaa idil-addunyaa gidduutti wal amantaa guddaa uumeera
May 13, 2026 735
Caamsaa 5/2018 (ENA): Dandeettiin keessoo keenyaa sadarkaa dippilomaasii keenya guddisee, michootaa fi obbolummaa idil-addunyaa gidduutti wal amantaa guddaa uumeera jedhe Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa. Ibsi tajaajilichi kenne akka armaan gadiitti dhiyaateera: Milkaa’inoonni dippiloomaasii Itiyoophiyaa mirkaneessituu birmadummaa biyyaafi dursummaa naannawaa ta’eera. Keessumaa faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuun milkaa’inoota seena qabeessa ta’an galmeessaa jirti. Adeemsi tarsiimawaa dandeettii keessoo guddisuunii fi deeggartoota baay’isuu irratti hundaa’e dhagahamummaa biyyattiin waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti qabdu guddisuun sosochiiwwan Ji’oo-Polatiksii keessatti qooda olaanaa akka bahattu taasiseera. Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun ishee madaala biyyoota guddatan gidduutti qabdu eeguun maddeen faayinaansii ishee babal’isuunii fi sadarkaa idil-addunyaatti sagalee murtoo kennuu ishee cimsuun bu’aa argamedha. Keessumaa biyyoonni gurguddoon Itiyoophiyaa akka biyya tarsiima’aa murteessaa taateetti filachuun, sadarkaa olaanaan dabalaa dhufuun bilchina dippiloomaasii mootummaa fi olaantummaa Ji’oopolatiksii biyyattiin qabdu guddachaa dhufuuf agarsiistuu ta’uudha. Cichoominniifi dandeettiin marii mootummaa Hidha Guddicha Haaromsaa irratti agarsiise imala dippiloomaasii Itiyoophiyaa gara boqonnaa olaanuutti ceesisuurra darbee mirga uumamaa biyyattiin laga Abbayyaa irratti qabdu qabatamaan kan mirkaneessudha. Itiyoophiyaan walitti bu’iinsoota Baha Afrikaatti mul’ataniif furmaata barbaaduunii fi walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa hogganuu danda’uun ishee utubaa nageenyaafi tasgabbii naannawichaa ta’uun ishee irra deebiin mirkaneesseera. Gama biraan mootummaan guddina diinagdee Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun murteessaadha. Fedhii kana karaa nagaan fi qajeeltoo “ kennuufi fudhachuun” milkeessuuf sosochiin eegalame tarkaanfii ija jabinaafi tooftaan deeggarame dha. Dhimmi kun ajandaa biyyaalessaa waggootaaf ukkaamfamee ture gara dirreetti baasuun haala tumsa naannawaa cimsuu danda’uun akka hiikamuuf kaka’umsi mootummaan fudhate bilchina imaammataa carraa dhaloota egeree murteessuuti. Kana cinaattis waltajjiiwwan dippiloomaasii diijitaalaa fayyadamuun odeeffannoowwan sobaa qolachuunii fi milkaa’inoota misoomaa biyya keessaa hawaasa idil-addunyaan gahuun hojiin maqaa gaarii Itiyoophiyaa irra deebiin ijaaruu karaa milkaa’ina qabuun hojjetamaa jira. Akka waliigalaatti kallattii mootummaan Itiyoophiyaa hordofaa jiru mul’ata ifaa “ Itiyoophiyaa jabduu badhaadhina naannawaaf” jedhu kan qabudha. Biyyoonni guddatan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qaban cimsuuf kan eeyyaman mootummaan qormaatilee keessoofi alaa gahumsaan dandamachuunii fi gahumsi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf qabu deeggartoota idil-addunyaaf wal’amantaa cimaa waan uumeefi dha. Hojiileen misoomaa riifoormii biyya keessaan hojjetamaa jiran jabina dippiloomaasii ishee waliin walitti ida’amuun Itiyoophiyaa biyya Afrikaa irraa dhageettii qabdu qabdu taasisuu; waltajjii idil-addunyaa irrattis guddummaa ishee mirkaneessuudha. Itiyoophiyaan har’as biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya birmadummaafi jabinaa ta’uun imala ishee itti fufti. Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Hawaasummaa
Aadaan Marii biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa dha – Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
May 15, 2026 162
Caamsaa 7/2018(ENA)-Biyyoota akka Itiyoophiyaaf aadaan marii baay'ee barbaachisaa ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin dabarsaniin, waggoottan darban keessa adeemsi Marii Biyyaalessaa gara fuulduraatti akka tarkaanfatuuf obsaa fi naamusaa ogummaa olaanaadhan raawwachuun, komishinaroota adeemsicha sadarkaa amma irra jiru kanaan gahan hunda galateeffataniiru. Aadaan Maree Biyyoota akka Itiyoophiyaaf baay'ee barbaachisaa ta'uu kan ibsan Ministirri Muummeen, ijaarsi aadaa hawaasa siiviikii cimaa ta'e, shaakala haasaa walitti fufiinsa qabuu fi tas gabbiidhaan wal dhaggeeffachuu akka gaafatu hubachiisaniiru. Adeemsi hanga amma itti dhufame kun hawaasa keenya keessatti sadarkaa sadarkaan faayidaa olaanaa wal dhaggeeffachuu kan argisiise ta'uun kan eeran ministirri Muummee, adeemsichi daangaa biyyattii hundatti ilaalchaa fi bu'aa maree lammiilee Itiyoophiyaa dhibbantaa 90 ol kan calaqqisiise ta'uus ibsaniiru. Boqonnaan Marii biyyaaf faayidaa murteessaa qabu kun gara Boqonnaa itti aanu kan bu'aa qabatamaa fiduutti ce’aaa jiru kanatti, hirmaattonni dhimmi ilaallatu hundi nagaa, tokkummaa fi tasgabbii waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf ejjennoo jabaa waliinii fi karaa ijaaramaa ta'een gumaacha gochuu akka qaban dhaamaniiru.
Hambaalee biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan itti ni fufa
May 15, 2026 133
Caamsaa 7/2018(ENA)- Hambaalee yeroo garagaraa biyyaa baafaman deebisiisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru ciminaan akka itti fufu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayaalewu ibsan. Daarektarri olaanaa kun kana kan ibsan hambaaleen seena qabeessi yeroo garagaraa biyyaa baafamanii turan deebifamanii walharkaa fuudhinsi wayita taasifamettidha. Daarektarri olaanan, daarektarri bulchiinsa golambaa ittisaa fi qu’annoo hambaa Meejer Jeneraal Xiruyyee Aseffee, gootonni akkasumas keessummoonni kabajaa waamaman sagantaa wal harkaa fuudhinsa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamerratti argamaniiru. Itti gaafatamaan golambaa maatii mootii Ingiliz (King’s Own Royal Regiment Museum) Dr. Koloneel Roobiin Jaaksan fi Antirooppoolojistii hawaasummaa, qorataa fi miseensi koree hambaa Itiyoophiyaa deebisiisuu Dr. Aluulaa Paankiresti daarektara olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababawu Ayyaaloof kennaniiru. Hambaalee keessaa faaya warqee harkaa mootii tewoodiroos, rifeensasaanii fi muraan shamishii isaanii keessatti argamu. Akkasumas Faaya rifeensaa (Walabaa) haadha warraa mootii tewoodiroos kan turan giiftii Xuruuwarq Wubee, gaachana seena qabeessa,waancaa ittiin dhugamuu fi fakkiiwwan garagaraa keessatti argamu. Gargaaraan Piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaloo wayita sana akka jedhanitti, guyyaan kun guutuu lammiilee Itiyoophiyaatiif guyyaa guddaa ta'uu ibsuun, Mootii Teewoodiroos seenaa Itiyoophiyaa ammayyaa keessatti hogganaa iddoo ol’aanaa qaban ta'uu isaanii yaadachiisaniiru. Maqdallaan bakka hambaaleen seenaa hedduun itti saamame ta'uu ibsuun, rifeensi mataa Mootii Teewoodiroosis bakka kanatti muramee fudhatamuu isaa dubbataniiru. Hambaawwan kunniin deebisanii galchuuf mariiwwan walitti fufiinsaan taasisamaniinii fi waliigaltee irra ga’ame irratti hunda’uun Hambaawwan kanneen deebi'uu danda'uu isaanii fi hambaawwan har'a harkaan ga’anne kunniin fuulduratti agarsiisa uummataaf akka dhiyaatan eeraniiru. Miseensi koree hambaa deebisanii galchuu fi Antirooppooloojistiin Hawaasummaa Dr.Aluulaa Paankirasti gama isaaniitiin, guyyaan kun Itiyoophiyaanotaaf guyyaa addaa ta'uu ibsuun, qabiyyee fi dhugaan seenaa hambaa deebi'an kanaa qorannoo gadi fageenyaan mirkanaa'uu isaa dubbataniiru. Hambaaleen kunneen seenaa jiraataa kan taasisan ta'uu isaanii caqasuun, ammas fuulduratti hambaalee biroo akka deebi'aniif xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Gama biraatiin, Hoogganaan Golambaa Maatii Mootii Ingilaandi Koloneel Dr. Roobiin Jaakson Hambaan kunneen Itiyoophiyaanotaaf faayidaan isaanii baay'ee ol’aanaa ta'uu ibsaniiru. Deebi'uun Hambaawwan kanaas hariiroo gaarii biyyoota lamaan gidduu jiru gochaan kan agarsiisu ta'uu eeraniiru.
Sirni awwaalcha Komishinara Zagayyee Asfaawu Kaatediraala Qulqulluu Sillaaseetti raawwatame
May 14, 2026 603
Caamsaa 6/2018(ENA) - Komishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan turan Zagayyee Asfaawu sirni awwaalcha isaanii har’a Kaatidiraala Qulqulluu Sillaaseetti raawwatameera. Sirna awwaalcha kana irratti Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo, Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar, Gorsaan Ministira Muummee dhimmoota hawaasummaa Mu’aaza Xibabaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, komishinara ol’aanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo, maatii fi firoottan isaanii argamaniiru. Seenaan jireenya isaanii akka ibsutti, Komishinar Zagayyee Asfaawu sadarkaa itti gaafatamummaa mootummaa adda addaa fi damee tajaajila namoomaa irratti biyya isaanii amanamummaan tajaajilaa turaniiru. Keessattuu Komishinar Zagayyee Asfaawu seenaa Itiyoophiyaa keessatti bakka guddaa kan qabu labsii "Lafti Qonnaan Bulaaf" jedhu hojiirra akka ooluu fi mirgi qabiyyee lafa qonnaan bulaa akka kabajamu namoota murtessoo shoora dura bu’ummaa taphatan keessaa tokko turan.
Finfinneen misooma Kunuunsa Daa’imummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin ta’uun hojiirra oolchite akka fakkeenyaatti kan ibsamudha
May 14, 2026 217
Caamsaa 6/2018 (ENA): Finfinneen misooma Kunuunsa Daa’imummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin ta’uun hojiirra oolchite akka fakkeenyaatti kan ibsamuufi hojii dinqisiisaadha jedhan Qorattoonni idil-addunyaa fi ogeeyyiin damee kanaa. Akkasumas misoomni koridaraa, misoomni qarqara lageenii fi iddoon bashannanaa daa’immanii magaalaan Finfinnee hojjete magaalota addunyaa biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Yaa’iin Daa’immummaan duraa idil Addunyaa mata duree “Afrikaan Jijjiirama Sirna Daa’immummaan duraa Keessatti Gahee Dursaa; Moodeelota Biyya Keessaa Irraa Sochii Addunyaatti taasftu cimsuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama. Kanaanis invastimantiin milkaa’aan umurii gadameessaa hanga waggaa jahaa irratti milkaa’uun hojjetameen Finfinneen magaalaa Afrikaa keessatti guddisa daa’immaniin magaalaa filatamaa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Qorattoonnii fi ogeeyyiin waa’ee guddina daa’immumman duraa Finfinneetti hojiirra oolaa jiru ilaachisuun ENA waliin turtii taasisan, akkaataan magaalattiin misooma daa’immummaan duraa karooraa fi misooma magaalaa waliin qindaa’uun hojjechaa jirtu kan ajaa’ibsiifamudha jedhani. Akka Dr. Joodii Paawuloskii, qorattuun xiinsammuu Yunivarsiitii Reen Faransaayitti; Pirojektoonni misooma ariifataa Finfinneetti hojjetamaa jiran misoomni magaalaa dhimmoota bu’uuraa nageenyaafi fayyaa daa’immaniif barbaachisoo ta’an akkamitti hammatamuu akka qabu kan agarsiisu fakkeenya guddaadha jedhani. Magaalattiin naannoo nageenya qabu, iddoo magariisaa fi dirree bashannanaa babal’isuun tarkaanfii bu’a qabeessa ta’e fudhachaa jirti jedhan. Kun maatiidhaaf bu’aa guddaa akka qabu, magaalonni addunyaa biroos muuxannoo Finfinnee irraa barachuu irratti xiyyeeffachuu qabu jedhan. Pirojektoonni misoomaa kunneenis guddina daa’immanii fi fayyaa hawaasa guutuu keessatti gahee guddaa akka qaban hubachiisaniiru. Piroofeesara Pilaanii fi Arkiteekcharii Magaalaa kan ta’an, Arunaavaa Dasguptaa akka himanitti, Finfinneen iddoowwan daa’immaniif mijatu uumuuf tarkaanfiiwwan mul’ataniifi qabatamaa ta’an hedduu fudhachaa jirti jedhani. Kutannoo cimaan magaalattiin agarsiisaa jirtuu fi jalqabbiin eegalame magaalota Afrikaa birootiif muuxannoo guddaa ta’uu ibsaniiru. Muuxannoon Finfinnee fakkeenyummaa cimaa magaalonni addunyaa biroo dafanii fudhachuu qaban ta’uus eeraniiru. Yunivarsiitii Haarvaarditti Giddugala Guddina Daa’immanii keessatti ogeessa olaanaa kan ta’an Jeemsi Keernis akka himanitti, Inishiyeetiiviin kunuunsa daa’immummaan duraa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru qaama tooftaa magaalattiin maatiidhaaf mijaawaa taasisuu, koridaraa fi misooma magariisaa waliin qindaa’uun hojjetamedha jedhani. Magaalaa daa’immanii fi maatii deeggartu uumuuf magaalattii keessatti ijaarsa gorsitoota warraa, giddugala kunuunsa daa’immanii fi dirree tapha irratti guddinni galmaa’e baay’ee nama dinqisiisa jedhan. Manneen barnootaa dabalatee ijaarsi bu’uuraalee misoomaa daa’immaniif barbaachisan karoora misooma magaalichaa cimsuuf utubaa cimaa ta’uus hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Diinagdee
Omisha Qonna Gannaa bara kanaaf dhiheessiin xaa’oo yeroon qonnaan bultoota qaqqabaa jira
May 15, 2026 199
Caamsaa 7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Waacaaleetti omisha qonna Gannaa bara kanaaf xaa’oon ga’aan yeroon qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuu waajjirri qonnaa aanichaa beeksise. Omishaa fi omishtummaa dachaan dabaluuf dhiheessiin galtee qonnaa murteessa ta’uu itti aanaa bulchaa fi itti gaafatamaa waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Waacaalee obbo Darajjee Nugusuu ibsaniiru. Kanaafis rakkoo dhiheessii xaa’oo mudatu furuuf xiyyeeffaannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Aanichatti omisha qonna Gannaa bara 2018/2019 milkeessuuf xaa'oo kuntaalli kuma 72 fi 402 dhiyeessuuf karoorfamee xiyyeeffannoo ol aanaan hojjatamaa ture keessaa xaa'oo kuntaalli kuma 32 ol kan dhihaate yoo ta'u, hanga ammaatti Qonnaan Bultoota gandoota Aanichaa hundaaf raabsamaa jiraachuu obbo Darajjeen eeraniiru. Galteewwan qonnaaf barbaachisu hundi yeroon dhihaatee harka qonnaan bultootaa gahee omishaa fi omishtummaan akka dachaan dabaluuf qindoominaa fi xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jirus ibsaniiru.
Hojiin gaaffii hulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi diyaaspooraa hubachiisuu cimee itti fufeera.
May 15, 2026 130
Caamsaa 7/2018 (ENA): Hojiin gaaffii abbummaa hulaa galaanaa Itiyoophiyaa hawaasa idil-addunyaa fi diyaaspooraa hubachiisuu cimee itti akka itti fufe ibsani Zimbaabuwee, Zaambiyaa fi Moorishiyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa fi Gabaa Waloo biyyoota Afrikaa Bahaa fi Kibbaa(COMESA)tti Bakka Bu’aan Dhaabbataa Itiyoophiyaa Raashiid Mahaammad. Itiyoophiyaan pirojektoota Ashaaraa magariisaa fi misooma koridaraa milkaa’aa ta’uun ishee dirree dippilomaasii irratti maqaa fi bifa biyyattii guddisaa jiraachuus hubachiisaniiru. Ambaasaaddar Rashiid Mahaammad, turtii ENA waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan mirga abbummaa hula galaanaa seenaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa ta’e haqa malee mulqamuu ishee yaadachiisaniiru. Guddina diinagdee saffisaa fi baay’ina ummata Itiyoophiyaa ilaalcha keessa galchuun hulaa galaanaa nageenya qabu kan qabaattee bulchuu dandeessu kan ishee barbaachisu yoo ta’u, kunis daldala al-ergii fi galtee ishee gaggeessuuf kan dandeessisudha. Teessuma lafaatiin Galaana Diimaatti dhihoo waan ta’eef buufata galaanaa malee jiraachuu akka hin dandeenyes hubachiisaniiru. Waggoota kurnan sadii dura abbaa buufata galaanaa ta’uun ishee seera qabeessummaa fi sababa qabeessummaa abbummaa hulaa galaanaa kanaa akka guddisu ibsaniiru. Ambaasaaddarichi itti dabaluudhaan hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota waliin qabdu daran cimsuuf hojiin dippilomaasii hojjetamaa jira jedhan. Fakkeenyaaf, Itiyoophiyaa fi Zimbaabuwee gidduutti walgahii Komishinii Ministiroota Waliinii gaggeessuun hariiroo biyyoota lamaanii daran cimsuuf qophiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Itiyoophiyaan Zaambiyaa keessatti qoonsilaa kabajaatiin bakka bu’ummaan akka kennamuufii fi yeroo gabaabaa keessatti hojiitti galchuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaatti bara omishaa kanatti omishni shayii kuntaalli kuma 89 ol gabaaf dhihaateera
May 15, 2026 122
Caamsaa 7/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa kanatti shaayii lafa hektaara kuma1fi 280 irratti misoome irraa oomishni kuntaala kuma 89 ol gabaaf dhiyaachuusaa Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biirichatti Daayirektarri Misoomma Muduraa Obbo Chaalachoo Addunyaa ENA’f akka ibsanitti; naannichatti inisheetiiviin misooma shaayii bocamee gara hojiitti erga galamee asitti faayyadamni dinagdee qotee bulaa sadarkaa olaanaan dabalaa dhufeera. Mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo addaa damichaaf kennuu isaatiin, sanyiiwwan Shaayii fooyya'an kanneen qulqullinaa fi baay'ina oomishaa dabalan qotee bulaaf akka dhiyaatan taasifamuu isaas dubbataniiru. Misoomni Shaayii kun haala bal'aa ta'een hojjetamaa kan jiru haala teessuma lafaa fi qilleensa mijataa naannichaa bu'uura godhachuun akka ta'e ibsuun; keessattuu Godinawwan Jimma, Illuu Abbaa Boor fi Buunnoo Beddellee keessatti ta'uu eeraniiru. Misoomicha caalaatti guddisuuf buufanni biqiltuu shaayii sanyiiwwan fooyya'an itti baay'ifaman sadarkaa mootummaa fi qotee bulaatti qophaa'anii gara hojiitti galamuu isaaniis dubbataniiru. Ji'ootan 9’n darban keessatti oomishni kuuntaala kuma 89 ol gabaaf dhiyaachuun naannichi sekterichaan dandeettii guddaa qabu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni waggootan sadan darban gara investimantiitti akka ce'an carraaqqii taasifameen, amma yoonaatti qonnaan bultoonni10 gara invastimantiitti ce'uu isaanii beksisaniiru. Fuuldurattis sektericha caalaatti ammayyeessuu fi faayida qotee bulaa mirkaneessuuf, ijaarsa warshaa oomisha shaayii qindeessuu ariifachiisuu fi oomishichaaf hidhata gabaa amansiisaa uumuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru. Sochiin misooma shayii kun lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun olitti, Dureeyyii fi qonnaan bulaa giduu qindoomina jiru cimsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru.
Aarsaa lubbuun birmadummaa argame dafqa keenyaan tikfanna – obbo Tasfaahuun Gobazaayi
May 14, 2026 423
Caamsaa 6/2018 (ENA): Aarsaa lubbuun birmadummaa argame dafqa keenyaan kunuunsuun tikfachuu qabna jedhani de’eetaan Tajaajila komunikeeshinii mootummaa obbo Tasfaahuun Gobazaayi. Waltajjiin marii mata duree "Hirkattummaa irraa gara Oomishtummaatti" jedhuun magaalaa Hawaasaatti gaggeeffameera. Waltajjicharratti Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Muummee Ministiraatti Dr. Biqilaa Hurrisaa, De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfaahuun Gobazaayi fi De’eetaan Ministira Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa argamaniiru. Dabalataanis Itti Aanaa Hogganaa Qindeessaa Kilaastara Misooma Baadiyyaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa fi Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Usmaan Surur; Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Sidaamaa obbo Mamiruu Mokee; Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Waganee Buzunaa, Komishinara Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Kibba Lixa Itiyoophiyaa, Dr. Lammaa Massalee fi hoggantoonni biroo fi ogeeyyii qonnaa argamaniiru. Waltajjicha irratti argamuun haasaawaa taasisaniin obbo Tasfaahun Gobazaayi hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uun biyyattiif ajandaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya lafa qabdu, haala qilleensaa mijataa qabdu, bishaan qabdu ta’uu eeruun, humna namaa, akkasumas seenaa walabummaa fi birmadummaa kan qabdu ta’us waggoota kurnan torban darbaniif biyya qamadiitiin rakkachaa turte ta’uun ishee ni yaadatama jedhani. Itiyoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaatee osoo jirtuu biyya kadhattu osoo hin taanee biyya biyyoota biroof kennitu ta’uu qabdi jedhaniiru. Rakkoon guddaan of danda’uu rakkoo yaaduu waan ta’eef jijjiirama yaadaa irraa eegaluun imala of danda’uu itti fufuu akka qabnu hubachiisaniiru. Kanumaan wal qabatee dhimmichi sochii irra darbee haala caasaa fi ummata irratti xiyyeeffateen hojiirra ooluu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu fi naannootti hojiirra oolchuu, qunnamtii walitti fufiinsa qabu uumuu akka qabamu dubbataniiru. Kanaafis marii ummataa fi hojiin qabiyyee miidiyaa gama kanaan xiyyeeffannoo fi itti gaafatamummaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajila si’ataa Teekinoolojiin deeggarame kennuun hojiin rakkoolee bulchiinsa gaarii furan cimanii itti fufu
May 12, 2026 743
Caamsaa 4/2018(ENA) -Hawaasaaf tajaajila si’ataa tekinoolojiin deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee akka itti fufu paartii badhaadhinaatti Hoogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Obbo Namarraa Bulii ibsan. Godina Jimmaa Magaalaa Limmu Gannatitti tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' har'a eebbifamee hojii eegaleera. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan Damee siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii yeroo kanatti akka jedhanitti, tajaajila ammayyaa dijitaalaan deeggarame kennuun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun cimee itti fufa. Tajaajilli mootummaa giddugala Wiirtuu tokkoo 'Masoob' keessatti kennamaa jiru hawaasa biratti itti quufinsa uumaa jiraachuu eeranii, tajaajiloota akkasii babal'isuun akka itti fufu beeksisaniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tiijaanii Naasir gama isaaniitiin, tajaajilli Wiirtuu tokkoo 'Masoob' tajaajila tekonoolojiin deeggarame kennuun dadhabbii fi deddeebii hawaasaa hir’isuu akka danda'u ibsaniiru. Magaalaa Limmu Gannat keessatti kan eebbifame giddugalli tajaajila tokkoo kun tajaajiloota 87 kan kennu ta’uun isaas eerameera. Guyyaa har’aa Magaalaa Ambuyyee Aanaa Limmu Kossaatti walumaagala pirojeektoonni baasii birrii miiliyoona 600 oliin ijaaraman kanneen akka kilaastara horsiisa loonii lammiilee 80’f carraa hojii uumee dabalatee eebbifamaniiru.
Yuunivarsiitichi beekumsa Mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jira
May 7, 2026 964
Ebla 29/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu beekumsa mandhaalee qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuuf xiyyeeffannoo kennuu isaa beeksise. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuuf kan kaayyefatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa qorannoo saayinsawaa waliin walitti hidhuu kan kaayyeffatee fi gosa isaatiin adda kan ta'e konfiraansii qorannoo qonnaan bultootaa geggeesseera. Sagantichiratti Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Birhaanamasqal Xannaa akka jedhanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barasiisuu cinaatti tajaajila hawaasummaa irratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Yuunivarsiitichi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun oomishtummaa qonnaan bultootaa fooyyessuuf galteewwan qonnaa fi hoj maata fooyya’an dhiyeessuun gahee isaa bahaa jiraachuu eeraniiru. Konfiraansiin kun keessattuu qonnaan bultoonni beekumsa uumamaa fi muuxannoodhan argatan gara waltajjiitti fiduun beekamtii kennuufi galtee hojii qorannoo gara fuulduraatiif akka ta'uuf yaadamee kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, waltajjiin kun qonnaan bultoota, qorattootaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu gidduutti riqicha qunnamtii cimaa uumuun muuxannoo wal-jijjiiruuf carraa kenna jedhaniiru. Ogummaawwan mandhaalee saayinsii qonnaa ammayyaa waliin qindeessuun qulqullinaa fi baay’ina oomishaa guddisuuf gahee qabaachuu isaas ibsaniiru. Itti Aanaan Walitti qabaa boordii Yuunivarsiitichaa Piroofeesar Balaay Sima’aanii ergaa gama intarneetiitiin dhaamsa dabarsaniin, hojii baruu fi barsiisuu cinaatti keessattuu qonnaan bultoota hojmaata qonnaa ammayyaa madaqsuun hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa fi itti fufuu kan qabudha jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan bultoonni beekumsa mandhaalee qaban gara waltajjiitti fiduun muuxannoo akka wal-jijjiiraniif konfiraansiin qorannoo qophaa'e kun adda ta'uu isaa eeraniiru. Waltajjiin kun keessattuu galma biyyaalessaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’uuf,beekumsa mandhaalee qorannoo ammayyaa waliin walitti hidhuuf hojii jalqabame ni cimsa jedhaniiru. Waltajjiin kun qonnaan bultoonni adda dureen gama qonnaa, Horsiisa Loonii fi dameelee birootiin muuxannoo isaanii dhiyeessuun qonnaan bultoota birootiif akka qoodan carraa kan uumudha. Dabalataanis, qorattoonni beekumsa mandhaalee qonnaan bultootaa irratti qorannoo gaggeessuuf galtee akka argatan ni taasisa jedhaniiru. Konfiraansii kana irratti qonnaan bultoonni, qorattoonni, bakka bu’oonni Biiroo Qonnaa Oromiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, agarsiisni oomisha qonnaan bultootaas gaggeeffameera
Hirmaattonni Yaa’ii Dhiibbaa Uumtota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa jalqabaa Inistitiyuutii Hubannoo namtolechee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru
May 7, 2026 678
Ebila29/2018(ENA):Hirmaattonni Yaa’ii dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa jalqabaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwachaa jiru. Yaa’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa Afrikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026), dhugaa Afrikaa Addunyaatti beeksisuufi dhimma diijitaalaa abbummaan geggeessuuf kaayyeffate, Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti har'aafi boru ni geggeeffama. Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru. Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru. Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti. Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun Palsi of Afrikaa (Pulse of Africa) fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha. Yaa’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa itti gaafatamummaa qaban jajjabeessuuf, Dinagdee Dijitaalaa cimsuuf, walta'iinsa uumuufi Finfinnee wiirtuu aadaafi dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffatedha.
Tajaajilli dijitaalaa hoj maata ammayyummaa dhugoomsaa jira
May 7, 2026 675
Ebla 29/2018 (ENA): Biiroon Misooma Innooveeshinii fi Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee sirna tajaajila dijitaalaa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu beeksise. Itiyoophiyaan sagantaa haaromsa diinagdee biyya keessaatiin teeknooloojii akka madda ijoo misooma itti fufiinsa qabuutti fayyadamuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jirti. Kanarraa kan ka’e pirojektoonni damee dijitaalaa dinagdee sochoosan milkaa’inaan hojiirra oolaa jiru. Keessattuu waltajjiiwwan akka tajaajila wiirtuu tokkoo ( Masoob), waraqaa eenyummaa dijitaalaa (Faayidaa) fi Itiyoo koodarsii hundeessuun akkasumas fayyadamni interneetii dabaluun jijjiirama biyyaalessaaf bu’aa guddaa qaba. Bu’aawwan teeknooloojii kunneen sirna kaffaltii moobaayilaa fi daldala elektirooniksii sirreessuu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun fayyadamtoonni yeroo fi maallaqa qusachaa akka jiran ibsameera. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Misooma Teeknooloojii Magaalaa Finfinnee Dr. Tulluu Xilahuun akka jedhanitti; Teeknooloojiin adeemsa ammayyeessuun, malaammaltummaa ittisuu fi oomishtummaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Karoora tarsiimoo waggaa saddeet Finfinnee magaalaa ismaartii taasisuuf qophaa’een misooma koridaraa fi bashannana irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuus eeraniiru. Galmi guddaan ijaarsa magaalaa ismaartii magaalattii jiraattotaa fi daawwattootaaf mijataa fi hawwataa taasisuu ta’uu ibsuun, kunis kan mirkanaa’u yeroo tajaajilli fi bu’uuraaleen misoomaa teeknooloojiin deeggaraman ta’uu ibsaniiru. Hojiiwwan teeknooloojii milkaa’oo magaalattii keessatti hojjetaman kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dorgommii hoggansa magaalaa Ismaartii Addunyaa bara 2024 Kooriyaa Kibbaa Se’ul keessatti gaggeeffame irratti akka injifatan taasiseera jechuun ibsaniiru. Fooramii Magaalaa Ismaartii Afrikaa Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffame irratti magaalattiin beekamtii malu akka argattutti hojiiwwan kunneen gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Biiroon kun dhaabbilee federaalaa waliin ta’uun sirna teeknooloojii fooyyessuu, qindeessuu fi nageenyummaan isaa eegame taasisuudhaan dhaabbileen bulchiinsa magaalaa tajaajila isaanii dijiitaalaan akka kennan taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa ‘Waradaa Neet gara siitii Neetitti’ guddisuun aanaa fi magaalota xiqqaa magaalicha keessa jiran teeknooloojiin walqunnamsiisuun danda’ameera jedhan. Tajaajilli giddugala tokkoo lammiileen tajaajila mootummaa saffisaa, amanamaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’ee fi teeknooloojiin deeggaramee akka argatan taasiseera jedhan. Tajaajilli kun ifaajii fayyadamtootaa hir’isuu fi iftoomina uumuu, akkasumas amala filannoo dijitaalaa fayyadamuu hawaasa keessatti horachuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira. Tajaajila sirna dijitaalaa keessatti hin hammatamne haaromsuu fi tajaajila giddugala tokkoo waliin wal simsiisuuf xiyyeeffannoon akka kennamus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA See less
Ispoortii
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 158
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 997
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 640
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a. Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
‘PSG’n waggaa walitti aanuuf xumura Shaampiyonsi Liigii Awurooppaatti darbe
May 7, 2026 824
Ebila 29/2018(ENA) - Tapha deebii walakkaa xumuraa (Semi-final) Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa irratti Baayer Muuniik fi PSG’n goolii tokkoo fi tokkoon qixaan addaan ba’aniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti taphatameen, Usmaan Dembeeleen daqiiqaa 3ffaa irratti galchii lakkoofsiseen PSG dursaa taasiseera. Haarii Keen immoo daqiiqaa 94ffaa irratti Baayer Muuniikiif galchii lakkoofsisuun walqixxeesseera. Innis dorgommii kanaan goolii isaa 14ffaa galcheera. Shaampiyoonsi liigichatti Injifataan Baalaandoorii yeroo ammaa Dembeeleen, lakkoofsa gooliiwwan Shaampiyonsi Liigii keessatti galche gara torbaatti ol guddiseera. Taphichi bashannansiisaa fi goolii galchuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u hanga tokko wal-qocholloon keessatti mul’ateera. PSG’n kubbaa harkatti galfachuu fi carraawwan goolii uumuu irratti fooyya’aa ture. Bu’aa kanaan hordofee, PSG walitti qabaan 6 fi 5 injifachuun waggaa walitti aanuuf xumuraaf darbeera. Abbaan waancaa yeroo ammaa PSG, xumuraaf darbuunsaa kun yeroo sadaffaadhaafi. Kilabiin Paaris Kilabii Awurooppaa eegsisuuf Arsenaal waliin Hangaarii, Budaappestitti walmorkatu. Injifataan Shaampiyonsi Liigii yeroo 6ffaa Baayer Muuniiki, waggaa ja’a booda xumuraaf darbuuf abjuun qabu hin milkoofneef. Taphni xumuraa Arsenaal fi PSG gidduutti caamsaa 22 bara 2018 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti ni taasifama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
May 15, 2026 168
Caamsaa7/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban karaa saayinsaawaa ta'een dhaabuun haala qabannaa isaanii guddisuuf qophiin gahaan taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa Ashaara Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan tajaajila adda addaatiif oolan qophaa'uun isaaniis ibsameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan biqiltuuwwan dhaabamaniifi faayidaa hedduu qaban haala qabannaa isaanii dabaluuf, boolla biqiltuu dhaaban haala mijaawaa ta'een qopheessuun qilleensaa fi jiidhinsa biyyoo gahaa akka argatan gochuun barbaachisaa ta'uun isaa himameera. Yeroo iddoon filatamu hanqinni bishaanii akka hin mudanneef kuusaawwan bishaanii hojjechuun fi biqiltuun sun haala qilleensa naannichaa wajjin kan wal-simatu ta'uu isaa mirkaneessuun qaama xiyyeeffannoo kanaati. Dabalataanis, biqiltuun sun dhibee dandamachuu danda'uun isaa, erga dhaabamee booda tuttuqqaa bineensotaa irraa ittisuunii fi hojii hordoffii walitti fufiinsa qabu gaggeessuun qabannaa isaaniitiif shoora olaanaa akka qabu eerameera. Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumaamaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Katamaa Abdiisaa ENA'f akka ibsanitti; waggoottan jijjiiramaa keessatti naannichatti hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa raawwataman dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa haala ittifufinsa qabuun dandamachuun omishaa fi omishtummaan akka dabalu gargaaraa jiru. Saganticha eegumsa naannoo fi misooma bosonaa wajjin walitti hidhuun omisha fi omishtummaa dabaluuf fi ikkooloojii eeguuf tattaaffii taasifameen bu'aan jajjabeessaan argamuu isaas daarektarichi beeksisaniiru. Hojii kana itti fufsiisuuf sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif biqiltuuwwan faayidaa adda addaatiif oolan qophaa'uu isaanii fi adeemsi dhaabbii karaa saayinsaawaa ta'een akka raawwatamu qonnan bultootaaf leenjiin kennamuu isaa eeraniiru. Biqiltuuwwan Ganna dhufuutiif qophaa’an keessaa kanneen bosonaaf, miidhaginaa fi soorataatiif oolan (fuduraalee fi muduraalee) kan jiran ta'uu eeranii, kanafis lafa adda baasu
Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan dhaabama
May 12, 2026 643
Caamsaa 4/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna dhufu kana naannichatti lafti heektaara kuma 10 ol avokaadoodhaan akka dhaabamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiseera. Biirichatti itti gaafatamaan damee kuduraa fi muduraa obbo Muhammadsaanii Amiin ENAtti akka himanitti, gosoota avokaadoo fooyya’aa ta’an qonnaan bultoota naannichaaf akka dhiyaatan gochuun Inishiyeetiivii Misooma Avokaadoo bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa jira jedhani. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ganna dhufu kana gaggeeffamuuf biqiltuuwwan fuduraa gosa adda addaa kudhan qophaa’uu himaniiru. Itti dabaluunis biqiltuun avokaadoo, muuzii, zayituunaa, paappaayaa, giishxaa, burtukaana, appilii, loomii fi biqiltoonni fuduraa biroo bal’inaan qophaa’aniiru jedhani. Naannichatti oomishaa fi omishtummaa avokaadoo guddisuuf gosoota fooyya’oo fi omisha olaanaa kennan horsiisuun qophii biqiltuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan. Akkasumas naannichatti lafti heektaara kuma 80 ol ta’u hanga ammaatti biqiltuu avokaadoo idilee fi fooyya’aa ta’een uwwifamuu isaa ibsaniiru. Hojiiwwan misooma avokaadoo al-ergiif oolu guddisuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisan xiyyeeffannoon addaa akka kenname eeruun, kunis kilaastaraan fi yeroo yeroon Godina, magaalotaa fi aanaalee naannichaa hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Waltajjiin Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffama
May 11, 2026 658
Caamsaa 3/2018 (ENA): Waltajjiin guddichi Raaga Haala Qilleensaa Gaanfa Afrikaa (GHACOF 73) 73ffaan Caamsaa 10 fi 11, 2018 magaalaa Finfinneetti ni gaggeeffama. Waltajjiin kun mata duree “Tajaajila Haala Qilleensaa, Misooma Itti Fufiinsa Qabuuf” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a. Waltajjicha Giddugala Raagaa fi Fayyadama Haala Qilleensaa (ICPAC), Dhaabbata Wal-ta'iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD)fi michoota misoomaa waliin ta’uun kan qophaa’edha. Walgahiin kun raaga hojiitti jijjiiruun jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan akeekkachiisa ariifataa fi tarkaanfii fudhachuu, qophii cimsuu irratti kan kaayyeffatedha. Ibsa IGAD ENA’f ergeen, ragaawwan haala qilleensaa qonnaan bultootaa, ogeessota fayyaa fi hoggansa sodaa balaa kallattiin akka deeggaran irratti mariin ni gaggeeffama jedheera. Tumsa dhaabbilee meetirooloojii biyyaalessaa gidduu jiru cimsuun ajandaa marii biraati. Waltajjicharratti raaga roobaa ji’a Waxabajjii-Fulbaanaa 2026 A.L.A kan qonnaa fi qabeenya bishaanii Gaanfa Afrikaatiif murteessaa ta’e ni dhiyaata. Ministiroonni, dhaabbileen qorannoo, dhaabbileen gargaarsa namoomaa, dhaabbileen hawaasa siivikii fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa ni hirmaatu. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa sodaa fagoo osoo hin taane, balaa qabatamaa balbala keenya irra jiru akka ta’e kan ibse Fooramiin IGAD, hawaasni gaanfa Afrikaa guddicha keessa jiran odeeffannoo gaarii akka qabaataniifi dursanii akka qophaa’an gochuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu eereera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Milkaa’inni Sagantaa Misooma sululaa fi eegumsa naannoo qabeenyi bosonaa guddaan akka uumamu taasisa jira
May 9, 2026 680
Caamsaa 1/2018(ENA) - Milkaa’inni Sagantaalee Misooma suluulaa fi eegumsa Naannoo Qabeenyi Bosonaa guddaan akka uumamu taasisaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Bara bajataa qabametti sagantaa qindaa’aa misooma sululaan lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa 9 misoomuusaa beeksiseera. Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Misooma, Eegumsa fi Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokkonnon akka jedhanitti, balaawwan nam-tolchee fi uumamaa manca’iinsa bosonaa fidan kanaan dura naannoo irratti miidhaa guddaa geessisanii turaniiru jedhan. Haa ta’u malee jijjiirama biyyaalessaan booda, sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi misooma eegumsa naannootiin hojiin milkaa’aan nageenya sirna-Ikkooloojii naannoo deebisee bayyanachisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Keessumattuu, sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 eegale, aadaa misooma magariisaa hawaasaa dagaagsuun Nageenya sirna ikooloojii naannoo eegsisaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa 2018tti sulula kuma 22 fi 59 lafa hektaara miiliyoona 4 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfame keessaa, hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona 3 tuqaa 9 misooma suluulaa bonaatiin misoomeera. Yeroo ammaa naannoolee adda addaatti haala Ikooloojii giddu galeeffachuun hojiin misooma suluulaa fi eegumsa naannoo hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bal’aan waggoota darban keessatti hirmaannaa hawaasaatiin hojjetameen lafti manca’e deebi’ee akka misoomu taasisuun bu’aan qabatamaa fiduusaa hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Qindaa’aan Hojii Misooma Suluulaa guddachaa dhufuusaatiin omishtummaan qonnaa dabaluu bira darbee qooda olaanaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf lammiileen hedduun kanniisa horsiisuun, furdisa looniin, misooma muduraa fi kuduraatiin fayyadamoo ta’a akka jiran ibsaniiru. Kunis abbuumaa hawaasaa eegumsa naannoo mirkaneessuun Itiyoophiyaa qabeenya bosonaatiin kan badhaatee fi laliste gochaa jiraachuun ibsameera.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 1191
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 3858
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.