Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Hagayya 4/2018(ENA)- Oromoon abbaa dabareeti warri jedhan yaada siyaasaa hin qaban jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii fi deebii tibbana Oromia Broadcasting Network (OBN) waliin taasisaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gaaffii gareen tokko oromoon abbaa dabareetii, garee biraan immoo ammallee oromoon waan isaaf malu argachaa hin jiru jedhu ilaalchisuun gaafatamaniif deebii kennaniiru.
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad wayita deebisan gartuun lamaanuu yaada siyaasaa gahaa ta’e hin qabani, yaada faallaa dubbatu garuu waliin hojjetuu jechuun ibsaniiru.
Gareen gaaffii akkasii kaasu tokko warra saamuu bare, qabeenyakee akka barbaade saamee, sabakee hidhee ofii tokkoffaa ta’ee ati akka lammaffaa taatu kan fedhuu fi amma saamicha dhabetu yaada akkanaa kaasa jedhaniiru.
Itti dabaluunis gareen biroon warra ilaalcha anamalee jedhuun guutamanidha jechuun ibsuun gareen lamaanuu yaada siyaasaa gahaa hin qaban jedhaniiru.
Gareen lamaan yaada garaa garaa qabatanii waliin dhaabbatanii mootummaa jigsuuf socho’aa jiru jedhan.
Gareen kun dhimma uummattummaa akka hinqabne dubbataniiru.
Oromoon qabeenya namaa saamee,hatee hin beeku; kanaafis fedha hin qabu jechuun ibsaniiru.
Oromoon qe’ee namaa deemee hin saammane, kan ofii fedhee kennuuf hanqatee hin beeku jechuun dubbataniiru.
Gareen baay’een kan ofii kan kootii jedha, kankee immoo kana walooti jedhu,kan ofii qofaa bulfatee,to’atee, itti fayyadamee kan keemmoo waliin qooddanna warri jedhan wal qixxummaa jibbuurraa kan maddudha jedhan.
kan ofii bulfachuun kan waloorrattis seera tumachuun waloon bulfachuun walqixxummaa dhugoomsuuf qabsoofna jechuun ibsaniiru.
Nuti walqixxummaarraa malee olaantummaarraa hin buufannu akkas akka ta’us hin barbaannu jechuun turtii OBN waliin taasisaniin ibsaniiru.