ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutiif kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessan
Nov 5, 2026 21
Onkololessa 26/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutii hojjechuuf kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessaniiru. Haala walii galtee mallatteeffameetiin toorri baaburaa kun fulla’insa, amansiisummaa fi saffisa hojii guddisuuf kan oolu doolaarri miil. 15 deeggarsa ni taasifama. De’eetaan ministira maallaqaa Tigisti Fissahaa fi Itiyoophiyaatti dippilomaatiin olaanaa embaasii Chaayinaa Liiyuu Ziiya’oguwaangi walii galtee kana mallatteessaniiru. Deeggarsi maallaqaa kun baabura elektiriikii guutummaatti hojiitti galchuuf kan gargaaran meshaawwan jijjiiramaa, nageenya toora muummee kan deeggaran meeshaalee hadiidaa fi buufataalee of keessatti qabata. Kana malees maashinaroonni sakatta’insaa fi suphaa hadiidaa idileef ajaajilan ni dhiheessu. Walii galteen kun tumsa misoomaaa fi dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon ministeera maallaqaa ni mul’isa.
Finfinneen፡ waltajjii abdiin waloo Afriikaa fi carraan waloo keessatti mari’atamudha!
Nov 5, 2026 70
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) -Finfinneen magaalaa muummee Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin, magaalaa muummee Afriikaanotaa, wiirtuu marii, tumsaa, dippilomaasii fi furmaanni waloo Afriikaanotaa keessaa maddan ta’aa dhufteetti. Ilaalama mootummaa Ida’amuu keessatti guddinni misooma magaalotaa Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti galmeessite, bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee dandeettii idil-addunyaatti bakka filatamaa ta’uu ishee guddisuu danda’eera. Kooridooroonni magaalotaa ammayyaa, misoomni qarqara laggeenii, misoomni magariisaa fi bu’uuraaleen geejjibaa magaalattii bakka taateewwan idil-addunyaa itti gaggeeffamaniif filatamaa taasisaa jiru. Finfinneen hoggantoota Afrikaa, dhaabbilee idil-addunyaa, invastaroota, turistootaa fi michoota misoomaa walitti fiduu qofa osoo hin taane, giddugala marii fi tumsa waliinii ardii Afrikaa taateetti. Kunis turizimii konfiraansii, sochii dinagdee fi carraa hojii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafis, paartileen siyaasaa Afrikaa golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa seena-qabeessa ta’e keessatti walgahii isaanii gaggeessuun hiika seenaa fi ardii bal’aa qaba. Adawaan mallattoo tokkummaa, bilisummaa, gootummaa fi dandeettii ofiin of murteessuu ummattoota Afrikaati. Bakka seenaa qabeessa kanatti humnoonni siyaasaa Afrikaa walitti dhufuun isaanii injifannoo waliinii darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, rakkoolee waliinii ardichaa marii, waliigaltee fi tumsa waliin furuuf kutannoo qabaachuu isaanii agarsiisa. Finfinneen duudhaa seenaa fi aadaa ishee misooma magaalaa ammayyaa wajjin walitti qindeessuun giddugala taateewwan siyaasaa, dipilomaasii, dinagdee, aadaa fi saayinsii ta'uu ishee cimsaa jirti. Finfinneen magaalaa addunyaan keessatti wal argu, irratti mari'atuu fi furmaata waliinii itti maddisiiu; magaalaa Afriikaanotaati!
Sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jirra - Qonnaan bultoota
Nov 5, 2026 49
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) – Faayidaa dinagdee bunarraa argatan guddisuuf sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jiraachuu godina kibba lixa Oromiyaatti qonnaan bultoonni aanaa Mattuu dubbatan. Bakki kun bosonaa fi oomisha bunaa boroo fi lafa mijataa, biyyoo gabbataa fi rooba gahaa waan qabuuf buna dhamdhama uumamaa qabu oomishuun beekama. Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Mattuu Gizaachoo Qannaa ija bunaa diimaa fi guutummaatti bilchaate qofa funaanuudhaan oogdii qulqulluurratti gogsaa akka jiran ibsaniiru. Maasaarraa eegalee gogee amma mankuusaatti qulqullinasaa eeguun galii bunarraa argatan guddisuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaa Taaddalaa Guddataa gamasaaniin, buna diimaa qofa funaanuun fi oogdii sadarkaasaa eegerratti gogsuun buna qulqulluu gabaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Qonnaan bulaan Abdulwahaab maasaarraa amma gabaa baasanitti sadarkaa hundatti qulqullinni bunaa eegamuu akka qabu eeraniiru. Itti aanaan bulchaa godina aanaa Mattuu obbo Iyyoob Zinaabuu akka ibsanitti, maasaa bunaa hektaara kuma 14 irraa buna toonii kuma 6 fi 600 gabaa giddu galeessaaf dhiheessuuf karoorfameera. Godinichatti walumaa gala buna toonii kuma 700 walitti qabuu fi kana keessaa toonii kuma 200 gabaa giddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamuusaa itti aanaan bulchaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Indaalkaachioo Tafarii ibsaniiru. Qulqullina bunaa fi qisaasama ittisuuf hubannoo kennuun, hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.

Nov 5, 2026 47

Dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu qabu
Nov 5, 2026 96
Onkololessa 26/2019 (ENA): Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miidiyaalee fi ogeessonni miidiyaa hojii isaanii keessatti faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru. Sirni eebbaa Giddugala Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaan ijaarame gaggeeffamaa jira. Sirna eebbaa kanarratti Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa fi hoggantoonni miidiyaa adda addaa, akkasumas keessummoonni affeeramanii argamaniiru. Giddugalichi dandeettii damee gaazexeessummaa fi miidiyaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, beekumsa, dandeettii fi naamusa gaazexeessitootaa fi hoggantoota miidiyaa fooyyessuunis kaayyoo isaa keessaa isa tokkodha. Qorannoodhaan damee miidiyaa deeggaruun leenjii itti fayyadama teeknooloojii guddisu argachuun galma giddugalichaa isa biraati. Oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa adda baasuuf ummataaf hubannoo uumuun hojiiwwan giddugalichi raawwatu keessaa isa tokko. Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, akka ibsanitti Bilisummaan dubbii itti gaafatamummaa waliin wal cinaa deemuu qaba jedhan. Ambaasaaddarichi akka jedhanitti, mootummaan haala mijataa uumuuf waan guddaa hojjechuu eeranii; adeemsa kana keessatti warri seera hordofan yoo jiraatanillee muraasni seera bu’uuraa hin hordofne akka jiran hubachiisaniiru. Hojimaata diriirfameen alatti qaamota hojjetan hordoffiin seeraan akka walsimsiisu taasifamaa jira jedhan. Ogeeyyiin miidiyaas ta’e dhaabbileen hojii isaanii tamsaasuun dura fedhii Itiyoophiyaa fi dantaa ummataatiin madaalamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen ijaarsa miidiyaa murteessaa ta’uu hubachiisuu, kana keessatti dhaabbilee fi ogeessonni miidiyaa gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gama isaaniitiin giddugalichi leenjii kennuuf qophii xumuruusaa akeekuun, yeroo dhiyootti leenjii kennuu akka eegalu ibsaniiru. Kanaafis moojuulonni leenjii barbaachisoo ta’an qophii ta’uu ibsanii, leenjiin hubannoo namtolcheen gargaaramanis ni kennama jedhaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Siyaasa

Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa waliin mari’atan
Nov 4, 2026 437
Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan waajjirasaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru. Ministirichi nagaa fi tasgabbii gaanfa Afriikaa yeroo ammaa irratti ergamaa addaa kanaaf ibsa taasisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa. Ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan gamasaaniin, Chaayinaan nagaa fi tasgabbii Afriikaarratti shoora barbaachisu bahachuuf kutannooshee ibsiteetti.
Manni marichaa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf የitti gaafatama adda durummaa qaba-Af-yaa’ii Ahimad Shidee
Nov 4, 2026 327
Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa badhaadhina hunda galeessa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf itti gaafatama adda durummaa qaba jedhan Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee. Waltajjiin leenjii miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa 7ffaa fi hoggantoota waajjira mana marichaaf qophaa’e gaggeeffameera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, waggoottan saddet darban badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf damee dinagdee garagaraarratti fooyyessi taasifamameera kanaanis jijjiiramni galmaa’eera. Itiyoophiyaa gara sadarkaa misoomaa olaanaatti ceesisuuf hojiileen hojjetaman namarratti kan xiyyeeffatanii fi tattaaffii taasifamu bifa qindaa’aan bu’aa qabatamaatti kan jijjiiran ta’uu qabu jedhaniiru. Haala Kanaan qabeenya biyyattii, beekumsaa fi kaka’umsa ummataa, akkasumas dandeettii dhaabbilee walitti fiduu fi qindeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Misoomnii fi guddinni Itiyoophiyaa milkaa’ina karooraa fi raawwiin qofa osoo hin taane jijjiirama jireenya namaarratti fiduun madaalamuu akka qabu af-yaa’ichi himaniiru. Haala Kanaan manni maree bakka bu’oota ummataa to’annaa seera baastuu, bakka bu’ummaa ummataa fi hojii raawwachiistotarratti taasisuun, mul’anni biyyaalessaa gara raawwii qindaa’aa fi faayidaa lammiilee waaraa ta’eetti akka jijjiiramu qoodasaa bahachuun akka irraa eegamuhubachiisaniiru. See less
Karoorri of-danda'uu rakkoowwan turan furuurra darbee humna haaraa fayyadamuun addunyaa waliin akka dorgomnu nu taasisa – Doktar Tashoomaa Addunyaa
Nov 4, 2026 337
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Karoorri of-danda'uu rakkoowwan turan furuurra darbee humna haaraa fayyadamuun Addunyaa waliin akka tarkaanfannu taasisa jechan kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa. Magaalaa Shaggaritti leenjii karoora of-danda'uu hoggantoota sadarkaan jiraniif kennamaa jira. Leenjichi kaayyoo akkasumas kallattiiwwan tarsiima’aafi bu’uuraalee karoora Of-danda’uu irratti hubannoo hooggantootaa cimsuun, karooricha sadarkaa hundatti gara hojii qabatamaatti hiikuuf kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Haaluma kanaan leenjichi kallattiiwwan karoora of-danda'uu akka Naannoo Oromiyaafi Magaalaa Shaggaritti milkeessuuf hojjetamaa jiruu irratti xiyyeeffachuun kennamaa jira. kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa karoorri of-danda'uu rakkoowwan turaniif furmaata ta'uurra darbee milkaa'ina egeree kan murteessu ta'uu himaniiru. Magaalaan Shaggar gaaffiiwwan siyaasaa deebisuun ijaarsa Magaalaa dinagdee dhugoomsuuf kan hundoofte ta'uu kan himan, hojii waggoottan darbanitti hojjetameenis sochiiwwan guddina hawaas-dinagdee yeroo gara yerootti tarkaanfachaa jiraachuus himaniiru. Karoorri of-danda'uu dorgomtummaa magaalaa egereef murteessaa kan ta'eefi kunis rakkoowwan furuurra darbee humnaa fi poteenshaala haaraa fayyadamuun Addunyaa waliin akka tarkaanfannu kan taasisudhas jedhaniiru. Koomunikeeshinii magaalichaarra #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'
Itiyoophiyaan Yaa'ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa lammaffaa keessummeessuuf qophii xumurte
Nov 4, 2026 273
Onkoloolessa 25/2019(ENA): Itiyoophiyaan Yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa keessummeessuuf qophii xumurtee jirti jedhan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Daarektarri Olaanaa Hariiroo Idil Addunyaa obbo Nabiyyuu Sahul. Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa hoggantoonni, miseensonni olaanoon paarlaamaa fi ministiroonni biyyoota garaagaraa kan irratti hirmaatan Boru irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffama. Yaa’ichi mata duree “Guddina Hogganuu: Paartileen Siyaasaa Wixinee Egeree Diinagdee Afrikaa kan bocanidha ” jedhuun guyyoota sadiif Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeeffamu ibsameera. Yaa’icha Paartiin Badhaadhinaa Giddugala Bulchiinsa Afrikaa waliin ta’uun kan qopheessu yoo ta’u, paartileen siyaasaa guddina waaraafi misooma ardichaa keessatti qooda fudhattoota adda duree fi mootara diinagdee taasisuurratti kan kaayyeffate ta’uun eerameera. Daayirektarri Olaanaan Hariiroo Idil-addunyaa Paartichaa Obbo Nabiyyuu Sihuul ibsa Yaa’icha ilaalchisee ibsa kennaniin, kaayyoo guddaan waltajjichaa paartileen siyaasaa jireenya uummataa fooyyessuu fi jijjiirama diinagdee fiduu keessatti itti gaafatamummaa isaanii akka guddisan taasisuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan waltajjicha akka keessummeessituuf kan filatamte, Paartiin Badhaadhinaa uummata hiyyummaa keessaa baasuuf kallattiiwwan misoomaafi guddinaa kaa’uufi ce’umsa diinagdee fiduu keessatti muuxannoo fakkeenya ta’u danda’u waan horateef ta’uu ibsan. Waltajjichi milkaa’ina diinagdee Itiyoophiyaan waggoottan darban keessatti galmeessiteefi muuxannoo fooyya’iinsa diinagdee gooroo irratti taasifte biyyoota biroof qooduuf carraa akka uumus dubbataniiru. Yaa’ichi gahee dubartoonni hoggansa keessatti qaban, akkasumas hirmaannaa fi gumaacha dargaggoonni siyaasaa keessatti qaban irratti ni mari’ataan eegama. Yaa’icha irratti hoggantoota biyyoota 20 olii, miseensota olaanoo paarlaamaa fi ministiroota 80 ta’an, akkasumas bakka bu’uuta paartilee siyaasaa biyyoota Afrikaa garaagaraa dabalatee waliigalaan hirmaattonni kumni 1 ni argamu jedhameetu eegama. Konfiraansiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa jalqabaa bara darbe Gaanaa magaalaa Akiraatti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Karoorri dandeettii ofii guddisuu cehumsa hunda galeessa mirkaneessuuf kan akeekedha – Obbo Masfin Malaakuu
Nov 4, 2026 254
Onkoloolessa 25/2019 (ENA) - Karoorri dandeettii ofii guddisuu carraa ummata Oromoo gara cehumsa hunda galeessaatti ceesisuuf kan qophaa’e karoora tarsiimawaa ta’uun ibsame. Godina lixa Oromiyaatti, leenjiin hooggantoota mootummaa fi paartii godinaa, magaalotaa fi aanaaleef kennamu eegalameera. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaatti bulchaan godina lixa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuu baniinsa leenjichaarratti akka ibsanitti, injifannoowwan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa waggoottan darban argaman ummata Oromoo gara sadarkaa misoomaa olaanaatti kan ceesisan bu’ura kaa’aniiru. Hoggansa dinagdee ga’umsaan gaggeessuu danda’u horachuudhaan, dinagdee bu’ura garagaraa qabuu fi rakkoo damdamachuu danda’u ijaaruuf carraaqqiin taasifame bu’aa argamsiisaa jiraatus, galmoota qabaman waliin walbiratti yoo ilaalamu kan hafu ta’uu eeraniiru. Keessumaa rakkoon kenniinsa tajaajilaa, hojii dhabdummaan, qaala’insi jireenyaa fi rakkooleen naamusaa hundeerraa furuuf waggoottan shaman dhufan karoora dandeettii ofii guddisuun gaggeeffamuun cehumsa hunda galeessa mirkaneessuuf ni hojjetama jedhaniiru. Karoorichi oomishtummaa guddisuun gamatti damee hundaan guddina waaraa fiduuf kan akeeke yoo ta’u, leenjiin godinichatti kennamus hubannoo hoggantootaa cimsuu fi karooricha sadarkaa hundattihojiirra oolchuuf qophaa’ummaa uumuuf kan akeeke ta’uu dubbataniiru. Karooricha milkeessuuf carraalee misoomaa hundatti gargaaramuun, humna namaa beekumsaa fi ogummaan ga’oomsuu, oomishtummaa guddisuu, industraalaayizeeshinii babal’isuu fi hojmaata itti gaafatamummaa qabu diriirsuun xiyyeeffannoo ijoodha. Hirmaattonnis hubannoo leenjicharraa argatan hojiirra oolchuun sadarkaa hawaasaa fi maatiitti bu’aaa qabatamaa akka dhufu ni eegama jedhaniiru.
Carraawwan misoomaa Godinicha keessa jiran sirnaan itti fayyadamuun dinagdeedhaan of danda'uuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru
Nov 4, 2026 241
Onkoloolessa 25/2019 (ENA)—Godina Kibba Baha Oromiyaatti carraawwan misoomaa jiran sirnaan itti fayyadamuu, humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gabbisuu fi omishtummaa dabaluudhaan dinagdeen of danda’uuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiraachuun ibsame. Hoggantoota Godina Kibba Baha Oromiyaatti argamaniif leenjiin karoora odf danda’uu hojiirra oolchuuf qophaa'e magaalaa Baalee Roobeetti kennamaa jira. Kallattiiwwan tarsiimoo dinagdeen of danda’uu fi qajeeltoowwan bu’uuraa ilaalchisee leenjii kennamaa jiru kana irratti hoggantoonni mootummaa fi paartii naannoo, Godinawwanii, magaalotaa fi aanaalee hirmaataniiru. Leenjichi hubannoo hoggansa gabbisuudhaan karooricha sadarkaa bulchiinsaa hundatti gara hojii qabatamaatti jijiiruuf qophii gahaa uumuu kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Leenjichi mul’ata mootummaa ida’amuu gara hojiitti jijjiiruun, qabeenya keessaa, dandeettii waliinii fi carraawwan misoomaa jiran sirnaan itti fayyadamuu dhaan dinagdeedhaan of danda’uu mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatudha. Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantti Naannoo Oromiyaatti bulchaan Godina kibba Bahaa oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis wayita sana akka jedhanitti, karooricha galmaan gahuuf hoggantoonni karoora bu’aa irratti hundaa’e qopheessuudhaan hojiiwwan karoorfaman yeroo fi qulqullinaan raawwachuu akka qaban dhaamaniiru. Akkaasumas hubannoo waliinii, qindoomina hojii, hirmaannaa uummataa fi itti gaafatamummaa cimsuun galma karoorichaa milkeessuuf murteessaa ta’uu ibsaaniiru. Keessattuu carraawwan misoomaa Godinicha keessa jiran sirnaan itti fayyadamuu, humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gabbisuu, omishtummaa dabaluu, Indastiriyaalaayizeeshiinii babal’isuu fi sirna itti gaafatamummaa qabu diriirsuun dhimmoota xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uun ibsameera. Leenjicha booda hirmaattoonni hubannoo argatan hojiirra oolchuudhaan karoorichi sadarkaa hawaasaa fi maatiitti bu’aa qabatamaa akka fidu qooda isaanii akka bahan ni eegama. Kilasteera Robeetti leenjii hoggansaa kennamaa jiru irratti hoggantoonni naannoo, godinaa fi aanaalee irraa walitti babahan sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachaa jiru. See less
Karoora of danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun hojjetamuu qaba- Doktar Mangistuu Baqqalaa
Nov 4, 2026 302
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Karoora of- danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun fayyadamummaa uummataa dabaluuf hojjetamuu qaba jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Oromiyaatti Bulchaan Godina giddu galeessa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa. Godina Giddu Galeessa Oromiyaatti karoora of-danda’uu irratti kan xiyyeeffate leenjii hooggantoota paartii fi mootummaa sadarkaa garaagaraatiif kennamaa jira. Leenjiin kun kaayyoo karoora of-danda’uu, bu’uura yaadama ida’amuu, akkasumas qabeenya, carraalee fi dandeettii jiran sirnaan fayyadamuun ce’umsa hunda galeessaa fi badhaadhina waaraa mirkaneessuu irratti hubannoo hoggantootaa cimsuuf kan qophaa’eedha. Saganticharratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Oromiyaatti Bulchaan Godina giddu galeessa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa ergaa dabarsaniin karoora of danda’uu milkeessuun hirkattummaa keessaa ba’uun jireenya uummataa fooyyessuun murteessaadha jedhaniiru. Ijaarsa biyyaa keessatti adda durummaan gahee bahachuuf hoggantoonni karoora of danda’uu sirriitti hubatanii milkeessuuf qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisan. Hirmaattonni leenjiichaa karoora of-danda’uu gara hojii qabatamaatti hiikuun, qabeenya jiru bu’aa qabeessa taasisuun, oomishtummaa guddisuun, hirmaannaa uummataa cimsuufi sirna cimaa ijaaruun galma karoorichaa milkeessuuf gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Hawaasummaa
Dippilomaatonnii fi bakka bu’oonni dhaabbilee addunyaa wiirtuu haaromsaa hidhattoota duraanii naannoo Tigraayi daawwatan
Nov 5, 2026 72
Onkoloolessa 26/ 2019 (ENA)-Bakka bu’oonni mootummoota gamtoomanii fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa wiirtuu leenjii haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii naannoo Tigraayitti argamu daawwataniiru. Wiirtuun Maqalee Kanaan dura naannichatti leenjiin haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii simatee keessummeessaa akka jiru ibsameera. Yeroo ammaa hidhattoonni duraanii kuma 5 fi 300 wiirtuuwwan kana keessatti leenjii haaromsaa leenji’aa jiru. Leenjiin haaromsaa kun hidhattoota duraanii hawaasatti makuun, jireenya idileesaanii akka jiraatan taasisuun gamatti ijaarsa nageenya biyyaa waaraaf gumaacha guddaa gochaa jiraachuun beekameera. Komishinarii komishinii haaromsaa biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun dabalatee hoggantoonni komishinichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jira- Pirezidaanti Ordiin Badrii
Nov 4, 2026 238
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Naannoo Harariitti sagantaan nyaata barattootaa ittifufinsaan hojiirra ooluun bu’aan argamaa jiraachuu Pirezidaanti Ordiin Badrii beeksisan. Pirezidaanti Ordiin Badrii mana barumsaa magalaa fi baadiyyaa naannichaa keessatti sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisaniiru. Pirezidaantichi akka ibsanitti, mootummaan ida’amuu qulqullina barnootaa, hirmaannaa fi bu'aa barattootaa irratti xiyyeeffannoo kennuudhaan hojjechaa jira. Naannichatti waggoottan darbanitti damichaan hojiiwwan hojjetaman jajjabeessaa ta'uu isaanii dubbataniiru. Keessattuu manneen barnootaa keessatti sagantaan nyaata barattootaa hojjetamu hirmaannaa barnoota barattootaa dabaluu fi addaan kutinsa barnootaa barattootaa hanbisuun bu'aa fidaa jiraachuu ibsaaniiru. Sagantichi dandeettii barnoota fudhachuu barattootaa akka dabalu gochuu irrattis bu'aa fidaa jiraachuu eeraniiru. Mootummaan Naannichaa bara barnootaa 2019f sagantaa nyaataaf baajata birrii miliyoona 46 ol ramaduusaa ibsaaniiru. Kanaan cinaatti sagantichi haadholii waldaan gurmaa'aniif carraa hojii uumuu dhaan galii mataa isaanii akka guddisan dandeessisuu ibsaniiru. Sagantichi baajata mootummaa naannichaatiinii fi hirmaannaa hawaasaatiin cimeen hojiirra oolaa akka jiru kan ibsan pirezidaantichi, itti fufiinsa sagantichaa mirkaneessuuf abbootin qabeenyaa, dhaabbileen deeggarsa kennanii fi qooda fudhattonni deeggarsa meeshaa fi maallaqaa jalqaban akka cimsaanii itti fufan dhaamaniiru. Naannichatti maneen barnootaa magalaa fi baadiyyaa 68 keessatti barattoota mana mabumsaa idileen duraatii hanga kutaa 4ffatti barattoota kuma 40 fi 672 saganticha irraa fayyadamaa akka ta'an odeeffannoon Biiroo Barnoota Naannichaa irraa argame ni mul’isa.
Televiizhiniin Tigiraay Tamsaasatti Deebi'e
Nov 4, 2026 158
Onkololessa 25 /2019 (ENA): Maqaa haaraa Dhaabbata Miidiyaa Tigraay jedhuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaan hayyama seera qabeessa kan argate Televiizhiniin Tigiraay har’a gara tamsaasa idileetti deebi’eera. Bu’uura aangoo fi itti gaafatamummaa Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa labsii lakk. 1238/2013 qabuun argateen, hordoffii taasisaa tureen dhaabbatichi kanaan dura seeraa fi dambii biyyattii cabsuun,shororkessitoota deeggaruunii fi birmadummaa biyyaa balaarra kan buusu odeeffannoo dogongoraa tamsaasaa turuu himameera. Haaluma kanaan tamsaasa irraa dhorkamee kan ture yeroo ammaa maqaa haaraan gara tamsaasaatti deebi’eera. Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa maqaa haaraa Korporeeshinii Miidiyaa Tigraay jedhuun dhaabbatichaaf hayyama tajaajila tamsaasaa kan kenne yoo ta’u, dhaabbatichi har’a tamsaasaa eegale. Televizhiniin Tigiraay gara tamsaasaatti deebi’uun tajaajilli miidiyaa naannichatti deebi’ee akka eegaluuf carraa bal’aa kan uumu ta’uu abbaan taayitichaa beeksiseera. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Fooyyessi sirna fayyaa Itoophiyaa milkaa'ina deebii yaalaa hatattamaatiif bu'uura ta'eera.
Nov 3, 2026 375
Onkololeessa 24/2019 (ENA) : Fooyyessi sirna fayyaa Itoophiyaa milkaa'ina deebii yaalaa hatattamaatiif bu'uura ta'uu ministirri ministira fayyaa Itoophiyaa Dr. Maqdas Dhaabaa himani.. Gareen Yaala hatattamaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa beekamtii idil addunyaa sadarkaa 1ffaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa argateera. Yaa’iin Garee Yaala Hatattamaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa 7ffaan yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti gaggeeffamaa jira. Garichi Naannawaa Afrikaatti garee siiviilii isa jalqabaa, akkasuma ulaagaa qophummaa hundaa guute 2ffaa ta’uun boqonnaa seenaa galmeessuu Ministirri Ministira Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru. Gareen deeggarsa Yaalaa fi Ittisaa Balaa Itoophiyaa bara 2018 kan hundaa’e yoo ta’u, biyyoota 15 ol keessatti ergama isaa bahachuu fi ogeeyyii ga’umsa qaban 600 ol bobbaasuun tumsaa fi michummaa sadarkaa ardii agarsiisuu himan. Ministeera Fayyaa, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa fi michoota biroo waliin qindoominaan hojjechuudhaan, Gareen Yaala Hatattamaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gara sadarkaa ‘WHO Type-1tti’ akka ce'u taasifamuu isaa ibsameera. Garee yaalaa hatattamaa biyyaalessaa Itoophiyaa dabalatee gareewwan 77 biyyoota 42 irraa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatiin beekamtii argataniiru jedhan. Gareen yaalaa hatattamaa siiviilii Afrikaa keessatti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii argate isa jalqabaa ta’uus hubachiisaniiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyi kamiyyuu kophaa isaa balaan fayyaa hatattamaa akka hin mudanne hojjechuu isaa itti fufuu mirkaneessaniiru. Dhaabbata Fayyaatti (WHO) dariktarri naannoo Afrikaa Doktar Mahaammad Yaakuub Janaabii Afriikaan konfiraansii ardii kanarratti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa jirurratti akka keessummaa taatee osoo hin taanee hogganaa fi ajandaa kan baastu ta’uun yeroo hirmaachaa kan jirtu ta’uu himaniiru. Afrikaan waggaa waggaan balaawwan fayyaa hawaasaa gurguddoon akka mudatu kan ibsan yoo ta’u, mootummoonni waadaa galan gara karoora biyyaalessaatti akka jijjiiran gaafataniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa Doktar Malkaamuu Abtee akka gama isaaniin, konfiraansichi muuxannoo waliif qooduuf, tumsaafi tarkaanfii waloo irratti murteessaa ta’uu dubbatani. Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa Ministeera Fayyaa, dhaabbilee fayyaa naannoo, Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO), fi dhaabbilee michuu biroo waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun ajandaa kana ceesisuuf gahee olaanaa taphachuu isaa ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutiif kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessan
Nov 5, 2026 21
Onkololessa 26/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutii hojjechuuf kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessaniiru. Haala walii galtee mallatteeffameetiin toorri baaburaa kun fulla’insa, amansiisummaa fi saffisa hojii guddisuuf kan oolu doolaarri miil. 15 deeggarsa ni taasifama. De’eetaan ministira maallaqaa Tigisti Fissahaa fi Itiyoophiyaatti dippilomaatiin olaanaa embaasii Chaayinaa Liiyuu Ziiya’oguwaangi walii galtee kana mallatteessaniiru. Deeggarsi maallaqaa kun baabura elektiriikii guutummaatti hojiitti galchuuf kan gargaaran meshaawwan jijjiiramaa, nageenya toora muummee kan deeggaran meeshaalee hadiidaa fi buufataalee of keessatti qabata. Kana malees maashinaroonni sakatta’insaa fi suphaa hadiidaa idileef ajaajilan ni dhiheessu. Walii galteen kun tumsa misoomaaa fi dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon ministeera maallaqaa ni mul’isa.
Finfinneen፡ waltajjii abdiin waloo Afriikaa fi carraan waloo keessatti mari’atamudha!
Nov 5, 2026 70
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) -Finfinneen magaalaa muummee Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin, magaalaa muummee Afriikaanotaa, wiirtuu marii, tumsaa, dippilomaasii fi furmaanni waloo Afriikaanotaa keessaa maddan ta’aa dhufteetti. Ilaalama mootummaa Ida’amuu keessatti guddinni misooma magaalotaa Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti galmeessite, bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee dandeettii idil-addunyaatti bakka filatamaa ta’uu ishee guddisuu danda’eera. Kooridooroonni magaalotaa ammayyaa, misoomni qarqara laggeenii, misoomni magariisaa fi bu’uuraaleen geejjibaa magaalattii bakka taateewwan idil-addunyaa itti gaggeeffamaniif filatamaa taasisaa jiru. Finfinneen hoggantoota Afrikaa, dhaabbilee idil-addunyaa, invastaroota, turistootaa fi michoota misoomaa walitti fiduu qofa osoo hin taane, giddugala marii fi tumsa waliinii ardii Afrikaa taateetti. Kunis turizimii konfiraansii, sochii dinagdee fi carraa hojii guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafis, paartileen siyaasaa Afrikaa golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa seena-qabeessa ta’e keessatti walgahii isaanii gaggeessuun hiika seenaa fi ardii bal’aa qaba. Adawaan mallattoo tokkummaa, bilisummaa, gootummaa fi dandeettii ofiin of murteessuu ummattoota Afrikaati. Bakka seenaa qabeessa kanatti humnoonni siyaasaa Afrikaa walitti dhufuun isaanii injifannoo waliinii darbe yaadachuu qofa osoo hin taane, rakkoolee waliinii ardichaa marii, waliigaltee fi tumsa waliin furuuf kutannoo qabaachuu isaanii agarsiisa. Finfinneen duudhaa seenaa fi aadaa ishee misooma magaalaa ammayyaa wajjin walitti qindeessuun giddugala taateewwan siyaasaa, dipilomaasii, dinagdee, aadaa fi saayinsii ta'uu ishee cimsaa jirti. Finfinneen magaalaa addunyaan keessatti wal argu, irratti mari'atuu fi furmaata waliinii itti maddisiiu; magaalaa Afriikaanotaati!
Sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jirra - Qonnaan bultoota
Nov 5, 2026 49
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) – Faayidaa dinagdee bunarraa argatan guddisuuf sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jiraachuu godina kibba lixa Oromiyaatti qonnaan bultoonni aanaa Mattuu dubbatan. Bakki kun bosonaa fi oomisha bunaa boroo fi lafa mijataa, biyyoo gabbataa fi rooba gahaa waan qabuuf buna dhamdhama uumamaa qabu oomishuun beekama. Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Mattuu Gizaachoo Qannaa ija bunaa diimaa fi guutummaatti bilchaate qofa funaanuudhaan oogdii qulqulluurratti gogsaa akka jiran ibsaniiru. Maasaarraa eegalee gogee amma mankuusaatti qulqullinasaa eeguun galii bunarraa argatan guddisuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaa Taaddalaa Guddataa gamasaaniin, buna diimaa qofa funaanuun fi oogdii sadarkaasaa eegerratti gogsuun buna qulqulluu gabaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Qonnaan bulaan Abdulwahaab maasaarraa amma gabaa baasanitti sadarkaa hundatti qulqullinni bunaa eegamuu akka qabu eeraniiru. Itti aanaan bulchaa godina aanaa Mattuu obbo Iyyoob Zinaabuu akka ibsanitti, maasaa bunaa hektaara kuma 14 irraa buna toonii kuma 6 fi 600 gabaa giddu galeessaaf dhiheessuuf karoorfameera. Godinichatti walumaa gala buna toonii kuma 700 walitti qabuu fi kana keessaa toonii kuma 200 gabaa giddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamuusaa itti aanaan bulchaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Indaalkaachioo Tafarii ibsaniiru. Qulqullina bunaa fi qisaasama ittisuuf hubannoo kennuun, hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.
Sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jirra - Qonnaan bultoota
Nov 5, 2026 47
Onkoloolessa 26/2019 (ENA) – Faayidaa dinagdee bunarraa argatan guddisuuf sadarkaa oomishaa hundatti buna qulqullinaan funaanaa jiraachuu godina kibba lixa Oromiyaatti qonnaan bultoonni aanaa Mattuu dubbatan. Bakki kun bosonaa fi oomisha bunaa boroo fi lafa mijataa, biyyoo gabbataa fi rooba gahaa waan qabuuf buna dhamdhama uumamaa qabu oomishuun beekama. Qonnaan bulaan jiraataa aanaa Mattuu Gizaachoo Qannaa ija bunaa diimaa fi guutummaatti bilchaate qofa funaanuudhaan oogdii qulqulluurratti gogsaa akka jiran ibsaniiru. Maasaarraa eegalee gogee amma mankuusaatti qulqullinasaa eeguun galii bunarraa argatan guddisuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Qonnaan bulaa Taaddalaa Guddataa gamasaaniin, buna diimaa qofa funaanuun fi oogdii sadarkaasaa eegerratti gogsuun buna qulqulluu gabaaf dhiheessuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Qonnaan bulaan Abdulwahaab maasaarraa amma gabaa baasanitti sadarkaa hundatti qulqullinni bunaa eegamuu akka qabu eeraniiru. Itti aanaan bulchaa godina aanaa Mattuu obbo Iyyoob Zinaabuu akka ibsanitti, maasaa bunaa hektaara kuma 14 irraa buna toonii kuma 6 fi 600 gabaa giddu galeessaaf dhiheessuuf karoorfameera. Godinichatti walumaa gala buna toonii kuma 700 walitti qabuu fi kana keessaa toonii kuma 200 gabaa giddugaleessaaf dhiheessuuf karoorfamuusaa itti aanaan bulchaa godina kibba lixaa Oromiyaa obbo Indaalkaachioo Tafarii ibsaniiru. Qulqullina bunaa fi qisaasama ittisuuf hubannoo kennuun, hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 102
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 554
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 411
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 506
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan
Nov 1, 2026 673
Onkololessa 22/2019 (ENA): Piriimarliigii Ingiliz torbee 9ffaa taphni Liivarpuulii fi Arsenaal har'a gaggeeffamu hawwii guddaan eegama. Taphi kilaboota lamaan gidduutti taphatamu galgala sa'aatii 1:30 irratti Istaadiyeemii Anfildi Rood keessatti gaggeeffama. Liivarpuul bara kana taphoota saddeet taphate keessaa 4 injifachuun tapha tokko mo'amuun, tapha sadii qixa bahuun isaa ni yaadatama. Arsenaal taphoota taphateen goolii 11 galchuun, goolii 8 isaanitti kan gale yoo ta’u, qabxii 15’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Shaampiyoonaa yeroo sanaan Arsenaal taphoota 8 liigichaan taphate keessaa 7 moo'achuun al tokko mo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota kanaan goolii 13 kan lakkoofsise yoo ta’u, shan immoo isatti lakkaa’ameera. Arsenaal qabxii 21’n sadarkaa 2ffaa irra jira. Arsenaalii fi Liivarpuul dorgommii hanga ammaatti taasifameen yeroo 246 waliin taphataniiru. Liivarpuul yeroo 96 injifachuun olaantummaa isaa kan mirkaneeffate yoo ta’u , Arsenaal ammoo yeroo 83 injifateera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 992
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 1640
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 1397
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 781
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru. Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru. Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 803
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 2309
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1607
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24240
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20281
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.