Angafoota Oduu
Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo dinagdee Olaanaatti Guddisuu feeti-Ittaanaa Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang
Jun 26, 2025 82
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo Invastimantii fi dinagdee Olaanaatti Guddisuu akka feetu Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang dubbatan. Pireaidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee miseensota garee olaanaa Kooriyaa Kibbaa waajjirasaaniitti simatanii Haasofsiisaniiru. Marii taasifame ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang, aarsaa Itiyoophiyaan nageenya Kooriyaaf kaffalteef kabaja qaban pirezidaant Taayyeef Ibsuusaanii dubbataniiru.   Itti dabaluunis, Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaa waliin Dameelee Invastimantii fi misoomaatiin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu dubbataniiru. Kanaaf ammoo gama Itiyoophiyaatiin kutannoon akka jiru pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseerraa mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru. Garee Jilaa kana waajjirasaaniitti simatanii kan haasofsiisan pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen, Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka cehu Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu dubbataniiru.​​​​​​​   Invastimantiin Dureeyyiin Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa qaban akka cimu mootummaan deeggarsa barbaachisus nitaasisa. Gareen jila olaanaa miseensota mana maree Kooriyaa Kibbaa ofkeessaa qabu Itiyoophiyaa daawwachaa jira.
Godinichatti Hojiileen fayyadama hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru
Jun 26, 2025 49
Waxabajjii 19/2017 (TOI)- Godina Iluu Abbaa Booraatti Hojiileen fayyidaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruun ibsame. Sagantaan Pirojektoota garagaraa ijaarsisaanii xumurame 656 Boqonnaa lamaan tajaajilaaf banaa taasisuuf qophaa’e har’a eegalameera. Waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame dabalatee pirojektoonni garagaraa aanaa Mattuutti ijaaraan eebbifamanii tajaajilaeegalaniiru. Komishinariin komishinii Manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shafii Huseen saganticharratti akka jedhanitti, Pirojektooni kunneen fayyadama hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa nimirkaneessu. Pirojektoota ijaaramaa turan 656 keessaa walakkaan amma Waxabajjii 30/2017tti eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa Indaalkaachoo Tafariiti. Godinichatti waliigala pirojektoonni sagantaalee bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa, Sagantaalee fi Tajaajilaan birrii biiliyoona 2 tuqaa 3’n ijaaraman ganna kana eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru. Gamoon waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame bakka hojii mijataa uumuurra darbee tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuuf mijataa ta’uu himaniiru. Bulchaan aanaa Mattuu obbo Garramuu Birhaanuu gamasaaniin, jiddugalli gabaa Birrii Miiliyoona 70’n ijaaramee fi pirojektoonni garagaraa ganna kana eebbifamuusaanii dubbataniiru. Jiddugalli Gabaa jiddugalli gabaa ganda Burruusaatti ijaarame kun fayyadamummaa jiraataa naannawaa fi qonnaan bultootaaf carraa gaarii uumuusaa jiraataan aanichaa ganda Burruusaa obbo Garramuu Bazzaabihdha. Kanaan dura qonnaan bulaan oomishasaa kallattiin fayyadamtootaaf akkasumas qonnaan bulaaf dhiheessuu waan hindandeenyeef faddaaltota seeraan alaan saamamaa turuusaa kan kaasan ammoo jiraataa godinichaa obbo Kaamil Shifaati. Jiddugalli gabaa kun qonnaan bulaaf qofa osoo hintaane daldalaafis faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaarratti hirmaannaa dippilomaasii Dinagdee ishee cimsan tasifteetti
Jun 26, 2025 46
Waxabajjii 19/2017(TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taasifamerratti hirmaannaa dippilomaasii dinagdeeshee cimsan taasisuushee ministeerri dhimma alaa beeksise. Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 17ffaan Kaleessa xumurameera. Yaa’ichi Itiyoophiyaan dippilomaasii biizinasii riifoormii dinagdee mandhlee waliin walitti hidhate kan itti cimsite ta’uu Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaddar Zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru. Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti marii gamlamee milkaa’aa taasisuusaanii dubbataniiru. Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Joo Leereensoo, Gorsaa olaanaa Afriikaa Pirezidaantii Ameerikaa Maasaad Bolos fi hojii raawwachiisaa olaanaa kaawunsilii korporeetii Afriikaa Filoorii Liizer waliin mari’achuusaaniis eeraniiru. Marii kana cinaattis Pirezidaant Taayyee dabalatee karaa hojii rawwachiisaan Itiyoophiyaa invastimant hooldiingis Dr. Buruuk Taayyee, fi Komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Dr. hirmaachuun Ejjennoo Itiyoophiyaa ibsuun danda’ameera jedhaniiru. Waliigalteen Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis fi tumsa faayinaansii idil addunyaa Ameerikaa jidduutti malatteeffame carraaqiiwwan gurguddoo Itiyoophiyaan damee Turizimiin jalqabde caalaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Waliigaltichi Kaappitaala Invastimantii doolaara miiliyoona dhibba lama caalu qabachuu eeraniiru. Yaa’ii Kanaan dandiin hariiroo uumamuusaanii ambaasaaddarichi dabalanii dubbataniiru. Yaa’iin kun oomishaalee Itiyoophiyaaf gabaa sakatta’uuf, carraa hojii bal’isuu fi bakkeewwan turizimii sakatta’uun invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 10ffaa Qopheessuunshee niyaadatama.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo dinagdee Olaanaatti Guddisuu feeti-Ittaanaa Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang
Jun 26, 2025 82
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Kooriyaan Kibbaa michooma bara dheeraa Itiyoophiyaa waliin qabdu hariiroo Invastimantii fi dinagdee Olaanaatti Guddisuu akka feetu Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang dubbatan. Pireaidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee miseensota garee olaanaa Kooriyaa Kibbaa waajjirasaaniitti simatanii Haasofsiisaniiru. Marii taasifame ilaalchisuun TOI waliin turtii kan taasisan Ittaanaan Af-yaa’ii mana maree Kooriyaa Kibbaa Joo Hoo Yaang, aarsaa Itiyoophiyaan nageenya Kooriyaaf kaffalteef kabaja qaban pirezidaant Taayyeef Ibsuusaanii dubbataniiru.   Itti dabaluunis, Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaa waliin Dameelee Invastimantii fi misoomaatiin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu dubbataniiru. Kanaaf ammoo gama Itiyoophiyaatiin kutannoon akka jiru pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseerraa mirkaneeffachuusaanii dubbataniiru. Garee Jilaa kana waajjirasaaniitti simatanii kan haasofsiisan pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen, Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti akka cehu Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu dubbataniiru.​​​​​​​   Invastimantiin Dureeyyiin Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaa Keessaa qaban akka cimu mootummaan deeggarsa barbaachisus nitaasisa. Gareen jila olaanaa miseensota mana maree Kooriyaa Kibbaa ofkeessaa qabu Itiyoophiyaa daawwachaa jira.
Dhaabbieen amantaa dhimmoota ijoo Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee uumuuf ittigaafatama  oalaanaa qabu-Komishinicha
Jun 26, 2025 68
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Dhaabbieen amantaa dhimmoota Baay’ee ijoo ta’an Biyya Bu’ura cimaarra dhaaban irratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ittigaafatama oalaanaa akka qaban Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse. Komishinichi mata duree marii biyyaalessaa bu’uraaf qooda hayyoota amantaa” jedhuun Hayyoota amantaa garagaraa waliin Finfinneetti Mari’achaa jira. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Mahamud Diriir Baniisa Mariirratti Haasawa taasisaniin, dhaabbileen amantaa tokkummaa fi birmadummaan biyyaa akka kabajamu gumaacha olaanaa qabu. Komishinichi dhimmoota bu’uraarratti mari’atee waliigaltee uumuuf Ajandaa Marii hammataa ta’e adda bassee xumuraa akka jiru kaasaniiru. Itiyoophiyaan mariirra jirti kan jedhan komishinarichi, dhaabbileen amantaa fi hayyoonni biyyi akka ittifuftuu fi nageenya fulla’aaf qoodasaanii olaanaa akka bahan mariin kun carraa seenaqabeessa uumeera jedhaniiru. Abbootiin amantaa Garaagarummaa yaadaa fi waldhabdee mareen furuun murrteessaa ta’uu barsiisa guyyuu keessatti kaasaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo kaayyoo komishinichaa kan deeggaruu fi nageenya fulla’aa waan fiduuf komishinichi qooda dhaabbieen amantaa qaban hubachuun marii biyyaalessaarratti hirmaannaa ijoo akka taasisan taasifamuu ibsaniiru. Abbootiin amantaa dhageettii fi fudhatama hordoftootasaaniirraa qaban fayyadamuun waldhabdeen marii qofaan akka furamuu fi nagaan fulla’aa biyyi akka ittifuftu mirkaneessu fiduurratti waliin nihojjenna jedhaniiru. Dhaabbileen amantaa adeemsa ajandaa walitti qabuurratti hirmaachuusaanii yaadachiisaanii, sagantaa hirmaattota fo’achuu fi ajandaa walitti qabuu naannoo Tigraayitti adeemsifamurratti hirmaannaa akka taasisan gaafataniiru. Dhimmoota Biyyalessaa bu’uraarratti wliigaltee amma uumamuu fi furmaanni fulla’aan amma dhufutti dhaabbileen amantaa fi hayyoonni ittigfaatama dacha akka bahn waamicha dhiheessaniiru.
Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Hojjetamaniiru
Jun 25, 2025 153
Waxabajjii 18/2017(TOI)- Waggoottan Jijjiiramaatti Haalli Mijataa fi Hojiin Boonsaan Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Heddummina Keessatti Hojjetamuusaanii Hoogganaan Damee Hariiroo Idil Addunyaa fi Ummataa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa Ibsan. Leenjiin Hooggantoota Miidiyaa fii Komunikeeshinii Mata Duree “Bara dhugaan Boodaa Beekumsaa fi Dhugaan” Jedhuun Magaalaa Bahaar Daaritti Kennamaa Jira. Doktar Biqilaa Hurrisaa Leenjicharratti, Waggoottan Jijjiiramaa Toorba Darbanitti Hojiileen Bu’a Qabeessi Itiyoophiyaanota Walitti Fidan Hojjetamuusaaniiru. Kunneenis Tokkummaa Sabdaneessummaa, Walkabajaa fi Walgargaarsa Aadeffachuun Heddummina Keessatti Hala Mijataa fi Hojii Boonsaa Itiyoophiyaa Badhaadhinatti Ceesisan Ta’uusaanii Ibsaniiru. Aadaan Hojii Akka Guddatuu fi Biyyasaaniitti Hojjetanii Hortee Qabachuu Akka Danda’an Haalli Mijataa Uumamuusaa Himanii, Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa Milkaa’inaan Xumuramaa Jiruu fi Dhimmi Ulaa Galaanaa Ajandaa Taasifameera Jedhan. Bu’aa Argameef Dameen Miidiyaa fi Komunikeeshinii Qooda Guddaa Bahuusaa Eeranii, Dameen Kun Ammallee Haqa Baasuun Seenessa Waloo Uumuu fi Faayidaa Biyyaalessaa Kabachiisuuf ciminaan qoodasaa Bahuu Qaba Jechuun Hubachiisaniiru. Kaayyoon Leenjii Kanaas Injifannoo Argame Olaantummaa Yadaan Itti fufsiisuuf Hojiilee Beekumsa, Ogummaa fi Ilaalchaan Gabbatee fi Walsime hojjechuuf Kan Akka Ta’e Eeraniiru. Gareen Finxaalessaa Naannoo Amaaraatti Misooma, Guddinaa fi Badhaadhina Ummata Naannichaaf Kan Dhiphatu Akka Hintaane Qabatamaan Mirkanaa’eera Kan Jedhan Ammoo Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaayi. Tarkaanfii Seera Kabachiisuuf Fudhatameen Gocha Badii Garee Finxaaleyyii Maqsuun Nagaa Buusuun Hojiileen Misooma Ummata Fayyadan Raawwachuusaanii Ibsaniiru. Akkaataa Inisheetiivota Paartii Keenyaatiin Misooma Kooriidarii agaalaa Dabalatee Riqicha Abbayyaa fi Pirojektoota Gurguddoo Ijaaree Xumuruun Qabatamaan Agarsiisuu danda’eera Jedhaniiru. Pirojektiin Gorgoraa fi Bu’uraaleen Misoomaa Daandii Hojii Fayyadama Ummataa Guddisan Akka Ta’an Kaasaniiru. Hooggantoonni Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Naannichaarraa Walitti Dhufan Leenjii Har’aa Eegalee Guyyaa Sadiif Turu Kanarratti Hirmaachaa Akka Jiran Beekameera.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Tajaajila Olaanaan Afriikaarraa Tokkoffaa Bahuun Badhaafame
Jun 24, 2025 221
Waxabajjii 17/2017(TOI)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Tajaajila Olaanaan Afriikaarraa Tokkoffaa Bahuun Gamtaa Afriikaan Badhaafameera. Tiyoophiyaan Foramii Tajaajila Mootummaa fi Bulchiinsa Afriikaa 10ffaa Akkasumas Foramiin Riijinii Afriikaa Dhaabbata Mootummootaa I Waxabajjii 14 Bara 2017 Irraa Eegalee Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Galma Walgahii Gamtaa Afriikaatti Walcinaa Taa’amaa Ture milkaa’inaan Xumurteetti. Dhaabbilee Egzibiishinii Foramichaan Qophaa’erratti Tajaajila Mootummaa Qabatanii Dhihaatan Kessaa Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Isa Tokkodha. Komishinichi Teeknooloojii Yeroon Gaafatutti Fayyadamuun Akkasumas Tajaajila Si’ataa fi Olaanaa Kennuun Tokkoffaa Bahuun Gamtaa Afriikaarraa Badhaafameera. Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee Badhaasa Waancaa Kana Komishinar Jeneraalaa Poolisii Federaalaaf Dammallaash Gabramikaa’eliif Kennaniiru. Komishinar Jeneraaliin Poolisii Federaalaaf Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el Wayita Kana Akka Jedhanitti, Polisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Tajaajilasaa Ammayyeessuu fi Si’achiisuun Nageenya Lammiilee Haala Amansiisaan Eegaa Jira. Haala Kanaan Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Dorgommii Idil Addunyaa Emereetota Araba Gamtoomaniitti Tasifameen Appilikeeshinii Poolisii filatamaa Badhaafamuusaa Yaadachiisaniiru. Poolisiin Muuxannoo fi Dandeettii qabu Walgahii Tajaajilaa fi Bulchiinsa Mootummaa Afriikaa fi Foramii Riijinii Afriikaa Dh.M.G Gamtaa Afriikaa Irratti Afriikaanotaaf Qoodeera Jedhniiru Haala Kanaan Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Teeknooloojiin Deeggaramuun Ga’umsaan Gaggeessuu fi Tajaajila Olaanaatiin Tokkoffaa Bahee Waancaa Badhaafamuusaa Kaasaniiru. Badhaafnii fi Beekamtiin Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Hojiisaatiin Argate Fuulduraaf Tajaajila Fooyya’aa Kennuuf Kaka’umsa Kan Uumu Ta’uu Ibsaniiru. Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee Gamasaaniin, Biyyoonni Miseensa Gamtaa Afriikaa Dandeettii Tajaajila Mootummaan Dorgomanii Itiyoophiyaan Qophii Fooyyee Akka Qabdu Adda Baafamee Taatee Kana Akka QopheessituTaasifamuu Ibsaniiru. Dorgommiin Badhaasaa Kun Gamtaa Afriikaan Taasifamuu Ibsanii, Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Dhaabbata Teeknooloojiin Deeggaramee Ga’umsaa fi Gurmaa’inaan Gaggeeffamu Jedhmee Badhaasa Dorgommichaa Isa Guddicha Warqee Mo’ateera Jedhaniiru. Badhaasichi Poolisii Qofa Osoo Hintaane Itiyoophiyaan Kan Itti Mo’atte Ta’uu Ibsanii, Ijaaramuun Tajaajila Olaanaa Kennuun Kan Nama Boonsu Ta’uu Dubbataniiru.
Hidhattoonni Duraanii Kuma 61 Caalan Hawaasatti Makamaniiru-Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa
Jun 24, 2025 167
Waxabajjii 17/2017(TOI)-Yeroo Darbe Hidhattoonni Duraanii Kuma 61 Caalan Leenjii Haarmsaa Fudhatanii Hawaasatti Makamuu Isaanii Komishiniin Haaromsaa Biyyaalessaa Ibse. Komishinichi Mootumaa Swiidin Waliin Ta’uun Qooda Fudhattoota Naannolee Tigraayi, Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Beeniishaangul Gumuz Irraa Walitti Dhufaniif Finfinneetti Leenjii Leenjiftootaa Eegaleera. Lenjichi Hidhattoota Debisanii Dhaabuun, Intarpiruunarshiippii fi Hojii Uumuurratti Kan Xiyyeeffatu Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Akka Turus Eerameera. Wayita Kanatti Ergaa Kan Dabarsaan Komishinariin Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahun, Komishinichi Hidhattoota Duraanii Hawaasatti Makuuf Hojiilee Hedduu Hojjeteera Jedhan. Itti Aanaan Komishinaraa Komishinichaa fi Raayyaa Ittisaa Bakka Bu’uun Saganticha Qindeessaa Kan Jiran Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaa Gamasaaniin, Komishinichi Erga Hojii Eegalee Kaasee Hidhattoonni Duraanii kuma 61 Leenjii Akka Fudhatan Gochuun Hawaasatti Hawaasatti Akka Makaman Gochuusaa Eeraniiru. Qaamolee Hojii Kanarratti Hirmaachaa Jiranis Galateeffataniiru. Hidhattoota Duraanii Hawaasanni Makuu fi Dhaabuun Ijaarsa Nageenyaa Bu’a Qabeessa Gama Gochuutiin Qooda Guddaa Akka Qabaatu Eeraniiru. Komishinichi Hidhattoota Duraanii Hojii Dhaabbataa Uumanii Gara Oomishtummaatti Akka Deebi’an Hojjecha Akka Jiru Dubbataniiru. Leenjiin Har’a Jalqabame Carraa Hojii Uumuu fi Hidhattoota Jireenya Tasgabbaa’aa Akka Jiraatan Gumaacha Guddaa Akka Qabaatu Eeraniiru. Yeroo Dhufutti Hidhattoota duraanii Biroo Hawaasatti Makuu fi Deebisanii Dhaabuun Akka Ittifufu Ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Angoolaan tumsa gam-lamee cimsuuf akka hojjetan ibsan
Jun 24, 2025 139
Waxabajjii16/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Angoolaan hariiroo gam-lamee qaban guddisuu fi Afrikaan Shoora Addunyaarratti qabdu guddisuuf tumsa isaanii jabessuuf akka hojjetan pirezidantonni biyyoota lamaanii ibsan. Pirezidaantiin Rippaabilika Federalaa ItiyoophiyaaTaayyee AtseqaSillaasee Pirezidaantii Angoolaa fi durataa’aa gamtaa Afriikaa yeroo ammaa Joo Lorenso waliin marii’ataniiru. Mariin kun waltajjii daldalaa Afriikaa-Ameriikaa magaala guddoo Angoolaa Luwaandaaatti adeemsifamaa jiru cinaatti gaggeeffame. Hoggantoonni lameen hariiroo fi tumsa biyyoota lameeniin cimsuun haala danda’amurratti, marii’achuu isaanii Maricha Kan Hordofan Ministeera Dhimma Alaatti Daarekteerri Olaanaan Dhimma Afriikaa Ambaasaadder zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru. Keessummattuu, Hariiroo Cimsuuf gurmaa’insa dhaabbiilee uumuun barbaachisaa ta’uu tilmaama keessa galchuun Koreen Ministeerotaa waloon Kanaan dura biyyoota lameen giduutti hundeeffame saffisaan gara hojiitti akka galu hoggantoonni waliigalteerra ga’ameera jedhaniiru. kana hordofuun Ministiroonni gama lameen jiran qajeelfamni akka isaaniif kennamu marii’ataniiru. Hoggantoonni lameen dhimmoota Aardiirratti xiyyeeffannoo kennuun kessumattuu Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qooda qabdu haala guddisuun danda’amurratti marii’achuu isaanii ibsaniiru . Keessummattuu haaromsa dhaabbilee mana maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kan wal qabatu irratti marii’achuu fi Afriikaan rakkoolee har’a Addunyaa mudachaa jiraniif furmaata barbaaduu keessatti gahee adda durummaa akka qabaattuuf haala dandeessisan irratti marii’ataniiru. Dhumarratti Pirezidaant Taayyee AtsqaSillaasee Mootummaan Angoolaa Simannaa Jila Itiyoophiyaaf Taassiseef Pirezidaantii Angoolaa Joo Lorenso galateeffataniiru jechuun Galaalchaan TOI bakkicharraa gabaaseera.
Riifoormiin Tajaajila Mootummaa Ajanda 2063 fi Galmoota Misooma Egereen Kan Walsimedha
Jun 24, 2025 139
Waxabajjii 16/2017(TOI)- Riifoormiin Tajaajila Mootummaa Itiyoophiyaa Ajanda Gamtaa Afriikaa 2063 fi Galmoota Misooma Dhaabbata Mootummootaa Egereen Kan Walsimu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Ittaanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah Ibsan. Foramiin Bulchiinsii fi Tajaajilli Mootummoota Biyyoota Miseensa Gamtaa Afriikaa 10ffaa fi Riijinii Afriikaa Dh.M.G Mootummaan Itiyoophiyaan Waxabajjii 14 Bara 2017 Irraa Eegalee Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Cinaatti Keessummeessite Xumurameera. Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Ittaanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah Ergaa Sagantaa Xumuraarratti Dabarsaniin, Waltajjiin Kunneen Milkaa’oo Ta’uu Ibsaniiru. Dhaabbilee Haallen Addunyaa Jijjiiramaa deeman Damdamachuu fi Deebii Kennuu Danda’an Uumuu Barbaachisa Jedhaiiru. Kalaqoota Haaraa fi Moodaloota Kana Hubanoo Keessa Galchan Hojiirra Oolchuun Nibarbaachisa Jedhaniiru. Tajaajilli Mootummaa Rakkoolee Bara Dheeraaf Afriikaa Keessa Turan Furuuf Kan Dandeessisu Ta’uu Eeruun, Dandeettii Ogummaa, Hooggansaa fi Tumsaa Tajaajiltootaa Cehumsa Ardiif Murteessaa Ta’uu Kaasaniiru. Itiyoophiyaan Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf Riifoormiirra Akka Jirtu Eeranii, Kanaaf Ammoo Dhaabbata Masoob Ijaaruushee Ibsaniiru. Yaad-Rimeen Tajaajila Jiddugala Tokkoo Masob Tajaajila Si’ataa fi Ariifataa Kennuurraa Kan Madde Ta’uu Eeranii, Bu’aan Qabatamaan Irraa Argamaa Akka Jirus Dubbataniiru. Fageenyii fi Haalli Osoo Hindaandessiin Tajaajila Argachuuf Kasn Gargaaru Ta’uu Obbo Adam Himaniiru. Tajaajilli Mootummaa Itiyoophiyaa Hammataa Ta’uu Eeranii, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 fi Galmoota Misooma Egeree Dh.M.G Waliin Kan Walitti Hidhame Ta’uu Ibsaniiru. Hojmaatileen Dijitaalaayizeeshinii, Gabbisa Dandeettii fi Kalaqaan Deeggarame Fulla’insa Qabaachuu Akka Qabu Eeraniiru. Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee, Murteen Cimaan Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Furuun Tajaajila Si’ataa fi Haqa Qabeessa Kennuu Dandeessisu Yaa’ii Afriikaa Kanarratti Darneera Jedhaniiru. Yaa’ii Itti Aanus Itiyoophiyaan Akka Keessummeessitu Irra Deebiin Flatamuushee Ibsaniiru. Komishinii Gamtaa Afriikaatti Daarektarri Bulchiinsaa fiWalitti Bu’iinsa Ittisuu Peshensi Chiraadzaa Gamasaaniin, Walgahiin Lameen Walcinaatti Taasifaman Milkaa’inaan Xumuramuusaaf Ummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa Galateeffataniiru.

Hawaasummaa
Bulchiinsichatti Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaan kutaaleen hawaasaa kuma 447 ol fayyadamoo  ni ta’u
Jun 26, 2025 47
Waxabajjii 19/2017(TOI)-Bulchiinsa Saba Waaghimiraatti kutaalee hawaasaa kuma 447 ol fayyadamoo Tajaajila Tola Ooltummaa gannaa taassisuuf akka hojjetamu Qajeelchi Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Sabichaa beeksise. Qajeelcchitti hogganaan garee hammattoo dhimma dargaggoota, sosochii fi hirmaannaa Mulgeetaa Sukkaar TOI’f akka ibsanitti, waggoottan darban keessa Tajaajili tola ooltummaa bulchiinsa sab-lammiichaa keessatti babal’achaa dhufeera. Tajaajila tola ooltummaa gannaa bara Kanaan dargaggoonni kuma121 fi 648 hirmaachisuun kutaa hawaasaa kuma 447 fi 368 fayyadamoo gochuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis Dargaggootaa fi kutaa Hawaasaa Biroo Hirmaachisuun hojii misoomaa birrii miiliyoona 64tti tilmaamamu ni hojjetamu jedhaniiru. Hojii misoomaa Kanaan Manneen manguddootaa Ijaaruu, Barnoota keessa deebii kennuu, Ittisa Busaa, Suphaa Daandii, Arjooma Dhiigaa, Biqiltuu dhaabuu fi hojii misoomaa kana fakkaatan akka hojjetaman beeksisaniiru. Waldaa Dargaggoota Naannoo Amaaraatti bakka bu’aan Damee Waaghimiraa Dargaggoo Wandimmuu Gabragzaaber aka jedhetti, Miseensonni Waldichaa kuma 10 ol tajaajila tola ooltummaa Gannaarratti nihirmaatu. Miseensonni waldichaa damee tajaajila tola ooltummaa hundarratti dammaqinaan akka hirmaatan dursuun hojiin dadammaqinsaa hojjetamuu dubbataniiru. Jiraataanmagaalichaa dargaggoo Li’ulsaggad Mulaatuu Tajaajilli hojii tola oltummaa waltajjii deegarsa lammiif goonu qabatamaan kan itti agarsiisnu waan ta’eef cimsinee itti fufna jedheera. Akkasumas, Yeroo Boqonnaa Gannaa Tajaajila hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun hawaasa isaa fayyadamaa gochuuf qophaa’uu dubbateera. Odeeffannoon qajeelchichaa akka agarsiisuutti Bulchiinsa sablammii Waaghimiraatti tajaajila hojii tola ooltummaa gannaa bara 2016tiin dargaggoota kuma 118 hirmaachisuun hojiin misoomaa birrii miiliyoona 40 tti tilmaaman hojjetamaniiru.
Tajaajillii hojii Tola Ooltummaa biyyoolessaa gannaa Walooma Itiyoophiyaa cimsuurratti xiyyeefatte niraawwatama
Jun 25, 2025 135
Waxabajjii 18/2017(TOI)- Tajaajillii hojii Tola Ooltummaa biyyoolessaa gannaa Walooma Itiyoophiyaa cimsuurratti xiyyeefatte Akka raawwatamu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr.ErgoogeeTasfaayee beeksisan. Ministeerichi hojiilee qindoominaa tola ooltummaa Waqtii Gannaa bara 2017 ilaalchisee qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti marii gaggeesseera. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr.Ergoogee Tasfaayee Saganticha irratti akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa marsaa 4ffaa bara Kanaan lammiilee Miiliyoona 52 fayyadamoo taassisuuf karoorfameera. Sagantichaan tola ooltonni miiliyoona 31 guutuu biyyittiirraa tajaajila hojii adda addaa irratti akka hirmaatan ibsuun,‘’Tajaajilli Tola Ooltummaa Kun walooma Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffateetu raawwatama’’ jedhaniiru. Sagantaan tajaajila tola ooltummaa gannaa Mataduree ‘’ Tola ooltummaan Guddooma Itiyoophiyaaf’’ jedhuun hojiiwwaan walitti dhufeenya Hawaasummaa cimsaniin Dabaalamee Kan Raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa Sadarkaa Federaalaa irraa hanga Naannootti haala qindaa’een kan raawwatamu ta’uuu eeranii, duudhaalee biyyoolessaa dur turan guddisuun Nagaa fi tokkommaa biyyoolessaaf Xiyyeeffannoo Akka Kennu Dubbataniiru. Lakkoofsi lammiilee tola ooltotaa yeroo yerootti dabalaa dhufuu kan ibsan Ministirittiin,‘’ Ganna Kanas qindoomina dhaabbilee uumuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf mihojjetama ‘’ jedhaniiru. Ashaaraan Magariisaa, Dhiiga arjoomuun, Ijaarsi nageenya biyyaa, haaromsii fi suphaan mana harka qal’eeyyii fi barnoota keesa deebii, fayyaa fi kenneen biroon sagantichaan niraawwatamu jedhaniiru. Qooda fudhattoonnii federaalaa fi naannoolee hundaa, hoggantoonni hojii dhimmichi ilaallatu waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Diinagdee
Godinichatti Hojiileen fayyadama hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru
Jun 26, 2025 49
Waxabajjii 19/2017 (TOI)- Godina Iluu Abbaa Booraatti Hojiileen fayyidaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa gabbisan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiruun ibsame. Sagantaan Pirojektoota garagaraa ijaarsisaanii xumurame 656 Boqonnaa lamaan tajaajilaaf banaa taasisuuf qophaa’e har’a eegalameera. Waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame dabalatee pirojektoonni garagaraa aanaa Mattuutti ijaaraan eebbifamanii tajaajilaeegalaniiru. Komishinariin komishinii Manneen sirreessaa naannoo Oromiyaa Shafii Huseen saganticharratti akka jedhanitti, Pirojektooni kunneen fayyadama hawaasummaa fi dinagdee hawaasaa nimirkaneessu. Pirojektoota ijaaramaa turan 656 keessaa walakkaan amma Waxabajjii 30/2017tti eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan kan ibsan ammoo bulchaa godina Iluu Abbaa Booraa Indaalkaachoo Tafariiti. Godinichatti waliigala pirojektoonni sagantaalee bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa, Sagantaalee fi Tajaajilaan birrii biiliyoona 2 tuqaa 3’n ijaaraman ganna kana eebbifamanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru. Gamoon waajjira maallaqaa godina Iluu Abbaa Booraa birrii miiliyoona 314’n ijaarame bakka hojii mijataa uumuurra darbee tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuuf mijataa ta’uu himaniiru. Bulchaan aanaa Mattuu obbo Garramuu Birhaanuu gamasaaniin, jiddugalli gabaa Birrii Miiliyoona 70’n ijaaramee fi pirojektoonni garagaraa ganna kana eebbifamuusaanii dubbataniiru. Jiddugalli Gabaa jiddugalli gabaa ganda Burruusaatti ijaarame kun fayyadamummaa jiraataa naannawaa fi qonnaan bultootaaf carraa gaarii uumuusaa jiraataan aanichaa ganda Burruusaa obbo Garramuu Bazzaabihdha. Kanaan dura qonnaan bulaan oomishasaa kallattiin fayyadamtootaaf akkasumas qonnaan bulaaf dhiheessuu waan hindandeenyeef faddaaltota seeraan alaan saamamaa turuusaa kan kaasan ammoo jiraataa godinichaa obbo Kaamil Shifaati. Jiddugalli gabaa kun qonnaan bulaaf qofa osoo hintaane daldalaafis faayidaa guddaa akka qabu himaniiru.
Itiyoophiyaan Yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaarratti hirmaannaa dippilomaasii Dinagdee ishee cimsan tasifteetti
Jun 26, 2025 46
Waxabajjii 19/2017(TOI)-Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa Angoolaa Luwaandaatti Taasifamerratti hirmaannaa dippilomaasii dinagdeeshee cimsan taasisuushee ministeerri dhimma alaa beeksise. Yaa’iin Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 17ffaan Kaleessa xumurameera. Yaa’ichi Itiyoophiyaan dippilomaasii biizinasii riifoormii dinagdee mandhlee waliin walitti hidhate kan itti cimsite ta’uu Ministeera dhimma alaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaddar Zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru. Pirezidaantii RDFI Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti marii gamlamee milkaa’aa taasisuusaanii dubbataniiru. Pirezidaantii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Joo Leereensoo, Gorsaa olaanaa Afriikaa Pirezidaantii Ameerikaa Maasaad Bolos fi hojii raawwachiisaa olaanaa kaawunsilii korporeetii Afriikaa Filoorii Liizer waliin mari’achuusaaniis eeraniiru. Marii kana cinaattis Pirezidaant Taayyee dabalatee karaa hojii rawwachiisaan Itiyoophiyaa invastimant hooldiingis Dr. Buruuk Taayyee, fi Komishinarii komishinii invastimantii Itiyoophiyaa Dr. hirmaachuun Ejjennoo Itiyoophiyaa ibsuun danda’ameera jedhaniiru. Waliigalteen Itiyoophiyaa Invastimant Hooldiingis fi tumsa faayinaansii idil addunyaa Ameerikaa jidduutti malatteeffame carraaqiiwwan gurguddoo Itiyoophiyaan damee Turizimiin jalqabde caalaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Waliigaltichi Kaappitaala Invastimantii doolaara miiliyoona dhibba lama caalu qabachuu eeraniiru. Yaa’ii Kanaan dandiin hariiroo uumamuusaanii ambaasaaddarichi dabalanii dubbataniiru. Yaa’iin kun oomishaalee Itiyoophiyaaf gabaa sakatta’uuf, carraa hojii bal’isuu fi bakkeewwan turizimii sakatta’uun invastimantii kallattii alaa hawachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii Biizinasii Afriikaa Ameerikaa 10ffaa Qopheessuunshee niyaadatama.
Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’ameera
Jun 26, 2025 32
Waxabajjii 19/2017(TOI)- Godinichatti Inisheetiivii Miaooma Dammaa Hojeessuun fi hubannoo qonnaan bulaa guddisuun fayyadamummaa Damicharraa Argamu Guddisuun Danda’amuu Waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira qonnaa godinichaa Tarrafaa Araarsoo TOI’tti akka himanitti baatii kudhan keessatti godinichatti oomisha dammaa guddaa argachuuf karoorfamee hojjetamaa tureera. Haala Kanaan Inisheetiivii misooma dammaa hojeessuurra darbee hubannnoo qonnaan bultootaa guddisuun oomishtummaa fi fayyadamummaa hirmaattota misoomichaa guddisuun danda’amuu dubbataniiru. Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni gareen gurmaa’anii kanniisa horiisaa jiraniif gaagurru ammayyaa kuma 46 caalu qoodamuu eeranii, bu’aan gaariin argameeras jedhan. Qonnaan bultoonnii fi dargaggoonni kuma 24 caalan hirmaachuusaanii dubbataniiru. Kanneen keessaa qonnaan bulaan aanaa Walmaraa Geetaachoo Daandanaa akka jedhanitti, gaagura ammayyaa shan argataniin kanniisa horiisanii fayyadamaa jiru. Bara kana gaagura qaban 22n gahuun damma gaagura aadaa tokkorraa kiiloo 5 argachaa turan gaagura ammayyaa tokkorraa kiiloo 12 argachuusaanii ibsaniiru. Baranas gaagura ammayyaa 22 fi gaagura aadaa tokkorraa damma kiiloo 269 argachuusaanii fi hojii kana babal’isuuf akka isaan kakaase dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Amboo obbo Waldasamaayaat Lataa gamasaaniin kanniisa kan horsiisan hojii qonna idileen cinaatti waan ta’eef galii asirraa argataniin jireenyisaanii fooyya’aa jiraachuu eeraniiru. Gaagura ammayyaa, cehumsaa fi aadaa qaban irraa waggaatti al lama damma baasuun gabaaf dhiheessuu ibsanii, fuulduratti baay’inaan oomishuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessiteetti-GamtaaTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa
Jun 26, 2025 55
Waxabajjii 18/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yeroo Gabaabaa KeessattiTiraanisfoormeeshinii Dijitaalaan Jijjiirama Guddaa Galmeessisuushee GamtaanTelekomunikeeshinii Idil Addunyaa Beeksise. Daarektarri Riijinii Afriikaa Gamtaan Telekomunikeeshinii Idil Addunyaa (ITU) Imaanu’eel Manasee Itiyoophiyaan Tarsiimoo Dijitaalaa Bocuun fi Hojiirra Oolchuun Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Fiduuf Hojiin Hojjechaa Jirtu Kan Raajeffamu Ta’uu Turtii TOI waliin Taasisaniin Ibsaniiru. Walitti Hidhamiinsi Idil Addunyaa fi Tiraanisfoormeeshiniin Dijitaalaa Galma Tarsiimawaa Gamtichaati Kan Jedhan Daarektarichi Itiyoophiyaan Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Irratti Jijjiirama Olaanaa Fiduushee Himaniiru. Gamtichi Ajandaa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa Itiyoophiyaa Bocuu fi Deeggarsa Taasisuusaa Dubbataniiru. Itiyoophiyaan Dirree Dijitaalaa Bal’isuun Hojii Dinqisiisaa Hojjechuushee Ibsaniiru. Waggoota sadii Keessatti Sababa Tajaajiloota Dijitaalaatiin Baay’ina Lakkoofsa Fayyadamtoota Teelee Birrii Yeroo Gabaabaatti Miiliyoona 50 Oliin Gahuun Milkaa’ina Guddaadha Jedhan. Carraa Itiyoophiyaa Fuulduraa Tiraanisfoormeeshinii Dijitaalaa fi Innoveeshinii Keessatti Argaa Jirra Jedhaniiru. Inisheetiiviin Koodarsii Miiliyoona Shanii Itiyoophiyaan Misooma Dijitaalaaf Xiyyeeffnnoo Kennite Ifattia Akka Mul’isu Ibsaniiru. Gamtaan Telekoomii Idil Addunyaa A.L.A Bara 1865 Kan Hundeeffame Ejensii Addaa Dhaabbat Mootummoota Gamtoomanii Isa Hanfafadha. Teessoon Gamtichaa Siwiizarlaand Jenevaa Yoo Ta’u Teekiniiloojiiwwan Odeeffanoo fi Komunikeeshiniin Walqabatan Nihojjeta. Dhaabbanni Idi Addunyaa Kun Itiyoophiyaa Dabalatee Miseensa Biyyoota 194 Qaba.
Hojiiwwan kalaqaa rakkoo Furan yaadama biyyaa “Kalaquu fi saffisuu ’’ Jedhu galman ga’uuf  gumaacha olaanaa bahaa jiru
Jun 19, 2025 204
Waxabajjii 12/2017(TOI)-Hojiiwwan kalaqaa rakkoo furan yaadama biyyaa ‘‘Kalaquu fi saffisuu’’ galman ga’uuf gumaacha olaanaa bahaa jiraachuu Itti aanaan Kantiibaa Magaala Finfinnee fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Obbo Jaanxirar Abbay ibsan. Sagantaan Xumuraan Dorgommiin daldala kalaqaa Mata duree “kalaqni yaadaa ifa booruuf’’ jedhuun gaggeeffamaa jiru injifannoo yaadannoo Adawaatti raawwatamaa jira. Itti aanaan Kantiibaa fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma Industirii Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxirar Abbay ergaa saganticha irratti dabarsaniin akka jedhanitti, Dorgommii Yaada Kalaqa Daldalaa Marsaa Sadiin Finfinneetti Gaggeeffameen Bu’aan Onnachiisaan Galmaa’eera. Dorgaommichi dargaggoonni hojii uumuu, dorgomaa fi sochii Dinagdee biyyittii keessatti hirmaannaa olaanaa gochuurra darbee dandeettii teekinooloojii qaban baasuuf carraa uumeera jedhaniiru. Dargaggoonni kalaqaa yaadaa rakkoo furan maddisiisan itti fufinsaan hojiirra oolchuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessummaa hojiiwwan kalaqaa Misooman Biyyarra darbuun Fudhatama Idil Addunyaa akka qabaataniif hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Mootummaan yeroo yerootti qulqullinasaanii, nageenyasaanii fi rakkoo kan furan ta’uusaanii kan mirkanaa’anii fi filataman hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Dorgomiin kalaqa yaadaa agarsiistuu tokko ta’uu dubbachuun kunis yaadama biyyaa ‘’kalaquu fi saffisuu’ jedhu galmaan ga’uuf qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hogganaan biiroo hojii fi ogummaa obbo Xiraatuu Bayyanaa gamasaaniin, hojiin kalaqa dargaggootaa haala jireenya lammiilee fooyyesuuf qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Itti Aanaan Kantiibaa kun dorgommiin bu’aa kalaqaa dhaloonni biyya ceessisan uumamaa jiru jedhanii, dorgommii yaada kalaqaan bakka bu’aawwan kalaqaa barbaachisoo ta’an kan itti ifa bahan ta’uu beeksisaniiru. Kalaqxoonni dorgommicha irratti hirmaatan dhiheessii faayinaansii fi walitti hidhamiinsa gabaa kan uumamuuf ta’uu mirkaneessaniiru. Dargagoonni 145 Dorgommicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa 15 Finfinnee Bakka Bu’uun Sadarkaa Fedraalaatti dorgommii wal fakkaatu irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Dorgommii goggeeffamaa jiru Kanaan dorgmtoonni filatamoo shan akka badhaafaman ibsaniiru
Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jira
May 29, 2025 450
Caamsaa 21/2017(TOI)-Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Teeknooloojii Ammayyaa fi Humna Namaa Ga’oometti Gargaaramuun Tajaajila Balallii Si’ataa fi Amansiisaa Kennaa Jiraachuu Beeksise. Nageenya Geejjiba Qilleensaa Amansiisaa gochuun, Hojmaata Ammayyaa fi Si’ataa gama Diriirsuutiin hojii Hojjetamaa Jiru Ilaalchisuun TOIn sochii Hojii Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Ilaaleera. Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itiyoophiyaatti hojii Rawwachiisaan hariiroo Ummataa fi Komunikeeshinii Indaalee Asaffaa, Industiriin Aviyeeshinii Caalaatti Giddachaa fi Ammayyaa.aa Ta’uusaa Ibsaniiru.. Waan Ta;eef Teeknooloojii fi Humna Namaa Ga’oome Kan yeroo waliin deemu Barbaachisaa Ta’uu Kaasanii, Gama Kanaan Siviil Aviyeeshiniin Itiyoophiyaa haala Gaariirra Jira Jedhaniiru. Maanajimantii Tiraafikii Qilleensaa, To’annoo Aviyeeshinii fi Damee Geejjiba Qilleesaan Hojmaattota Ammayyaa fi tajaajiloonni Si’ataan Jiraachuu Kaasaniiru. Leenjii Ogummaa Ilaalchisee Biyyoota Afriikaa Biroofis Leenjii Akka Kennu Ibsaniiru. Eeggataan Itti Gaafatamaa Siviil Aviyeeshinii Jiddugaleessa Bahaa Dirree Dawaa Obbo Tewoodiroos Kibabawu, Nageenyi Balallii Qilleensaa Yoomiyyuu Karaa Amansiisaa Ta’een Eegamaa Jiraachuu Ibsaniiru. Siviil Aviyeeshinii Jiddugala Bahaa Dirree Dawaatti Teekinishaaniin Mahaandisummaa To’ataa Balallii Heenook Mikaa’el, Gamasaaniin, Hojiin To’annaa Haala Amansiisaa Ta’een Gaggeeffamaa Akka Jiru Dubbataniiru. Nageenyi Balallii Qillensaa mijataa Akka Ta’u Damee Hariiroo Komunikeeshiniin Sa’aatii 24 Hojjetamaa Jiraachuu Kan Ibsite Ammoo Masarat Taakkalaati. Ogeessa Dame Kanaa Kan Ta’an Masarat Taakkalaa fi To’ataan Tiraafika Qilleensaa Aproochii Geetuu Nuurm, Nageenya Balalliif xiyyeeffannoo fi Ofeeggannoo Addaatiin tajaajilaa Jiraachuusaanii Dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ashaaraan Magariisaa Furmaatilee Qabatamaa Jijjiirama Haala Qilleensaaf Kutannoo Itiyoophiyaan Qabdu Kan Agarsiisudha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 16, 2025 245
Waxabajjii 09/2017(TOI)-Ashaaraan Magariisaa Itiyoophiyaan Jijjiirama Haala Qilleensaaf Kutannoo Olaanaa Furmaatilee Qabatamaa Qabdu Kan Agarsiisu Ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan. Ministirri Muummee Ergaa Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Isaniirratti Barreessaniin, Dachee Dur-Durii Kan Taate Itiyoophiyaan Gamtaa Afriikaa Waliin Ta’uun Yaa’ii Jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Lammaffaa Akka Keessummeessitu Ibsaniiru. Yaa’iin Qaam’ee 3-5 Bara 2017tti Gaggeeffamu kun Yaadama “Mariileen Dhimma Magariisaa Tarkaanfiiwwan Magariisa Bu’uureffatan” Irratti Xiyyeeffate Kun Tarsiimoo jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Deeggaruuf Furmaatileen Ijoo Uumama Irratti Hundeeffaman Akka Dhihaatan Dubbataniiru. Tarsiimichi Afriikaan Deebitee Magariisaan Akka Guutamtuu fi Tumsa Afriikaa Cimsuurratti Akka Xiyyeeffate Ibsaniiru. Qophiin Ashaaraa Magariisaa Baranaaf Taasifamaa Jiru Kutannoo Cimaa Itiyoophiyaan Furmaatilee Qabatamaa Ta’aniif Qabdu Agarsiisa Jedhaniiru. Ergaan Kun Ifa Kan Jedhan Ministirri Muummee Ummamarratti Qabeenya Invast Gochuun, Rakkoolee Furuuf Furmaatilee Bu’a Qabeessa Kalaqa Ofkeessaa Qaban Bal’isuu fi Uumamni Lafaa Dinagdee Kan Warraaqsu Akka Ta’u Gochuun Akka Barbaachisu Hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Hirmaattota Yaa’ii Jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Simachuuf Qophoofteetti Jechuun Ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwaan Faayidaa hedduu qabanii fi dhaabbi haala ikooloojii bu’uura godhateen gaggeessuuf Qophiin taassifameera
Jun 14, 2025 220
Waxabajjii 07/2017 (TOI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qabanii fi haala Ikooloojii bu’uureffateen dhaabuuf qophiin taassifamuun ibsame. Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Eegumsa Misooma Qabeenya Uumama fi itti fayyadamaa Faanosee Mokonnin TOI waliin Gaaf-deebii taassisaniin, sagantaa Ashaaraa Magariisaa ganna kanaaf qophii taassifameera Jedhan. Qophiin biqiltuu biliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuu dandeessisu raawwatamuu ibsuun, biqiltuuwwan Mandhaalee fi faayidaa heduu qabaniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu haala ikooloojii bu’uura godhateen akka ta’e ibsuun, kanaafis hojiiwwan barbaachisoon raawwatamuu kaasaniiru. Sagantaa Ashaaraa magarisaa waggoottan darbaniin bu’aawwan hedduun argamuu kan ibsan gaggeessaan olaanaa, kunis yeroo ammaa wabii nyaataa mirkaneessuuf hirmaannaa taassifamuuf gahee guddaa qabaachuu fi carraa hojii uumuu danda’uu dubbataniiru. Daarekteerri olaanaan jiddugala biqiltuu Gullallee Injiinar Guutamaa Morodaa gama isaaniin akka ibsanitti, Magaalaa Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taassisuuf uwwisa naannoo magariisaa guddisuun murteessaa dha jedhaniiru. Kunis faalama Qilleensaa Ittisuuf qooda guddaa qabaachuu kaasuun, biqiltuuwwan Mandhaaleen filatamaa ta’uu dubbataniiru. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaaf giddugalichatti qophaa’an dhibbentaa 50 kan ta’an biqiltuuwwan Mandhaaleedha jedhaniiru.
Magaalaan Shaggar  bakka jireenya qofa osoo hin ta’iin Magaalaa Omishaa akka taatu  hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira-Dr.Tashoomee Adduunyaa 
Jun 12, 2025 223
Waxabajjii 05/2017(TOI)-Magaalaan Shaggar bakka jireenya qofa osoo hin ta’iin Magaalaa Omishaa akka taatu hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr.Tashoomaa Addunyaa dubbatan. Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti sagantaan eegalchiisa dhaabbii biqiltuu Appilii bakka hoggantoonni Bulchinsa Magaalichaa, miseensonni raayyaa Ittisa biyyaa fi jiraattonni naannichaa argamanitti gaggeeffameera. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa Sirna eegalchiisa irratti Akka Jedhanitti, Magaalaan Shaggar erga Hundeeffamtee eegalee hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa guddisan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru . Magaalittiin bakka jireenyaa qofaa osoo hin ta’iin giddugala Omishaa akka taatuuf hojii hedduun hojjetamuu dubbataniiru. Magaalittii giddugala Qonna ammayyaa gochuuf waggoottan darban sheediiwwan omishaa kuma 10 ol ta’an ijaaramanii namoota hedduuf carraan hojii uumamuu ibsaniiru. Sheedota kana keessaatti hojii Misooma Lukkuu, Misooma Saa’a Aannanii, Furdisa beellada foonii fi misooma kuduraa fi muduraan Hojjetamaa jira jedhaniiru. Ganna dhufu bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 1 irratti biqiltuun Avookaadoo fi Appilii akka dhaabamu ibsuun, guyyaa hara’aa Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti lafa hektaara 38 irratti biqiltuun appilii dhaabbachuu dubbataniru . Itti Aanaan Kantiiba Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Qindeessaan Kilaastera Qonnaa Obbo Girmaa Hayiluu, Bulchiinsa Magaalichaatti Misooma muduraa fi kuduraaf Xiyyeeffannoon addaa kennamuu ibsaniiru . Ganna kana wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaranii fi gabaa alaatiif kan oolan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban nidhaabbamu jedhaniiru. Biqiltuuwwan Dhaabaman Keessaa Kuduraa fi Muduraa Dhaabaman Keessaa Dhibbantaan 50 ol Biqiltuu Appilii Ta’uu Dabalanii Ibsaniiru. Hogganaan paartii badhaadhinaa Waajjira damee kutaa magaalaa Mana Abbichuu obbo Fiqaaduu Hordofaa gamasaaniin, ganna kana biqiltuuwwan faayidaa heduu qaban dhaabuuf qophii barbaachisaa taassisuu dubbataniiru. Kutaa magaalichaatti lafa hektaara kuma 50 irratti dhaabbiin biqiltuu Appilii eegalamuu ibsuun, qonnaan bulaa naannichaa muuxannoo gaarii kana fudhatee biqituu dhaabbate akka kunuunsu hubachiisaniiru. Jiraattota Naannawichaa biqiltuu dhaabuu irratti hirmaatan keessaa obbo Masfin Malaakuu, ganna kana biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru. Faayidaan biqiltuu appilii guddaa ta’uu hubachuun Hirmaannaa Taasisuusaanii Dubbatanii, misoomni muduraa fi kuduraa naannawichatti cimuu qaba jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 11458
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015