Sosochiin Itoophiyaan haa oomishituu marsaan 3ffaan Dirre Dawaatti jalqabame

Ebla 22/2016(TOI) - "Itoophiyaan haa oomishitu, nus haa shamatannuu'' mata duree jedhuun guyyoota shaniif kan turu agarsiifni fi baazariin sosochii Itoophiyaan haa oomishituu 3ffaa fi Indastiriiwaan oomishaa Dirre Dawaatti geggeeffamuu jalqabeera.

Agarsiifinii fi baazaariin kunis Ministira Indastirii Malaakuu Alleebal, af- yaa'ii mana maree bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa aadde Fatiyaa Adaan fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaariin banameera.

Ministirri Indastirii Malaakuu Allebal wayita kana bu'aa indatiriiwwaan oomishaa kan ta'an oomisha biyya alaa kan bakka bu'aan oomishaalee biyya keessaatti oomishamanii fi konkolaatoota magaalaa Dirre Dawaatti qindaa'an daawwachuun jajjabeessaniiru.

Agarsiisaa qophaa'e kanarratti indatiriiwwaan oomishaa fi kollejjiwwaan tekinikaa fi ogummaa 40 irratti kan hirmaatan yoo ta'u keessaattu oomishaaleen oomisha biyya alaa bakka bu'an kan biyya keessaatti oomishaman agrsiisaaf bal'inaan dhihaataniiru.

Sosochiin kun walitti dhufeenya Kollejjootaa fi Indastiriiwwaan jidduu jiru cimsuun gahee olaanaa qaba jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015