Saayinsii fi teeknooloojii
Saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmaatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramu akka qabu himame
Jul 13, 2023 602
Adoolessa 06/2015 (TOI) - Hojimaataa fi tajaajilli saayinsii 'baayooteknooloojii' hawaasa biratti caalmatti akka beekamu hojii miidiyaa fi komunikeeshiniin deeggaramuu akka qabu himame. Giddu galli Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa Yunivarsiitii madda Walaabuu waliin qindoomuun leenjii hubannoo qorattoota, ogeessota miidiyaa fi komunikeeshiniitiif qooda fudhattoota gara garaatiif kennee jira. Saganticharratti kan argaman daareektarri Giddugala Qorannoo Baayooteknooloojii biyyaalessaa doktor Lataa Tulluu akka jedhanitti, saayinsiin baayooteeknooloojii seektara qonnaa, fayyaafii kanneen biroo hammayyeessuu keessatti qooda ol'aanaa kan qabu ta'uu dubbatan. Hojimaanni baayoteeknooloojii bu'aa hedduu qabaatus hanqina odeeffannoo irraa kan ka’e hawaasa biratti hedduu akka hin beekamne himan. Giddugalichi maalummaa fi bu'aan saayinsii hawaasa biratti caalmaan akka beekamuuf hojii miidiyaa fi komunikeeshiniitiin deeggaruuf hojjachaa jiraachuu himan. Leenjiin hubannoo qooda fudhattoota baayooteeknooloojii gara garaaf kennames agarsiiftuu carraaqqii kanaati jedhan. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu doktor Ahmad Kaliil gama isaaniitiin, Yunivarsiitichi sirna baruu fi barsiisuu geggessuun cinaatti hojiilee qorannoo rakkoo hawaasaa bu'ura godhatan irratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu dubbatan. Keessattuu qonnaan bulaan qonna baratamaarraa gara makaanaayzeshiniitti akka cehuuf deeggarsa taasisaa jiraachuus dubbatan. Milkaahina karoora hojii kanaatiif qindoominni giddugaloota akka baayooteeknooloojii tumsa ol'aana qabas jedhan. Ittaanaan Pirezidaantii dhimmoota akkaadaamii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsitichaa doktor Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniitiin Yunivarsiitichi qonnaan bultoota godinoota Baalee lamaanii fi Arsii Lixaa hojimaata kilaastaraatiin gurmaahan galteelee qonnaatiin deeggaraa jiraachuu kaasan. Qindoominni hojii giddugala baayooteeknooloojii hojii caalmaa qabu hojjachuuf humna jabaa ta'uu dubbatan. Qooda fudhattoonni leenjicharratti argaman gama isaaniitiin leenjiin hubannoo maalummaa saayiinsii baayooteknooloojii, gabaasa saayinsii irratti argatan humna dabalataa ta'uu kaasan.
Tajaajilli komunikeeshinii Itiyoophiyaa eeyyama tajaajila telekomunikeeshinii haaraa lammaffaaf sanada ibsi gahumsaa ittiin gaafatamu ifoomse
Jul 1, 2023 533
Waxabajjii 24/2015 (TOI) - Tajaajilli komunikeeshinii Itiyoophiyaa eeyyama tajaajila telekomunikeeshinii haaraa lammaffaaf sanada ibsi gahumsaa ittiin gaafatamu har’a ifoomseera. Eeyyamicha fudhachuuf dhiheessitoonni tajaajila telekomunikeeshinii fudhachuuf fedhii qaban sanada gahumsa ibsu akka dhiheessan waamicha taasiseera. Abbaan taayitaa komunikeeshinii Itiyoophiyaa eeyyama tajaajila telekomunikeeshinii haaraa lammaffaa (License B) kennuusaa itti fufsiisuun baatii Sadaasa bara 2015 qaamoleen fedhii qaban kamiyyuu yaada kenniinsa eeyyamaarratti qaban akka dhiheessan gaafachuun marii baatii tokkoof turu adeemsisuusaa ibseera. Abbaan taayitichaa wayitii marii kanaatti yaadota fudhate qorachuun adeemsa kenniinsa eyyamaa fi eeyyamicharratti fooyya’insoota dirree dorgommii ifaa fi mijataa uumuu dandeessisan taasisuusaa eereera. Haala Kanaan abbaan taayitichaa adeemsa kenniinsa eeyyamaarratti dhiheessitoonni tajaajila telekomunikeeshinii idil addunyaarratti hirmaachuuf fedhii qaban har’aa kaasee ibsa gahumsaa isaanii akka dhiheessan gaafateera. Tajaajila kennitoonni telekomunikeeshinii adeemsa kenniinsa eeyyamaarratti hirmaachuuf fedhii qaban etlicenseB@eca.et irratti ergaa imeelii erguun sanada gahumsa ibsu gaafachuu fi argachuu akka dandahan beeksiseera. Dhiheessitoonni tajaajilaa deebiisaanii gahumsa ibsu amma Fulbaana 4/2016tti akka galchan yeroon akka kennameef eereera. Kenniinsi eeyyama tajaajila telekomunikeeshinii qaama ajandaalee fooyyessa dinagdee hirmaannaan mootummaa fi damee dhuunfaa akka jiraatu dandeessisuuf karoorse ta’uusaa abbaan taayitichaa beeksiseera. Itiyoophiyaatti eeyyamni telekomunikeeshin oppireetarii (License A) damee dhuunfaaf yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti kan kenname Caamsaa 2013 tokkooma dhuunfaa tumsa idil addunyaa maqaa saafaariikoom telekomunikeeshin Itiyoophiyaan socho’aa jiruu akka ta’e niyaadatama.
Waltajjiin qooda fudhatoota irraa yaada galteewwaan Wixinee Imaaammataa Artefishaal Intalajansii biyyaaleessaaf walitti qabuu geggeeffama jira.
Jun 29, 2023 479
Waxabajjii 22/2015 (TOI) - Waltajjiin qooda fudhatoota irraa yaada galteewwaan Wixinee Imaaammataa Artefishaal Intalajansii biyyaaleessaaf walitti qabuu geggeeffama jira. Ministirri Deetaa Innoveeshiniifi Tekinolojii Hurriyaa Alii akka himanitti, Artefishaal Intalajensiin malaawwaan bashananaa salphaa hangaa nageenyaa biyyaaleessaatti tekinolojii nama bakka bu'uu danda'uufi dadhabbii namootaa hir'isuun qulqullinaafi oomishitummaa kan dabaludha jedha. Kaayyoon Imaammata Artefishaal Intalajensii biyyaalessaa Itoophiyaa bara 2022tti Itoophiyaa jiddugala Artefishaal Inatalajensii Afrikaa gochuudha jedhaniiru. Qorannoon damee kanarratti taasifamu dhimmoota biyyaaleessaa filataman irratti ta'uu eeranii, Bulchiinsa Daataa, Misooma Humna namaa, Seeraafi naamusa,Qorannoofi sirna, qindoominaafi waliin hojjechuu of jalatti kan hammate ta'uu himaniiru. Itti aanaa Daarekatara Instiitiyuutii Artefishaal Intalajensii Itoophiyaa doktar Taayyee Girmaa akka himanitti, Instiitiyutichii itti fayyadamummaa Tekinolojii Arteefishaal Intalajensii guddisuuf damee kanarratti bal'inaan hojjechuun Afrikaatti Itoophiyaa jiddugala beekumsa kanaa taasisuufi sirna ijaaruu kaayyoo godhatee hojjechaa jira. Kanaaf immoo imaammataa Artefishaal Inatalajensii Biyyaaleessaa qopheessuun bu'uura misoomaafi sirna ijaaruun qaama hojii kanaa keessaa tokko ta'uu eeraniiru.
'Itoophiyaatti tajaajila Poolisii ogummaa bu'uureffate guddisuuf hojiin bu'aa qorannoofi qo'annoo gahee olaanaa qaba'
Jun 26, 2023 461
Waxabajjii 19/2015(TOI)- Itoophiyaatti tajaajila Poolisii ogummaa bu'uureffate guddisuuf hojiin bu'aa qorannoofi qo'annoo gahee olaanaa qabaachuu Poolisii Federaala Itoophiyaatti Komishinaar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa'eel himan. Yuunivarsiitiin Poolisii Itoophiyaa simpooziyeemii qorannoo biyyaaleessaa 5ffaa har'a waajjira muummichaa Yuunivarsiitichaa Sandaafatti argamutti jalqabeera. Simpooziyeemii kanarratti Poolisii Federaalaa Itoophiyaati Komishinar jeneraal Dammallaash Gabaramikaa'eel , miseensoota hoggansa boordii Yuunivarsiitichaa, dhaabbilee poolisii naannoleefi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamaniiru. Simpooziyeemiin qorannoo kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta'u, ogeeyyii Yuunivarsiitichaafi dhaabbilee biroon qorannoowwaan hojjetaman 17 dhihaachuun irratti ni mariyatama jedhameera. Komishinar jeneraal Dammallaash Gabramikaa'eel yeroo kana akka himaniitti, erga jijjiramaa as tajaajila Poliisii ammayyeesuuf jijjiramoonni bu'uura hedduun hojjetamaa jiru jedhaniiru. Haaluma kanaan sadarkaa biyyaatti nageenyaafi tasgabbii mirkaneesuuf hojii yakka ittisuu hojjetamaa kan jiran yoo ta'u, furmaatoonni qorannoorratti hundaa'anis hojiirra oolaa jiru jedhaniiru. Hojiiwwan qorannoofi qo'annoos hojii jiijirama Poolisiin hojjetu milkaa'aa kan taasisaniifi humana dhaabbanni yakka ittisuuf qabu kan cimsaan ta'uu kan qaban ta'uu qabu jedhaniiru. Yuunivarsiitiin Poolisii hojiiwwan hojii Poolisiif galtee ta'aaniifi qorannoo hojiitti jijjiiruun poolisiin biyyattii tajaajila wayitaawaa kennuudhaan itti gaafatamummaa isaa akka ba’u gochuu qaba jedhaniiru.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa qorannoo odeeffannoo sobaafi haasaa jibbinsaa karaa miidiyaa hawaasaa tamsaafamurratti taasise ifoomse.
Jun 20, 2023 625
Waxabajjii 13/2015(TOI)- Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa qorannoo waggaa tokkoof odeeffannoo sobaafi haasaa jibbinsaa karaa miidiyaa hawaasaa tamsaafamurratti taasise ifoomse. Abbaan Taayitichaa gabaasaa kana ilaalchisuun bakka bu'oota Dhaabbilee miidiyaa waliin mariyateera. Qorannichi miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Feesbuuk, Tiiwuteer, Yuutuubiifi Telegiraamii irratti xiyyeeffachuun Mudde 23/2014 hanga Mudde 23/2015 yeroo jiru jiddutti taasisedha jedhameera. Akka gabaasa kanaan Itoophiyaatti waggaa tokko keessatti xiyyeeffannoo isaanii uummata godhachuun haasaan jibbinisaa hedduun karaa miidiyaalee hawaasummaa tamsaafamaniiru. Gabaasa kana kan dhiheessaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaatti daarekatarri hordofiifi ijaarsa dandeetti miidiyaalee hawaasummaa Edeen Amaaree haasaan jibbinsaa sadarkaa idil addunyaattis ta'ee Itoophiyaatti waan yaaddessaa ta'eera. Haasaa jibbinsaa qabiyyeen isaa Fixaaleesummaa, salphisuufi balfuu, dhimmoota amantaa sabaafi siyaasa waliin walitti hidhuun suuraafi barreeffamaan tamsaafamuu isaanii himaniiru. Haasaan jibbinsaafi odeeffannoon sobaa tamsaafaman kunneen harka caalaan eenyummaa sabaafi siyaasa irratti kan xiyyeeffatan akka ta'e gabaasaan kun eerera. Maddi haasaa jibbinsaafi odeeffannoo sobaa kunis rogeeyyii dabalatee kanneen biroorra akka ta'e gabaasaan kun eereera. Haasaan jibbinsaafi odeeffannoon sobaa karaa miidiyaa hawaasummaa tamsaafamu kun kabajaa namummaa, miidhaa lubbuu lammileerraan gahuufi nageenyii waaraan biyyatti keessa akka hin jiraannne qormaata guddaa ta'uu gabaasaan qorannoo abbaan taayitichaa dhiheessee ibseera. Rakkoo kana furuuf hubannoo uumuufi hammattumma seeraa jabeessuu dabalatee yaadoonni furmaataa biroon gabaasa kanaan eeramaniiru.   See insights and ads Boost post Like Comment Share
Beekumsa ammaayyaafi aadaa waliin qindeesuun tattaaffiin hiyyummaa keessaa bahuuf taasifamaa jiruun milkaa'inni argamaa jira jedhame.
Jun 18, 2023 673
Waxabajjii, 11/2015(TOI)- Beekumsa ammaayyaafi aadaa waliin qindeesuun tattaaffiin hiyyummaa keessaa bahuuf taasifamaa jiruun milkaa'inni argamaa jiraachuu Sadarkaa Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasumma obbo Abdilhaakiim Muluu himan. Waltajjiin marii Instiitiyuutiin Qorannoo Oromoo qopheesse har'a geggeeffameera. Waltajjicharratti waraqaaleen mariif ta'aan mata duree 'Dinagdee Oromoo: Kaleessa, Har'aafi Boru' , 'Carraa Dinagdee Dargaggoota Oromoofi Ga'ee Qaamolee Dhimmamtootaa jedhuufi 'Rakkoo Seenessa Qorannoo Oromoofi Abdii Fuula Duraa' jedhu irratti qoophaa'an dhihaataniiru. Waltajjicharratti Hooggantoonni Federaalaafi Naannoo, hayyoonni, Abbootiin Gadaafi keessummoonni affeeraman argamaniiru. Sadarkaa Pirezidaantiitti qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Abdulaakiim Muluu guddina hunda hammatee ariifachiisuuf hojiin qorannoofi qo'annoo hayyoonni taasisan murteessadha jedhaniiru. Beekumsaa aadaafi ammayyaa waliin qindeessuun hojiin hiyyummaa keessaa bahuuf hojjetamaa jiru milkaa'aa jiraachuu homanii, hayyoonnii isa kana cimsuuf tattaafgiin godhan cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Naannoo Oromiyaattii keessaayyuu dameewwan Qonna, Barnootafi fayyaarratti jijjiramoonnii qabatamaa ta'aan argamaa jiraachuu himanii hojiiwwaan hiyyummaa keesaa bahuuf taasifamu kana qorannoofi qo'annoon caalaatti cimsuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru. Waltajjicharratti waraqaa mariif ta'uu mata duree 'Carraa Dinagdee Dargaggoota Oromoofi Ga'ee Qaamolee Dhimmamtootaa jedhuun kan dhiheeaa Dr. Biraanuu Leenjisoo, dargaggoota beekumsaafi ogummaan akka of gahoomsaan hiree isaanii akka ofiif murteeffatan haalli mijachuufoi qaba jedhaniiru. Guddinni gara fuula duraatti yaadamus dargaggootarratti xiyyeeffatee hojjechuun hojiiwwaan misoomaa caalaatti fayyafamoo isaan taasisu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Tattaaffii naamusa dargaggootaa gabbisuuf hojjetamu keessaatti maatii, hawaasniifi abbootiin amantaa dirqama isaanii sirriitti bahuu qabu jedhaniiru. Gama birootiin waltajjicharratti waraqaa mariif ta'u mata duree 'Rakkoo Seenessa Qorannoo Oromoofi Abdii Fuula Duraa' jedhuun kan dhiissaan gargaataan piroifesaraa Miratuu Shaanqoo xiyyeeffannoo keenya gara fuula duraatti taasifachuun guddina waloof hojjechuu qabna jedhaniiru. Seenessaa sirrii hin taane kan bakka hundaatti dhaga'aman gara seeneessa injifannootti jijjiruuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru. Itti aanaan daarektara Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Zinaabuu Asiraat aadaafi duudhaa uummataa qorachuun tokkummaa cimsuufi madda galii akka ta'u hojjetamaa jira jedhaniiru.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa tekinolojiiwwan qorannoon argaman 147 fayyadamtootaan gahuu isaa beeksise.
Jun 16, 2023 445
Waxabajjii 9/2015(TOI) - Yuunivarstiin Haramaayaa tekinojiiwwaan qonnaafi kanneen biroo qorannaan argamaan 147 fayyadamtoota biraan gahuu beeksise. Dabalataan Yuunivarsiitichi Pirojeektoota qorannoo 296 qopheessee hojiirra oolchaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gammaggama Qorannoo, Ektishiiniifi hirmaannaa hawaasaarratti kaleessa geggeessuu jalqabe har'as itti fufee jira. Yaa'ii kana cinaattis daawwaan tekinolojiiwwaan qonnaa hirmaatoota yaa'ichaaf dhihaateera. Yuunivarsiitichatti qindeessaan garee qorannoo obbo Fayisaa Hundeessaa kanaan dura qorannoon kan argaman tekinojiiwwaan 147 bara kana fayyadamtoota biraan gahamaniiru jedhan. Tekinolojiwwaan Yuunivarsiitichi qorannoon argatee fayyadamtootaan gahee kunis Sanyii miidhaanii fooyyaa'an, Nyaata Beelladaafi sanyii beelladaa fooyya'an dabalatee kanneen biroos keessaatti argamu jedhaniiru. Kanaanis jiraatoota godinaalee Harargee bahaafi Lixaa, naannoo Harariifi bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa kuma 35 fayyadamoo taasisuu himaniiru. Dabalataan qonnaan bultoota sababa hongeen miidhaan irra gahee f qamadii, Mooseefi gosoota midhaanii biroo kumataa 4500 deeggarsa taasisuu himaniiru. Yuunivarsiitichatti itti aanaan Pireezidaantii dhimmoota Qorannoo doktar Tasfaayee Lammaa gama isaaniin Yuunivarsiitichi Pirojeektoota Qorannoo 296 qopheessee hojiirra oolchaa jira jedhaniiru. Pirojeektoota qorannoo kana keessaa Qonnaafi qabeenya beelladaa, Fayyaa,Saayinsii Hawaasaafi Bizinasii, akkasuma barnoonni keessatti argamu jedhaniiru.
'Jii Ayi Teeks Afriikaa'Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabe
Jun 1, 2023 436
Caamsaa 24/2015 (TOI):-'Jii Ayi Teeks Afriikaa' 2023 /GITEX Africa 2023/ Moorookoo magaalaa Maaraakaashitti adeemsifamuu jalqabeera. Itiyoophiyaan Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamaa kan jiru 'Jii Ayi Teeks Afriikaa' irratti garee jilaa ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaadhaan durfamu kan hooggantoonni ministeerichaa fi kaampaanonno (Istaartaapponni) teeknooloojii jalqabaa keessatti argamaniin hirmaachaa jirti. Kaayyoon ‘Jii ayi Teeks Afriikaa’ Ardii Afriikaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamu olaanaa warraaqsa teeknooloojii Afriikaatti adeemsifamaa jiru addunyaaf beeksisuudha. Kaampaniiwwan jalqabxoota kalaqxoota teeknooloojii teessoonsaanii Afriikaa ta’e hedduun waltajjii idil addunyaa bal’inaan mul’achuun dhiibbaa uumuu jalqabaniiru. Itiyoophiyaan imala tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa dhugoomsuuf waggoota sadan darban yaaliiwwan taasisaa turte, bu’aalee argamanii fi rakkoolee mudatan ilaalchisuun doktar Ballaxeen ibsa kennuusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiirraa argame nimul’isa. Fuulduras dhimmoota akka Afriikaatti qindoominaan adeemsifamuu qabu jedhanirratti ministeerichi waltajjichaaf qoodaniiru. Itti fufuunis Itiyoophiyaan dargaggoota hojiif qophaa’an hedduu, Yunivarsiitiiwwan teeknooloojiirratti xiyyeeffatan, seera Invastimantii damee dijitaalaa jajjabeessuu fi paarkii aayisiitii hojiif qopheeffame akka qabdus beeksisaniiru. Kaampaaniiwwan teeknooloojii Itiyoophiyaatti Invast gochuun fayyadamaa akka ta’anii fi akka hirmaatan waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan.
May 31, 2023 524
Caamsaa 23/2015 (TOI):- Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan. Waliigaltee kana hoji gaggeessituun Itiyoo Telekoom Aadde Firehiwoot Taammiruu fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee piroofesar Xaasoo Waldaahaannaa mallatteessaniiru. Waliigaltichi Itiyoo Teleekoom yuunivarsiitichatti tajaajila 'Tele Birr' dabalatee tajaajila 'walqunnamtii' fi dijitaalaa biroo akka kennu kan dandeessisudha jedhameera. Tajaajilli kun mooraa 18 interneetii saffisa olaanaa qabuun kan walqunnamsiisu, daree barnootaa ismaartii ijaaruu, beekumsaa fi muuxannoo dabarsuu, teknooloojii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qorannoo fi kalaqaaf gargaaran hojiirra oolchuu, akkasumas barattoonni kaffaltii barnootaa isaanii karaa 'Tele Birr' salphaatti akka kaffalan kan taasisu ta’uu ibsameera. Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Tammiruu akka jedhanitti, dhaabbatichi Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf hojjechaa jira. Keessattuu Yuunivarsiitiin Finfinnee bakka beekumsi itti wal jijjiramuu waan ta'eef kana teeknooloojii fi 'walitti hidhamiinsan deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf waliigaltichi gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar xaasoo Waldahaannaa gama isaaniin, yunivarsiitichi humna namaa barate teeknooloojiin deeggaramee uumuuf walitti dhufeenya Itiyoo Teeleekoom waliin qabu caalaatti cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi duraanuu dhaabbaticha waliin ta’uun daree barnootaa ismaartii hojiirra oolchuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Itti fayyadama tajaajila dijitaalaa babal’isuun dhaabbata barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e ta’uuf ciminaan kan hojjetan ta’uus eeraniiru.            
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015