Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 80
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Kaardii filannoo fudhachuun Mirga Heeraa Mootummaan aragannetti fayyadamuuf qophoofneerra
Apr 21, 2026 126
Ebla13/2018(ENA)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filannoo fudhachuun mirga heera mootummaan isaaniif kennameefiitti fayyadamuuf qophii ta'uusaanii ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baaseetti, galmee filattootaa kan bara kanaa Gurraandhala 28 bara 2018 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira. Boordichi sagantaa jalqaba baase fooyyessuudhaan, ummanni bal’inaan akka galmaa’u carraa kennuuf, guyyoota Ayyaanaa osoo hin dabalatiin galmeen hanga Ebla 14 bara 2018 akka dheeratu taasisuunsaa ni yaadatama. Jiraattonni ENA’f yaadasaanii kennan, mirga heera mootummaan kennameef hojiirra oolchuuf kaardii filannoo fudhatanii guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jiru. Adeemsi galmee buufataalee filannoo keessatti taasifamu mijataa fi si’ataa ta'uusaas ibsaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Obbo Geeraa Warquu akka jedhanitti, Kaardii koo fudhadheen jira, ijaarsa biyyaa fi jijjiiramaaf ni fayyada kanan jedhu filachuuf qophaa’een jira jedhaniiru. Obbo Worquu Waldeleezaa gamasaaniin, paartii biyya guddisa, misooma ariifachiisa, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhanii kan amananiif sagalee isaanii kennuuf kaardii fudhachuusaanii ibsaniiru. Obbo Lammaa Badhaadhaas filannoon mootummaa biyyaa cimaa ijaaruuf qooda qabachuu eeranii, adeemsichi ijaarsa dimokraasii keessatti shoora murteessaa waan qabuuf filachuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru. Filannoon fuuldura dhaloota dhufuuf abdii mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, hojii kanaaf qophii ta'uu kan ibsan immoo Aadde Abbabach Kabbbadaati.
Dandeettiin invastimantii qonnaa Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaa cimsaa jira
Apr 21, 2026 121
Ebla 13/2018(ENA)- Qabeenyi qonnaa bal’aan Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaatti qabdu guddisaa jiraachuu dureessi biyya Hindi Itiyoophiyaa keessatti invastimantii qonnaarratti hojjetan Gajandiraa Singahi Manpuraa ibsan. Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiirra oolchite bu’aalee qabatamaa fidaa jiru. Keessumaa inisheetiivonni kanneen akka oomisha Qamadii nyaataan of danda’uu fi birmadummaa mirkaneessuuf bocamanii hojiirra oolan ni eeramu. Qamadii fedhii nyaataaf of danda’uun biyya alaatti erguu eegaluun inisheetiivichi bu’a qabeessa ta’uusaa agarsiisa. Gama Invastimantii qonnaatiinis haalonni mijataa dureeyyii onnachiisan uumuurra darbee dandeettiin dilbii damee Kanaan qabdu dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa guddaa hawatta. Dureessi Hindi Gajandiraa Singahi Manpuraa Afriikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi biyyoota biraatti haala invastimantii daawwachuusaanii yaadachiisaniiru. Daawwannaa Itiyoophiyaatiinis biyyattii invastimantii qonnaaf filachuun damee misooma kuduraa fi muduraa irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Keessumaa oomisha Avokaadoo guddisuun gabaa addunyaa garagaraaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Fuulduras Muuzii, Injoorrii, mi’eessituu fi dameelee qonnaa garagaraa irratti invastimantii babal’isuuf xiyyeeffatanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Yeroo ammaa kaappitaala ka’umsaa doolaara kuma 500’n hojjechaa akka jiran eeranii, fuulduras invastimantii itti jiran dachaa sadiin guddisuuf akka karoorfatan beeksisaniiru.
Manni Marichaa Labsii Fooyya'iinsa Nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Raggaasise
Apr 21, 2026 115
Ebla13/2018(ENA)-Manni Mareen Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 15ffaa har'a gaggeesseen, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaarratti dhiyaate qoratee raggaasiseera.   Labsii fooyya'iinsaa kun labsii waggoota digdama oliif hojiirra ture bakka kan bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uun ibsameera. Itti Aanaan Dura taa'aa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Marichaa, Doktar Fatiih Mahaadii, Gabaasaa fi yaada murtee Labsichaa Mana Mareef dhiyeessaniiru.   Ibsa isaaniinis, labsiin duraanii waggoota 20 oliif tajaajilaa waan tureef, yeroo ammaa Indastirii Aviyeeshinii keessatti sodaawwan nageenyaa walxaxoo mul'atan ittisuuf dandeettii daangeffame akka qabu hubachiisaniiru. Labsiiin haaraan kun nageenya damee aviyeeshinii eeguuf faayidaa hedduu akka qabu eeranii, sodaawwan nageenyaa yeroon fidee fi yeroo gara yerootti walxaxaa dhufan ga’umsaan ittisuu kan dandeessisu qaama seeraa cimaa kan uumu ta'uus dubbataniiru. Hojiin sakatta'iinsaa fi to'annoo nageenya Aviyeeshinii teeknooloojiin deeggaramee, bu'a qabeessa fi amanamaa akka ta'u kan taasisu ta'uu fi hojimaata nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa, Dhaabbata Siviilii Avyeeshinii Addunyaa waliin kan wal simsiisu taasisa jedhaniiru. Labsichi garee daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa (Ethiopian Airlines Group) fi dhaabbilee biraa damee kana keessatti bobba'an, Hawaasa Addunyaatiif tajaajila geejjiba xiyyaaraa nageenyasaa eeggate fi amanamaa ta'e akka kennan haala mijaataa kan uumu ta'uu eeraniiru. Daandiin Xiyyaaricha Sadarkaa Addunyaatti milkaa'ina agarsiisaa jiruu fi maqaa gaarii biyyattii cimsee itti fufsiisuuf, deeggarsi seeraa yeroon wal simatu barbaachisaa ta'uus itti dabaluun ibsaniiru. Miseensonni Mana marichaa labsii kana irratti marii bal'aa erga taasisanii booda, labsichi nageenya biyyaalessaa fi faayidaa dinagdee biyyattii eeguuf qooda qabu dinqisiifataniiru. Manni maree kunis yaada murtee dhiyaateef qoratee, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa haarawaa kana sagalee caalmaadhaan raggaasiseera. Labsiin fooyya'iinsaa kun, waggoota digdama oliif hojiirra kan turee fi bara 1997 kan ba'e labsii lakkoofsa 432/1997 kan bakka bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uunis ibsameera.
Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiru
Apr 21, 2026 134
Ebla 13/2018(ENA)- Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee ibsan. Waltajjiin sosochii riifoormii hojii gamtaa biyyaalessaa kan 2ffaa komishiniin hojii gamtaa Itiyoophiyaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse Adaamaa Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti eegaleera. Waltajjicha haasawaan kan banan obbo Salamoon Laallee akka ibsanitti, riifoormiin dura waldaaleen hojii gamtaa hedduun jiraatanis, hedduunsaanii haala yeroo wajjin wal hin simne. Sababa Kanaan dameen kun miseensotasaafis ta’e walumaa galatti guddina biyyaaf faayidaa argamsiisuu qabu osoo hin argamsiisiin turuusaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa gumaachi waldaalee tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuuf mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf bu’aan argamaa dhufeera jedhaniiru.   Mootummaan milkaa’ina riifoormichaaf “koree istiriingii” gurmeessuun deeggaraa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa qophiin seerota fooyyessaa xumurarra waan jiranii fi rood maappiin dame kanaaf gargaaran qophaa’uusaa beeksisaniiru. Sosochiin gurmaa’insoota hirmaachise kan komishiniin hjojii gamtaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse eegalamuunsaa jijjiirama qabatamaa fiduuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Komishinariin komishinii hojii gamtaa Itiyoophiyaa Geetinnat Taaddasaa gamasaaniin, waldaaleen hojii gamtaa dinagdee biyyaa kan saffisiisan akka ta’an kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Riifoormii qorannoorratti hundaa’ee waggoottan sadan darban gaggeeffameen waldaaleen kuma 31 caalan maqaa qofaan kan beekamanii fi teessoo kan hin qabne ta’uu adda baafamuu dubbataniiru. Dabalataanis kuma 5 kan ta’animmoo of danda’anii dhaabbachuu waan hin dandeenyeef kanneen biro waliin akka walitti makaman taasifamuu eeraniiru. Ogeeyyonni gandarratti gurmeessan kan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamaanirraa walitti dhufan kuma 4 leenjii kanarratti hirmaachaa akka jiran eeranii, leenjiin kun wiirtuu garagaraa keessatti guyyoota walitti fufan saddetiif ni kennama jedhan. Kallattiiwwan tarsiimoo damee kanaa imala badhaadhinaa irratti bu’uureffatan ilaalchisee mariin bal’aan waltajjiiwwan kanneenirratti akka gaggeeffamu beekameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Kaardii filannoo fudhachuun Mirga Heeraa Mootummaan aragannetti fayyadamuuf qophoofneerra
Apr 21, 2026 126
Ebla13/2018(ENA)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filannoo fudhachuun mirga heera mootummaan isaaniif kennameefiitti fayyadamuuf qophii ta'uusaanii ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baaseetti, galmee filattootaa kan bara kanaa Gurraandhala 28 bara 2018 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira. Boordichi sagantaa jalqaba baase fooyyessuudhaan, ummanni bal’inaan akka galmaa’u carraa kennuuf, guyyoota Ayyaanaa osoo hin dabalatiin galmeen hanga Ebla 14 bara 2018 akka dheeratu taasisuunsaa ni yaadatama. Jiraattonni ENA’f yaadasaanii kennan, mirga heera mootummaan kennameef hojiirra oolchuuf kaardii filannoo fudhatanii guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jiru. Adeemsi galmee buufataalee filannoo keessatti taasifamu mijataa fi si’ataa ta'uusaas ibsaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Obbo Geeraa Warquu akka jedhanitti, Kaardii koo fudhadheen jira, ijaarsa biyyaa fi jijjiiramaaf ni fayyada kanan jedhu filachuuf qophaa’een jira jedhaniiru. Obbo Worquu Waldeleezaa gamasaaniin, paartii biyya guddisa, misooma ariifachiisa, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhanii kan amananiif sagalee isaanii kennuuf kaardii fudhachuusaanii ibsaniiru. Obbo Lammaa Badhaadhaas filannoon mootummaa biyyaa cimaa ijaaruuf qooda qabachuu eeranii, adeemsichi ijaarsa dimokraasii keessatti shoora murteessaa waan qabuuf filachuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru. Filannoon fuuldura dhaloota dhufuuf abdii mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, hojii kanaaf qophii ta'uu kan ibsan immoo Aadde Abbabach Kabbbadaati.
Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira
Apr 17, 2026 6159
Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru. Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru. Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru. Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera. Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru. Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 3765
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.   Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.   Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 4948
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru.   Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani.   Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru.   Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Ejensichi gamaggama baatii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa damicharratti mul’atu ittisuuf akka hojjetu beeksise
Apr 20, 2026 162
Ebla 12/2018 (ENA)-Ejensiin Geejiba Oromiyaa Gamaggama Raawwii hojii batii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa sektaricha irratti mul’atu furuu fi nageenya Tirafikaa Mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu beeksiseera. Ejensichi gamaaggama hojii Ebla 10 irraa eegalee guyyaa lamaaf geggeesseen tajaajilli Geejjibaa rakkoo akka qabu adda baasuun haala kenna tajaajilaa fooyyessuun danda'amu irratti marii’achuun kallattii kaa’eera.   Gamaaggama gaggeeffameen rakkoo kenna tajaajilaa Geejibaan buufata konkoklaataa keessatti mul’atu sirreessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee ibsaniiru. Gamaggamichaan kenna tajaajila Geejibaan wal qabatee buufata konkolaataa keessatti Al-seerummaan kana akka Taarifaan ol kaffalchiisuu, darbaa fe'uu, konkolaataa sarara bobbii irratti hin argamne, baashaarii ykn Jokkaa buufataa fi naannoo buufataa jiran, motorota seera maleeyyii fi kanneen biroon akka mul’atu ibsaniiru. Rakkoo fi komii tajaajila Geejjibaa keessa jiru furuun itti quufiinsa ummataa dabaluun Amantaa ummanni Mootummaa irratti qabu guddisuuf ni hojjetama jedhaniiru. Rakkoolee Tajaajila Geejjibaan adda baafaman hanbisuuf guutummaatti teekinooloojiin deggeruunii fi Al-naamuusummaa sektaricha keessaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himaniiru. Ejensii Geejjiba Oromiyaarraa( EGO) irraa
Miidiyaaleem dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu qabu-Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat
Apr 18, 2026 2481
Ebla 10/2018 (ENA)- Miidiyaaleen dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu akka qaban ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bu’aa tamsaasa qabiyyee hordoffii fi qorannoo miidiyaalee dhaabbilee amantaa irratti gochaa ture ilaalchisuun sagantaa qopheesseera. Sagantaa Mata duree “miidiyaaleen dhaabbilee amantaa nageenyaa fi waloomaaf” jedhuun qophaa’erratti bakka bu’oota miidiyaalee dhaabbilee amantaa garagaraa waliin marii gaggeeffameera. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ittigaafatama lakk. Labsii miidiyaalee 1238/2013, kennameefiin qabiyyee hojiilee miidiyaalee dhaabbilee amantaa hordofuu fi qorachuun tsrkaanfii sirreeffamaa ni fudhata. Ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, miidiyaaleen dhaabbilee amantaa irra caalaan qabiyyee amantaa qajeelfamarratti hundaa’e ni hojjetu. Garuummoo miidiyaalee amantaa hojii gaarii hojjetan keessaa kaayyoo faallaa kan qaban xiqqaan hojii gaarii kanneen biroo ni balleessa jedhaniiru. Miidiyaaleen amantaa seera Itiyoophyaan kan hundaa’an ta’uu ibsanii, seera Itiyoophiyaa kabajuuf dirqama qabu jedhaniiru. Dhaabbileen amantaa daangaa kan cehan ta’uu eeruun, haa ta’u malee biyyi daangaa fi birmadummaa akka qabdu ibsaniiru. Namoonni amantaa wal fakkaataa hordofan Itiyoophiyaa keessaa fi ala jiran kan gaafataman seera biyyasaaniin qofa ta’uu dubbataniiru. Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa akka hundeeffamu kan gaafatame amantaa barsiisuuf nuuf haa eyyamamu jechuun akka ta’e ibsanii, kaayyoo hundeeffamaniif ala hojjechuun seera cabsuudha jedhaniiru. Kanaaf ammas seerri nuuf haa fooyya’u jedhanii gaafachuudha malee seeraan ala hojjechuun sirrii akka hin taane ibsaniiru. Miidiyaaleen amantaa ummata waloo fi duudhaan akka gabbatu qoodasaanii yemmuu bahatan rakkoolee biroollee akka furan dubbataniiru.   Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa gamtaa waloo uumuun gaaffii qindaa’e gaafachuu akka danda’an ibsanii, gamtaan kun akka hundeeffamu moorummaan deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, Itiyoophiyaa biyya taatee akka itti fuftu qoodni dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu kaasaniiru.   Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen amantaan dhimma mootummaa keessa mootummaan dhimma amantaa keessa akka hingalle ibsanii, birmadummaa kana cimsuuf itti gaafatamummaa fudhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru. Miidiyaaleen amantaa Itiyoophiyaa jiraachuunsaanii eebba guddaada kan jedhan ministirichi, walooma ummataa fi ijaarsa nageenyaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Mmiidiyaaleen amantaa eebba waloomaa ta’anii osoo jiranii dogoggorri uuman funyoo waloomaa bara baraan jiraate addaan kuta jedhaniiru. Kanaaf mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuuf itti gaafatama waan qabuuf daandiirraa yoo maqan seera akka kabachiisu ibsaniiru.   De’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Tasfaahun Goobazaayi akka ibsanitti, miidiyaaleen amantaa, amantaan gamatti duuhaalee hawaasummaa hawaasichaa calaqqisiisuu qabu. Dhaabbileen amantaa hundi nageenya, tasgabbii fi eenyummaa Itiyoophiyaarratti garaagarummaa qabaachuu akka hin qabne ibsaniiru. Amantaaleen hundi wal danda’uu akka lallaban ibsanii, dhimmoota ijaarsa duudhaa hawaasaa waliin wal qabatan irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.
Gaamootti lammiilee sababa balaa uumamaan buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifame
Apr 18, 2026 1679
Ebla 10/2018 (ENA): Namoota godina Gaamootti balaa uumamaatiin buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifameera. Gargaarsi namoomaa kun har’a Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa fi Kutaan Gurmaa’ina Mana Barumsa Sanbataa Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, akkasumas qindoomina Waajjira Qindeessaa Waldaa Misooma Waloo fi barsiisa wangeelaa Afaan Gaamoo waliin ta’uun kan kennamedha. Daarektarri Olaanaan Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa obbo Tasfaayee Warquu walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti akka himanitti, Itiyoophiyaanonni aadaa walgargaaruu guddifate qabu jedhani. Dhaabbatichi dameelee 24 qindeessuun Bulchiinsa godina Gaamootiif deeggarsa nyaataa fi meeshaa Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu geesseera.   Namoota balaa kanaan buqqa’an deebisanii dhaabuun lammiilee Itiyoophiyaa hundarraa eegama waan ta’eef deeggarsi har’a eegale cimee itti fufa jedhan. Haaluma walfakkaatuun Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Kutaan Gurmaa'ina Mana Barumsa Dilbataa, Misooma Waloo Waldoota Gaamoo fi Waajjirri Qindeessaa barsiisa macaafa qulqulluu Afaan Gaamoo waliin ta'uun deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona 1tti tilmaamamu taasisaniiru.   Gargaarsi kun uffata qorraa, uffata ga’eessotaa fi daa’immanii, kophee fi meeshaalee biroo akka ta’e ibsameera. Bakka bu’aan qindeessaa gargaarsaa obbo Xugaamoo Yaalsoo dhimmiin lammiifi waan ta’eef nutis buqqaatota gargaaruuf gahee keenya ni baana jedhan. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Diinagdee
Dandeettiin invastimantii qonnaa Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaa cimsaa jira
Apr 21, 2026 121
Ebla 13/2018(ENA)- Qabeenyi qonnaa bal’aan Itiyoophiyaan qabdu dandeettii dorgommii idil addunyaatti qabdu guddisaa jiraachuu dureessi biyya Hindi Itiyoophiyaa keessatti invastimantii qonnaarratti hojjetan Gajandiraa Singahi Manpuraa ibsan. Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan damee qonnaan hojiirra oolchite bu’aalee qabatamaa fidaa jiru. Keessumaa inisheetiivonni kanneen akka oomisha Qamadii nyaataan of danda’uu fi birmadummaa mirkaneessuuf bocamanii hojiirra oolan ni eeramu. Qamadii fedhii nyaataaf of danda’uun biyya alaatti erguu eegaluun inisheetiivichi bu’a qabeessa ta’uusaa agarsiisa. Gama Invastimantii qonnaatiinis haalonni mijataa dureeyyii onnachiisan uumuurra darbee dandeettiin dilbii damee Kanaan qabdu dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaa guddaa hawatta. Dureessi Hindi Gajandiraa Singahi Manpuraa Afriikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Zaambiyaa fi biyyoota biraatti haala invastimantii daawwachuusaanii yaadachiisaniiru. Daawwannaa Itiyoophiyaatiinis biyyattii invastimantii qonnaaf filachuun damee misooma kuduraa fi muduraa irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Keessumaa oomisha Avokaadoo guddisuun gabaa addunyaa garagaraaf dhiheessuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Fuulduras Muuzii, Injoorrii, mi’eessituu fi dameelee qonnaa garagaraa irratti invastimantii babal’isuuf xiyyeeffatanii akka hojjetan mirkaneessaniiru. Yeroo ammaa kaappitaala ka’umsaa doolaara kuma 500’n hojjechaa akka jiran eeranii, fuulduras invastimantii itti jiran dachaa sadiin guddisuuf akka karoorfatan beeksisaniiru.
Manni Marichaa Labsii Fooyya'iinsa Nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Raggaasise
Apr 21, 2026 115
Ebla13/2018(ENA)-Manni Mareen Bakka Bu'oota Ummataa walgahii idilee 15ffaa har'a gaggeesseen, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaarratti dhiyaate qoratee raggaasiseera.   Labsii fooyya'iinsaa kun labsii waggoota digdama oliif hojiirra ture bakka kan bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uun ibsameera. Itti Aanaan Dura taa'aa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Marichaa, Doktar Fatiih Mahaadii, Gabaasaa fi yaada murtee Labsichaa Mana Mareef dhiyeessaniiru.   Ibsa isaaniinis, labsiin duraanii waggoota 20 oliif tajaajilaa waan tureef, yeroo ammaa Indastirii Aviyeeshinii keessatti sodaawwan nageenyaa walxaxoo mul'atan ittisuuf dandeettii daangeffame akka qabu hubachiisaniiru. Labsiiin haaraan kun nageenya damee aviyeeshinii eeguuf faayidaa hedduu akka qabu eeranii, sodaawwan nageenyaa yeroon fidee fi yeroo gara yerootti walxaxaa dhufan ga’umsaan ittisuu kan dandeessisu qaama seeraa cimaa kan uumu ta'uus dubbataniiru. Hojiin sakatta'iinsaa fi to'annoo nageenya Aviyeeshinii teeknooloojiin deeggaramee, bu'a qabeessa fi amanamaa akka ta'u kan taasisu ta'uu fi hojimaata nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa, Dhaabbata Siviilii Avyeeshinii Addunyaa waliin kan wal simsiisu taasisa jedhaniiru. Labsichi garee daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa (Ethiopian Airlines Group) fi dhaabbilee biraa damee kana keessatti bobba'an, Hawaasa Addunyaatiif tajaajila geejjiba xiyyaaraa nageenyasaa eeggate fi amanamaa ta'e akka kennan haala mijaataa kan uumu ta'uu eeraniiru. Daandiin Xiyyaaricha Sadarkaa Addunyaatti milkaa'ina agarsiisaa jiruu fi maqaa gaarii biyyattii cimsee itti fufsiisuuf, deeggarsi seeraa yeroon wal simatu barbaachisaa ta'uus itti dabaluun ibsaniiru. Miseensonni Mana marichaa labsii kana irratti marii bal'aa erga taasisanii booda, labsichi nageenya biyyaalessaa fi faayidaa dinagdee biyyattii eeguuf qooda qabu dinqisiifataniiru. Manni maree kunis yaada murtee dhiyaateef qoratee, labsii fooyya'iinsa nageenya Aviyeeshinii Itiyoophiyaa haarawaa kana sagalee caalmaadhaan raggaasiseera. Labsiin fooyya'iinsaa kun, waggoota digdama oliif hojiirra kan turee fi bara 1997 kan ba'e labsii lakkoofsa 432/1997 kan bakka bu'u yoo ta'u, sodaawwan nageenyaa haaraa damee kana keessatti mul'atanii fi jijjiirama teeknooloojii yaada keessa kan galche ta'uunis ibsameera.
Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiru
Apr 21, 2026 134
Ebla 13/2018(ENA)- Waldaalee hojii gamtaa tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuun caalaatti bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa Salamoon Laallee ibsan. Waltajjiin sosochii riifoormii hojii gamtaa biyyaalessaa kan 2ffaa komishiniin hojii gamtaa Itiyoophiyaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse Adaamaa Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti eegaleera. Waltajjicha haasawaan kan banan obbo Salamoon Laallee akka ibsanitti, riifoormiin dura waldaaleen hojii gamtaa hedduun jiraatanis, hedduunsaanii haala yeroo wajjin wal hin simne. Sababa Kanaan dameen kun miseensotasaafis ta’e walumaa galatti guddina biyyaaf faayidaa argamsiisuu qabu osoo hin argamsiisiin turuusaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa gumaachi waldaalee tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee waliin wal simsiisuuf mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa waan jiruuf bu’aan argamaa dhufeera jedhaniiru.   Mootummaan milkaa’ina riifoormichaaf “koree istiriingii” gurmeessuun deeggaraa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa qophiin seerota fooyyessaa xumurarra waan jiranii fi rood maappiin dame kanaaf gargaaran qophaa’uusaa beeksisaniiru. Sosochiin gurmaa’insoota hirmaachise kan komishiniin hjojii gamtaa mata duree “gara gandaatti bu’uu” jedhuun qopheesse eegalamuunsaa jijjiirama qabatamaa fiduuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Komishinariin komishinii hojii gamtaa Itiyoophiyaa Geetinnat Taaddasaa gamasaaniin, waldaaleen hojii gamtaa dinagdee biyyaa kan saffisiisan akka ta’an kallattiin kaa’amee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Riifoormii qorannoorratti hundaa’ee waggoottan sadan darban gaggeeffameen waldaaleen kuma 31 caalan maqaa qofaan kan beekamanii fi teessoo kan hin qabne ta’uu adda baafamuu dubbataniiru. Dabalataanis kuma 5 kan ta’animmoo of danda’anii dhaabbachuu waan hin dandeenyeef kanneen biro waliin akka walitti makaman taasifamuu eeraniiru. Ogeeyyonni gandarratti gurmeessan kan naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalota lamaanirraa walitti dhufan kuma 4 leenjii kanarratti hirmaachaa akka jiran eeranii, leenjiin kun wiirtuu garagaraa keessatti guyyoota walitti fufan saddetiif ni kennama jedhan. Kallattiiwwan tarsiimoo damee kanaa imala badhaadhinaa irratti bu’uureffatan ilaalchisee mariin bal’aan waltajjiiwwan kanneenirratti akka gaggeeffamu beekameera.
Hojiiwwan Gahee Waldaalee Hojii Gamtaa Dinagdee Biyyattii Keessatti qaban guddisan hojjetamaniiru – Doktar Biqilaa Hurrisaa
Apr 21, 2026 109
Ebla 13/2018(ENA)-Hojiiwwan hedduun gahee waldaaleen Hojii Gamtaa dinagdee biyyattii keessatti qaban guddisan raawwatamuu isaa Ministirri qindeessaa giddu gala ijaarsa sirna dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee Doktar Biqilaa Hurrisaa ibsan. Komishiniin Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa Riformii Hojii Gamtaa biyyaalessaa mata duree "Gara gandaatti gahuu" jedhuun, Sosochii marsaa 2ffaa Magaalota garaagaraa keessatti gaggeessaa jira. Waltajjii Hawaasatti gaggeeffamaa jiru irratti argamuun ergaa kan dabarsan Doktar Biqilaa Hurrissaa, hojiiwwan carraaqqii dhuunfaa irra, humna walitti ida’ameen walta'iinsaan raawwataman, guddinaa fi misooma biyyaatiif murteessaa ta'uusaa kaasaniiru. Waggoota jijjiiramaa keessa, waldaaleen hojii gamtaa guddina biyyaa fi dinagdee irratti gahee isaanii olaanaa akka bahaniif hojiiwwan hedduun raawwatamanii fi bu'aan galmaa'uu dubbataniiru. Waldaaleen hojii gamtaa yaada, gurmaa'ina, hojimaataa fi hoogganummaa isaanii irratti riiformii yoo taasisan jijjiirama olaanaa fiduu akka danda'an kaasaniiru. Kanaaf, fuulduratti dinagdee biyyattii keessatti gahee qaban guddisuuf hojiiwwan dandeessisan cimanii akka ittifufan ibsaniiru. Waldaaleen hojii gamtaa guddinaa fi bayyanachuu Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf murteessaa ta'uusaanii ibsuun, itti fufiinsa akka qabaataniif sochiin akkanaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti Aanaan Komishinara Komishinii Hojii Gamtaa Federaalaa obbo Shiisammaa Gabrasillaasee, dandeettii Waldaalee Hojii Gamtaa guddisuun gumaacha imala badhaadhina biyyaatiif qaban cimsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaaf, Magaalonni Hawaasaa, Adaamaa, Jimmaa, Jigjigaa, Asosaa fi Kombolchatti har'a waltajjiiwwan walfakkaataa gaggeefamaa akka jiran eeruun, Magaalota biroo keessattis akka itti fufus dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 80
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1301
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Manni Murtii  Olaanaa Godinichaa Qabinsa ragaa fi kenna tajaajilaa Ammayyeessuun  itti quufinsa maamilaa guddisaa jira
Apr 20, 2026 692
Ebla 12/2018 (ENA)- Manni Murtii Olaanaan Godina Jimmaa qabinsa ragaa fi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa gudidsaa jiraachuun ibsame. Dhaabbilee Mootummaa " Dijitaala Itiyoophiyaa " hojiirra oolchaa jiran keessaa dhaabbileen haqaa adda durummaan eeramu. Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hoj-maata qabinsa odeeffannoo fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii viidiyoo konfiraansiin dhaddacha akka hordofan taasisaa jira. Dhimma kana ilaalchisee, ENA’n tajaajilamtoota Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa fi Pirezidaantii Mana Murtichaa dubbiseera. Tajaajilamtoota mana murtichaa keessaa jiraataan Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa obbo Jawaar Abbaarayyaa, adeemsa haqaa hordofuuf viidiyoo konfiraansii fi hoj-maanni dijitaala hojiirra ooluun isaanii, haqaa argachuuf gara Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa deemuuf baasii baasaa turan akka isaaniif hambise dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Nadhii Gibee obbo Misbaah Sheek Iimaam gama isaaniitiin, akka jedhanitti, tajaajilli Dijitaalaa Mana Murtichaa hojii idilee isaanii irraa adda osoo hin bahiin, bakka jiran ta’anii haqa si’ataa akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Tajaajilli dijitaalaa mana murtichaa odeeffannoo yeroo gabaabaa keessatti argachuuf kan gargaaruu fi hojii kan salphisu ta’uu Ogeettii seeraa fi Abukaattoo kan ta’an Taadalech Dhibaayuu ibsaniiru. Tajaajilli haqaa dijitaala ta’uun isaa tajaajilamaafis ta’e ogeeyyota seeraaf furmaata kenneera jedhaniiru. Rakkoolee Aanaatti furamuu hin dandeenyeef tajaajilamtoonni gara Magaalaa Jimmaa dhufuu hin qaban jechuun Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, Taajuu Sharif ibsaniiru. Hoj-maanni ammayyaa kun tajaajilamtoonni iyyannoo isaanii ‘'e-faayiliin' (e-file) ergatanii, bakka jiran ta’anii falmachuu ykn dhimma isaanii hordofuu akka danda’an carraa bal’iseera jedhaniiru. Tajaajilli kun waraqaa malee kennamuunsaa, tajaajilicha ariifachiisuu bira darbee, Iftoomina Odeeffannoo uumuuf gargaaruusaa eeraniiru. Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, obbo Toofiq Shamsuu gama isaaniitiin, Godinichi kenniinsa tajaajila haqaa ammayyeessuu fi gahuumsa isaa dhugoomsuuf appilikeeshinoota garaagaraa hojiirra oolchuusaa ibsaniiru. Dhaddachi viidiyoo konfiraansii qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuusaa eeranii, himataaf, ol-iyyannoo fi tajaajiloota kana fakkaataniif gara Mana Murtii Olaanaatti dhufuu osoo hin barbaachisiin, Aanaa fi kilaastara gandaa taa’anii hordofuu akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis, Godinichatti Aanaalee 19 keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa fi Mana Murtii gidduutti tuttuqaa waraqaa malee, karaa dijitaalaan waljijjiirraa odeeffannoo saffisaa taasifamaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis tajaajiloota sirna haqaa saffisiisan Aanaalee hunda keessatti babal'isuudhaan, " Dijitaala Itiyoophiyaa " dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 1160
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Ispoortii
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 143
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Apr 17, 2026 709
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii. Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera.   Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani. Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru. Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru. Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan.   Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani.   Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani. Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru.   Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale. Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 199
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.   Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17289
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2670
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015