Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran

411

Caamsaa 21/2015 (TOI) - Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommii ICT Huwaawwee 7ffaarratti kan hirmaatan sadarkaa 3ffaan xumuran

Dorgommichi Caamsaa 16 hanga caamsaa 20/2015tti Chaayinaa magaalaa Sheenzaanitti kan geggeeffame yoo ta'u, dorgommii kanarratti biyyoota 36 irraa gareen dorgomtootaa 146 hirmaataniiru.

Baratoonnii Itoophiyaa dorgommicharrtti garee sadi kan tokkoon tokkoon isaanii miseensoota sadi sadi ofkeessaa qabu ta'uu 'Piraaktikaal Tiraak(Daataakoom,Sakuriitii, Netiworkii kompuutaraa funyoo malee, Big Daataa Istooreej, kuusaa odeeffannoo ‘OpenEuler’ fi ‘OpenGauss’ jedhamuufi kanneen biroon hirmaataniiru.

Barattoonnis, bu’aa galmeessaniitti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun muuxannoo idil addunyaas argachuu himaniiru.

Dorgommiin ICT huwaawwee qulqullina kennaa addaa ICT saffisiisuuf, indaastirichaaf kennaa ga’umsa qabu qopheessuu fi filachuuf, kennaa addaa kan qaban walitti dhiyeessuun ce’umsa dijitaalaaf hirmaannaa dammaqaa akka taasisan, dhiyeessii fi fedhii damichaaf ga’oo akka ta’an jajjabeessuu fi gumaacha waaraa taasisuuf ni hojjeta jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015