Itiyoo Telekoom magaalaa Finfinnee waliin Pirojektii Ismaartii Siitii Finfinnee irraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.

404

Caamsaa 29/2015 (TOI):- Itiyoo Telekoom magaalaa Finfinnee waliin bu'uuraalee misoomaa 'Pirojektii Ismaartii Siitii' magaalaa Finfinnee irraatti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse.

Akka waliigaltee kanaatti Ityoo Telekoom misooma bu’uuraalee misoomaa 'Wide Area Network (SD-WAN Network)' kan waajjiraalee magaalattii fi dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa karaa salphaan wiirtuu daataa guddicha waliin walqunnamsiisuu danda’u diriirsuuf waliigalame.

Haaluma kanaan kutaa magaalota11, aanaalee 120, fi waajjiraalee 44 bakka adda addaatti argaman, akkasumas wiirtuun daataa guddichaa saffisa qunnamtii meeggaa baayitii amma jiru irraa gara giigaabaayitii 1 hanga giigaabaayitii 100tti guddisuuf waliigaltee kana taasissera jedhameera.

Waliigaltichi magaalaa Finfinneetti karoora Pirojeektii Ismaartii Siitii magaalaa Finfinnee dhugoomsuudhaaf pirojektoota gurguddoo hojiirra oolan keessaa tokko ta’uun ibsamee jira.

Ji'oota muraasa dura Itiyoo Telekoom 'Pirojektii Ismaartii siitii ' Magaalaa Adaamaa hojiirra oolchuuf Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa waliin waliigaltee raawwachuun hojiilee adda addaa hojjechuu jalqabuun ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015