ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannoo Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii gaggeesse
Nov 27, 2026 114
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sadaasa 17 bara 2019 naannoo Tigraay keessatti filannoo gaggeessuu ilaalchisee paartilee siyaasaa Naannoo Tigraay fi sadarkaa biyyaalessaatti socho'an akkasumas dhaabbilee hawaasa siivikii sadarkaa biyyaalessaa fi naannoo Tigraayi keessa socho’an waliin marii gaggeesseera. Walitti qabduun Boordichaa Aadde Meelaatwarq Hayiluu haasaa baniinsaa marii isaanii irratti, filannoo milkaa'aa carraaqqii boordichaa qofaan hojii hojjetamu kan hin taanee fi filannoo iftoomina qabu, bilisaa fi walaba ta'e gaggeessuuf hirmaannaan qaamolee dhimmi ilaallatu hundaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Kaayyoon marii kanaas hirmaattota irraa yaadaa fi galtee walitti qabuu ta’uusaa fi gara fuulduraatti qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin kan taasifamu ta'uu ibsaniiru. Hirmaattonni gama isaaniin, filannoon kun ummanni Tigraay ofiin of bulchuu, akkasumas Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii keessatti bakka bu'ummaan akka qabaatu kan taasisu ta'uu ibsaniiru. Walitti qabduun boordichaa Aadde Melaatworq Hayiluu haasaa cufiinsaa taasisaniin, yaadni hirmaattotarraa argaman filannichaaf galtee akka ta’u dubbataniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gamoo miidiyaa ittisaa ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwatan
Nov 27, 2026 85
Sadaasa 18/2019 (ENA)- Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa ijaarsisaa haaraa xumuramaa jiruu daawwataniiru. Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa haaraa Jaan meedaatti ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwataniiru. Gamoon kompileeksii miidiyaa ittisaa Amajjii bara 2017 ijaarsisaa eegalame xumura baatii kanaa akka xumuramuu fi adeemsa ijaarsa gamoo kanaa ilaalchisuun hoggantootaa fi kontiraaktarootaan ibsi kennameera. Yeroo ijaarsi gamoo kanaa eegalamee kaasee amma ammaatti ogummaa gorsaa fi deeggarsa garagaraa taasisaa kan jiran ogeeyyotaa fi dhaabbilee miidiyaa teeknooloojii ENA, EBC, Faanaa fi OBN galateeffataniiru. Gamoon miidiyaa ammayyaa kun ijaaramuunsaa bakka hojii mijataa uumuun gamatti miidiyaan dhaabbatichaa miidiyaalee arfaniinuu halkanii fi guyyaa osoo addaan hin citiin madda oduu amanamaa ta’ee hojjechuuf yaadamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, dhuma baatii kanaatti ni xumurama. Mahaandisiin to’ataa pirojektichaa Injiinar Addaam Baqqalaa gamoon miidiyaa abbaa darbii sadii istuudiyoo ammayyaa shan dabalatee kutaalee fi gurmaa’insa dhaabbanni miidiyaa tokko qabaachuu qabu hammatee ijaaramuusaa dubbataniiru. Pirojektii kana kan gaggeessu wiirtuu tajaajila walii galaa ittisaa yoo ta’u, gorsaan pirojektichaa ammoo konistiraakshinii ittisaa fi dhaabbata diizaayinii ti.
Ulaa galaanaa argachuun Itiyoophiyaaf maaliif dirqama ta'e?
Nov 27, 2026 136
Fedhii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduu fi bu'uuraalee seenaa, seeraa akkasumas teessuma lafaa ilaalchisee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waltajjiiwwan adda addaa irratti ibsa kennaniin, dhimmi ulaa galaanaa kun jiraachuu biyyaaf, guddina dinagdee fi nageenya naannawaa mirkaneessuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti bara dheeraaf fayyadamtuu fi abbaa ulaa Galaana Diimaa taatee turuu ishee galmeewwan seenaa ni agarsiisu. Haa ta'u malee, jijjiirama siyaasaa bara 1983 A.L.I. uumamee fi foxxoquu Eertiraa hordofee, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee addunyaa irratti biyya baay'ina ummataa olaanaa qabduu fi ulaa galaanaa hin qabne taateetti. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa fi waltajjiiwwan marii adda addaa irratti haasaa taasisaniin, baay'inni ummata Iiytoophiyaa miliyoona 130 ol ga'uu isaa fi waggoota kurnan dhufan keessatti gara miliyoona 150tti akka guddatu eeruun, biyya ummata kana qabdu ulaa galaanaa malee tursuun akka hin danda'amne dubbataniiru. Teessuma lafaatiinis Itiyoophiyaan qarqara Galaana Diimaa irraa fageenya dhihoo irratti argamuu ishee, dhimmi kun haqa qabeessa akka ta'u kan taasisu ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu isheetiin kan ka'e waggaa waggaan kaffaltii kiraa buufataa fi tajaajila geejjibaatiif sharafa alaa biiliyoonaan lakkaa'amu baasti. Ulaa galaanaa dhabuun rakkoo dinagdee, nageenyaa fi birmadummaaf saaxilu irra darbee, dorgomtummaa daldala alaa fi keessaa ni daangessa. Keessattuu biyyattiin imala badhaadhinaa milkeessuuf ulaa galaanaa mataa ishee argachuun dirqama. Dabalataanis, naannoon Galaana Diimaa fi Garba Hindii dorgommii ji'oo-poolitikaa humnoota gurguddoo addunyaa ta'aa dhufuun isaa gama nageenyaatiin walqabatee rakkoo kan qabudha. Itiyoophiyaan naannichatti gahee barbaachisaa akka bahattuu fi faayidaa ishee akka kabachiifattuuf abbummaan ulaa galaanaa murteessaadha. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad kaleessa gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'eef deebii yoo kennanis, gaaffiin abbaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa karaa nagaa, marii fi bu'uura kennanii fudhachuu irratti kan hundaa'e ta'uu irra deddeebiin ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane waliin guddachuuf ta'uus dubbataniiru. Itiyoophiyaan mootummaa Eertiraa waliin dameewwan misoomaa garaagaraatiin waliin hojjechuuf carraaqqii olaanaa taasisuu ishee ibsaniiru. Keessattuu yaadni sarara elektirikii baasii Itiyoophiyaatiin galchuu, akkasumas daandii fi buufata doonii ijaaruu dhiyaatus deebiin gaariin argamuu dhabuu isaa eeraniiru. Itiyoophiyaan hojiiwwan misoomaa walootiif yaada, maallaqaa fi humna kan gumaachitu ta'uu ibsuun; kanaan alatti Eertiraa irratti weerara raawwachuuf karoora akka hin qabnee fi dhimmi kun karaa nagaa fi mariitiin kan furamu ta'uu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane, muuxannoo Joordaan Sa'uudii Arabiyaa waliin, Iraaq akkasumas Poolaand Waraana Addunyaa Lammaffaa booda argatan karaa nagaa fi seera qabeessa ta'een hojiirra oolchuudhaan waliin guddachuuf ta'uu ibsaniiru. Fedhiin ulaa galaanaa nageenya, dinagdee fi tarsiimoo dhaloota dhufuu mirkaneessuu akka ta'etti fudhatama. Fedhii kana dhugoomsuuf tattaaffiin taasifamu tasgabbii naannoo kan eegsisu, birmadummaa biyyoota ollaa kan kabajuu fi karaa dippilomaasii misooma waliinii irratti hundaa'een hoogganamuun isaa nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatiif gahee murteessaa qabaata.
Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu - Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa
Nov 27, 2026 83
Sadaasa 18/2019 (ENA): Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti argamuun gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif ibsaafi deebii kennaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, dhaadannoo “Biyya Guddaa, Ummata Guddoo, Mul’ata Guddaa” jedhuun hojjetamaa kan jiran pirojektoonni labsii Gubaa pirojektoota misoomaa gurguddaa dandeettii Itiyoophiyaa agarsiisanii fi fedhii misoomaa ishee guutan ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni gurguddoon kunneenis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Gaasii Uumamaa Ogaaden, misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5, humna niwukilaraa fi ijaarsa Warshaa Xaa’oo Biyyee Godee kan dabalatudha. Naannoo Somaaleetti Pirojektiin Gaazii Uumamaa Ogaaden warshaalee seraamiksii biyya keessaa fi otoobisoota magaalaa Finfinnee, madda anniisaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu gargaarsa hubannoo namtolchee ammayyaatiin ijaaramaa jiraachuu fi filannoo iddoo jalqabaa xumuramuu fi caalbaasiin ijaarsa daandii balalii kanaa adeemsifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Warshaan Xaa’oo Biyyee Godee mana jireenyaa hojjettootaa gara kuma 18 dabalatee to’annoo dhiyeenyaan kan ijaaramaa jiru ta’uu fi akkaataa sagantaa misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5 kan dandeettii lammiileen kaffaltii humna isaanii madaalu kaffaluun argatan hojiin isaa bifa ammayyaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Dhimma kanarratti yaada isaanii ENA’f kan kennan miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka jedhanitti, pirojektoonni labsii Gubaa Ityoophiyaaf fayyadamummaa waliigalaa lammiilee ishee guddisuun dandeettii guddina olaanaa qabaachuu ishee ibsa jedhani. Miseensota mana marichaa keessaa aadde Addis Alamaayyoo akka himanitti, pirojektoonni gurguddaan kun yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa raawwii gaarii irra gahuun mul’ata Itiyoophiyaa fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf ragaadha jedhan. Miseensi mana maree kan biraa Aadde Abiyoot Dallalanyi gama isaaniitiin gahumsi ijaarsa guyyaa fi halkanii hojjechuu pirojektoonni kun duudhaa hojii seena qabeessa ta’ee fi dandeettii Itoophiyaan raawwachuu agarsiise ta’uu ibsani. Miseensi Mana Maree obbo Saamson Wondimmeenee himanitti, mul’anni mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuuf qabu jalqabbii misoomaa tarsiimootiin cimsee ta’uu agarsiisa jedhani.
Hojiin hoggansa siyaasaa dinagdee qonnaan bulaa fi ummataa jijjiiruurratti kan akeekedha-obbo Masfin Malaakuu
Nov 27, 2026 118
Sadaasa 18/2019(ENA)- Hojiin hoggansa siyaasaa godina lixa Oromiyaatti raawwatamu haala dinagdee qonnaan bulaa fi hawaasaa jijjiiruurratti kan xiyyeeffate ta’uu sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti bulchaan godinichaa obbo Masfin Malaakuu ibsan. Waltajjiin hojii siyaasaa fi nageenyaa godinni lixa Oromiyaa fi bulchiinsi magaalaa Naqamtee qindoominaan qopheessan kan kutaaleen hawaasaa irratti hirmaatan gaggeeffameera. Mootummaan naannoo Oromiyaa fayyadama ummataa mirkaneessuu fi dhaabbata mootummaa cimaa ijaaruuf kallattii riifoormii haaraa galmoota ijoo afur irratti hundaa’e hordofee hojjechaa jiraachuun waltajjicharratti ibsameera. Kaayyoon riifoormichaa sadarkaa addaddaatti caasaa mootummaa cimaa ijaaruu, gaaffii ummataa sirnaan deebisuu, nagaa mirkaneessuu fi tajaajila si’ataa fi qaqqabamaa kennuun kaayyoowwan ijoo riifoormichaati jedhan obbo Masfin Malaakuu. Hojiin Siyaasaa raawwatamu barumsaa fi teeknooloojiin qaroomina biyyaa mirkaneessuu, dhaabbata cimaa ijaaruu fi biyyi dinagdeen akka badhaatu gochuurratti kan xiyyeeffate ta’uu akka Siyaasni godina lixa Oromiyaatti gaggeessinu dinagdee qonnaan bulaa fi ummataa hin jijjiiru yoo ta’e namoota muraasaaf qofa kan oolu ta’a jedhanii, hoggansi siyaasaa gama hundaanuu akkaataa jireenya ummataa jijjiiruun hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Itti aanaan komishinaraa komishinii qajeelcha poolisii olaanaa Oromiyaa lixaa Komishinar Darajjee Baay’isaa, qaamoleen nageenyaa aarsaa ummataa fudhachuun nageenya ummataaf hojjechuuf kan akeekedha jedhaniiru. Finxaaleyyiin naannawicha keessa socho’an har’as guddina ummatichaa kan hin barbaanne, nagaa fi tasgabbiisaa kan hin jaalannedha jedhan. Rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa sababa rakkina nageenyaatiin ummatarra gahan mootummaan ummata waliin ta’uun furmaata waaraa fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Itti aanaan bulchaa godinichaa fi itti gaafatamaan waajjira nagaa fi haqaa obbo Gammachuu Gurmeessaa, yeroo ummanni Oromoo bilisa bahee jiru kanatti Oromoon bilisoomsa jedhee bosonatti kan jiru Shaneen garee faayidaa dhuunfaasaaf socho’udha jedhaniiru. Rakkoo nageenyaa fulla’insaan furuu fi nagaa mirkaneessuuf ummata, qooda fudhattootaa fi kutaalee hawaasaa hunda waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.
Siyaasa

Itoophiyaan Miseensa Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa ta'uun filatamte
Nov 27, 2026 107
Sadaasa 18/ 2019 (ENA) : Yaa'ii Idilee 43ffaa Dhaabbata Siiviil Aviiyeeshinii Idil Addunyaa Kaanaadaa Moontiriyaalitti gaggeeffameen Itoophiyaan sagalee olaanaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamteetti. Itoophiyaan yaa’icharratti sagalee 133 argachuun miseensa dhaabbatichaa taateetti. Wayita teessoon Mana marichaa 36 irraa gara 40tti dabalu, teessoowwan haaraa dabalaman 4’n keessaa Itoophiyaan tokko argachuun adeemsa qophii imaammataa fi seera tumsa damee Aviyeeshinii idil-addunyaa keessatti gahee murteessaa kallattiin akka qabaattu ni taasisa jedhe Waajjirri Ministira Muummee. Itoophiyaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa'ina guddaa ta’uu himameera. Kun bu’aa qabatamaa tattaaffii dipiloomaasii Itiyoophiyaan waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dhageettii fi dhiibbaa qabdu itti fufiinsaan guddisuuf taasisaa jirtuuf agarsiisu akka ta’es ekeekeera. Itoophiyaan miseensa mana marichaa ta'uun filatamuun ishee Afrikaaf milkaa'ina guddaadha jedhe Gamtaa Afrikaas. Itoophiyaan Ardii Afrikaa bakka bu’uun miseensa mana marichaa ta’uun akka filatamtu Komishiniin Siiviil Aviiyeshinii Afrikaa gumaacha taasiseera. Itoophiyaan bakka bu’ummaa kana milkaa’ina biyya tokkoo qofaatti osoo hin daangessiin, faayidaa Afrikaa guutuu kabachiisuu fi eegsisuu akka itti gaafatamummaa ardii guutuutti fudhatteetti jedhe Waajjirichi. Yaa’ii hooggantoota ‘BRICS’ 18ffaa magaalaa Niiwu Deelhiitti gaggeeffameen, ibsa waloo isaa keewwata 105 irratti murtoo Gamtaa Afrikaa fudhachuun Itoophiyaaf deeggarsa guutuu qabaachuu isaa mirkaneessuun, taatee daangaa Afrikaa darbee bal’ina dippiloomaasii biyyattii agarsiisudha. Kunis Gamtaan Afrikaa bakka bu’ummaa ardii Afrikaa yeroo kennu, BRICS immoo dinagdeewwan guddachaa jiran biratti beekamtii siyaasaa bal’aa argamsiisuun, tokkummaan naannawaa fi tumsi Kibbaa-Kibbaa bu’a qabeessa ta’uun isaanii bu’uuraalee tumsa idil-addunyaa keessatti akkamitti wal deeggaranii bu’aa akka argamsiisan ifatti kan agarsiisudha jedhan. Yeroo akkaan murteessaa kana keessatti, teessoon Itoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Aviyeeshinii Siivilii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti argatte, biyyattii, lammiilee ishee fi Afrikaa guutuuf gama dippiloomaasii, dinagdee fi hojmaataan faayidaa gamhedduu qabaachuu ibse. Kunis dambiiwwan idil-addunyaa haaraan haqa qabeessa akka ta’aniifi daandiiwwan xiyyaaraa Afrikaa akkasumas gabaa aviyeeshinii guddachaa jiru baasii madaalawaa hin taaneen akka hin miidhamne ittisuuf carraa olaanaa uuma. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Bulchiinsa magaalichaatti guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun, dargaggoota magaalichaa waliin mariin gaggeeffame
Nov 27, 2026 133
Sadaasa 18/2019(ENA)-Bulchiinsa magaalaa jimmaatti, guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 21ffaa sababeeffachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin gaggeeffamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar waltajjii marii kana irratti akka jedhanitti, dargaggoonni utubaa nageenya, dinagdee fi guddina biyyaati. Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa marsaa 21ffaa Magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophiin taasifamaa jiru ayyaana biyyaalessaa guddaa fi keessummoota kallattii garaagaraa irraa dhufan kan irratti hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, ayyaanni kun yeroo Itiyoophiyaan injifannoowwan gurguddoo galmeessaa jirtutti kabajamuun isaa hiika addaa akka qabu hubachiisaniiru. Dargaggoonni Magaalaa Jimmaa milkaa’ina ayyaanichaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanii adda durummaan bahachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Waltajjiin marii kun hubannoo, hirmaannaa fi qooda fudhatummaa dargaggootaa cimsuun milkaa’ina ayyaanichaa fi nageenya magaalattii mirkaneessuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Walgahiin koree hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa eegalame
Nov 27, 2026 132
Sadaasa 18/2019 (ENA)-Walgahiin koree hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa har’a eegalamuusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad beeksisan. Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin akka ibsanitti, walgahiin koree hojii raawwachiisaa kallattii tarsiimawaa paartichaa fi haala yeroorratti kan xiyyeeffate ta’a.
Qaroomina dhalootaa jabeessuuf kallattii imala waloo bocuunii fi ida'amnee imaluun murteessaadha
Nov 27, 2026 113
Sadaasa 18/2019 (ENA) – Qaroomina dhalootaa jabeessuuf kallattii imala waloo bocuunii fi ida'amnee imaluun murteessaa ta'uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Manni Maree Bakka Bu'oota ummataa 7ffaan, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti walgahii idilee 4ffaa bara hojii waggaa 1ffaa gaggeesseera. Yaa’ii idilee Kanaan pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2019 wal gahii baniinsaa manneen maree bakka bu’oota ummataa fi mana maree federeeshiniif kan dhiheessan karoora mootummaa bara 2019 dhiheessan ka’umsa godhachuun gaaffilee fi yaada mana mareerraa gaafatamaniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, yeroo jijjiiramni dhufe, hariiroo siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti liqiiwwan yeroo dheeraa turanii fi kaappitaalli hawaasummaa haphachaa akka ture ibsaniiru. Kana jijjiiruuf riifoormiiwwan gaggeeffaman irraa muuxannoo fi barnoota argaman walitti qabuun, mootummaa qofa osoo hin taane dhalootaa gara dhalootaatti ce'uun dhaloota dhufuuf bu'uura kaa'u, imala qaroominaa gaggeessuuf kan dandeessisu tarsiimoon qaroominaa ida'amuu guddichaa qophaa'uu ibsaniiru. Tarsiimoon kun haala biyyi keenya keessa jirtu, qabeenya qabnuu fi dandeettii dilbii qabnu bal'inaan akka qoratu kan ibsan ministirri muummee, Afriikaas ta'e Itiyoophiyaan qabeenya guddaa qabaatanis lammiileen isaanii haala hiyyeessa itti ta’an jijjiiruun lammiilee dureessa taasisuun akka danda'amu irratti xiyyeeffatamuu dubbataniiru. Dandeettii dilbii qabnu gara gurmuutti jijjiiruun, humna vektarii gaggeessuun gara humna biyyaalessaatti jijjiiruun akka barbaachisu, akkasumas kaappitaalli akkamitti akka argamuu fi akka bulu kan agarsiisu caasaa dinagdee fi sirni konvetjansii tarsiimicha keessa galuu isaa ibsaniiru. Misooma fiduu qofti gahaa akka hin taane, misooma argame sana jabeessuu fi hoogganuun murteessaa ta'uu ibsanii, Waan fudhatan yeroo isaa eeganii dhaloota itti aanuuf dabarsuuf qophaa'uu fi akka itti gaafatamummaa imaanaa fudhataniitti hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Dhaabbilee, sirnootaa fi dandeettiilee ijaaran moodeelota 15 kaa'amuu isaanii kan ibsan ministirri muummee, bu'uurri wantoota hundaas ida'amuu ta'uu isaa fi tarsiimoon kun lammiin hundi sadarkaa amma jirurraa gara sadarkaa ol'aanaatti akka ce'u gargaaruuf kan qophaa'e malee, dhimma herrega paartii tokkoo akka hin taane ibsaniiru. Dhaloonni ammaa dhaloota ijaaraa deemaa baaxiirra taa’u akka ta’e ibsanii, mootummaan tokko wagga 25’f akka itti hin fufne beekamus kallattii imala waloo wagga 25, 50,75, 100 bocuun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Kabajaa fi seenaa Itoophiyaa eeguun itti fufsiisuun itti gaafatamummaa lammii hundaati – Ministira Muummee Abiy Ahimad (PhD)
Nov 26, 2026 451
Sadaasa 17/2019 (ENA): Kabajaa fi seenaa Itiyoophiyaa eeguun itti fufsiisuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 7ffaan yaa’ii idilee 4ffaa bara hojii isaa waggaa 1ffaa bakka ministirri mummuu Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeessaa jira. Walgahii idilee kana irratti miseensonni mana marichaa karoora mootummaa bara 2019 Pirezidaanti Taayyee Atsaqasillaasee Fulbaana 26, 2019 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshiniif dhiyeessan irratti hundaa’uun gaaffii fi yaada isaanii dhiyeessaniiru. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gaaffilee fi yaada dhiyaataniif deebiifi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Itiyoophiyaan, Itoophiyaan biyya seenaan badhaatuu fi cimtuu ta’uu hubachiisuun, qormaataa fi rakkina gidduutti biyya ciminaan keessa darbitu ta’uu eeraniiru. Itoophiyaan sababa gootota gatii kaffaluuf fedhii qabaniin cimtee akka turtes akeekanii, itti gaafatamummaan dhaloota ammaa seenaa fi kabaja Itiyoophiyaa itti fufsiisuu akka ta’es dubbataniiru. Itiyoophiyaan birmadummaa fi eenyummaa ishee eeggattee akka itti fuftu lammiileen Itoophiyaa hundi ga'ee isaanii akka ba'an dhaamaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gaaffilee fi yaadawwan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhiyeessaa jiran
Nov 26, 2026 352
Sadaasa 17/2019 (ENA) : Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti Yaa’ii Idilee 4ffaa bara hojii 1ffaa gaggeessaa jira. 1.Mootummaan Eertiriyaa erga hundaa’ee jalqabee imaammanni inni hordofaa jiru yaada diigumsaa qofa, dogoggora seenaarraa barachuu hindeendeenye, deebiin mootummaa maali? Keessattuu ergamtoota keessaa fayyadamuun guddina diinagdee gufachiisuuf hojjetaa jira, tarkaanfiin fudhatamuu qabu maali dha? 2.Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaa jiru ilaalchisee ibsa osoo kennamee 3.Mariin biyyaaleessaa Itiyoophiyaan gaggeessite waliigaltee waloo uumuuf boqonnaa haaraa baneera. Yaadonni furmaata dhiyaatan hojiirra akka oolaniif qooda fudhattootaa fi mootumamarraa maaltu eegama? 4.Itiyoophiyaan badhaadhinaa hundagaleessa mirkaneessuuf fi bu’uura cimaarratti ijaaruuf, tarsiimoo guddaa 2050 bocuun hojiirra oolcha jirti, Mul’ata tarsiimoo guddaa 2050 yaada keessa galchuun qaroomina biyyaalessaa karaa qindaawaa ta’een hojiira oolchuuf hojmaanni diriire maal fakkaataa? Qaamoolee hundarraa maaltu eegama? 5. Sirna taaksii ammayyeessuun hojimaata badaa to’achuuf hojiin jalqabame alseerummaa akka maqsuuf tarkaanfiin haaraa fudhatamaa jiru maali? 6. Fooyya’iinsi DdinagdeeGooroo taasifame jijjiiramni qabatamaan mul’isaa jiru maali? Qaala’iinsa gatii to’achuuf hojiin hojjetamaa jiru hoo maali? 7. Lakkoofsi Ummataafi Manaa guddina biyyaafi ramaddii bajataaf murteessaa waan ta’eef akka idilaa’uuf maaltu yaadame? 8. Rakkoo nageenyaa darbee darbee mudatu furuuf maaltu akeekame? 9. Haalli nageenyaa ammallee furmaata hin arganne kuni furmaanni isaa maali? 10. Raayyaa Ittisa Biyyaa cimsuuf tekinooloojiin ijaaruufi haala yeroo waliin deemuun yeroo kamillee diinni biyya keenya akka hin diiguuf hin yaalle maaltu hojjetamaa jira? 11. Ummanni Tigraay akkuma naannoolee biroo nagaan akka jiraatuuf qaamolee nageenya naannichaa booressan seeratti dhiyeessuu fi qaamolee seeraan ala so’aa turanii har’a kennatanii mootummaatti makaman jireenya idileetti deebisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Hawaasummaa
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gamoo miidiyaa ittisaa ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwatan
Nov 27, 2026 85
Sadaasa 18/2019 (ENA)- Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa ijaarsisaa haaraa xumuramaa jiruu daawwataniiru. Itaamaajoor Shuumii walii galaa humnoota waraanaa FDRI Fiildi Maarshaaliin Birhaanuu Juulaa gamoo kompileeksii miidiyaa ittisaa haaraa Jaan meedaatti ijaarsisaa xumuramaa jiruu daawwataniiru. Gamoon kompileeksii miidiyaa ittisaa Amajjii bara 2017 ijaarsisaa eegalame xumura baatii kanaa akka xumuramuu fi adeemsa ijaarsa gamoo kanaa ilaalchisuun hoggantootaa fi kontiraaktarootaan ibsi kennameera. Yeroo ijaarsi gamoo kanaa eegalamee kaasee amma ammaatti ogummaa gorsaa fi deeggarsa garagaraa taasisaa kan jiran ogeeyyotaa fi dhaabbilee miidiyaa teeknooloojii ENA, EBC, Faanaa fi OBN galateeffataniiru. Gamoon miidiyaa ammayyaa kun ijaaramuunsaa bakka hojii mijataa uumuun gamatti miidiyaan dhaabbatichaa miidiyaalee arfaniinuu halkanii fi guyyaa osoo addaan hin citiin madda oduu amanamaa ta’ee hojjechuuf yaadamee ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, dhuma baatii kanaatti ni xumurama. Mahaandisiin to’ataa pirojektichaa Injiinar Addaam Baqqalaa gamoon miidiyaa abbaa darbii sadii istuudiyoo ammayyaa shan dabalatee kutaalee fi gurmaa’insa dhaabbanni miidiyaa tokko qabaachuu qabu hammatee ijaaramuusaa dubbataniiru. Pirojektii kana kan gaggeessu wiirtuu tajaajila walii galaa ittisaa yoo ta’u, gorsaan pirojektichaa ammoo konistiraakshinii ittisaa fi dhaabbata diizaayinii ti.
Akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi yeroo gabaabaa keesstti itti to’atte Afriikaaf fakkeenya ta’a
Nov 27, 2026 102
Sadaasa 18/2019 (ENA)- Akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi yeroo gabaabaa keesstti itti to’atte ardii Afriikaa fi biyyoota biroofis fakkeenya ta’uusaa ogeeyyonni yaa’ii fayyaa hawaasaa afriikaa idil addunyaa (CPHIA 2026) 5ffaa irratti hirmaatan ibsan. Yaa’iin fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad banan mata duree “nageenyaa fi birmadummaa fayyaa Afriikaa, cehumsa maxxantummaa fi saaxilamummaa gara abbummaa fi cichoominaatti taasifamu” jedhuun wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Yaa’icharratti kan hirmaatan lammiin biyya Ispeen doktar Maariiyaa Neeyiraa ENA’f akka ibsanitti, akkaataan Itiyoophiyaan weerara dhibee Marbargi itti to’atte ifoomina kan qabuu fi biyyoota biroottis hojiirra kan qabu muuxannoo guddaadha. Keessumaa odeeffannoo wal jijjiiruun dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) waliin raawwatame, deebii saffisaa kennuu fi weeraricha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf dandeettiin agarsiifame dinqisiifannaa guddaa kan malu ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Naamiibiyaa irraa kan dhufte Kileedulaa Jaakoob gamasheetiin, weerara kana ji’a sadii keessatti to’achuu danda’amuun milkaa’ina guddaa ta’uu ibsiteetti. Afrikaanonni waliin ta’uun wal irraa barachuu qofa osoo hin taane, muuxannoowwan argaman hojii irra oolchuu akka qaban dubbatteetti. Hirmaattuun Ministeera Fayyaa Naamiibiyaa Moniikaa Deensii akka jettetti, muuxannoon ijoo Afrikaanonni Itiyoophiyaa irraa fudhachuu qaban, weerara dhukkubaa dursanii adda baasuu fi namoota dhukkubsataa waliin tuttuqaa qaban hordofuun, dhukkubichi osoo hin babal’atiin to’achuudha. Kana milkeessuufis, ardichi yeroo hunda waliin qindoominaan hojjechuu akka qabdu hubachiifteetti. Yaa’ii tumsa Afriikaatti wiirtuu to’annoo fi ittisaa dhukkubootaa (Africa CDC) fi mootummaa Itiyoophiyaan qophaa’e kanarratti namoonni kuma 30 ol biyyoota 100 irraa walitti dhufan hirmaachaa jiru.
Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu hanbisuuf, qindoomina qaamolee haqaafi hawaasa maraa gaafata
Nov 25, 2026 317
Sadaasa 16/2019(ENA): Miidhaa dubartootaarra gahu hambisuuf waggaa waggaadhaan guyyaan riibaanii adii addunyaa ni kabajama.Bara kanas Ayyaanni riibaanii adii akka addunyaatti yeroo 35ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, akka Naannoofi Biyya keenyatti ammoo yeroo 21ffaaf kabajama. Guyyaa har’aas sadarkaa Naannoo Oromioyaatti yeroo 21ffaa mata duree "Miidhamtootaaf haqa, warra yakka raawwateef gaafatamummaa dubartootaafi shamarraniif nageenya" jedhuun kabajamu sababeeffachuun miidhaa dubartootaarra gahu ittisuuf sosochiin guyyoota 16f turu eegalameera. Sosochii guyyoota 16 turu sababeeffachuunis guyyaa har’aa qooda fudhattoota hirmaachisuun mariin paanaalii gaggeeffameera.Sagantaa kanarratti barreeffamni qorannoo Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittiisuu irratti xiyyeeffatu dhiyaachuudhaan hirmaattotaan irratti mariin gaggeeffameera. Biiroo Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Gahoominaafi Sosochii Dubartootaa Aadde Shawaaharag Simee kaayyoon sosochii kanaa qooda fudhattootaa garaa garaa waliin ta’uun hawaasa bal'aa biratti hubannoo uumun miidhaa qaqqabu hambisuuf ta’uu ibsaniiru. Ayyaana riibaanii adii kabajamu sababeeffachuunis Miidhaa koorniyaa qaqqabu ittisuuf guyyoota 16 itti aananiif qindoomina qooda fudhattootaan sosochiin kan taasifamu ta’uus ibsameera. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa Afriikaa keessatti ijaaruuf muuxannoo guddaadha
Nov 25, 2026 204
Sadaasa 16/2019(ENA)- Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa ijaaruu fi fayyaa hawaasaa eeguuf biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo guddaa ta’uu hirmaattonni yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunaa 5ffaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa 5ffaa (CPHIA 2026) Sadaasa 24 amma 18 bara 2019tti gaggeeffamu ifatti banuunsaanii ni beekama. Yaa’ii Finfinnee wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamurratti namoonni biyyoota 100 ol irraa dhufan kuma 30 ol hirmaachaa jiru. Yaa’iin Fayyaa Afriikaatti sadarkaa Ardiitti guddaa ta’e oolmaa guyyaa lammaffaa kaleessaatiin mata duree “qophaa’ummaa ardii, dandeettii ittisuu fi deebii kennuu dhaabbatummaa gochuu” jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera. Hirmaattota keessaa Senegaalirraa kan dhufan Sheyik Siidiiyaa Gayee ENAtti akka himanitti, yaa’ichi birmadummaa fayyaa hawaasaa ardichaa mirkaneessuuf dandeettii guddaa uuma. Qulqullinni, miidhaginnii fi nageenyi daandilee Finfinne qalbii kan nama hawatu miidhagaa ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afriikaa hedduu arguusaanii fi kan akka Finfinnee kan isaan raajeffachiise akka hin jirre, biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo akka ta’u dubbataniiru. Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr. Ruut Saaboo gamasaaniin, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuunshee bu’aa dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Magaalattiin jijjiirama kanarra gahuusheef kutannoo agarsiisaniif ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi mootummaasaanii galateeffataniiru. Misoomni magariisaa Finfinnee,tarkaanfiin imaammataa fi itti fayyadamnii fi akkaataan pilaastikni itti dhabamsiifamu fi bu’uraaleen misoomaa Itiyoophiyaan galmi haala qilleensaa idil addunyaa akka milkaa’u kutannooshee kan agarsiisudha jedhaniiru. Bifni magaalaa Finfinnee nageenya teessuma lafaa magaalota Afriikaa hedduuf barumsa guddaa kan dabarsudha kan jedhan ammoo Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr.Efosa Ezam jedhamu. Bakka qulqulluu jiraachuun jireenya fayyaa ummataaf gonfachiisuurra darbee hawaasni jireenya gaarii akka jiraatua, akka badhaahduu fi bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi magaalaa Finfinnee biyyoota Afriikaa biroof barumsa guddaa akka ta’u dubbataniiru.
Diinagdee
Ulaa galaanaa argachuun Itiyoophiyaaf maaliif dirqama ta'e?
Nov 27, 2026 136
Fedhii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf qabduu fi bu'uuraalee seenaa, seeraa akkasumas teessuma lafaa ilaalchisee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad waltajjiiwwan adda addaa irratti ibsa kennaniin, dhimmi ulaa galaanaa kun jiraachuu biyyaaf, guddina dinagdee fi nageenya naannawaa mirkaneessuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti bara dheeraaf fayyadamtuu fi abbaa ulaa Galaana Diimaa taatee turuu ishee galmeewwan seenaa ni agarsiisu. Haa ta'u malee, jijjiirama siyaasaa bara 1983 A.L.I. uumamee fi foxxoquu Eertiraa hordofee, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabdee addunyaa irratti biyya baay'ina ummataa olaanaa qabduu fi ulaa galaanaa hin qabne taateetti. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad miseensota mana maree bakka bu'oota ummataa fi waltajjiiwwan marii adda addaa irratti haasaa taasisaniin, baay'inni ummata Iiytoophiyaa miliyoona 130 ol ga'uu isaa fi waggoota kurnan dhufan keessatti gara miliyoona 150tti akka guddatu eeruun, biyya ummata kana qabdu ulaa galaanaa malee tursuun akka hin danda'amne dubbataniiru. Teessuma lafaatiinis Itiyoophiyaan qarqara Galaana Diimaa irraa fageenya dhihoo irratti argamuu ishee, dhimmi kun haqa qabeessa akka ta'u kan taasisu ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuu isheetiin kan ka'e waggaa waggaan kaffaltii kiraa buufataa fi tajaajila geejjibaatiif sharafa alaa biiliyoonaan lakkaa'amu baasti. Ulaa galaanaa dhabuun rakkoo dinagdee, nageenyaa fi birmadummaaf saaxilu irra darbee, dorgomtummaa daldala alaa fi keessaa ni daangessa. Keessattuu biyyattiin imala badhaadhinaa milkeessuuf ulaa galaanaa mataa ishee argachuun dirqama. Dabalataanis, naannoon Galaana Diimaa fi Garba Hindii dorgommii ji'oo-poolitikaa humnoota gurguddoo addunyaa ta'aa dhufuun isaa gama nageenyaatiin walqabatee rakkoo kan qabudha. Itiyoophiyaan naannichatti gahee barbaachisaa akka bahattuu fi faayidaa ishee akka kabachiifattuuf abbummaan ulaa galaanaa murteessaadha. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad kaleessa gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'eef deebii yoo kennanis, gaaffiin abbaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa karaa nagaa, marii fi bu'uura kennanii fudhachuu irratti kan hundaa'e ta'uu irra deddeebiin ibsaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane waliin guddachuuf ta'uus dubbataniiru. Itiyoophiyaan mootummaa Eertiraa waliin dameewwan misoomaa garaagaraatiin waliin hojjechuuf carraaqqii olaanaa taasisuu ishee ibsaniiru. Keessattuu yaadni sarara elektirikii baasii Itiyoophiyaatiin galchuu, akkasumas daandii fi buufata doonii ijaaruu dhiyaatus deebiin gaariin argamuu dhabuu isaa eeraniiru. Itiyoophiyaan hojiiwwan misoomaa walootiif yaada, maallaqaa fi humna kan gumaachitu ta'uu ibsuun; kanaan alatti Eertiraa irratti weerara raawwachuuf karoora akka hin qabnee fi dhimmi kun karaa nagaa fi mariitiin kan furamu ta'uu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan barbaaddu warra kaan miidhuuf yookaan saamuuf osoo hin taane, muuxannoo Joordaan Sa'uudii Arabiyaa waliin, Iraaq akkasumas Poolaand Waraana Addunyaa Lammaffaa booda argatan karaa nagaa fi seera qabeessa ta'een hojiirra oolchuudhaan waliin guddachuuf ta'uu ibsaniiru. Fedhiin ulaa galaanaa nageenya, dinagdee fi tarsiimoo dhaloota dhufuu mirkaneessuu akka ta'etti fudhatama. Fedhii kana dhugoomsuuf tattaaffiin taasifamu tasgabbii naannoo kan eegsisu, birmadummaa biyyoota ollaa kan kabajuu fi karaa dippilomaasii misooma waliinii irratti hundaa'een hoogganamuun isaa nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatiif gahee murteessaa qabaata.
Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu - Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa
Nov 27, 2026 83
Sadaasa 18/2019 (ENA): Pirojektoonni labsii Gubaa Itiyoophiyaa birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuun qaroomina haaraa bocuuf dandeettii guddaa qabu jedhan Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 1ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa irratti argamuun gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasaniif ibsaafi deebii kennaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, dhaadannoo “Biyya Guddaa, Ummata Guddoo, Mul’ata Guddaa” jedhuun hojjetamaa kan jiran pirojektoonni labsii Gubaa pirojektoota misoomaa gurguddaa dandeettii Itiyoophiyaa agarsiisanii fi fedhii misoomaa ishee guutan ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni gurguddoon kunneenis Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, Gaasii Uumamaa Ogaaden, misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5, humna niwukilaraa fi ijaarsa Warshaa Xaa’oo Biyyee Godee kan dabalatudha. Naannoo Somaaleetti Pirojektiin Gaazii Uumamaa Ogaaden warshaalee seraamiksii biyya keessaa fi otoobisoota magaalaa Finfinnee, madda anniisaa ta’ee tajaajilaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu gargaarsa hubannoo namtolchee ammayyaatiin ijaaramaa jiraachuu fi filannoo iddoo jalqabaa xumuramuu fi caalbaasiin ijaarsa daandii balalii kanaa adeemsifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Warshaan Xaa’oo Biyyee Godee mana jireenyaa hojjettootaa gara kuma 18 dabalatee to’annoo dhiyeenyaan kan ijaaramaa jiru ta’uu fi akkaataa sagantaa misooma mana jireenyaa miiliyoona 1.5 kan dandeettii lammiileen kaffaltii humna isaanii madaalu kaffaluun argatan hojiin isaa bifa ammayyaan hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Dhimma kanarratti yaada isaanii ENA’f kan kennan miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka jedhanitti, pirojektoonni labsii Gubaa Ityoophiyaaf fayyadamummaa waliigalaa lammiilee ishee guddisuun dandeettii guddina olaanaa qabaachuu ishee ibsa jedhani. Miseensota mana marichaa keessaa aadde Addis Alamaayyoo akka himanitti, pirojektoonni gurguddaan kun yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa raawwii gaarii irra gahuun mul’ata Itiyoophiyaa fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf ragaadha jedhan. Miseensi mana maree kan biraa Aadde Abiyoot Dallalanyi gama isaaniitiin gahumsi ijaarsa guyyaa fi halkanii hojjechuu pirojektoonni kun duudhaa hojii seena qabeessa ta’ee fi dandeettii Itoophiyaan raawwachuu agarsiise ta’uu ibsani. Miseensi Mana Maree obbo Saamson Wondimmeenee himanitti, mul’anni mootummaa Ida’amuu Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuuf qabu jalqabbii misoomaa tarsiimootiin cimsee ta’uu agarsiisa jedhani.
Magaalaa Jimmaatti Ji'oota Afran Darban keessatti Intarpiraayizoonni 700 ol gara hojiitti seenani
Nov 27, 2026 90
Sadaasa 18/2019 (ENA): Ji’oota afran darbanitti Intarpiraayizoota 702’f deeggarsa barbaachisu taasifamee fi gara hojiitti seenuu isaanii Waajjirri Intarpiraayizii fi Industirii magaalichaa beeksise. Naannoo Oromiyaa keessatti dargaggoota gurmeessuu, bakka hojii mijeessuu, maashinii liiziin kennuu fi liqii kennuudhaan carraa hojii uumuu fi hoji dhabdummaa hir’isuun xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa jiraachuu himameera. Keessattuu gatii oomisha qonnaa guddisuu fi dhaabbilee horsiisa beeyladaa fi lukkuu irratti gurmaa’an deeggaruun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qaama tattaaffii misooma kanaati. Godina kibba Lixa Oromiyaa magaalaa Jimmaatti gaggeessaan garee carraa hojii uumuu Waajjira Intarpiraayizii fi Industirii obbo Ashannaafii Girmaa ENAtti akka himanitti, bara baajataa kana hanga ammaatti intarpiraayizoota kanneen keessatti dargaggoonni 4,582 uumamuu isaanii ibsaniiru. Mootummaan bakka hojii fi liqii, akkasumas leenjii yeroo gabaabaa dameewwan birootiin akka kennan ibsaniiru. Itti dabaluunis intarpiraayizoonni hojii eegalan 702 industirii, horsiisa beeyladaa fi lukkuu fi dameewwan adda addaa birootiin kan gurmaa’an ta’uu ibsaniiru. Kanarraa kan ka’e waldaalee 212’f walitti hidhaminsi gabaa cimaan kan uumame yoo ta’u, kanneen hafan deeggaruuf hojjetamaa jira jedhan obbo Ashannaafiin. Jiraattonni magaalaa Jimmaa Sitiinaa Huseen fi hiriyyoonni isaanii kanaan dura hojii dhabaa akka turan eeruun, deeggarsa bulchiinsa magaalichaa irraa argataniin bara kana hojii eegaluu dubatanaiiri. Daldalli isheenii fi hiriyyoonni ishee garee namoota afuriin jalqaban kun namoota 15’f carraa hojii uumeera jette. Dargaggoota warshaa kana keessatti carraa hojii argatan keessaa Ra’iis Xahiir fi Misraa Nagaash yoo ta’an, hojii dargaggoonni kunniin uuman warreen kaaniif abdii ta’uu eeranii, hojii hojjechaa jiraniin ofii fi maatii ofii gargaaraa jiraachuu dubbatan. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti biirrii biiliyoona 19 ol walitti qabe
Nov 27, 2026 127
Sadaasa 18/2019 (ENA) :Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa 2019 hanga ammaatti galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabuu isaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksise. Tarsiimoon Bulchiinsi Magaalaa Shaggar dandeettii galii keessoo isaa guddisuun baasii isaa ofumaan of danda’uu irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera. Kaayyoo kana galmaan ga’uuf Waajjirri Galii magaalichaa bu’uura gibiraa babal’isuuf, sirna sassaabbii gibiraa dijitaalaa hojiirra oolchuuf, gibira kan dhoksa fi daldala seeraan alaa to’achuuf haaromsa hojiirra oolchaa tureera. Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa 2019 hanga ammaatti galii Birrii biiliyoona 19 ol walitti qabuu isaa waajjirri galii magaalichaa beeksiseera. Akka itti gaafatamaan waajjirichaa, obbo Malkaamuu Abawu, ENA waliin turtii taasisaniin himanitti, Shaggar bara bajataa kana keessatti galii idilee, bulchiinsa magaalaa fi keessoo irraa waliigalatti Birrii biiliyoona 65 walitti qabuuf karoorfatee hojiitti galeera jedhani. Bara bajataa kana keessatti hanga ammaatti hojii qindoominaan hojjetameen birrii biiliyoona 19 ol walitti qabamuu ibsaniiru. Leenjiin hubannoo kaffaltoota gibiraa fi babal’inni itti fayyadama teeknooloojii milkaa’ina galmaa’eef gumaacha olaanaa taasiseera jedhan itti gaafatamaan kuni. Gama biraatiin hojii hordoffii fi to’annoo qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun daldaltoota hojii seeraan alaa irratti bobba’an 400 tokkoon tokkoon isaanii Birrii kuma 100 adabamaniiru jedhan. Kana malees, daldaltoonni boba’aa seeraan alaa to’annoo jala ooluu fi qoratamaa akka jiran obbo Malkaamuun ibsaniiru. Kutaa magaalottii adda addaa keessatti boba’aa seeraan ala kan daldalan irrattis hordoffiin qindoominaan gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, daldaltoota hojii seeraan alaa keessatti hirmaatan gara sirna seeraatti galchuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhani. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Saayinsii fi teeknooloojii
Diijitaal Itiyoophiyaa: Imala Itiyoophiyaa Bu’urarraa Jijjiiraa Jiru
Nov 25, 2026 314
Imalli jijjiirama diijitaalaa Itiyoophiyaan dinagdee ammayyaa teeknooloojii fi kalaqa irratti hundaa’e ijaaruuf eegalte, yeroo ammaa kana saffisa olaanaa fi bu’aa qabatamaa ta’een gara fuulduraatti furgugga’aa jira. Tarsiimoo ‘Diijitaal Itiyoophiyaa’ jedhamu bu’uura godhachuun, akkasumas galmoota dinagdee diijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan jalqabaman, kenniinsa tajaajilaa, sirna faayinaansii fi misooma humna namaa biyyattii bifa jijjiiraa jiru. Jijjiirama saffisaa kanaaf mootorri cimaan inni guddaan xiyyeeffannoo olaanaa fi kutannoo imaammataa mootummaan damee kanaaf kenneedha. Damee telekoomii dorgommiif banaa gochuurraa kaasee, hanga bu’uuraalee seeraa dinagdee diijitaalaatiif mijatoo ta’an raggaasisuutti tarkaanfiiwwan fudhataman, dhaabbileen dhuunfaa fi dhaabbileen teeknooloojii idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’aniif balbala bananiiru. Bu’uuraalee misoomaa babal’isuun dhaqqabummaa intarneetii guddisuun immoo imala diijitaalaa kanaaf lafee dugdaa ta’ee tajaajilaa jira. Itiyoophiyaan mul’ata Afrikaa keessatti damee hubannoo namtolcheetiin (AI) adda duree ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun ishii boqonnaa seenaa guddaadha. Inistiitiyuutichi damee qonnaa, fayyaa, faayinaansii fi nageenyaa irratti furmaatawwan teeknooloojii biyya keessaa misoomsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Milkaa’ina kana itti fufiinsaan mirkaneessuu fi damee kana beekumsa gadi fageenya qabuun hoogganuuf immoo, Yuunivarsiitii hubannoo namtolchee of danda’e hundeessuuf jalqabbii eegalamuun ishii, Itiyoophiyaan teeknooloojii kan fayyadamtuu qofa osoo hin taane, biyya teeknooloojii maddisiiftuu taatee dhaabbachuuf kutannoo qabdu agarsiisa. Teeknooloojiin humna namaa gahaa fi gahumsa qabu malee bu’a-qabeessa ta’uu hin danda’u. Kana kan hubate imalli Diijitaal Itiyoophiyaa, dargaggoota ogummaa diijitaalaa ammayyaatiin gahoomsuuf sochii bal’aa uumeera. Lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman koodingii (coding), daataa saayinsii fi beekumsa diijitaalaa bu’uuraatiin leenjisuuf sagantaawwan biyyaalessaa jalqabaman adeemsa dhaloota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e uumuu saffisiisaniiru. Bu’aan jijjiirama diijitaalaa jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti ifatti mul’achuu jalqabeera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo "Masoob" lammiileen tajaajiloota mootummaa garaagaraa baaxii tokko jalatti, sirna si’ataa teeknooloojiidhaan deeggarame akka argatan kan taasisu yoo ta’u, biirookraasii hir’isuun kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessaa jira. Sirnoonni daddabarsa maallaqaa moobaayilaa fi kaffaltii diijitaalaa kanneen akka Telebirrii fi filannoowwan diijitaalaa baankii biroo yeroo gabaabaa keessatti lammiilee miliyoonota fayyadamtoota sirna faayinaansii taasisaniiru. Bittaa fi gurgurtaan maallaqa callaa malee (Cashless) raawwatamuun baratamaa dhufuunsaa sochii daldalaa saffisaa, iftoomina qabuu fi hammataa taasiseera. Bu’uura dinagdee diijitaalaa kan ta’e waraqaan eenyummaa diijitaalaa biyyaalessaa ‘Fayidaa’, imala diijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa bahachaa jira. Sirna odeeffannoo baayoomeetiriiksiitiin deeggarame, lammiileen tajaajila baankii, inshuraansii fayyaa, barnootaa fi tajaajiloota mootummaa haala amansiisaa fi salphaa ta’een akka argatan dandeessiseera. Saffisni hojiirra oolmaa, hammattummaanii fi sadarkaan teeknooloojii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Fayidaa Itiyoophiyaa bira darbee biyyoota Afrikaa fi biyyoota guddinarra jiran biroof akka muuxannoo gaarii fi fakkeenyaatti sadarkaa eeramu irra gaheera. Sochiin waliigalaa Itiyoophiyaan damee teeknooloojiitiin jalqabde kun, biyyattii hojimaata duubatti hafaa keessaa baasuun, mul’ata Afrikaa keessatti fakkeenya dinagdee diijitaalaa ta’uuf qabdu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomsitu ifatti agarsiisa.
Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii nicimsu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 24, 2026 268
Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii akka cimsan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa 5ffaa cinaatti hat’a itti aantuu pirezidaantii Yugaandaa Jeesikaa Alluuppoo waliin inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru. Hubannoo namtolcheen birmadummaa teeknooloojii, guddina misoomaa fi qormaatilee misoomaa Afriikaa furuuf dandeettii guddaa akka qabu itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniirratti barreessaniiru. Dandeettii kana guddisuuf afaanota, beekumsaa fi haqa keenya bu’uureffachuun teeknooloojii hojjechuu, dandeettii qorannoo fi kalaqaa keenya cimsuu gaafata jechuun ibsaniiru. Hubannoon namtolchee dame fayyaatiin dandeettii ogeeyyotaa deeggaruunii fi tajaajila fooyyessuun gumaacha guddaa akka qabaatu dubbataniiru. Kanaaf ammoo kitaabota haala Afriikaan wal siman qopheessuu fi nageenya odeeffannoo mirkaneessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee qorannoo fi barnootaa irratti hundaa’uun, Yugaandaa fi biyyoota Afriikaa biroo waliin tums agama teekinooloojii, qorannoo waloo fi wal jijjiirraa beekumsaatiin cimsuun guddina waloof murteessaadha jechuun itti aanaan ministira muummee ibsaniiru.
Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabamuu qaba
Nov 24, 2026 315
Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabuun akka barbaachisu inistiitiyuutiin miitiiyorooloojii Itiyoophiyaa hubachiise. Inistiitiyuutichi raaga haala qilleensaa fi yaada furmaataa Novambar 21-30 fi Disambar 1-10/ 2026 jiru ifoomseera. Waggoota 10 darban bakkeewwan bonni yeroo rooba yeroo lammataaf argatan kibbaa fi kibba bahaatti akkasumas kibba lixaa, Kaaba, Kaaba lixaa,jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaa Novambar 11 amma 20/2026tti duumessii fi roobni jiddu galeessarraa amma olaanaan galmaa’uusaa ibseera. Keessumaa sa’aatii 24 keessatti bakkeewwan 23 rooba olaanaa galmeessisan keessaa Adoolaa mm.77.6, Bilaattee mm.59.4, Maayicawu mm.58.8 akkasumas Yaa’aballoo mm, 56.7 ni eeramu. Haalli qilleensaa darbe dameewwan qonnaa fi bishaaniirratti miira wal makaa uumuusaa gabaasichi ifoomseera. Ciidhi kun walakkeessa kibbaa, Booranaa fi Gujiitti midhaan facaafamanii fi marga loonii fi bishaan dhugaatiif akkasumas midhaan dheedhiif haala gaarii uumullee, bakkeewwan midhaan sassaabiif qaqqabe Kaaba, Kaaba bahaa fi jiddugaleessatti roobni yeroo malee amma tokko rakkoo uumeera. Gama bishaaniitiin Oomoo Gibee, Baaroo Akooboo, Gannaalee Daawwaa, Sulula qinxaamaa, abbayyaa gara gubbaa fi jiddu galeessaa akkasumas sululli Takazee gara gubbaa bishaa lafarraa xiqqaarraa amma olaanaatti waan argataniif qabeenya bishaaniif gumaacha taasiseera. Novambar 21 amma 30/2026tti kan jiru guyyoota Novambarii kudhan jiran kan guyyaa sadaffaa,bonni yeroo rooba lammaffaa itti argatan Boorana, Boorana Bahaa, Gujii Lixaa, Gujii, Baalee Bahaa, Sidaamaa akkasumas Somaalee fi godinaaleen kibba Itiyoophiyaa gara kibbatti argaman rooba fooyya’aa akka argatan raagameera. Kibba, Kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee kan roobu yoo ta’u, kibba lixaa, Kaaba lixaa, jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaatti xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti roobni hin eegamne ni rooba. Kana malees Jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’i halkanii fi gara barii xiqqaan darbee darbee digirii seelsheesii 5 gadi akka ta’u eerameera. Dissambar 1 amma 10/2026tti bakkeewwan bonni yeroo rooba lammata itti argatan haalli roobaa kan itti fufuu fi kibba, kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee akka roobu beekameera. Lixa, Kaaba lixaa fi Kaaba bahaatti roobni yeroo malee xiqqaan kan roobu yoo ta’u, jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’Iixiqqaan digirii seelsheesii 5 gadi ta’uun qorri halkanii fi barii darbee darbee akka cimu raagameera. Qonna ilaalchisee yaada furmaataa kennameen keessaa, ciidhina argamu itti fayyadamuun bishaan roobaa kuusuu, marga loonii kunuunsuu, akkasumas baddaatti aramaa balleessuu fi midhaan dheedhii hordofanii guddisuun keessatti argamu. Bakka roobni yeroo malee roobutti guyyaa caamaan oolu midhaan walitti qabuun tuuluu akkasumas dhibee waagii ittisuuf oyiruu hordofuun akka barbaachisu inistiitiyuutichi hubachiiseera. Bishaan ilaalchisee Novambar 21 amma 30/3026tti sulula qinxaamaa, oomoo gibe fi baaroo akooboo gara gubbaatti bishaan lafarraa jiddu galeessarraa amma olaanaatti akka eegamu gabaasichi ibseera. Haala Kanaan hidhawwanii fi bishaan laggeenii hordofuu, bishaan roobaa kuusuu, bo’oo dhangala’aan keessa darbu qulqulleessuu, akkasumas dhiqama biyyee, dalalii fi karaa dhangala’aan keessa darbu akka hin cufamne dursuun to’achuun akka barbaachisu yaadni furmaataa dhihaateera.
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 1312
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Ispoortii
Qananiisaa Baqqalaa Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran Seenaa gabaaba
Nov 25, 2026 348
Naannoo Oromiyaa keessaa bakkeen madda Atileetota hedduu eessa? Gaaffii jedhu deebisuuf itti yaaduu waan barbaachisu nutti hin fakkaatu. Atileetota bakka kanaa maddan eenyu fa’I beektu gaaffii jedhus tarreessuun ulfaataa miti. Kana erga jennee booda mee gara dhimma kaaneefitti yoo deebinu. Bakkisaa godina kibba baha Oromiyaa aanaa Boqojjii warri jettan hundi keessanuu sirrii jettan. Atileetota achirraa maddan keessaa--- jettanii warra tarreessitan keessaa har’a atileetii addunyaarratti irra dddeebi’uun meedaaliyaa warqee mo’ate, riikardii fiigicha dheerina meetira 5,000 fi 10,000 ammallee of harkaa qabu seenaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa isin biraan geenya. Atileet Qananiisaa Baqqalaa atileetii fiigicha dheeraa Addunyaan isa beektu fi Itiyoophiyaan itti boontudha. Seenaa gabaabaa fi injifannoo isaa gurguddoo kunoo. Dhaloota Qaxaleen ilmaa keessumaa fiigicha meetira 5,000 fi 10,000 fi Maaraatooniin maqaa Itiyoophiyaa addunyaarratti waamsise atileet Qananiisaan Waxabajii 13 bara 1982 godina kibba baha Oromiyaa aanaa Arsii Boqojjiitti maatii qonnaan bulaarraa akka dhalate odeeffannoowwan garagaraa raga bahu. Fedhii ijoollummaa Qananiisaa Baqqalaan ijoollummaasaatti gara fuulduraatti doktara, barsiisaa ykn hojjetaa mootummaa ta'uu hawwa ture malee atileetii ta'uuf karoora hin qabu ture. Ispoortiis taanaan fedhiinsaa jalqaba kubbaa miilaa taphachuu ture. Yeroo barataa ture fageenya dheeraa miilaan deemee mana barumsaa dhaquun isaa gara ispoortii fiigichaatti akka galu ka’umsa ta’eef. Kana malees deeggarsa barsiisaa ispoortii mana barumsaa isaatii fi injifannoo atileetota akka Daraartuu Tulluu fi Haayilee Gabrasillaasee irraa onnatee gara ispoortii fiigichaatti akka seene odeeffannoowwan ni mirkaneessu. Barsiisaan ispoortii mana barumsaa inni keessatti baratuu dandeettii fiigichaa Qananiisaan qabu hubatee kubbaa miilaa cinaatti fiigicha irratti akka xiyyeeffatu isa jajjabeessaa ture. Injifannoo Daraartuu Tulluu, Hayilee Gabrasillaasee fi Faaxumaa Roobaa addunyaarratti galmeessisan ammoo kaka’umsa guddaa keessasaatti uume. Gara dorgommiitti seenuu Fedhiin Qananiisaan ispoortii fiigichaaf qabu dabalaa dhufe. Kophee fiigichaallee osoo hin qabaatiin miila duwwaa shaakalaa fi dorgommiiwwan naannoo irratti hirmaachuu eegale. Injifannoowwan dorgommii kanneenirratti argateen yeroo jalqabaaf bara 1999 maatiin isaallee dorgommiirratti akka hirmaatu osoo hin beekiin dorgommii qaxxaamura biyyaa Finfinnee Jaan Meedaatti Oromiyaa bakka bu'ee injifachuusaa ollaatu oduuu irraa dhaga’ee maatiitti hime. Gara Kilabiitti makamuu Milkaa'ina dorgommii naannoo fi dargaggootaa bara 1998-1999 irratti agarsiiseen leenjisaan beekamaan Tolasaa Qottuu isa filachuun gara kilabii Warshaa Simintoo Mugaritti akka makamu taasise. Sana booda bara 1999 fi 2000 dorgommiiwwan addunyaa irratti meedaaliyaa meetii argachuun seenaa injifannoo addunyaa isaa eegale. Injifannoo Gurguddoo fi Riikardii Olompikii Ateensi bara 2004 Qananiisaa Baqqalaa dorgommii Olompikii Giriik, Ateensi bara 2004 gaggeeffamerratti irratti fiigicha meetira 10,000niin meedaaliyaa warqee, meetira 5,000niin ammoo meedaaliyaa meetii argateera. Sa’aatiin inni meetira 10,000 ittiin xumures daqiiqaa 27:05:10 ta'uun riikardii Olompikii haaraa yeroo sanaa ta’uun galmaa’eera. Dorgommii kanarratti atileetonni 10,625 gosoota ispoortii 28’n akka hirmaatan odeeffannoowwan ni mul’usu. Olompikii Beejiingi bara 2008 Olompikii Beejiingi bara 2008 gaggeeffamerratti atileetonni 10,942 gosoota ispoortii 28’n hirmaataniiru. Qaxaleen ilmaa Qananiisaa Baqqalaa fiigicha meetira 10,000 fi 5,000niin dorgomtoota hunda of duubatti hambisuun tokkoffaa bahee Itiyoophiyaaf warqee lama maqaasaatiin galmeessiseera. Olompikii Landan bara 2012 Atileet Qananiisaa Baqqalaan Olompikii Landan 2012 atileetonni 10,568, gosoota ispoortii 26’n hirmaatanirratti 4ffaa bahuun xumureera. Olompikii Paariis bara 2024 Olompikiin Paariis bara 2024 Faransaayi, Paarisitti kan gaggeeffame yoo ta’u atileetonni 10,500 gosoota ispoortii 32’n dorgomaniiru. Atileet Qananiisaa wagga 12 booda dorgommii Maaraatooniirratti hirmaateera. Atileet Qananiisaan dirree Olompikiirratti meedaaliyaa warqee 3 fi meetii 1 walumaa gala meedaaliyaa 4 biyyasaaf argamsiiseera. Shaampiyoonaa Atileetikisii Addunyaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa dorgommii fi injifannoon inni addunyaarratti galmeesise dorgommii olompikiin qofaan kan daangeffame miti. Dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa meetira 10,000 bara 2003 haga 2009tti gaggeeffaman 4 irratti si'a afur walitti aansean mo'ateera. Akkasumas shaampiyoonaa addunyaa meetira 5,000 fi 10,000 mo’achuun seenaa hojjeteera. Shaampiyoonaa Addunyaarratti walumaa gala Meedaaliyaa warqee 5 fi nahaasaa 1 argateera. Riikardii Addunyaa Odeeffannoowwan garagaraa akka mirkaneessanitti atileet Qananiisaa Baqqalaa anga ammaatti riikardii addunyaa meetira 5,000 mana keessaa daqiiqaa 12:37.35niin xumuree riikoorsii akka of harkaa qabu ni beekama. Shaampiyoonaa Addunyaa irratti kilomeetira 12n si'a ja'a, kilomeetira 4’n si'a afur mo'ateera. Gara Maaraatooniitti Ce'uu Qananiisaa Baqqalaan Ebla 6, bara 2014 dorgommii Maaraatoonii Paaris irratti hirmaachuudhaan gara maaraatooniitti cehe. Dorgommii Paaris sa’aatii 2:05:04’n xumuruun tokkoffaa bahee riikardii dorgommichaa case. Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti bara 2014 irraa egalee amma bara 2025tti maaraatoonii idil addunyaa 20 irratti hirmaateera. Kanneen keessaa 13 xumureera. Kanneen xumure keessaa maaraatoonii Paaris tokkoffaa, maaraatoonii Barliin al lama tokkoffaa bahuun Itiyoophiyaaf meedaaliyaa Warqee argamsiiseera. Seenaa Qananiisaa irraa maal baranna? Seenaa atileet Qananiisaarraa Cichoomina, kufanii ka’uu fi kaayyoo qabataniif amanamummaan hojjechuu baranna. Qananiisaan haalli mijataan osoo hin jiraatiin shaakalli fiigichaa bakka dhalootasaa Boqojjiirraa eegale sadarkaa addunyaatti akka beekamuu fi Itiyoophiyaan akka beekamtu taasiseera. Milkaa’inni obsaan cichanii hojjechuurraa akka argamu seenaan atileet Qananiisaa Baqqalaa waan guddaa nu barsiisa. Yeroo hedduu miidhama qaamaatiin dorgommii irraa fagaatus, abdii osoo hin kutatiin shaakalatti deebi'uun bara 2019 Maraatoonii Barliin sa'aatii 2:01:41tiin mo'ateera. Kufaatiin jiraatus bakka kufanii ka’anii kaayyoo ka’aniif galmaan gahuun akka danda’amu seenaa atileetii kanarraa argineerra. Atileet Qananiisaa Baqqalaa adeemsa itti jirru keessatti umriin nu daangessuu akka hin qabne agarreerra. Atileetiin kun wagga 40 boodallee dargaggoota waliin dorgommiiwwan gurguddoo irratti hirmaachuun kutannoon jiraannaan umriin akka nama hin daangessine nu agarsiiseera. Dargaggoonni biyya keenyaa cichoominaa fi cimina atileet Qananiisaa Baqqalaarraa waan guddaa barachuun akkuma isaa ofis biyyas addunyaarratti beeksisuuf kennaa keenya beeknee, cichoominaa fi obsaan haa hojjennu. Qaxalee keenya atileet Qananiisaa Baqqalaa umrii dheeraa hawwinaaf!
Ispoortiin ibsituu aadaa, duudhaa fi eenyummaa ummata Oromoo keessaa aadaa isa tokko ta’uun ibsame
Nov 25, 2026 169
Sadaasa 16/2019(ENA)-Ispoortiin aadaa ibsituu aadaa Oromoo dhaloota sammuu fi qaamaan jabaatee sochii hawaas-dinagdee keessatti dammaqinaan hirmaatu horachuuf gumaacha olaanaa akka qabu itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara damee misooma Baadiyyaa Magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaaf i Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa kutaa Magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa ture Kutaan Magaalaa Furii Shaampiyoonaa walii galaa ta'uun har'a xumurameera. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaafi Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa kutaa Magaalaa Sabbataatti gosoota Ispoortii 10n kutaalee magaalichaa 12 giddutti gaggeeffamaa turreera. Itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara damee misooma Baadiyyaa Magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu Magaalaan Shaggar magaalaa eegeree, ammayyaa fi Wiirtuu siyaasa Oromoo akka taate ibsaniiru. Magaalichatti aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa Ummata Oromoo dagaagsuu fi beeksisuun madda dinagdee fi turizimii taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru himaniiru. Ispoortichi dhaloota sammuu fi qaamaan jabaatee sochii hawaas-dinagdee keessatti dammaqinaan hirmaataan horachuuf gumaacha olaanaa akka qabuus dubbataniiru. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimmoota Gurmaa'insa Ummataa Magaalichaa aadee Liidiyaa Caalii, dorgommii Ispoortii aadaa fi feestiivaala aadaa gaggeeffameen Ispoorteessitoota ciccimoo Magaalaa Shaggar bakka bu'an akka filataman kaasaniiru. Ispoorteessitootni filataman duudhaa, safuu fi naamuusa guddummaa Oromummaa calaqqisuun dorgommii sadarkaa naannoo Oromiyaatti taasifamu irratti hiraachuun maqaa Magaalaa Shaggar waamsisuuf of qopheessuu akka qaban aadde Liidiyaan hubachiisaaniiru. Dorgommii Shaampiyoonaa Ispoortiiwwan Aadaa fi Feestivaala agarsiisaa aadaa marsaa 4ffaa gaggeeffamaa tureen Kutaa Magaalaa Furii 1ffaa bahuun Shaampiyoonaa walii galaa kan ta'e yoo ta'u; Kutaan Magaalaa Galaan Guddaa 2ffaa, Kutaan Magaalaa Galaan 3ffaa ta'uun badhaafamaa geebaa ta'uun waldorgommichi goolabameera.
Manni murtee waldhabdee Ispoortii furu Senegaal shaampiyoonaa waancaa Afriikaa taatee akka itti fuftu murteesse
Nov 24, 2026 248
Sadaasa15/2019(ENA)- Manni murtee waldhabdee Ispoortii keessatti uumamu karaa waliigalteen furu Senegaal shaampiyoonaa waancaa Afriikaa taatee akka itti fuftu murteesseera. Murteen kun kan kenname tapha xumuraa waancaa Afriikaa 35ffaa gaggeeffamerratti Senegaal Moorookoo mormuun dirree gadi lakkiftee erga baatee booda sa’aatii dabalataan kan mo’atte konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa (Kaaf)injifannicha garagalchuun Moorookoof injifannoo galchii 3 fi 0 erga kennee booda waldhabdee ka’eenidha.
Humni Qilleensaa dandeettii dhaabbilee ammayyaa ijaaruun milkaa'ina kallattii hedduu galmeessisaa jira - Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Nov 24, 2026 218
Sadaasa 15/2019 (ENA): Humni Qilleensaa Itoophiyaa ergama birmadummaa fi nageenya biyyattii eeguu bu’a qabeessa ta’een ba’uu bira darbee hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu fi badhaadhina waliigalaa hundaaf kutannoo qabu dammaqinaan agarsiisaa jiraachuu Hogganaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardasaa himan. Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Sababeeffachuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojjii jabanaa hidhachuu fi humna namaa gahoomsuun haleellawwan biyya keenyaarratti yaalaman fashaleessuun seenaa hojjetaa jira jedhan. Guyyaan hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa mata duree” Gaachana Samii Itiyoophiyaa Injifannoo fi Wareegaman Miidhage” jedhuun Sadaasa 21 fi 22 , 2019 kan kabajamuu ta’uu eeraniiru. Sadaasa 20, 2019 Magaalaa Bishooftuutti fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10 Atileettoonni bebbeekamoon idil addunyaa irratti hirmaatan kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Fiigicha daandiirraa waggaa waggaan Magaalaa Bishooftuutti qopheessu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, Tiishartiin kabajaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan eebbifamuun ibsameera. Fiigicha kanarratti raayyaan ittisa biyyaa fi hawaasni naannoo akka hirmaatu hubachiisaniiru. Kutaaleen hawaasaa hundi naannoo adda addaa irraa walitti dhufanii waliin fiiguun ayyaana kana bifa ho’aa ta’een akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru. Dorgommii kanarratti miseensonni hawaasaa kuma 10 ol ni hirmaatu jedhan Hogganaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraaktar Idil Addunyaa Shimallis Daawit. Atileetotni 800 ol, akkasumas atileetotni gurguddoon Olompikii, shaampiyoonaa addunyaa fi dorgommii daandii irratti hirmaatanii injifannoo guddaa galmeessan dorgommii kana irratti akka hirmaatan akeekaniiru. Badhaasa dorgommii kanaa ibsa kennaniin, atileetota koorniyaa lamaan (dhiiraa fi dubaraa) sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa ta’aniif badhaasni maallaqaa qophaa’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan atileetii koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa tokkoffaa ba’uuf birrii kuma 500, atileet lammaffaa ba’eef birrii kuma 250, atileet sadarkaa sadaffaa ba’eef birrii kuma 150 qophaa’uu beeksisisaniiru. Akkasumas leenjistoota atileetota sadarkaa tokkoffaa bahan kan leenjisan tokkoon tokkoon isaaniif badhaasni birrii kuma 100 qophaa’uu beeksisaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifame
Nov 20, 2026 660
Sadaasa 11/2019(ENA)- Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa Magaalichatti kabajamu sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuun ibsameera. Duulli Ashaaraa Magariisaa Mallattoo Waloomaafi danoomaan injifachuu Sabaafi Sablammootaa ta’uun ibsameera. Itti Aanaan Kantiibaa fi qindeessaa Kilaastara damee Misooma Baadiyyaa magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu, mootummaan badhaadhinaa Sabaa fi Sablammootaaf bilisummaa fi wal-qixxummaa guutuu gonfachiisuun ijaarsa biyyaa fi imala badhaadha eegalame keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuusaa himaniiru. Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa sadaasa 17-20/2019 Sadarkaa Naannoo Oromiyatti mata duree “Itiyoophiyaa Qaroomtee, Sabaa fi Sablammootaan faayamtee, mariin Ijaaramte” jedhuun Magaalaa Shaggariitti kabajama jechaniiru. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeettii Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa Sababeeffachuun kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Eegduutti taasifameera Magaalaa Shaggariitti biqiluu miliyoona 22 ol duula ashaaraa magariisaan akka dhaabbatees yaadachiisaniiru. Bulchaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Obbo Tafarii Nigaatuu gama isaanii akka kutaa Magaalichatti biqiltuun nyaataa, bosonaa fi qorichaa miliyoonaa 1 tuqaa 8 akka dhaabbate himanii, kunuunsaa fi eeggicha taasifameen biqiltuwwan dhaabbatan hundi latuu akka danda'e dubbataniiru. Sagantaa kunuunsa Biqiltuu kana irratti Af-Yaa'ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee, hooggantoota sadarkaa sadarkaan jiranii fi hawaasni irratti argamaniiru.
Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite
Nov 17, 2026 515
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Turkiyyee Antaaliyaatti yaa'ii 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP31) irratti gaggeeffamaa jiru irratti, waggaa darbe keessatti dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqqaa fi jijjiirama qilleensaaf dandamachuu danda'u ijaaruun gama galmeessisteen bu'aalee qabatamaa argattee fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa ifoomsiteetti. Paviloonii Itiyoophiyaa COP31 Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata-duree “Beleem irraa hanga Antaaliyaatti, dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii fi jijjiirama qilleensaaf dandamatu ijaaruun imala Itiyoophiyaa” jedhuun waltajjiin gamaaggamaa olaanaa gaggeeffamerratti bakka bu'oonni mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru. Waltajjii gamaaggamaa Paviloonii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti, bara 2018 qofa biqiltoonni biiliyoona 8.2 ol dhaabamuu fi erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabamee kaasee lakkoofsi biqiltoota dhaabamanii biiliyoona 56 ol ga'uun ibsameera. Dabalataanis, lakkoofsi konkolaattota elektirikii Itiyoophiyaa keessatti argamanii kuma 144 fi 429 ga'uun eerameera. Gama fooyya'insa imaammataa fi dhaabbilee irraa, labsii gabaa kaarboonii raggaasifamuu, sirni galmee kaarboonii biyyaalessaa qophaa'uu, wiirtuun odeeffannoo jijjiirama qilleensaa hundeeffamuu, akkasumas sirni hordoffii, gabaasaa fi mirkaneessaa walitti hidhame diriirfamuu isaanii akka bu'aawwan ijoo galmaa'anitti eeramaniiru. Itiyoophiyaan yaa'iin COP32 bara 2027 Finfinneetti keessummeessitu milkaa'inaan gaggeessuuf sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti qophii taasisaa akka jirtu ibsameera. Kana malees, michoonni misoomaa, dhaabbileen idil-addunyaa fi dameen dhuunfaa faayinaansii jijjiirama qilleensaa, dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti deeggarsa isaanii akka cimsan waamichi dhihaateera. Waltajjicharratti bakka bu'oonni Biriiteen, Jarmanii fi Gaanaa, akkasumas bakka bu'oonni olaanoon sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi NDCP irratti hirmaatan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda'u, nyaataa of danda'uu fi misooma magariisaa magaalotaa irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru. Odeeffannoon ministeera tarsiimoo biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan Antaaliyaa irraa gara Finfinneetti imala itti fuftu keessatti waadaa jijjiirama qilleensaa galte gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Afrikaa fi addunyaarratti dandamannaa jijjiirama qilleensaa ijaaruu keessatti kutannoo qabdu mirkaneessiteetti.
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Nov 13, 2026 717
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru. Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 575
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 25375
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20961
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.