Ministiroonnii Bishaanii biyyoota miseensa IGAD Jijjigaa galan

Ebla 29/2016(TOI) - Ministiroonni Bishaanii biyyoota miseensa IGAD yaa'ii ministiroota bishaanii irratti hirmaachuuf har'a ganama naannoo Somaalee magaalaa Jijjigaa galaniiru.

Ministira Bishaanii fi Inarjii injinar doktar Habtaamuu Ittaafaa dabalatee, ministiroonni bishaanii Keeniyaa, Sudaan Kibbaa,Ugaandaa fi Jibutii yeroo isaan buufata xiyyaara Jijjigaa gahan pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad simannaa taasisaniifiru.

Walajiin marii naannichatti qophaa'ee kun naannicha aanaa Shabaleetti kan hojjetamu fi biyyoota qaxanichaa keessa lammilee jiraatan fayyadamoo kan taasisu itti fayyadama bishaan lafa jalaa daangaa ce'uu irratti kan mari'atu yoo ta'u marii kanarratti ministiroota bishaanii dabalatee UNICEF fi dhaabbileen deeggarstoota biroon argamuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015