Hayyoonni Teekinooloojii Qonnaatiin Qonnaan Bulaa Akka Deeggaran Waamichi Dhihaate

267

Finfinnee Ebla 14/2011 Hayyoonni Itiyoophiyaa damee qonnaa guddisuuf bu’aawwan teekinooloojii haaraa maddisiisuudhaan ga’eesaanii akka ba’an waamichi dhihaateera.

Obbo Akliiluu Abaatee yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaa keessatti kan hojjetame maarashaa abbaa motoraa uumuudhaan kee ssumaa qonnaan bultoota oyiruu xiqqaa fayyadamaniif gumaachaniiru.

Ogummaa makaanikaatiin waggaa 40 kan hojjetan obbo Akliiluun dinagdee Itiyoophiyaa qonnaarratti hundaa’e ammallee gateettii sangaarraa kan hin bane ta’uunsaa akka isaan yaaddessu turtii tajaajila oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin dubbataniiru.

Ogumasaaniitiin ge’eesaanii ba’uuf ministeera Innoveeshinii fi tekinooloojii waliin ta’uun keessumaa kanneen oyiruu xiqqaatti fayyadamaniif tiraaktara qonnaaf, haamaaf, qoricha facaasuu fi tajaajiloota kan biroo kennu hojjetaniiru.

Itiyoophiyaatti waggaa kuma 3 dura qonni sangaadhaan adeemsifamaa ture ammas gara qonna ammayyaatti jijjiiramuu dhabuunsaa kan nama gaabbisiisuu fi xiyyeeffannoo ogeeyyotaa kan barbaadu ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Jijjiirama ilaalchaa ogeessaa, mootummaa fi hawaasa fiduudhaan galtee qonnaa fi meeshaa biyyoota addaddaatii galchinu Itiyoophiyaanonni s akkuma biyyoota guddatanii hojjechuu akka dandeenyu agarsiisuu qabna jechuunis ni gorsu.

Qorannoo fedhii amma jiruunis tiraaktara maarashaa abbaa motoraa wal fakkaataan miiliyoona 24 akka barbaachisu kan dubbatan obbo Akliiluun, “ani jireenya koo keessatti kuma 10 hojjedhee yoon darbe biyya koof waan guddaadha” jechuun ni dubbatu.

Dargaggoo Nabiyyuu Geetaachoon ogeessa injiinariingii makaanikaatiin eebbifame yoo ta’u, Injiiniin ala guutummaatti Itiyoophiyaan hojjetamte tiraaktara maarashaa qabatee dhihaateera.

Dargaggoo Nabiyyuun turtii barnootaa isaaniitiinis taanaan qonnaa ammayyeessuuf maashinoota addaddaa hojjechuuf fedhii akka qabu ibsee fuulduraafis bu’aawwan qorannoo gumaachuufis mul’ata akka qabu himeera.

Dargaggoo Yibalxaal Mokonnin beekumsa teekiniikaa fi ogummaarraa argateen hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun meeshaalee ammayyaa oomisha haamuu fi dhahuuf  tajaajilan hojjechuuf jalqabbiirra jira.

“Itiyoophiyaanonni wal taanee qonnaa biyya keenyaa ammayyeessuu qabna” kan jedhu dargaggoon Yibalxaal, gama teekinooloojiitiin ogeeyyonni hedduun digirii jalqabaa, digirii lammaffaa fi digirii sadaffaatiin eebbifama hedduun eebbifamaa yoo jiraatanillee hojiirratti garuu ammas kan hafu ta’uu kaasaniiru.

Ministirri Innoveeshinii fi teekinooloojii Dr. Injiinar Geetaahuun Makuriyaa gamasaaniitiin “amma har’aatti teekinooloojii beekuu fi barachuun keenya gaarii ta’us, qonnaan bultoota  keenya dame kanaan hin deeggarre” jedhaniiru.

Qonnaan bultoonni eekinooloojii maarashaatiin deeggaramuu dhabuusaaniitiin amma har’aatti qonnaa sangaarraa adda ba’e uumuun akka hin danda’amne ibsanii, rakkoo akka biyyaatti mul’atu kana teekinooloojii biyyaatiin hiikuuf hojjetamuu akka qabu eeraniiru.

 “Beekumsa keenya ummata biraan yoo hin geenye kan itti saalfannu akka hin taane” jechuudhaan hayyoonni ogumasaaniitiin ummatasaanii akka tajaajilan waamicha dhiheessaniiru.

Ummata Itiyoophiyaa miiliyoona 100 keessaa miiliyoona 24 kan ta’u qonnaan bulaa abbaa warraa fi haadha warraa ta’uusaa ragaaleen ni agarsiisu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015