Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin ijaaramaa jiru tuurizimii hawachuun guddina damichaa nisi’achiisa

51

Ebla 18/2016(TOI)- Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin naannoo Harariitti ijaaramaa jiru tuuristoota hawachuun guddina damichaa akka saffisiisu ibsame.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii fimiseensonni mana maree bulchiinsa naannichaa pirojektoota bu’ura misoomaa addaddaa magaalaa fi baadiyyaa naannichaatti ijaaramaa jiran kaleessaa kaasee daawwachaa jiru.

Bulchaan bulchiinsichaa wayita daawwannichaa akka jedhanitti, tuurizimiin akka jajjabaatu mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo olaanaa kenneera.

Hojiileen mhagaalaa Harar tuuristootaan filatamtuu akka taatu hojjetamaa jiran ciminaan akka ittifufan ibsaniiru.

Iddoowwan hawata turizimii naannicha keessatti argaman akka misooman mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru bulchaan bulchiinsichaa dubbataniiru.

Ijaarsi pirojektii Ikoo paarkii Harar galii gurgurtaa dhaloota ida’amuurraa argameen ijaaramaa jiru si’achaa akka jirus ibsaniiru.

Pirjektichi wayita xumuramu agarsiisa waraabessa sooruun gamatti naannichi iddoo tuurizimii akka ta’u nidandeessisa, kanaanis madda galii guddaa fida jechuusaanii odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaa ni’agarsiisa.

Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ordiin Badrii, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa, ittaantuun bulchituu bulchiinsa naannichaa adde Roozaa Umar dabalatee hooggantoonni waajjiraalee sektaraa daawwannicharratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015