ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yuunivarsiitichi hojii hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan hojjechaa jira
Mar 12, 2026 14
Bitootessa 3/2018 (ENA)- Hojiiwwan hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan haala qooda fudhattoota hirmaachiseen hojjechaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yuunivarsiitichi guyyaa ayyaana dubartoota Addunyaa Mata duree “ Sagalee dubartootaa Walqixxummaa fi Itiyoophiyaa Badhaateef ” jedhuun qophiiwwan garaa garaan kabajaa jira. Saganticharratti Doktar Biraanamasqal Xannaa akka ibsanitti, waggoottan jijjiiramaa keessatti hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan argamaa dhufeera jedhani. Keessumaa hirmaannaa dubartootaa gama dinagdeen, hawaasummaanii fi siyaasaa keessatti qaban guddisuuf tattaaffiin taassifamuu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi dubartoonni hojii baruu fi barsiisuu fi qorannoo keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan xiyyeeffannoo kennuusaa eeraniiru. Barattoota dubaraa gahoomsuun hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuun olitti, tattaaffii qulqullina barnootaa mirkaneessuu sadarkaa biyyoolessaatti taassifamaa jiru kan deeggaru ta’uu Pirezidaantichi ibsaniiru. Dabalataanis, dubartoonni barnootaan, qorannoon, murtee kennuurratti hirmaanaan qaban fooyya’aa dhufuu isaa eeruun, Yuunivarsiitichi bu’aa argame caalaatti guddisuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Yuunivarsiitichatti Daarektarri dhimma dubartootaa fi hirmaachisummaa Liidiyaa Tikkuu gama isaaniin; hirmaannaa barnoota barattoota dubartootaa mirkaneessuun cinatti,Yuunivarsiiticha keessatti hirmaannaan dubartootaa hooggansa olaanaa keessatti akka dabalu hojiin itti fufiinsa qabu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Saganticharratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aantuun Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Egeeumsa Naannoo aadde Fireenesh Makuriyaa guyyichi dhaabbilee olaanoo keessatti kabajamuun dubartoonni sochii hunda galeessa biyyattii keessatti hirmaannaa qaban qo’annoon deeggaruuf akka gargaaru dubbataniiru. Saganticharratti dubartoota barattootaa barnootasaaniin qabxii fooyya’aa galmeessaniif beekamtii fi badhaasni kan kenname yoo ta’u, fayyadamummaa dubartootaan hojiiwwan misoomaa hojjetaman akka daawwatamanis dubbataniiru.
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 18
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru. Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru. Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru. Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra
Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii biyya fayyada jennee amanneef sagalee kennuuf kaardii filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra
Mar 12, 2026 37
Bitootessa 3/2018 (ENA): Jiraattonni naannoo Oromiyaa Godina Wallaggaa Lixaa fi Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii nagaa fi misooma biyyattii fayyada jedhanii amanan filachuuf kaardii filachuuf isaan dandeessisu fudhachuu himani. Jiraattuun Godina Wallaggaa Lixaa aanaa Beegii aadde Baqqaluu Bultoo ENAtti akka himanitti, kaardii filannoo kan paartii misoomaa fi nageenyaaf dursa kennu filachuuf nu dandeessisu fudhanneerra jedhani. Jiraataan aanaa kanaa kan biraa Daani'eel Alamuu akka himanitti, paartii filannoo waliigalaa irratti mirga koo tiksee biyya guddisa jedhee amanu filachuuf kaardii fudhadheera jedhani. Dhaabbata siyaasaa rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hiikuu fi piroojektoota misoomaa hunda galeessa hawaasaaf waliin gahu filachuuf qophii ta’uu isaanii akeekaniiru. Jiraataa magaalaa Gimbii kan ta’an Saamsoon Qajeelaan gama isaaniin paartii guddinaa fi nageenya biyyattiif gaarii ta’a jedhee amanu filachuuf kaardii fudhachuu himani. Haaluma walfakkaatuun, jiraattonni Godina Boorana Bahaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filattootaa kan filachuuf nu dandeessisu fudhanneerraa jedhan. Jiraataa Godinichaa aanaa Liiban ganda Buririi kan ta’e Taarikuu Abdiin mirga dimokraatawaa filannoo biyyaalessaa irratti hirmaachuuf qabanitti fayyadamuuf kaardii fudhachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa akka ta'uuf ga'ee isaanii bahaa jiraachuus ibsaniiru. Dargaggoo Maammush Fayyisaa jiraataa magaalaa Nagaallee Booranaa yoo ta’u, kaardii mirga dimokraatawaa filannoo kana irratti hirmaachuuf isa dandeessisu fudhachuu isaa himeera.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru.
Mar 12, 2026 38
Bitootessa 3/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad daawwannaa hojiif har’a waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galaniiru. Ministirri Muummee daawwannaa hojiif waaree booda Gamtaa Araba Imireetotaa(UAE) galuu isaanii waajjirri Ministira Muummee ibseera.
Siyaasa

Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda keenya bahuuf qophoofneerra
Mar 12, 2026 40
Bitootessa 3/2018(ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaarratti seera naamusa filannoo hordofuun qooda isaa bahuuf qophaa’uusaa federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibse. Filannoo walii galaa baranaaf paartileen ggaragaraa 47 kaadhimamtoota kuma 1 fi 934 kan galmeessisan yoo ta’u, galmeen filattootaas eegalamee adeemsarra jira. Dargaggoonni filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun qoodasaanii akka bahan hojjechaa akka jiru federeeshiniin dargaggootaa magaalaa Adaamaa ibsaniiru. Pirezidaantiin federeeshinichaa dargaggoo Sisaayi Abarraa akka ibsetti, waldaa dargaggootaa magaalattii waliin ta’uun, naamusa, seerotaa fi dambiiwwan filannoo irratti miseensotasaaf hubannoo uumeera. Federeeshinichi miseensotasaa filannoo taajjaban boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaaf erguusaa beeksiseera. Pirezidaantiin waldaa dargaggootaa magaalaa Adaamaa dargaggoo Abdallaa Gelloo gamasaatiin, gurmaa’insoota magaalaa, godinaa fi aanaaleetti qindeessuun filannichi haqa qabeessa, bilisaa, demokiraatawaa akka ta’uu fi karaa nagaa akka gaggeeffamu waldichi hojjechaa jira jedheera.
Ministirri Muummee doktar Abiyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaan
Mar 11, 2026 194
Bitootessa 2/2018(ENA): Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota hojii adda addaaf muudama kennaaniiru. Muudamoota Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Bitootessa 2, bara 2018 (A.L.I) jalqabee kennaman: • Leetenal Jeneraal Asraat Danneeroo: Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Gargaaraa Komishinara Toofiq Madad: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee. • Obbo Erziiq Isaa: Itti-aanaa Komishinara Komishinii Poolisii Finfinnee ta’uun muudamaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii argachuun isaa nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf carraa tarsiimoo uuma
Mar 10, 2026 328
Bitootessa 1/2018 (ENA): Itiyoophiyaan ulaa Galaana argachuun ishee nageenyaafi tasgabbii naannoo sanaaf carraa tarsiimoo ni uuma jedhan Raayyaa Ittisaatti Itti Gaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Makonniin. Waldaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa mata duree “Galaana Diimaa fi ulaa Galaanaa Mirga Uumamaa Itiyoophiyaaf” jedhuun marii gaggeessaa jira. Akka Jeneraal Yimar Mokonniin itti gaafatamaan olaanaa Barnootaa fi Leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa ibsanitti, Adulisii fi Zaylaan bara Impaayera Axumitii eegalee karra daldalaa fi aadaa Itiyoophiyaa ta’uun tajaajilaa akka turan seenaan kan agarsiisuu dhugaa lafa jiru dha jedhani. Dhugaan seenaa kun fedhii siyaasaa dhiyeenya kanaa osoo hin taane mirga seenaa fi uumamaa birmadummaa fi dhimma lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waliin kan wal qabatu dha jedhani. Itiyoophiyaan buufata galaanaa keessaa bahuun guddina dinagdeef gufuu ta’uu ibsuun, dhimma buufata galaanaa kanaaf furmaata argachuun diinagdee Itiyoophiyaa fi walitti dhufeenya diinagdee naannichaaf murteessaa ta’uu akeekaniiru. Abbummaan buufata galaanaa kun dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa tiksuu qofa osoo hin taane balaa nageenyaa naannichatti mudatu waliin ta’uun ittisuuf dandeettii tarsiimoo kan kennu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waliinii fi ida’amuu naannoo irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa walta’iinsa waloo fi walitti dhufeenya nageenyaa fi bu’uuraalee misoomaa naannichaa cimsuun tumsa Baha Afrikaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Dhimmichi hirmaannaa cimaa akka barbaadu eeruun, kanaafis hirmaannaan cimaan miseensota waldichaa murteessaa ta’uu eeraniiru. Pireezidaantiin Waldaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, ajajaan shantamaa Biraanuu Amaaree gama isaaniitiin, miseensonni waldichaa dhimma biyyaalessaa keessatti gahee adda duree fudhachaa akka jiran ibsaniiru. Dhimmi buufata galaanaa karaa nagaa fi dippilomaasiitiin deebii akka argatu waldichi itti gaafatamummaa isaa akka bahus mirkaneessaniiru.
Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho'an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban - Doktar Ballaxaa Mollaa
Mar 8, 2026 438
Guraandhala 29/2018 (ENA): Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa diinota seenaa biyyattiitti dabarsanii kennuuf hojjetan siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban jedhan dura taa'aan Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABIN) Doktar Ballaxaa Mollaa. Galaanni Diimaan gabeenya uumamaa keenya eeyyamaa fi hirmaannaa Ummata Itiyophiyaan ala shira Siyaasaan dhabneedha kan jedhan Doktar Ballaxaan, karaa bu'uura seeraa tokkollee hin qabneen akka dhabnu ta'uun shira cimaa Itiyophiyaanota hunda irratti raawwatame ta'uu dubbataniiru. Qabeenya seena qabeessa kana dhabuun dhaloota ammaa biratti miira gaabbii kan uumuu ta’uu eeruun, gaaffiin abbaa qabeenyummaa Ulaa Galaanaa mirga uumamaa, Seeraa fi teessuma lafaa bu'uureffate ta'uus hubachiisaniiru. Mootummaan gaaffii ummataa kana deebisuu fi bu'aa tarsiimawaa Itiyoophiyaa kabajchiisuuf karaa dippiloomaasummaan daandii dheeraa imaluu himaniiru. Gaaffichi ajandaa biyyaalessaa ta'uus paartiin isaanii akka deeggaru mirkaneessaniiru. Haalli mijataan mirga uloaa Galaanaa argachuu biyyattiin Seenaa fi uumamaan qabdu irra deebiin mirkaneessu uumamuu akka qabus eeranii, paartiin isaanii gaaffii haqaqabeessa kana galmaan ga'uuf kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan laga Abbayyaa madda humna elektirikaa akka ta'uuf hidhuun fayyadamummaa ishee qormaatilee hedduu keessatti milkaneessuu eeranii, gaaffii ulaa galaanaa irrattis waloon hojjechuun akka barbaachisu dubbatani. Seenaa keessatti diinonni biyyattii carraaqqiiwwan misoomaa ishee akka gufataniif halkanii guyyaa akka hojjetan himanii, Itiyoophiaanonni garuu diina waloo isaanii dhimma ittiin ofirraa qolatanii dha jedhan. Wayita ammaa kanatti dhimmoota faayidaa bayyaalessaa caalaa ajandaan biraa xiyyeeffannaa argachuu qabu akka hin jirre himaniiru.

Hawaasummaa
Yuunivarsiitichi hojii hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan hojjechaa jira
Mar 12, 2026 14
Bitootessa 3/2018 (ENA)- Hojiiwwan hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa guddisan haala qooda fudhattoota hirmaachiseen hojjechaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yuunivarsiitichi guyyaa ayyaana dubartoota Addunyaa Mata duree “ Sagalee dubartootaa Walqixxummaa fi Itiyoophiyaa Badhaateef ” jedhuun qophiiwwan garaa garaan kabajaa jira. Saganticharratti Doktar Biraanamasqal Xannaa akka ibsanitti, waggoottan jijjiiramaa keessatti hirmaanaa fi fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa guddisuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan argamaa dhufeera jedhani. Keessumaa hirmaannaa dubartootaa gama dinagdeen, hawaasummaanii fi siyaasaa keessatti qaban guddisuuf tattaaffiin taassifamuu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi dubartoonni hojii baruu fi barsiisuu fi qorannoo keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan xiyyeeffannoo kennuusaa eeraniiru. Barattoota dubaraa gahoomsuun hirmaachisummaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuun olitti, tattaaffii qulqullina barnootaa mirkaneessuu sadarkaa biyyoolessaatti taassifamaa jiru kan deeggaru ta’uu Pirezidaantichi ibsaniiru. Dabalataanis, dubartoonni barnootaan, qorannoon, murtee kennuurratti hirmaanaan qaban fooyya’aa dhufuu isaa eeruun, Yuunivarsiitichi bu’aa argame caalaatti guddisuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Yuunivarsiitichatti Daarektarri dhimma dubartootaa fi hirmaachisummaa Liidiyaa Tikkuu gama isaaniin; hirmaannaa barnoota barattoota dubartootaa mirkaneessuun cinatti,Yuunivarsiiticha keessatti hirmaannaan dubartootaa hooggansa olaanaa keessatti akka dabalu hojiin itti fufiinsa qabu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Saganticharratti keessummaa kabajaa ta’uun kan argaman Itti Aantuun Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Egeeumsa Naannoo aadde Fireenesh Makuriyaa guyyichi dhaabbilee olaanoo keessatti kabajamuun dubartoonni sochii hunda galeessa biyyattii keessatti hirmaannaa qaban qo’annoon deeggaruuf akka gargaaru dubbataniiru. Saganticharratti dubartoota barattootaa barnootasaaniin qabxii fooyya’aa galmeessaniif beekamtii fi badhaasni kan kenname yoo ta’u, fayyadamummaa dubartootaan hojiiwwan misoomaa hojjetaman akka daawwatamanis dubbataniiru.
Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu - Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat
Mar 12, 2026 39
Bitootessa 3/2018(ENA): Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa Eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu akka qaban Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Misitira Muummee, Ministir Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat hubachiisan. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa konfiraansii biyyaalessaa mata duree “Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaaf”jedhuun qopheesse Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Gorsaan Dhimma Hawaasummaa Misitira Muummee Ministir Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibirat wayita sana akka ibsanitti, Miidiyaaleen Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Eegsisuuf xiyyeeffannoo kennuun hojjechuu qabu jedhaniiru. Mootummaan Ida’amuu Jijjiirama biyyaalessaa booda,tokkummaa sab- daneessummaa mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Seenessa Waloo ijaaruun duudhaalee waloo dagaagsuunii fi badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Miidiyaaleen ijaarsa biyyaalessaaf qooda guddaa qabaachuusaanii eeruun, bu’uuruma Kanaan faayidaa biyyaa fi ummataa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Yaadamni Itiyoophiyaa misoomsuun kan mootummaa qofa osoo hin taane gahee qaama hundumaa ta’uu eeruun, ijaarsa Mootummaa Itiyoophiyaatiif hunduu shoorasaa bahuu qaba jedhaniiru. Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gamasaaniin, Miidiyaaleen Odeeffannoo Wayitaawaa fi sirrii dhiheessuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa qabaachuusaanii ibsaniiru. Faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruurratti, miidiyaaleen qooda olaanaa qabaachuusaanii eeruun, jijjiirama biyyaalessaa asitti, riifoormii Mootummaan taasiseen dirreen Miidiyaalee bal’achuu dubbataniiru. Qaamoleen miidiyaa hawaasummaarratti bobba’ani odeeffannoo dhugaa hawaasaa dhaqqabsiisuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu akka qaban dubbataniiru. Saganticharratti walitti qabdoonni koree dhaabbii Mana maree bakka bu’oota uummataa adda addaa , hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi hoggantoonni Miidiyaalee adda addaa argamaniiru.
Hojiileen Kunuunsa Bineensota Bosonaa fi Qabeenya Uumamaaf taasifame Itiyoophiyaan bakka gahumsa turistootaa dorgomaa akka taatu taasiseera
Mar 12, 2026 41
Bitootessa 3/2018 (ENA): Hojiileen damee kunuunsa bineensota bosonaa fi qabeenya uumamaa keessatti hojjetaman guddina ikkoo-tuurizimiidhaaf haala mijataa uumuun, Itiyoophiyaa bakka turizimii dorgomaa taasisuu isaa Ministeerri Tuurizimii beeksise. Abbaan Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa mata duree “Waggaa 60 Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaaf” jedhuun sagantaa kabaja hundeeffama waggaa 60ffaa gaggeessaa jira. Saganticha irratti kan argaman Deetaan Ministeera Tuurizimii Silashii Girmaa akka ibsanitti, abbaan taayitichaa waggoota darbanitti bineensota bosonaa, qabeenya uumamaa fi sirna ikkoo naannoo eeguuf hojiiwwan bal’aa raawwachaa tureera jedhani. Itiyoophiyaan qabeenya turizimii adda addaatiin kan badhaate ta’uu kan hubachiisan deetaan inistiraa kuni, hojiiwwan damee kunuunsaa irratti hojjetaman carraa haaraa ikkoo-tuurizimii uumeera jedhan. Kunis baay’ina daawwattootaa dabaluu, galii sharafa alaa cimsuu fi carraa hojii lammiilee uumuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Haa ta’u malee, dameen kun ammallee qormaata akka bineensota seeraan ala adamsuu fi daldala seeraan alaa, akkasumas jijjiirama qilleensaa furuuf tattaaffii waloo akka barbaachisu dubbataniiru. Dhaabbatichi waggoota kurnan jahan darban keessatti paarkiiwwan biyyoolessaa hundeessuuf, qabeenya uumamaa eeguu fi daldala bineensota bosonaa seeraan alaa ittisuuf hojii bu’a qabeessa ta’e raawwachuu isaa Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Kumarraa Waakjiraa ibsaniiru. Yeroo ammaa guutuu biyyattiitti bakkeewwan eegumsa qorannoo irratti hundaa’an 87 jiraachuu beeksisaniiru. Dhaabbatichi hundeeffama waggaa 60ffaa isaan, eegumsa bineensota bosonaa Itiyoophiyaa fi bakka jireenyaa isaaniif gumaacha inni taasise sagantaalee agarsiisaa fi qophii mariin ni kabajama jedhameera.
Waraqaan eenyummaa biyyoolessaa Faayidaa hojiiwwan yakka ittisuu fi qorannoo yakkaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira
Mar 12, 2026 39
Bitootessa 3/2018 (ENA): Waraqaan eenyummaa biyyoolessaa “Faayidaa” hojiiwwan yakka ittisuu fi qorannoo yakkaaf gumaachaa olaanaa buusaa jira jedhan Komishinarri Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el. Dhimma Waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Faayidaa irratti waltajjiin hubannoo uumuu hoggantootaa fi miseensota poolisii federaalaa fi naannoleetiif kennamu gaggeeffamaa jira. Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el wayita sana akka himanitti, hojii nageenyaa fi tasgabbii eegsisuu bu’a qabeessa taasisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhani. Keessattuu gochoota yakkaa bifa adda addaa fi eenyummaa adda addaa fayyadamuun raawwataman ittisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu eeruun, yakkoota walxaxaa fi daangaa qaxxaamuraa to’achuu keessattis gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee ummata gowwomsuun gocha yakkaa raawwatan to’achuuf bu’aa hedduu qaba jedhaniiru. Waajjira poolisii ismaartii dabalatee sirni ittisa yakka ammayyaa hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, sirnoonni akkanaa Faayidaa waliin walitti hidhamuun bu’aa guddaa akka argataniif ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Yodaahee Ari’ayaa Sillaasee akka ibsanitti,Waraqaan eenyummaa Faayidaa hanna sanadootaa ittisuuf kan gargaaru ta’uu dubbatani. Akkasumas waraqaan eenyummaa Faayidaan tajaajila waraqaa malee fi gahumsa qabu dhaqqabamaa taasisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru. Waraqaa eenyummaa Faayidaan seera kabachiisuu fi ittisa yakkaaf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, sirna dijitaalaa kanas guutummaatti dhaqqabamaa akka ta’uuf hojjetamaa jira jedhan.
Diinagdee
Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaa-galan saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufeera
Mar 11, 2026 102
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa sochii daldala Al-ergii fi Alaagalanii saffisiisuurrati ergamasaa cimsee itti fufuusaa hojii gaggeessaa olaanaan Invastimanti Holdingii Itiyoophiyaa doktar Buruuk Taayyee dubbatan. Tajaajilli Geejiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa,Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalchiiseera. Boba’aa deeggarsa mootummaan guddaan dhihaatu walitti hidhaminsa hanga gurgurtaa gatii tilmaamameen alatti, daldaltoota seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegaleera. Akka doktar Biruuk Taayyee ibsanitti; dhaabbilee Holdiingichaa jala jiran keessaa tokko kan ta'e Tajaajilli Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa, badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa waliin kan wal gitu sadarkaa olaanaadhaan dirqamasaa akka ba’uuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Sochii daldala Al-ergii fi Alaa galan saffisiisuuf dhaabbata qooda murteessaa qabu, gurmaa’insaa fi hoj-maata ammayaa’aan deeggaruun tajaajila si’ataa fi olaanaa akka kennuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’aa qabeessa ta’uusaanii ibsaniiru. Guyyaa har’aa Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 hojii eegalan agarsiistuu kana ta’uu eeruun, gara fuulduraatti Gaazii Uumamaa Itiyoophiyaan qabdu kan fayyadaman Konkolaattota Fe’umsaa gurguddoo amayaa’aa 100 gara hojiitti galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Hojiiwwan hojjetamaa jiran hanqina konkolaattota fe'umsaa furuun, damichaan dhaabbata filatamaa Afriikaa ta'uuf imala taasifamu kan milkeessan ta'uu ibsuuniiru. Deeggarsii fi xiyyeeffannoon Dhaabbatichaaf taasifamu cimee akka ittifufu eeruun, konkolaattota fe'umsaa gurguddoon hojii eegalan kun ergama Ambaasaddarummaa Itiyoophiyaa ogummaa fi dandeettii olaanaa fi naamusni ogummaa guutuu ta'een akka ba'atan dhaamaniiru. Hojii raawwachiisaa Olaanaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistikii Itiyoophiyaa Injiinar Abdulbashir Shamsuu gamasaaniin; xiyyeeffannoo fi deggarsi dhaabbatichaaf kenname, socho’iiwwan Al-ergii fi Alaa galan dandeettii fi kutannoo olaanaadhaan galmaan gahuuf dandeessisaa akka jiru dubbataniiru.
Boba’aa deeggarsa mootummaatiin dhihaatu kanneen gatii fi bakka gurgurtaatiin alatti karaa seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale
Mar 11, 2026 74
Bitootessa 2/2018(ENA)- Boba’aa deeggarsa mootummaatiin dhihaatu kanneen gatii fi bakka gurgurtaatiin alatti karaa seeraan ala gurguran irratti tarkaanfiin cimaan fudhatamuu eegaluu Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee beeksisan. Ministirri maallaqaa ibsa gaazexessotaaf kennaniin,mootummaa haala addunyaa jijjiiramaa keessatti dhiibbaa ummatarra gahu xiqqeessuuf doolaara biiliyoonatti lakkaa’amu deeggarsa taasisaa jira jedhaniiru. Mootummaan boba’aa ummata biraan gahuuf wagga waggaan sharafa alaa doolaara biiliyoona 4 tuqaa 2 ol ramaduun hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Sirreeffamni gatii kaleessa taasifame gatii boba’aa addunyaa mootummaan bitu waliin wal bira yoo ilaalamu xiqqaa ta’uu dubbataniiru. Boba’aa mootummaan kutannoo guddaan dhiheessaa jiru gatii kaa’amee fi bakka gurguramuu qabutti gurguramaa akka hin jirre qorannoon mirkanaa’uu ibsaniiru. Haala Kanaan qaamolee seeraan ala hawaasarratti dhiibbaa uumanii fi kanneen isaaniin wal ta’anii socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale cimee itti fufa jedhan. Hawaasnis gochoota seeraan alaa akkasii yoo arge eeruu kennuu akka qabu dhaamaniiru.
Misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa ijaaramaa jiran haala jireenya keenyaa jijjiireera – jiraattota
Mar 11, 2026 88
Bitootessa2/2018(ENA)– Misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa ijaaramaa jiran haala jireenya keenyaa jijjiireera jedhani jiraattonni naannoo Hararii. Misoomni Koriidaraa Magaalota Naannooleetti hojjetamaa jiran Magaala qulqulluu fi mijattuu uumaa jira. Naannichatti aanaalee baadiyyaa hundatti sagantaa misooma koriidaraan hojiin qe’ee modeelaa ijaaramanii babal’isuun akka hojjetaman itti aantuun Bulchaa Naannoo Hararii Roozaa Umar dubbatan. Jiraattonni Naannichaa yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, naannichatti Manneen Misooma koriidara baadiyyaan ijaaraman haala jireenyaa ammayaa’aa akka hordofnu nu taasiseera jedhaniiru. Naannichatti aanaa Soofii ganda Burqaa kan jiraatan obbo Jamaal Bakar akka ibsanitti, misooma koriidaraa fi qe’een modeela naannosaaniitti ijaarame naannoosaanii miidhagsuurra darbee, kan duraarra jireenya fooyya’aa jiraachuu akka eegalan isaan taasisuu dubbatani. Kanaafis, Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Hoggantoota Naannichaa galateeffataniiru. Jiraataan aanichaa biroon obbo Abdurra’uuf Adam gamasaaniin, hojiin misooma koriidaraa baadiyyaa naannoo jireenya baadiyyaa mijataa uumuun fayyadamoo isaan taasisuu dubbataniiru. Qe’een modeelaa mootummaan nuuf ijaare naannoo kana bareechee jira; Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad waliinis asitti wal arginee waliin dabarsuu keenyatti baay'ee gammadneerra jedhaniiru. Itti aantuun Bulchaa Naannoo Hararii aadde Roozaa Umar ENA’f akka ibsanitti, naannichatti haala jireenya qonnaan bulaa jijjiiruun jireenya fooyya’aa akka jiraatuuf kan dandeessisu hojiiin misooma koriidara baadiyyaa hojjetamaa jira jedhani. Kanaanis hojiin ijaarsa daandii Misooma Koriidaraan Magaalattiitti hojjetaman gandoota baadiyyaa waliin wal- quunnamsiisuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Keessumaa manneen Modelaa aanaa Soofii Ganda Burqaatti ijaaraman baasii xiqqaadhaan meeshaalee naannoo sanatti argamanitti fayyadamanii manni jireenyaa moodela ta'e ijaaramuu akka danda'u kan agarsiise ta'uu dubbataniiru. Naannichatti baatiiwwan sadan itti aananitti misooma koriidara baadiyyaan Manneen Modeelaa 250 ijaaruun hojiin babal’isuu ni hojjetama jedhaniru. Hojiin ganda moodeelaa, babal’isuu faayyadamummaa bu’uuraalee misoomaa giddu-gala godhatee fi haala qindaa’een raawwatamu kun, mootummaa qofa osoo hin taane jiraattotas kan hirmaachise ta'uu akka danda'u eeraniiru. Gidduu kana Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad , Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi Hoggantoonni hojii olaanoon Federaalaa Naannoo Hararii daawwachuunsaanii ni yaadatama.
Hojiileen misoomaa Dirree Dawaa fi naannoo ishee keessatti hojjetamaa jiran mootummaan misoomaaf kutannoo akka qabu agarsiisa – Jiraattota
Mar 10, 2026 126
Bitootessa 1/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa Dirree Dawaa fi naannawa ishee keessatti hojjetamaa jiran, kutannoo mootummaan misoomaaf qabu kan agarsiisudha jedhan jiraattonni naannichaa. Jalqaba torbichaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo fi hoggantoonni olaanoo mootummaa biroo hojiiwwan misoomaa adda addaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee daawwataniiru. Hojiiwwan misoomaa bulchiinsa Dirree Dawaa keessatti hojjetaman keessaa mana kitaabaa ammayyaa Immartaa sagantaa maaddii dhalootaanii fi gurgurtaa kitaaba ida’amuun ijaarame, Tajaajila iddoo tokkoo Dirree Dawaa, misooma koridarii, ijaarsa magaalaa deebisanii ijaaruu fi misooma kuduraalee fi fuduraalee ganda baadiyyaa Ganda Rigee kanneen eeramani dha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin, Mul’anni har’a kaa’ame dhaloota dhufuuf akka darbu hojiirra ooluu akka qabu dubbataniiru. Haaluma kanaan hojiiwwan misoomaa Dirree Dawaa fi naannawa ishee keessatti hojjetamaa jiran jalqabbii abdachiisaa ta’uu hubachiisuun itti fufuu akka qaban dubbataniiru. Daawwannaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ilaalchisee yaada isaanii ENA’f kan kennan jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee tattaaffii cimaa mootummaan taasiseen hojiiwwan misoomaa gama hundaan hojjetamaa jiran irratti abdii guddaa qabna jedhan. Namoota yaada kennan keessaa aadde Araksan Mahammad; daawwannaan Ministira Muummee kun hojiiwwan naannoo sanatti hojjetaman kallattiin madaaluu kan dandeessise yoo ta’u, kunis hooggansaafis ta’e ummataaf gara fuula duraatiif humna kan kennu ta’uu ibsaniiru. Hojiin misoomaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee keessatti hojjetamaa jiru mootummaan misoomaaf kutannoo qabatamaan qabu kan agarsiise ta’uu kan himan jiraattuun kun, milkaa’ina itti fufiinsa qabuuf ga’ee keenya ni baana jedhan. Yaada isaanii ENA’f kan kennan jiraataan kan biraan obbo Abdurahmaan Ahmad gama isaaniin; Waggoota jijjiramaa kana keessatti Piroojektoonni misoomaa adda addaa Dirree Dawaa fi naannawaa ishee keessatti hojjetamani fayyadamummaa hunda galeessa kan mirkaneessanidha jedhani. Obbo Abdurahmaan daawwannaan Ministira Muummee kun piroojektoota misoomaa kanaafis beekamtii kan kennu ta’uu ibsuun, itti fufiinsa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjenna jedhaniiru. Daawannaan Miinistira Muummee fi turtiin hawaasa waliin taasisan jiraattota biratti gammachuu fi jaalala guddaa kan uume ta’uu ibsuun, bu’aan bulchiinsii fi jiraattonni koridaraa fi misooma biroo keessatti galmaan ga’an daran itti fufsiisuuf hamilee akka isaaniif uume kan ibsan immoo obbo Mahaammad Alii jiraataa Dirree Dawaa dha. Aadde Ardoo Mahaammad jiraattuu ganda baadiyyaa Ganda Rigee yoo ta’an, daawwannaan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad taasisan hamilee kan isaaniif kenne ta’uu himani. Jiraataan naannoo sanaa kan biraa obbo Eeliyaas Dallalanyi, Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jijjiirama Dirree Dawaa daawwachuun gara fuulduraatti guddinaa fi misooma Dirree Dawaaf ciminaan akka hojjennu nu jajjabeessa jedhan. Ministirri Muummeen Doktar Abiyyi Ahimad, Dirree Dawaa alatti pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Harar fi naannawaa ishee daawwatanii akka turan ni beekama.
Saayinsii fi teeknooloojii
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 78
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru. Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 120
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Inistitiyuutichi Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataa irratti qorannoowwan gama hedduun gaggeessaa jira
Mar 6, 2026 118
Guraandhala27/2018(ENA):-Inistitiyuutiin Qorannoo Oromoo Aadaa, Seenaa fi duudhaalee ummataarratti hojiiwwan qorannoo fi qo’annoo hedduu gaggeessaa jiraachuu beeksise. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa obbo Zinaabuu Asiraat akka ibsanitti, dhaabbatichi Aadaa, seenaa, duudhaa, Aartii,fi guddina Afaan Oromoorratti xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira. Dargaggoonni naamusa gaariin guddinaa fi misooma biyyaaf akka tattaafataniif gaheen qaamolee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Kana bu’aa qabeessa gochuuf Yuunvarsiitii Arsii fi dhaabbilee olaanoo Naannichatti argaman biroo waliin, komishinii Tuurizimii , gidduugala Qorannoo Aadaa Oromoo, Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Inistitiyuutichaa itti dabaluun,hanga ammaatti qaamolee qooda fudhattoota waliin qindoomuun hojiiwwan qorannoo 70 ol raawwatamuusaanii eeraniiru. Isaan keessaa kitaabileen 30 ol Seenaa,Afaanii fi Aadaarratti xiyyeeffatan maxxanfamanii Hawaasaa dhihaataniiru jedhaniiru. Hojiin kun aadaa dubbisa dargaggootaa cimsuu fi naamusa hunda galeessa akka gonfataniif qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Bu’aawwan qorannoo fi qophiilee Kitaabaa Ilaalchisuun dargaggoonni yaada kennan, hojichi hanqina hubannoo dhaloota biratti mul’atu furuuf akka gargaaru ibsaniiru. Dargaggoo Siraaj Ahimad akka ibsetti, dubbisuun dargaggoonni waa’ee eenyummaa fi Aadaa Hawaasaa akka beekan taasisa. Sirni Gadaa bu’uuraa fi eenyummaa keenya kan jedhe dargaggoo Siraaj, waa’ee sirnichaa fi duudhaalee Oromoo irratti beekumsa gahaa argachuuf Aadaa dubbisuu keenya gabbisuu qabna jedheera. Dhaloonni haaraan hojii tuffachuu keessaa bahee, hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu akka qabu ibseera.
Walii galteen bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisu mallatteeffame
Mar 5, 2026 143
Guraandhala 26/2018 (ENA) -Itiyoo telekoom neetwoorkii babal’isuunii fi ammayyeessuudhaan bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kaampaanii Eriksan waliin walii galtee seena qabeessa mallatteesse. Walii galteen kun buufataalee Moobaayilii kuma 1 fi 500 riijinii bulchiinsa neetwoorkii Eriksan keessa jiranirratti hojiilee babal’isuu, fooyyessuu, 4G diriirsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa ijaaruu of keessaa qaba jedhameera. Inisheetiiviin ammayyeessuu walii galaa kun baay’ina, qulqullinaa fi dandeettii neetwoorkii kan fooyyessu ta’uu odeeffannoon Itiyoo telekoom agarsiiseera. Haala Kanaan bu’uraalee misoomaa buleeyyii teeknooloojii ammayyaatiin bakka buusuudhaan, bal’inaa fi dandeettii 4G sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu eerameera. Bal’ina 5G guddisuudhaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa haaraaf kan barbaachisu konneektiviitii saffisaa olaanaa dhugoomsuuf ni dandeessisa jedhameera. Keessumaa pirojektichi baadiyyaa bakkeewwan 75 ta’aniif sooluushinoota teeknooloojii moobaayilii dhiheessuuf akka gargaaru himameera. Akkasumas buufataalee 3G buleeyyii 502 ammayyeessuu fi gara teeknooloojiiwwan 4G olaanaatti guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera. Pirojektichi riijinii oppireeshinii Eriksan (Ericsson) keessatti dandeettii neetwoorkii 4G haaraa baachuu danda’an miiliyoona 2 tuqaa 8 dabaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, kun ammo dandeettii neetwoorkii walii galaa gara miiliyoona 4 tuqaa 1’n gahuuf nigargaara jedhameera. Kana malees tajaajila ‘LTE’ gara magaalota dabalataa 157tti babal’isuun, magaalota ‘LTE’tti fayyadaman gara 276tti guddisa jedheera Itiyoo Telekoom. Kunis baay’ina ummataa dhibbantaa 45’n guddisuun, baay’ina ummataa riijinicha jiru walii galaan dhibbantaa 85niin gahuuf akka dandeessisu eereera. Walii galteen kun haala jireenyaa, hojmaataa fi bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaanonni ittiin taasisan gara sadarkaa olaanaatti ceesisaa kan jiran, pilaatfoormota kanneen akka teelee birria, zaman gabayaa fi Zeneksasiif deeggarsa ni taasisa.
Ispoortii
Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal qixa ba’ani
Mar 12, 2026 37
Bitootessa 3/2018(ENA)-Sagantaa tapha mo’atanii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha Baayer Leeverkusanii fi Arsenaal gidduutti taasifameen tokkoo fi tokkoon qixaan xumurameera. Tapha Istaadiyeemii Beey Areenaatti gaggeeffame Rooberti Andiriich daqiiqaa 46ffaatti galchii lakkofsiseen Leeverkusan dursaa ta’eera. Kaay Havaartiz daqiiqaa 89ffaarratti rukkuttaa adabbiin galchii lakkoofsiseen Arsenaaliin qixa taasiseera. Havaartiz ijoollummaasaatti kilabicharratti galchii lakkoofsisee ture. Taphichaan walmorkiin madaalawaan mul’ateera. Gareewwan lameen tapha deebii Bitootessa 8 bara 2018 istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffama.
Sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin Badhaadhinni Itiyoophiyaa ni dhugooma ta’a – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 8, 2026 121
Guraandhala 29/2018 (ENA): Badhaadhina Itiyoophiyaa sagalee fi hirmaannaa dubartootaatiin ni mirkaneessina jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Guyyaan dubartoota idil addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 115ffaa kan kabajamu yoo ta’u, akka Itiyoophiyaatti immoo yeroo 50ffaaf kabajamaa jira. Guyyaa Dubartoota Idil Addunyaa akka Itiyoophiyaatti yeroo 50ffaaf kabajuuf fiigichi daandii kiiloo meetira 5 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sagantaa ispoortii kana Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa waliin ta'uun qopheesse. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ergaa gdabarsaniin dubartoonni gahee olaanaa ijaarsa biyyaa fi imala badhaadhinaa keessatti qaban guddaa dha jedhani. Seenaa Itiyoophiyaa keessatti namoonni milkaa’oo fi atileetotni dubartoota beekamoo hedduun akka jiran eeruun, dandeettii fi humni adda ta’e kanaaf beekamtiin guddaan kennamuu akka qabu ibsaniiru. Nageenyaa fi badhaadhina Itiyoophiyaatiif dubartoonni aarsaa guddaa akka kaffalan yaadachiisuun, akkasumas dubartoonni ammallee misooma biyyaalessaa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obboleewwan keenya waliin ta’uun biyya keenya guddifna kan jedhan, hirmaannaan dubartootaa dhiirota waliin haala qindoominaa fi deggarsa qabuun misooma biyyaaf akka oolu ni taasifnas jechuun ibsaniiru. Mootummaan hirmaannaa haqa qabeessa dubartootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuus aadde Adaanech himaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaatti hirmaannaan dubartootaa dinagdee fi hawaasummaa haqaan akka dhugoomu ciminaan hojjechuuf waadaa galaniiru. Imala Itiyoophiyaan gara badhaadhinaatti taasiftu keessatti dubartoonni humna adda duree ta’uu kan ibsan kantiibaan kun, akkasumas guyyaa kana sababeeffachuun baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Ministirri Ministeera Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogoe Tasfaayee gama isaaniitiin, jijjiirama biyyoolessaa har’a mul’ateef bu’uurri waggoota 50 darban keessatti mirgaa fi sagalee dubartootaa xiyyeeffannoo kennuudhaaf tattaaffii taasifameen akka ta’e ibsaniiru. Bu’aan dubartoonni damee siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban guddina biyyaatiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni fiigicha kanarratti hirmaatan akka himanitti, fiigichi kun fayyaa qaamaa fi sammuu dubartootaa eeguu qofa osoo hin taane, hariiroo hawaasaa cimsuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhani. Fiigicha daandii kiiloo meetira 5 kana irratti keessummoonni affeeraman, hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi atileetotni bebbeekamoo hirmaataniiru.
Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu xumuraatti darbe
Mar 5, 2026 168
Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal daqiiqaa 87ffaatti rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru. Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera. Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa ni yaadatama. Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata. Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama. Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama
Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama
Mar 4, 2026 246
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu. Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira. Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha. Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata. Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu. Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa. Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera. Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama. Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa. Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf. Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata. Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama. Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera. Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha. Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu. Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera. Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu. Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Gujiitti biqiltuuwwan hongee dandamatanii fi Faayidaa Diinagdee qaban qophaa’aa jiru
Mar 11, 2026 64
Bitootessa 2/2018 (ENA)– Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana hojjetamaniif biqiltuuwwan hongee fi mancaatii bosonaa itti fufinsaan dandamatan qophaa’aa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenyaa Uumamaa Wandoo Sharbootee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti biqiltuun buufataalee biqiltuuu 170 ol keessatti qophaa’aa akka jiruu fi hanga ammaatti Biqiltuuwwan Miiliyoona 89 tuqaa 3 qophaa’aniiru jedhaniiru. Qaama Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan ta’e qophiin biqiltuu haala qilleensa Godina Gujii Baddaa, Gammoojjii fi baddadaree kan gidduugaleeffate ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan biqiltuu dhaabbiif qophaa’an keessaa, Gaattiraa, Giraaviiliyaa, Ejersa, Waddeessa Bakkanniisaa fi kanneen biroon akka keessatti argaman eeraniiru. Akkasumas biqiltuuwwan miidhagina magaalaa, nyaata beelladaaf, soorataaf oolanii fi Faayidaa Diiinagdee kan qaban kanneen akka Avokaadoo, Maangoo, Muuzii, Gishxaa fi kanneen biroon qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Biqiltuuwwan kana misoomsuu fi bu’aa qabeessa taasisuuf tuttuqaa namaa fi beelladaarraa lafti hektaarri kuma 21 fi 340 ol qophaa’uusaa hubachiisaniiru. Ganna dhufu hojii biqiltuu dhaabbii gaggeeffamurratti uummata kuma 205 ol hirmaachisuuf hojiin dadammaqsaa fi hubannaa uumuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Godina Shawaa Bahaatti biqiltuuwwan Ikooloojii naannichaa bu’uura godhatan qophaa’aa jiru
Mar 4, 2026 159
Guraandhala 25/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban Ikooloojii naannicha bu’uura godhatanii qophaa’aa jiraachuu waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Hagayya bara 2011 Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin eegalamuunsaa ni yaadatama. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, buuftaalee biqiltuu 11 Godinicha keessa jiran keessatti biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabbatan qophaa’aa jiru. Buufanni biqiltuu kunneen duula Ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan sanyii adda addaa biqilchuun dhiheessuurratti qoodni bahaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru. Bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 284 ol qopheessuuf karoorfamee biqiltuuwwan miiliyoona 241 ol biqilchuun hojjetamuu eeraniiru. Qophiin biqiltuu kun hedduuminan sanyiiwwan biqiltuu jijjiirama haala qilleensa to’achuuf gargaaran xiyyeeffannoon kan itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Dabalataan Faayidaa Dinagdee qonnaan bulaa kan argamsiisuu fi soorataaf kan oolan biqiltuuwwan muduraalee miiliyoona 26 tuqaa 7 kan of keessatti hammate qophaa’uu dubbataniiru. Dhaabbiin biqiltuu bara kanaa haala Ikooloojii nannichaa gidduugaleeffachuun kan raawwatamu ta’uu eeruun Godinichatti waggoottan darban biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa dhibbantaa 85n ol qabachuusaa beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabbatan tuttuqqaa namaa fi beelladaarraa eeguun kunuunsamaa jiraachuu himaniiru. Bara kana karoora qabame milkeessuuf boolla biqiltuun keessa dhaabbamu qotamee qophaa’uu beeksisaniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa
Mar 3, 2026 155
Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani. Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru. Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame. Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru. Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru. Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan. Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru. Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru. Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 244
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2336
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10527
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.