Dorgommiin kalaqa yaada daldalaa Abdii Itoophiyaa 2015 jalqabame.

Caamsaa 28/2015(TOI):- Qopheessummaa Ministeera Hojii fi Ogummaan dorgommin kalaqa daldalaa “Abdii Itoophiyaa 2015” jedhuun Giddugalaa Dagaagina Kalaaqaa Buraayyuutti gaggeeffamuu jalqabe.

Sirna banisa sagantaa kanaarratti ministirri Deetaa Hojiifi ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun fi daarektarri olaanaa Instiitiyuutii Misooma Intarpireenarishiip Doktar Hasan Huseen argamaniiru.

Dorgommicha qopheesuummaa Ministeera Hojiifi Ogummaan mata duree 'Leenjisuu, Badhaasuu, Gahoomsuu' jedhuun kan qopheessee yoo ta'u naannolee hundaarra aanaarraa jalqabee dorgommii kalaqa yaada daladalaa qaban 200 hirmaachaa jiru.

Dorgomtoota kana keessaas sadarkaa jiruun dorgomanii kanneen injifatan 50 badhaafamuun Abdii Itoophiyaa 2015 kan xumuramu ta'uu himaniiru.

Dorgommiin kun hanga Waxabajjii 17/2015 kan turu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015