Tamsaasa Kallatti:

Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira

Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise.

Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru.

Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira.


Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru.

Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru.


Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru.

Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera.

Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015