Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi marii gara marsaa xumuraatti ce'aa jira

Hagayya 4 /2018 (ENA): Adeemsi Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa gara marsaa xumuraatti ce'aa jira jedhan Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa.

Adeemsi marii adeemsa murtee kennuu osoo hin taane adeemsa gorsa kennuu akka ta’es ibsaniiru.

Haala yeroo ammaa adeemsi marii kun irra jiru ilaalchisee ibsa kennaniin, adeemsi marii kun cimee sadarkaa fooyya’aa ta’etti ce’aa akka jiru Komishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa beeksisaniiru.

Yaadonni kanaan dura hirmaattota 10 fi 50’n ka’aa turan gara garee 250tti babal’achuu isaanii eeraniiru.

Sadarkaa amma irra jiruun gareen 250 lamaan hojii mari’atanii fi hojjetan qindeessanii gabaabsuun garee 500’f dhiyeessuu eegaluu isaanii ibsaniiru.

Miseensonni garee 500 marsaa itti aanu eegalan yaadota isaaniif dhiyaatan dhaggeeffachuun yaadota hammatamuu qaban qopheessaa jiru jedhan.

Hirmaattonni 250 yeroo ammaa mari'achaa jiran har'a waaree booda kan xumuran yoo ta'u, boru ganama kan xumuran ammoo boru waaree booda garee isaanii 500 ta'aniif yaada isaanii ni dhiyeessu.

Jalqaba adeemsa kanaa irratti yaadonni, falmiin fi ibsi miira adda addaa agarsiisan uumamaa marii ta’uu ibsuun, kunis hirmaannaa fi haaluma marii kanaa kan agarsiisan ta’uu ibsaniiru.

Hirmaattonni dhimma tokkoon tokkoon gandaa fi naannoo achi jiru furuuf dhufuu osoo hin taane, Itoophiyaa akka wiirtuutti mariisisuuf dhufuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru.

Adeemsi marichaa adeemsa murtee kennuu osoo hin taane, adeemsa yaada kennuu akka ta’e eeruun,yaadonni dhiyaatan kunniin immoo qaamota seera raawwachiisan,seera kabachiisan,seera baasan,seera hiikan,paartiile siyaasaaf fi waldaalee siiviliif kan dhiyaatan ta’u jedhani.

"Murteen tokko sagalee caalmaadhaan ni kennama" ykn "murtoon dhiibbaa keessoo fi alaatiin ni kennama" jechuun oduun odeeffamaa jiru olola dha.

Yeroo ammaa kana mari’attoota gidduutti falmiin fi waliigaltee dhabuun sadarkaa ‘daayivarjansii’ sadarkaa adda bahuu irra waan jiruuf fudhatama kan qabudha jedhani.

Yeroo gara marsaa walitti dhufeenyaatti dhufnu yaada dhuunfaa keenyaa dhiifnee yaada waloo Itoophiyaa giddu galeessa godhate qabannee gara fuulduraatti tarkaanfanna jedhaniiru.

Ajandaawwan baay’ee wal falmiisoodha jedhamanii kan turan,kanaan dura uummanni kan keenyadha jedhee gara giddu galeessaatti fideera jedhani.

Ifaajii baatii tokkoon booda,turban tokko ykn lama booda hirmaattota kuma 4 waliin marii adeemsifamuun,mariachi ni xumurama jedhani.

Sana booda yaadota dhiyaatan komishinichi cimsee qaama raawwachiiftuutti kan ergu yoo ta’u, hojiirra oolmaa isaaniis hordofee ummataaf ifa ta’a jedhaniiru.

Komishinarri Olaanaan kuni namoota adeemsa kana namuusaan hordofaa jiran hundaaf biyya keessaas ta’e biyya alaa galata guddaa qaban ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015