Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan.

517

Caamsaa 23/2015 (TOI):- Itiyoo telekoomfi Yuunivarsiitiin Finfinnee waliigaltee tajaajila dijitaalaa kennuu dandeesisu walii mallatteessan.

Waliigaltee kana hoji gaggeessituun Itiyoo Telekoom Aadde Firehiwoot Taammiruu fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee piroofesar Xaasoo Waldaahaannaa mallatteessaniiru.

Waliigaltichi Itiyoo Teleekoom yuunivarsiitichatti tajaajila 'Tele Birr' dabalatee tajaajila 'walqunnamtii' fi dijitaalaa biroo akka kennu kan dandeessisudha jedhameera.

Tajaajilli kun mooraa 18 interneetii saffisa olaanaa qabuun kan walqunnamsiisu, daree barnootaa ismaartii ijaaruu, beekumsaa fi muuxannoo dabarsuu, teknooloojii fi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa qorannoo fi kalaqaaf gargaaran hojiirra oolchuu, akkasumas barattoonni kaffaltii barnootaa isaanii karaa 'Tele Birr' salphaatti akka kaffalan kan taasisu ta’uu ibsameera.

Hojii gaggeessituun Itiyoo Telekoom Firehiwoot Tammiruu akka jedhanitti, dhaabbatichi Itiyoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf hojjechaa jira.

Keessattuu Yuunivarsiitiin Finfinnee bakka beekumsi itti wal jijjiramuu waan ta'eef kana teeknooloojii fi 'walitti hidhamiinsan deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf waliigaltichi gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee Piroofeesar xaasoo Waldahaannaa gama isaaniin, yunivarsiitichi humna namaa barate teeknooloojiin deeggaramee uumuuf walitti dhufeenya Itiyoo Teeleekoom waliin qabu caalaatti cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi duraanuu dhaabbaticha waliin ta’uun daree barnootaa ismaartii hojiirra oolchuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Itti fayyadama tajaajila dijitaalaa babal’isuun dhaabbata barnootaa sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e ta’uuf ciminaan kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

 

 

 

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015