Jilli ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaan durfamu hojiilee misoomaa naannawichatti argaman daawwachuuf Kombolchaa dhaqan

Ebla 19/2016(TOI)- Jilli mootummaa federaalaa fi hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaan durfamu hojiilee misoomaa naannawichatti argaman daawwachuuf Kombolchaa dhaqaniiru.

Jilli kun magaalaa Kombolchaa wayita gahu hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa fi jiraattota magaalichaan simatameera.

Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin turtii keenyaan hojiilee misoomaa addaddaa naannawichatti argaman nidaawwanna jedhaniiru.

Miseensonni jilichaa turtii Kombolchaatti taasisaniin hojiilee misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran akka daawwatan ni’eegama.

Jilli ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaan gaggeeffamu ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo ofkeessaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015