Tamsaasa Kallatti:

Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.

Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise.

Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera.

Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera.

Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera.


Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru.

Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru.

Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru.

Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha.

Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru.

Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture.

Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera.


#PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015