Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa waloon hojjechuuf waliigalan

41

Ebla 18/2016(TOI)- Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa waloon hojjechuuf waliigalan.

Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa dhimmoota garagaraarratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrahaa fi ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa adde Caaltuu Saanii waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Waliigalteen dhaabbilee lamanii sagantaa misooma hooggansaa, sirna hooggansaaf beekamtiin itti kennamuu fi  jiddugaleessa yaanni itti kennamu hundeessuu akka ofkeessaa qabu eerameera.

Waliigaltichi dandeettii hooggantoota magaalaa gaggeessanii gabbisuu fi sirna gabbisa dandeettii hoogganaa irratti hojii bal’aa hojjechuu kan dandeessisudha jedhameera.

Akkasumas hooggantoota misooma magaalaarratti hojiilee fooyyee qabu hojjetaniif beekamtii fi badhaasa kennuu akka ofkeessaa qabu eerameera.

Dabalataanis jiddugaleessa misooma magaalaarratti yaadota fooyya’oo qorannoorratti hundaa’an dhiheessuuf kan dandeessisan jiddugaleessa yaanni itti kennamu hundeessuu akka ofkeessaa qabu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015