Manni Maree Naannoo Affaar baajata 2019 Birrii biiliyoona 33.2 ol raggaasise - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Naannoo Affaar baajata 2019 Birrii biiliyoona 33.2 ol raggaasise
Hagayya 4/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Affaar walga’ii idilee gaggeesseen,baajata naannichaa bara 2019 Birrii biiliyoona 33 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 53 oliin sagalee guutuun raggaasiseera.
Itti aanaan Hogganaa Biiroo Faayinaansii naannichaa Darrasaa Mahaammad ,baajatichi galii idilee naannichaa, deeggarsa Mootumm Federaalaa, galmoota misoomaa waaraa fi maddoota galii biroon kan uwwiffamu ta’uu dubbataniiru.
Maallaqni bara bajataa kanaaf ramadame misooma naannichaaf haala mijeessa, gaaffilee ummataa deebisuuf, pirojektoota misoomaa eegalaman cimsuu fi itti fufsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.