Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ii marii biyyaalessaa gaggeefamaa jiruun ajandaan Murtii argate hin jiru - Komishinara Olaanaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa

Hagayya 4/2018 (ENA): Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin kan hin dabarre ta'uu fi galmi isaa olaanaan qaamota raawwachiisaniif yaada galtee qopheessuu ta'uu Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan.

Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari’aayaa, waa'ee yaa’ii Marii biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Hirmaattota garee 10 irraa walitti ba'an keessaa gareen miseensota 250 lamaan yaada qopheessan walitti fiduun xumuraa akka jiran komishinarichi eeraniiru.

Itti aansuun gareen miseensota 250 lamaan kun wal ta'uun yaaddoota miseensota 500 irratti mari'atan miseensota 500’f dhiyeessaa akka jiranis adeemsi kunis itti fufinsa kan qabu ta'uu ibsaniiru.

Gareen ajandaa miseensota 500 yaadota irratti yaada kennuun ajandaawwan akka gabbatan taasisaa akka jiran eeraniiru.

Yeroo ammaa kana mariin miseensota 500 eegaluu isaa fi gareewwan marii miseensota 500 hundi guyyoota lama keessatti guutummaatti gara mariitti akka seenan himaniiru.

Marii’attoonni Kutaa hawaasaa addaddaarraa kan walitti ba'an yaadotaa fi gaaffii adda addaa kaasudhaan mari'achaa akka jiranii fi adeemsi waliigalaa gaariituusaa ibsaniiru.

Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti murtiin darbe kan hin jirre ta'uu kan dubbatan komishinarichi, galmi olaanaan adeemsichaa gorsawwan (yaada galtee) dhiyeessuu ta'uu ibsaniiru.

Gorsawwan yaa’ii irratti dhihaatan mootummaa fi paartiilee siyaasaa dabalatee qaamota raawwachiisaniin kan raawwataman ta'uu hubachiisaniiru.

Maricha irratti murtiiwwan akkasii ni dabarfamu kan jedhan odeeffannoo kijibaa ta’uusaa dubbataniiru.

Yaa’ii marichaa sadarkaa amma irra jiruutti yaadota wal hin simne kaasuun isaa sirrii fi adeemsa umamaa ta'uu eeruun, kunis fuulduratti yaada gara gidduutti fiduuf adeemsa keessatti bu'uura murteessaa kan kaa'u ta'uu kaasaniiru.

Sadarkaa walitti qabamuutti yeroo ga'u yaadonni dhuunfaa gatamaa deemanii Itoophiyaa kan giddu-galeessa godhatan yaadonni gamtaa akka dhufan eeraniiru.

Ajandaawwan saddeettan irratti mariin taasifamu fuulduratti gorsawwan fooyya'oo akka argamsiisan komishinarichi amantaa qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015