Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Gargaaramtummarra gara Oomishtummaatti: Qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa
Sep 24, 2026 26
Yaadamni "Gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti" jedhu kun mul'ata siyaasaa-dinagdee Itoophiyaa keessatti waggoota jijjiiramaa kanaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa argateera. Itoophiyaan waggoota dheeraaf deeggarsa nyaataa biyya alaa irraa dhufu irratti hirkachuun ishee dinagdee, kabajaa fi of-danda'iinsa biyyaalessaa irratti dhibbaa guddaa uumeera. Ilaalcha "gargaarsa eeggachuu" jedhu kana hundee irraa jijjiiruun barbaachisaa ta'uu isaatiin yaadamni Gargaaramtummarra gara oomishtummaatti jedhu hojiirra oolun isaa ni yaadatama. Biyyattiin lafa bal'aa, bishaan, humna dargaggoo fi haala qilleensaa mijataa qabduu hiyyummaa keessa jiraachuun ishee waan nama saalfachiisudha. Kanarraa ka’uudhan qabeenya jiru guutummaatti gara oomishtummaatti jijjiiruu akka barbaachisu ifatti mul’iseera. Gargaarsa irratti hirkachuu irraa gara oomisha gahaa dhiheessuu, oomisha biyya alaa irraa galu bakka buusuu fi gara biyya alaatti ergutti ce'uun danda’ameera. Naannoo Oromiyaattis yaadni kun teeknoolojii, humna hawaasaa fi qabeenya uumamaa walitti fiduun kallattiiwwan gurguddoo armaan gadiitiin hojiirra oolaa jira. Lafa callaan irraa hin argamne yeroo bonaa bishaan lagaa fi bishaan lafa keessaa fayyadamuun qamadii bal'inaan oomishamuun danda'ameera. Kunis qonnaan bulaan waggaatti yeroo tokko qofa oomishuu irraa gara yeroo 2–3 oomishtummaatti ceesiseera.   Imalli "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun keessattuu midhaan kanneen akka Qamadiifi Ruuzii irratti jijjiirama guddaa fiduu danda'eera. Oomishamaa Qamadii gannaa qofa irratti hirkatee ture gannaa fi Bona waggaatti yeroo lama akka oomishamu godhameera. Jallisii gurguddoo yeroo bonaa fayyadamuudhaan lafa hektaara miliyoonaan lakkaawwamu misoomsuunis danda'ameera. Sanyii fi xaa'oo ammayyaa yeroon raabsamuudhaan sadarkaan teeknoolojii fi maashineerii fayyadamuutti guddateera. Oromiyaan qamadii biyya alaa irraa galu bakka buusuu bira darbitee, Itoophiyaan qamadii gara biyya alaatti akka ergitu gumaacha ol aanaa gumaacheera. Wabii nyaataa maatii mirkaneessuurra darbee, qonnaan bulaa hedduu gara daldalaatti galchuun deeggartummaa irraa gara oomishtummaaitti jijjiireera. Gama biraatiin, naannoo Oromiyaa, keessattuu aanaalee akka Wallagga, Iluu Abbaa Boraa, Buunnoo Beddellee, Godinaalee Jimmaafi Shawaa Lixa keessatti oomisha Ruuzii babal'isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameera. Lafa ciisaa gara lafa oomisha Ruuziitti jijjiiruuf leenjii fi teeknoolojiin akkasumaaas sanyiin filatamaa qonnaan bultootaaf dhihaateera. Ruuziin duraan biyya alaa irraa bal'inaan galu naannichuma keessatti oomishamuun gabaaf dhiyeessuun danda'ameera. Ilaalchi qonnaan bulaas gargaarsa nyaataa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti jijjiirameera. Misooma jallisii qamadii fi Ruuzii irratti dargaggoonni gurmaa'anii lafa, maashinerii fi dhiheessii gargara argachuudhaan hojii uummachuu fi galii guddaa argachuu danda'aniiru. Misoomni qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame kun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, oomisha biyya keessaa guddisuun dinagdee biyyaalessaa jabeessuu keessatti shoora guddaa taphateera. Adeemsi kun keessattuu dargaggoota aanaalee fi ganda adda addaa keessatti gurmeessuun lafa jallisii, kombayinarii, tiraaktaraa fi paampii bishaanii dhiheessuudhaan akka of danda'anii fi oomishatti galan gochuun danda’ameera. Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni leenjii faayinaansii, qonna saayinsawaa fi tooftaa gabaa irratti akka argatanis godhameera. Yaadamni "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun fedhii biyya keessaa guutuu qofa osoo hin taane, dinagdee jabaa kan deeggarsa irratti hin hirkanne uumudhaaf hojii adda durummaan Naannoo Oromiyaa keessatti qabatamaan gaggeeffamaa jirudha.
Baalee bara Jijjiiramaa asitti
Sep 24, 2026 45
Godinni Baalee seenaa, aadaa fi qabeenya uumaa guddaa kan qabdu yoo taatu, baroota jijjiiramaa asitti dameewwan adda addaatiin sochiiwwan misoomaa fi haaromsaa gurguddoo galmeessisaa jirti.   Misooma Faayidaa ummataa mirkaneessan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, xiyyeeffannoo Tuurizimii fi fooyya’insa dinagdee irratti mul'atan godinicha gara sadarkaa haaraatti ceesisaa jiru. Bara jijjiiramaa keessa godinichatti ijaarsa daandii, Manneen Barnootaa fi dhaabbilee fayyaan hojii bal’aan hojjetameera. Kunis qunnamtii magaalotaa fi baadiyyaa fooyyessuudhaan walitti hidhaminsa uumeera . Qonnaan Bulaan teeknoolojii haaraa fi sanyii filatamaatti fayyadamuu irratti xiyyeeffannoon kennamee milkaa’inni galii qonnaa dabaluu fi bu’aa dabalataa uumuu danda’eera. nyaataan of danda’uu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti sochiin taasifame bu'aa gaarii argamsiiseera. Parkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee fi holqawwan seenaa kanneen akka Holqa Sof Umar misoomsuu fi addunyaatti beeksisuu keessatti hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru.   kanaanis dinagdee Hawwata Turizimii naannichaa dabalaa dhufeera. Fakkeenyaaf Holqa Soof Umar keessatti bara jijjiiramaa asitti hojiiwwan misoomaa, haaromsaa fi ijaarsa bu'uuraalee misoomaa gurguddoon sochiilee turizimii fi qabeenya uumaa tilmaama keessa galchan raawwatamaniiru. Ijaarsa Loojii Naannoo Holqaa yoo ilaallee loojiin kun Daawwattootaaf tajaajila bashannanaa fi bultii qulqullina ol'aanaa qabu kennuu kan danda’udha. Pirojektiin loojii kunis galii kitaaba Dr. Abiyyi Ahimad "Dhaloota Ida'aamu" jedhu irraa argameen kan ijaaramudha. Holqa sana keessa daawwannaaf kan mijatan ijaaruu, daandiiwwan miillaa keessoo fi alaa fooyyessuu, fi eegumsa uumamaa irratti hojjetameera. Haaromsa qorannoo saayinsawaa irratti hunda'een uumamaa fi qabiyyee holqichaa osoo hin balleessiin seensaa fi ba'insa isaanii fooyyessuun danda'ameera. Walumaagalatti, hojiiwwan kunniin holqa Soof Umar irraa misooma Turizimii Waaraa uumuu fi dinagdee godinichaa fi biyyaa cimsu raawwatame jira. Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee bara jijjiiramaa keessa xiyyeeffannoo guddaa fi sadarkaa seenaa qabeessa ta'e argateera. Mootummaan damee Tuurizimii fi qabeenya uumaamaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennaniin, paarkichi haaromsaa fi beekamtii addunyaa argateera. Bara jijjiiramaa keessa milkaa'ina guddaa argame keessaa inni ijoon, Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee (UNESCO) biratti akka Hambaa Uumaa Addunyaatti galmaa'uusaati. Walumaa galatti nageenya mirkaneessuu, walitti dhufeenya uummataa cimsuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaannaa uummata Baalee guddaan bosonaa fi qabeenya uumaa eeguu keessatti gaheen godinichaa guddaa ture. Baalee bara jijjiiramaa asitti sochii misoomaa fi guddinaa dinqisiisaa keessa jirti. Hojiiwwan hojjetaman kunniin fedhii uummataa guutuu bira darbee, godinichii gara fuulduraatti bu’uura misooma waaraa fi dinagdee guddaa irra kan ga’ani dha
Maaddii Guutuun – Wabii nyaataarraa amma omishtummaa fulla’aatti
Sep 24, 2026 57
Kaayyoon maaddii guutuu inni ijoon oomishaalee galtee beelladaa kanneen akka aannanii, foonii killee fi dammaa bal’inaan oomishuudhaan birmadummaa nyaataa fi wabii sirna nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa kan jiru inisheetiivii biyyaalessaati. Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad Onkoloolessa bara 2018 maaddii guutuu magaalaa Arbaa Mincitti eegalchiisaniiru. Ministirri muummee wayita sana ergaa dabarsaniin, nyaataan of danda’uu dadhabuun kabaja biyyaa akka dhabsiisuu fi Itiyoophiyaan nyaataan yoo of hin dandeenye bilisummaa guutuu qabaachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Milkaa’ina omisha Qamadiin mul’ate maaddii guutuun dabalamuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhaloota fayya buleessaa fi oomishu uumuuf maaddii biyyaalessaa keenya nyaata madaalawaan guutuu akka barbaachisu ibsaniiru. Galmi ijoon maaddii guutuu nyaata madaalawaa sadarkaa maatiitti mirkaneessuun quucaruu daa’immanii hir’isuu, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, akkasumas jireenya lammiilee fooyyessuu akka ta’e odeeffannoon ministeera qonnaa ni mul’isa. Sagantaan biyyaalessaa kun dameelee xiyyeeffannoo garagaraa fi deeggarsa taasisan qabatee hojiirra oolaa jira. Sanyii loon aannanii fooyyessuudhaan omisha aannanii guddisuu, foonii lukkuu fi killee sadarkaa maatiitti dhugoomsuu, akkasumas gaagura ammayyaatti gargaaramuun qulqullina dammaa fi oomishasaa dabaluun isaan ijoodha. Kana cinaatti qonnaa fi horsiisa loonii qama qonnaa taasisuuf sosochiin bal’aan uumamuunsaa fooyya’insa guddaadha. Omishni lukkuu fi killee dabaluu qofa osoo hin taane warshaaleen aannan qiqindeessanii fi wiirtuuleen itti walitti qabamu babal’ataniiru. Nyaata pirootiiniin gabbate keessumaa killee fi annan daa’immanii fi dubartoota ulfaaf dhiheessuudhaan jijjiiramni argameera. sSadarkaa biyyaalessaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoonaan lakkaa’aman, saawwan aannanii sanyii fooyya’aa fi gaagurri ammayyaa qonnaan bulaa fi jiraataa magaalaaf dhihaataniiru. Maaddii guutuun Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uu fi sirna nyaataa fooyyessuuf kan eegalame qama ijoo imala tarsiimawaati. Walumaa gala maaddii guutuun gufuulee wabii nyaataa sababaoota keessaa fi alaan ishee mudatu cichitee maqsuuf hojiilee ijoo mootummaan hojiirra oolche keessaa fakkeenya tokkodha.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Mootummaa haaraa, injifannoo olaanaa!
Sep 23, 2026 519
Paartiin Itiyoophiyaanonni filannoo walii galaa 7ffaan filatan guyyaan inni mootummaa itti hundeessu ifoomeera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo har’a akka ifoomsanitti, barri hojii mana marichaa baatii Fulbaanaa torban xumuraatti akka eegalu akkaataa heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 gaggeeffama. Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa teessoo caalmaa argate qama seera raawwachiiftuu mootummaa federaalaa kan gurmeessu yoo ta’u, qaamni seera raawwachiiftuu haaraan guyyaa kana ifatti itti gaafatama fudhata. Filannoon walii galaa 7ffaa filattoonni mil.54 ol, paartileen siyaasaa 42 fi kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 irratti hirmaatan taatee dinqisiifamudha. Filannichi Itiyoophiyaan naanichatti biyya guddoo ta’uushee kan agarsiisedha. Filannichi bilisa, hirmaachisaa fi demokiraatawaa akka ta’u gochuun bu’a qabeessummaan xumuruushee heddoonni dinqisiifataniiru. Qoonni ji’oo-siyaasaa Itiyoophiyaan naannoo Afriikaa bahaatti bahachaa jirtu guddaa ta’uusaatiin filannoon demokiraatawaa biyyattiitti gaggeeffame filannichi tasgabbii siyaasaa naannichaa kan gabbisu mallattoo gaariidha. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan heera mootummaarratti hundaa’uudhaan mootummaa haaraa hundeessuudhaan hojiitti galuuf guyyaa murteessitee qophii xumurteetti. Mootummaan haaraan Fulbaana 25 bara 2019 hundeeffamu ummata Itiyoophiyaa mil. 130 ol ta’u waliin waliigaltee hawaasaa haaraa (Social Contract) kan itti raawwatamu boqonnaa seena qabeessadha. Mootummaan haaraan hundaa’uunsaa fooyyessa dinagee gurguddoo karoorfaman, jijjiiramoota caaseffamaa fi pirojektoota misoomaa ofitti amanummaa guutuudhaan raawwachiisuuf carraa dabalataa fi humna uuma. Mootummaan federaalaa bara bajataa 2019’f kan oolu birrii tiriiliyoona 2 tuqaa 34 raggaasuunsaa ni yaadatama. Bajanni kun dinagdee biyya keessaa maddu cimsuu fi liqii daldalaa biyya alaa hir’isuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, guddinni omisha biyya keessaa walii galaa (GDP)’n cimee akka itti fufu bu’ura akka kaa’u amanameera. Fooyyessi dinagdee man-dhalee hojiirra oolaa jiran, qaala’insa gatii dijitii tokkotti xiqqeessuuf tattaffiin eegalame bu’aa agarsiisaa kan jiru yoo ta’u fooyyessi kunneen akka itti fufan ni eegama. Carraan hojii fi fooyyessi jireenyaa dubartootaa fi hawaasa baadiyyaaf taasifaman, rakkoo mana jireenyaa furuuf maneen miiliyoonaan lakkaa’aman ijaaruunii fi pirojektoota anniisaa fi jallisii maddisiisan guutummaatti xumuruun hojii mootummaa haaraarraa eegaman keessaayyu. Ijaarsa dinagdee dijitaalaa amma caasaa gadiitti buusuun akkasumas lammiileen tajaajila mootummaa si’ataa akka argatan gochuun bu’aa bayii birokiraasii dhabamsiisuu fi yeroo jiru gara oomishtummaatti ibsituu bara haaraa akka ta’u ni eegama. Milkaa’ina Itiyoophiyaan gama dippilomaasiin argatte itti fufsiisuun akkasumas qophiin koop 32 xiyyeeffannoo ni argatu. Koop 32 milkaa’ina dippilomaasii magariisaa Itiyoophiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, itti fayyadama haqa qabeessa galaana diimaa fi laga Abbayyaa irratti tattaaffiin karaa nagaa fi dippilomaasii cimanii itti fufu. See less
Dachee abdii-Itiyoophiyaa badhaate
Sep 23, 2026 348
Siyaasa biyya tokkoo keessatti hirmaannaa lammiilee mirkaneessuun barbaachisaa fi dhimmoota bu’ura ta’an keessaa isa tokkodha. Hirmaannaan kun dirree siyaasaa hammattummaa mirkaneesseen yemmuu deeggaramu sirna siyaasaa biyya keessaa tasgabbeessuuf bu’ura ta’a. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa aadaa garagaraa, eenyummaa garagaraa fi ilaalchi siyaasaa garagaraa keessatti argaman sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa diriirsuun barbaachisaadha. Waggoottan darban sirni siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u hojiin guddaan hojjetameera. Hojiileen kunneen nageenya egeree, ijaarsa sirna demokiraasii fi guddina hunda galeessaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru. Adeemsa ijaarsa sirna siyaasaa hammataa Siyaasni hirmaachisaa fi hammataa itiyoophiyaan itti jirtu dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha guddaa taasisaa jira. Haala kanaan mootummaan ida’amuu waggoottan darban sirna siyaasaa hammataa lafa qabsiisuuf kutannoosaa qabatamaan agarsiiseera. Humnoonni siyaasaa garagaraa, waldaaleen siiviikii fi namoonni dhuunfaan wallaba ta’anii yaadasaanii akka dhiheessan, akkasumas murtoowwwan biyyaalessaa jajjaboorratti kallattiin hirmaachuu akka danda’an aangoo mootummaarratti ramadamanii biyyasaanii tajaajilaa jiru. Mootummaan ida’amuu waggoottan darban miseensota paartilee morkattootaa ministiraa fi de’eetaa ministiraa gochuun muuduunsaa akkasumas dhaabbilee mootummaa akka hoogganan kan muudaman kanaaf ragaadha. Kun ammoo sirni siyaasaa hirmaachisaa fi hammataan akka dagaagu fedhii cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan ittiin mirkaneesse keessaa kan eeramudha. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad filannoo walii galaa 7 dura bakka bu’oota paartilee siyaasaa morkattootaa waliin marii wayita taasisan cimsanii akka kaasanitti, Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuu irratti paartilee siyaasaa morkattootaa waliin hojjechuu barbaachisa. Dirreen siyaasaa akka bal’atu mootummaan ida’amuu kutannoosaa qabatamaan agarsiisuunsaa akka jirutti ta’ee dhimmoota waliin nama hin galchinerratti mari’achuudhaan Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuurratti waliin hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Sirni siyaasaa tokko hirmaachisaa fi hammataa ta’uusaa kan agarsiisan keessaa adeemsa filannoo biyya tokko keessatti gaggeeffamu akka ta’e ni eerama. Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan hirmaachisaa fi hammattummaa akka mirkanaa’u taasifte hirmaannaan paartilee siyaasaa fi ummataa filannoo walii galaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamerratti akkasumas qabxiin galmaa’e kanaaf fakkeenya. Filannoon walii galaa 7ffaan jalqabarraa kaasee paartilee siyaasaa hirmaachisuudhaan wal falmii yaadaan kan itti fufee fi namoonni hedduun filachuuf kan galmaa’an hirmaannaa gudda ture. Yeroo filannoos roobni, qorri, adduun osoo isaan hin dhaabiin bariirraa amma halkaniitti filachaa turuunsaanii mudannoo seenaa yeroo dhihooti. Filannichi hirmaachisaa fi demokiraatawaa ta’uusaa paartileen siyaasaa dorgomaa ta’an dabalatee manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa akkasumas taajjabdoonni biroon mirkaneessaniiru. Dagaagina yaadota garagaraa Biyya tokko keessatti sirna siyasaa hirmaachisaa fi hammataa dagaagsuun olaantummaa seeraa fi dhaabbilee demikiraasii cimsuuf gumaacha olaanaa qaba. Haala Kanaan waggoottan darban dhaabbileen siyaasaa akka cimanii fi olaantummaan seeraa akka kabajamu xiyyeeffatamee waan hojjetameef bu’aan argameera. Bu’aan sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa kan biraan wabii fi wal amantaa siyaasaa biyyattiitti dagaagsuudha. Haala Kanaan hirmaachisummaa siyaasaa dagaagsuun wal amantaa mootummaa fi ummata jidduutti dagaagsuudhaan ummanni imaammata mootummaa hojiirra oolchuurratti miira abbummaatiin akka hirmaatu carraa uuma. Raawwii pirojektootaa waggoottan saddet darban hojjetaman eeruun ni danda’ama. Mootummaan ida’amuu waggoottan darban karoorsuu fi aadaa hojii jijjiiruudhaan milkaa’inoota hedduu galmeessiseera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad babal’isa wiirtuu lojistiksii boqonnaa jalqabaa Mojootti ijaarame eebbisanii hojii wayita eegalchiisan ergaa dabarsaniin “Ni karoorsina; ni hojjenna; ni raawwanna” jechuun dubbachuunsaanii mootummaan imaammata misoomaasaa karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf ammam ummata waliin hojjechaa akka jiru kan mirkaneessudha.. Guddinni dinagdee biyya tokkoo tasgabbii fi hammattummaa siyaasaa biyyattii waliin hariiroo kallattii qaba. “galteen invastimantii ijoon nageenya” jechuun ibsu hayyoonni siyaasaa. Biyya nagaa fi haqni jirutti, sirni siyaasaa hammataan jirutti invastimantiin man-dhalee fi biyya ala ani babal’ata. Kun ammoo carraa hojii uumuu fi qabeenyi biyyaa akka guddatu gumaacha guddaa taasisa. Waggoottan darban mootummaan kana yaada keessa galchuun damee nageenyaarratti riifoormii gochuun guddina invastimantiif haala mijataa kan uume kanaafi. Sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa biyya tokko keessatti lafa qabachiisuun malaammaltummaa ittisuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf qooda qaba. Tattaaffiiwwan waggoottan darban taasifamaniin mootummaan malaammaltummaa ittisuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiisuun qaamolee qabeenya biyyaa kan saaman akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun ummanni tajaajila mootummaa argachuu qabu akka hin arganne taasisanirratti tarkaanfii fudhachaa turuunsaa ni yaadatama. Kanaaf ammoo hojmaatilee kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuuf gargaaran hordofuun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob diriirsuun itti quufinsa tajaajilamtootaa olaanaa argamsiisaa jira. Mootummaan waggoottan darban sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa hojiirra oolchuun ummanni hojmaataa mootummaa fi kenniinsa tajaajilaarratti to’achuun qooda akka bahatu, waldaaleen siiviikii hordoffii akka taasisan jajjabeessuudhaan hanqina bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa hir’isuuf hojjechuusaatiin bu’aaleen quubsaan argamaniiru. Xumura Walumaa gala, sirna siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisummaa fi hammattummaa mirkaneessuun filmaata osoo hin ta’iin dirqama ta’uu hojiileen mootummaan waggoottan darban gama Kanaan hojjetee fi bu’aan argame fakkeenya guddaadha. Dirree siyaasaa bal’isuudhaan sagaleen lammiilee hundaa akka dhagahamu gochuun nageenya, biyyattii fulla’aa, sadarkaa guddina biyyattii ammaa irra jirurraa caalchisuudhaan gara demokiraasii haqqaa fi badhaadhina hunda galeessaa fi fiixee olka’insaatti akka ceetu ishee dandeessisa.
Bifa Dhugaa Kaayiroo: Bishaan faaluu irraa hanga balaa nageenya aannootti
Sep 22, 2026 512
Ijibti Waltajjii idil addunyaa irratti “soda hanqina bishaaniin qaba” jechuun dubbattu, dhugaa jiru dhoksuun fi fedhii olaantummaa naannoo isa duuba jiru uwwisuuf qophaa’eedha. Kaayiroon bishaan lafa jalaa baay'ee guddaa waggoota dhibbaan lakkaa'amuuf turu waan qabduuf bishaan laga Abbayyaa gara gammoojjiitti dhangalaasuu kan jirtu yoo ta'u, gama biraatiin ammoo lammiileen Itiyoophiyaa nyaata guyyaa guyyaa isaaniif bishaan akka hin fayyadamnee fi qe'ee isaanii akka hin misoomsinee fi ibsaa hin arganne, akkasumas biyyoonni yaa'a gadii hiyyeeyyii ta'uun akka akka hin guddanneef rakkachaa jirti. Ijibti bishaan lafa jalaa jaarraa hedduuf turu qabdi. Itoophiyaan waggoota dheeraaf yoo roobni hin roobnellee Masriin ammallee bishaan lafa jalaa jaarraa hedduuf turu qabdi. Ijibti bishaan ni faalti; itti fayyadamni ishees garmalee hamaadha. Ijibti lafa jiidhinaa raaree bal'aa akka qabdu fakkeessuudhaan shankooraa fi ruuzii misoomti. Garuu bishaan qisaasuu itti fufuuf jecha namoonni kaan bishaan qulqulluu illee akka hin dhugnee fi raafuullee akka hin misoomsine barbaaduu isheeti. Ijipti jireenya mijataa fi qananiin lammiilee ishee eeggachuu yoo barbaaddu, Itiyoophiyaan ammoo guddinni ishee ukkaamsamee hiyyummaa keessatti liqimsamuun akka turtu barbaaddi. Ijibti bishaan gammoojjiitti naquudhaan, magaalota qananii haaraa ijaaruun lammiileen ishee jireenya gaarii akka jiraatan wayita barbaaddu, lammiileen Itoophiyaa garuu ibsaa mana keessaa fi elektirika nyaata bilcheessuuf oolullee akka hin fayyadamne hojjetti. Warri Ijibtii akka waan hanqina bishaanii qabanitti fakkeessanii, Itoophiyaan yaa'a laga Abbayyaa eegsisuuf biqiltuu biliyoona 50 ol dhaabdeef galateeffachuu hin barbaadan. Faallaa kanaatiin Masriin nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa booressuuf dhagaa hin garagalchine hin dhiifne. Ijibti birmadummaa fi tokkummaa Sudaan hin barbaaddu. Sudaan akka biyya walabaatti osoo hin taane akka biyya hirkattuutti waan ilaaltuuf, akka fedhetti dhimma keessoo ishee keessa seenuudhaan Sudaan diiguu fi loltoota qacaruun fayyadamtee Itiyoophiyaa xiqqeessuuf hojjechaa jirti. Ijibti biyyi Galaana Diimaa keessa jirtu kamiyyuu akka badhaadhaniifi guddatan hin barbaaddu. Kun shira siyaasaa baay’ee balaa qabuu fi diigumsaa fi nagaa naannichaa balaadhaaf saaxiludha! Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links

Hawaasummaa
Baalee bara Jijjiiramaa asitti
Sep 24, 2026 45
Godinni Baalee seenaa, aadaa fi qabeenya uumaa guddaa kan qabdu yoo taatu, baroota jijjiiramaa asitti dameewwan adda addaatiin sochiiwwan misoomaa fi haaromsaa gurguddoo galmeessisaa jirti.   Misooma Faayidaa ummataa mirkaneessan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, xiyyeeffannoo Tuurizimii fi fooyya’insa dinagdee irratti mul'atan godinicha gara sadarkaa haaraatti ceesisaa jiru. Bara jijjiiramaa keessa godinichatti ijaarsa daandii, Manneen Barnootaa fi dhaabbilee fayyaan hojii bal’aan hojjetameera. Kunis qunnamtii magaalotaa fi baadiyyaa fooyyessuudhaan walitti hidhaminsa uumeera . Qonnaan Bulaan teeknoolojii haaraa fi sanyii filatamaatti fayyadamuu irratti xiyyeeffannoon kennamee milkaa’inni galii qonnaa dabaluu fi bu’aa dabalataa uumuu danda’eera. nyaataan of danda’uu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti sochiin taasifame bu'aa gaarii argamsiiseera. Parkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee fi holqawwan seenaa kanneen akka Holqa Sof Umar misoomsuu fi addunyaatti beeksisuu keessatti hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru.   kanaanis dinagdee Hawwata Turizimii naannichaa dabalaa dhufeera. Fakkeenyaaf Holqa Soof Umar keessatti bara jijjiiramaa asitti hojiiwwan misoomaa, haaromsaa fi ijaarsa bu'uuraalee misoomaa gurguddoon sochiilee turizimii fi qabeenya uumaa tilmaama keessa galchan raawwatamaniiru. Ijaarsa Loojii Naannoo Holqaa yoo ilaallee loojiin kun Daawwattootaaf tajaajila bashannanaa fi bultii qulqullina ol'aanaa qabu kennuu kan danda’udha. Pirojektiin loojii kunis galii kitaaba Dr. Abiyyi Ahimad "Dhaloota Ida'aamu" jedhu irraa argameen kan ijaaramudha. Holqa sana keessa daawwannaaf kan mijatan ijaaruu, daandiiwwan miillaa keessoo fi alaa fooyyessuu, fi eegumsa uumamaa irratti hojjetameera. Haaromsa qorannoo saayinsawaa irratti hunda'een uumamaa fi qabiyyee holqichaa osoo hin balleessiin seensaa fi ba'insa isaanii fooyyessuun danda'ameera. Walumaagalatti, hojiiwwan kunniin holqa Soof Umar irraa misooma Turizimii Waaraa uumuu fi dinagdee godinichaa fi biyyaa cimsu raawwatame jira. Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee bara jijjiiramaa keessa xiyyeeffannoo guddaa fi sadarkaa seenaa qabeessa ta'e argateera. Mootummaan damee Tuurizimii fi qabeenya uumaamaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennaniin, paarkichi haaromsaa fi beekamtii addunyaa argateera. Bara jijjiiramaa keessa milkaa'ina guddaa argame keessaa inni ijoon, Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee (UNESCO) biratti akka Hambaa Uumaa Addunyaatti galmaa'uusaati. Walumaa galatti nageenya mirkaneessuu, walitti dhufeenya uummataa cimsuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaannaa uummata Baalee guddaan bosonaa fi qabeenya uumaa eeguu keessatti gaheen godinichaa guddaa ture. Baalee bara jijjiiramaa asitti sochii misoomaa fi guddinaa dinqisiisaa keessa jirti. Hojiiwwan hojjetaman kunniin fedhii uummataa guutuu bira darbee, godinichii gara fuulduraatti bu’uura misooma waaraa fi dinagdee guddaa irra kan ga’ani dha
Finfinnee naannawaa Markaatoo QixalTaraatti manneen jireenyaa 960 kaafamtoota misoomaaf kennamaniiru- Aadde Adaanech Abeebee
Sep 24, 2026 120
Fulbaana 14/2019(ENA): Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee naannawaa Markaatoo Qixal Taraatti manneen jireenyaa 960 baatii 4 keessatti ijaaruun jiraattotaaf dabarsuu ibsan. Aadde Adaanech ergaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin naannawaan Qixal Taraa jedhamuun beekamu gara mandara magariisummaa, qulqulluufi kabaja lammiileef malutti jijjiiramuu danda'uu ibsaniiru. Qixal Taraatti mana jireenyaa 960 ji’a afur keessatti ijaarree, jiraattota naannichaa irraa kaafamanii turanif deebisnee kennineerra kan jedhan Kantiibaa Adaanech, naannawichi duraan jireenyaaf mijataa akka hin turre eeruun, kabaja ilma namaaf kan hin malle, baay’ee xuraa’aa, dhiphaa fi cufamaa ture jedhan. Akkasumas mijataa ta'uu dhabuu isaatiin balaa ibiddaa hamaan lubbuu namootaa itti dhabne tures jedhaniiru. Har’a garuu, gamoowwan ammayyaa fi miidhagaa, waan jireenyaaf barbaachisu hundaan guutuu ta’an, darbiiwwan 9 qaban, lakkoofsaan 9, manneen jireenyaa 960 ijaaramuun jiraattota duraan naannawichaa kaafamaniif deebifamee kennamuu kantiibaa Adaanech ibsaniiru. Aadde Adaanech naannawichi gara bakka jireenyaa mijataa ta’etti jijjiiramuu eeruun, “Mandarri Jireenyaa Gaarummaa Markaatoo”kun lafa meetir iskuweerii 11,000 irratti kan ijaarame ta'uu himani. Dabalataan mandarichi suuqiiwwan daldalaa 371 carraa hojii bal’aa uumu,bakka daa’imman itti taphatan,iddoowwan ispoortii, kanneen akka dirree kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, kubbaa harkaa, kubbaa kaachoo fi iddoowwan sochii qaamaa biroo itti hojjetan,bakka dhaabbii konkolaataa jiraattotaaf tajaajilu,bakka konkolaataa elektirikii itti chaarjessan, daandiiwwan asfaaltii keessa keessaa, bilookiwwan salganirratti bakkeewwan tajaajila waloof oolan qabaachuu ibsaniiru. Akkasumas liiftiiwwan,sarara daddabarsa bishaaniifi elektirikaa ammayyaa guutummaatti guutatee ijaaramuu Aadde Adaanech ibsaniiru.  
‘Dil Qursuu’ Seenaa Jireenyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa
Sep 24, 2026 77
Kitaabni Seenaa jireenya Ajajaa waraana waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa irratti xiyyeeffate eebbifamuun isaa ni yaadatama. Kitaabni mata dureen isaa ‘Dil Qursuu’ jedhu kun seenaa Fiildi Maarshaal Biraanuu, iddoo dhaloota isaanii Kuyyaaraa kaasee hanga har’aatti kan of keessaa qabudha. Kitaabni kun boqonnaawwan 8 fi fuula 355 kan qabu yoo ta'u, seenaa daa'immummaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, seenaa jireenyaa fi gaa'ela isaanii, akkasumas imala tajaajila waraanaa, sirna Mootummoota sadan keessatti darbanii fi gumaacha isaanii ibsa. Fiildi Maarshaal Biraanuun haleellaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti raawwatameen booda rakkoo mudate furuuf humna hafe walitti qabuun, qajeelfamaa fi hoggansa kennuudhaan tarkaanfii jabaa fudhachuun isaanii kitaaba kana keessatti bal’iinan ka’ameera. waraana diigame deebisanii ijaaruun ulfaataa ta'us, Fiildi Maarshaal Biraanuun qabatamaan hojiitti hiikuudhaan ummata Itoophiyaatiif injifannoo labsaniiru. Kitaabichi Fiildi Maarshaal Biraanuun Finfinnee hanga Dabre Siinaa, Baahir-daarii hanga Gaashenaa, fi Walqaayitii hanga Affaaritti qaamaan argamuudhaan waraana jajjabeessanii injifannoof akkasumas milkaa'inaaf akka geessisan ni ibsa. Hogganaan waraana Itoophiyaa inni guddaan Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan, gootummaa biyya isaaniitiif raawwataniif Ministira Muummee doktor Abiyyi Ahimadiin badhaasa guddaa badhaafamaniiru. Fiildi Maarshaal Biraanuunis waa’ee kitaaba isaanii ilaalchisee: "Itoophiyaan kabaja olaanaa nama dhuunfaaf kennamuu qabu naaf kenniteetti; anis biyya kootiif wanti ani qusadhe hin jiru" jedhaniiru. "Ani dhimma waraana fi dhimmoota biroo irratti malee seenaa jireenya koo irratti kitaaba maxxansiisuuf fedhii hin qabun ture" jedhaniiru. Ta'us leenjiinii fi guddinni koo dhaloota dhufuuf fakkeenya ta'uu danda'a ilaalcha jedhuun, dhiibbaa fi gorsa namoota hedduutiin kan ka’e kitaaba kana qopheessuu isaanii himaniiru. Kanaanis dhaloonni kitaaba kana irraa barnoota biyya ijaaruuf isa dandeessisu akka argatu eeraniiru. "Biyyi seenaa Balaay Zallaqaa fi Abdisaa Agaatiin ijaarama, seenaa Fiild Maarshaal Biraanuutiinis ijaarama; garuu kun nama dhuunfaa tokko ol kaasuuf yookiin jajuuf ta'uu hin qabu" jedhaniiru. Qorataa seenaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Ababaawu Ayyalaaw waa’ee kitaabichaa yoo dubbatan, kitaabni kun seenaa waraanaa Itoophiyaa keessatti odeeffannoo qabatamaa kan agarsiisuu fi dhaloota dhufuufis waraqaa qorannoo fi barumsaa guddaa ta'ee kan tajaajiludha jedhaniiru.
Diinagdee
Gargaaramtummarra gara Oomishtummaatti: Qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa
Sep 24, 2026 26
Yaadamni "Gargaaramtummarraa gara oomishtummaatti" jedhu kun mul'ata siyaasaa-dinagdee Itoophiyaa keessatti waggoota jijjiiramaa kanaa keessatti xiyyeeffannoo guddaa argateera. Itoophiyaan waggoota dheeraaf deeggarsa nyaataa biyya alaa irraa dhufu irratti hirkachuun ishee dinagdee, kabajaa fi of-danda'iinsa biyyaalessaa irratti dhibbaa guddaa uumeera. Ilaalcha "gargaarsa eeggachuu" jedhu kana hundee irraa jijjiiruun barbaachisaa ta'uu isaatiin yaadamni Gargaaramtummarra gara oomishtummaatti jedhu hojiirra oolun isaa ni yaadatama. Biyyattiin lafa bal'aa, bishaan, humna dargaggoo fi haala qilleensaa mijataa qabduu hiyyummaa keessa jiraachuun ishee waan nama saalfachiisudha. Kanarraa ka’uudhan qabeenya jiru guutummaatti gara oomishtummaatti jijjiiruu akka barbaachisu ifatti mul’iseera. Gargaarsa irratti hirkachuu irraa gara oomisha gahaa dhiheessuu, oomisha biyya alaa irraa galu bakka buusuu fi gara biyya alaatti ergutti ce'uun danda’ameera. Naannoo Oromiyaattis yaadni kun teeknoolojii, humna hawaasaa fi qabeenya uumamaa walitti fiduun kallattiiwwan gurguddoo armaan gadiitiin hojiirra oolaa jira. Lafa callaan irraa hin argamne yeroo bonaa bishaan lagaa fi bishaan lafa keessaa fayyadamuun qamadii bal'inaan oomishamuun danda'ameera. Kunis qonnaan bulaan waggaatti yeroo tokko qofa oomishuu irraa gara yeroo 2–3 oomishtummaatti ceesiseera.   Imalli "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun keessattuu midhaan kanneen akka Qamadiifi Ruuzii irratti jijjiirama guddaa fiduu danda'eera. Oomishamaa Qamadii gannaa qofa irratti hirkatee ture gannaa fi Bona waggaatti yeroo lama akka oomishamu godhameera. Jallisii gurguddoo yeroo bonaa fayyadamuudhaan lafa hektaara miliyoonaan lakkaawwamu misoomsuunis danda'ameera. Sanyii fi xaa'oo ammayyaa yeroon raabsamuudhaan sadarkaan teeknoolojii fi maashineerii fayyadamuutti guddateera. Oromiyaan qamadii biyya alaa irraa galu bakka buusuu bira darbitee, Itoophiyaan qamadii gara biyya alaatti akka ergitu gumaacha ol aanaa gumaacheera. Wabii nyaataa maatii mirkaneessuurra darbee, qonnaan bulaa hedduu gara daldalaatti galchuun deeggartummaa irraa gara oomishtummaaitti jijjiireera. Gama biraatiin, naannoo Oromiyaa, keessattuu aanaalee akka Wallagga, Iluu Abbaa Boraa, Buunnoo Beddellee, Godinaalee Jimmaafi Shawaa Lixa keessatti oomisha Ruuzii babal'isuuf xiyyeeffannoo addaa kennameera. Lafa ciisaa gara lafa oomisha Ruuziitti jijjiiruuf leenjii fi teeknoolojiin akkasumaaas sanyiin filatamaa qonnaan bultootaaf dhihaateera. Ruuziin duraan biyya alaa irraa bal'inaan galu naannichuma keessatti oomishamuun gabaaf dhiyeessuun danda'ameera. Ilaalchi qonnaan bulaas gargaarsa nyaataa eeggachuu irraa gara oomishtummaatti jijjiirameera. Misooma jallisii qamadii fi Ruuzii irratti dargaggoonni gurmaa'anii lafa, maashinerii fi dhiheessii gargara argachuudhaan hojii uummachuu fi galii guddaa argachuu danda'aniiru. Misoomni qamadii fi Ruuzii Naannoo Oromiyaa keessatti raawwatame kun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, oomisha biyya keessaa guddisuun dinagdee biyyaalessaa jabeessuu keessatti shoora guddaa taphateera. Adeemsi kun keessattuu dargaggoota aanaalee fi ganda adda addaa keessatti gurmeessuun lafa jallisii, kombayinarii, tiraaktaraa fi paampii bishaanii dhiheessuudhaan akka of danda'anii fi oomishatti galan gochuun danda’ameera. Dargaggoonnii fi qonnaan bultoonni leenjii faayinaansii, qonna saayinsawaa fi tooftaa gabaa irratti akka argatanis godhameera. Yaadamni "gargaaramtummarra gara oomishtummaatti" jedhu kun fedhii biyya keessaa guutuu qofa osoo hin taane, dinagdee jabaa kan deeggarsa irratti hin hirkanne uumudhaaf hojii adda durummaan Naannoo Oromiyaa keessatti qabatamaan gaggeeffamaa jirudha.
Maaddii Guutuun – Wabii nyaataarraa amma omishtummaa fulla’aatti
Sep 24, 2026 57
Kaayyoon maaddii guutuu inni ijoon oomishaalee galtee beelladaa kanneen akka aannanii, foonii killee fi dammaa bal’inaan oomishuudhaan birmadummaa nyaataa fi wabii sirna nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetamaa kan jiru inisheetiivii biyyaalessaati. Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad Onkoloolessa bara 2018 maaddii guutuu magaalaa Arbaa Mincitti eegalchiisaniiru. Ministirri muummee wayita sana ergaa dabarsaniin, nyaataan of danda’uu dadhabuun kabaja biyyaa akka dhabsiisuu fi Itiyoophiyaan nyaataan yoo of hin dandeenye bilisummaa guutuu qabaachuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Milkaa’ina omisha Qamadiin mul’ate maaddii guutuun dabalamuu akka qabu hubachiisaniiru. Dhaloota fayya buleessaa fi oomishu uumuuf maaddii biyyaalessaa keenya nyaata madaalawaan guutuu akka barbaachisu ibsaniiru. Galmi ijoon maaddii guutuu nyaata madaalawaa sadarkaa maatiitti mirkaneessuun quucaruu daa’immanii hir’isuu, dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii uumuu, akkasumas jireenya lammiilee fooyyessuu akka ta’e odeeffannoon ministeera qonnaa ni mul’isa. Sagantaan biyyaalessaa kun dameelee xiyyeeffannoo garagaraa fi deeggarsa taasisan qabatee hojiirra oolaa jira. Sanyii loon aannanii fooyyessuudhaan omisha aannanii guddisuu, foonii lukkuu fi killee sadarkaa maatiitti dhugoomsuu, akkasumas gaagura ammayyaatti gargaaramuun qulqullina dammaa fi oomishasaa dabaluun isaan ijoodha. Kana cinaatti qonnaa fi horsiisa loonii qama qonnaa taasisuuf sosochiin bal’aan uumamuunsaa fooyya’insa guddaadha. Omishni lukkuu fi killee dabaluu qofa osoo hin taane warshaaleen aannan qiqindeessanii fi wiirtuuleen itti walitti qabamu babal’ataniiru. Nyaata pirootiiniin gabbate keessumaa killee fi annan daa’immanii fi dubartoota ulfaaf dhiheessuudhaan jijjiiramni argameera. sSadarkaa biyyaalessaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoonaan lakkaa’aman, saawwan aannanii sanyii fooyya’aa fi gaagurri ammayyaa qonnaan bulaa fi jiraataa magaalaaf dhihaataniiru. Maaddii guutuun Itiyoophiyaan nyaataan of danda’uu fi sirna nyaataa fooyyessuuf kan eegalame qama ijoo imala tarsiimawaati. Walumaa gala maaddii guutuun gufuulee wabii nyaataa sababaoota keessaa fi alaan ishee mudatu cichitee maqsuuf hojiilee ijoo mootummaan hojiirra oolche keessaa fakkeenya tokkodha.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 610
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 637
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 469
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Sep 17, 2026 597
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan. Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru. Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera. Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru. Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan. Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru. Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru. Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru. Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera. Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru. Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru. Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.
Ispoortii
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 565
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 420
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 745
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 768
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 693
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 31687
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20042
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18026
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015