Dantaa biyyaa kabachiisuuf carraaqqii taasifamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii bahachuu qabu

476

Caamsaa 24/2015 (TOI) :- Faayidaa biyyaa kabachiisuuf tattaaffii godhamu keessatti ogeeyyiin miidiyaa gahee isaanii sirnaan bahuu akka qaban Minsteerri dhimma alaa beeksise.

Ministeerri Dhimma Alaa, Abbaa Taayitaa Misooma Baha Afrikaa (IGAD) waliin ta’uun gaazexeessitoota biyya keessaa fi biyya alaatiif leenjii guyyoota lamaaf kennaa jira.

Leenjichi ogeeyyiin miidiyaa dhimmoota tasgabbii fi nageenya mirkaneessuu akkasumas yakkoota daangaa qaxxaamuraan ittisuu keessatti haala gahee isaanii cimsuu danda’an irratti kan xiyyeeffate ta’uu himameera.

Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa obbo Mallas Alam waltajjii leenjii kanarratti, hojiiwwan dantaa biyyaa eegsisuuf hojjetaman keessatti dippilomaatota qofa osoo hin taane gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru.

Kanaaf gaazexeessitoonni itti gaafatamummaa isaanii bahachuu fi keessumattuu odeeffannoo sirrii qopheessuun hawaasa biraan gahuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Keessattuu leenjiin kun dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa irratti gabaasa sirrii fi madaalawaa ta’e dhiyeessuuf beekumsaa fi dandeettii barbaachisu akka horatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015