ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo filannoo Mattuutti raabsi meeshaalee filannoo xumuramaa jira
May 30, 2026 639
Caamsaa 22/2018(ENA): Buufataalee filannoo naannoo Mattuu jala jiranitti raabsi meeshaalee filannoo xumuramaa jiraachuu waajjirri filannoo Naannichaa fi qindeessitoonni buufataalee beeksise. Naannoo filannoo Mattuutti waliigala buufataaleen filannoo 73 argamuu kan ibsan itti gaafatamaan waajjira naannoo filannichaa Naatinaa'el Mogos, meeshaalee kana gara buufataalee filannoo hundaatti hojiin geejjibsiisuu xumuramaa jiraachuu eeraniiru. Waajjirichi raabsa meeshaalee raawwachuu cinaatti, buufataalee filannoo adda addaa keessatti hojii qophii bakkaa adeemsa sagalee kennuutiif barbaachisu dhiyeenyaan hordofaa fi qindeessaa akka jirus ibsaniiru. Naannoo filannichatti qindeessaan buufata filannoo Mannaarraa dargaggoon Naatinaa'el Dastaa akka beeksisetti, meeshaaleen filannoodhaaf barbaachisan yeroon gara buufatichaa gahaniiru. Yeroo ammaatti bakka sagalee kenninsaa mijeessuu hojiin isaa xumuramaa akka jiru ibseera. Qindeessaan buufata filannoo biraa obbo Jireenyaa Amanuu gama isaaniitiin; meeshaalee filannoo fudhachuu mirkaneeffachuu isaanii fi adeemsa sagalee kennuutiif hojiin haala mijeessuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Guyyaa filannoo bilisaan sagalee kennuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
May 30, 2026 370
Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti guyyaa filannoo bilisaan sagalee kennuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Adaamaa. Jiraattota Magaalaa Adaamaa keessaa aadde Ilmiyaa Suleeyimaan ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, filannoon waliigalaa lammiileen paartii biyya isaaniitiif ta'u filachuudhaan ijaarsa sirna dimookiraasiitiif gahee isaanii kan itti bahan ta'uu ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo isaan dandeessisu fudhachuu isaanii eeranii; sagalee isaanii paartii nageenya, misoomaa fi tokkummaa cimsuuf kennuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru. Jiraataan magaalaa biraa obbo Baqqalaa Bajigaa gama isaaniitiin; kaardii filannoo waliigalaa 7ffaa irratti fudhataniin dirqama lammummaa isaanii bahachuuf, paartii nuuf wayya jedhaniif sagalee kennuuf qophaa'uu isaanii ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartii dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf sagalee isaa kennuuf qophaa'uu isaa kan ibse immoo dargaggoon Tammiraat Lammeessaa jiraataa magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleeti.
Guyyaa filannoo dhaaba siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophiidha
May 30, 2026 418
Caamsaa 22/2018 (ENA): Dargaggoonni magaalaa Harar guyyaa filannoo waliigalaa paartii siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Dargaggoota magaalichaa keessaa Zayinuu Argaaw mirga heera mootummaatiin kennameef fayyadamuuf kaardii sagalee isaa itti kennu fudhachuu himeera. Guyyaa filannoo paartii biyyaa fi ummata fayyadu filachuuf qophii ta'uu fi guyyaa sana hawwii guddaan eeggachaa jiraachuu himeera. Filannoo kana irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu isaa waan ta’eef gammachuu isaa kan ibse dargaggoo Nuraddiin Muhiib paartii siyaasaa misooma biyyaa fayyadu filachuuf qophii ta’uu dubbateera. Filannoo kana irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuu ishee kan ibsite Hanaan Yoonis filannoo 7ffaa dhufu gaggeeffamu irratti sagalee kennuuf gammachuu guddaa akka qabdu ibsiteetti. Dargaggoo Saalaah Iskindir gama isaatiin, paartii na fayyada jedhee amanu filachuuf mirga dimokraatawaa qabutti fayyadamuuf qophii ta’uu dubbateera. Guyyaa filannoo buufata filannootti sagalee isaa kennuuf qophii ta’uus ibseera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Filannoo Naqamteetti meeshaaleen sagalee kennuuf oolan raabsamaa jiru
May 30, 2026 454
Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaaf naannoo filannoo Naqamteetti meeshaaleen sagalee kennuuf tajaajilan buufataalee filannoof raabsamaa jiraachuu qindeessaan naannoo filannichaa ibsan. Qindeessaan Naannoo Filannichaa obbo Geetahuun Toleeraa akka dubbatanitti, buufataalee filannoo naannoo filannichaa jalatti argaman 108’f meeshaalee guyyaa filannoof barbaachisan dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Saanduqni sagalee Kaadhimamtoota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa fi Mana Maree Naannoof oolan, akkasumas meeshaaleen biroo guyyaa sanaaf barbaachisan raabsamaa akka jiran ibsaniiru. Adeemsa filannichaa dhiyenyatti kan hordofanii fi leenjii barbaachisaa kan fudhatan raawwachiistonni filannoo 553 buufataalee adda addaa irratti ramadamuu isaanii dubbataniiru. Ummanni filatus guyyaa filannichaa waraqaa kaardii filannoo ittiin galmaa'e qabatee dhufee, bilisummaan sagalee akka kennuufi milkaa'ina adeemsa filannichaatiif gumaacha gaarii gama isaatiin akka taasisus waamicha dhiyeessaniiru.
Filannoon walii galaa kun Afriikaa guutuuf hiika guddaa qaba- Hogganaa garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa Uhuuruu Keeniyaataa
May 30, 2026 442
Caamsaa 22/2018(ENA): Filannoon Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaan Afriikaa guutuuf hiika guddaa qaba jechuun Hogganaan garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa Uhuuruu Keeniyaataan ibsan. Hogganaan garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa (AUEOM) fi Pirezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan, filannoo waliigalaa 7ffaa Wixata dhufu gaggeeffamu taajjabuuf kaleessa galgala gara Finfinnee seenaniiru. Uhuuruu Keeniyaataan wayita Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee Finfinnee gahan, Daayirektara jeneraala dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa kan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Mallas Alam simannaa taasisaniiruf. Hogganaan garee taajjabdootaa Uhuuruu Keeniyaataan akka ibsanitti, adeemsi sagalee kennuu kun Itiyoophiyaa bira darbee faayidaa guddaa Ardichaaf qaba jedhani. Uhuuruu Keeniyaataan wayita Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Boolee Finfinnee gahan, Daayirektara jeneraala dhimmoota Awurooppaa fi Ameerikaa kan Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Mallas Alam simannaa taasisaniiruf. Hogganaan garee taajjabdootaa Uhuuruu Keeniyaataan akka ibsanitti, adeemsi sagalee kennuu kun Itiyoophiyaa bira darbee faayidaa guddaa Ardichaaf qaba jedhani. Kaayyoon guddaan carraaqqii Garee taajjabdootaa Filannoo Gamtaa Afriikaa, furmaata dhimmoota Afriikaa Afriikaanotaan durfamuun, muuxannoowwan waloo fi muuxannoowwan gaarii biyyoota miseensotaa gidduutti wal-jijjiiruun dimookiraasii caalaatti cimsuu ta’uu hubachiisaniiru. Haalli qabatamaa keenya addadha kan jedhan, Biyyoota biroo irraa kallattiin garagalchinee hojiirra oolchuu hin qabnu jedhaniiru. Rakkoolee Afriikaatiif furmaata Afriikaa kennuu keessatti qaama ta'uun, nuti ofii keenyaan muuxannoowwan gaarii bocuun Afriikaa guutuutti babal'isuu fi itti fayyadamuu dandeenya jedhaniiru. Itiyoophiyaan teessoo dhaabbata ardichaa kan ta'e Gamtaa Afriikaati. Kanaafis, filannoon Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu biyyattiif qofa osoo hin taane, ardii guutuuf hiika guddaa qaba jedhaniiru. Murteen filannoo ogummaa fi fageessanii ilaaluun guutame kan lammiilee Itiyoophiyaa, biyyattii gara humnaa fi olka’insa caalutti akka ceessisus ibsaniiru. Gareen taajabdootaa kun siyaasaa fi hammattoo seeraa Itiyoophiyaa, adeemsa filannichaa, akkasumas ulaagaalee filannoo amanamaa, iftoomina qabuu fi nageenyaa kan Gamtaa Afriikaa irratti xiyyeeffachuun sagantaalee beeksisaa fi ibsaa gaggeessaa jira. Gareen taajjabdootaa kun biyyoota Afriikaa 37 irraa taajjabdoota 73 kan hirmaachise yoo ta'u, miseensota garee kanaa keessaa dhibbeentaan 61 dubartoota ta'uun ibsameera. Raawwachiiftotni filannoo kun bakka bu'oota hawaasa siivilii, falmitoota mirga namoomaa, ogeessota koorniyaa (gender), ogeeyyii miidiyaa fi bakka bu'oota dargaggootaa hammateera. Jilli Ergamaa Abbaa taayitaa Misooma Biyyoota giddugaleessa Bahaafi Gaanfa Afrikaa (IGAD) filannoo waliigalaa 7ffaa taajjabuuf Finfinnee seenuun isaa ni yaadatama. Hirmaannaan ‘IGAD’ immoo bulchiinsa dimookiraasii, tasgabbii fi amanamummaa filannoo Gaanfa Afriikaa keessatti argamu waliin jabeessuuf tumsa naannichaa kan cimsudha. Filannoon kun ardiitti keessatti dimookiraasii mirkaneessuuf shoora gareewwan taajjabdootaa filannoo Afriikaanotaan durfamanii guddachaa jiru argarsiisuuf carraa guddaadha. Wiixata dhufu filannoo waliigalaa 7ffaa gaggeeffamu irratti hirmaachuuf lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 54 ol galmaa’uu isaanii Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Siyaasa

Nageenya Amansiisaa Ardii fi Riijinichaa malee misoomaafi guddina mirkaneessuun hin danda'amu - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
May 30, 2026 325
Caamsaa 22/2018 (ENA):Nageenya amansiisaa Ardii fi riijinichaa malee misoomaafi guddina mirkaneessuun akka hin danda'amne Itaamaajoor Shuumiin Walii Galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Jila Qondaaltota Itaamaajoor Shuumii Walii Galaa Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaaneen durfamu waliin, waliigaltee tumsa Loltumaa biyyoota lamaanii gidduutti kanaan dura mallatteeffame gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf dhimmoota dandeessisan irratti mari'ataniiru. Marii hoggantoota Raayyaa Ittisaa ol'aanoo biyyoota lamaanii kanaan, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaafi Moozaambiik hariiroo seenaa dheeraa qabu jedhani. Hariiroon seenaa biyyoota lamaan gidduu jirus murannoofi tokkummaa irratti, akkasumas qajeeltoo "Paan-Afriikaanizimii" (Pan-Africanism) irratti kan hundaa'e ta'uu dubbataniiru. Yeroo dhihoo as hariiroon biyyoota lamaanii gara sadarkaa ol'aanaatti ce'uu kan eeran Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, hariiroonii fi michummaa biyyoota lamaanii irratti hundaa'e kun cimee itti fufuun isaa nageenyaafi tasgabbii naannichaa eegsisuuf faayidaa guddaa waan qabuuf, caalaatti cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Nageenyaafi tasgabbii malee guddina dinagdeefi badhaadhina waaraa galmeessisuun akka hin danda'amne ibsuun, shororkeessummaa waliin loluu, nageenya saayibarii (cyber security) fi dameelee tumsaa biroo irratti qindoominaan hojjechuun nageenya Ardii fi Riijinichaa mirkaneessuuf waliin dhaabbachuun akka barbaachisu eeraniiru. Itaamaajoor Shuumiin Moozaambiik Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaanee, Gama isaaniitiin, biyyoonni lameen dameelee tumsa waraanaa adda addaa irratti waliin hojjechuun isaanii nageenya Ardichaa fi naannichaa mirkaneessuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Jeneraal Juuliyoo Doo Saantos Jaanee dabalanii akka jedhanitti, Itiyoophiyaa waliin dameelee tumsa waraanaa hedduu irratti qindoominaan hojjechuun keenya, gama barnootaafi leenjiitiin muuxannoo bal'aa akka argannu nu dandeessisa jedhaniiru. Daarektarri Daarektoreetii Hariiroo Alaa fi Tumsa Loltummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu gama isaaniitiin, sagantaan marii biyyoota lamaanii kun waliigaltee tumsa Loltummaa kanaan dura mallatteeffame gara hojiitti kan hiikeefi dhimmoota deeggarsa gara fuulduraa irratti hojjetaman irratti kallattii kan kaa’e ta'uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaafi misooma naannichaa mirkaneessuuf kutannoo qabdu irraa kan ka'e, Moozaambiik dabalatee biyyoonni hedduun dameelee Loltummaa adda addaa irratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii agarsiisaa akka jiran ibsuu isaanii odeeffannoo ENA’n Miidiyaa oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argate ni agarsiisa.
‘IGAD’ filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf taajjabdoota filannoo 26 bobbaase
May 30, 2026 383
Caamsaa 22/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa gaggeeffamuuf taajjabdoota filannoo 26 bakka adda addaatti bobbaasuu isaa Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Giddugaleessaa Bahaa fi Gaanfa Afriikaa (IGAD) beeksise. Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Gidduu galeessa Bahaafi Gaanfa Afriikaa (IGAD)tti Daarektarri Damee Nageenyaa fi Tasgabbii Komaandar Abbabaa Mulunaa ENAtti akka himanitti, Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamuu jiru taajjabuuf taajjabdoonni bobbaafamaniiru jedhani. Adeemsa filannoo ilaaluuf taajjabdoonni 26 Sekreetariyaatii IGAD fi biyyoota miseensa ta’an bobbaasuu beeksisaniiru. Taajjabdoonni filannoo ogeessota kallattiin boordii filannoo biyyoota miseensa ta’anii fi dhaabbilee hawaasa siivikii, dhaabbilee dargaggootaa fi dubartootaa waliin akkaataa Dambii ittiin bulmaataa gamtaa Afrikaa taajjabdoota filannoof baaseen hojjetan ta’uu ibsaniiru. Kanumaan walqabatee, taajjabdoonni Filannoo Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa irratti bobbaafaman, ogeeyyii fi qondaaltota Boordii Filannoo dabalatee, naannoo filatamanitti akka taajjabaniif ramadamaniiru. Adeemsi filannoo biyyoota miseensa ta’an Ugaandaa fi Jibuutii bara kana akka taajjaban hubachiisuun, itti dabaluunis yeroo ammaa kana Filannoon Waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaa gaggeeffamuuf taajjabuuf akka jiran himaniiru. Boordiin Filannoo qaamolee ilaalcha filannoof qophaa’aniif labsii filannoo Itiyoophiyaa fi dambiiwwan hojmaataa biroo irratti leenjii kennuun hayyama kennuus eeraniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Meeshaaleen sagaleen itti kennamu Naannoo Filannoo Gimbiitti raabsamaa jira
May 30, 2026 315
Caamsaa 22/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Lixaa naannoo filannoo Gimbiitti meeshaaleen filannoof oolan bakka isaanii qaqqabsiifamaa jiru. Filannoon walii gala 7ffaa Caamsaa 24/2018 gaggeeffamuuf qophiin xumuramaa jiraachuu boordiin filannoo biyyaalessaa ibseera. Filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24/2018 naannoo sanatti gaggeeffamuuf naannoo Gimbiitti raabsi meeshaalee adeemsa kanaaf barbaachisan gaggeeffamaa jiraachuu Qindeessaan Naanno Filannoo obbo Kabbadaa Baqqalaa himaniiru. Kaleessa irraa eegalee buufataalee filannoo naannoo filannoo 84’f meeshaaleen barbaachisoo ta’an akka dhiyaatan taasifameera; buufataalee hafan keessattis har’a raabsa kana xumuruuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Meeshaaleen adeemsa sagalee kennuuf qophaa’an saanduqa filannoo, waraqaa filannoo fi galteewwan kanaan walqabatan biroo akka ta’e qindeessaan ibsaniiru. Akkasumas, hojjettoota filannoo kanaaf barbaachisa 336 leenjiin barbaachisaa ta’e kennamee buufata filannoo naannoo filannoo jala jirutti bobba’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif deeggarsa keenya hunda galeessa cimsinee itti fufna
May 29, 2026 664
Caamsaa 21/2018(ENA): Marichi walii-galtee biyyaalessaatiif faayidaa guddaa kan qabu waan ta'eef, milkaa'ina adeemsa kanaatiif gumaacha isaanii cimsuun akka itti fufan gaggeessitootnii fi miseensonni Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee ibsan. Itiyoophiyaa keessatti garaagarummaa yaadaa hidda gadi fageeffate mareen furuuf fi dhaloota yaada caalmaan amanu horachuu karoorfamee kan jalqabame mareen biyyaalessaa, yeroo ammaa kana boqonnaa haaraa fi murteessaa irra gahee jira. Komiishiniin Maree Biyyaalessaa naannolee hundatti, bulchiinsota magaalaa lamaanitti, dhaabbilee federaalaa fi lammiilee biyya alaa jiraatan biratti adeemsa walitti qabiinsa qabxii marii (ajandaa) gaggeessaa ture milkaa'inaan xumureera. Aanaarraa eegalee hanga wiirtuutti haala baay'ee ifa ta'een adeemsa raawwatame kanaan, bakka bu'oota yaa'ii biyyaalessaa guddaa irratti hirmaatan adda baasuunis xumurameera. Hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garaa garaa irra galtee walitti qabuu kun, komiishinichi gara yaa'ii maree biyyaalessaa guddichaatti ce’uuf bu'uura amansiisaa lafa kaa’eera. Yeroo ammaas yaa'ii seena-qabeessa kana gaggeessuuf hojiileen qophii bal'inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan garaagarummaa ishee haala qaroominaan furuun biyya fooyya'aa ijaaruuf carraaqqii gochaa jirtu ifatti kan agarsiisudha. Pirezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee ENAtti akka ibsanitti; waldichi maree biyyaalessaa kana irratti hirmaattota adda baasuu irraa eegalee hojiiwwan gurguddoo hojjechaa tureera jedhani. Mareen biyyaalessaa ijaarsa sirna deemokiraasii fi guddina waligalaatiif murteessaa ta'uu eeranii, ajandaawwan hirmaannaa wal-qixxummaa dubartootaa mirkaneessan dabarsanii kennuu isaanii dubbataniiru. Yaa'ii maree guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamu irratti miira abbummaatiin mari'achuuf hojii qophii duraa hojjechaa jiras jedhaniiru. Gama biraatiin, Walitti-qabduun Waldaa Dubartoota kutaa magaalaa Boolee aadde Masarat Sorsaa, adeemsi maree biyyaalessaa hanga amma qabate walaba, ifaa fi hirmaachisaa ta'uu eeraniiru. Kanaanis lammiin hundi ajandaa kamiyyuu bilisummaan kaasaa akka turan yaadachiisaniiru. Jiraattuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi miseensa waldichaa kan ta'an aadde Sabilee Balaay gama isaaniitiin, adeemsi hanga ammaa hirmaannaa fi gumaacha dubartootaa gara fuulduraa kan agarsiise qofa osoo hin taane, hammataa kan ture ta'uu ibsaniiru. Pireezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee, milkaa'ina fi bu'aa-qabeessummaa maree biyyaalessaatiif qaamoleen dhimmamtootaa fi hawaasni hundi itti-gaafatamummaa dhuunfaa isaanii haala gaariin bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Dubartoota Finfinnee qindeessuun qooda isaanii kutannoon akka bahanis eeraniiru.
Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha
May 28, 2026 971
Caamsaa 20/2018 (ENA): Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha jedhan Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa wixinee ajandaawwan konfiraansii biyyaalessaa guddicha irratti qooda fudhattoota dhimmi ilaallatuuf dhiyaatan irratti marii galtee walitti qabuu gaggeessaa jira. Kanuma waliin Koomishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa adeemsi ajandaa walitti qabuu milkaa’aa ta’uu ibsuun, milkaa’ina adeemsa marii kanaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaa ta’uu eeraniiru. Adeemsa marii kanarratti qaamonni bakka bu’ummaan hirmaatan adeemsa ajandaa walitti qabuu, akkasumas haala kanaan adeemsi ajandaa qabuu naannolee hundaafi bulchiinsa magaalota lamaan keessatti raawwatamaa tureera. Adeemsi ajandaa walitti qabuu kun hirmaannaa dhaabbilee fi waldaalee, bakka bu’oota hawaasa godinaa, paartilee siyaasaa, diyaaspooraa, dhaabbilee mootummaa fi qooda fudhattoonni biroo haala karoorfameen milkaa’inaan raawwatamuusaa ibsaniiru. Itti dabaluunis, kunis Yaa’ii Marii Biyyaalessaa dhufuuf bu’uura kaa’eera jedhan. Adeemsi marii biyyaalessaa keessatti adeemsi ajandaa walitti qabuu marsaa xumuraa irra akka jirus Komishinarri Olaanaa beeksisaniiru. Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ergama guddaan hojjechaa kan jiru Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Komishinichi adeemsa ijaarsa ajandaa kutaalee biyyattii adda addaa fi kutaalee hawaasaa keessatti raawwatamaa turan ifatti xumuree, yeroo ammaa ajandaawwan ijoo Gumii Biyyaalessaa qooda fudhattoota adda addaatiif dhiyeessuun galteewwan dabalataa walitti qabuuf adeemsa irra jira. Marsaa haaraa amma adeemsifamaa jiru kana keessatti Komishinichi wixinee ajandaalee qopheessee qindeesse qooda fudhattoota hirmaataniif dhiyeessaa akka jiru akeekaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa ijaarsa galteewwan kana erga xumuree booda, yaada haaraa argate of keessatti hammatee, ajandaa Marii Biyyaalessaa isa dhumaa fi ijoo ni dhiheessa. Ajandaan qindaa’e kun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa, bakka bu’oonni guutuu biyyattii irraa dhufan irratti kan dhiyaatu ta’uu fi kan mari’atamu ta’uus akeekaniiru. Komishinichi ajandaawwan marii Yaa’ii Biyyaalessaaf qophaa’an wixineessuu fi argamuu irratti hojjechuu akka itti fufu beeksiseera. Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaattonni kuma afur ol Finfinneetti waan walga’aniif milkaa’ina isaaf deeggarsa hundaa barbaachisa jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jira
May 28, 2026 731
Caamsaa 20/2018(ENA): Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Hojmatilee adda addaa hojiirra oolchuun nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Hojmaatileen kunniin haala dizaayinii daandii mijeessuu, konkolaataa gahumsa qabuu fi daandii mijataa ta’e naannicha keessatti uumuufi kan gargaaru ta’uun ibsameera. Ejensichatti Daarektarri Daarektoreetii dhiheessii fi bobbii Geejjiba uummataa obbo Misbahuddin Abdulmaajid balaan tiraafikaa yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti haala yaaddessaarra jiraachuu ibsuun yeroo ammaa akka biyya keenyaatti balaan kun ulfaataa ta’uu ibsaniru. Akka Oromiyaatti Waggaatti, namootni kuma tokkoofi dhibba sadii ol balaa tiraafikaan lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amu kan manca’u ta’uu ibsaniirudha. Balaa tiraafikaa yeroo ammaa ga’aa jiru hir’isuuf hubannaan hawaasaaf maneen barnootaarratti, bakka afooshaalee adda addaa fi hawaasni hedduumminaan argamutti kennuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis balaa yeroo ammaa kana qaqqabaa jiruuf harki caalu dogongora konkolaachiftootaan kan uumamu ta’uu Ejensichi balaa tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaachiftootaarratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Gahumsa kana mirkaneesuuf dhaabbata Leenjii konkolaachiftootaa daree fi dirree keesatti kennamu kaameeraa hordoffii ‘CCTV’’n kallattiin hordoffii taassisaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis hanqina gahumsaa fi ragaa sobaa ammaan dura ture hanbisuusaa ibsaniiru. Ejensiin Geejiba Oromiyaa hojii bara 2018 hojjeteen rikaardii adabbii fi kaffaltii onlaayinii gochuun tuttuqqaarraa bilisa taasisuusaa bu’aan aragmuu dubbataniiru. Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti taarifni konkolaataa Kiiloomeetiraa fi sadarkaa wal fakkaatuun bahe hojiirra oolchuun Oro-tikkeettii hojiirra oolchuun tajaajila geejjibaa si’ataa fi ammayyaa’aa fi nageenyummaansaa mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu obbo Misbahuddin Abdulmaajid ibsaniiru. Dabalataanis rakkoo geejibaan wal qabatee mudatuuf hawaasni eeruu akka kennuuf sara bilbila bilisaa 8656 diriirsuun hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis eeruu uummanni kenneen konkolaattonni seera tiraafikaa cabsuun kuma 1 fi 57 ol adabamuu ibsuun, kana keessaa konkolaattota 97 sarara bobbiisaaniirraa guyyaa 15 hanga baatii tokkoo haquu danda’uu ibsaniiru. Ejensichi Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf mallattoolee adda addaa ,daandii cinaatti ibsaa tiraafikaa dhaabuu ,iddoowwan daandii rakkoo qaban ilaaluun qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun akka suphamu taasisaa jirachuus ibsaniiru. Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf qaamolee adda addaa waliin hojjechuun akka barbaachisu eeruun obbo Misbahiddin, Ejensiin Geejjiba Oromiyaas Dhaabbata Idil-Addunyaa “Bloomberg Philanthropies Initiative for Global Road Safety” waliin ta’uun nageenya tiraafikaa naannichaa mirkaneessuu fi hojmaata haarawaa hojiirra oolchuun hoojjechaa jiraachuu himaniiru. Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf hawaasnis gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.(EGO)irraa
Ayyaanni kun yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinudha - Hordoftoota amantaa Islaamaa Harar
May 27, 2026 1266
Caamsaa 19/2018 (ENA): Ayyaanni Iid al-Adaha (Arafaa) yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinu dha jedhan hordoftoonni amantaa islaamaa Harar. Naannoo Hararitti ayyaanni Iid al-Adahaa Istaadiyeemii Imaam Ahmad Harar keessatti kan kabajame yoo ta’u, pireesidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badirii, hooggantoonni olaanoo fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru. Hordoftoonni amantaa islaamaa ENA waliin turtii taasisan, ayyaanicha wal deeggaruun waan qaban warra rakkataniif qooduun akka kabajan ibsaniiru. Maawaardii Muhiyeddiin akka ibsitutti, ayyaana kana warra rakkatan gargaaruun ayyaaneffanna jetteetti. Keessumattuu namoota harka qalleeyyii naannoo isaanii gammachiisuun ayyaana kana waliin akka dabarsan dubbatteetti. Abdulaziz Abdiis akkasuma Iid al-Adahaa wal gargaaruun akkaataa barsiisa Islaamaatiin kabajna jedhaniiru. Akka dargaggeessi Abdulaziiz jedhutti, innii fi hiriyyoonni isaa daa'imman abbaa fi haadha hin qabne, maanguddootaa fi namoota naannoo sana jiran biroo nyaachisuu fi deeggaruun ayyaana kana dabarsuudhaaf akka jedhan dubbataniiru. Hordoftuu amantaa islaamaa kan biraa Mustariyaa Aadam akka jedhanitti, ayyaanni kun yeroo namni hundi waliin itti gammadu waan ta’eef maatii fi ollaa isaanii waliin gammachuudhaan akka dabarsan dubbataniiru. Dargaggoo Huseen Abdii akka jedhutti Iid al-Adahaa ayyaana waliif qooduun, akkasumas tokkummaa cimsuun kabajamudha; Namoota beela'an nyaachisuun, warra daaran daara baasuun, warra rakkatan gargaaruun ayyaana kana akka dabarsu dubbateera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Sirni galmee kaadastara qabiyyee lafaa magaalota Itiyoophiyaa dandeettii galii isaanii guddisuun bu'aa qabatamaa fidaa jira
May 29, 2026 841
Caamsaa 21/2018(ENA): Sirni galmee kaadastara qabiyyee lafaa magaalota Itiyoophiyaa dandeettii galii magaalotaa guddisuun bu'aa qabatamaa fidaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa obbo Fantaa Dajan ibsan. Magaalonnii dandeettii galii isaanii fayyadamuun liqii argachuu kan danda'an sirni itti diriirsamu hojjetamaa akka jirus ibsameera. De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uuraalee Misoomaa obbo Fantaa Dajan ENA’f akka ibsanitti, magaalonni oomisha biyyaalessaa waliigalaatiif qooda guddaa qabu. Magaalonni Itiyoophiyaa oomisha biyyaalessaa waliigalaa keessaa hanga dhibbeentaa 58 qooda gumaachaa akka jiran ibsaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti misooma koriidariin , qarqara lageenii fi dijiitaalaayizeeshinii irratti hojjetaman milkaa'oo ta'an, magaalota qaroomanii fi dandeettii qaban uumuu keessatti faayidaa guddaa gumaachaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin naannoo magaalaa ammayyaa uumuu, lammiileen tajaajila mootummaa ariifataa fi qulqullina qabu kan itti argatan haala mijeessaa akka jirus kaasaniiru. Tajaajilli Mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa fi dhaabbilee gara sirna dijitaalaatti ce'uun isaa haala mitataa fi si’ataaan uumamuusaa hubachiisaniiru. Keessattuu tajaajila wiirtuu tokkoon lammiileen tajaajiloota mootummaa karaa walitti dhufeenya qabuun qulqullinaa fi ariitiin akka argatan carraa uumeera. Qabiyyee lafa magaalotaa haqaan bulchuuf galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa biyyaalessaatti qabiyyee lafa magaalaa miiliyoona 6.6 keessaa dhibbeentaan 33 waggoottan sadan darban keessatti galmaa'uu isaa eeranii, sirna kaadastaraatiin lafa bulchuun bal'inaan hojjetamaa jira jedhaniiru. Fakkeenyaaf, Magaalaa Adaamaa dabalatee magaalonni biroon galmee lafaa xumuruu isaanii ibsaniiru. Hojiiwwan qabeenyaa fi dandeettii galii magaalotaa guddisuuf hojjetaman bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis, amma irratti galiin magaalotaa waggoota afur dura birrii biiliyoona 10 ture irraa gara birrii biiliyoona 80tti guddisuun danda'ameera. Kunis dandeettii magaalotaa kana galii walitti qabuu guddisuun, hammana galii isaanii irratti hundaa'uun sirni liqii itti argatan diriirsamaa akka jiru dubbataniiru.
Oomishtummaa Avokaadoo dabaluun fayyadamummaa damee kanaan argamu fooyyessuuf hojjetamaa jira
May 29, 2026 344
Caamsaa 21/2018(ENA): Oomishtummaa avokaadoo dabaluun fayyadamummaa damee kanaan argamu fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu De’eetaan Ministiraa Qonnaa obbo Dassaalanyi Tashaalee beeksisan. Qopheessummaa Ministeera Qonnaatiin Sagantaa Misooma Avokaadoo Biyyaalessaa irratti mareen qaamolee dhimmamtoota damee kanaa hirmaachise gaggeeffamaa jira. Marii kanarratti kan argaman De’eetaan Ministira Qonnaa obbo Dassaalanyi Tashaalee akka dubbatanitti, oomishni avokaadoo innisheetivoota qonnaa sadarkaa biyyaalessaatti xiyyeeffannoon addaa kennameef keessaa tokko yoo ta'u, oomishaafi oomishtummaa isaa dabaluuf hojiilee bal'aan hojjetamaa jiru. Sagantaan Misooma Avokaadoo Biyyaalessaa kun fedhii muduraa (fuduraalee) biyya keessatti dabalaa jiru guutuufi dandeettii sharafa alaa Itiyoophiyaa dabaluudhaaf murteessaa ta'u de’eetaan ministirichaa eeraniiru. Oomishni avokaadoo dhiyeessii nyaata madaalawaa, carraa hojii uumuutiif akkasumas faayidaawwan gara garaatiif qooda guddaa akka qabus ibsaniiru. De’eetaan Ministirichaa misooma avokaadoo sadarkaa biyyaalessaatti caalaatti babal'isuuf, oomishtummaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuufi argannoo sharafa alaa dabaluuf akkataa qooda fudhattoota damichaa, oomishitootaafi qaamaolee qoodha fudhattoota haala hirmaachiseen qindoominaan hojjechaa jira jedhaniiru. Haaluma kanaan, gosoota avokaadoo filatamoofi oomisha olaanaa kennan akkasumas dhukkuboota damdamachuu danda'an qotee bultootaaf raabsuun bu'aa olaanaa fidaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bultoota oomishtoota xixiqqoo ta'an kilaasteraan gurmeessuun, ittifayyadama kuusa bishaanii ammayyaafi leenjii teekinoolojii qonnaa fooyya'an kennuudhaan qulqullina oomishaa sadarkaa addunyaatti dorgomaa gochuuf sirni dandeessisu diriirfamaa jiraachuu eeraniiru. Kunis qonnaan bulaa kallattiin gabaa Addunyaa waliin walitti hidhuuf qooda guddaa qaba jedhan. Sagantaan biyyoolessaa kun jireenyaafi galii qotee bulaa jijjiiruu bira darbee, damee qonnaarraa galii sharafa alaa biyyattiin argattu sadarkaa olaanaan dabaluuf tarkaanfii tarsiimowaa bocamedha jedhaniiru.
Magaalaa Jimmaatti Dargaggoota carraan hojii mijateefii fayyadamummaan isaanii guddateera
May 28, 2026 1006
Caamsaa 20/2018(ENA): Magaalaa Jimmaatti dargaggoonni dameewwan hojii adda addaa irratti bobba'an of bira dabranii lammilee biroof carraa hojii uumuu isaanii ibsan. Magaalattiitti carraa hojii dargaggootaa bal'isuuf leenjiiwwan qonnaa, teeknoolojii fi daldalaa kennuudhaan, bakkeewwan hojii fi gurgurtaa dhiyeessuu, akkasumas hidhata gabaa uumuu kessatti bu'aawwan abdachiisaan galmaa’a jiru. Magaalattii keessatti dargaggoonni ENA’f yaada kennan Abdurahiim Naasir akka ibsetti; bulchiinsi magaalichaa carraa hojii isaaf mijeessetti fayyadamee maashinoota daabboo tolchan qulqullina qabaniin oomishee gabaaf dhiyeessaa jira. Maashinoonni kunniin meeshaalee daabboo tolchuuf alaa galfaman bakka bu'uudhaan sharafa alaa hanbisuu bira darbanii, anniisaa (humna) kan qusatan waan ta'aniif gabaa irratti filatamaa ta'uunsaa ibseera. Kuni ammoo galii isaa dabaluurra darbee, dargaggoota biroof carraa hojii uumuuf kan gargaare ta'uu eeraniiru. Haaluma walfakkaatuun, boorsaa ammayyaa fi bu'aalee gogaa oomishanii gabaaf dhiyeessaa kan jiran dargaggoota Darsoollinyi Shimallisii fi Habtaamuu Gaaddisaa ni caqasamu. Dargaggoonni kunniin akka ibsanitti, bu'aaleen gogaa isaan oomishan bifaaniis ta'ee qulqullinaan fedhii maamiltootaa kan guutan waan ta'aniif gabaa irratti dorgomaa ta'uu danda'aniiru. Hojii isaanii caalaatti bal'ifachuufis bulchiinsi magaalichaa liqii fi bakka hojii akka mijeesseef dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira Carraa hojii Uumuu fi Ogummaa obbo Abdulhamiid Nuuraddiin gama isaaniitiin akka ibsanitti, magaalattii keessatti carraa hojii dargaggootaa bal'isuuf sheedonni hojii fi gurgurtaa hedduun ijaaramaniiru. Kanaanis bara baajata kana keessatti dargaggoota waldaaleen kuma 3 ol jalatti hammatamanii gurmaa'an kumni 20 fi 160’f carraa hojii uumuuf karoorfamee, karoora kana caalatti raawwachuun dargaggoota kuma 28 fi 500 fayyadamoo gochuun danda'ameera. Milkaa'ina dargaggootaa caalaatti deeggaruuf dhiyeessiin leenjii fi liqii mijaahuu kan ibsan itti gaafatamaan kun bara baajata kanaatti hanga ammaatti tajaajilli liqii birrii biliyoona 1.5 dhiyaachuu isaa eeraniiru. Dargaggootaaf carraa hojii bal'isuufis sheedonni kanneen akka maashina bunaa falfalu, daabboo fi buddeena tolchuu, hojii gogaa fi mukaa, akkasumas oomishaalee bakka bu'oo biroo oomishuuf gargaaran kennamuu isaanii dabalanii ibsaniiru. Dargaggoonni hojiitti galan oomishaalee isaanii gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuu bira dabranii, oomishaalee alaa galaman biyya keessatti bakka bu'aa oomishuudhaan sharafa alaa biyyattii qusachuu danda'uu isaaniis obbo Abdulhamiid ibsaniiru.
Dhaamsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad:
May 27, 2026 1518
Ijaarsi hidha jallisii Aanaa Goomolee Godina Booranaatti karaa Pirojektoota Jallisii Finnaa Oromiyaatiin xumuramuun isaa jijjiirama qilleensaa keessatti bu’uuraalee bishaanii mirkaneessuu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsameera. Bu’uuraaleen misoomaa baay’ee barbaachisaa ta’e kun Dasee Gooraatti kuufama bishaanii olaanaa meetir kiyuubii miiliyoona 100 fi miiliyoona 90 ol qabachuu kan danda’u yoo ta’u, dhiyeessiin bishaanii amansiisaafi walitti fufiinsa qabu akka jiraatu taasisa. Kunis dhiyeessii bishaanii amanamaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessa. Kana malees, pirojektoonni kunneen lafa qonnaa hektaara kuma 14 fi 500 ol jallisiin misoomsuun, maatii tokkoon tokkoon isaanii kallattiin deeggaruun, oomisha nyaataa guddisuun, qabeenya bishaanii beeyladaaf gahaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii guddaa qabu. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 1102
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Appiin Mirkaneessa Qulqullina Omishaa Raawwii Daldala Itiyoophiyaa Fooyyessa – Dr. Kaasahun Goofee
May 21, 2026 2698
Caamsaa 13/2018 (ENA): Appiin mirkaneessa qulqullina oomishaa haaraan kun raawwii daldala Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahun Goofee. Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahun Goofee fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaa Dr. Masarat Baqqalaa sirna eebbaa appii qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessu irratti hirmaataniiru. Kanuma waliin Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Goofee qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama waggoota darban keessatti sirni daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun raawwii bu’a qabeessa ta’een qulqullina olaanaa akka argatu ibsaniiru. Appiin haaraan qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessuus tajaajilaafi qulqullina oomishaa raawwii fooyya’aa ta’een qajeelchuuf akka gargaaru himaniiru. Yeroo ammaa kana tajaajilli hedduun Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaatiin karaa dijitaalaa kennamaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis sirna daldala Itiyoophiyaa ammayyeessuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Appilikeeshiniin mirkaneessa qulqullina omishaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaan qopheesse daldala al-ergii fi galtee haalaan akka mijeessuus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 1914
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 1637
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 2334
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
May 16, 2026 3067
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera. Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera. Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera. Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti. Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti. Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti. Shaampiyoonichi boru xumurama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 2261
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 3024
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru
May 28, 2026 1382
Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani. Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru. Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru. Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifameera
May 28, 2026 765
Caamsaa 20/2018(ENA): Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiin biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksiseera. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti; erga sagantaan Asharaa Magariisaa ifoomee eegalee biqiltoonni faayidaa garaa garaa qaban dhaabamaniiru jedhani. Kunis, fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa qabatamaan mirkaneessuudhaan bu'aa argamsiisuu isaa eeranii, oomishaa fi omishtummaa midhaanii guddisuuf gumaacha olaanaa gochuu isaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiifis biqiltoonni misooma bosonaa fi faayidaa diinagdee qaban miliyoona 269.5 ta'an buufataalee biqiltootaa aanaalee hundaa keessatti qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru. Barana lafa hektaara kuma 45 fi 563 irratti hojiin biqiltuu dhaabuu akka gaggeeffamus himaniiru.
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 2628
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 1928
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 4786
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 5724
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.