ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 4
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalichatti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa kan guddisanidha
Jul 8, 2025 78
Adoolessa 01/2017(TOI)- Pirojektoonni bu’ura misoomaa bulchiinsa magaa Shaggaritti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa akka guddisan kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan. Pirojektoonni bu’ura misoomaa kutaalee magaalaa Galaan fi Koyyee Facceetti birrii biiliyoona 6 tuqaa 8 caaluun ijaaraman eebbifamanii tajaajilaaf oolaniiru. Pirojektoota eebbifaman keessaa Misoomni kooriidarii, manneen jireenyaa manguddootaaf ijaaraman, daandii, manneen barnootaa idileen duraa, riqichootaa fi dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu keessatti argamu. Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa eebbicharratti, pirojektoonni eebbifaman kunneen fayyadama ummataa kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa 2017 qofa magaalichatti pirojektoonni misoomaa 308 caalan birrii biiliyoona 17 tuqaa 5niin ijaaramanii tajaajilaaf banamuu dubbataniiru. Pirojektoonni misoomaa kutaalee magaalaa Galaanii fi Koyyee Facceetti xumuramanii har’a eebbifaman qaama kanaati jedhaniiru. Hawaasni pirojektoota kanneen kunuunsee eeguun qoodasaa akka bahatu waamicha taasisaniiru. Bulchaan bulchiinsa kutaa magaalaa Galaan Kiflee Calqabaa, bpirojektoonni kunneen xumuramuunsaanii misooma magaalichaa nisaffisiisu jedhaniiru. Ijaarsi pirojektootaa mootummaa fi ummataan raawwataman cimanii akka ittifufan dubbataniiru. Bulchaan kutaa magaalaa Koyyee Faccee Fiqaaduu Tulluu gamasaaniin, pirojektoonni kuta magaalichaatti xumuramanii hojiirra oolan rakkoo bu’ura misoomaa furuun alatti sochii dinagdee nimijeessu jedhaniiru. Jiraattonni magaalichaa TOI’n dubbise yaada kennaniin, pirojektoonni bu’ura misoomaa tajaajilarra oolan gaaffii yeroo dheeraa deebisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Galaan Arraabsaa obbo Lammaa Dhaabii, aanaansaanii magaalaa Finfinneetti dhihoo jiraatu ta’us daandiin waan hinjirreef rakkachaa akka turan ibsaniiru. Jiraataan aanaa kanaa kan biraan obbo Garmaamuu Bulbulaa gamasaniin, dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaramanii xumuraman rakkoo bara dheeraa kan furan ta’uu eeraniiru. Ijaarsi dhaabbilee bishaanii hatattamaan xumuramee tajaajilaaf ooluusaatiin gammaduusaanii ibsanii, gaaffileen misoomaa biroonis akkanumatt akka furamuuf gaafataniiru. Dhaabbileen bu’ura misoomaa tajaajilaaf qaqqaban eeguu fi kunuunsuun jiraattota hundarraa akka egamu himaniiru.
Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu qaba-irezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Jul 8, 2025 66
Adoolessa 01/2017(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee hubachiisan. Waldichi waggoottan 90 darban hojiilee namoomaa fi gootummaa wayitii Itiyoophiyaan rakkinarra turte raawwateef maqaa mootummaa Itiyoophiyaan galateeffataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa waldichaa mata duree “shaaraa tajaajila namoomaa waggaa 90 irra cehe” jedhuun kabajameera. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, pirezidaantonni duraanii Saahilawarq Zawudee fi Dr. Mulaatuu Tashoomaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo dabalatee hooggantoonni mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka bu’oonni dhaaabilee idil addunyaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti hirmaataniiru. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasulaasee ergaa dabarsaniin, wayita Itiyoophiyaan qormaatarra jirtu kan dhalate ibsituu garalaafinaa fi tola ooltummaati jedhaniiru. Gochi waldichaas gocha birmadummaa fi namoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan waliigalteewwan namoomaa idil addunyaa osoo hinfudhatiin duras hawaasichi hojii namooma qabatamaan kan jiraate duudhaa namoomaa fi garalaafinaa ibsituusaa kan godhate ta’uu dubbataniiru. Waldichi tumaalee idil addunyaa fudhatee kan hundaa’e ta’uu eeranii, qormaata birmadummaa akkuma hundaa’een Itiyoophiyaa mudate damdamachuuf carraaqqii taasifamumiseensonni waldichaa aarsaa qaamaa fi lubbuu kaffaluun maqaansaanii gootummaan akka kaafamu dubbataniiru. Ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa ashaaraa namoomaa kanaaf galata guddaa akka qabu ibsaniiru. Wayitii ammaa akka Addunyaatti Al-Seerumaa fi namoomaaa ala ta’uun dabalaa akka jiru, kan ibsan pirezidaantichi, gargaarsi namootaa laafuun agarsiistuudha jedhaniiru. Kana gidduugaleeffachuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo isaa fuuldura deeggarsa namoomaa ofiin raawwachuuf Dandeettii itti fufinsa qabu cimsachuun hojii hojjetamu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti nyaataan of danda’uuf, innoveeshiniinof gahoomsuuf halkanii fi guyyaa akkuma tattaafannu, gargaaramummaa dhiisuun fi lammiiwwan keenya miidhaman humna ofiin deeggaruuf dhimma birmadummaa godhannee yaaduu qabna jedhaniiru. Kanaafis hirkatummaa gargaarsaa jiru irraa adda bahuun ofiin raawwachuu danda’uun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Kanaafis sirna hirmaanaa fi iftoomina qabu, itti gafatamumaa qabu, qulqullina yaada hawwii keenya madaalu hordofuu qabna jedhaniiru. Fuulduratti waldichi wagga 100ffaa yeroo kabaju, bu’uura hawaasummaa babal’isuun, qulqullina yaadaan, qarshii fi beekumsaan of danda’ee, bu’uura seeraa yericha gitu qopheessee, Itiyoophiyaarra darbee Sabummaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’e dhabbata guddaa ta’ee akka argamu xiyyeeffannnoon kennameera. Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa waldichaaf taaassisu kaayyoo namoomaa duudhaa biyya keenya jiruun kan wal simu waan ta’eefi kan jedhan pirezidaantichi gargaarsi barbaachisu hunda kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Waldaan fannoo Diimaa Itiyoophiyaa caasaa isaa guutuu biyyaatti babal’isuun hojiiwwan namoomaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu Pirezidaantiin waldichaa Abarraa Tolaa ibsaniiru. Waldichi kaayyoo isa galmaan ga’uuf gahumsa uumaa akka jiru eeruun, kanaafis deeggarsi mootummaa gudda ta’uu kaasaniiru. waldichi waggoota itti anaan kurnanitti lakkoofsa miseensotaa Miiliyoona 20n ga’uun baasii isaa mataa isaan danda’uuf karoora qabachuu beeksisaniiru
Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Jul 8, 2025 51
Adoolessa 01/2017(TOI)- Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi jedhan Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteen ayyaana bilisummaa Komooroos 50ffaa magaalaa Moroniitti kabajamerratti argamuunsaanii niyaadatama. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteef galateeffatanii, Itiyoophyaan hariiroo gamlamee Komoroos waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru. Baay’ina ummataa miiliyoona 120 kan qabdu Itiyoophiyaan tattaaffi nyaataan ofdanda’uuf taasifteen jijjiirama qabatamaa fiduushee hubachiisaniiru. Itti dabaluunis, Komoroos damee qonnaan Itiyoophiyaarraa muuxannoo guddaa qooddachuu akka dandeessu himaniiru. Pirezidaantiin Komoroos Azaalii Asumanii gamasaaniin, pirezidaant Taayyeen ayyaana kanarratti argamuunsaanii kabaja Itiyoophiyaan Komorosiif qabdu akka agarsiisu ibsaniiru. Pirezidaant Azaalii Asumaaniin dhimmoota gamlamee ilaalchisuun pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii eeraniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa ta’uushee marii kanarratti ibsaniiru. Jijjiiramni dinagdee Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu Afriikaanota guddina caaluuf kan kakaasu ta’uu dubbataniiru. Agarsiiftuu jijjiirama Itiyoophiyaa kan ta’e daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Koomooroosiin biyyoota Afriikaa fi addunyaa walquunnamsiisuun qooda ijoo bahachaa akka jiru ibsaniiru. Komoroos Itiyoophiyaarraa Qamadii bituu akka barbaaddu Pirezidaantiin Komoros Azaalii Asumaaniin dubbataniiru.
Gidduu Galichi Akaakuu Midhaanii fi midhaan dheedhii Qorannoodhaan argate shan omishaaf akka oolan dabarsee jira
Jul 8, 2025 57
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyii midhaanii fi midhaan dheedhii gara omishaatti akka cehaniif dabarsuusaa beeksiseera. Sanyiiwwan Qorannoon argaman Qonnaan Bulaan Nyaataan of danda’uuf tattaaffii taassisu kan deeggaranii fi galii dabalataa argamsiisuun qooda olaanaa kan qaban ta’uun ibsameera. Daarektarri Wiirtuun Qorannoo Qonna Sinaanaa Taammanee Miidhaksaa akka ibsanitti, Giddugalichi Qorannoon wabii Nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffii qonnaan bultoonni taassisaa jiran nideeggara jedhaniiru. Gidduugalichi waggoottan darban Qorannoon kan argate qamadii “boku, sannatee fi haacaaluu’’ jedhaman hektaara tokko irraa hanga kuntaala 70 oomishamu fayyadamtoota qaqqabsiisuu eeraniiru. Sanyiin Fooyya’aan Qorannoon argaman Ooyruu Gidduu Galichaatti, Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa fi ooyruu Qonnaan bulaa irratti bal’inaan baay’ifamanii, Qotee bulaaf akka qaqqabaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachu ibsaniiru. Obbo Taammanaan, gidduu galichi qorannoo Kanaan dura gaggeessaa tureen bara baajataa xumurametti gosoota midhanii fi dheedhii haaraa shan gara omishaaf akka oolan baasuusaa beeksisaniiru. Sanyiiwwan qorannoon argaman keessaa Qamadii Paastaa fi Mokoroonii, Baaqelaa, Missira fi akaakuu talbaa lama keessatti argamu. Sanyiiwwan Koree biyyaalessaa sanyii mirkaneessurraa fudhatama erga argatanii gadhiifaman booda gadhiifaman kunneen caalmaa oomishaa dhibbantaa 15 kan qaban ta’uu dabalanii ibsaniiru. Giddu galli Qorannoo Sinaanaa bara 1978 kan hundeeffame yoo ta’u, hanga Ammaatti Sanyiiwwanii fi nyaata horii Qorannoon Maddisiisuun fayyadamtootaaf rabsuu odeeffannoon Gidduugalichaa irraa argame nimul’isa.
Siyaasa
Gamtaan Awuroppaa Tattaaffii nagaa Afrikaan durfamu akka deeggaru ibseera
Jul 8, 2025 128
Adoolessa 01/2017 (TOI)-Gamtaan Awuroppaa tattaaffiiwwan Gamtaa Afrikaa jalatti nagaa fi Araara buusuuf taassifamaa jiran deeggaruuf kutannoo qabaachuusaa beeksiseera. Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf Bakka bu’aa addaa Gamtaa Awurooppaa Saahel Joohaa Kiraaviinhoo fi bakka bu’aa addaa Gamtaa Awrooppaa Gaanfa Afriikaa Dr. Anneet Weber waliin mari’ataniiru. Gareen lamaan riijinii Saahel jijjiiramaa dhufee haala nageenya Afriikaa jijiiramaa jiru irratti yaada wal jijjiiraniiru. Rakkoowwan Riijinichaa , furmaata riijinii argachuuf tattaaffiin taassifamu deebii biyyoota hedduu qindoomina qabuun deeggaramuu akka qabu kaasaniiru. Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Awurooppaa walitti bu’insa ittisuun gaggeesuumaa dippiloomaasi cimaa qaban leellisaniiru. Gamtaan Awurooppaa Tattaaffii Araaraa Ardiilee, tasgabii fi waldhabdee hiikuu Gamtaa Afriikaan durfamu deeggaruuf kutannoo akka qabu ibsuu isaanii odeeffannoon gamticha irraa argame ni mul’isa.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajatichaatti Karoora Qabate Milkeessuuf Hirmaannaan Taassise Bu’aa Qabeessadha-Af-yaa’ii Taaggasaa Caafoo
Jul 7, 2025 162
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa bara Baajataa 2017tti Karoora Qabate Milkeessuuf hirmaannaan taassisee bu’aa qabeessa akka ta’e Af-yayaa’ii Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni Marichaa Walga’ii addaa 3ffaa gaggeesseen gabaasa raawwii hojii bara baajatichaa dhihaatee irratti mariin gaggeeffameera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo wayita kanatti, manni maricha labsiiwwan baasu sirnaan hojiirra akka oolaniif mirkaneeffamuun dura Qorannoon barbaachisaan akka taassifamu kaasaniiru. Seeronni erga Mirkanaa’anii boodas sirnaan hojiirra ooluu isaa odiitii gochuun jalqabamuus beeksisaniiru. Manni Marichaa hojii to’annoo fi hordoffii haala kallattii taa’een gaggeeffamuu fi hojmaata itti gaafatamummaa hojiirra oolaa jiraachuu dubbataniiru. Manni Marichaa bara Baajatichaatti hojiiwwan karoorran qabatan milkeessuuf hirmaannaa taassisan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Itti fufuunis Manni Marichaa bara hojii waggaa 5ffaa ciminoota turan ittifufsiisuun hanqinoota turan guutuun hojii fooyyee qabu raawwachuuf miseensonni hundi qooda isaanii bahu akka qaban kaasaniiru. Gabaasicha kan dhiheessan Itti Aantuun Af- yaa’ii Mana Maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo akka ibsanitti, Manni marichaa hojiiwwan karoorfame gahumsan raawwachuuf qindoominaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Keessumaa manani marichaa ergamoota gurguddoo afur seeraan kennameef galmaan ga’uuf hojiiwwan hojjete bu’aa qabeessadha jedhaniiru. Seeronni osoo hin Raggaassifamiin Dura Ogeeyyiin Kutaa Seeraa Mana Marichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiranii fi miseensonni koree dhaabbii qorannoo bal’aa akka Gaggeessan Ibsaniiru. Kanarra darbees waltajjii hubannaa fi Marii Hawaasaa Mijeessuun Iftoomina Seerotaa Keessatti akka Uumamu ta’eera jedhaniiru. Bara Baajatichaatti Manni Marichaa walga’ii Idilee 43ffaa fi walga’ii addaan Labsiiwwan adda addaa 50 ol qorachuun raggaassisuu ibsaniiru. Hojii Dippiloomaasii Paarlaamaan Jiloota Paarlaamaa biyyoota adda addaa waliin Hariiroo Dippiloomaasii faayidaa biyyoolessaa cimsan hojjetamaniiru jedhaniiru. Gabaasichaan Manni Marichaa koreewwan dhaabbii 13n karoora qaama raawwachiiftuu deeggaruu fi hordofuu ibsaniiru. Miseensonni mana marichaa hojiiwwan bakka bu’ummaa Filannoo Naannoo waggaatti yeroo lama gaggeessan sirnaan gaggeeffamaa jiraachuu fi gaaffii hawaasni kaasu sadarkaa sadarkaan deebii argachuu isaanii kaasaniiru.
Bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka arganu taasiseera
Jul 6, 2025 256
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti bulchiinsi gandaa bifa haaraan caaseffamee hojiitti gale bu’aa ba’ii hambisuun tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatan taasisuu jiraattonni godina Baalee aanaa Dalloo Mannaa ibsan. Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoo Naannichaa daawwannaa guyyaa shanaffaatiin hojiiwwan misoomaa garagaraa godina Baaleetti hojjetamaa jiran daawwachaa jiru. Daawwannaa kanaa sochii hojii caasaa gurmaa’insa gandaa dhiheenya naannichatti caaseffame ilaalaniiru. Jiraattonni aanaa Dalloo Mannaa TOI’n wayita kana dubbise bulchiinsi gandaa bu’aa bayii hambisuun tajaajila mootummaa si’ataa dhiheenyatti akka argatan taasiseera. Hajjii Kaliif Abdullaahii fi Aliyyii Toree akka jedhanitti, caasaan gandaa naannawasaaniitti gurmaa’e qe’eesaaniirraa osoo hinfagaanne tajaajiloota mootummaa garagaraa dhiheenyatti akka argata taasisuusaa dubbataniiru. Tajaajilli kun akka fulla’u qoodasaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Hawaasni tajaajiloota mootummaa dhiheenyatti akka argatu akkasumas rakkooleen bulchiinsa gaarii hatattamaan akka furamu yaaduun Mootummaan naannoo Oromiyaa caasaa kana gurmeessuunsaa nibeekama. Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira dame naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa akkasumas hooggantoonni olaanoo naannichaa daawwannaa godina Baaleetti taasifamaa jirurratti hirmaachaa jiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’atan
Jul 5, 2025 287
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, yaa’ii BRICS 17ffaa dursuun pirezidaantii Biraazil Luwiiz Inaachiyoo Lula De Siilvaa waliin dhimmoota gamlamee fi gama hedduurratti mari’achuusaanii ibsaniiru. Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii dhiheenya guddachaa dhufe caalaatti cimsuun fuulduratti kan tarkaanfachiisedha jedhaniiru. Walitti hidhamiinsa daldalaa fi Invastimantii biyyoota lamaanii caalaatti cimsuuf waliigalteerra gahuusaanii ministirri muummee ibsaniiru.
Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun nibarbaachisa-Miseensota mana maree
Jul 5, 2025 218
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Fudhatama Itiyoophiyaan konfaransii Tuurizimiin qabdu caalaatti guddisuun akka barbaachisu Miseensonni mana maree bakka bu’ootaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waxabajjii 26 bara 2017 raawwii karoora bara bajataa 2017 ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennuunsaanii niyaadatama. Ministirri muummee wayita kana akka jedhanitti, Bara kana qofa Konfaransiiwwan idil addunyaa 150 caalan Itiyoophiyaa keessatti adeemsifamaniiru. Kunis kan bardheengaddaan walbira yoo qabamu dachaan dabaluu eeraniiru. Sabaoonni dhaabbileen idil addunyaa Itiyoophiyaa filatanii dhufaniif keessaa riifoormii immigireeshiniirratti taasifame, tajaajila daandii qilleensaa, bakkeewwan tuurizimii fi misooma kooriidarii wabeeffataniiru. Bara bajataa kanatti tuuristoonni biyya alaa miiliyoona 1 tuqaa 3 Itiyoophiyaa daawwachuusaanii fi kunis baay’ina amma ammaatti jirurraa guddaa ta’uu kaasaniiru. Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yaadasaanii TOI’f kennan yaada kana nifudhatu. Miseensi mana maree Uztaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, misoomni saffisaa finageenyi Itiyoophiyaa fooyya’uunsaa akkasumas fudhatamni idil addunyaarratti qabdu dabaluunsaa dameen Tuurizimiin konfaransii akka dadammaqu godheera. Magaalattiin magaalaa muummee Afriikaa fi teessoo dhaabbilee idil addunyaa ta’uunshee konfaransiif filatamtuu ieshee taasiseera jedhan. Miseensi mana maree kan biraan Dr. Kafanaa Ifaa gamasaaniin,Carraaqqiin Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Konfaransii Tuuriizimiif guutuuf taasiftee fi nageenyi argamaa jiru walgahiiwwan Afriikaa fi idil addunyaa akka keessummeessitu carraa uumeera. Nageenyi Itiyoophiyaatti mul’ate gara nageenya fulla’aatti jijjiiruun fudhatamaa fi dhageettiin idil addunyaa gabbisuuf hojjechuun akka barbaachisu miseensonni kunneen dubbataniiru. Namoonni miiliyoona 1 tuqaa 5 bara bajataa kana Paarkiin tokkummaa, golambaan Saayinsii, paarkiin michoomaa fi marasaa kan daawwatan yoo ta’u, kanarraas galiin birrii biiliyoona walakkaa argamuu ministirri muummee ibsaniiru.
Paartiin Izeemaa Yaa’ii Waliigalaa Idilee 2ffaa gaggeessu eegale
Jul 5, 2025 208
Waxabajjii 28/2017(TOI)-Paartiin Haqa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (Izeemaa) ya’ii walii galaa Idilee 2ffaa gaggeessuu eegaleera. Yaa’ii guyyaa lamaaf turu kanarraatti mata duree ‘’yaadaan nimorkanna waa’ee biyyaaf waliintumsina” jedhuun filannoo gaggeessitoota paartii dabalatee wantoonni biroon akka raawwataman ibsameera. Waltajjicha irratti haasaa kan taassisan Ministira Barnootaa fi dura taa’aan Izeemaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Izeemaan dhaabbata ejjennoo cimaa qabu biyyaaf dursa kan laatu dha jedhaniiru. Izeemaan guutuu biyyaatti paartii bakka bu’aa qabuu fi akka biyyaatti deeggaramuu danda’udha. Yeroo filannoo dhufutti paartii siyaasaa cimaa yaadaan dorgomu ta’ee hirmaata jechuun ibsaniiru. Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasa Salamoon Ayyalee, paartiileen siyaasaa bu’uura biyya tokkoo waan ta’aniif qindoominaan hojjechuu akka qaban EBCn gabaaseera. Jijiirama biyyoolessaa hordofuun paartiileen siyaasaa paartii Biyya Bulchu waliiin dhiheenyatti waliin mariiyachuu danda’uu isaanii fi Dirreen Siyaasa Jijiiraameera jechuun Paartii Badhaadhinaatti Hogganaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii obbo Mallas Alamuu ibsaniiru. Itti dabaluunis Paartiin Badhaadhinaa Izeemaa waliin hariiroo qajeeltoo irratti hundaa’een biyyaaf waliin hojjechuuf kutannoo qaba jedhaniiru.
Manni barumsaa loltuu bu’uraa Birshalaqoo hooggantoota raayyaa leenjise eebbisiisaa jira
Jul 5, 2025 245
Waxabajjii 28 2017 (TOI)- Raayyaa ittisaatti izziin Bahaa hooggantoota raayyaa marsaa lammaffaaf mana barumsaa loltuu bu’uraa Birshalaqootti leenjise eebbisiisaa jira. Ajajaan olaanaa Izzii Bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa, qondaaltonni olaanoo Izzichaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru. Kanneen har’a eebbifaman akkaataa tarree Izziitiin rejimantiirraa hooggantoota kutaa waraanaatti jiran ta’uun beekameera. Turtiisaaniin qophaa’ummaa xin-sammuu, ogummaa fi beekumsa akkasumas leenjii gabbisa dandeettii loltummaa garagaraa teeknooloojiin deeggaraman leenji’aniiru.
Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree deeggarsasaa ittifufa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo
Jul 5, 2025 164
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Qooda dhaabbileen demokirasii bilisaa fi ofdanda’oon ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf manni maree bakka bu’oota ummataa deeggarsasaa ciminaan akka ittifufu Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo ibsan. Waltajjiin waloo rawwii hojiiwwan riifoormii dhaabbatummaa dhaabbilee demokiraasii mana marichaaf itti waamamanii gaggeeffamaa jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ergaa baniinsa waltajjiirratti dabarsaniin, mirki namoomaa fi demokiraasii lammiilee akka kabajamu dhaabbileen demokiraasii qooda guddaa akka qaban ibsaniiru. Miroonni namoomaa fi demokiraasii lammiilee sirnaan akka kabajaman akkaataa heera mootummaatiin dhaabbileen demokiraasii bilisaa fo ofdanda’oon hundeeffamanii hojjechaa jiraachuu yaadachiisaniiru. Dhaabbileen kunneen ittigaafatamasaanii sirnaan akka bahan gufuulee sera fi gurmaa’insarratti mul’atan akka sirraa’an riifoormiin hojjetamuu ibsaniiru. Manni marichaa qooda ijoo dhaabbileen demokiraasii ijaarsa mootummaa cimaaf qaban caalaatti guddisuuf rakkoolee raawwiirratti mudatan furuuf kutannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru. Manni marichaa yeroo yerootti raawwii dhaabbilee qorachuun hanqinoota sera fi hojmaataa guutuuf deeggarsa barbaachisu nitaasisa jedhaniiru. Miidiyaaleen ajandaawwan nageenya biyyaa, tokkummaa fi misooma cimsan hubachiisuun ittigaafatama kennameef gahumsaan bahachuu akka danda’an riifoormii gochuusaanii himaniiru. Waltajjicharratti raawwiin karooraa riifoormii dhaabbatummaa boordii filannoo biyyaalessaa, komishinii miroota namoomaa Itiyoophiyaa, dhaabbata abbagaar ummata Itiyoophiyaa akkasumas tajaajila oduu Itiyoophiyaa, abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa, Itiyoophiyaa biroodkaast korporeeshinii fi dhaabbata pireesii Itiyoopiyaa dhihaatee nimari’atama.

Hawaasummaa
Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu qaba-irezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Jul 8, 2025 66
Adoolessa 01/2017(TOI)- Waldaan fannoo diimaa Itiyoophiyaa ofiin kan hundeeffame ashaaraa namoomaa kaa’uuf xiyyeeffannoo kennuu akka qabu pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee hubachiisan. Waldichi waggoottan 90 darban hojiilee namoomaa fi gootummaa wayitii Itiyoophiyaan rakkinarra turte raawwateef maqaa mootummaa Itiyoophiyaan galateeffataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa waldichaa mata duree “shaaraa tajaajila namoomaa waggaa 90 irra cehe” jedhuun kabajameera. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, pirezidaantonni duraanii Saahilawarq Zawudee fi Dr. Mulaatuu Tashoomaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Loomii Badhoo dabalatee hooggantoonni mootummaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka bu’oonni dhaaabilee idil addunyaa fi keessummoonni waamaman saganticharratti hirmaataniiru. To’ataan olaanaa waldichaa pirezidaant Taayyee Atsqasulaasee ergaa dabarsaniin, wayita Itiyoophiyaan qormaatarra jirtu kan dhalate ibsituu garalaafinaa fi tola ooltummaati jedhaniiru. Gochi waldichaas gocha birmadummaa fi namoomaa Itiyoophiyaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan waliigalteewwan namoomaa idil addunyaa osoo hinfudhatiin duras hawaasichi hojii namooma qabatamaan kan jiraate duudhaa namoomaa fi garalaafinaa ibsituusaa kan godhate ta’uu dubbataniiru. Waldichi tumaalee idil addunyaa fudhatee kan hundaa’e ta’uu eeranii, qormaata birmadummaa akkuma hundaa’een Itiyoophiyaa mudate damdamachuuf carraaqqii taasifamumiseensonni waldichaa aarsaa qaamaa fi lubbuu kaffaluun maqaansaanii gootummaan akka kaafamu dubbataniiru. Ummanni fi mootummaan Itiyoophiyaa ashaaraa namoomaa kanaaf galata guddaa akka qabu ibsaniiru. Wayitii ammaa akka Addunyaatti Al-Seerumaa fi namoomaaa ala ta’uun dabalaa akka jiru, kan ibsan pirezidaantichi, gargaarsi namootaa laafuun agarsiistuudha jedhaniiru. Kana gidduugaleeffachuun Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo isaa fuuldura deeggarsa namoomaa ofiin raawwachuuf Dandeettii itti fufinsa qabu cimsachuun hojii hojjetamu ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Sadarkaa biyyoolessaatti nyaataan of danda’uuf, innoveeshiniinof gahoomsuuf halkanii fi guyyaa akkuma tattaafannu, gargaaramummaa dhiisuun fi lammiiwwan keenya miidhaman humna ofiin deeggaruuf dhimma birmadummaa godhannee yaaduu qabna jedhaniiru. Kanaafis hirkatummaa gargaarsaa jiru irraa adda bahuun ofiin raawwachuu danda’uun barbaachisaa ta’uu eeraniiru. Kanaafis sirna hirmaanaa fi iftoomina qabu, itti gafatamumaa qabu, qulqullina yaada hawwii keenya madaalu hordofuu qabna jedhaniiru. Fuulduratti waldichi wagga 100ffaa yeroo kabaju, bu’uura hawaasummaa babal’isuun, qulqullina yaadaan, qarshii fi beekumsaan of danda’ee, bu’uura seeraa yericha gitu qopheessee, Itiyoophiyaarra darbee Sabummaa Afriikaaf fakkeenya kan ta’e dhabbata guddaa ta’ee akka argamu xiyyeeffannnoon kennameera. Mootummaan Itiyoophiyaa deeggarsa waldichaaf taaassisu kaayyoo namoomaa duudhaa biyya keenya jiruun kan wal simu waan ta’eefi kan jedhan pirezidaantichi gargaarsi barbaachisu hunda kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Waldaan fannoo Diimaa Itiyoophiyaa caasaa isaa guutuu biyyaatti babal’isuun hojiiwwan namoomaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu Pirezidaantiin waldichaa Abarraa Tolaa ibsaniiru. Waldichi kaayyoo isa galmaan ga’uuf gahumsa uumaa akka jiru eeruun, kanaafis deeggarsi mootummaa gudda ta’uu kaasaniiru. waldichi waggoota itti anaan kurnanitti lakkoofsa miseensotaa Miiliyoona 20n ga’uun baasii isaa mataa isaan danda’uuf karoora qabachuu beeksisaniiru
Bara Baajatichaatti Lammiileen kuma 23 ol dandeettii muuxannoon argataniin madaalamanii waraqaa beekamtii argataniiru
Jul 8, 2025 54
Adoolessa 01/2017 (TOI)-Bara Baajatichaatti Lammiileen kuma 23 ol dandeettii muuxannoon argataniin madaalamanii waraqaa beekamtii argachuiuu isaanii Ministeerri hojii fi ogummaa ibse. Muuxannoon Dandeettii argame hojiin beekamtii kennuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Ministeera hojii fi ogummaatti dursituun hojii raawwachiiftuu sirna leenjii sadarkaa ogummaa fi madaallii ga’umsaa Maartaa Waldee TOI’f akka ibsanitti, sirni ogummaa Muuxannoodhaan argamaniif beekamtiin ittiin kennamu qophaa’eera. Haala kanaan bara baajatichaatti qajeelfamni madaallii beekamtiin ittiin kennamu qophaa’ee sadarkaa biyyoolessaatti hojimaatni walfakkaatu hojiirra ooluu jalqabuu hubachiisaniiru. Kanaanis bara baajatichaatti lammiilee kuma23 ol ta’aniif dandeettii muuxannoon argataniin madaalamanii waraqaa beekmtii argachuu isaanii dubbataniiru. Ogeeyyyiiwwan kun beekumsaa fi dandeettii barbaadamu guutuu isaaniin ulaagaa taa’aniin madaalamuun waraqaan beekamtii kennamaafii jiraachuu dubbataniiru. Kunis lammiileef bekumsa muuxannoon argatan irratti hundaa’uun Madaallii Mirkaneessa gahumsaa argachuun hojii saaniin caalaatti fayyadamoo akka ta’an taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Madaallichi Dameewwan Mootummaan dursi kenneef, kanneen ogeessonni itti heddummatan, akkasumas fedhii gabaa irratti hundaa’uun keennama jedhaniiru. Yeroo ammaa kana hojiin madaalii Dameewwan Ijaarsaa, Hojii Hoteelaa, Hojii weeldiingii fi kanneen birootiin hojjetamaa akka jiru eeraniiru, akkasumas ogummaawwan gabaa irratti barbaadaman 55 adda baasuun ulaagaaleen madaalii qophaa’uu ibsaniiru. Kanneen Madaallicha darbuu hin dandaeenye irra deebiin madaalamanii beekamtii akka argatan leenjiin ni kennama jedhaniiru. Ogeeyyiin beekamtii argatan gama isaaniin beekumsa muuxannoon argataniin madaalamanii waraqaa ragaa aragachuun isaanii fayyadamoo akka isaan godhe dubbataniiru. Hojii ijaarsaa kan hojjetan Obbo Aschaaloo Mollaallinyii fi Obbo Yihun Balaayineh Kanaan dura ogummaa muuxannoon gonfataniin madaalamanii beekmtii argachuu isaanii ibsaniiru. Kunis kan duraanii caalaa fayyadamoo akka isaan taassisee fi ogummaa isaanii fooyyesuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Madaalliin kun ejensiiwwan ga’umsaa fi madaallii naannoo waajiraalee ministeerucha jala jiraniin kennamaa waan jiruuf lammiileen ga’umsasaanii mirkaneessuu akka danda’an ibsameera.
Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha-dargaggoota tola ooltota
Jul 7, 2025 106
Waxabajjii 30/2017(TOI)-Tajaajilli tola ooltummaa Daangaa qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessuumaa fi walitti hidhaminsa Aadaa kan jabeessudha jedhan dargaggootni tola Ooltotaa Daangaa Qaxxaamuran. Dargaggoonni Tola Ooltonni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa Hunda Irraa Walitti Dhufan Naannoo Tigraayitti Tajaajila Tola Ooltummaa Bilsaa kan Gannaa Kennuu Eegalaniiru. Dargaggoonni kun tibbana Naannoo Tigiraayitti Aanaa Indartaa ganda Aratootti boolla biqiltuun itti dhaabbatu qotuu fi Hojii Misoomaa biroo raawwataniiru. Dargaaggota Sagantaa Kana irratti hirmaatan kan TOI dubbise keessaa turtii Naannoo Tigiuraayi ganna kana Dabarsaaniin Hawaasa Tajaajiluu fi Hojii Misoomaa Adda Adaa Irratti Hirmaachuuf Qophii ta’uu Isaanii Ibsaniiru. Tajaajilli tola Ooltummaa Daanga Qaxxaamuraa namoota deeggaruu irra darbee tokkummaa sabdaneessummaa fi walitti hidhaminsa Aadaa haala cimsuun turtii taassisna jechuun dubbataniiru. Naannoo Oromiyaa irraa kan dhufe Dargaggoo Gabbisaa Nagaasuu fi Naannoo Amaaraa irraa kan dhufe dargaggoo Fiqiresab Alamuu, simannaa NaannooTigiraayitti Taassifameefiitti gammaduu isaanii ibsuun, turtii isaaniitiin hojii gaarii raawwachuunfi namoota harka qal’eeyyii deeggaruun dabarsuuf qophaa’uu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaa keessaa Afaanota Hedduu, Aadaa fi bakkeewwan hawata Tuuristii waan jiraniif sababa Kanaan dargaggoonni turtii Isaanii Naannoo Tigiraayiin beekumsa adda addaa, Walitti dhufeenyaa aadaa, fi duudhaalee hawaasummaa akka waliirraa qooddatan ibsaniiru. Dargaggoon Dirree Dawaatii dhufe Falmataa Ahimad , Itiyoophiyaan Biyya Guddoo, uummata baay’ee fi kuufama qabeeeenya uumamaa kan qabdu waan taateef tajaajilli tola ooltummaa Daangaa Qaxxaamuraa xiqqoos ta’u akka beeknu nugaragaara jedheera. Naannoo Tigiraayitti Qabeenya uumamaa fi namtolchee, seenaawwan kan keessatti argaman, tajaajila tola ooltummaa kennuu kootii fi carraa daawwachuu argachuukootiif gammadeera jedhaeera. SNaannoo Itiyoophiyaa Kibbaarraa kan dhufte shamarree Maaragaa Mulugeetaa gamasheetiin, walooma ummataa fi tokkummaa biyyaa cimsuuf hojiiwwan daangaa qaxxaamuraa kan akkasii murteessaa ta’uu kaafteetti. Keessumaa dargaaggoonni kunneen turtii isaanii Yunvarsiitiin wal beekuuf carraa argatanis , qabeenya Tuurizimii fi aadaa sirnaan beekuuf daawwannaan humna guddaa qabaachuu ibsaniiru. Nageenya, Misoomaa fi tokkummaa sabdaneesummaa Itiyoophiyaa cimsiuuf tattaaffii taassifamu keessatti dargaggoonni qooda olaanaa kan qaban waan ta’eef haala Kanaan hojjechuu qabna jechuun dargaggoonni kunneen mirkaneessaniiru.
Waajjirri ministira muummee fi dhaabbileen isaaf itti waamaman manneen jireenyaa manguddootaaf naannoo Tigraayitti ijaarsise kennan
Jul 5, 2025 193
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Waajjirri ministira muummee fi dhaabbileen isaaf itti waamaman manneen jireenyaa manguddootaaf naannoo Tigraayi magaalaa Wuquroo fi Maqaleetti ijaarsise kennan. Ijaarsi manneenii xumuramuusaatiin gorsaan dhimmoota nageenyaa biyyaalessaa ministira muummee Dr. Qana’aa Yaadataa bakkatti argamuun maneen kanneen jirattotaaf kennaniiru. Dhaabbileen kunneen manneen 5 Wuqurootti, manneen 15 ammoo Maqaleetti qulqullinaa fi hatattamaan xumursiisuun har’a jiraattotaaf kennamaniiru. Ijaarsa manneen 20’f birriin miiliyoona 23 caalu baasii taasifamuun beekameera.
Diinagdee
Pirojektoonni bu’ura misoomaa magaalichatti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa kan guddisanidha
Jul 8, 2025 78
Adoolessa 01/2017(TOI)- Pirojektoonni bu’ura misoomaa bulchiinsa magaa Shaggaritti tajaajilaaf oolan fayyadama ummataa akka guddisan kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsan. Pirojektoonni bu’ura misoomaa kutaalee magaalaa Galaan fi Koyyee Facceetti birrii biiliyoona 6 tuqaa 8 caaluun ijaaraman eebbifamanii tajaajilaaf oolaniiru. Pirojektoota eebbifaman keessaa Misoomni kooriidarii, manneen jireenyaa manguddootaaf ijaaraman, daandii, manneen barnootaa idileen duraa, riqichootaa fi dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu keessatti argamu. Kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa eebbicharratti, pirojektoonni eebbifaman kunneen fayyadama ummataa kan guddisan ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa 2017 qofa magaalichatti pirojektoonni misoomaa 308 caalan birrii biiliyoona 17 tuqaa 5niin ijaaramanii tajaajilaaf banamuu dubbataniiru. Pirojektoonni misoomaa kutaalee magaalaa Galaanii fi Koyyee Facceetti xumuramanii har’a eebbifaman qaama kanaati jedhaniiru. Hawaasni pirojektoota kanneen kunuunsee eeguun qoodasaa akka bahatu waamicha taasisaniiru. Bulchaan bulchiinsa kutaa magaalaa Galaan Kiflee Calqabaa, bpirojektoonni kunneen xumuramuunsaanii misooma magaalichaa nisaffisiisu jedhaniiru. Ijaarsi pirojektootaa mootummaa fi ummataan raawwataman cimanii akka ittifufan dubbataniiru. Bulchaan kutaa magaalaa Koyyee Faccee Fiqaaduu Tulluu gamasaaniin, pirojektoonni kuta magaalichaatti xumuramanii hojiirra oolan rakkoo bu’ura misoomaa furuun alatti sochii dinagdee nimijeessu jedhaniiru. Jiraattonni magaalichaa TOI’n dubbise yaada kennaniin, pirojektoonni bu’ura misoomaa tajaajilarra oolan gaaffii yeroo dheeraa deebisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Galaan Arraabsaa obbo Lammaa Dhaabii, aanaansaanii magaalaa Finfinneetti dhihoo jiraatu ta’us daandiin waan hinjirreef rakkachaa akka turan ibsaniiru. Jiraataan aanaa kanaa kan biraan obbo Garmaamuu Bulbulaa gamasaniin, dhaabbileen bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaramanii xumuraman rakkoo bara dheeraa kan furan ta’uu eeraniiru. Ijaarsi dhaabbilee bishaanii hatattamaan xumuramee tajaajilaaf ooluusaatiin gammaduusaanii ibsanii, gaaffileen misoomaa biroonis akkanumatt akka furamuuf gaafataniiru. Dhaabbileen bu’ura misoomaa tajaajilaaf qaqqaban eeguu fi kunuunsuun jiraattota hundarraa akka egamu himaniiru.
Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Jul 8, 2025 51
Adoolessa 01/2017(TOI)- Koomoroos carraaqqii nyaataan ofdanda’uuf taasifamu Ityoophiyaarraa muuxannoo hedduu qooddachuu nidandeessi jedhan Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteen ayyaana bilisummaa Komooroos 50ffaa magaalaa Moroniitti kabajamerratti argamuunsaanii niyaadatama. Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaaseen Afeerraa Komoroos taasifteef galateeffatanii, Itiyoophyaan hariiroo gamlamee Komoroos waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru. Baay’ina ummataa miiliyoona 120 kan qabdu Itiyoophiyaan tattaaffi nyaataan ofdanda’uuf taasifteen jijjiirama qabatamaa fiduushee hubachiisaniiru. Itti dabaluunis, Komoroos damee qonnaan Itiyoophiyaarraa muuxannoo guddaa qooddachuu akka dandeessu himaniiru. Pirezidaantiin Komoroos Azaalii Asumanii gamasaaniin, pirezidaant Taayyeen ayyaana kanarratti argamuunsaanii kabaja Itiyoophiyaan Komorosiif qabdu akka agarsiisu ibsaniiru. Pirezidaant Azaalii Asumaaniin dhimmoota gamlamee ilaalchisuun pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee waliin marii bu’a qabeessa taasisuusaanii eeraniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa ta’uushee marii kanarratti ibsaniiru. Jijjiiramni dinagdee Itiyoophiyaan galmeessisaa jirtu Afriikaanota guddina caaluuf kan kakaasu ta’uu dubbataniiru. Agarsiiftuu jijjiirama Itiyoophiyaa kan ta’e daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Koomooroosiin biyyoota Afriikaa fi addunyaa walquunnamsiisuun qooda ijoo bahachaa akka jiru ibsaniiru. Komoroos Itiyoophiyaarraa Qamadii bituu akka barbaaddu Pirezidaantiin Komoros Azaalii Asumaaniin dubbataniiru.
Gidduu Galichi Akaakuu Midhaanii fi midhaan dheedhii Qorannoodhaan argate shan omishaaf akka oolan dabarsee jira
Jul 8, 2025 57
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Giddugalli Qorannoo Qonna Sinaanaa sanyii midhaanii fi midhaan dheedhii gara omishaatti akka cehaniif dabarsuusaa beeksiseera. Sanyiiwwan Qorannoon argaman Qonnaan Bulaan Nyaataan of danda’uuf tattaaffii taassisu kan deeggaranii fi galii dabalataa argamsiisuun qooda olaanaa kan qaban ta’uun ibsameera. Daarektarri Wiirtuun Qorannoo Qonna Sinaanaa Taammanee Miidhaksaa akka ibsanitti, Giddugalichi Qorannoon wabii Nyaataa Mirkaneessuuf tattaaffii qonnaan bultoonni taassisaa jiran nideeggara jedhaniiru. Gidduugalichi waggoottan darban Qorannoon kan argate qamadii “boku, sannatee fi haacaaluu’’ jedhaman hektaara tokko irraa hanga kuntaala 70 oomishamu fayyadamtoota qaqqabsiisuu eeraniiru. Sanyiin Fooyya’aan Qorannoon argaman Ooyruu Gidduu Galichaatti, Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa fi ooyruu Qonnaan bulaa irratti bal’inaan baay’ifamanii, Qotee bulaaf akka qaqqabaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachu ibsaniiru. Obbo Taammanaan, gidduu galichi qorannoo Kanaan dura gaggeessaa tureen bara baajataa xumurametti gosoota midhanii fi dheedhii haaraa shan gara omishaaf akka oolan baasuusaa beeksisaniiru. Sanyiiwwan qorannoon argaman keessaa Qamadii Paastaa fi Mokoroonii, Baaqelaa, Missira fi akaakuu talbaa lama keessatti argamu. Sanyiiwwan Koree biyyaalessaa sanyii mirkaneessurraa fudhatama erga argatanii gadhiifaman booda gadhiifaman kunneen caalmaa oomishaa dhibbantaa 15 kan qaban ta’uu dabalanii ibsaniiru. Giddu galli Qorannoo Sinaanaa bara 1978 kan hundeeffame yoo ta’u, hanga Ammaatti Sanyiiwwanii fi nyaata horii Qorannoon Maddisiisuun fayyadamtootaaf rabsuu odeeffannoon Gidduugalichaa irraa argame nimul’isa.
Naannichatti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu barbaachisa-Bulchaa Ordiin Badrii
Jul 8, 2025 57
Adoolessa 01/2017(TOI)-Naannoo Harariitti hojiilee misoomaa ittifufsiisuuf hanqinoota gibira walitti qabuurratti mul’atan furuu akka barbaachisu Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii beeksisan. Waltajjiin sosochii Gibira bara 2018 sadarkaa naannootti magaalaa Hararitti gaggeeffameera. Waltajjii sosochii kanarratti kan argaman obbo Ordiin Badrii ergaa dabarsaniin, misooma fulla’aa fi nageenya naannichatti ittifufsiisuuf kafalaan gibiraa hundi dirqamasaa bahuu qaba jedhaniiru. Keessumaa bajata barana naannichaaf ramadamu keessaa harki 63 galii keessoorraa akka walitti qabamu ibsaniiru. Kanaaf kaffalaan gibiraa gibira irraa eegamu kaffaluun dirqama lammummaa bahuu akka abu eeranii rakkoolee taaksii waliin dhahuu fi gibira sirnaan kaffaluu dhabuun walqabatee mul’atan seeraan akka gaafataman himaniiru. Hojmaata badaa kaffaltii gibiraarratti mul’atan furuunis cimee akka ittifufu cimsanii kaasaniiru. Bara darbe naannichatti dameelee garagaraarraa galiin birriin biiliyoona 3 tuqaa 1 caalu walitti qabamuu kan ibsan ammoo hoogganaa biiroo galii naannichaa Yaasin Abdullaahiiti. Bara bajataa baranaas hojmaata qindaa’aa cimsuu fi waliigaltee waloo uumuun galii birrii biiliyoona 4 tuqaa 6 caalu walitti qabuuf karoorfamuu dubbataniiru. Akkasumas kaffaltoonni gibiraa seera qabeessa hintaane seera qabeessa gochuu, daldala seeraan alaa ittisuu, waliin dhahuu taaksii furuu fi labsiiwwanii fi dambiiwwan qajeelfama gibiraa hojiirra oolchuun xiyyeeffannoon nihojjetama jedhaniiru. Waltajjiin sosochii kun kaffaltoota gibiraa amanamoo jajjabeessuu fi kanneen yeroon gibira hinkaffalle karaa qabsiisuuf yaadamee qophaa’uusaa ibsanii, hojii galii walitti qabuuf hojjetamu keessatti hundi qoodasaa akka bahu gaafataniiru. Hawaasni daldalaa naannichatti argaman, hooggantoonni olaanoo naannichaa fi keessummoonni waamaman kan argaman yoo ta’u kaffaltoota gibiraa naannichaa amanamummaan gibira kaffalan sartafikeettiin beekamtii fi Waancaan Kennameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jul 5, 2025 217
Waxabajjii 28/2017 (TOI)- Tattaaffii badhaadhina dhugoomsuuf taasifamu keessatti ilaalcha eeggattummaarraa jalaa bahe guddisuun dhimma ijooti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Sagantaan “aadaa harak hojetuu” biroon hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Miidiyaa Neetwoork waliin ta’uu qopheesse ifatti jalqabsiiseera. Af-yaa’iin mana maree magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadir, ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil, walitti qabaan boordii Addis Miidiyaa Neetwoorkii fi paartii badhaadinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalachaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin Gadaa, hojii uumtonni, dargaggoonni, fi qooda fudhattoonni biroon saganticharratti argamaniiru. Sagantaan kun guyyaa 15tti al tokko ddis Miidiyaa Netwoorkiin kan dhihaatu yoo ta’u, yaadonni hojii uumuurratti dhaloota qaroomsan kan dhihaatan ta’uun himameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, karoora gargaaramuu jalaa bahuun badhaadhinatti geessu qabannee hojjechaa jirra jedhaniiru. Karoorri qabanne kan milkaa’u cimnee yoo hojjenne qofa kan jedhan kantiibaa Adaanech, kanaaf ammoo biyyoonni hojjetanii jijjiiraman fakkeenya ta’uu qabu jedhaniiru. Hojii filachuu fi dadhabummaa jalaa bahuun akka barbaachisu haala Kanaan hawaasa hubachiisuun ittiyaadamuu qaba jedhaniiru. Abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, abbootii Gadaa dabalatee dhaabbileen dhaloota qaran aadaa hojii lammiilee jijjiiruuf hojii hubannoo uunuu ciminaan akka hojjetan himaniiru. Manneen barnootaa fi bakka hojiitti lammiilee dadammaqsuun cimuu qaba jedhaniiru. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamiil gamasaaniin, akka biyyaatti aadaa hojii guddisuuf sagantaan maree oomishtummaa hawaasaa hojeeffamaa akka jiru kaasaniiru. Sagantaan maree kun hawaasni dilbii naannawasaa jiru beekuu fi hojjechuun bu’a qabeessa akka ta’u ulaa kan banudha jedhan. Sagantichi aadaan hojii akka guddatu kan gumaachu tarkaanfii guddaa ta’uusaa dubbataniiru. Gootummaa yeroon gaafatu hojjechuudhaan jjjiiramuun ofdanda’uudha kan jedhan ministirittiin, harki hojii bare biyyas nama dhuunfaas niguddisu jedhaniiru. Xiyyeeffannoon yoo hojjetame aadaa hojiirratti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu misoomni kooriidarii Finfinnee agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru. Iyya ceesisuuf hojii qajeelfama ittiin yaadan, ciminaan hojjechuu fi qaxalummaa gochuun tumsuu qabna jechuun cimsanii dubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti hoogganaan biiroo hojii fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, bara bajatichaa namoota hojii barbaadan kuma 366’f carraan hojii dhaabbataa uumamuufii dubbataniiru. Dargaggoonni yaada hojii uumuu qaban sirni yaadasaanii gochatti jijjiiran diriirfamuu eeraniiru.
Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera-Dargaggoota
Jul 4, 2025 167
Waxabajjii 27/2017(TOI)- Leenjiin Koodersii Beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa Fooyya’aa akka argannu carraa Gaarii nuuf uumeera jechuun ibsan Dargaggoonni leenjii koodersii fudhatan. Biiroon Innooveeshinii fi Teekinoolojii Naannoo Sumaalee gama saatiin, dargaggoonni waktii Gannaa Boqonnaarra jiran leenjii koodarsii akka fudhatan qophii taassisuu isaa beeksiseera. Dargaggoota Leenjiin Itiyoo-koodarsi fudhatan keessaa Shirmaarkee Shekib Abdii, leenjiichi dargaggootaaf carraa gaarii waan ta’eef beekumsaa fi Dandeettii Dijiitaalaa akka argannu nu taassisaa jira jedheera. Beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argateen weebsaayitii uumuun hojii daldala dhuunfaasaa beeksisuuf fayyadamaa jiraachuu kaasuun, caaraa akkasii bilisaan argachuusaaf galateeffateera. Beekumsi argamu biyya irra darbee Sadarkaa Idil Addunyaatti kan barbaadamu waan ta’eef carraan kun dargaggoota biroo akka hin dabarre gorseera. Dabalataanis Dargaggoota Leenjicha argatan keessaa Abdiishukur Mahaammad Abdii fi Sekeriyyee Abdirehiman Alee, leenjiin koodersii gama hedduun faayidaa akka qabu beekumsaa fi dandeettii argannerraa hubanneerra jedhaniiru. Yeroon kun yeroo Teekinooloojii Dijiitaalaa ta’uu kan ibsan dargaggoonni barachuu, qophaa’uu fi yeroo waliin deemuun dirqama ta’uu kaasaniiru. Kanaaf , waqtii Gannaa Manni Barumsaa Idilee cufaa waan ta’eef dargaggoonni yeroo isaanii leenjii koodarsii fudhachuun akka itti fayyadaman hubachiisaniiru. Naannichatti Daarektarri Bulchiinsa Wiirtuu Odeeffannoo Abdii Aziiz Abdilaahii Leenjiin Itiyoo Koodarsii umuriin osoo hin daangessiin lammiilee hundaaf leenjii bilisaan kennamu beekumsa dijiitaalaa ta’uu fi hunduu carrichatti akka fayyadamu gorsaniiru. Keessumaa dragaggoonni beekumsa teekinooloojii yeroon barbaadu gonfachuun gahumsaa fi dorgomaa Idil Addunyaa ta’uuf leenjichi bay’ee akka isaan barbaachisu dubbataniiru. Naannichatti hanga ammaatti dargaggoonni kuma 48 ol leenjii Itiyoo koodarsii fudhatanii waraqaa ragaa fudhachuu ibsuun, dargaggoonni waqtii gannaa boqonnaarra jiran hundi leenjicha akka fudhatan waamicha dhiheessaniiru.
Akkaadaamiin Leenjii Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa jira-Abbaa taayitichaa
Jul 1, 2025 249
Waxabajjii 24/2017(TOI)- Akkaadaamiin Leenjii Abbaa taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa biyyoota Afriikaaf hedduuf jiddugala leenjii filatamaa ta’aa akka jiru daarektarri tajaajila reeguleeshinii ernaavigeeshinii fi eeggataan daarektaraa akkaadaamichaa Li’ulsaggad Gullulaat ibsan. Akkadaamichi bu’a qabeessummaa industirichaaf ogeeyyota horachaa jira jedhan turtii TOI waliin Taasisaniin. Waggoota dheeraaf naannolee biyyattii garagaraatti to’annaa tiraafika qilleensaa, damee komunikeeshinii fi Naavigeeshin Sarviilaansi(CNC)n ogeeyyota Aviyeeshinii ga’oomaa boddaasaa akka jiru eeraniiru. Bara kana qofa ogeeyyota 86 leenjisee hojiitti galchuu kaasaniiru. Akkaadaamichi biyyoota ollaa fi biyyoota Afriikaa biroof leenjii ga’aa kennaa akka jiruu fi fudhatama guddaa argachaa akka jiru dubbataniiru. Dhihoo kana leenjifamtoota Aviyeeshinii Jibutii, Somaaliyaa akkasumas Komoroosii fi biyyoota biroorraa dhufan leenjisuusaa dubbataniiru. Biyyoonni Afriikaa hedduun ogeeyyotasaanii akkaadaamii leenjii Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti leenjisuuf leenjisuuf filachuusaanii dubbataniiru. Akkaadaamichi Afriikaa keessaa maqaa gudda fi fudhatama akka qabu kaasanii, riijinicha walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaadaamichatti leenjiftuu fi to’attuun tiraafika qilleemsaa Beeteliheem Mollaa Gamasheetiin, leenjichi sadarkaa industiriin Aviyeeshinii addunyaa irra gaheen kennamaa akka jiru ibsiteetti. Baatii sadan darban leenjii ga’aa argachuusaa kan dubbate ammoo Dirree Dawaa irraa kan dhufe Mintasinoot Alamaayyoo jedhama.
Dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa guddaa argamsiiseera- Dr.Balaxaa Mollaa
Jul 1, 2025 197
Waxabajjii 24/2017 (TOI)-Waggoottan shanan darban hojiirra oolaa kan ture dijiitaal Itiyoophiyaa 2025 sirna Dijiitaalaa keessatti bu’aa argamsiiseera jechuun Ministirri Teekinooloojii fi Innovaashinii Dr.Ballaxaa Mollaa Ibsan. Mistirichi turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti , guddina waliigalaa biyya tokkoo mirkaneessuun kan danda’amu sirni hojmaataa Saayinsii fi Teekinooloojiin, akkasumas Innoveeshiniin yoo deegaramedha. Itiyoophiyaan hammattoo seeraa fi Tarsiimoo sirna dijiitaalaatti galuuf ishee dandeessisu qopheessitee hojii eegaluushee ibsaniiru. Dabalataanis bu’uuraaleen misoomaa gara sirna dijiitaalaatti galchuuf gargaaran guutamanii hojiirra ooluu jalqabuu beeksisaniiru. Tarsiimichi Riifoormii Dinagdee Mandhalee fi tarsiimoo karoora misoomaa waggaa 10 akkasumas Tarsiimoo Tiraanisfoormeeshinii Dijiitaalaa Afriikaa waliin walitti hidhamee raawwatamaa turuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojiirra oolaa kan ture tarsiimoon Dijiittal Itiyoophiyaa 2025 baatii tokkoo booda akka goolabamu ibsuun, hanga 20230tti hojiirra kan oolu tarsiimoon waggaa shanii qophaa’aa akka jiru ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 waggoottan shanan darban hojiirra oolaa ture damee saayinsii, teeknooloojii fi Innoveeshiniirratti bu’aan guddaan akka irraa argame ministirichi beeksisaniiru. Waggoota shanan darban sirna kaffaltii Dijiitaalaa Diriirsuun Tajaajila Dijiitaalaa babal’isuun akkasumas, waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa dhaqabamaa taassisuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu kaasaniiru. Sirna hojii Mootummaa Ammayyeessuu waliin wal qabatee Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf tattaaffii milkaa’aa taasifamaa jiru keessatti tajaajilli jiddugaleessa tokkoo (Masoob) dhugoomsuuf hojii milkaa’inaa hojjetaman keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi Tajaajila Teekinooloojii Dijiitaalaa bakka tokkootti fayyadamuun Tajaajiloota Mootummaa adda addaa walitti hidhuun tajaajilaa kennaa akka jiru beeksisaniiru. Fuulduratti tajaajila jiddugaleessa tokkoo (masoob) gara Magaalota Naannooleetti babal’isuun fayyadamtoota tajaajilichaa akka ta’aniif hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.
Ispoortii
Magaalichatti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banameera
Jul 8, 2025 56
Adoolessa 01/ 2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti dirreen ispoortii fi bakki Daa’imman itti tapahatan Baasii Birii Biiliyona 5 oliin ijaarame eebbifamuun tajaajilaaf banamuusaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Dirreen ispoortii 122 fi bakkeewwan daa’imman itti tapahatan kuma 1 fi 155 kutaa Magaalotaa 11tti baasii birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraan guyyaa hara’aa tajaajilaaf banamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee har’a ganama bu’uuraalee Misoomaa dirreewwanIspoortii fi bakkeewwan daa’imman itti taphatan Kutaa Magaalaa Lammii Kuraa Naannoo Kondeemineemii Marii Loqqee fi Kolfee Qaraaniyootti Ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf banaa goodhaniiru. Saganticha irratti Kantiibaa Adaanech akka jedhanitti, Bulchiinsi Magaalichaa bara Baajataa 2017tti Pirojektoota kuma 15 fi 960 ijaaruun Xumureera. Bu’uuraalee Misoomaa Ijaaruuf Baasii Birrii Biiliyoona 5 bahe Keessaa Dhibbentaa 50 kan ta’u Jiraattonni Magaalichaa akka buusan Dubbataniiru. Bulchiinsi Magaalichaa waggoota lamaan darban bakka Daa’imman kuma 3 fi dhibba 800 ol itti taphatan ijaaruusaa ibsaniiru. Yeroo, Beekumsaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Qindeessuun Daa’immanii fi dargaggootaaf dursa kennuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiiwwan kun daa’immanii fi dargaggoonni qaamaa fi sammuun gahoomanii akka guddataniif kan isaan dandeessisu ta’uu eeruun, gara fuulduraatti damee Ispoortiin waltajjii Ardii fi Addunyaa irrattii bu’aa fooyya’aa fiduuf qooda akka qabu eeraniiru. Hogannaan biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa Balaayi Dajan gama isaaniin, bakkeewwan Shaakala Ispoortii Magaalichatti Ijaaraman dhaloota Qaamaa fi sammuun gahoomee biyya fudhatu ijaaruuf faayidaansaa olaanaadha jedhaniru
Waancaa Afriikaa dubartootaan Maaliin Taanzaaniyaa Mo’atte
Jul 8, 2025 53
Adoolessa 01/2017(TOI)- Tapha ramaddii sadii Waancaa Afriikaa dubartootaa 13ffaan Maaliin Taanzaaniyaa 1 fi 0’n mo’atteetti. Tapha Istaadiyoomii Berkanne Munisipaalitti taphatameen taphattuun sarara duraa Saraatuu Turaa’oree sa’aatii dabalataa tapha walakkaa jalqabaatiin goolii lakkoofsifteettii. Maaliin taphaan caalamtus goolii lakkoofte eegsisuun xumurteetti. Akkaataa qabxii kanaatiin Maaliin ramaddii sadiin qabxii sadiin sadarkaa lammaffaa qabattetti. Tapha jalqabaa ramaddii Kanaan gaggeeffameen waancaa Afriikaa ammatti kan ofharkaa qabdu Afriikaan Kibbaa Gaanaa 2 fi 0’n mo’atteetti. Garichas dursaa jirti. Itti fufuun ramaddichaan Gaanaan Maalii Waliin, Taanzaaniyaan Afriikaa Kibbaa waliin nitaphatu.
Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramedha-Leetenaal Jeneral Zawuduu Balaay
Jun 27, 2025 493
Waxabajjii 20 /2017(TOI)-Hoggansii fi gurmaa’insi waraanaa gahumsa hundagaleessa olaanaan,Ogummaa waraanaa fi Teeknooloojii Ammayyaan kan deeggarame ta’uu Ajajaa Olaanan izii giddugalaa Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaay ibsan. Festivaaliin Ispoortii Kooriwwan adda addaa Raayyaa Ittisa Biyyaatti izzii jiddugalaa Daalol jalatti argaman hirmaachise Magaala Jimmaatti eegalameera. Baniinsa Feestivaalichaarratti kan argaman Raayyaa Ittisa biyyaatti ajajaa Olaanaan izzii giddugala Daalol Leetenaal Jeneraal Zawuduu Balaayi Izichi daangaa biyyaa kabachiisuurra darbee hojiiwwwan waloomaa fi Tajaajila Hawaasummaa cimsan raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Izziin Daalol tajaajila tola ooltummaan dhiiga arjoomuun,mana namoota harka qal’eeyyii haaromsuu fi biqiltuu dhaabuu dabalatee hojiii misooma adda addaa irratti hirmaachuun beekama jedhaniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa Tokkummaa Sab-Daneessummaa gootummaan kabajaa fi birmadummaa biyyaatiif halkanii fi guyyaa hojjechaa kan jiru raayyaa cimaa fi gahoome ta’uu dubbataniiru. Raayyichi gahumsa hunda galeessa olaanaa, ogummaa waraanaa fi teekinooloojii ammayyaan haala gurmaa’een gaggeeffamaa jiraachuu kaasuun, gaachana birmadummaa biyyaa ta’uurra darbee, misoomaa fi tajaajila Hawaasummaa biroo itti gaafatamummaa isaa bahaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf Kaayyoon guddaan festivaala Ispoortii Iizzichi walitti dhufeenya raayyaa ittisa biyyaa fi hawaasa naannoo gidduu jiru daran cimsuuf ta’uu kaasaniiru. Hogganaan Waajjira izzii Gidduugala Daalol Koloneel Bazaabbihi Yimar akka jedhanitti, kooriiwwan izzii kana jala jiran 5 dorgmmii Ispoortiii kana irrratiti kan hirmaatanii fi guyyaa10’f gosa ispootii adda addaan akka dorgoman himaniiru. Sagantaa Baninsaa irrratti Qondaaltonni Olaanoon Raayyichaa, miseensonnii fi keessummooni wamichi taasifamee fi biroon argamaniiru.
Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Har’a Xumurama
Jun 26, 2025 373
Caamsaa 19/2017 (TOI)- Piriimerliigiin Itiyoophiyaa Bara 2017 Taphni Torbee 36ffaa Sihul Shiree fi Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Har’a Taphataniin ni Xumurama. Taphni Garee Lamaanii Guyyaa Keessaa Sa’aati 10tti Istaadiyoomii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nigaggeffama. Sadarkaa Liigii Olaanaatti Kan Gadi Bu’u Sihul Shireen Qabxii 22’n Sadarkaa !7ffaa Irra jira. Shaampiyoonaa Kan Ta’e Madin Itiyoophiyaan Taphoota 33 Amma Ammaatti Taphateen Al 21 Mo’atee 5 Mo’amee Al 7 Ammoo Walqixa Baheera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffi Itiyoophiyaan dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruuf taasiftuuf BRICS beekamtii kenneera-Dr. Fitsum Asaffaa
Jul 9, 2025 4
Adoolessa 02/2017(TOI)-Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan tattaaffii Itiyoophiyaan dinagdee magariisa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf beekamtii kennuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa ibsan. Itiyoophiyaan yaa’ii Koop 30 Biraazilitti gaggeeffamurratti ajandaawwanshee ittisa jijjiirama haala qilleensaa ibsachuuf qophii gochaa akka jirtu eeraniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS 17ffaan Biraazil Riiyoo Dejenerootti taa’ameera. Jilli Itiyoophiyaa ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin durfame yaa’icharratti hirmaateera. Ministirri pilaanii fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa hirmaannaa jilli kun yaa’icharratti taasise ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Yaa’ichi wayitii addunyaan jijjirama haala qilleensaaf amma barbaadamu deebii kennaa hinjirretti ejjennoon cimaa fi ifaa dhimmicharratti qabate Itiyoophiyaaf, riijinii fi Afriikaaf gaarii akka ta’e ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota BRICS Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni jjjiirama haala qilleensaaf saaxilaman misooma cinaatti dinagdee magariisa hinmiidhamne ijaaruu akka qaban ibsuusaa himaniiru. Hawaasni addunyaa biyyoota jijjiirama haala qilleensaan miidhamaniif deeggarsa faayinaansii akka godhan waamichi taasifamuu dubbataniiru. Ajandaalee yaa’ichi irratti mari’ate keessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf tarkaanfii biyyoonni fudhachaa jiran keessatti argama. Ministirittin ibsa kennaniin, hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa bosonaa fi bosona deebisuun misoomuuf sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu, hojiileen inarjii fi qonnaaf beekamtii kennuusaa ibsaniiru. Hawaasni addunyaa hojiilee Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf hojjettuuf faayinaansiin akka deeggaru gaafatamuusaa kaasaniiru. Beekamtiin Itiyoophiyaan tattaaffii dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne ijaaruuf taasiftuuf BRICS irraa argatte hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa mootummoota gamtoomanii 30ffaan(Koop 30) Baatii Sadaasaa 2018 Biraaziil magaalaa Beelemitti taa’ama. Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisuun yaada Riiyoo Dejenerootti ibsite Koop 30 irratti ajandaa gochuun akka dhihaattu Dr. Fitsum Asaffaa eeraniiru. Paaviliyooniin hojiilee ashaaraa magariisaa fi eegumsa naannoon hojjechaa jirtu agarsiisaaf akka dhihaatu kaasaniiru.
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaaban
Jul 8, 2025 59
Adoolessa 01/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaabaniiru. Ministirri muummee Ergaa karaa fuula marsariitiisaaniin dabarsaniin, dhaabuun bayyanachuu:har’a obboroo sagantaa keenya ashaaraa magariisaa ittifufuun hojjettoota waajjira ministira muummee waliin ta’uun biqiltuu dhaabnerra jedhaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jira-Waajjira qonnaa godinichaa
Jul 6, 2025 128
Waxabajjii 29/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaa godina Boorana Bahaatti lafa heektaara kuma 5 sababa garagaraan manca’erra biqiltuun dhaabamaa jiraachuu Waajjira qonnaa godinichaa ibse. Waajjirichatti dursaan garee qabeenya uumamaa Aliyyee Arabaa sababa haala qilleensaa godinichaatiin biqiltuu dhaabuun kan eegalame walakkeessa Bitootessaarraa eegalee ta’uu dubbataniiru. Biqiltuu dhaabamaa kan jiru lafa heektaara kuma 5 sababa uumamaa fi namtolcheen manca’erra ta’uu dubbataniiru. Biqiltuun dhaabamu lafti manca’e akka lalisu gochuurra darbee ongeef akka hinsaaxilamne fulla’insaan damdamachuu hubannaa keessa galchuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu barana dhaabamaa jiran keessaa biqiltuu bosonaa, muka gaaddisaa, nyaata loonii akkasumas biqiltuuwwan muduraa keessaa Maangoo, Muuzii fi Zayituunaa akka ta’an himaniiru. Biqiltuun dhaabamu jiraattota godinichaa fi tola ooltota hirmaachisuun yoo ta’u, karoorri qabame amma milkaa’utti xiyyeeffannoon kennamee akka dhaabamu himaniiru. Godinichatti bona baranaa sulula 99 keessatti lafa heektaara kuma 63 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii hojjetamuu yaadachiisaniiru. Kaayyoon misooma sululaa ongee fi naannoon akka hin mancaane ittisuurra darbee misooma fulla’aadhaan wabii nyaataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru. Hojiin biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa sulula dabalatee biqiltuun uwwisuuf karoorfamee kan hojjetamedha jedhan.
Naannichatti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun ittifufa-Obbo Ordiin Badirii
Jul 5, 2025 168
Waxabajjii 28/2017(TOI)- Naannoo Haraariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabbatan kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu Bulchaan Naannichaa Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantichii fi Qondaaltonni Olaanoon Nannnichaa Biqiltuuwwan Naannoo Jogol dhaabbatan kunuunsaniiru. Saganticha irratti Pirezidaanti Ordiin Badirii, Sagantaan Ashaaraan Magariisaa Hoggansa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin eegalame Naannichatti Hojiirra Ooluun Waggoottan darban Biqiltoonni Faayidaa hedduu qaban dhaabbachuu isaanii beeksisaniiru. Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabaman Naannicha Magariisa gochuurra darbee miidhagaa fi hawataa akkasumas jiraattotaa fi tuuristootaaf mijataa gochuusaa dubbataniiru. Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman hordofuu fi kunuunsuun bu’aaf akka oolan gochuun cimee akka itti fufu ibsaniiru. Kanaanis Naannoo Qulqulluu fi fayya qabeessa misoomsuu ta’uu eeraniiru. Pirezidaantichi Hawaasnis ta’e dhaabbileen, Biqiltuuwwan Dhaaban kunuunsuu fi bishaan obaasuun gahee keenya bahachuu guddisuu qabna jedhaniiru. Guyyoota Itti Aanaan Mata duree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu‘’Jedhuun Naannichatti Aanaalee Magaalaa fi Baadiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan Faayidaa Hedduu Qaban dhaabuu fi kan dhaabaman kunuunsuun akka raawwatamu ibsaniiru. Keessumattuu poolisoota, Dargaggooaa fi Miseensota Hawaasaa biroo saganticha irratti hirmaatanii fi biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabbatan kunuunsan galateeffataniiru. Hara’a ganama sa’aatii 12 eegalee sagantaa biqiltuuwwan Kanaan dura dhaabaman kunuunsuu irratti Itti Aanaantuu Pirezidaantii Naannichaa Roozaa Umar, Miseensota Kabinee Naannichaa, Qaamolee Nageenyaa,hojjetota dhaabbiilee Mootummaa fi Qooda Fudhattoonni biroon hirmaataniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 3996
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 3747
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.