Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajilli tola ooltummaa yaadama mootummaa ida’amuu qabatamaan karaa agarsiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira
Aug 20, 2026 9
Yaadamni ida’amuu, qajeeltoo tumsaa wal amantaa fi, tokkummaa fi itti gaafatama waloo cimsuun ijaarsa biyyaa saffisiisuuf kan nama onnachiisudha. Ida’amuun yaadama humna garaagarummaa gara faayidaa walootti jijjiiru akkuma ta’e tajaajilli tola ooltummaas falaasama kana qabatamaan calaqqisiisa. Lammiileen beekumsasaanii, yeroosaanii fi humnasaanii walitti fiduun rakkoolee hawaasaa waliin ta’uun yemmuu furan miirri tokkummaa ni cima, aadaan wal amantaas ni gabbata. Tajaajilli tola ooltummaa bara mootummaa ida’amuutti hirmaannaa nama dhuunfaarra darbee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa jira. Gama Kanaan sagantaan kun naannoo Harariitti bifa falaasama ida’amuu qabatamaan calaqqisiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira. Haala Kanaan waggoottan darban naannichatti hojiilee namarratti xiyyeeffatanii fi tajaajila tola ooltummaan hojjetamaniin bu’aan guddaan galmaa’eera. Waggoottan shaman darban hojiilee sagantaalee tola ooltummaa gannaan naannichatti hojjetaman keessaa mana harka qalleeyyotaa haaromsuu fi ijaaruu, haaromsi maneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fakkeenyummaan kan eeramanidha. Kana malees tajaajila tola ooltummaa Kanaan biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaawwaman dhaabamuun gamatti tajaajilli tola ooltummaa wal’aansaa, qulqullinni naannoo fi balfa dhabamsiisuun tola ooltotaan raawwatamaniiru. Manguddootaaf, qama miidhamtootaaf, maaddii qooduun, deeggarsi uffataa fi meeshaalee qulqullinaa akkasumas dhiiga arjoomuun bal’inaam raawwatamaa turaniiru. Barattootaa fi maneen barnootaa meeshaa barnootaan deeggaruun, ijaarsii fi haaromsi maneen barnootaa, maneen kitaabaa gurmeessuuntola ooltotaan raawwatamaniiru. Aadaan tola ooltummaa kun baatii gannaa kanatti tajaajiloota garagaraa 14’n kan itti fufe yoo ta’u kun ammoo misooma fulla’aaf, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaaf gumaacha olaanaa gumaacha. Mootummaan naannoo Hararii yaadamoota mootummaa ida’amuutiin hojii namarratti xiyyeeffate utubaa yaadamasaa godhachuun hojiilee milkaa’oo eegale cimsee akka itti fufu ibseera.
Qulqullina Barnootaa Lammii biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jira – Dr.Tolaa Bariisoo
Aug 20, 2026 19
Hagayyaa 14/2018 (ENA): Qulqullina Barnootaa Lammii hunda biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnoota Qulqullina qabu lammii hundaan ga'uun dhaloota sadarkaa hundatti dorgomaa ta'eefi ga'oome heddumminaan horachuuf hojjechaa jira. Dhaloota abdii egeree ta'an daa'imman irratti hojjechuuf Manneen Barnoota Bu'uura borii babal'isaa jiraachunis ibsameera. Bara Barnootaa 2018 keessas barattoonni miliyoona 12 ol ta'an barnootarra kan turan yoo ta'u, barattoonni miliyoona 7 ol ta'an immoo Manneen Barnootaatti nyaanni isaaniif mijatee barachaa turuun isaanii ibsameera. Haaluma kanaan bara Barnoota 2019'f immoo qophii hundi xumuramuun galmeen barattootaa ifaan eegaluunsaa ibsameera.   Bu'uuruma kanaan guyyaa har'aa galmeen barattootaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti bakka hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo fi hoggantoonni biroon argamanitti eegalchiifameera. Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Oromiyaatti hojii ciminaan hojjetamaa tureen Dhaabbileen Barnoota kuma 37 ol irra ga'uusaa ibsaniiru. Bara 2019 kanas barattoota miliyoona 12 ol kan ta'an, barnoota beekumsa xabboo ganamaa Barnoota Gadaa, Safuufi Dhaweessummaanis sirna barnootaa haaraa hojiirra ooleen baratamaa jira jedhaniiru. Brattonni sababa adda daan harca’anis barnootasaniitti deebi’uun akka baratan Dr. Tolaan dhaamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluus gama isaaniin dhaloota haala yeroon barbaaduun ga'oomsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Magaalaan shaggar cabiinsa barnootaa mudachaa ture furuuf hojjecha jiraachuu fi Manneen barnootaa kuma 1 fi 400 ol irraan ga'uun dandaa'ameera jedhaniiru. Bara kanas barattoota kuma 480'n galmaa'uun barnoota ni eegalu jedhaniiru.  
Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejiba nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jira
Aug 20, 2026 46
Hagayyaa 14/2018 (ENA): Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejibaa nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jirachuu beeksiseera. Naannichatti Godinoota, Magaalotaa fi Aanaalee naannichaa keessatti Leenjiin ijaarsa dandeettii, Naamusaa ogummaa irratti xiyyeefate konkolaachiftoota tajaajila uummataa kennanii gaggeeffamaa jira. Ejeensichatti Daayirektarri Oppireeshinii Nageenya Tiraafikaa fi Bulchiinsa Inshuraansii Alamuu Lammaa akka ibsanitti, balaa tiraafikaa gahaa jiru keessaa dhibbeentaan 81 hanqina naamuusaa fi gahumsa ogummaa konkolaachiftootaatiin kan uumu ta’uu ibsaniiru. Hudhaalee tajaajila Geejiba uummataa keessatti mul'atan furuu fi olaantummaa seeraa damee kana keessatti mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. kanaanis, kenninsa boolloo konkolaataa irraa eegalee tajaajilli geejibaa dijitaalaa akka ta'u taasifameera. Haaluma walfakatuun, Dhaabbilee Leenjii Konkolaachistootaa keessatti kaameraa CCTV dhaabuun, Leenjifamtoonni beekumsa fi dandeettii ogummichi gaafatu argachuu isaanii teeknoolojiidhaan hordofuu fi mirkaneessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Buufataalee Konkolaataa uummataa 250 caalan keessatti tajaajilli tikeettii tajaajilamtootaa Dijitaala Oro hojiirra ooluu eeruun, kanaanis seera maleessummaa hir'isuun danda'amuusaa dubbataniiru. Dabalataanis konkolaachiftoota Seera darban, uummata lakkoofsa teessoon ol fe'anii fi taarifaan ol kaffalchiisan 'online' dhaan adabamuu bira dabree, yakka walfakatu irra deebi’uun kan raawwatan taanaan galmeeffamanii sarara hojii irraa akka hafan sirni diriiruusaa ibsaniiru. Ejensichii fi Komishiniin Poolisii Oromiyaa qindoominaan hanqina naamuusa konkolaachiftootaa furuuf Godinaalee,Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee hundatti leenjii gabbisa dandeettii konkolaachistoota kuma 200 caalaniif har'a kennamuu eegaluusaa ibsaniiru. Komishinii Poolisii Oromiyaatti Hordoffii fi To'ataa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komaandaraa Silashii Gammachuu gamasaaniin,konkolaachiftoonni naamusaa fi ogummaa isaanii kabajanii hojjechuu qabu jedhaniiru. Uummannis tajaajila sirrii akka argatu to'attoonni Tiraafikaas gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Uummannis zebra eeggatee qaxxaamuruu fi gama bitaa isaatiin deemuun tattaaffii Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf taasifamu deeggaruu qaba jedhaniiru. Ittigaafatamaan Ejeensii Geejibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuriyaa Shuumii gama isaaniitiin, magaalattiitti Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf naamuusa konkolaachistootaa irratti hojjechuun murteessaadha jedhaniiru. Ariitiin ol oofuu, hanqina gahumsaa fi naamuusaa dhabamsiisuuf dhimmamtootaa wajjin qindoominaan irratti hojjechaa jirra jedhaniiru. Adaamaatti tajaajilli Geejibaa Ismaartii (SMART) hojiirra ooluu eeruun, kaameraa CCTV'n to'annoo taasisaniin nageenya tiraafikaa mirkaneessuu danda'uusaanii ibsaniiru. Qorannoo fi tarkaanfii yakka damee kana keessatti raawwatamu irratti fudhatamuuf sirni to'annoo fi hordoffii nageenya tiraafikaa dijitaalaa diriirsuu kan ibsan immoo Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaatti Ittigaafatamaa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komandara Dassaaleny Abarraati. Konkolaachistoonni leenjii gabbisa dandeettii naamuusaa argachuun isaanii balaa tiraafikaa waloondhaan ittisuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Magaalattiitti nageenya tiraafikaa fi fayyadama daandii irratti hawaasni hubannoo gahaa akka argatu Ejeensicha wajjin qindoominaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.  
Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera-Mari’attoota
Aug 20, 2026 59
Hagayya 14/2018 (ENA)- Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa kan banedha jechuun ibsan Mari’attoonni. Yaa’iin marii biyyaalessaa olaanaan Adoolessa 18 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu konvenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara boqonnaa xumuraatti dhihaachaa jira. Mariin kun nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’ura guddaa kan kaa’u ta’uu mari’attoonni ENA’f ibsaniiru. Marichi garaa garummaa keessatti walii galtee waloo uumuu fi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa banuusaa beeksisaniiru. Maricharratti kan hirmaatan Kaappiteen Salamoon Gizawu akka ibsanitti, mariin kun nageenyaa fi guddina egeree biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Kun ammo Itiyoophiyaa fooyyofte dhaloota boruuf dabarsuuf carraa guddaa ta’uu beeksisaniiru. Adde Salaam Waaqoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkoo jiru mariidhaan furuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Yaanni hirmaattotaa garaagarummaa tokko malee marichaarratti walqixxummaan kan itti dhagahame, wal kabajaa fi waliigalteen kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru. Mariin kun Itiyoophiyaanonni kallattii biyyattii hundaa fi biyya alaarraa walitti dhufan gaaddisa tokko jalatti walitti qabamanii biyyasaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf kan mari’atan waltajjii seena qabeessa ta’uu kan ibsan ammoo Shaalaqaa Baashaa Tarrafaa Walaaniiti. Muuxannoon gaariin wal dhaggeeffachuu fi mari’achuu maricharratti argame dhalootarraa dhalootatti cehaa aadaa siyaasaa fihawaasummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Kan mul'ate

Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsa dagaagsaa jira
Aug 20, 2026 38
Hagayya 14/2018(ENA): Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsaa dagaagsuun, karaa ammayyaawaa fi caasaa qabuun hojiirra ooluun bu’aa gaarii argamsiisaa jira. Keessattuu sagantaawwan Tajaajilli Lammummaa waktii Gannaa gaggeeffamaniin, dargaggoonni, ogeeyyiinii fi kutaan hawaasaa garagaraa dandeettii, beekumsa fi yeroo isaanii hojii gaariif oolchaa jiru. Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa aanaalee fi magaalota garagaraa keessatti tajaajilli lammummaa biyyaaleesaa waggaa waggaan duulaan bakka itti gaggeefamu Kessaa tokkodha. Jiraattonni Godina Jimmaa Fayyadamtoota tajaajila kanaa ta’an ENA'f akka ibsanitti, Tajaajilli Lammummaa isaaniif taasifame halaa jireenya isaanii jijiiruu bira darbee hariiroo hawaasummaa fi tokkummaa isaanii kan cimse ta’uu dubbataniiru. Jiraattuu Aanaa Oomoo Naaddaa Aadde Uummii Abbaa Fiixaa ganna darbe rakkinaan dabarsuu isaanii yaadatanii, yeroo ammaa tajaajila lammummaan manni isaanii rooba fi lolaa galchaa ture haaromfamee jireenya isaaniif kan abdii fi gammachuutti kan isaaniif jijiire ta’uu ibsaniiru. Tajaajila Lammumaan deeggarsa isaaniif taasifameen jireenya koo jijjiirameera kan jedhan Aadde Uummiin, deeggarsi hawaasnii fi mootummaan isaaniif taasise daa'imman isaanii daandii irratti bu'uu irraa akka isaan oolche dubbataniiru. Haaluma walfakatuun jiraattotni Aanichaa Aadde Zinnaash Makuuriyaa fi Aadde Manawwaa Abbaa Boor deeggarsi tajaajila lammummaan isaaniif kan taasifame ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi Eelee biddeenaa ammayyaa, gaagura ammayyaa fi kanneen biroon taasifaman jireenya isaanii itti fufinsaan kan isaaniif jijiiru ta’uu ibsaniiru. Deeggarsichi boru abdiin jiraachuu fi hojjetanii jireenya isaanii jijjiiruuf akka isaan kakaase ibsuun , fuulduraattis deeggarsa eeggachuu irraa ba'uuf akka hojjetan dubbataniiru. Godina Jimmaa Aanaa OmooNaaddaatti tajaajila Lammummaan hojiiwwan garagaraa kan raawwataman yoo ta'u, kanaanis dhiiga arjoomuu, meeshaalee barnootaa fi deeggarsawwan biroos harka-qalleeyyiif taasifamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa ergaa dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu'uura irraa eegalee aadaa wal-gargaarsa babal'isuu akka kallattii hojii tokkootti qabatee hojjechaa jira jedhaniiru. Kanaanis lammiilee miliyoonaan lakkaawwaman fayyadamaa taasisuun danda'ameera jedhaniiru.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa baneera-Mari’attoota
Aug 20, 2026 59
Hagayya 14/2018 (ENA)- Yaa’iin marichaa aadaa marii biyyaalessaa gabbisuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte ijaaruuf boqonnaa haaraa kan banedha jechuun ibsan Mari’attoonni. Yaa’iin marii biyyaalessaa olaanaan Adoolessa 18 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu konvenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamaa turee gara boqonnaa xumuraatti dhihaachaa jira. Mariin kun nageenya, tokkummaa fi badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf bu’ura guddaa kan kaa’u ta’uu mari’attoonni ENA’f ibsaniiru. Marichi garaa garummaa keessatti walii galtee waloo uumuu fi Itiyoophiyaa egeree ijaaruuf boqonnaa haaraa banuusaa beeksisaniiru. Maricharratti kan hirmaatan Kaappiteen Salamoon Gizawu akka ibsanitti, mariin kun nageenyaa fi guddina egeree biyyattii bu’ura cimaarra dhaabuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru. Kun ammo Itiyoophiyaa fooyyofte dhaloota boruuf dabarsuuf carraa guddaa ta’uu beeksisaniiru. Adde Salaam Waaqoo gama isaaniin, waltajjiin marii biyyaalessaa kun rakkoo jiru mariidhaan furuun akka danda’amu qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Yaanni hirmaattotaa garaagarummaa tokko malee marichaarratti walqixxummaan kan itti dhagahame, wal kabajaa fi waliigalteen kan keessatti mul’ate akka ta’e ibsaniiru. Mariin kun Itiyoophiyaanonni kallattii biyyattii hundaa fi biyya alaarraa walitti dhufan gaaddisa tokko jalatti walitti qabamanii biyyasaanii sadarkaa caalutti ceesisuuf kan mari’atan waltajjii seena qabeessa ta’uu kan ibsan ammoo Shaalaqaa Baashaa Tarrafaa Walaaniiti. Muuxannoon gaariin wal dhaggeeffachuu fi mari’achuu maricharratti argame dhalootarraa dhalootatti cehaa aadaa siyaasaa fihawaasummaa biyyaalessaa ta’ee itti fufuu akka qabu eeraniiru.
Yaa’ii Marichaa irraa yaada furmaata waldhabdee siyaasaaf ta'an ni eegganna - Jiraattota Magaalaa Adaamaa
Aug 19, 2026 204
Hagayya 13/2018 (ENA): Marii biyyaaleessaa kana irraa furmaata waldhabdee Siyaasaatiif ta'an ni arganna amantaa jedhu akka qaban Abbootiin Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa dubbataniiru. Adoolessa 08 bara 2018 irraa jalqabee yaa’iin marii biyyaaleessaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Jiraattota Magaalaa Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Abbootii Gadaa fi Amantaa Magaalaa Adaamaa akka jedhanitti, hirmaachisummaan yaa’ii marii biyyaaleessaa kanaan mul'ate waldhabdee Siyaasaatiif furmaata waaraa fi yaada furmaataa ni fida amantaa jedhu akka qaban ibsaniiru. Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokuutti Abbaa Gadaa Tashoomaa Simaa akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun injifannoo seenaa qabeessa biyyattiin baroota keessatti argatteedha jedhaniiru. Hirmaattonni mariichaa ummata bakka bu'uun Itoophiyaaf furmaata caalu kaa'uuf mari'achaa akka jiran ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa haaloowwanii fi mufannaawwan uummataa darban dhiisuudhaan ijaarsa nagaa waaraatiif bu'uura guddaa akka kaa'u abdii akka qaban dubbataniiru. Mootummaanis ta'e paartileen Siyaasaa yaada furmaataa yaa’ii marii kana irraa dhihaatu kabajuu fi gara hojiitti jijjiiruu irratti tumsuu akka qaban ibsaniiru. Biyyi keenyaa fi ummanni keenya carraa kana argachuu isaaniitti gammadoo ta'uu kan ibsan Abbaa Gadaan kun, yaa’ii marii kana irraa bu'aa guddaa akka eeggatanis dabaluudhaan dubbataniiru. Magaalaa Adaamaatti miseensi Mana Maree Dhimma Islaamummaa Sheek Abdulqaadir Ahimed akka ibsanitti, mariin biyyaaleessaa kun mufannawwan bara dheeraa ture karaa guutuu ta'een ni fura abdii jedhu qabu. Keessattuu waldhabdee siyaasaa biyyattii keessa turan furuuf furmaatni tokkichi marii qofa ta'uu ibsaniiru. Mariichaan furmaata gaariin ni dhufa abdii jedhu akka qaban kan dubbatan Sheek Abdulqaadir, raawwii isaatiifis gahee isaan irraa eeggamu akka bahatan dubbataniiru. Hayyoonni, paartileen siyaasaa , hidhattonni duraanii, bakka bu'oonni amantaa, Hoggantoonni Hawaasaa, Dubaroonni, Qaama Miidhamtoonni, Qaamoleen Nageenyaa dabalataanis Itoophiyaanonni ala jiraatan yaa’ii irratti hirmaatan ta'uu isaatiin gammaduu isaanii ibsaniiru. Adeemsi marii kanaa ajandaa walitti qabuu irraa jalqabee hunda kan hammatee fi hirmaachisaa akka ture kan ibsan Sheek Abdulqaadir, adeemsi kun biyya keenyaaf furmaata waaraa ni fida kan jedhu amantaa guutuu akka qaban dubbataniiru
Marichi Nageenya waaraa buusuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma
Aug 18, 2026 351
Hagayya 12/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhanii akka abdatan jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ibsan. Yaa'iin walii galaa Marii Biyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 A.L.I jalqabee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa'ii kana irratti bakka bu'oonni uummataa kuma afur kanneen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu'an, dhimmoota gurguddoo saddeet irratti waliigalteerra gahuuf marii hirmaachisaa ta'e taasisaa jiru. Dhimma kana ilaalchisee jiraattonni Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii ENA’f yaada kennani, mariin kun nageenya waaraa mirkaneessuun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa uuma jedhaniiru. Jiraataan Aanichaa Ganda Hariiroo Obbo Ibiraahim Mahaammad akka jedhanitti; odeeffannoo Miidiyaarraa argataniin yaa'ii marii biyyaalessaa irratti adeemsi haala ifaa fi abdachiisaa ta'een gaggeeffamaa jiraachuusaa akka hubatan ibsaniiru. Mariin kun aadaan wal dhaggeeffachuu fi waliigaltee kan irratti mul'ate, Itoophiyaa fooyyee qabdu ijaaruuf carraa fi abdii kan qabu carraa guddina biyyaa cimsuu fi nageenya kan ariifachiisu uuma jedhanii amanuu isaanii ibsaniiru. Obbo Husseens mariin kun Itoophiyaa fooyyee qabdu dhugoomsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu eeraanii, biyyaa fi uummataaf waan caalu qabatees akka dhufu abdii qaban ibsaniiru. Jiraataan ganda sanaa kan biraan Obbo Ahmed Mahammad gama isaaniitiin; dhimmoota waliinii irratti waliigaltee uumuu waltajjii marii taasiisuun isaa mataan isaa milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gareen Hoggantoota Seeraan Alaa ABUT filannoon dhumaa isaan qaban harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennachuudha – Dr.Aregaawwii Barhee
Aug 18, 2026 314
Hagayya 12/2018 (ENA) - Hoggantoonni seeraan alaa ABUT filannoon dhumaa qaban osoo yeroon isaanitti hin darbiin harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu dha jedhan hundessaan ABUT duraanii Dr.Aregaawwii Barhee. Dr. Aregaawwii Barhee ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan biyya cimtuu qormaata ishee mudate hunda injifannoon ce'uuf muuxannoo qabdudha jedhaniiru. Kanaan walqabatee, yaaliin gareen Seeraan Alaa ABUT yeroo adda addaatti ergama humnoota alaa fudhachuun Itoophiyaa jeequuf godhe guutummaatti hin milkoofne jedhaniiru. Ammas taanaan, carraaqqiin inni qaama balleessaa kanaa ta'uun godhu gonkumaa kan hin milkoofnee fi eessayyuu ga'u kan hin dandeenye ta'uu ibsaniiru. Shaabiyaan muka gogedha kan jedhan Dr. Aregaawwiin, dargaggoota Eertiraa fixee ammas dargaggoota Tigiraay kaayyoo isaaf itti fayyadamuuf carraaqaa jira jedhaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT garuu garee goge kana waliin maxxanee tattaafachuunsaa dhumni isaa baduu qofa ta'uusaa ibsaniiru. Kanaafuu, hoggantoonni garee seeraan alaa kun filannoon dhumaa qaban karaa badisaa kanaan dura hordofaa turan dhiisuun harka isaanii Mootummaa Federaalaatti kennuu akka ta'e gorsaniiru. Mootummaan Federaalaa deddeebisee harka isaa nageenyaaf diriirsaa turuu isaa fi hidhattoonni baay'eenis waamicha kana fudhachuun gara jireenya nagaatti deebi'aa jiru jedhaniiru. Akka hidhattoota biroo hunda, hoggantoonni garee seeraan alaa ABUT carraa nageenyaa dhiyaateefitti akka fayyadaman cimsani dhaamaniiru. Mootummaan Federaalaa yeroo hoggantoonni garee kanaa filannoo nageenyaa hordofan akka hidhattoota birootti akka isaan simatuuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru.
Ibsa Haala Adeemsa Marii Biyyaalessaa Hanga Ammaarratti kenname
Aug 17, 2026 323
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa walabummaa, hammattummaafi hirmaachiisummaa marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kenneera. Komishinichi Labsii Lakkoofsa 1265/2014’n kan hundeeffame, mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa, waliigaltee fi sirni dimokraatawaa akka dagaaguuf faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu hubachuun, hojiiwwan hedduu raawwachaa tureera. Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Adoolessa 08/2018 ifatti sirna guddaan kan jalqabame, Komishinichi sirna hojii fi karoora ofii isaa bilisaa fi walaba ta’een qopheesse irratti hundaa’uun haala gaariin gaggeeffamaa jira. Adeemsi marii biyyaalessaa kun garaagarummaa siyaasaa fi hawaasummaa gadi fagoo fi walxaxaa Itoophiyaa mudachaa ture marii fi karaa nagaa ta’een furuuf carraa seenaa qabeessa banamedha. Adeemsi kun nagaa waaraa fi tokkummaa biyya keenyaa keessatti faayidaa guddaa waan qabuuf, qaamoleen hundi akka kan isaanii ta’etti kunuunsuu qabu. Komishinichi aangoo fi itti gaafatamummaa seeraan kennameef irratti hundaa’uun adeems marichaa walabummaa, hammattummaa fi hirmaachisummaa qaburratti hundaa’uun gaggeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira. Adeemsi marii kun paartii siyaasaa kamiyyuu, qaama mootummaa ykn garee addaa tokkoof ajandaa siyaasaa isaa raawwachiisuuf kan oolu miti. Kanarra fooyyeefi fudhatamummaa kan qabu fedhiifi ilaalchootni garaagaraa walqixa kan itti dhiyaatan, mariidhaan waliigaltee waliinii uumuuf kan itti hojjetamu waltajjii biyyaalessaadha. Adeemsa kana keessatti rakkoolee fi qormaatileen mudatanis jiru. Yeroodha gara yerootti hanqinoota Komishinicha ykn hirmaattota marii biratti mul’atan, akkasumas komiiwwan uumaman sirnaan furuufi deebii kennuuf carraaqqiin taasifameera. Bu’aan argame kunis tattaaffiiwwan akkasii dabalatee kan argamedha. Kana ilaalchisee, Komishinichi ibsa Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) dhiheenya kana hojii fi adeemsa Komishinichaa ilaalchisee baase hordofee ibsa armaan gadii kennuun barbaachisaa ta’ee argameera. Haaluma kanaan, ilaalcha ABN adeemsi kun hammataa fi hirmaachisaa miti jedhu ilaalchisee, Komishinichi qorannoo fi mirkaneessa barbaachisaa erga taasisee booda, xumura paartii siyaasichaa kana akka hin qooddanne ibsuu barbaada. Waltajjii marii biyyaalessaa keessatti, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa, dhaabbilee fi waldaalee, qaamolee mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, Itoophiyaanotni dhibba uumtootniifi beekamoon, humnoota duraanii hidhatan duraanii socho’aa turaniifi waamicha karaa nagaa fudhachuun galan, hawaasa diyaasporaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo bakka bu’uummaan, sagaleewwan garaagaraa adeemsa kana keessatti hirmaachaa fi dhaggeeffatamaa jiru. ABN’nis paartilee siyaasaa hanga ammaatti adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaannaa taasisan keessaa isa tokkodha. Komishinichi komiifi iyyata hirmaataa marichaa kamiyyuu salphaatti kan bira darbu miti. Komiiwwan qaamolee garaagaraa, ABN dabalatee, dhiyeessaniifis sirna furmaata komii irratti hundaa’uun deebii kennaa jira. Yaadota ijaarsaa fi komiiwwan adeemsa marii fooyyessuuf dhiyaatanis sirnaan ilaaluun, hanga adeemsa marii fudhatama qabuufi bu’a qabeessa taasisuuf gumaachanitti, akka galteetti fayyadamuuf Komishinichi qophiidha. Kanaaf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa carraa kanaan ABN fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo adeemsa marii isa hafe keessatti dammaqinaan akka hirmaataniifi waliigaltee waliinii uumuuf akka waliin hojjetan kabajaan waamicha dhiyeessa. Marii biyyaalessaa jechuun injifannoo gama tokkoo ykn mo’icha gama biraa miti. Marichi adeemsa Itoophiyaan rakkoolee ishee mudataniif furmaata waliinii ittiin barbaaddu, kan hundumaaf bu’aa fi injifannoo fiduuf gargaarudha. Komishinichis sagalee lammiilee fi hirmaattota marii hunda walqixa dhaggeeffachuufi adeemsa kana bilisummaafi walabummaan gaggeessuuf kutannoo qabu irra deebiin mirkaneessa. Dhumarratti, Komishinichi uummattoota Itoophiyaa, paartilee siyaasaa, waldaalee siiviikiifi dhaabbilee garaagaraa, milkaa’ina marii kanaaf gumaacha gaariifi itti fufiinsa qabu taasisan hundi ammas akkaataa jalqabaniin cimsanii akka itti fufan cimsee kabajaan gaafateera. Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti! Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa! Hagayya 11/2018 Finfinnee

Hawaasummaa
Tajaajilli tola ooltummaa yaadama mootummaa ida’amuu qabatamaan karaa agarsiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira
Aug 20, 2026 9
Yaadamni ida’amuu, qajeeltoo tumsaa wal amantaa fi, tokkummaa fi itti gaafatama waloo cimsuun ijaarsa biyyaa saffisiisuuf kan nama onnachiisudha. Ida’amuun yaadama humna garaagarummaa gara faayidaa walootti jijjiiru akkuma ta’e tajaajilli tola ooltummaas falaasama kana qabatamaan calaqqisiisa. Lammiileen beekumsasaanii, yeroosaanii fi humnasaanii walitti fiduun rakkoolee hawaasaa waliin ta’uun yemmuu furan miirri tokkummaa ni cima, aadaan wal amantaas ni gabbata. Tajaajilli tola ooltummaa bara mootummaa ida’amuutti hirmaannaa nama dhuunfaarra darbee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa jira. Gama Kanaan sagantaan kun naannoo Harariitti bifa falaasama ida’amuu qabatamaan calaqqisiisuun naannoo Harariitti hojiirra oolaa jira. Haala Kanaan waggoottan darban naannichatti hojiilee namarratti xiyyeeffatanii fi tajaajila tola ooltummaan hojjetamaniin bu’aan guddaan galmaa’eera. Waggoottan shaman darban hojiilee sagantaalee tola ooltummaa gannaan naannichatti hojjetaman keessaa mana harka qalleeyyotaa haaromsuu fi ijaaruu, haaromsi maneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa fakkeenyummaan kan eeramanidha. Kana malees tajaajila tola ooltummaa Kanaan biqiltuuwwan miiliyoonaan lakkaawwaman dhaabamuun gamatti tajaajilli tola ooltummaa wal’aansaa, qulqullinni naannoo fi balfa dhabamsiisuun tola ooltotaan raawwatamaniiru. Manguddootaaf, qama miidhamtootaaf, maaddii qooduun, deeggarsi uffataa fi meeshaalee qulqullinaa akkasumas dhiiga arjoomuun bal’inaam raawwatamaa turaniiru. Barattootaa fi maneen barnootaa meeshaa barnootaan deeggaruun, ijaarsii fi haaromsi maneen barnootaa, maneen kitaabaa gurmeessuuntola ooltotaan raawwatamaniiru. Aadaan tola ooltummaa kun baatii gannaa kanatti tajaajiloota garagaraa 14’n kan itti fufe yoo ta’u kun ammoo misooma fulla’aaf, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaaf gumaacha olaanaa gumaacha. Mootummaan naannoo Hararii yaadamoota mootummaa ida’amuutiin hojii namarratti xiyyeeffate utubaa yaadamasaa godhachuun hojiilee milkaa’oo eegale cimsee akka itti fufu ibseera.
Qulqullina Barnootaa Lammii biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jira – Dr.Tolaa Bariisoo
Aug 20, 2026 19
Hagayyaa 14/2018 (ENA): Qulqullina Barnootaa Lammii hunda biraan ga’uun dhaloota ga’ooman horachuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Barnoota Qulqullina qabu lammii hundaan ga'uun dhaloota sadarkaa hundatti dorgomaa ta'eefi ga'oome heddumminaan horachuuf hojjechaa jira. Dhaloota abdii egeree ta'an daa'imman irratti hojjechuuf Manneen Barnoota Bu'uura borii babal'isaa jiraachunis ibsameera. Bara Barnootaa 2018 keessas barattoonni miliyoona 12 ol ta'an barnootarra kan turan yoo ta'u, barattoonni miliyoona 7 ol ta'an immoo Manneen Barnootaatti nyaanni isaaniif mijatee barachaa turuun isaanii ibsameera. Haaluma kanaan bara Barnoota 2019'f immoo qophii hundi xumuramuun galmeen barattootaa ifaan eegaluunsaa ibsameera.   Bu'uuruma kanaan guyyaa har'aa galmeen barattootaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti bakka hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo fi hoggantoonni biroon argamanitti eegalchiifameera. Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Oromiyaatti hojii ciminaan hojjetamaa tureen Dhaabbileen Barnoota kuma 37 ol irra ga'uusaa ibsaniiru. Bara 2019 kanas barattoota miliyoona 12 ol kan ta'an, barnoota beekumsa xabboo ganamaa Barnoota Gadaa, Safuufi Dhaweessummaanis sirna barnootaa haaraa hojiirra ooleen baratamaa jira jedhaniiru. Brattonni sababa adda daan harca’anis barnootasaniitti deebi’uun akka baratan Dr. Tolaan dhaamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluus gama isaaniin dhaloota haala yeroon barbaaduun ga'oomsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Magaalaan shaggar cabiinsa barnootaa mudachaa ture furuuf hojjecha jiraachuu fi Manneen barnootaa kuma 1 fi 400 ol irraan ga'uun dandaa'ameera jedhaniiru. Bara kanas barattoota kuma 480'n galmaa'uun barnoota ni eegalu jedhaniiru.  
Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejiba nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jira
Aug 20, 2026 46
Hagayyaa 14/2018 (ENA): Ejensiin Geejiba Oromiyaa tajaajila Geejibaa nageenyummaansaa eegamee fi olaantummaan seeraa keessatti mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojjechaa jirachuu beeksiseera. Naannichatti Godinoota, Magaalotaa fi Aanaalee naannichaa keessatti Leenjiin ijaarsa dandeettii, Naamusaa ogummaa irratti xiyyeefate konkolaachiftoota tajaajila uummataa kennanii gaggeeffamaa jira. Ejeensichatti Daayirektarri Oppireeshinii Nageenya Tiraafikaa fi Bulchiinsa Inshuraansii Alamuu Lammaa akka ibsanitti, balaa tiraafikaa gahaa jiru keessaa dhibbeentaan 81 hanqina naamuusaa fi gahumsa ogummaa konkolaachiftootaatiin kan uumu ta’uu ibsaniiru. Hudhaalee tajaajila Geejiba uummataa keessatti mul'atan furuu fi olaantummaa seeraa damee kana keessatti mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhaniiru. kanaanis, kenninsa boolloo konkolaataa irraa eegalee tajaajilli geejibaa dijitaalaa akka ta'u taasifameera. Haaluma walfakatuun, Dhaabbilee Leenjii Konkolaachistootaa keessatti kaameraa CCTV dhaabuun, Leenjifamtoonni beekumsa fi dandeettii ogummichi gaafatu argachuu isaanii teeknoolojiidhaan hordofuu fi mirkaneessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Buufataalee Konkolaataa uummataa 250 caalan keessatti tajaajilli tikeettii tajaajilamtootaa Dijitaala Oro hojiirra ooluu eeruun, kanaanis seera maleessummaa hir'isuun danda'amuusaa dubbataniiru. Dabalataanis konkolaachiftoota Seera darban, uummata lakkoofsa teessoon ol fe'anii fi taarifaan ol kaffalchiisan 'online' dhaan adabamuu bira dabree, yakka walfakatu irra deebi’uun kan raawwatan taanaan galmeeffamanii sarara hojii irraa akka hafan sirni diriiruusaa ibsaniiru. Ejensichii fi Komishiniin Poolisii Oromiyaa qindoominaan hanqina naamuusa konkolaachiftootaa furuuf Godinaalee,Bulchiinsa Magaalotaa fi Aanaalee hundatti leenjii gabbisa dandeettii konkolaachistoota kuma 200 caalaniif har'a kennamuu eegaluusaa ibsaniiru. Komishinii Poolisii Oromiyaatti Hordoffii fi To'ataa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komaandaraa Silashii Gammachuu gamasaaniin,konkolaachiftoonni naamusaa fi ogummaa isaanii kabajanii hojjechuu qabu jedhaniiru. Uummannis tajaajila sirrii akka argatu to'attoonni Tiraafikaas gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Uummannis zebra eeggatee qaxxaamuruu fi gama bitaa isaatiin deemuun tattaaffii Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf taasifamu deeggaruu qaba jedhaniiru. Ittigaafatamaan Ejeensii Geejibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuriyaa Shuumii gama isaaniitiin, magaalattiitti Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf naamuusa konkolaachistootaa irratti hojjechuun murteessaadha jedhaniiru. Ariitiin ol oofuu, hanqina gahumsaa fi naamuusaa dhabamsiisuuf dhimmamtootaa wajjin qindoominaan irratti hojjechaa jirra jedhaniiru. Adaamaatti tajaajilli Geejibaa Ismaartii (SMART) hojiirra ooluu eeruun, kaameraa CCTV'n to'annoo taasisaniin nageenya tiraafikaa mirkaneessuu danda'uusaanii ibsaniiru. Qorannoo fi tarkaanfii yakka damee kana keessatti raawwatamu irratti fudhatamuuf sirni to'annoo fi hordoffii nageenya tiraafikaa dijitaalaa diriirsuu kan ibsan immoo Qajeelcha Poolisii Magaalaa Adaamaatti Ittigaafatamaa Nageenya Tiraafikaa Ittaanaa Komandara Dassaaleny Abarraati. Konkolaachistoonni leenjii gabbisa dandeettii naamuusaa argachuun isaanii balaa tiraafikaa waloondhaan ittisuuf gahee guddaa qaba jedhaniiru. Magaalattiitti nageenya tiraafikaa fi fayyadama daandii irratti hawaasni hubannoo gahaa akka argatu Ejeensicha wajjin qindoominaan hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.  
Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsa dagaagsaa jira
Aug 20, 2026 38
Hagayya 14/2018(ENA): Tajaajilli Lammummaa duudhaalee wal-gargaarsaa dagaagsuun, karaa ammayyaawaa fi caasaa qabuun hojiirra ooluun bu’aa gaarii argamsiisaa jira. Keessattuu sagantaawwan Tajaajilli Lammummaa waktii Gannaa gaggeeffamaniin, dargaggoonni, ogeeyyiinii fi kutaan hawaasaa garagaraa dandeettii, beekumsa fi yeroo isaanii hojii gaariif oolchaa jiru. Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaa aanaalee fi magaalota garagaraa keessatti tajaajilli lammummaa biyyaaleesaa waggaa waggaan duulaan bakka itti gaggeefamu Kessaa tokkodha. Jiraattonni Godina Jimmaa Fayyadamtoota tajaajila kanaa ta’an ENA'f akka ibsanitti, Tajaajilli Lammummaa isaaniif taasifame halaa jireenya isaanii jijiiruu bira darbee hariiroo hawaasummaa fi tokkummaa isaanii kan cimse ta’uu dubbataniiru. Jiraattuu Aanaa Oomoo Naaddaa Aadde Uummii Abbaa Fiixaa ganna darbe rakkinaan dabarsuu isaanii yaadatanii, yeroo ammaa tajaajila lammummaan manni isaanii rooba fi lolaa galchaa ture haaromfamee jireenya isaaniif kan abdii fi gammachuutti kan isaaniif jijiire ta’uu ibsaniiru. Tajaajila Lammumaan deeggarsa isaaniif taasifameen jireenya koo jijjiirameera kan jedhan Aadde Uummiin, deeggarsi hawaasnii fi mootummaan isaaniif taasise daa'imman isaanii daandii irratti bu'uu irraa akka isaan oolche dubbataniiru. Haaluma walfakatuun jiraattotni Aanichaa Aadde Zinnaash Makuuriyaa fi Aadde Manawwaa Abbaa Boor deeggarsi tajaajila lammummaan isaaniif kan taasifame ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi Eelee biddeenaa ammayyaa, gaagura ammayyaa fi kanneen biroon taasifaman jireenya isaanii itti fufinsaan kan isaaniif jijiiru ta’uu ibsaniiru. Deeggarsichi boru abdiin jiraachuu fi hojjetanii jireenya isaanii jijjiiruuf akka isaan kakaase ibsuun , fuulduraattis deeggarsa eeggachuu irraa ba'uuf akka hojjetan dubbataniiru. Godina Jimmaa Aanaa OmooNaaddaatti tajaajila Lammummaan hojiiwwan garagaraa kan raawwataman yoo ta'u, kanaanis dhiiga arjoomuu, meeshaalee barnootaa fi deeggarsawwan biroos harka-qalleeyyiif taasifamaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa ergaa dabarsaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu'uura irraa eegalee aadaa wal-gargaarsa babal'isuu akka kallattii hojii tokkootti qabatee hojjechaa jira jedhaniiru. Kanaanis lammiilee miliyoonaan lakkaawwaman fayyadamaa taasisuun danda'ameera jedhaniiru.  
Diinagdee
Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis qophii guutuus qabu-Dr. Aragaawii Barihee
Aug 19, 2026 156
Hagayya 13/2018 (ENA)- Itiyoophiyaanonni hidha hedduu ijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu akka qaban hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee dubbata. Waajjirri qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa qindeessuudhaan milkaa’inaan akka xumuramu taasiseera. Hidhi haaromsaa hubannoo wal dhahaa bara hedduuf itti fayyadama haqa qabeessa bishaan Abbayyaa kan jijjiire ta’uu hojii raawwachiisaan olaanaa waajjira qindeessaa pirojektii ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa Dr. Aragaawii Barihee ENA’tti himaniiru. Hidhi kun ijaaramuunsaa biyya kamiyyuu kan hin miinee fi inumaayyuu riijinicha inarjiidhaan kan walitti hidhe ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa eeraniiru. Gibxi garuu dhugaa kana ganuudhaan akkuma Kanaan duraa wacaan waliin dhahuuf yaalaa turte yeroo ammaas itti fufuushee dubbataniiru. Abbayyaan kan biyyoonni inni keessa darbu tumsaan itti fayyadamani malee qabeenya dhuunfaa Gibxii miti kan jedhan Dr. Aragawiin, gama Kanaan duulli Gixbi waliin dhahuuf wixxifachaa jirtu dhaabachuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon olaanaan Itiyoophiyaan qabdu tumsaan guddachuu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni tumsaan maal fiixa baasuu akka danda’an ijaarsa hidha haaromsaa guddichaan agarsiisuusaanii kaasanii, fuulduras hidha hedduuijaaruuf dandeettiis ta’e qophii guutuu qabu jedhaniiru. Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa irratti ummata qindeessuudhaan muuxannoon guddaan argamuusaa dubbataniiru. Muuxannoon kun hojiilee misoomaa akkasii fuulduratti hojjetamaniif galtee guddaa ta’uusaa ibsaniiru.
Dargaggoota hojii dhabdummaa hojii uumuudhaan kan mo’atan
Aug 18, 2026 224
Bulchiinsi Magaalaa Jimmaa dargaggoota dameelee xixiqqaa fi giddu galeessaa adda addaan gurmeessuun hojii dhabdummaa hir'isuuf hojjechaa jira. Qonnaa fi bu’aalee qonnaan qindeessuun oomisha qonnaa, hojii mukaa fi sibiilaa, industiriin kooteejjii, tajaajilaa fi daldala, akkasumas eegumsa naannoo fi hojiilee deebisanii fayyadamuu hojiiwwan dargaggoonni itti gurmaa’an isa ijoodha.   Akka dargaggoonni yaada isaanii ENA’f kennan jedhanitti; abdii kutannaa hoji dhabdummaan isaan irra gahaa ture kalaqaan bakka buusanii hojii mataa isaanii irratti bobba’aniiru. Haala kanaan jireenya ofii fi jireenya maatii isaanii jijjiiruu bira darbee dargaggoota magaalattii biroof hojii uumuun guddina diinagdee magaalattiif shoora isaanii bahachaa jiraachuu dubbatani. Jiraattuu magaalattii kan taate Fooziyaa Kadir waggaa tokko dura hojii dhabdee rakkachaa akka turte dubbatteetti. Yeroo ammaa garuu carraa industiriin Goojjoo magaalittii uumeefiitti fayyadamtee hojii mukeen mocuu irratti bobba’uun of danda’uu bira darbitee namoota biroof carraa hojii uumuu dandeesseetti. Dargaggeessi biraa Abdurrazaaq Shawumoloo jedhamu hiriyyoota isaa sadii waliin ta'uun bulchiinsi magaalichaa industirii Goojjoo keessatti haala mijeesseefiin hiriyyoota isaa sadii waliin dhadhaa loozii omishuun gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbateera.   Bakka hojii dabalatee deeggarsi barbaachisaa ta’e akka isaaniif taasifamuu himuun; akkasumas wantootni nyaataa isaan qopheessan qoratamee qulqullinni isaanii mirkanaa’ee waan ta’eef, oomisha isaanii ofitti amanamummaa guutuudhaan gabaaf dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu danda’aniiru.   Toora qulqullinaa fi deeggarsa gosa kanaa hojiin abbootii qabeenyaa isaanii itti fufiinsa akka qabaatu taasiseera jedhan; kanaanis ofii isaaniitiin ala namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru.   Jituu Abdoo fi Hikmaa Mahaammadnaasiris carraa kanaan fayyadamoo warreen ta’anidha.   Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Magaalaa Jimmaatti gaggeessaan Garee Hojii Uumuu obbo Ashannaafii Girmaa akka jedhanitti, magaalicha keessatti pirojektoonni dargaggoota fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru.   Kanarraa kan ka’e bara baajataa xumurame keessatti industiriiwwan Goojjoo dabalatee waldaaleen kuma 3 fi 279 lammiilee kuma 31 fi 659’f carraa hojii uumuu danda’aniiru. Bu’a qabeessummaa waldaalee kanaaf liqii fi iddoo hojii dabalatee wantoonni barbaachisoon mijeeffamuu ibsaniiru. Bara baajataa haaraa kana keessatti waldaalee kuma 4 fi 100 gurmeessuun namoota hedduuf carraa hojii uumuuf karoorfamuu eeruun; dhimmoota walitti hidhamiinsa gabaa dargaggoonni ka’aniif deebii kennuuf qooda fudhattoota waliin hojiin bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira
Aug 17, 2026 216
Hagayya 11/2018 (ENA): Itoophiyaan Albuudarraa galii isheef malu akka argattuuf Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jiraachuu beeksise. Dameen Albuudaa guddina dinagdee walii gaalaatiif fi argama sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa waan taasisuuf xiyyeeffannoon kan kennameef yoo ta'u, damicha ammayyeessuufi dandeettii isaa guddisuuf teeknooloojii, qorannoofi leenjii ogeessotaa irratti hojiiwwan hedduun hojetamaa jiru.   Akkasumas Hawaasa Naannichaa hojii Albuuda baasuu mala Aadaa irraa gara ammayyaatti ceesisuun, hojii Albuudaa baasuu fulla’aa fi fayyaalessa ta'e ijaaruuf carraaqqiin tasifamaa jira. Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuuda, Beekumsa Mandhalee, Qonnaafi beellada akkasumas damee Fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Itti gaafatamaan Kutaa Barnoota Gii’ooloojii fi Albuudaa Yuunivarsiitichaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi yeroo ammaa sadarkaa digirii fi digirii lammaffaatiin (maastersiin) barattoota Maayiningii fi Gii’ooloojiitiin barsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii baruu fi barsiisuun alaas, hojii qo’annoo fi qorannoon rakkoo hawaasaa furuuf damee albuudaa irratti qorannoo garaa garaa gaggeessaa jiraachuu eraniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu ishee caqasuun, galii damicharraa argachuu qabdu akka argattuus barnootaan, qorannoofi deeggarsa ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jira jedhaniiru.   Hojii Albuudaa kanaan dura mala aadaa ture ammayyeessuuf leenjiifi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennuudhaan hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce'u leenjiiwwan dandeessisan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadaamii Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Gabayyoo Ashaagiree akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sagantaawwan sirrii ta'an qopheessee hojjechaa jira. Albuudni Sadarkaa Dhaabbataatti akka of danda'uuf Laabiraatooriiwwan kurfeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuufi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo garaa garaa waliin ta'uun barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasaa tumsaan hojjechaa jiru. Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa'uu eeruun, biyyattiin naannicharraa fayyidaa argachuu qabdu akka argattuus hojii barsiisuufi qorannoo irratti waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Tamasgeen Dabaloo gama isaaniitiin, Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo tokkootti akka irratti hojjetu mootummaan kan barbaadeef Naannoon Gujii Albuudota hedduu kan qabu waan ta'eefi jedhaniiru. Kanaafis Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo gudaatti godhatees hojjeta jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)    
Aug 11, 2026 504
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Maanchisteer Siitiin Waancaa Koomuniitii Shiildii fudhachuuf taasisan hawwiin eegama
Aug 16, 2026 333
Hagayya 10, 2018 (ENA): Taphi xumura Waancaa Koomuniitii Shiildii kan bara 2026 gidduu Arsenaal fi Maanchisteer Siitiitti har'a ni gaggeeffama. Taphi kun sa'aatii 11:00 irratti magaalaa guddoo Weels, Kaardif keessatti Istaadiyeemii seenaaqabeessa Pirinsiipaalitiitti kan gaggeeffamu ta'a. Taphi baninsa bara dorgommii haaraa kan xiyyeeffannoo guddaa qabu kun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Ingiilaand bara 2025/26 kan ta'e Arsenaal fi mo'ataa Waancaa FA (FA Cup) bara 2026 kan ta'e Maanchisteer Siitii kan walqunnamsiisudha. Arsenaal waggoota 22 booda kabaja Piriimiyer Liigii kan gonfataniif, Maanchisteer Siitiin immoo tapha xumura Waancaa FA irratti Cheelsii 1-0n mo'achuun gara tapha har'aatti dhihaataniiru. Akka odeeffannoon mul’isutti, seenaa Koomuniitii Shiildii keessatti Arsenaal Maanchisteer Siitii irratti olaantummaa guutuu qaba. Gara waltajjii kanaatti gareen lamaan kanaan dura si'a sadii kan walqunnaman yoo ta'u, taphoota sadanittuu Arsenaal mo'ateera. Gareen kunniin dhuma irratti akka L.A bara 2023tti tapha Koomuniitii Shiildii taasisaniin Arsenaal darbiin penaltiitiin mo'achuun isaanii ni yaadatama. Taphni kun kanaan dura Istaadiyeemii Weembilii Landan keessatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barana immoo gara Istaadiyoomii seenaa qabeessa Pirinsiipaalitii magaalaa guddoo Weels Kaardifitti akka jijjiiramu taasifameera. Sababni isaas Istaadiyeemii Weembilii keessatti konsertiin muuziqaa kanaan dura qabame waan jiruuf akka ta'e beekameera. Kunis dorgommiin kun waggoota 20 booda irra deebidhaan gara magaalaa guddoo Weelsitti akka deebi'u taasiseera. Dorgommiin Koomuniitii Shiildii jalqaba dhihaatee akka L.A. bara 1908tti moggaasa "FA Charity Shield" jedhuun kan jalqabame yoo ta'u, dhiyoo kana akka L.A. bara 2002tti moggaasa ammaa "FA Community Shield" jedhutti jijjiirame. Dorgommiin kun shaampiyoonaa liigichaa fi mo'ataa Waancaa FA walqunnamsiisuun bansa bara dorgommii haaraa kan labsudha. Galii gurgurta tiikeetii fi beeksisa irraa walitti qabamu guutuun Ingiilaand keessatti dhaabbata arjoomaa fi hojiiwwan misooma kubbaa miilaa hawaasaatiif kan oolu ta'a. Maanchisteer Yunaayitid si'a 21 mo'achuun kilaba dorgommii kanaatti milkaa'ina guddaa kan qabudha. Arsenaal waancaa 17 fudhachuun isaatti ana. Maanchisteer Siitiin immoo si'a torba mo'ateera.  
PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa
Aug 12, 2026 451
Hagayya 6/2018 (ENA): Taphni waancaa moo'attoota Awurooppaa har'a PSG fi Aston Viilaa gidduutti taphatama. Taphichi galgala sa'aatii 4 irratti ostiraaliyaa ‘Red Bull Arena’ keessatti taphatama. Kilabni PSG’n Faransaay tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan gahe, xumura shaampiyoonsi liigii irratti Arsenaaliin adabbiin injifachuun waancaa fudhachuuni. Luusiis Enrikeetiin kan durfamu ‘PSG’n bara darbes tapha wal fakkaatuun Tootinaam adabbiin injifachuun waancaa kana injifachuun isaa kan yaadatamu qaba. Gama biraatiin ammoo Aston Viilaan leenjisaa Unayi Emretiin hogganamu, tapha har'aaf kan darbe tapha xumuraa Liigii Awurooppaatiin kilaba Jarmanii Firaayibargi 3 fi 0’n injifateeti. Seenaa keessatti Aston Viilaan si’a tokko, bara 1982 Baarseloonaa injifachuun waancaa kana kaase. PSG fi Aston Viilaan kanaan dura dorgommii Awurooppaa qofaan wal argan, shaampiyoonsi liigii bara 2024/25 irratti jechuudha. Yericha PSG’n dirree isaa irratti 3 fi 1’n yoo injifatu, Aston Viilaan ammoo Viilaa Paarki irratti 3 fi 2 injifate. PSG’n waliigalatti 5-4’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbuun shaampiyoonaa dorgommii kanaa isa jalqabaa ta'eera. Tapha kana daran adda kan godhu riikardii murteessummaa inni galmeessisudha.   Gamtaan Waldaalee Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha kana akka to'atu abbaa murtii lammii Somaaliyaa ganna 34 Omar Artaan filateera. Kunis seenaa dorgommii kanaa waggoota 51 keessatti abbaa murtii lammii Awurooppaa hin taane tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan jalqabaa isa taasisa. Taphichi sa'aatii idilee daqiiqaa 90 booda qixaan yoo xumurame, sa'aatii dabalataa osoo hin kenniin, kallattiin gara adabbiitti ni deema. Gareen injifate badhaasa maallaqaa Yuuroo miiliyoona shan kan argatu yoo ta'u, gareen mo'ame ammoo Yuuroo miiliyoona afur argatu. Kilabiin dorgommii kana irratti milkaa'ina guddaa kan argate Riyaal Maadriid yoo ta'u, yeroo 6 waancaa kana injifateera. Baarseloonaa fi Essi Miilaan waancaa shan qabachuun itti aanu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 342
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira.   Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee!
Aug 14, 2026 319
Sagantaan Ashandaa Magariisaa biqiltuu dhaabuu ykn naannoo miidhagsuu caalaa akka ta’e agarsiisaa jira; misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura eegsisuuf, misoomsuu fi cimsuuf tarsiimoo jalqabbii biyyaalessaati. Sochiin biyyaalessaa guddaan kun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabnu cimsuu qofa osoo hin taane, sirna ikoo uumamaa keenya sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa lafa magariisaa taasisaa jira. Itiyoophiyaan dandeettii mataa ishee fi tattaaffii waloo lammiilee isheetiin qabeenya uumamaa ishee eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneesse yoo ta’u, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu keessatti biyyoota biroof fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u milkaa’ina ummataa ta’uu hojiiwwan waggoota darban keessatti raawwataman mirkaneessee jira. Qabeenya uumamaa eeguun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaa, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi guddina dinagdeefis bu’aa olaanaa qaba. Kanaafidha Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu isa ijoo taasifnee wabii nyaataa fi dinagdee keenya cimsuuf kan hojjenne. Dhaloonni kun qabeenya uumamaa isaa tiksuu fi misoomsuun fedhii bara kanaa guutuu bira darbee Itoophiyaa badhaatee fi mo’amuu hin dandeenye dhaloota itti aanutti dabarsee kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Itoophiyaa boruuf bu'uura cimaa fi amanamaa kaa'uuf piroojektoonni misooma magariisaa qindoominaan jalqabne cimee itti fufa. Itti aanaa ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 713
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 29854
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16624
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16198
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015