Diinagdee
Misoomni Koriidarii ariitiin xumuruun tajaajilaaf geesisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jira
May 7, 2024 53
Ebla 29/2016 (TOI) - Hojii Misooma Koriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetama jiru osoo baatiin gannaa hin galiin ariitiin xumuruun tajaajilaaf geesisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jirachuu Itti aanaan Kantiibaa magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay himan. Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Bitootessa 15/2016 bara hojii sadaffaa yaa'ii idilee 8ffaa irratti karoora Misooma koriidarii murteesuun gara hojiitti galuun ni yaadatama. Haaluma kanaan Araat kiiloo, Piyaasaa fi naannaawwaa iqicha yaadannoo Aduwaa, Addabaabayii Araat kiiloo karaa Imbaasii Ingilizii, Magganaanyaa, Meeksikoo,Saar beet karaa addabaabayii Gootaraa, addabaabayii Walloo safar Araat kiiloodhaa Addabaabayii masqalaa fi Riqicha Boolee, Magganyaadhaa hanaga Addis Afrikaa Konveeshiin/Jiddigala Igizibiishiniin bakka misoomni Koriidarii irratti hojjetamu ta'uu ragaan waajjira Kantiibaa magalichaarra argame ni mul'isa. Misoomni koriidarii kun kutaalee magaalaa Araadaa, Lidataa, Qirqoos, Laaftoo fi Boolee kan of keessaatti hammatu yoo ta'u hojii misoomaa kanaan hojiin milkaa'an hojjetamuun ibsameera. Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay TOI'tti akka himanitti hojii misooma koriidarii kanaan hojii misooma daandii hojjetamu cinaatti misoomni magariisaa fi bakka hawaasni waloon itti tajaajilamu, bakka bashananaa, Tirmanaalota Atobisii fi taaskiiwwanii, daandii lafoo fi riqichoota lafoon ittiin daandii qaxxaamurus hojjetama jira. Misoomni kun karoora magaalichaa waliin karaa wal simuun mala ammayyaa ittiin dhangala'aan dhabamsiifamuus kan of keessaa qabu ta'uu eeraniiru. Raawwiin hojii misooma kunis haala gaariirra akka jiru obbo Jaanxiraar ibsaniiru. Misooma Koriidarii kan osoo waqtiin gannaa hin galiin xumuruun tajaajila kennuu akka jalqaban tattaaffiin guddaan taasifama jirachuu himanii; hojiin kun ariitii ittiin deemaa jiruun yoo hojjetame yeroo gabaabaa keessaatti kan xumuramu ta'uu himaniiru. Hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi koreen qindeesituu hojii kanaa hojii misooma koriidarii kana yeroo yeroon gamaggamuun ariitiin hojiin isaa akka xumuramu hojjechaa jiru jedhaniiru.
Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse.
May 2, 2024 120
Ebla 24/2016 (TOI) - Boordiin Invastimantii Oromiyaa naannichaatti dureeyyoonni kuma 3 fi 700 ol hojii invastimatii adda addaarratti akka boba'aniif murteesse. Hogganaan Biiroo Invastimatii fi Indatirii Oromiyaa obbo Ahimad Indiris murtee boordii invastimantii naannichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Obbo Ahimad ibsa isaaniin boordichi walga'ii jiddu kana taa'een invastimatiiwwaan misooma naannichaa ariifachiisuuf ni gargaaru jedhaman gara hojiitti akka galan murtee dabarsuu beeksisaniiru. Haaluma kanaan dureeyyoonni kuma 3 fi 747 dameewwaan hojii invastimatii gargaraa irratti kan boba'an ta'uu himaniiru. Dureeyyoota kana keessa 1200 ol biyya keessa fi alaa yoo ta'an kaan immoo inrapiraayizoota, waldaalee, qonnaan bultootaa fi horsiifate bultoota kaappitaala gahaa galmeessan ta'uu himaniiru. Dureeyyoonni hojii invastimantii irratti akka bobba'aniif Boordiin Invastimantii Oromiyaa murteeseef kunneen kaappitalaa birrii biliyoona 148 kan galmeessan yoo ta'u yeroo gara hojiitti galan lammilee kuma 500 oliif carra hojii kan uuman ta'uus obbo Ahimad Idiris ibsaniiru. Dureeyyoota hojii invastimatii kanneenitti boba'aniif lafti irratti hojii invastimantii irratti boba'an hojjetan heektaarri kuma 35 qophaa'uu himanii, lafti kunis guyyoota 45 keessaatti dabarfamee kannemaaf jedhaniiru. Dureeyyoonni kunneen gara hojiitti galuuf kanfaltii liiziif kanfalamu birrii biliyoona shan mootummaaf kan kanfalan ta'uus eeraniiru.
Oromiyaatti ji'oota salgan daraban pirojeektoonni Invastimatii kuma 3 ta'an gara hojiitti galaniiru.
Apr 30, 2024 58
Ebala 22/2016(TOI) - Naannoo Oromiyaatti ji'oota salgan daraban pirojeektoonni Invastimatii kuma 3'tti dhihaatan gara hojiitti galuu Biiroon Indastirii fi Invastimantii naannichaa beeksise . Hogganaan Biirichaa obbo Ahimad Indirisi TOI'tti akka himanitti; ji'oota salagan darban naannichatti hojiin hoii invastimatii naannichaa si'eesuu danda'an hedduun hojjetamaniiru. Kanaanis pirojeektoonni invastimantii kuma 2 fi 945 gara hojiitti galuu himaniiru. Pirojeektonni kunis bal'inaan damee indastirii, qonna fi tajaajilaa irratti ta'uu himaniiru. Pirojeektonni kunneen lammilee kuma 225'f carra hojii uumuus hogganichi himaniiru. Dureeyyoota gara hojii invastimatiitti galaniif rakkoo dhiheesii lafa dabalataa, faayinaansii fi dhiheesii annisaa furuuf tattaffiin taasifamaa jiras jedhaniiru. Haaluma kanaan lafa heekataara kuma 44 hojii babal'ina invastimatiif dureeyyoota haara gara hojii invastimatiitti galanii fi kanneen manufakcharinigiirratti bobba'aniif dabarfamee kennamuu eeraniiru. Dabalataan Biirichi kaappitaala birrii biliyoona 144 kan galmeessaan dureeyyoota haaraa 3500 simachuun dhimmi isaanii boordii invastimantiif dhiheesuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Inavstimatiiwwaan haaraa keessaa 745 kan ta'an damee indastirii manufakcharinigii irratti bobba'uuf fedhii kan qaban ta'uu dubbataniiru. Pirojeektoonni invastimatii kunneen guutummaatti yeroo hojiitti galan lammilee kuma 500 ta'aniif carraa hojii uumuu kan danda'anidha jedhaniiru.
Oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaadha
Apr 30, 2024 54
Ebla 22/2016(TOI) - Itoophiyaatti oomishitummaa misooma qonnaa guddisuuf dhiheesiin faayinaansii fi qaqqababummaan murteessaa ta'uu Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee beeksisan. Ministirri Qonnaan faayinaansii qonnaa ilaalchisuun hoggantoota fi ogeeyyoota dhaabbilee faayinaansii waliinFinfinneetti mari'achaa jira. Waltajjii marichaarratti kan argaman ministirri qonnaa doktar Girmaa Amantee dhiheesiin faayinaansii fi qaqqabamummaa qonnaa fi misooma baadiyaa babbal'isuun dhimmaa ijoodha jedhaniiru. Kanaaf damee hojii qonnaaf dhiheessii liqaa mijeesuu fi caalaatti fooyya'uu akka qabu eeranii; kana keessaatti dhaabbileen faayinaansii gahee isaanii bahuu qabu jedhaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii akkuma bittaa fi dhiheesii xaa'oof liqaa dhiheessaan qonnaan bulaaf kallattin liqaa dhiheesuu irratti hojjechuu qabu jedhaniiru. Qonnaan bulaan qabeenya isaa socho'uu qabsiisuun liqaa akka argatu qajeelfamni baaknkiin biyyaalessaa baase karaa sirriin hojiirra ooluu akka qabu dubbataniiru. Qonnaan bulaan mirga lafa fayyadamuu qabuun wabiidhaaf fayyadamee liqaa argachuu qajeelfamni dandeesisu yeroo dhihootti murtaa'ee gara hojiitti ni gala jedhaniiru. Gama biraan inshuraansiin damee qonnaaf kennamuu naannawwaa tokko tokkootti sadarkaa yaalirra jiraachuu eeranii; gara fuula duraatti guutummaatti hojiitti kan galuu ta'uu himaniiru. Damee qonnaa ammayyeesuu fi guddisuuf inshuraansiin qonnaan murtessaa ta'uu himanii; bizinaasii fi invastimantiin qonnaa babal'achuu qaba jedhaniiru. Dhaabbileen Faayinaansii damicha liqaa fi inshuraansiin deeggaruun gahee isaanii olaanaa ta'e bahuu qabu jedhaniru. Mariicharratti damee qonnaa irratti hoggantoonni fi ogeeyyiin, hoggantoonni olaanoo dhaabbilee faayinaansii fi kanneen biroon hirmaataniiru.
Hojiin misooma kooriidaraa jiraattotaaf carraa gaarii uumeera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 29, 2024 55
Ebla 21/2016(TOI)- Hojiin misooma kooriidaraa Finfinnee miidhagduu, qulqulluu fi jireenyaaf mijatte uumuuf jalqabne jiraattotaaf carraa gaarii uumuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Bulchiinsi magaalaa Finfinnee qorannoo hojii raawwii karoora baatii sagalii bara 2016 adeemsisaa ture xumureera. Kantiibaa Adaanech Abeebee odeeffannoo fuula marsariitiisaaniirratti baasaniin, baatiiwwan sagal darban qormaataan gamatti Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu jiraattotasheef mijattuu akkasumas jiddugaleessa hawattuu tuurizimii idil addunyaa gochuuf pirojektoota jalqabaman hatattamaan jalqabnee xumuruun ummata keenyaaf tajaajilaaf banaa taasifneerra jedhan. Qorannichi baatiiwwan hafanitti cimina keenya eegnee hanqinoonni sababasaanii waliin adda baafamanii hojii bu’a qabeessa caaluuf kan kakaasu ta’uu eeraniiru. Baatiiwwan hafanitti kenniinsa tajaajilaa hojii bu’aqabeessa caaluuf kakaasan akkasumas madda komii jiraattotaa kan ta’an si’ataa fi magaalattii madaalu irratti jijjiirama bu’uraa fiduuf akka hojjetamu ibsaniiru. Hojiileen namarratti xiyyeeffatanii baatiiwwan darban raawwataman dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa salphisanii abdii kan horatan ba’aa namoota hedduu kan salphisan imimmaan dadhabootaa fi imaanaa biyyaa kan bahanii kan haqan ta’uusaanii eeraniiru. Hojiileen dijitaalaayizeeshinii lafaa fi hojiin galii walitti qabuu hojiilee bu’aa itti argannedha jedhan kantiibaa Adaanech.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015