Hojiin misooma kooriidaraa jiraattotaaf carraa gaarii uumeera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 21/2016(TOI)- Hojiin misooma kooriidaraa Finfinnee miidhagduu, qulqulluu fi jireenyaaf mijatte uumuuf jalqabne jiraattotaaf carraa gaarii uumuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qorannoo hojii raawwii karoora baatii sagalii bara 2016 adeemsisaa ture xumureera.

Kantiibaa Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin, baatiiwwan sagal darban qormaataan gamatti Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu jiraattotasheef mijattuu akkasumas jiddugaleessa hawattuu tuurizimii idil addunyaa gochuuf  pirojektoota jalqabaman hatattamaan jalqabnee xumuruun ummata keenyaaf tajaajilaaf banaa taasifneerra jedhan.

Qorannichi baatiiwwan hafanitti cimina keenya eegnee hanqinoonni sababasaanii waliin adda baafamanii hojii bu’a qabeessa caaluuf kan kakaasu ta’uu eeraniiru.

Baatiiwwan hafanitti kenniinsa tajaajilaa hojii bu’aqabeessa caaluuf kakaasan akkasumas madda komii jiraattotaa kan ta’an si’ataa fi magaalattii madaalu irratti jijjiirama bu’uraa fiduuf akka hojjetamu ibsaniiru.

Hojiileen namarratti xiyyeeffatanii baatiiwwan darban raawwataman dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa salphisanii abdii kan horatan ba’aa namoota hedduu kan salphisan imimmaan dadhabootaa fi imaanaa biyyaa kan bahanii kan haqan ta’uusaanii eeraniiru.

Hojiileen dijitaalaayizeeshinii lafaa fi hojiin galii walitti qabuu hojiilee bu’aa itti argannedha jedhan kantiibaa Adaanech.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015