Sosochiin Itoophiyaan haa oomishtuu dandeettii oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddiseera jedhame

Ebla 29/2016 (TOI) – Sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuu dandeettii Oomishtummaa Indaastirii biyya keessa guddisuu Pireezidaantoonni naannolee ibsan.

Sosochichi oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf baa’inaa fi qulqullinaan oomishanii gabaaf dhiyeessurratti boqonna haara banuu Itti Aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Waageeshoon ibsaniiru.

Sosochiin Itoophiyaan haa oomishtuu naannichatti aadaa hojii fi oomisha biyya keessaa fayyadamuurratti jijjiirama olaanaa fiduu Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbaddaan eeraniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa booda dameewwan Invastimantii, Indaastirii fi misooma magaalaan bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad gama isaaniin himaniiru.

Sosochiin Itoophiyaan haa oomishtuu damee misooma Indaastirii cimaa uumuu fi hudhaalee damichaan turun furuu Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan dubbataniiru.

Sosochichaan naannoo Afaaritti Indaastirii Keemikaalaa dabalatee Indaastiriiwwan oomishaa xixiqqaa, Giddugaleessaa fi Olaanoon 100 ol gara hojiitti galuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015