Obbo Salamoon Sookaa Itiyoophiyaa bakka bu’uun kalaqxoota jalqabdoota agarsiisa Jii’aayteeks Moorookootti qophaa’e daawwatan

Caasaa 26/2015 (TOI) – Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii obbo Salamoon Sookaa kalaqxoota jalqabdoota Itiyoophiyaa bakka bu’uun agarsiisa teeknooloojii idil addunyaa Moorookootti qophaa’erratti argaman daawwatan.

Konfaransii Moorookoo Maaraakaashitti yeroo jalqabaaf Afriikaatti waltajjii mata duree “hojiin gabbisa dandeettii ga’umsa ogummaa fi misooma dinagdeef” jedhuun qophaa’erratti kan hirmaatan daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii obbo Sookaa konfaransicha cinaatti Itiyoophiyaanota kalaqxoota jalqabdoota daawwachuunsaanii ibsameera.

Afriikaatti jalqabaaf kan adeemsifamee fi konfaransii xiyyeeffannoosaa dameewwan teeknooloojii kanneen akka nageenya saayibarii, Kilaawud kompiiyutiing, sammuu namtolchee, Fiinteek (fintech), magaalaa dijitaalaa, agrii teek (agritech) irratti Itiyoophiyaan oomishaa fi tajaajilootashee beeksifteetti.

Qaamoleen saaybarii fi dhimmoota walfakkaatanirratti dandeettii qaban bulchiinsa nageenya neetwoorkii waliin gamtaan hojjechuu akka qabanii fi dhaabbatichi kanaaf qophaa’aa ta’uusaa daarektarri olaanaa kun ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii dabalatee ministirri Innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa daawwannaa kanarratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015