Gamoo Mana Amantii Kirstaana Ortodoksii Tewaahidoo misooma Koriidariin kaafame hojiin deebisanii ijaaruu eegalame

Ebla 21/2016(TOI) - Gamoon Mana Amantii Kirsitaana Ortodoksii Tewaahidoo sababa misooma Koriidariin kaafamee ture hojiin deebisanii ijaaruu har’a eegalamuu Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Paatiriyaarikii Mana Amantii Ortodoksii Tewaahidoo Eebbifamoo Abunee Maatiyaas, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi dura buutoonni amantichaa bakka argamanitti har’a hojiin deebisanii ijaaruu eegalamuu eerameera.

Manni Amantii Kirsitaana Ortodoksii Tewaahidoo magaalaan Finfinnee Pilaanii fi dizzaayiniin ishee eeguun akka misoomtuu fi pilaanii misoomaa fooyya’aa akka qabaattu tumsa taasiisaa jiraachuu Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen himaniiru.

Guyyaa har’aa Gamoo ammayyaa Abbaa darbii 4 ijaaruuf hojiin eegalamuu dubbataniiru.

Baasiin ijaarsa gamichaa guutummaan guutuutti bulchiinsa magaalaa Finfinneen kan uwwifamu ta’uu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015