Tamsaasa Kallatti:

Beekumsa ammaayyaafi aadaa waliin qindeesuun tattaaffiin hiyyummaa keessaa bahuuf taasifamaa jiruun milkaa'inni argamaa jira jedhame.

Waxabajjii, 11/2015(TOI)- Beekumsa ammaayyaafi aadaa waliin qindeesuun tattaaffiin hiyyummaa keessaa bahuuf taasifamaa jiruun milkaa'inni argamaa jiraachuu Sadarkaa Pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasumma obbo Abdilhaakiim Muluu himan.

Waltajjiin marii Instiitiyuutiin Qorannoo Oromoo qopheesse har'a geggeeffameera.

Waltajjicharratti waraqaaleen mariif ta'aan mata duree 'Dinagdee Oromoo: Kaleessa, Har'aafi Boru' , 'Carraa Dinagdee Dargaggoota Oromoofi Ga'ee Qaamolee Dhimmamtootaa jedhuufi 'Rakkoo Seenessa Qorannoo Oromoofi Abdii Fuula Duraa' jedhu irratti qoophaa'an dhihaataniiru.

Waltajjicharratti  Hooggantoonni Federaalaafi Naannoo, hayyoonni, Abbootiin Gadaafi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
 
Sadarkaa Pirezidaantiitti qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Abdulaakiim Muluu  guddina hunda hammatee ariifachiisuuf  hojiin qorannoofi qo'annoo hayyoonni taasisan murteessadha jedhaniiru.

Beekumsaa aadaafi ammayyaa waliin qindeessuun hojiin hiyyummaa keessaa bahuuf hojjetamaa jiru milkaa'aa jiraachuu homanii, hayyoonnii isa kana cimsuuf tattaafgiin godhan cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Naannoo Oromiyaattii keessaayyuu dameewwan Qonna, Barnootafi fayyaarratti jijjiramoonnii qabatamaa ta'aan argamaa jiraachuu himanii hojiiwwaan hiyyummaa keesaa bahuuf taasifamu kana qorannoofi qo'annoon caalaatti cimsuun barbaachisaa ta'uu eeraniiru.
 

Waltajjicharratti waraqaa mariif ta'uu mata duree 'Carraa Dinagdee Dargaggoota Oromoofi Ga'ee Qaamolee Dhimmamtootaa jedhuun kan dhiheeaa Dr. Biraanuu Leenjisoo, dargaggoota beekumsaafi ogummaan akka of gahoomsaan hiree isaanii akka ofiif murteeffatan haalli mijachuufoi qaba jedhaniiru.

Guddinni gara fuula duraatti yaadamus  dargaggootarratti xiyyeeffatee hojjechuun hojiiwwaan misoomaa caalaatti fayyafamoo isaan taasisu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tattaaffii naamusa dargaggootaa gabbisuuf hojjetamu keessaatti maatii, hawaasniifi  abbootiin amantaa dirqama isaanii sirriitti bahuu qabu jedhaniiru.

 Gama birootiin waltajjicharratti waraqaa mariif ta'u mata duree 'Rakkoo Seenessa Qorannoo Oromoofi Abdii Fuula Duraa' jedhuun kan dhiissaan gargaataan piroifesaraa Miratuu Shaanqoo xiyyeeffannoo keenya gara fuula duraatti taasifachuun guddina waloof hojjechuu qabna jedhaniiru.

Seenessaa sirrii hin taane kan bakka hundaatti dhaga'aman gara seeneessa injifannootti jijjiruuf hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
 
Itti aanaan daarektara Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Zinaabuu Asiraat  aadaafi duudhaa uummataa qorachuun tokkummaa cimsuufi madda galii akka ta'u hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015