Oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaadha

Ebla 22/2016(TOI) - Itoophiyaatti oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaa ta'uu Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee beeksisan.

Ministirri Qonnaan faayinaansii qonnaa ilaalchisuun hoggantoota fi ogeeyyoota dhaabbilee faayinaansii waliinFinfinneetti mari'achaa jira.

Waltajjii marichaarratti kan argaman ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee dhiheesiin faayinaansii fi qaqqabamummaa qonnaa fi misooma baadiyaa babbal'isuun dhimmaa ijoodha jedhaniiru.

Kanaaf damee hojii qonnaaf dhiheessii liqaa mijeesuu fi caalaatti fooyya'uu akka qabu eeranii; kana keessaatti dhaabbileen faayinaansii gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru.

Dhaabbileen Faayinaansii akkuma bittaa fi dhiheesii xaa'oof liqaa dhiheessaan qonnaan bulaaf kallattin liqaa dhiheesuu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Qonnaan bulaan qabeenya isaa socho'uu qabsiisuun liqaa akka argatu qajeelfamni baaknkiin biyyaalessaa baase karaa sirriin hojiirra ooluu akka qabu dubbataniiru.

Qonnaan bulaan mirga lafa fayyadamuu qabuun wabiidhaaf fayyadamee liqaa argachuu qajeelfamni dandeesisu yeroo dhihootti murtaa'ee gara hojiitti ni gala jedhaniiru.

Gama biraan inshuraansiin damee qonnaaf kennamuu naannawwaa tokko tokkootti sadarkaa yaalirra jiraachuu eeranii; gara fuula duraatti guutummaatti hojiitti kan galuu ta'uu himaniiru.

Damee qonnaa ammayyeesuu fi guddisuuf inshuraansiin qonnaan murtessaa ta'uu himanii; bizinaasii fi invastimantiin qonnaa babal'achuu qaba jedhaniiru.

Dhaabbileen Faayinaansii damicha liqaa fi inshuraansiin deeggaruun gahee isaanii olaanaa ta'e bahuu qabu jedhaniru.

Mariicharratti damee qonnaa irratti hoggantoonni fi ogeeyyiin, hoggantoonni olaanoo dhaabbilee faayinaansii fi kanneen biroon hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015