ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Dirree Dawaatti Tajaajillii fi Dhaqqabamummaan Mana Murtii Aadaa cimanii itti fufu- Kantiibaa Kadir Juhaar
Feb 26, 2026 8
Guraandhala19/2018(ENA):Dirree Dawaatti Manni Murtii Aadaa Murtii si’ataa fi dhaqqabamaa tajaajilamtootaaf kennuun qooda murteessaa gumaachaa jiran cimanii ittifufu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti sirni beekamtii kennuu fi Mana Maree Mana Murtii Aadaa hundeesuu gaggeeffameera. Saganticharratti kan argaman Kantiibaan Bulchinsichaa Kadir Juhaar akka ibsanitti , Manni Murtii Aadaa lammiileef tajaajila dhaqqabamaa kennuun, dhiibbaa baay’ina galmee Mana Murtii idileerraa hir’isaa jiru jedhani. Tajaajilli Haqaa akka fooyya’uuf hojii abdachiisaan hojjetamaa jiru caalaatti idileessuuf hammattoo seeraa ittiin gaggeefaman Mana Maree Bulchiinsichaan mirkanaa’ee gara hojiitti galamuu beeksisaniiru. Kanaaf, Manneen Murtii Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniii,hundeeffamuun mana marichaa tarkaanfii murteessa ta’uu ibsaniiru. Hoogganaan Biiroo Dhimma Haqaa, tasgabbii fi Seeraa Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo AbduuSalaam Ahimad gamasaniin, adeemsa hoj-maataa Manni Murtii Aadaa hordofan Hawaasatti dhiheenya qabaachusaa fi tajaajila haqaa akka argatan gochuun, walitti dhufeenyi hawaasummaa akka cimu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Danbii fi hoj-maata Mana Murtii Idileerraa adda isaan tasisu adda baasuun hojii bu’aa qabeessa barbaadamu akka raawwataniif deeggarsa barbaachisaan akka taasifamuufii beeksisaniiru. Manneen Murtii Aadaa Seeraa fi duudhaa Aadaa eeguunii fi hariiroo hawaasaa Cimsuun baay’ina hojii( galmee) Mana Murtii Idilee salphisaa jiraachuu Pirezidaantiin Mana Murtii Oldabarfataa Dirree Dawaa obbo Najiib Idiriis ibsaniiru. Dabalaataanis qisaasama qabeenyaa fi yeroo hanbisuun omishtummaan caalaatti akka dagaaguuf kan gumaachu ta’uu eeruun, beekmtiin har’a kennme hojii caalu hojjechuuf akka isaan dandeessisu obbo Najiib Idiriis himaniiru. Abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa beekamoo , Abootii Gadaa fi uztaazonnii fi hawaasni sadarkaasadarkaan jiran miseensa Mana Maree Mana Murtii Aadaa ta’uusaanii sirnicharratti ibsaniiru.
Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaan qaamolee hundaa cimuu qaba
Feb 26, 2026 16
Guraandhala19/2018(ENA):Adeemsa Marii Biyyoolessaa milkaa’inaan itti fufsiisuuf hirmaannaanii fi qoodni qaamolee hundaa cimuu akka qabu barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum hubachiisan. Komishinii Marii Biyyoolessaa waggoottan darban naannoolee adda addaatti ajandaa walitti qabuun marii taasisaa turuunsaa ni beekama. Barsiisonni Yuunivarsiitii Odaa Bultum ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hojii komishinichi hojjechaa jiru walii galtee biyyoolessaa uumuu fi aadaa Siyaasaa qaroome akka dagaaguuf abdiin kan irra kaa’ame waan ta’eef milka’inasaaf hunduu qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru. Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti Qindeessaa Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Barsiisaa kan ta’an Fiqaaduu Warquu,waldhabdeewwan biyyattii duubatti harkisan dhabamsiisuuf mariin furmaata waaraa ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaa keessatti gara garummaa yaadaa fi waldhabdeewwan mariin qofa furuuf aadaa marii dagaagsuun dhalootaa dhalootatti dabarsuuf mariin biyyoolessaa furmaata waaraa fida jedhaniiru. Gama kanaan hayyoonni yaada qorannoo fi qo’annoon deeggaramee sababa qabeessa ta’e qooduun, ilaalchota ka’umsa waldhabdee ta’an gara gidduugaleessaatti fiduun ajandaa marii taasisuu keessatti gahee guddaa akka qaban eeraniiru. Namni hundi gahee isarraa eegamu bahuu akka qabus dabalanii ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa garaagarummaa jiru mariin hiikuun biyya fakkeenyummaan waamamtu uumuuf akka gargaaru Yuunivarsiitichatti barsiisaa Falaasamaa Barsiisaa Darrib Garramuu ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyoolessa hojiiwwan hojjechaa jiru hawaasni hundi akka deeggarus dubbataniiru. Kaayyoon Komishiniin Marii Biyyoolessaa qabatee ka’e tooftaa waldhabdee fi garaagarummaa jiru karaa nagaan itti hiikan waan ta’eef, dorgommii mo’amuu fi mo’achuurraa bilisa taatee biyya waliinii ijaaruuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera.
Feb 26, 2026 18
Guraandhala 19/2018 (ENA): Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera jedhan Ministirri Ministeera Turizimii aadde Salaamaawit Kaasaa. Ministeerri Tuurizimii gamaaggama karoora walakkaa waggaa damichaa bara baajata 2018 magaalaa Arbaa Minchitti gaggeessaa jira. Ministirri Salaamaawit Kaasaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, milkaa’ina karoora misoomaa waggaa 10 biyyattii keessatti dameen turizimii gahee murteessaa akka qabu eeruun, Ministeerichi karoora yeroo giddu galeessaa baasee irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qabeenya turizimii uumamaa fi nam-tolchee biyyattii keessatti argaman eeguu fi misoomsuu bakkeewwan turizimii babal’isuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Pirojektoonni kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eegalaman, Maaddii Biyyaa ilaalcha haaraatiin damicharratti boqonnaa haaraa bananiiru jedhan. Faayidaa diinagdee fi dorgomtummaa damee turizimii akka biyyaatti guddisuuf iddoowwan turizimii haaraan qophaa’anii kanneen jiran cimsuun daawwattootaaf banamuu isaanii eeranii, kunis bu’aa argamsiiseera. Qabeenya aadaa fi uumamaa hedduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa(UNESCO)tti galmeessisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu eeruun, kana cimsuu fi itti fufsiisuuf ni hojjanna jedhaniiru. Bara 2025 damee turizimii keessatti guddinni dhibbeentaa 15 galmaa’uu eeruun, kana keessattis miidiyaaleen, dameen dhuunfaa, michoota misoomaa fi kanneen biroo gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Ji’oota hafan keessattis dhaabbilee sadarkaa sadarkaan jiran teeknooloojii dijitaalaatiin cimsuu, hoggantootaa fi ogeessota gahumsa qaban uumuu, tajaajila gahumsa qabu kennuuf ciminaan ni hojjata jedhaniiru. Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahuun Kabbadaa gamasaaniitiin imala badhaadhina dameelee diinagdee adda addaa biratti milkaa’uuf turizimiin gahee jedhan. Naannichatti dandeettiin turizimii bal’aan akka jirus eeraniiru; keessumattuu, seenaa dheeraa naannichaa, aadaa ajaa’ibaa, qabeenyi uumamaa, fi adda addummaa guddina damichaaf carraa guddaa akka ta’e dubbataniiru. Iddoowwan hambaa naannichaa UNESCOn galmaa’an, paarkiiwwan biyyoolessaa, qabeenyi turizimii aadaa, uumamaa fi amantaa guddina biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisaa jirus eeraniiru. Mootummaan naannichaa hawwata turizimii misoomsuun, dhaabbilee tajaajila kennan babal’isuun, lammiileef carraa hojii uumuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalaan Arbaa Minchi magaalaa hawwata turizimiin beekamtuun dabalatatti nageenyi ishees kan mirkanaa’e dha kan jedhai immoo kantiibaa magaalichaa Dr. Masfin Manzaa dha. Waltajjicha guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, miseensota koree dhaabbii daldalaa fi turizimii mana maree bakka bu'oota ummataa dabalatee bakka bu'oonni damichaa naannolee fi bulchiinsa magaalota hundarraa hirmaataa jiru.
Kolombiyaan Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu babal’isuuf barbaaddi - Ambaasaaddar Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee
Feb 26, 2026 29
Guraandhala 19/2018 (ENA): Kolombiyaan walitti dhufeenya seenaa fi aadaa Itiyoophiyaa waliin qabdu gama biraatiin babal’isuuf fedhii akka qabdu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kolombiyaa Yooson Arkaadiyoo Meenes Koopeetee himan. Ambaasaaddar Yooson turtii ENA waliin taasisaniin biyyoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa akka qaban ibsaniiru. Injifannoon Adwaa ummata Afroo-Kaaribiyaa Kolombiyaa keessa jiraataniif madda boonsaa fi kaka’umsaa akka ta’e akeekaniiru. Itiyoophiyaan injifannoo Adwaatiin haadha bilisummaa, mallattoo qabsoo fi mallattoo hin jilbeeffatamuu taateetti jedhan. Akkasumas, Itiyoophiyaan sochii Paan Afriikaa fi sochii farra koloneeffataa addunyaa guutuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabdu ibsaniiru. Ambaasaaddarichi walitti dhufeenyi lammiilee Kolombiyaa hidda dhaloota Afrikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru hariiroo aadaa biyyoota lamaanii cimsuu isaa ibsaniiru. Ambaasaaddar Yooson hariiroon dippilomaasii Kolombiyaa fi Itiyoophiyaa guddachaa jiru kan ibsan yoo ta’u, biyyoonni lamaan yeroo hunda waljijjiirraa teeknikaa fi marii waloo keessumaa damee bunaa irratti gaggeessaa akka jiran hubachiisaniiru. Itti dabaluunis biyyoonni lamaan dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa oomisha bunaa irratti geessisu ittisuuf waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Bunni damee biyyoota lamaaniif barbaachisummaa tarsiimoo qabu ta’uu ibsuun, jireenyaa fi guddina galii lammiilee fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu hubachiisaniiru. Gama biraatiin ambaasaaddarichi jijjiirama ariifataa magaalaa Finfinnee kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’u, tumsa magaalaa guddoo Kolombiyaa Boogotaa waliin taasisan ibsaniiru. Boogotaan waggoota kurnan lamaan darban keessatti haaromsa magaalaa akka raawwatte kan ibsan yoo ta’u, magaalonni lamaan misooma magaalaa hunda hammatee fi itti fufiinsa qabu guddisuuf muuxannoo waljijjiiraa akka jiran hubachiisaniiru. Kolombiyaan hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdus beeksisaniiru. Itiyoophiyaa fi Kolombiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 1947 hariiroo dippilomaasii kan hundeessan ta’uu ragaaleen ni ibsu. Kolombiyaan Hagayya 2017 Itiyoophiyaatti Imbaasii ishee lammataa banuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, kunis biyyoonni lamaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo qaban kan agarsiisudha. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Dantaa Biyyoolessaaf dhaabbachuun waggoota hedduuf kan ture bu’aa waloomaa fi jaalala biyyaati
Feb 26, 2026 27
Guraandhala 19/2018 (ENA): Dantaa biyyoolessaaf dhaabbachuun bu’aa gamtaa fi jaalala biyyaa jaarraa hedduuf ture ta’uu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee aadde Liidiyaa Girmaa himaniiru. Mariin paanaalii waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree "Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifaatti" jedhuun gaggeeffameera. Wayita kanatti Injifannoon Adwaa hiree biyya keenyaa jijjiiree Itiyoophiyaa tokkummaa fi badhaate dhugoomsuudhaaf nu kakaasa jedhan hoggantuun biirichaa. Hidhi Haaromsa Guddichi xumuramuun isaa fakkeenya Adwaa lammaffaa ta’uu fi bu’aa hojii biroof kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Injifannoo Adwaa bara kanaa yeroo bu’aa ni dandeenyaa hojjechuun agarsiifnee fi bifa gaarii biyya keenyaa addunyaatti agarsiifne, Haroo Nigaatii fi Gaarreen Gubaa irratti missiraachoo badhaadhinaa labsinee yeroon ammaa kunimmoo filannoo biyyoolessaa 7ffaan gaggeeffamaa waan jiruuf adda isa taasisa jedhani. Waltajjicharratti Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee waraqaa marii mata duree "Imaanaa Adwaa tokkummaa, Birmadummaa fi olka’insaaf’’ jedhu marii kanarratti dhiyeessee mari'atameera. Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Duula Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Balaay Siyyum guyyaan injifannoo Adwaa mallattoo bilisummaa waan ta'eef dhaloonni seenaa isaa kunuunsee dhalootaaf dabarsuu akka qabu ibsaniiru. Hogganaan waliigalaa Poolisii Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw ergaa dabarsaniin, Hidhi Haaromsaa Adwaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru.
Siyaasa

Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen pireezdaantii Israa’el Ayzaak Herzoog waliin mari’atan
Feb 25, 2026 188
Guraandhala 18/2018 (ENA): Pireezdaanti Taayyee Asqasillaaseen har’a pireezdaantii Israa’el Ayzaak Herzoog waliin mari’ataniiru. Ergaa fuula exsii isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantichi hariiroo biyyoota lamaanii Pirezidaantii Israa’el waliin, keessumaa hariiroo seenaa fi aadaa biyyoota lamaan gidduu jiru irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru. Hawaasni Beete- Israa’el riqicha biyyoota lamaan walqunnamsiisu ta’ee itti fufuu isaas hubachiisaniiru.
Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaarratti hirmaannaa ni taasisu
Feb 25, 2026 150
Guraandhala 18/2018(ENA)- Qaama miidhamtootni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaannaa akka taasisaniif hojjetamaa jiraachuu jiraachuu Federeeshiniin Waldaa Qaama Miidhamtootaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ibse. Pirezidaantiin Federeshinichaa Dannaqaa Daacoo ENA’f akka ibsanitti, Federeeshinichi filannoo walii galaaf qaama miidhamtoonni umuriinsaanii filachuu fi filatamuuf ga’e hirmaannaa ho’aa akka taasisan hojjetamaa jira. Qaama miidhamtoonni kaardii filannoo fudhatanii sagaleesaanii akka kennanii fi taajjabaa ta’uun akka hirmaatan, akkasumas filatamuuf kaadhimamtoota akka ta’an hubannaa uumuurraa eegalee Boordii filannoo fi qaamolee qooda fudhattootaa biroo waliin hojjetamaa jira jedhaniiru. Boordiin filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannicha ilaachisuun qaama miidhamtootaaf hubannoo uumuuf qophiin taasifamuu eeraniiru. Godinichatti hirmaannaa siyaasaa qaama miidhamtootaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantiin Federeeshinii waldaa qaama Miidhamtootaa Godina Oomoo Kibbaa Hibisti Mankir ibsaniiru. Kanaafis Boordii Filannoo waliin dhiheenyatti hojjechaa jiraachuu ibsuun bu’uura labsiiwwanii fi danbiiwwan filannoon hojiin taajjabdoota filachuu hojjetamuu ibsaniiru. Filannichi hirmaachisaa Nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, fi Haqa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamu qoodasaanii akka bahan eeraniiru. Piredidaantiin Federeeshinii Waldaa Qaama Miidahamtootaa Godina Geede’oo Barsiisaa Tasammaa Woreeraa gamasaaniin, filannoon waliigalaa bara kanaa taajjabdoota 7 adda baasuun beeksisuusaanii dubbataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad pireezdaantii Israa'el Ayizaak Heerzoog waliin mari'atan
Feb 25, 2026 185
Guraandhala 18/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad pireezdaantii Israa'el Ayzaak Heerzoog waliin mari'ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin, Pirezedaantii Israa’eel Ayizaak Herzoog daawwannaa hojiif Itiyoophiyaa kan dhufan har’a simachuun marii bu’aa qabeessa ta’e mari’anneerra jedhani. Hariiroo Itiyoophiyaa fi Israa’el gidduu jiru irratti xiyyeeffachuun fedhii waloo keenya irratti hundaa’uun tumsa keenya karaa itti guddifnu ilaaleerra jedhaniiru.
Nageenya naannichaa haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiru
Feb 24, 2026 247
Guraandhala 17/2018 (ENA): Nageenya naannoo Hararii haala itti fufinsa qabuun furuuf humnoonni nageenyaa hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himame. Manni Maree Nageenyaa naannichaa dhimmoota nageenya naannichaa yeroo ammaa irratti mari'ateera. Hojii naannichatti yakka ittisuuf hojjetamaa tureen namoota dhuunfaa gocha yakkaa adda addaa keessatti hirmaatan to'annoo jala oolchuun mana murtiitti murtiin akka itti murtaa'u taasisuu ibsameera. Manni marichaa sochii tiraafikaa waliin walqabatee tarkaanfiiwwan fudhatamaniin gama seera kabachiisuutiin jijjiiramni jajjabeessaan galmaa’uu isaa madaaleera. Daldala namaa seeraan alaa ittisuu, qoricha balaafamaa to’achuu, daddabarsaa fi daldala seeraan alaa ittisuu(kontiroobaandii), daldala meeshaa waraanaa seeraan alaa to’achuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaaniis ibsameera. Kana malees daldaltoota seeraan alaa naannichatti jeequmsa diinagdee uumaa jiranii fi kanneen rakkoo bulchiinsa gaarii naannichaa ta’anii fi hawaasa mufachiisan irratti tarkaanfiin seeraa cimee itti fufaa jiraachuu himameera. Ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu, nageenya amansiisaa mirkaneessuu fi nageenya hawaasaa mirkaneessuun hojii dursaa waan ta’eef, Manni Maree Nageenyaa, nageenyi naannichaa itti fufiinsa akka qabaatu cimsee hojjechaa jiraachuu eerameera. Filannoon waliigalaa 7ffaa nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf seerri fi sirni filannoo akka kabajamuuf kutannoon akka hojjetanis ibsameera. Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsuun akka itti fufus beeksifameera. Ummanni naannichaa akkuma kaleessaa humnoota nageenyaa waliin qindoomuun naannoo ofii dammaqinaan eeggachuun har’as nageenyaaf waardiyyaa akka dhaabbatu Manni Marichaa waamicha dhiyeesseera.
Injifannoon Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun kabajuuf qophiin xumurameera
Feb 24, 2026 157
Guraandhala 17/2018(ENA):- Ayyaanni Injifannoo Adwaa kabajamuun, bu’uurri cichoomaa fi jabinaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun kan itti haaromfamu, tokkummaa fi Birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinudha jechuun Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammad kabaja Ayyaana Injifannoon Adwaa waggaa130ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaf kennaniiru. Ibsasaaniin, Ayyaanni Injifannoo kun mata duree “Seenaa boonsaarraa gara Ifa boruutti” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti kabajuuf qophiin barbaachisaan xumurameera jedhaniiru. Injifannoon Adwaa mallatoo eenyummaa Itiyoophiyaanotaa kan hin mo’amne faana birmadummaa ummata gurraachaa fi injifannoo Addunyaa hundatti walqixxumaan ilmaan namootaa itti mirkanaa’e jedhaniiru. Ayyaana Injifannoo Adwaa 130ffaa yeroo kabajnu, ciminaa fi Cichooma Itiyoophiyaa irra deebinee yerootti yaadannu, tokkummaa fi birmadummaa biyya keenyaaf waadaa galle kan itti cimsinu mudannoo seenaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni bara 1888 gaara Adwaarratti Qomoon, bifaan, Amantaan, osoo hin qoodamiin birmadummaa biyya tokkoof gamtaan kan dhaabbatanii fi qabsoo kan gaggeessan injifannoo waloo ta’uu dubbataniiru. Mata dureen bara kanaa biyya kaleessa dhiigaa fi lafee goototaan eegamte har’a gara misoomaa fi nageenya fulla’aatti, gara birmadummaa hunda galeessaa fi olka’insaatti ceesisuuf ejjennoo cimaa qabnu akka ibsu dubbataniiru. Gootichi raayyaa ittisa biyyaa dhaala gootummaa injifannoo Adwaa gonfachuun nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuu fi imala gara ifa egereetti taasisnu eeguuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Ayyaanicha sababeeffachuun taateewwan biyyaalessaa fi Ardii adda addaa qophaa’uusaanii eeruun, taateewwan kanneen akka Sagaleewwan Adwaa, Waltajjiiwwan Dargaggootaa, dorgommiiwan Ispoortii, Argarsiisa loltuu fi seenaawwanii, hojiiwwan Aartii adda addaa fi Dokimantarii waa’ee injifannoo Adwaa ibsan akka dhihaatan dubbataniiru. Ayyaanichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi ifa boruu waliin kan itti abjatan( hawwatan) akka ta’u dubbataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa waggoota muraasa keessatti damee hundaan guddinaa fi milkaa'ina olaanaa galmeessedha - Dr. Kantiibaa Tashoomaa Addunyaa
Feb 24, 2026 180
Guraandhala 17/2018 (ENA): Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa Paartiin Badhaadhinaa paartii waggoota muraasa keessatti damee hundaan milkaa’ina guddaa kan galmeessise,guddina Itiyoophiyaa itti fufsiisu dha jedhan. Paartiin Badhaadhinaa manifestoo filannoo waliigalaa 7ffaa fi mallattoo filannoo bissiii qamadii isaa guutuu biyyattiitti Guraandhala 3, 2018 akka ifoomse ni yaadatama. Waajjirri damee Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar keessattis sagantaa manifestoo fi mallattoo filannoo beeksisuu sadarkaa magaalatti gaggeesseera. Kantiibaan Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa wayita sana akka ibsanitti, Badhaadhinni paartii waggoota muraasa darban damee hundaan milkaa’ina olaanaa kan galmeesse yoo ta’u, guddina Itiyoophiyaa kan itti fufsiisu dha jedhan. Akkasumas, paartichi haaromsa diinagdee biyya keessaa gama hawaasummaa fi diinagdeetiin hojiirra oolchuun bu’aa cimaa galmeessuun Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina Afrikaa taasisuu isaa ibsaniiru. Tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf xiyyeeffannoon kennames marii qindaa’e lammiilee gidduutti ijaaruun gamtaa cimsuuf gahee olaanaa taphateera jedhan. Hoggansi paartichaa magaalaa Shaggar keessatti magaalaa dorgomaa fi ammayyaa ijaaruu keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun jiraattota gama misoomaa hundaan fayyadamummaa hunda galeessa taasisuu danda’eera jedhani. Gara fuula duraattis Pirojektoota namoota irratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa hunda galeessa jiraattota magaalichaa mirkaneessan ijaaruuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus mirkaneessaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar Alamaayyoo Tulluu gama isaanin, yaadama ida’amuu irraa kan dhalate Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaa keessatti mallattoo badhaadhina Afrikaa ijaaruun milkaa’ina argateera jedhani. Paartichi magaalaa Shaggarii fi kutaalee Itiyoophiyaa hunda keessatti pirojektoota misoomaa ummataaf waadaa galame haala bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuu isaa eeraniiru.

Hawaasummaa
Dirree Dawaatti Tajaajillii fi Dhaqqabamummaan Mana Murtii Aadaa cimanii itti fufu- Kantiibaa Kadir Juhaar
Feb 26, 2026 8
Guraandhala19/2018(ENA):Dirree Dawaatti Manni Murtii Aadaa Murtii si’ataa fi dhaqqabamaa tajaajilamtootaaf kennuun qooda murteessaa gumaachaa jiran cimanii ittifufu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Kadir Juhaar ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dawaatti sirni beekamtii kennuu fi Mana Maree Mana Murtii Aadaa hundeesuu gaggeeffameera. Saganticharratti kan argaman Kantiibaan Bulchinsichaa Kadir Juhaar akka ibsanitti , Manni Murtii Aadaa lammiileef tajaajila dhaqqabamaa kennuun, dhiibbaa baay’ina galmee Mana Murtii idileerraa hir’isaa jiru jedhani. Tajaajilli Haqaa akka fooyya’uuf hojii abdachiisaan hojjetamaa jiru caalaatti idileessuuf hammattoo seeraa ittiin gaggeefaman Mana Maree Bulchiinsichaan mirkanaa’ee gara hojiitti galamuu beeksisaniiru. Kanaaf, Manneen Murtii Aadaa hojii bu’aa qabeessa ta’e akka hojjetan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeraniii,hundeeffamuun mana marichaa tarkaanfii murteessa ta’uu ibsaniiru. Hoogganaan Biiroo Dhimma Haqaa, tasgabbii fi Seeraa Bulchiinsa Dirree Dawaa obbo AbduuSalaam Ahimad gamasaniin, adeemsa hoj-maataa Manni Murtii Aadaa hordofan Hawaasatti dhiheenya qabaachusaa fi tajaajila haqaa akka argatan gochuun, walitti dhufeenyi hawaasummaa akka cimu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Danbii fi hoj-maata Mana Murtii Idileerraa adda isaan tasisu adda baasuun hojii bu’aa qabeessa barbaadamu akka raawwataniif deeggarsa barbaachisaan akka taasifamuufii beeksisaniiru. Manneen Murtii Aadaa Seeraa fi duudhaa Aadaa eeguunii fi hariiroo hawaasaa Cimsuun baay’ina hojii( galmee) Mana Murtii Idilee salphisaa jiraachuu Pirezidaantiin Mana Murtii Oldabarfataa Dirree Dawaa obbo Najiib Idiriis ibsaniiru. Dabalaataanis qisaasama qabeenyaa fi yeroo hanbisuun omishtummaan caalaatti akka dagaaguuf kan gumaachu ta’uu eeruun, beekmtiin har’a kennme hojii caalu hojjechuuf akka isaan dandeessisu obbo Najiib Idiriis himaniiru. Abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa beekamoo , Abootii Gadaa fi uztaazonnii fi hawaasni sadarkaasadarkaan jiran miseensa Mana Maree Mana Murtii Aadaa ta’uusaanii sirnicharratti ibsaniiru.
Dantaa Biyyoolessaaf dhaabbachuun waggoota hedduuf kan ture bu’aa waloomaa fi jaalala biyyaati
Feb 26, 2026 27
Guraandhala 19/2018 (ENA): Dantaa biyyoolessaaf dhaabbachuun bu’aa gamtaa fi jaalala biyyaa jaarraa hedduuf ture ta’uu Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee aadde Liidiyaa Girmaa himaniiru. Mariin paanaalii waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree "Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifaatti" jedhuun gaggeeffameera. Wayita kanatti Injifannoon Adwaa hiree biyya keenyaa jijjiiree Itiyoophiyaa tokkummaa fi badhaate dhugoomsuudhaaf nu kakaasa jedhan hoggantuun biirichaa. Hidhi Haaromsa Guddichi xumuramuun isaa fakkeenya Adwaa lammaffaa ta’uu fi bu’aa hojii biroof kan nama kakaasu ta’uu ibsaniiru. Guyyaan Injifannoo Adwaa bara kanaa yeroo bu’aa ni dandeenyaa hojjechuun agarsiifnee fi bifa gaarii biyya keenyaa addunyaatti agarsiifne, Haroo Nigaatii fi Gaarreen Gubaa irratti missiraachoo badhaadhinaa labsinee yeroon ammaa kunimmoo filannoo biyyoolessaa 7ffaan gaggeeffamaa waan jiruuf adda isa taasisa jedhani. Waltajjicharratti Waajjirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee waraqaa marii mata duree "Imaanaa Adwaa tokkummaa, Birmadummaa fi olka’insaaf’’ jedhu marii kanarratti dhiyeessee mari'atameera. Waltajjicharratti Itti Gaafatamaan Waajjira Duula Raayyaa Ittisa Biyyaa Leetenaal Jeneraal Balaay Siyyum guyyaan injifannoo Adwaa mallattoo bilisummaa waan ta'eef dhaloonni seenaa isaa kunuunsee dhalootaaf dabarsuu akka qabu ibsaniiru. Hogganaan waliigalaa Poolisii Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw ergaa dabarsaniin, Hidhi Haaromsaa Adwaa lammaffaa ta’uu ibsaniiru.
Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan furuun haqa mirkaneessaa jira
Feb 26, 2026 42
Guraandhala 19/2018(ENA): Godina Wallaggaa Lixaatti Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan hiikuun haqa mirkaneessuun bu’aan gaariin argamuu tajaajilamtoonni ibsan. Naannoo Oromiyaatti Manni Murtii Aadaa sirna Gadaa bu’uura godachuun waldhabdeewwan furuuf Manni Murtii Aadaa bu’uura seeraa qabaatee hojjechaa jira. Godina Wallaggaa Lixaatti Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan sababa adda addaan uumamani araaraan furuun, haqa sirrii argachaa jirachuu jiraattonni ibsaniiru. Manni Murtii Aadaa Mana Murtii Idileerraa hojii salphisuunii fi duudhaa hawaasummaa cimsuurratti bu’aa argamsiisa jira. Jiraattonni kun ammaan dura rakkoo saanii furachuuf Mana Murtii Idileetti deddebi’uun baasii hin malleef saaxilamaa turuusaanii ibsaniiru. Manni Murtii Aadaa waldhabdeewwan Hawaasummaa fi Diinagdee yeroo gabaabaatti araaraan furuun, haqa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa jiraachuun hubatameera. Mana Murtii Aadaa Aanaa Laaloo Assaabii, Innaangoo Ganda 02 dhaala maatiisaanii kabachiifachuuf kan dhufan ta’uu aadde Xaayituu Kumarraa ibsuun, dhimmasaanii jaarsolii biyyaa hawaasa biratti fudhatama qabaniin guyyaa gabaabaa keessatti xurachuusaanii ibsaniiru. Hawaasni aadaa fi duudhaasaa eegee rakkoolee jiran araaraan akka hiikuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun, qaamoleen hundi Manni Murtii Aadaa akka cimuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Jiraataan Aanaa Laaloo Assaabii obbo Guuttataa Dhibbisaa gamasaaniin,Manni Murtii Aadaa duudhaa hawaasaa hordofuun, kan hojjetan ta’uusaaniin ragaa sobaa hanbisuun haqa mirkaneessuuf kan gargaaran ta’uu ibsaniiru. Manni Murtii Aadaa deddeebbii mana murtii idileetti taassifamu hir’isuun, Jaarsolii biyyaa fi Abbootii Gadaan, haqni osoo hin jallatiiin furmaata akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Waldhabdee lafa bunaa qabanirratti isaan mudachuun gara Mana Murtii Aadaa dhufuusaanii kan ibsan ,obbo Caalaa Qana’aa dhimmisaanii Mana Murtii Aadaatti furmaata argatee araaraan akka xumuramu ta’aa jira jedhaniiru. Bakka bu’aan itti gaafatamaa Waajjira Aadaa fi Turizimii Godinichaa obbo Misgaanuu Daggafaa akka ibsanitti, Manni Murtii Aadaa hawaasni dhiheenyatti haqa akka argatan taasisaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa Godinichatti Manneen Murtii Aadaa 481 ijaaramanii hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Godinichatti hawaasni duudhaasaa eegee waldhabdeewwan araaraan akka furu taasisuu, akkasumas, hawaasa gidduutti waldhabdeewwan mudatan hanbisuun hojiin guddaan hojjetamaa jiraachuu obbo Misgaanuun ibsaniiru.
Ciminnii fi tokkumaan Abbootiin keenya Gootonni Injifannoo Adwaarratti agarsiisaan dargaggoonni misoomaan dabaluu qabu
Feb 25, 2026 116
Guraandhala 18/2018(ENA)-Injifannoo Adwaa Itiyoophiyaanonni hundi tokkummaa fi miira jaalala biyyaa itti mul’isan dargaggoonni itti fufsiisuu fi misooman dabaluu akka qaban waldaan goototaa Itiyophiyaa durii Naannoo Sidaamaa beeksise. Ayyaanni Yaadannoo Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan Wixata Guraandhala 23 bara 2018 sagantaawwan adda addaan kabajama. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni tokkummaan dhaabbatanii kabajaa fi birmadummaa biyyaa kan itti eegsisan mallattoo injifannoo ummata gurracha hundaati. Durataa’aan Waldaa Goototaa Itiyophiyaa durii Naannoo Sidaamaa Obbo Yohaalaasheet Charinnat ENA’f akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa Miirri jaalala biyyaa fi tokkummaan Itiyophiyaa kan itti ibsamedha. Dargaggoonni jaalala biyyaa, tokkummaa, Cichoomina Injifannoo Adwaa irratti argame itti fufsiisuu fi misoomaan dabaluu akka qaban dubbataniiru. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanota kan boonsu, ummata gurraacha hundaaf ibsituu bilisummaa waan ta’eef yaadannoosaa yeroo kabajnu hojii fakkeenyummaa abbootii keenyaa itti fufsiisuu qabna jedhaniiru. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni dhimma biyyaarrati garaagarummaa kan hinqabannee fi birmadummaasaanii irratti ejjennoo tokko qabaachuusaanii dubbataniiru. Biyyi kan ijaaramtu wal-harkaa fuudhinsa dhalootaan ta’uu kan ibsan obbo Yohaalaashet, biyya bilisoomte kan kaleessa Abbootiin keenya nutti dabarsan misoomaan guddisuu fi adda duree gochuu qabna jedhaniiru. Waldaansaanii Yaadannoo Adwaa sababeeffachuun maneen baroota adda addaatti dhaloota barsiisuu eegaluusaanii miseensi waldichaa Aadde Gannat Lammaa ibsaniiru. Injifannoon Adwaa Wareegama Gootonni Abbootiin keenya birmadummaa biyyaaf kaffalan seenaa dhiigaan barreeffame waan ta’ee fi dhaloonni sirnaan hubachuun itti fufsiisuu akka qabu dubbataniiru. Injifannoon Adwaa dhalootaaf Gootummaa, Tokkummaa fi Walooma kan barsiise injifannoo uummata gurraachaa yoo ta’uu, seenaan waloo Jaalalli biyyaa fi kabajni Alaabaa itti mul’atedha.
Diinagdee
Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera.
Feb 26, 2026 18
Guraandhala 19/2018 (ENA): Damee turizimiin fayyadamummaa dinagdee fi dorgomtummaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetameen bu’aan galmaa’eera jedhan Ministirri Ministeera Turizimii aadde Salaamaawit Kaasaa. Ministeerri Tuurizimii gamaaggama karoora walakkaa waggaa damichaa bara baajata 2018 magaalaa Arbaa Minchitti gaggeessaa jira. Ministirri Salaamaawit Kaasaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, milkaa’ina karoora misoomaa waggaa 10 biyyattii keessatti dameen turizimii gahee murteessaa akka qabu eeruun, Ministeerichi karoora yeroo giddu galeessaa baasee irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qabeenya turizimii uumamaa fi nam-tolchee biyyattii keessatti argaman eeguu fi misoomsuu bakkeewwan turizimii babal’isuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Pirojektoonni kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin eegalaman, Maaddii Biyyaa ilaalcha haaraatiin damicharratti boqonnaa haaraa bananiiru jedhan. Faayidaa diinagdee fi dorgomtummaa damee turizimii akka biyyaatti guddisuuf iddoowwan turizimii haaraan qophaa’anii kanneen jiran cimsuun daawwattootaaf banamuu isaanii eeranii, kunis bu’aa argamsiiseera. Qabeenya aadaa fi uumamaa hedduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa(UNESCO)tti galmeessisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jiraachuu eeruun, kana cimsuu fi itti fufsiisuuf ni hojjanna jedhaniiru. Bara 2025 damee turizimii keessatti guddinni dhibbeentaa 15 galmaa’uu eeruun, kana keessattis miidiyaaleen, dameen dhuunfaa, michoota misoomaa fi kanneen biroo gahee olaanaa taphachuu isaanii ibsaniiru. Ji’oota hafan keessattis dhaabbilee sadarkaa sadarkaan jiran teeknooloojii dijitaalaatiin cimsuu, hoggantootaa fi ogeessota gahumsa qaban uumuu, tajaajila gahumsa qabu kennuuf ciminaan ni hojjata jedhaniiru. Bulchaan Bulchiinsa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Xilahuun Kabbadaa gamasaaniitiin imala badhaadhina dameelee diinagdee adda addaa biratti milkaa’uuf turizimiin gahee jedhan. Naannichatti dandeettiin turizimii bal’aan akka jirus eeraniiru; keessumattuu, seenaa dheeraa naannichaa, aadaa ajaa’ibaa, qabeenyi uumamaa, fi adda addummaa guddina damichaaf carraa guddaa akka ta’e dubbataniiru. Iddoowwan hambaa naannichaa UNESCOn galmaa’an, paarkiiwwan biyyoolessaa, qabeenyi turizimii aadaa, uumamaa fi amantaa guddina biyyattiif gumaacha olaanaa akka taasisaa jirus eeraniiru. Mootummaan naannichaa hawwata turizimii misoomsuun, dhaabbilee tajaajila kennan babal’isuun, lammiileef carraa hojii uumuun fayyadamummaa diinagdee damichaa guddisuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Magaalaan Arbaa Minchi magaalaa hawwata turizimiin beekamtuun dabalatatti nageenyi ishees kan mirkanaa’e dha kan jedhai immoo kantiibaa magaalichaa Dr. Masfin Manzaa dha. Waltajjicha guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, miseensota koree dhaabbii daldalaa fi turizimii mana maree bakka bu'oota ummataa dabalatee bakka bu'oonni damichaa naannolee fi bulchiinsa magaalota hundarraa hirmaataa jiru.
Naannoo Oromiyaatti bara bajatichaa baatiiwwan darbanitti Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu 668 xumurmanii hojii eegalaniiru
Feb 26, 2026 30
Guraandhala19/2018(ENA) -Naannoo Oromiyaatti bara baajatichaa baatiiwwan darbanitti, waliin gahiinsa bishaan dhugaatii babal’isuun, fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojii hojjetameen pirojektoonni bishaanii 668 xumuramuun hojiitti galuusaanii Biiroon Bishaanii fi Inarjii Naannichaa beeksise. Hoggantuun Biirichaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa ENA’f akka ibsanitti, naannichatti waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu babal’isuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru. Kananis pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu haaraa ijaarurra darbee, sababoota adda addaan pirojektoota bishaanii hojii dhaabanii turan hojiin suphuu hojjetamuusaa dubbataniiru. Walakkaa bara baajatichaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluun ummata kuma 375n fayyadamaa taasisan pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu 668 tajajilaaf ga’uusaanii ibsaniiru. Pirojektoota bishaan dhugaatii kuma tokko sababoota adda addaan tajaajila dhaaban suphuun tajaajilootni addaan citan irra deebi’uun hojii jalqabsiisuun danda’ameera jedhaniiru. Pirojektoota bishaan dhugaatii yeroo dheeraaf ijaarsisanii harkifatee fi madda komii hawasaa ta’an xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuu Injiinar Miiliyoon beeksisaniiru. Hanga ammaatti pirojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Baalee Roobee xumuramuu ibsuun yeroo ammaa pirojekticha sararoota duraanii waliin wal qabsisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun ijaarsi Pirojektii Bishaanii Magaala Walisoo fi sarara diriirsuun gandoota lamaan alatti xumuramuusaa eeruun, pirojektiin bishaan dhugaatii Mojoo fi Adamaa xumuramuun walakkaan tajaajila kennuu eegaluu ibsaniiru. Fuuldurattis pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu raawwiinsaanii dhibbantaa 85n ol ga’an, xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Fuuldurattiis hojii hordoffii fi to’annaa cimsuun, pirojektoota ijaarsarra jiran guutummaa guutuutti xumuruun tajaajilaaf qaqqabsiisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Itiyoophiyaan galmoota Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf gahee adda duree taphachaa jirti
Feb 26, 2026 34
Guraandhala 19/2018 (ENA): Itiyoophiyaan kaayyoo Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf gahee adda duree taphachaa jirti jedhan Yunivarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan barnoota dinagdee doktar Zarihuun Tamsaas. Turtii ENA waliin taasisaniin Yunivarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan damee kanaa kan ta’an Dr. Zarihuun Tamsaas akka himanitti, hojiiwwan misoomaa kallattii hedduu Itiyoophiyaan hojjechaa jirtu jijjiirama qabatamaa fidaa kan jirudha jedhani. Fakkeenyaaf, waggoota darban keessatti hojiiwwan milkaa’oo damee oomishaa keessatti galmaa’aa jiran, Gamtichi gara dinagdee industiriitiin durfamutti akka ce’u kan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Misooma abbootiin qabeenyaa gurguddoon biyya alaa zoonii diinagdee addaa fi paarkiiwwan indaastirii magaalota adda addaa keessatti ijaaraman keessatti raawwatamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Itiyoophiyaan ajandaawwan Gamtichaa galmaan ga’uuf bu’uura cimaa kaa’aa akka jirtu kan mirkaneessan keessaa hojiin bu’a qabeessi qonnaa keessattuu misooma qamadii keessatti argame agarsiiftuu gaarii ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Gamtaa Afriikaa imala wabii nyaataa mirkaneessu galmaan ga’uuf qabeenyaafi beekumsa isaaniitti fayyadamuu akka danda’an kun agarsiistuu guddaa ta’uu ibsaniru. Kana hunda bira darbee waggoota muraasa darban keessatti bu’aan damee bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa keessatti galmaa’e biyyoota Afrikaa walitti hidhuun fayyadamummaa dinagdee waliinii mirkaneessee jira jedhaniiru. Keessattuu, Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, bu’uuraaleen misooma daandii ammayyaa baaburaa fi daandii naannichaa keessatti ijaaramaa jiran walitti hidhamiinsaa biyyoota naannichaa fi faayidaa waloof fakkeenya olaanaa kan ta’u dha jedhani. Hojiiwwan Itiyoophiyaan galma ga’iinsa ajandaawwan Gamtichaatiif hojjechaa jirtu, biyyoota biroof kan fakkeenya ta’anii waan ta’eef, kana daran guddisuuf imaammattoonnii fi tarsiimoon hojiirra oolaa jiru haala mijataa uumaa akka jiran akeekaniiru.
Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun misooma beeyladootaa fi qurxummii irratti guddinni galmaa’eera
Feb 25, 2026 85
Guraandhala 18/2018 (ENA): Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun misooma beeyladootaa fi qurxummii biyyattii keessatti guddinni olaanaan galmaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Bu’aa argame sadarkaa kanaan oliitti ceesisuuf qindoominni qooda fudhattoota gidduutti taasifamu murteessaa ta’uus ibsaniiru. Ministeerri Qonnaa waltajjii marii qooda fudhattoota ekisteenshinii beeyladootaa fi qurxummii biyyoolessaa gaggeessaa jira. Wayita kana Deetaan Ministeera Qonnaa Dr. Fiqiruu Raggaasaa Itiyoophiyaatti waggoota muraasa darban keessatti misoomni beeyladaa guddina olaanaa agarsiiseera jedhan. Imaammataa fi tarsiimoo haaraa hojiirra oolchuun horsiisa beeyladaa fi qurxummii irratti bu’aan guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Misoomni beeyladaa kanaan dura sadarkaa tarsiimootti dagatamee kan ture ta’us, amma garuu of danda’ee gurmeeffamee xiyyeeffannaan kennamee jiraachuu hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan sirna ekisteenshinii kun beekumsaa fi teeknooloojii qonnaan bultootaaf galchuu fi itti fayyadamuudhaan fayyaa fi oomishtummaa beeyladaa irratti jijjiirama fiduu isaas ibsaniiru. Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni deeggarsa ogeessotaan dhukkuba beeyladaa ittisuun bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru. Teeknooloojiiwwan qorannoon argaman, hojiiwwan fooyya’iinsa sanyii fi mala kunuunsa fayyaa beeyladaatiin argaman irratti jalqabame abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Hojiin qindoomina qooda fudhattootaa cimee itti fufuun bu’aa argame cimsuu akka qabus hubachiisaniiru. Mootummaan damee kanarraa galii argatu guddisuuf karaa innisheetivoota boceen, Itiyoophiyaan beeylada irraa galii argachuu qabdu akka argattuufi xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu eeraniiru. Hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya Beeyladaa Naannoo Sidaamaa obbo Asaffaa Foonaa gama isaaniin, naannichi misooma beeyladaa fi qurxummii irratti xiyyeeffachuun gosa sanyii beeyladootaa fooyyessuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhani. Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Qonnaa Naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa fi Itti Gaafatamaa Damee Beeyladaa fi Qurxummii obbo Taammanaa Baqqalaa akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa fooyyessuuf nyaata beeyladaa ammayyaa misoomsuun eegalameera jedhani. Hojii gaggeessaan olaanaa Waldaa Fayyaa Beeyladaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Indiriyaas Zawuduu akka jedhanitti, guddinni damichaa keessatti ekisteenshiniin fayyaa beeyladaa gahee olaanaa qabaachuu eeruun, waldichi fayyaa beeyladaa irratti ciminaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira
Feb 26, 2026 32
Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira. Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera. Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru. Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru. Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru. Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.
Barnoota Hubannoo Namtolchee Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira
Feb 26, 2026 27
Guraandhala 19/2018 (ENA): Barnoota Hubannoo Namtolchee(AI) Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Ministeera Barnootaatti Qindeessaa ii larniingi( E-Learning) fi Inishiyeetiivii Koodaroota Itiyoophiyaa Miiliyoona 5 kan ta’an Mulunaa Axinaafuu ENAtti akka himanitti, tattaaffii haaromsaa biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiruu fi bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misoomni humna namaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis dandeettii fi beekumsi dijitaalaa guddachuu akka qabu ibsuun, ministeerichi ajandaa haaromsa biyyaalessaa fi ergama isaa irratti hundaa’uun imala eegaluu isaa ibsaniiru. Sagantaa guddina beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa barsiisotaa fi barattoota akkasumas hawaasaaf hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 keessatti dhimmoota xiyyeeffannoon kennaman keessaa tokko bulchiinsa humna namaa ta’uu ibsuun, barbaachisummaan damichaa dinagdee biyyattiif qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoo namtolchee fi barnoota hubannoo dijitaalaa guddisu kan danda’u kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti kaarikulamii barnootaa keessatti hammachiisuun barnoota kennuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dandeettii fi beekumsa dijitaalaa barsiisotaa fi barattootaa guddisuuf kan dandeessisan hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an kanaaf leenjii koodarsii akka fudhatan deeggarsi taasifamaa jira jedhan. Ministeerri Barnootaa dargaggoota addunyaa dijitaalaa keessatti gahumsaa fi dorgomaa ta’an oomishuuf bu’uura beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsaniiru.
Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Feb 23, 2026 99
Guraandhala 16/2018 (ENA): Golambaa Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan hojigaggeessaan olaanaa waliigalaa waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Kiruubel Manbaruu. Miseensonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa Golambaa Saayinsii fi golambaa saayinsii keessatti kan argamu giddugala qorannoo hawaa (Pilaaneetariyeemii)daawwataniiru. Giddugala Qorannoo Hawaa keessatti urjiilee daawwachuu, dhiheessi saayinsii hawaa fi fiilmii dokumantarii hawaa dawataniiru. Golamboonni saayinsii guddina waliigalaa hawaasa tokkoo irratti guddina murteessaa fidu jedhan obbo Kiruubel Manbaruun. Golambaan saayinsii kun hawaasni hubannoo fi beekumsa saayinsii irratti qabu akka dabaluu fi walitti dhufeenya damee kanaaf qabu akka cimsu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Golambaan Saayinsii Finfinneetti ijaarame agarsiisa saayinsii salphaatti hubatamu taasisuun guddina dirree kanaaf gumaacha guddaa taasisaa jira. Keessattuu golambichi daa’immanii fi dargaggoota saayinsiitti dhiheessuu qofa osoo hin taane, beekumsa barnootaan horatan qabatamaan akka arganii fi hubachuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas waldichi hojiiwwan adda addaa ijaarsa dandeettii, misooma bu’uuraalee misoomaa, akkasumas daa’immanii fi dargaggoonni beekumsa damee kanarratti qaban akka guddifatan gargaaruuf hojjechaa akka jirus ibsaniiru. Waldichi nama hundaaf banaa ta’uu ibsuun, daa’immanii fi dargaggoonni fedhii qaban miseensa ta’uun akka itti makaman waamicha dhiyeessaniiru. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimma Alaa Kibrat Atsibihaa akka ibsanitti, kaayyoon daawwannaa kanaa hojiiwwan saayinsii hawaa keessatti hojjetamaa jiran irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dha jedhani. Golambaan Saayinsii daa’immanii fi dargaggoonni dirree kana keessatti akka makaman karaa saaquu qofa osoo hin taane, qorattoonni hojii isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Barattoonni Fitii Girmaa fi Tsiyoon Biraanuu daawwannaan kun waa’ee hawaa beekumsaa fi hubannoo akka kenneefii dubbataniiru. Golambaan Saayinsii kan duraa irraa adda ta’uu fi xiyyeeffannoo addaa amma dirree kanaaf kenname kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 135
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru. Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Ispoortii
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calallii taphoota mo’atanii darbuu
Feb 24, 2026 124
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.
Maanchistar Yuunaayitid Everten waliin taphatasaa gaggeessa
Feb 23, 2026 142
Guraandhala 16/ 2018(ENA):- piriimer Liigii ingiliz sagantaa torban 27ffaa dhumaan Evertenii fi Maanchistar Yuunaayitid gidduutti har’a ni gaggeeffama. Taphichi galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Hiil Diikiinsenitti gaggeeffama. Everten qabxii 37n sadarkaa 9ffaa qabateera. Maanchistar yuunaayitid immoo qabxii 45n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lameen piriimar liigichatti kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 31ffaa dha. Taphoota 30 ammaan dura gaggeessaniin Maanchistar Yuunaayitid yeroo19 injifachuun olaantummaa qabatera. Everten yeroo 6 yoo injifatu taphoota hafan 6n qixaan adda baheera.
Maanchistar Siitiin Niwuukaastil Yuunaayitid waliin ni taphata
Feb 21, 2026 196
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Piriimar Liigii Ingiliz torban 27ffaan har’a eegala. Sagantichaan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Taphni Galgala sa’aatii shan irratti Maanchistar Siitiin Niwuukastil waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphatan hawwiin eegama. Maanchistar Siitiin qabxii 53n Sadarkaa 2ffaa qabateera. Niwuukaastil Yuunaayitid qabxii 36n sadarakaa 10ffaarra jira. Maanchistar Siitiin injifannoo ittifufa 3ffaa galmeessuuf ni taphatu. Torban 26ffaa Tootenihaam Hotispersiin 2 fi 1n dirreesaan alatti erga mo’atee booda Niwuukastil Yuunaayitid injifannoo walitti fufaa galmeessuuf wal morkatu. Maanchistar Siitiin yoo injifate dursaa liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qabu yeroof gara 2tti gad buusa. Astonviilaan qabxii 50n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liids yuunaayitid qabxii 30n sadarkaa 15ffaarra taa’eera. Taphichaan Astonviilaan morkii waancaaf turuuf , Liidis Yuunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa siquuf qabxii sadii argachuuf kan wal- morkatanidha. Chelsiin Bernileyii waliin fi Bireentifoordi Biraayiten waliin galagala sa’aatii 12:00tti ni taphatu. Westihaam Yuunaayitid Bornimaawuz waliin galgala sa’aatii 2:30tti Istaadiyeemii Landanitti taphatu.
Ayyaana Hundeeffama Ajaja duula addaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira
Feb 14, 2026 216
Guraandhala7/2018(ENA)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ayyaana hundeeffama Ajajaa duula addaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa daandiirraa KM.10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama jira. Dorgommicharratti Atileetonni bebbeekamoon kilabiiwwan adda addaa keesaa dhufan hirmaachaa jiru. Akkasumas miseensota raayyaa ittisa biyyaa, jiraattota magaalaa hawaasaa fi naannoolee ollaarraa kan dhufan jiraattonni kuma 10n ta’an hirmaachaa jiru. Sirnicharratti Ajajaan duula addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, mejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda Kidaan, Qondaaltota Olaanoo, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa fi hoggantoonni bulchinsichaa argamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 92
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru. Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Naannoowwan qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet itti aanan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti fayyadamuu qabu
Feb 23, 2026 80
Guraandhala 16/2018 (ENA): Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa naannoleen hojii qonna Arfaasaa dafanii jalqaban guyyoota saddeet dhufan keessatti haala qilleensaa jiidha qabutti akka fayyadaman beeksiseera. Raaga haala qilleensaa Guraandhala 14 hanga 21, 2018 ilaalchisee ibsa ENAf ergeen, guyyoota itti aanan keessatti naannoo qonna Arfaasaa keessatti qilleensi jiidha qabu akka jiraatu ibseera. Haalli jiidhinsa qilleensaa kun keessumaa bakkeewwan laga gadi aanaa ta’ani irratti kanneen akka naannoolee Kibba Lixaa, Kibbaa fi Giddu galeessaa keessatti qonnaaf mjataa waan ta’eef qophii sanyii, akkasumas midhaan facaasuuf haala mijataa ni uuma jedheera. Haalli qilleensa jiidhinni kun guddina marga dheedichaa fi biqilootaaf, akkasumas dhiyeessii bishaan dhugaatii namaa fi beeyladootaa fooyyessuuf barbaachisummaa guddaa qabaachuu ibseera. Akkasumas naannooleen akka Awaash Gubbaa fi Awaash Giddugaleessaa, Baaroo Akobabii gubbaa fi giddu galeessaa, Oomoo Gibee, Suluwwan, kuusaa Gannaalee Dawaa irratti rooba giddugaleessaa fi xiqqaa ta’e ni argatu. Kanarraa kan ka’e, bishaan kuufamaa caqafame keessatti yaa’insi bishaan dirra lafaa giddu galeessaan ni jiraata. Gama biraatiin naannoon Kibbaa fi Kibba Bahaa rooba Arfaasaa irraa fayyadamoo ta’an haala qilleensaa goggogaan akka isaan mudatu ibsichi hubachiiseera.
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 194
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 166
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru. Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru. Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2183
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10398
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.