Diinagdee
Oromiyaatti ji'oota salgan daraban pirojeektoonni Invastimatii kuma 3 ta'an gara hojiitti galaniiru.
Apr 30, 2024 39
Ebala 22/2016(TOI) - Naannoo Oromiyaatti ji'oota salgan daraban pirojeektoonni Invastimatii kuma 3'tti dhihaatan gara hojiitti galuu Biiroon Indastirii fi Invastimantii naannichaa beeksise . Hogganaan Biirichaa obbo Ahimad Indirisi TOI'tti akka himanitti; ji'oota salagan darban naannichatti hojiin hoii invastimatii naannichaa si'eesuu danda'an hedduun hojjetamaniiru. Kanaanis pirojeektoonni invastimantii kuma 2 fi 945 gara hojiitti galuu himaniiru. Pirojeektonni kunis bal'inaan damee indastirii, qonna fi tajaajilaa irratti ta'uu himaniiru. Pirojeektonni kunneen lammilee kuma 225'f carra hojii uumuus hogganichi himaniiru. Dureeyyoota gara hojii invastimatiitti galaniif rakkoo dhiheesii lafa dabalataa, faayinaansii fi dhiheesii annisaa furuuf tattaffiin taasifamaa jiras jedhaniiru. Haaluma kanaan lafa heekataara kuma 44 hojii babal'ina invastimatiif dureeyyoota haara gara hojii invastimatiitti galanii fi kanneen manufakcharinigiirratti bobba'aniif dabarfamee kennamuu eeraniiru. Dabalataan Biirichi kaappitaala birrii biliyoona 144 kan galmeessaan dureeyyoota haaraa 3500 simachuun dhimmi isaanii boordii invastimantiif dhiheesuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Inavstimatiiwwaan haaraa keessaa 745 kan ta'an damee indastirii manufakcharinigii irratti bobba'uuf fedhii kan qaban ta'uu dubbataniiru. Pirojeektoonni invastimatii kunneen guutummaatti yeroo hojiitti galan lammilee kuma 500 ta'aniif carraa hojii uumuu kan danda'anidha jedhaniiru.
Oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaadha
Apr 30, 2024 36
Ebla 22/2016(TOI) - Itoophiyaatti oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaa ta'uu Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee beeksisan. Ministirri Qonnaan faayinaansii qonnaa ilaalchisuun hoggantoota fi ogeeyyoota dhaabbilee faayinaansii waliinFinfinneetti mari'achaa jira. Waltajjii marichaarratti kan argaman ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee dhiheesiin faayinaansii fi qaqqabamummaa qonnaa fi misooma baadiyaa babbal'isuun dhimmaa ijoodha jedhaniiru. Kanaaf damee hojii qonnaaf dhiheessii liqaa mijeesuu fi caalaatti fooyya'uu akka qabu eeranii; kana keessaatti dhaabbileen faayinaansii gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii akkuma bittaa fi dhiheesii xaa'oof liqaa dhiheessaan qonnaan bulaaf kallattin liqaa dhiheesuu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Qonnaan bulaan qabeenya isaa socho'uu qabsiisuun liqaa akka argatu qajeelfamni baaknkiin biyyaalessaa baase karaa sirriin hojiirra ooluu akka qabu dubbataniiru. Qonnaan bulaan mirga lafa fayyadamuu qabuun wabiidhaaf fayyadamee liqaa argachuu qajeelfamni dandeesisu yeroo dhihootti murtaa'ee gara hojiitti ni gala jedhaniiru. Gama biraan inshuraansiin damee qonnaaf kennamuu naannawwaa tokko tokkootti sadarkaa yaalirra jiraachuu eeranii; gara fuula duraatti guutummaatti hojiitti kan galuu ta'uu himaniiru. Damee qonnaa ammayyeesuu fi guddisuuf inshuraansiin qonnaan murtessaa ta'uu himanii; bizinaasii fi invastimantiin qonnaa babal'achuu qaba jedhaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii damicha liqaa fi inshuraansiin deeggaruun gahee isaanii olaanaa ta'e bahuu qabu jedhaniru. Mariicharratti damee qonnaa irratti hoggantoonni fi ogeeyyiin, hoggantoonni olaanoo dhaabbilee faayinaansii fi kanneen biroon hirmaataniiru.
Hojiin misooma kooriidaraa jiraattotaaf carraa gaarii uumeera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 29, 2024 36
Ebla 21/2016(TOI)- Hojiin misooma kooriidaraa Finfinnee miidhagduu, qulqulluu fi jireenyaaf mijatte uumuuf jalqabne jiraattotaaf carraa gaarii uumuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qorannoo hojii raawwii karoora baatii sagalii bara 2016 adeemsisaa ture xumureera. Kantiibaa Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin, baatiiwwan sagal darban qormaataan gamatti Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu jiraattotasheef mijattuu akkasumas jiddugaleessa hawattuu tuurizimii idil addunyaa gochuuf pirojektoota jalqabaman hatattamaan jalqabnee xumuruun ummata keenyaaf tajaajilaaf banaa taasifneerra jedhan. Qorannichi baatiiwwan hafanitti cimina keenya eegnee hanqinoonni sababasaanii waliin adda baafamanii hojii bu’a qabeessa caaluuf kan kakaasu ta’uu eeraniiru. Baatiiwwan hafanitti kenniinsa tajaajilaa hojii bu’aqabeessa caaluuf kakaasan akkasumas madda komii jiraattotaa kan ta’an si’ataa fi magaalattii madaalu irratti jijjiirama bu’uraa fiduuf akka hojjetamu ibsaniiru. Hojiileen namarratti xiyyeeffatanii baatiiwwan darban raawwataman dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa salphisanii abdii kan horatan ba’aa namoota hedduu kan salphisan imimmaan dadhabootaa fi imaanaa biyyaa kan bahanii kan haqan ta’uusaanii eeraniiru. Hojiileen dijitaalaayizeeshinii lafaa fi hojiin galii walitti qabuu hojiilee bu’aa itti argannedha jedhan kantiibaa Adaanech.
Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchedha- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 26, 2024 45
Ebla 18/2016 (TOI)- Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchee fi magaalattii fakkeenya badhaadhinaa gochuuf ijaaramaa akka jiru Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan. Manni maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 3ffaa adeemsisaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee raawwii misooma kooridaraa guyyoota 45 ilaalchisuun gabaasa dhiheessaniiru. Haala Kanaan misoomni kooriidaraa fi deemisanii misoomsuu dhaloota dhufu yaada keessa galchuun hojjetaman qulqullinaa fi si’aayinaan hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa Finfinnee miidhagduu fi jiraattotaaf mijooftuu taasisuuf akkaataa filannoorratti waadaa galeen bu’uraalee misoomaa haaraa karoorsee hojjechuun fi kan tura haaromsuun halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiru kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Bu’uraalee misoomaa bara dheeraa turan ammayyeessuuf, haaromsuu fi fayyadama haqa qabeessa jiraattotaa mirkaneessuuf misoomni kooriidaraa jalqabamuusaa dubbataniiru. Hojiin magaalatiin magaalaa dippilomaasii, Afriikaa, magaalaa muummee Itiyoophiyaa, buufata dinagdee fi hawaasummaa ta’uushee madaalu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kana keessaa misoomni kooriidaraa kan eeramudha jedhaniiru. Misooma kooriidaraa shananiin, manneen kuma 5 fi 135 kaasuun bakkicha qulqulleessuun misoomaaf qophii gochuun akka danda’ame ibsaniiru. Amma ammaatti kanneen misoomaaf jecha kaafaman harka 80 ol beenyaa, manaa jirenyaa fi bakka hojii kennuun keessummeeffamaniiru. Kanneen misoomaaf jecha kaafaman mannni jireenyaa fooyya’aa, lafti, beenyaan, bakki hojii, Sheedonni, baasii geejjibaa, beenyaan hamilee akka kennameef eeraniiru. Kana malees akkaataa qorannoo misooma kooriidaraatiin kanneen misoomsuu danda’aniif mirgi kennameefii akasumas manneen jireenyaa dhuunfaa kaafaman amma mana ijaarratanitti baasii kiraa manaa akka argatan gochuun kan hojeeffamedha. Misooma kana halkanii fi guyyaa hojjechuun baatii sadii keessatti xumuruuf karoorfamuu dubbataniiru. Misoomni kooriidaraa kun yeroo ammaa namoota kuma 1 fi 485f hojii dhaabbataa, namoota kuma 13 fi 784f carraa hojii yeroo walumaa gala namoota kuma 15 fi 269f carraa hojii uumuu beeksisaniiru. Ijaarsi misooma kooriidaraa kun wayita xumuramu carraa hojii amma uumame caalaa harka 51 akka dabalu dubbataniiru. Hojiin kun tumsaan, qindoominaa fi walhubachuun hatattamaa fi qulqullinaan kan hojjetamu waan ta’eef kun biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa uumeera jedhan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuuf hojii hojjetamaa jiru kana yaada maddisiisuurraa amma deeggarsaa fi hordoffiitti gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Rakkoolee misooma kanarratti mudatanii fi odeeffannoowwan dogoggoraa hatattamaan sirreessuu fi hawaasni dhugaa jiru hubatee misoomicha akka deeggaru hojiin hojjetame kan galateeffamudha jedhan.
Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin ijaaramaa jiru tuurizimii hawachuun guddina damichaa nisi’achiisa
Apr 26, 2024 47
Ebla 18/2016(TOI)- Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin naannoo Harariitti ijaaramaa jiru tuuristoota hawachuun guddina damichaa akka saffisiisu ibsame. Bulchaan bulchiinsa naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii fimiseensonni mana maree bulchiinsa naannichaa pirojektoota bu’ura misoomaa addaddaa magaalaa fi baadiyyaa naannichaatti ijaaramaa jiran kaleessaa kaasee daawwachaa jiru. Bulchaan bulchiinsichaa wayita daawwannichaa akka jedhanitti, tuurizimiin akka jajjabaatu mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo olaanaa kenneera. Hojiileen mhagaalaa Harar tuuristootaan filatamtuu akka taatu hojjetamaa jiran ciminaan akka ittifufan ibsaniiru. Iddoowwan hawata turizimii naannicha keessatti argaman akka misooman mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru bulchaan bulchiinsichaa dubbataniiru. Ijaarsi pirojektii Ikoo paarkii Harar galii gurgurtaa dhaloota ida’amuurraa argameen ijaaramaa jiru si’achaa akka jirus ibsaniiru. Pirjektichi wayita xumuramu agarsiisa waraabessa sooruun gamatti naannichi iddoo tuurizimii akka ta’u nidandeessisa, kanaanis madda galii guddaa fida jechuusaanii odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaa ni’agarsiisa. Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ordiin Badrii, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa, ittaantuun bulchituu bulchiinsa naannichaa adde Roozaa Umar dabalatee hooggantoonni waajjiraalee sektaraa daawwannicharratti argamaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015