Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 377
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee Haqaa Qorannoodhaan Deeggaruun gahee isaanii bahachaa jiru
Apr 15, 2026 251
Eebila 07/2018 (ENA) : Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deggaruuf gahee isaanii bahachaa akka jiran ibsan. Inistiitiyuutiin Qorannoo fi Leenjii Haqaa fi Seeraa Federaalaa, sirna haqaa Ammayyeessuuf Manneen Barnoota seeraa kan dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin ta’uun qindoominaan hojjechaa jira. Diiniin Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Jimmaa obbo Firaa'ol Taaffasaa akka ibsanitti, Yuunivarsiiticha Manneen Barnoota Seeraatiif deeggarsa meeshaalee fi ogeessaa kennuudhaan, Barnoonni Seeraa Qorannoodhaan deeggaramee akka kennamu hojjechaa jira jedhani.   Hayyoonni Yuunivarsiitichaa riifoormii Sektara haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf carraaqqii godhamu keessatti bal’inaan hirmaachaa akka jiranis kaasaniiru. Qulqullina Barnoota Seeraa fooyyessuuf Kitaabota Barumsaa fi Mojuulota qopheessuu, qophii qormaata bahumsaa fi dorgommii dhaddachaa mijeechuun waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Diiniin Mana Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Arbaamincii obbo Abrahaam Kinfee gamasaaniin, Kutaan Barnoota Seeraa kun barnoota kennuun bira darbee, tajaajila seeraa bilisaa fi qorannoo fi qo’annoo dhimmoota haqaa irratti inistiitiyuuticha wajjin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.   Sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuuf, damichatti lammiilee gahumsa qaban horachuuf tattaaffii taassifamuun cinaatti, ogeessota seeraatiif leenjii ijaarsa dandeettii kennaa akka jiru ibsaniiru. Qorataan seeraa Inistiitiyuutichaa Dr. Zibaloo Hayilasillaasee gamasaaniin, Inistiitiyuutichi Manneen Barnoota Seeraa dandeettii barsiisuu fi qulqullina barnootaa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Qorataan kun, sirna haqaa ammayyeessuuf humna namaa gahumsa qabu horachuun murteessaa akka ta’e kan eeran yoo ta’u, Inistiitiyuutichis kanaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Qo’annoo Manneen Barnoota Seeraa keessatti hojjetaman hojiirra akka oolan walta’iinsaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume dha
Apr 15, 2026 300
Eebila 7/2018 (ENA): Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume ta’uu hirmaattonni Fooramii Sodaa Balaa Afrikaa (ADRF) himan. Hirmaattonni Fooramichaa daawwannaa taasisaniin, jilli Jibuutii, Sudaanii fi Zaambiyaa yaada isaanii ENA’f qoodaniiru.   Waggaa kudhaniin dura magaalattii daawwatanii Jibuutii irraa kan deebi’an Isaam Abdulhakim, Magaalaan Finfinnee yeroo sana maal akka turte yaadachuun jijjiirama amma dhufe wal bira qabanii gaafa ibsan samii fi lafa jedhani. Pirojektoonni misoomaa dinqisiisoo yeroo gabaabaa keessatti magaalattii keessatti hojjetamaa turan Finfinnee jiraattota isheetiif mijataa fi daawwattoota isheef hawwataa akka taatu taasiseera jedhan. Keessattuu, misoomni koridaraa fi qarqara lageenii magaalattii dandeettii dinagdee ishee guddisuu bira darbee sadarkaa dorgommii magaalaa idil-addunyaa akka guuttu taasiseera jedhani.   Sudaan irraa kan dhufan Ismaa’eel Alii imalli jijjiiramaa ajaa’ibsiisaa Finfinnee magaalota Afrikaa biroof sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf barnootaa fi muuxannoo guddaa ta’a jedhan. Finfinneen yeroo ammaa wiirtuuwwan magaalota ammayyaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu daawwannaa isaanii keessatti taajjabanii akka turan himaniiru. Turtii magaalaa guddittii keessatti taasisaniin, guddinni damee diinagdee fi invastimantii irratti galmaa’e magaalattiin daandii misoomaa irra deemaa akka jirtu mirkaneessee jiraachuu hubachiisaniiru.   Zaambiyaa irraa kan dhufan Masii Chiluun milkaa'inni misoomaa ajaa'ibsiisaa Finfinneen galmeessifte, gahumsa ofiitiin sadarkaa olaanaatti ba’uun akka danda’amuuf fakkeenya gaarii dha jedhani. Kunis Afrikaanonni gargaarsaa fi hirkattummaa tokko malee magaalota guddatanii fi qarooman ijaaruun akka danda’amu kan barsiisu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti Baatiiwwan Saglan Darbanitti Milkaa’inoonni Kenna tajaajilaa fooyyessan galmaa’aniiru
Apr 15, 2026 356
Eebila 07/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan saglan darbanitti hojiilee raawwatamaniin injifannoowwan fayyadamummaa dinagdee uummataa guddisanii fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessan galmaa'uusaanii Pirezidaantiin Naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Naannichaa baatiiwwan saglan darbanii Magaalaa Bishoftuu, galma Haarsadeetti geggeeffamaa jira. Piresidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa wayita sana akka dubbatanitti, baatiiwwan saglan darban Naannichatti hojiileen Misoomaa fi badhaadhinaa milkaa'oon hedduun raawwatamaniiru jedhani. Keessattuu, Fayyadamummaa Dinagdee uummata naannichaa haala gaariin kan guddisan hojiileen Misooma Magaalaa fi Baadiyaa raawwatamuusaanii ibsaniiru. Kana malees, hojiilee misoomaa naannichaa saffisiisuuf kan gargaaran, sirnoota kenniinsa tajaajilaa teekinooloojiin deeggaraman hojiirra ooluu isaanii dubbataniiru. Fuuldurattis, hojiilee gaggaarii galmaa'an caalaatti cimsuun, hanqinaalee tokko tokkoo fi karoora qabame haala barbaadamuun hojiirra oolchuu dhabuu wajjin walqabatee rakkoolee mul'atan sirreessuun barbaachisa jedhaniiru. Keessattuu, humnoota misoomaa hunda qindeessuun imala badhaadhinaa eegalame bu'a qabeessa taasisuun hoggansa naannichaarraa kan eegamu ta'uu hubachiisaniiru. Gamaaggamichaan cimina jiru itti fufsiisuu fi rakkoolee hojii irratti mul'atan furuuf kallattiiwwan akka kaa'amanis ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, baatiiwwan saglan darban keessa hojiileen Misoomaa hedduun raawwatamuu fi hirmaannaan Hawaasaas cimuusaa ibsaniiru. Baatiiwwan saglan darban keessa rakkoolee hedduu keessa darbamee bu'aan gurguddaan galmaa'uu ibsuun, baatiiwwan bara baajataa hafan keessatti hojiilee osoo hin raawwatamin hafan kutannoo guddaan raawwachuun fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Dandeettiin raawwachiisummaa mootummaa yeroo gara yerootti fooyya'aa dhufuusaa hojiileen baatiiwwan saglan darban keessa raawwataman kan agarsiisan ta'uu eeraniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 1572
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.   Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.   Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 2770
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru.   Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani.   Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru.   Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 6478
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.   Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.   Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera
Apr 9, 2026 5020
Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera. Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru.   Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru. Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.

Hawaasummaa
Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee Haqaa Qorannoodhaan Deeggaruun gahee isaanii bahachaa jiru
Apr 15, 2026 251
Eebila 07/2018 (ENA) : Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deggaruuf gahee isaanii bahachaa akka jiran ibsan. Inistiitiyuutiin Qorannoo fi Leenjii Haqaa fi Seeraa Federaalaa, sirna haqaa Ammayyeessuuf Manneen Barnoota seeraa kan dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin ta’uun qindoominaan hojjechaa jira. Diiniin Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Jimmaa obbo Firaa'ol Taaffasaa akka ibsanitti, Yuunivarsiiticha Manneen Barnoota Seeraatiif deeggarsa meeshaalee fi ogeessaa kennuudhaan, Barnoonni Seeraa Qorannoodhaan deeggaramee akka kennamu hojjechaa jira jedhani.   Hayyoonni Yuunivarsiitichaa riifoormii Sektara haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf carraaqqii godhamu keessatti bal’inaan hirmaachaa akka jiranis kaasaniiru. Qulqullina Barnoota Seeraa fooyyessuuf Kitaabota Barumsaa fi Mojuulota qopheessuu, qophii qormaata bahumsaa fi dorgommii dhaddachaa mijeechuun waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Diiniin Mana Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Arbaamincii obbo Abrahaam Kinfee gamasaaniin, Kutaan Barnoota Seeraa kun barnoota kennuun bira darbee, tajaajila seeraa bilisaa fi qorannoo fi qo’annoo dhimmoota haqaa irratti inistiitiyuuticha wajjin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.   Sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuuf, damichatti lammiilee gahumsa qaban horachuuf tattaaffii taassifamuun cinaatti, ogeessota seeraatiif leenjii ijaarsa dandeettii kennaa akka jiru ibsaniiru. Qorataan seeraa Inistiitiyuutichaa Dr. Zibaloo Hayilasillaasee gamasaaniin, Inistiitiyuutichi Manneen Barnoota Seeraa dandeettii barsiisuu fi qulqullina barnootaa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Qorataan kun, sirna haqaa ammayyeessuuf humna namaa gahumsa qabu horachuun murteessaa akka ta’e kan eeran yoo ta’u, Inistiitiyuutichis kanaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Qo’annoo Manneen Barnoota Seeraa keessatti hojjetaman hojiirra akka oolan walta’iinsaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru
Apr 14, 2026 730
Eebila 6/2018 (ENA): Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa akka ibsetti, hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan bifa ciminaan hojjetamaa jiru jedhe. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) walqixxummaa koorniyaa fi faayidaa dubartootaa irratti xiyyeeffate jalqabame.   Ministeer De’eetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keyiraddiin akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa fayyadamummaa diinagdee dubartoota baadiyyaa fi magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jirti jedhani. Faayidaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf tarsiimoon qophaa’ee hojiirra ooluu isaa, kunis qonna, industirii, carraa hojii uumuu fi dameewwan biroo irratti fayyadamoo akka ta’an kan dandeessise ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni Afrikaa sirna daldalaa keessatti wal qixa akka hirmaataniifi fayyadamoo ta’an waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni miseensa “COMESA” qormaata dubartoonni daldala keessatti akka hin hirmaanne gufachiisan furuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu qabu jedhan. Mariin har’as gama kanaan akka ta’e dubbataniiru. Mariin kun bu’uura seeraa fayyadamummaa dubartoota Afrikaa sirna daldalaa keessatti guddisu hojiitti jijjiiruuf carraa kan uume ta’uu hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaan walqixxummaa koorniyaa fi gahumsa dubartootaaf kutannoo hooggansaa taasifteef, Gargaaraa barreessaa olaanaa gabaa waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) Ambaasaaddar Mahmad Kadaa galateeffataniiru. Dubartoota akka ardiitti gahumsa isaanii cimsu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jiru hubachiisaniiru. Keessattuu Afrikaa keessatti dubartoonni faayinaansii, dandeettii dijitaalaa, gabaa, fi murtee kennuu irratti qaawwi akka jiru hubachiisaniiru. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) qaawwa kana guutuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Hararitti Qe’ee moodeela abbootii warraa 250 qabatu ijaaramuufi
Apr 14, 2026 163
Eebila 6/2018 (ENA) : Naannoo Harariitti Misooma Kooridara Baadiyyaatiin ji'oota lamaan dhufan keessatti Qe’ee moodeela maatii 250 fayyadamoo taasisu akka ijaaramu Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badiirii beeksisaniiru. Mariin karooraa fi raawwii hojii Koree Koridar Baadiyyaa Naannichaa gaggeeffameera.   Kanuma waliin Bulchaan Naannichaa akka himanitti, Misoomni koridaraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eegalame kun naannoo qulqulluu fi miidhagaa uumuu qofa osoo hin taane, lammiileef haala jireenyaa mijataa uumuudha jedhani. Haaluma kanaan bu’aa damee misooma koridaraa magaalaa Harar keessatti galmaa’e gara baadiyyaatti babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksisaniiru. Hojiileen misooma koridara baadiyyaatti gaggeeffaman haala jireenyaa qonnaan bultootaa jijjiiruuf dandeettii akka qaban akeekaniiru. Fakkeenyaaf, qonnaan bultoonni qabeenyaafi kennaa isaanii sirnaan fayyadamuun diinagdee isaanii guddisuu fi akkasumas jireenya mijataa jiraachuu akka danda’an ibsaniiru. Ji’oota lamaan dhufan keessatti ganda baadiyyaa moodeela ta’ee qonnaan bultootaa abbootii warraa 250 fayyadamoo taasisu ijaaruuf ni hojjetama jedhaniiru. Hojiin misooma koridara baadiyyaa murannoo guddaadhaan akka itti fufu eeruun, qonnaan bultoonni hirmaannaa fi deeggarsa itti fufiinsa qabu akka cimsan dhaamaniiru. Hoggansi sadarkaa sadarkaan jirus qindoominaa fi tumsaan akka hojjatan dhaamaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Diinagdee
Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume dha
Apr 15, 2026 300
Eebila 7/2018 (ENA): Haaromsi magaalaa Finfinnee badhaadhinaa fi guddina magaalota Afrikaa ariifachiisuuf abdii haaraa kan uume ta’uu hirmaattonni Fooramii Sodaa Balaa Afrikaa (ADRF) himan. Hirmaattonni Fooramichaa daawwannaa taasisaniin, jilli Jibuutii, Sudaanii fi Zaambiyaa yaada isaanii ENA’f qoodaniiru.   Waggaa kudhaniin dura magaalattii daawwatanii Jibuutii irraa kan deebi’an Isaam Abdulhakim, Magaalaan Finfinnee yeroo sana maal akka turte yaadachuun jijjiirama amma dhufe wal bira qabanii gaafa ibsan samii fi lafa jedhani. Pirojektoonni misoomaa dinqisiisoo yeroo gabaabaa keessatti magaalattii keessatti hojjetamaa turan Finfinnee jiraattota isheetiif mijataa fi daawwattoota isheef hawwataa akka taatu taasiseera jedhan. Keessattuu, misoomni koridaraa fi qarqara lageenii magaalattii dandeettii dinagdee ishee guddisuu bira darbee sadarkaa dorgommii magaalaa idil-addunyaa akka guuttu taasiseera jedhani.   Sudaan irraa kan dhufan Ismaa’eel Alii imalli jijjiiramaa ajaa’ibsiisaa Finfinnee magaalota Afrikaa biroof sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf barnootaa fi muuxannoo guddaa ta’a jedhan. Finfinneen yeroo ammaa wiirtuuwwan magaalota ammayyaa Afrikaa keessaa tokko ta’uu daawwannaa isaanii keessatti taajjabanii akka turan himaniiru. Turtii magaalaa guddittii keessatti taasisaniin, guddinni damee diinagdee fi invastimantii irratti galmaa’e magaalattiin daandii misoomaa irra deemaa akka jirtu mirkaneessee jiraachuu hubachiisaniiru.   Zaambiyaa irraa kan dhufan Masii Chiluun milkaa'inni misoomaa ajaa'ibsiisaa Finfinneen galmeessifte, gahumsa ofiitiin sadarkaa olaanaatti ba’uun akka danda’amuuf fakkeenya gaarii dha jedhani. Kunis Afrikaanonni gargaarsaa fi hirkattummaa tokko malee magaalota guddatanii fi qarooman ijaaruun akka danda’amu kan barsiisu ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti Baatiiwwan Saglan Darbanitti Milkaa’inoonni Kenna tajaajilaa fooyyessan galmaa’aniiru
Apr 15, 2026 356
Eebila 07/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan saglan darbanitti hojiilee raawwatamaniin injifannoowwan fayyadamummaa dinagdee uummataa guddisanii fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessan galmaa'uusaanii Pirezidaantiin Naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan. Gamaaggamni raawwii hojii paartii fi mootummaa Naannichaa baatiiwwan saglan darbanii Magaalaa Bishoftuu, galma Haarsadeetti geggeeffamaa jira. Piresidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa wayita sana akka dubbatanitti, baatiiwwan saglan darban Naannichatti hojiileen Misoomaa fi badhaadhinaa milkaa'oon hedduun raawwatamaniiru jedhani. Keessattuu, Fayyadamummaa Dinagdee uummata naannichaa haala gaariin kan guddisan hojiileen Misooma Magaalaa fi Baadiyaa raawwatamuusaanii ibsaniiru. Kana malees, hojiilee misoomaa naannichaa saffisiisuuf kan gargaaran, sirnoota kenniinsa tajaajilaa teekinooloojiin deeggaraman hojiirra ooluu isaanii dubbataniiru. Fuuldurattis, hojiilee gaggaarii galmaa'an caalaatti cimsuun, hanqinaalee tokko tokkoo fi karoora qabame haala barbaadamuun hojiirra oolchuu dhabuu wajjin walqabatee rakkoolee mul'atan sirreessuun barbaachisa jedhaniiru. Keessattuu, humnoota misoomaa hunda qindeessuun imala badhaadhinaa eegalame bu'a qabeessa taasisuun hoggansa naannichaarraa kan eegamu ta'uu hubachiisaniiru. Gamaaggamichaan cimina jiru itti fufsiisuu fi rakkoolee hojii irratti mul'atan furuuf kallattiiwwan akka kaa'amanis ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gama isaaniin, baatiiwwan saglan darban keessa hojiileen Misoomaa hedduun raawwatamuu fi hirmaannaan Hawaasaas cimuusaa ibsaniiru. Baatiiwwan saglan darban keessa rakkoolee hedduu keessa darbamee bu'aan gurguddaan galmaa'uu ibsuun, baatiiwwan bara baajataa hafan keessatti hojiilee osoo hin raawwatamin hafan kutannoo guddaan raawwachuun fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Dandeettiin raawwachiisummaa mootummaa yeroo gara yerootti fooyya'aa dhufuusaa hojiileen baatiiwwan saglan darban keessa raawwataman kan agarsiisan ta'uu eeraniiru.
Haaromsi dinagdichaa beekumsa mandhaleefi abbummaa ofiin kan hoogganamudha – Dr. Iyyoob Takkaallinyi
Apr 15, 2026 184
Eebila 7/2018 (ENA) : Riifoormiin diinagdee Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru beekumsa mandhalee fi abbummaa ofiin kan hoogganamu ta’uu bulchaan baankii biyyaalessa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaallinyi himani. Walgahiin waktii Birraa Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Waashingitan DCtti gaggeeffamaa jira.   Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waltajjii ijaarsa dandeettii misoomaa walga’icha cinaatti qophaa’erratti hirmaataniiru. Waltajjicharratti Dr. Iyyoob Takkaallinyi ajandaa riifoormii damee faayinaansii waliigalaa Itiyoophiyaa qondaaltota olaanoo dhaabbilee idil-addunyaatiif ibsaniiru. Walgahii kanarratti hoggantoonni olaanoo Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa, Baankii Addunyaa, fi Komishiniin Awurooppaa argamaniiru. Bulchaan kun mata duree “Yeroo Qormaataa Keessatti Gabaa, Dhaabbilee fi Tasgabbii Ijaaruu” jedhuun, jijjiirama caasaa sirna faayinaansii ajandaa haaromsa dinagdee mandhalee jalatti taasifamu ibsaniiru. Damee kana ammayyeessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran hirmaattotaaf ibsaniiru. Bulchaan kun Itiyoophiyaan gara bu’uura imaammata maallaqaa dhala irratti hundaa’etti ce’uu fi sirna sharafa alaa gabaa irratti hundaa’e hojiirra oolchuu ibsaniiru. Akkasumas, bu’uurri danbii Labsii Baankii Biyyaalessaa haaraa fi seerota baankii ammayyaatiin deeggaramee caasaa faayinaansii biyyattii jijjiiraa akka jiru hubachiisaniiru. Gargaarsi teeknikaa qaamolee adda addaa irraa argamu kamiyyuu fedhii biyyattii irratti hundaa’ee fi aantummaa misoomaa waliin kan walsimu ta’uu malee dhiibbaa alaatiin kan oofamu ta’uu akka hin qabne dubbataniiru. Bulchaan Baankichaa hojiiwwan gara fuula duraa yoo ibsan, gabaa faayinaansii biyya keessaa daran guddisuu fi damicha invastimantii biyya alaatiif banuun ajandaawwan haaromsaa marsaa itti aanutti dursa kennaniif ta’uu akeekaniiru. Kana galmaan ga’uuf ijaarsi dandeettii dhaabbilee itti fufiinsa qabu, itti fufiinsa imaammataa fi sirna faayinaansii cimaa dinagdee damee dhuunfaan durfamu deeggaru danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f ergeen beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Mootummaan naannichaa karoora ifa ta'e kaa'uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiru hojiirra oolchaa jira – Pireesidaanti Shimallis Abdiisaa
Apr 15, 2026 150
Eebila 7/2018 (ENA): Mootummaan naannoo Oromiyaa karoora ifa ta’e kaa’uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiru hojiirra oolchaa jira jedhan pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa. Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana sadaffaa mootummaa fi paartii naannoo Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti eegalameera. Waltajjii gamaaggama kanarratti obbo Shimallis Abdiisaan, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni olaanoo naannichaa biroo argamaniiru. Kanuma waliin waggoota dhiyoo asitti mootummaan naannichaa karoora ifa ta’e kaa’uudhaan pirojektoota misoomaa jireenya ummataa jijjiiran hojiirra oolchaa akka jiru Pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsani. Keessattuu pirojektoonni misoomaa damee hundaan bifa jalqabbiitiin hojiirra oolan, naannichatti jijjiiramni bu’uuraa akka galmaa’u kan dandeessisan ta’uu hubachiisaniiru. Gamaaggamni kurmaana sadaffaa kun haala naannichi kaayyoo fi ergama isaa galmaan gahuu irratti milkeessuun kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Hoggansi karoora naannoo sirriitti hojiirra oolchuun, ummata keenya sadarkaa fooyya’aa ta’etti ceesisuu akka qabu dhaamaniiru. Waltajjicharratti gabaasni raawwii hojii mootummaa fi paartii ji’oota sagal darbanii kan ciminnii fi hanqinaaleen jiran adda baafamanii kan dhiyaatan yoo ta’u, kallattiin hojii gara fuula duraa ni kaa’ama jedhameera. Kana malees ka’umsi karoora bara 2019 kan dhiyaatu yoo ta'u, gamaaggama kanarratti hoggantoonni Godinaa, magaalaa fi aanaa hirmaataa jiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 377
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Apr 14, 2026 177
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani. Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani. Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera. Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani. Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru. Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru. Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru. Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru. Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru. Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru. Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Leenjiin 'Koodarsii' tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gargaare
Apr 14, 2026 161
Eebila 06/2018 (ENA): Hojjettoonni mootummaa Jimmaa Leenjii 'Koodarsii' fudhatan, tajaajila uummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsan. Inisheetiivii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan ta'e leenjiin 'Itiyoo-Kodarsii' namoota miiliyoona 5’f kennamu, Magaalaa Jimmaatti hojjettoota mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan biratti kaka'umsa guddaa uumaa jiraachuun hubatameera. Leenjichi dandeettii dijitaalaa hojjettootaa guddissuun, tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsameera. Akka Hojjettoonni jedhanitti, leenjichi hojii isaanii irratti beekumsaa fi dandeettii dabalataa akka horatan isaan gargaareera. FDRItti Hojjettoonni Bulchiinsa Waldaa Inshuraansii Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Damee Jimmaa ta'an, Mihirat Kaasaa fi Qumnagar Warqiyyee, dhaabbatichi tajaajila kompiitaraa fi intarneetii mijataa waan godheef koorsiiwwan garaagaraa fudhachuu isaanii dubbatani. Sagantaa Leenjichaa irraa waraqaa ragaa Idil-Addunyaa argachuu isaanii eeruun, hojjettoonni biroonis carraa kana akka fayyadaman gorsaniiru. Hogganaan waajjira damichaa obbo Masfin Mashashaa gama isaaniitiin, hojjettoota dhaabbatichaa 140 keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an leenjicha fudhachuu isaanii ibsaniiru.   Hojjettoonni hafanis leenjicha akka argatan hojiin hubannoo uumuu fi dhiyeessiin teeknoolojii mijataa akka jiru eeraniiru. Dhaabbata tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa keessatti kan hojjetan Musliimaa Awwalii fi Mahaammad Haaydar, yeroo tajaajilli gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru kana keessatti leenjichi baay'ee barbaachisaa ta'uusaa ibsaniiru. Hojii keenya idilee cinaatti leenjicha fudhachuun keenya, hojii keenya caalatti ariifachiisuu fi babal'isuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru.   Itti Aanaan hojii gaggeessaa Giddugalichaa obbo Abdii Salamoon akka ibsanitti, hojjettoota dhaabbatichaa 104 keessaa 80 ol ta'an leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru. Leenjichi hojjettoonni tajaajila Hawaasaaf kennan beekumsa irratti kan hundaa'e fi si’ataa akka ta'u gochaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii Kalaqa Barattootaa guddisuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jira
Apr 14, 2026 135
  Eebila 06/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota fedhii teekinooloojii fi kalaqaa qaban bu’aa gaariif akka ga’an gochuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitichi gidduu gala STEM (STEM Center) waliin ta’uun agarsiisa qopheesserratti, Barattoonni Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa Magaala Roobee damee Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa irratti leenjii fudhatan, hojiilee kalaqaa fi argannoo isaanii dhiheessaa jiru. Saganticharratti kan argaman Itti Aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofeesara Iisaa Hasaan akka jedhanitti, dhaabbatichi Qorannoowwanii fi tajaajiloota fedhii fi rakkoo hawaasa naannichaa bu’uura godhatanirratti hojjachaa jira. Yuunivarsiitichi dhaabbata "STEM Power" waliin ta’uun laaboraatoorii dhaabe rakkoolee damee kanaan mudatan furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Laaboraatooriin kun barattoonni barnoota baratan (theory) baratan qabatamaan akka shaakalan gochuudhaan, dhaloota rakkoo biyyaa fi naannoo furuu danda’an uumuuf gargaaraa jiraachuu eeraniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniin, agarsiisichi dhaloota bakka bu’aa ta’eef dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifatan haala mijeessuusaa dubbataniiru. Hojii gaggeessaan oppereeshinii "STEM Power" Itiyoophiyaa obbo Anteneeh Fissahaa, tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaatti damee saayinsii fi teeknooloojii irratti jijjiiramni jajjabeessaan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru. Agarsiisichi fedhii barattootaa guddisuurra darbee, milkaa’ina " Dijitaala Itiyoophiyaa 2030"f gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Barattoonni agarsiisicharratti hirmaatan, Meeshaalee Naannosaanii jiran fayyadamuun,Teeknooloojii rakkoo furuu danda’an bocuun dhiheessaniiru. Waltajjichi dandeettii kalaqaa barattootaa guddisuuf kaka’umsa kan isaanitti hore ta’uu barattoonni hirmaatan ibsaniiru.
Ispoortii
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Seenaa Shampiyoona fiigicha tarkaanfii Addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf medaalii jalqabaa argamsiise
Apr 13, 2026 240
Eebila 05/2018 (ENA): Shaampiyoona tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa 31ffaa Biraazil, Magaalaa Biraaziiliiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Dorgommiiwwan xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan gaggeeffamaniiru. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii Maaraatoonii walakkaa dhiirotaatiin, Atileeti Misgaanaa Waaqumaa sa’aatii 1 daqiiqaa 27 fi sekondii 33’n sadarkaa 2ffaa bahuun Medaalii Meetii argateera. Atileeti Misgaanaan, Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana irratti yeroo 6ffaaf hirmaannaa gooteen medaalii jalqabaa argamsiiseera. Atileetiin Xaaliyaanii Firaancheeskoo Foorchuunaatoo sadarkaa 1ffaa baheera. Atileetiin Biraazil Kaayoo Boonfiim immoo sadarkaa 3ffaa qabatee xumureera. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii dubartoota kiiloomeetira 10 waggaa 20 gadiitiin, Hiwoot Ambaawu daqiiqaa 48 fi sekondii 52’n sadarkaa 9ffaa qabattee xumurteetti. Fageenyichaan yeroo gaarii galmeessifteetti. Atileetiin Chaayinaa Yuutoongi Yaangi sadarkaa 1ffaa baateetti. Akkasumas, Atileetiin Xaaliyaanii Seereenaa Di Faabiyoo sadarkaa 2ffaa, Atileetiin Chaayinaa Liihuwaa Nii sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Dorgommii xumuraa kiiloomeetira 10 kan dhiirota waggaa 20 gadiitiin, Abduusalaam Abduulwahab daqiiqaa 42 fi sekondii 21’n sadarkaa 11ffaa qabatee xumureera. Fageenya kanaan yeroo isaa gaarii galmeessiseera. Atileetiin Chaayinaa Huuwaajiyaa Puu sadarkaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqee argateera. Atileetiin Awustiraaliyaa Isaaq Biikiroofti sadarkaa 2ffaa, atileetiin Xaaliyaanii Aleesiyoo Koopoolaa sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Itiyoophiyaan dorgommiiwwan xumuraa sadii irratti hirmaattee, medaaliyaa meetii tokko argachuun xumurteetti. Seenaa shaampiyoonaa kana irratti hirmaatte keessatti medaaliyaa jalqabaa argatteetti.
Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a gaggeeffama
Apr 12, 2026 505
Ebla 4/2018 (ENA) - Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a iraazil magaalaa Biraaziliyaattii gaggeeffama. Shaampiyoonaan kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 45 irraa eegalee ni gaggeeffama. Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni biyyoota 40 irraa walitti dhufan 333 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommiin kun tarkaanfii Maaraatoonii, tarkaanfii walakkaa Maaraatoonii fi dorgommiiwwan km. 10 waggaa 20 gadii saala lamaaniinuu of keessaa qaba. Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa kanarratti ni hirmaatti. Olompikii Paarisirratti hirmaatee qabxii quubsaa kan galmeessise atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii km. 20 irratti biyyasaa bakka bu’uun ni dorgoma. Dubartootaan ammoo shaampiyoonaa dargaggootaa Afriikaa Angoolaa fi Naayijeeriyaatti gaggeeffamanirratti meedaaliyaa Warqee kan argatte atileet Hiywoot Ambaawu dorgommii km. 10niin biyyashee bakka bu’uun ni dorgomti. Shaampiyoonaa Dirree Dawaa fi Finfinneetti gaggeeffamaniin kan mo’atte atileet Abdusalaam Abdulwahaab dhiiraan km 10niin akka dorgomu ni eegama. Garee jilaa kana adda durummaan kan gaggeessan bakka bu’aan daarektaraa federeeshinichaa obbo Tasfaayee Yifruu garee teeknikaa waliin gara Biraazil deemuunsaanii ni beekama. Dorgommiiwwan atileetiksii tarkaanfii addunyaa shan Itiyoophiyaa Kanaan dura hirmaatteen meedaaliyaa argattee hin beektu. Itiyoophiyaan meedaaliyaa Kanaan yeroo jalqabaaf meedaaliyaa argachuuf atileetonni sadii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti  Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 519
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru.   Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 142
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.   Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17270
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2641
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015