Godina Gujiitti bara oomishaa kanaan bunni kuntaalli kuma 231 ol gabaa giddu galeessaaf dhihaateera - ENA Afaan Oromoo
Godina Gujiitti bara oomishaa kanaan bunni kuntaalli kuma 231 ol gabaa giddu galeessaaf dhihaateera
Hagayya 4/2018 (ENA):- Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti bara oomishaa kanaan oomishni bunaa dhandhamaa fi qulqullina uumamaa isaanii eeggatan kuntaala kuma 231 ol gabaa gidduugaleessaaf dhihaachuusaa Waajjirri Daldalaa Godinichaa beeksise.
Godinni Gujii naannoo itti oomishni bunaa Itoophiyaa keessaa Caalaman keessaatti qulqullinaa fi baay'ina oomishaatiin sadarkaa duraa irratti kan eeramu dha.
Bunni Gujii bunoota dhiqamanii fi hin dhiqamiin kanneen sadarkaa addunyaatti gatii olaanaadhaan gurguraman keessaa isa tokkodha.
Oomishtoonni abbaa warraa xixiqqaan, Yuuniyeenonni Waldaalee Hojii Gamtaa fi Abbootiin Qabeenyaa godinicha keessatti argaman muuxannoo buna funaanuu, dhiquu fi gogsuu irratti qabaniin qulqullina oomishichaa eegsiisuu keessatti gumaacha olaanaa taasisu.
Yeroo dhihoo kana godinichatti hojiiwwan to'annoo qulqullinaa taasifamaniin, tarkaanfiiwwan daldala seeraan alaa ittisuuf fudhatamanii fi sirni oomishtoota kallattiidhaan gabaa giddugaleessaa waliin wal-qunnamsiisuu oomishichi qulqullinaan fi bal'inaan gabaaf akka dhihaatu gargaareera.
Waajjira Daldala Godinichaatitti Ogeessi Karooraa fi Baajataa Obbo Darrasaa Dankoo bara baajataa 2018tti godinichatti oomisha bunaa qulqullinaa fi baay'inaan dorgomaa ta'e dhiheessuuf hojiiwwan dandeessisan raawwatamuu isaanii yaadachiisaniiru.
Raawwii hanga ammaatiinis Godinichatti aanaalee buna oomishan keessaatti kan walitti qabame oomishni bunaa dhandhamaa fi qulqullina uummamaa qabu kuntaalli kuma 231 fi 190 gabaa gidduugaleessaaf dhihaateera jedhaniiru.
Kanneen keessaa kuntaalli kuma 174 fi 100 gogaa akkasumas kuntaalli kuma 57 fi 90 buna dhiqamee qishirame ta'uu isaas ibsaniiru.
Godinichatti Industiroonni buna gogaa fi dhiqame qindeessan buna baay'inaa fi qulqullinaan qopheessuudhaan dhiheessaa akka jiranis eeraniiru.
Bunni Gujii dhandhamaa fi qulqullina isaatiin filatamaa fi barbaadamaa dhufuudhaan dhaabbilee gara garaa buna erganiin beekamtii fi waraqaan ragaa kennamuu isaas yaadachiisaniiru.
Beekamtiin kun dhandhamaa fi qulqullina buna uumamaa godinichaa ossoo hin dhabamiin gabaa keessaatii fi alaatiif dhiheessuuf kaka'umsa uumuu isaas ibsaniiru.
Misoomni bunaa godinichaa gaaddisa bosona uummamaa jalatti kan misoomu waan ta'eef abbaa dhandhama uumamaa addaa akka ta'u isa taasiseera jedhaniiru.
Godinichatti Magaalaa Adoolaatti Wiirtuun dhandhamaa Bunaa dhaabbate qulqullina oomishaa fi dhiheessii fooyyessuuf kaka'umsa uumuu isaa dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Dastaa Gabrayesuus gama isaaniitiin mootummaan xiyyeeffannoo misooma bunaatiif kenne omishtummaa haala fooyya'een guddisaa jira jedhaniiru.
Godinichatti aanaalee 13 keessatti lafa hektaara kuma 187 ol bunaan uwwifame keessaa dhibbeentaan guddaan sanyii bunaa fooyya'aadhaan kan misoome ta'uu ibsaniiru.
Godinichatti oomisha midhaanii fi horsiisa loonii cinaatti qonnaan bultoonni kuma 110 ol misooma bunaa irratti hirmaachuu isaaniis beeksisaniiru.
Godinichatti Aanaa Adoolaa Ganda Anfararaatti misooma bunaa irratti kan hirmaatan Obbo Gammadaa Halaqee misoomichaf xiyyeeffannoon kennamuusaan oomisha keenya guddisuudhaan fayyadamaa nu taasiseera jedhaniiru.
Misooma bunaa duraan ture sanyii fooyya'aadhaan bakka buusuudhaan oomisha baay'inaa fi qulqullina qabu walitti qabuudhaan gabaaf dhiheessaa akka jiran ibsaniiru.
Sanyiin bunaa fooyya'aan oomishtummaa guddisuu bira darbee dhukkuba dandamachuudhaan oomisha fooyya'aa kan kennu ta'uu isaas dabalataan eeraniiru.