Misoomni Koriidarii ariitiin xumuruun tajaajilaaf geesisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jira

Ebla 29/2016 (TOI) - Hojii Misooma Koriidarii magaalaa Finfinneetti hojjetama jiru osoo baatiin gannaa hin galiin ariitiin xumuruun tajaajilaaf geesisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jirachuu Itti aanaan Kantiibaa magaalichaa obbo Jaanxiraar Abbaay himan.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Bitootessa 15/2016 bara hojii sadaffaa yaa'ii idilee 8ffaa irratti karoora Misooma koriidarii murteesuun gara hojiitti galuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Araat kiiloo, Piyaasaa fi naannaawwaa iqicha yaadannoo Aduwaa, Addabaabayii Araat kiiloo karaa Imbaasii Ingilizii, Magganaanyaa, Meeksikoo,Saar beet karaa addabaabayii Gootaraa, addabaabayii Walloo safar Araat kiiloodhaa Addabaabayii masqalaa fi Riqicha Boolee, Magganyaadhaa hanaga Addis Afrikaa Konveeshiin/Jiddigala Igizibiishiniin bakka misoomni Koriidarii irratti hojjetamu ta'uu ragaan waajjira Kantiibaa magalichaarra argame ni mul'isa.

Misoomni koriidarii kun kutaalee magaalaa Araadaa, Lidataa, Qirqoos, Laaftoo fi Boolee kan of keessaatti hammatu yoo ta'u hojii misoomaa kanaan hojiin milkaa'an hojjetamuun ibsameera.

Itti aanaan Kantiibaa magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaay TOI'tti akka himanitti hojii misooma koriidarii kanaan hojii misooma daandii hojjetamu cinaatti misoomni magariisaa fi bakka hawaasni waloon itti tajaajilamu, bakka bashananaa, Tirmanaalota Atobisii fi taaskiiwwanii, daandii lafoo fi riqichoota lafoon ittiin daandii qaxxaamurus hojjetama jira.

Misoomni kun karoora magaalichaa waliin karaa wal simuun mala ammayyaa ittiin dhangala'aan dhabamsiifamuus kan of keessaa qabu ta'uu eeraniiru.

Raawwiin hojii misooma kunis haala gaariirra akka jiru obbo Jaanxiraar ibsaniiru.

Misooma Koriidarii kan osoo waqtiin gannaa hin galiin xumuruun tajaajila kennuu akka jalqaban tattaaffiin guddaan taasifama jirachuu himanii; hojiin kun ariitii ittiin deemaa jiruun yoo hojjetame yeroo gabaabaa keessaatti kan xumuramu ta'uu himaniiru.

Hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi koreen qindeesituu hojii kanaa hojii misooma koriidarii kana yeroo yeroon gamaggamuun ariitiin hojiin isaa akka xumuramu hojjechaa jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015