Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna
Sep 9, 2026 15
Qaammee 4/2018 (ENA): Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa. Ministeerri Barnootaa Qaamee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, namoota galii xiqqaa qabaniif maaddii qoodaniira. Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa yeroo kanatti akka jedhanitti, wal gargaaruun aadaa Itoophiyaanotaa ta’uu eeruun, yeroo ayyaana jijjiirraa baraa kabajnuus akkuma kanaan ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ayyaana Waggaa Haaraa wal deeggaruun, jaalalaanii fi namoota rakkatan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhaniiru. Bara haaraatti miira tokkummaattin waliin dhaabbachuun, boqonnaa haaraaf waliin ijaarsa biyyaatiif murteessaa ta’uu Ministirichi ibsaniiru. Gama biraatiin, Ministeerri Nageenyaa Qaam’ee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, dhabbataa “Gergeseenoom — wiirtuu namoota dhibee sammuu qabaniif” ta’eef — maaddii qoodaniira. Hoogganaan Waajjira Ministeera Nageenyaa Mabraatuu Kaasaa, wiirtichatti argamuun maaddii erga waliin qoodanii booda, lammiileen wiirticha keessa jiran deeggarsa dabalataa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, Ministeerichi deeggarsa kanaan dura wiirtichaaf taasisaa ture cimsee akka itti fufu mirkaneesseera. Hundeessaa fi hoogganaan wiirtichaa Liqetiguhaan Qaasis Mallas Ayyalaa, Ministeerichi deeggarsa garaagaraa kanaan dura taasisaa turetti dabalataan, har’as sagantaa maaddii waliin qooduu gaggeessuu isaa dubbatan.  
Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara Haaraaf Meeshaaleen bu’uuraa gabaaf dhihaataniiru
Sep 9, 2026 58
Qaammee 4/2018 (ENA): Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara haaraaf meeshaaleen bu’uuraa gahaan gatii madaalawaan gabaaf dhihaachuu isaanii shamattoonnii fi daldaltoonni magaalattii ibsan. Magaalaa Adaamaatti baazaarii ayyaana bara haaraaf baname irratti meeshaaleen bu’uuraa baay'ina gahaadhaan uummata bitattuuf gahuu isaanii oomishtoonnii fi shamattoonni ENA’f Yaada kennan ibsaniiru. Bakka bu'aan gurgurtaa waarshaa Daakuu Diinaa Obbo Jimmaa Tonkoluu akka ibsanitti; waarshaan isaanii Baazaarii Bulchiinsa magaalaatiin qophaa'e irratti hirmaachuun midhaan nyaataa ayyaana bara haaraaf ta'an qulqullinaa fi gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessaa jira.   Waarshichaan oomishaaleen gabaaf dhihaatan keessaa Xaafii Diimaa fi adiin, daakuu furnoo akkasumas daakuu boqqolloo kan eeraman ta'uu, oomishaaleen kunis akkuma fedhii fi dandeettii shamattootaatti kilogiraama 5, 10, 25 fi 50n dhihaachuun isaanii ibsameera. Oomishaaleen Bu’uuraa ayyaanaa baay'ina gahaa fi gatii madaalawaadhaan dhihaachuun isaanii kutaan hawaasaa hundi akkuma dandeettii isaatti bitee ayyaanicha gammachuudhaan akka kabaju gummacha ol'aanaa qabaachuu ibsaniiru. Hojjettuun gurgurtaa waarshaa Zayitaa Golden Fuul Qaalkidaan Shifarraaw gamasaaniin ; waarshichi bara haaraa 2019 dhufu sababeeffachuun tasgabbii gabaa uumuuf qophii bal'aa gochuu isaa ibsaniiru. Haaluma Kanaan zayita nyaataa liitira lama irraa hamma shaniititti jiru gatii madaalawaa fi baay'ina gahaadhaan baazaaricharratti dhiheessuu ibsaniiru. Uummanni bitattuus gara baazaarii ayyaanaaf magaalaa keessatti banamanitti deemuudhaan oomishaalee adda addaa barbaadu gatii madaalawaadhaan bitachuu akka danda'u ibsaniiru. Shamattoota ayyaanaaf bitatatan keessaa Aadde Alam Nuguusee gamasaaniin meeshaaleen bu’uuraa ayyaanaaf barbaachisan Baazaaricharratti baay'ina gahaadhaan dhihaachuu isaanii dubbataniiru. Industiriiwwan omishtootaa fi daldaltoonni baazaaricharratti oomishaalee bu’uuraa dhiheessaa jiran gabaa tasgabeessuu keessatti gummacha ol'aanaa qabaachuu Adde Alam ibsaniiru.   Shamataa biraan Obbo Akliluu Zoodee bulchiinsi magaalaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun baazaarii qopheessuu fi dhiheessitoota waliin qindoomuudhaan omishaaleen kallattiidhaan bitattoota bira akka gahan gochuun isaa gabaan ayyaanaa akka tasgabbaa'u taasisuu isaa ibsaniiru. Kunis ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin barbaachisneen dhiibbaa uummata irra ga’u hir'isaa jiraachuu Obbo Akliiluun dubbataniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila garee Investimantii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Buzunaa Girmaa akka ibsanitti; gareen investimantii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun oomishaalee bu’uuraa ayyaanaa adda addaa gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessuuf baazaarii daldalaa qopheesseera. Baazaaricha irratti industiroonni oomishtoota 300 ol, waldaaleen hojii gamtaa bu'uuraa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas daldaltoonni hirmaachuu isaanii Obbo Buzunaan beeksisaniiru. Bulchiinsis Ayyaana bara haaraa dhufu sababeeffachuun gabaa irratti hanqinni dhiheessii oomishaa fi daballiin gatii akka hin uumamne akkasumas socho'iinsa daldala seeraan alaatti ittisuu fi to'achuuf koree tasgabbii dhaabee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Guyyaan sabdaneessummaa walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna uuma
Sep 9, 2026 36
Qaam’ee 4/2018 (ENA)-Guyyaan sabdaneessummaa kabajamuunsaa tokkummaa fi walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar ibsan. Qaam’ee 4 guyyaan sabdaneessummaa naannoo Harariitti taateewwan garagaraan kabajamaa jira. Guyyaan kun naannichatti sosochii ispoortiin kan eegalame yoo ta’u, manguddootaa fi dhukkubsattoota gaafachuun maaddii qooduu fi taateewwan biroo akka gaggeeffaman beekameera. Itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa biroo fi kutaaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru. Itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar wayita kana akka ibsanitti, “guyyaan sabdaneessaa” qophiiwwan waloo garagaraa, waloomaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsaniin kabajamuu eegaleera. Guyyaan kun kabajamuunsaa duudhaa waloomaa, obbolummaa Harar dur ittiin beekamtu cimsuuf faayidaa olaanaa akka qaban eeraniiru. Tokkummaa Sabdaneessummaa gabbisuun gamatti tokkummaa fi walooma ummattootaa cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu dubbataniiru. Qophiilee tola ooltummaa fi kanneen biroo waloomaan kabajamaa jiru kun michoomaa fi walitti hidhata hawaasaa ummattoota jidduu jiru cimsuuf qooda olaanaa akka bahatu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itoophiyaan Qormaatilee adda addaa Cichoominaan Keessa Darbuun Injifannoowwan Boonsaa Galmeessaa Jirti — Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii
Sep 9, 2026 96
Qaammee 3/2018 (ENA) — Itoophiyaan qormaatilee adda addaa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa akka jirtu Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar ibsan. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii, Guyyaa Cichoominaa mata duree “Cichoominaa Itoophiyaa, Olka’iinsa Biyyaaf” jedhuun, Golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sagantaalee garaagaraatiin kabajaniiru. Sagantaa kanarratti hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa Itoophiyaa, Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa, Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Saayibarii fi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa raawwachaa jiran yaadatamaniiru. Kaayyoon guyyaa kanaa inni guddaan, hojiiwwan dhaabbileen kunneen dameewwan garaagaraa keessatti cichoominaa fi olka’iinsa Itoophiyaaf hojjechaa jiran beekamtii kennuu fi ergama isaanii itti aanu sadarkaa olaanaadhaan akka itti fufan jajjabeessuu ta’uun ibsameera. Akkasumas, badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf tattaaffii biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti gahee dhaabbilee kanaa, bu’aawwan argamaa jiran akkasumas muuxannoowwan gaarii irratti mariin gaggeeffameera. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii kunneen adeemsa ijaarsa biyyaarratti faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu, nageenya cimsuu fi ol’aantummaa biyyaalessaa eegsisuu keessatti hojiiwwan boonsaa raawwachaa jiranis saganticharratti yaadatamaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagaar yeroo kanatti akka jedhanitti, Itoophiyaan qormaatilee garagaraa cichoominaan keessa darbuun injifannoowwan boonsaa galmeessaa jirti. Filannoo Waliigalaa marsaa torbaffaa milkaa’inaan gaggeeffamuu isaa kan yaadachiisan Af-yaa’iin kun, ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsaa Itoophiyaa fi adeemsi marii biyyaalessaa karaa bu’a qabeessa ta’een xumuramuun isaanii agarsiistota cichoomina Itoophiyaanotaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataan, gaaffii abbummaa hulaa galaanaa deebisuuf tattaaffiin dipilomaasii jalqabame, agarsiistuu imala cichoominaa Itoophiyaa kan biraa ta’uu eeraniiru. Haa ta’u malee, imalli guddinaa fi badhaadhinaa biyyaalessaa kun akka hin milkoofneef qaamoleen keessaa fi alaa hojjetan jiraachuu eeruun, sochiiwwan akkanaa ittisuuf tokkummaa biyyaalessaa hin raafamne, waliigaltee cimaa biyyaalessaa fi walitti dhufeenya hawaasaa uumuun murteessaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Dhaloonni har’aa biyya abbootiin keenya wareegama kaffaluun tursiisan cichoominaan eeguun, dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti-gaafatamummaa guddaa akka qabuus hubachiisaniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii immoo biyya cimsuu fi nageenya ishee mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran ibsaniiru.  
Cichoominaa fi Itoophiyummaan Wal-irraa adda hin ba’an
Sep 8, 2026 447
Qaammee 03/2018 (ENA): Qormaatilee hedduun Itoophiyaa seenaa ishee keessatti dabarsite fi ciminni biyya baraaruu eenyummaa uummata Itoophiyaa waliin kan wal-irraa adda hin bane ta'uu miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Izziin gidduugaleessaa Daalol beeksisan. Magaalaa Jimmaatti Qaammee3 "Guyyaa Cichoominaa" sababeeffachuun sagantaaleen adda addaa gaggeeffamaa jiru. Sagantaa kana irratti hogganoonni fi miseensonni Waraana Iizzii gidduugaleessaa Daalol, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa, bakka bu'oonni dhaabbilee nageenyaa fi keessummoonni affeeramani biroon argamaniiru. Itti gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu gidduugala Iizzii Daalol Leetanaal Koloneel Argaawu Laggasaa, cichoominnii fi Itoophiyummaan kan wal-irraa adda hin baane ta’uu, uummatti Itoophiyaa ciminaa fi mo'atummaadhaan har'as biyya isaatiif dhaabbachuu isaa ibsaniiru. Cichoominni yaadni jedhu jabaachuu, yeroo rakkoo danda'anii mo'achuu fi amaanaa kennameef kutannoodhaan dhaabbachuu kan gaafatu ta'uu ibsuun; Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa biyya fi uummata isaatiif aarsaa kan kafalu, nagaa fi nageenya uummataa kutannoodhaan kan eegu tajaajilaa uummataa ta'uu dubbataniiru. Leetanaal Koloneel Argaawu akka jedhanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa diina biyyaa fi uummata yaaddessu duubatti deebisuuf Loltuu jabaa kutannoodhaan kan qolatu ta’uu ibsaniiru. Miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Iizzi gidduugaleessa Daalol Shaambal Fitsum Bisiraatii fi Shaambal Engidawu Taaddasaa akka jedhanitti, Itoophiyummaan cichoomina hin sarmine ta’uu ibsaniiru. Biyya abbootiin keenya dhiiga isaaniitiin eeganii nuuf dabarsan, Rayyaan Ittisa Biyyaa dhiiga isaatiin eegee kan ittifuufsiisu ta'uu dubbataniiru. Haaluma walfakatuun, miseensonni Iizzii giddugala kanaa Siiniyer Waaraant Ofiseer Ahimad Abdallaa fi Ajajaa dhibbaa Yooseef Gurbiyaawu, Rayyaan Ittisa Biyyaa har'as teeknoolojii gahaadhaan deeggaramee dhaabbannaa jabaa irratti kan argamu ta'uu ibsuun, miseensa waraana kanaa ta'uun baay'ee kan nama boonsudha jedhaniiru. Miseensonni Loltuu gidduugala Iizzii kanaa ENA'f akka ibsanitti, cichoomina jechuun biyya fi uummataaf amanamummaadhaan dhaabbachuu fi aarsaa ta'uudha; biyyaaf lubbuu kafaluun Rayyaa Ittisa Biyyaatiif boonsa guddaadha. Nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa eegsisuuf kutannoodhaan hojjechuu keenya itti fuufna jedhaniiru. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota hedduudhaaf qormaata keessa kan dabarsite ta'us, aarsaa ijoollee isheetiin jabaattee har'as mo'atummaadhaan dhaabbatteetti jechuun ibsaniiru. Obbo Xahaan dabalataan akka ibsanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa Itoophiyaatiif har'as aarsaa kafaluudhaan biyya fi uummata eegaa, biyya ceesisaa jira jedhaniiru.
Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Sep 8, 2026 295
Qaammee 3/2018 (ENA): Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha jedhan Pireesidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii.   Naannoo Harariitti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoominaa kabajameera. Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni raayyaa ittisaa fi humnoonni nageenyaa biroo, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi kanneen biroo argamaniiru. Milkaa'ina har'a arganne kanaaf iccitiin guddaan qormaata adda addaa keessa osoo jirruu ciminaan hojjechuu fi qabsaa'uudha jedhan Ordiin Badiriin. Injifannoo fi bu’aa ba’ii gurguddaa galmeessisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu dandeenyeerra jedhan. Akkasumas ciminni safartuu kutannoo hin sarbamne kan duudhaawwan misoomaa, jiraachuu fi abbaa biyyummaa birmadummaa keenya eeguuf gatii kaffalamu ta’uu dubbataniiru. Rakkoolee nu mudatan irraa baqachuu osoo hin taane, hamileedhaan fudhannee dandeettii gara balbala carraa haaraatti ce'uu horachuu keenyatu kanaan nu gahe jedhan. Hojii ijaarsa sabaa obbolummaa , akkasumas tokkummaa fi waliin jireenyaa jalqabne itti fufuu qabnas jedhaniiru.   Itiyoophiyaa wareegamaa fi gootummaa abbootii keenyaatiin kabajamte cimsuu itti fufna kan jedhan immoo humnoota nageenyaa saganticha irratti argamanidha. Hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii nageenyaa cimsuun eegalame cimsuun gahee keenya ni bahanna jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna-miseensota raayyaa ittisa biyyaa
Sep 8, 2026 221
Qaam’ee 3/2018 (ENA) - Biyya abbootiin keenya aarsaadhaan nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhan raayyaa ittisa biyyaatti miseensonni izzii bahaa. Qaam’ee 3 guyyaan cichoominaa guutuu biyyaatti qophiilee garagaraan kabajamaa jira. ENA’n guyyaa kana ilaalchisuun raayyaa ittisa biyyaatti miseensota izzii bahaa dubbiseera. Miseensonni raayyaa kunneen cichoomuun aarsaa biyyaa fi ummata ceesisuuf kaffalamu ta’uu ibsuun, biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhaniiru. Miseensota raayyaa keessaa Letenaal Koloneel Fayyisaa Badhaadhaa aarsaa abbootiin keenya weerartuu alaa fi baandaa keessaaf osoo hin jilbeeffatiin kaffalaniin biyya daangaanshee fi tokkummaan ummatashee kabajame nuuf dabarsaniiru jedhan. Gootummaan kun “fakkeenya cichoominaati” kan jedhan Letenaal Koloneel Fayyisaan, yeroo ammaa raayyaan ittisaa cichoominaan daangaa biyyasaa kabachiisaa jiraachuu beeksisaniiru. Biyyi nuti qabnu tokkodha isheenis Itiyoophiyaadha kan jedhan diina biyya keessaa fi biyya alaaf osoo hin jilbeeffatiin biyya wal harkaa fudhinsa seenaatiin fudhatte eenee fi cimsinee dhaloota dhufuuf ni dabarsina jedhaniiru. Guyyaan cichoominaa biyyattiitti Kabajamuunsaa keessumaa raayyaa ittisaatiif hiika guddaa kan qabu ta’uunsaa ibsameera.
Qaammee 3 : Guyyaa Cichoominaa!
Sep 8, 2026 264
Qaammee 3/2018(ENA):Cichoominni bu’uura biyyi tokko qormaata muudatu dandamattee nageenya ishee tikfachuun gara guddinaafi badhaadhinaatti tarkaanfattudha.   Kunis tokkummaa uummataa, jabina dhaabbilee mootummaa, dandeettii qaamolee nageenyaa, miira aantummaa biyyaa fi fedhii biyyaaf wareegama kaffalamuun madaalama. Akka biyyaafi naannoo keenyatti waggoottan muraasa darban keessa riifoormii dhaabbilee nageenyaa taasifamaa tureen dandeettii qaamolee nageenyaa cimuun birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee tiksuuf hojii guddaan hojjetamaa jira.   Riifoormii kanaan hidhannoon teeknooloojii, meeshaalee ammayyaa, leenjii fi ogummaa akkasumas naamusni dhaabbilee nageenyaa keessatti akka jijjiiramu ta'ee jira. Kunis dandeettii waraana lafoo, qilleensaa fi galaanaa horachuun birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuuf gahumsa olaanaa uumeera. Jijjiiramni Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi qaamolee nageenyaa biroo keessatti dhufes dandeettii raawwachiisummaafi loltummaa isaanii cimsuun Baandaafi Baadaa birmadummaa, daangaa fi nageenya biyyaalessaa sarbuu barbaadu dandeettii olaanaan qolachuun biyya keenya gatii qaaliidhaan itti fufsiisaa jira.   Mootummaan Naannoo Oromiyaas gama isaatiin nageenya naannichaa fi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa Poolisii Oromiyaa sadarkaa olanaan cimsee jira. Gaachana Sirnaa fi ijaarsa milishaa raawwachuunis uummata waliin qindoominaan hojjechaa jira. Kunis uummatni nagaan bahee nagaan akka galu, nageenyi naannoo fi biyyaa akka tikfamu, akkasumas Baandaafi Baadaa nageenya biyyaa jeequu fi birmadummaa sarbuu barbaadu qolachuun iimala olka'iinsa Itoophiyaa milkeessuu keessatti gahee isaa sadarkaa olaanaan bahachaa jira jedhe BKO.

Hawaasummaa
Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna
Sep 9, 2026 15
Qaammee 4/2018 (ENA): Ayyaana Bara Haaraa wal gargaaruun, jaalalaan, akkasumas namoota deeggarsa barbaadan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa. Ministeerri Barnootaa Qaamee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, namoota galii xiqqaa qabaniif maaddii qoodaniira. Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa yeroo kanatti akka jedhanitti, wal gargaaruun aadaa Itoophiyaanotaa ta’uu eeruun, yeroo ayyaana jijjiirraa baraa kabajnuus akkuma kanaan ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Ayyaana Waggaa Haaraa wal deeggaruun, jaalalaanii fi namoota rakkatan yaadachuun waliin kabajuu qabna jedhaniiru. Bara haaraatti miira tokkummaattin waliin dhaabbachuun, boqonnaa haaraaf waliin ijaarsa biyyaatiif murteessaa ta’uu Ministirichi ibsaniiru. Gama biraatiin, Ministeerri Nageenyaa Qaam’ee 4 guyyaa daneessummaa sababeeffachuun, dhabbataa “Gergeseenoom — wiirtuu namoota dhibee sammuu qabaniif” ta’eef — maaddii qoodaniira. Hoogganaan Waajjira Ministeera Nageenyaa Mabraatuu Kaasaa, wiirtichatti argamuun maaddii erga waliin qoodanii booda, lammiileen wiirticha keessa jiran deeggarsa dabalataa kan barbaadan ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, Ministeerichi deeggarsa kanaan dura wiirtichaaf taasisaa ture cimsee akka itti fufu mirkaneesseera. Hundeessaa fi hoogganaan wiirtichaa Liqetiguhaan Qaasis Mallas Ayyalaa, Ministeerichi deeggarsa garaagaraa kanaan dura taasisaa turetti dabalataan, har’as sagantaa maaddii waliin qooduu gaggeessuu isaa dubbatan.  
Guyyaan sabdaneessummaa walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna uuma
Sep 9, 2026 36
Qaam’ee 4/2018 (ENA)-Guyyaan sabdaneessummaa kabajamuunsaa tokkummaa fi walooma cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar ibsan. Qaam’ee 4 guyyaan sabdaneessummaa naannoo Harariitti taateewwan garagaraan kabajamaa jira. Guyyaan kun naannichatti sosochii ispoortiin kan eegalame yoo ta’u, manguddootaa fi dhukkubsattoota gaafachuun maaddii qooduu fi taateewwan biroo akka gaggeeffaman beekameera. Itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira dame naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni mootummaa naannichaa biroo fi kutaaleen hawaasaa garagaraa saganticharratti argamaniiru. Itti aantuun pirezidaantii naannoo Hararii Roozaa Umar wayita kana akka ibsanitti, “guyyaan sabdaneessaa” qophiiwwan waloo garagaraa, waloomaa fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsaniin kabajamuu eegaleera. Guyyaan kun kabajamuunsaa duudhaa waloomaa, obbolummaa Harar dur ittiin beekamtu cimsuuf faayidaa olaanaa akka qaban eeraniiru. Tokkummaa Sabdaneessummaa gabbisuun gamatti tokkummaa fi walooma ummattootaa cimsuun hojiilee misoomaa milkaa’aa gabbisuuf humna kan uumu ta’uu dubbataniiru. Qophiilee tola ooltummaa fi kanneen biroo waloomaan kabajamaa jiru kun michoomaa fi walitti hidhata hawaasaa ummattoota jidduu jiru cimsuuf qooda olaanaa akka bahatu ibsaniiru.
Diinagdee
Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara Haaraaf Meeshaaleen bu’uuraa gabaaf dhihaataniiru
Sep 9, 2026 58
Qaammee 4/2018 (ENA): Magaalaa Adaamaatti Ayyaana bara haaraaf meeshaaleen bu’uuraa gahaan gatii madaalawaan gabaaf dhihaachuu isaanii shamattoonnii fi daldaltoonni magaalattii ibsan. Magaalaa Adaamaatti baazaarii ayyaana bara haaraaf baname irratti meeshaaleen bu’uuraa baay'ina gahaadhaan uummata bitattuuf gahuu isaanii oomishtoonnii fi shamattoonni ENA’f Yaada kennan ibsaniiru. Bakka bu'aan gurgurtaa waarshaa Daakuu Diinaa Obbo Jimmaa Tonkoluu akka ibsanitti; waarshaan isaanii Baazaarii Bulchiinsa magaalaatiin qophaa'e irratti hirmaachuun midhaan nyaataa ayyaana bara haaraaf ta'an qulqullinaa fi gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessaa jira.   Waarshichaan oomishaaleen gabaaf dhihaatan keessaa Xaafii Diimaa fi adiin, daakuu furnoo akkasumas daakuu boqqolloo kan eeraman ta'uu, oomishaaleen kunis akkuma fedhii fi dandeettii shamattootaatti kilogiraama 5, 10, 25 fi 50n dhihaachuun isaanii ibsameera. Oomishaaleen Bu’uuraa ayyaanaa baay'ina gahaa fi gatii madaalawaadhaan dhihaachuun isaanii kutaan hawaasaa hundi akkuma dandeettii isaatti bitee ayyaanicha gammachuudhaan akka kabaju gummacha ol'aanaa qabaachuu ibsaniiru. Hojjettuun gurgurtaa waarshaa Zayitaa Golden Fuul Qaalkidaan Shifarraaw gamasaaniin ; waarshichi bara haaraa 2019 dhufu sababeeffachuun tasgabbii gabaa uumuuf qophii bal'aa gochuu isaa ibsaniiru. Haaluma Kanaan zayita nyaataa liitira lama irraa hamma shaniititti jiru gatii madaalawaa fi baay'ina gahaadhaan baazaaricharratti dhiheessuu ibsaniiru. Uummanni bitattuus gara baazaarii ayyaanaaf magaalaa keessatti banamanitti deemuudhaan oomishaalee adda addaa barbaadu gatii madaalawaadhaan bitachuu akka danda'u ibsaniiru. Shamattoota ayyaanaaf bitatatan keessaa Aadde Alam Nuguusee gamasaaniin meeshaaleen bu’uuraa ayyaanaaf barbaachisan Baazaaricharratti baay'ina gahaadhaan dhihaachuu isaanii dubbataniiru. Industiriiwwan omishtootaa fi daldaltoonni baazaaricharratti oomishaalee bu’uuraa dhiheessaa jiran gabaa tasgabeessuu keessatti gummacha ol'aanaa qabaachuu Adde Alam ibsaniiru.   Shamataa biraan Obbo Akliluu Zoodee bulchiinsi magaalaa ayyaana bara haaraa sababeeffachuun baazaarii qopheessuu fi dhiheessitoota waliin qindoomuudhaan omishaaleen kallattiidhaan bitattoota bira akka gahan gochuun isaa gabaan ayyaanaa akka tasgabbaa'u taasisuu isaa ibsaniiru. Kunis ayyaanicha sababeeffachuun daballii gatii hin barbaachisneen dhiibbaa uummata irra ga’u hir'isaa jiraachuu Obbo Akliiluun dubbataniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila garee Investimantii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Buzunaa Girmaa akka ibsanitti; gareen investimantii ayyaana bara haaraa sababeeffachuun oomishaalee bu’uuraa ayyaanaa adda addaa gatii madaalawaadhaan uummataaf dhiheessuuf baazaarii daldalaa qopheesseera. Baazaaricha irratti industiroonni oomishtoota 300 ol, waldaaleen hojii gamtaa bu'uuraa, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa akkasumas daldaltoonni hirmaachuu isaanii Obbo Buzunaan beeksisaniiru. Bulchiinsis Ayyaana bara haaraa dhufu sababeeffachuun gabaa irratti hanqinni dhiheessii oomishaa fi daballiin gatii akka hin uumamne akkasumas socho'iinsa daldala seeraan alaatti ittisuu fi to'achuuf koree tasgabbii dhaabee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame
Sep 7, 2026 404
  Qaammee 2/2018 (ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa malaagaa Malkaa Noonnootti Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera. Saganticharratti guyyaan olka'insaa Qaammee 2 mata duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'insa boruu fi Badhaadhina hunda-galeessaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti marii paanaaliin fi daawwaannaa hojii Pirojektoota garaa garaan yaadatamee ooleera. Guyyaan Olka'insaa kun guyyaa injifannoo aragme labsaa, imala jijjiiramaa Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf eegalame milkeessuuf lammiilee biyya keenyaa waadaa itti galanidha. Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu saganticha irratti akka ibsanitti, biyyi keenya seenaa maraammartoo hiyyummaa keessa turte hooggansa tarsiimo'aan barii jijjiiramaa irraa eegalee waggootta muraasa keessatti milkaa’inoota gurguddoo akka biyyaatti galmeessuun kan danda'ame ta'uu eeraniiru.   Milkaa'inni argamanis xombora injifannoo kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa, daandiiwwan Asfaaltii, misooma Turizimiitiin akka biyyaatti bu'aa olaanaan aragamuu kaasanii, ijaarsa Buufata Xiyyaara idil-Addunyaa jalqabames bu'aa Mootummaa paartii badhaadhinaan kan argameefi olka'insa biyyaa keenyaa kan dhugoomsu ta'uu himaniiru.   Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggariifi Qindeessaa Kilaastera Dinagdee Obbo Guyyoo Galgaloo, Sagantaa marii gaggeeffamee kanarratti akka ibsanitti imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuuf kalaqaafi tekinooloojii jajjabeessuun bu'uura industirii gurguddaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan ijaaruuf gargaara jedhaniiru. Guyyicha marii paanaaliin booda daawwanaa hojii piroojektoota garaa garaa daawwachuun yaadatamee ooluusaa odeeffannoo Komunikeeshinii magaalichaarraa argame mul’isa.      
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 826
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame.   Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru   Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 527
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 632
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Ispoortii
Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti
Sep 8, 2026 188
‎Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama. ‎ ‎Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha. ‎ ‎Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera. ‎ ‎Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera. ‎ ‎Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera. ‎ ‎Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture. ‎ ‎Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata. ‎ ‎Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa
Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.
Sep 6, 2026 377
Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama. Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama. Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru. Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa. Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu. Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera. Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate. Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama. Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu. Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba. Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 574
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 952
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 30746
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 18267
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17090
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015